Upload
others
View
1
Download
0
Embed Size (px)
Citation preview
Qalama Sunnaah kan Ahbaashii Saaxile Urjii Ahmad
1
Qalama Sunnaa
Kan
Ahbaashii
Saaxile
Qophii:
Urjii Ahmad
2013/1434
Email: [email protected]
Facbook: http://www.facebook.com/urjii.ahmad
Twitter: https://twitter.com/UrjiiAhmad
Qalama Sunnaah kan Ahbaashii Saaxile Urjii Ahmad
2
Seensa
Faaruun tan Rabbiitii kan anaaf laaffise
Osoon ani hin yaadin kan asiin na baase
Nabii koo jaalallee kan ifaan nuuf dhufe
Karaa Sunnaa adii irratti nu dhiise
Salallaahu Aleyhii wasalam yoomillee
Adawwiin Islaamaa ija nutti baafte
Diin keenya jijjiruuf kan biraa nuuf fidde
Hoggaa tanan aaree garaan na gubate
Ahbaashii saaxiluuf qalamaa koo fudhe
Kitaaba Rabbii fii Sunnaa Nabii qaphee
Maaliifin sodaadha je’ee lafaa ke’e
Obboleyyan kiyyaaf waaniin beeku Ibsee
Karaa feesbookiitiin Adawwii saaxile
Ilmaan Muslimootaa Sunnaa dura qabe
Barruu xixxiqoodhaan Saaxiluu jalqabe
Rabbiin na waffaqee hedduun wali qabe
“Qalama Sunnaadha Kan Ahbaash Saaxile”
Jechuun itti baase maqaa kitaabaallee
Rabbiin haa naaf godhuu kitaaba barakaa
Qoree kokkeedhaatii Adawwii ni gubaa
Dasii qalbiidhaati Sunniyyoota hundaaf
Qalama Sunnaah kan Ahbaashii Saaxile Urjii Ahmad
3
Dogongora gartan hunda naaf sirreeysaa
Yaada keessan hunda anumaan dhaqabaa
Fudhachuuf qophiidha yaa Ilmaan Islaamaa
Du’aaillee naaf godhaa qajeelloodhan fedha
Akkan irrat du’u karaa Nabii kiyyaa
Osoon hin kafarre Sodaa Adawwiidhaa
Obboleyyan kiyya kan yaadaan gaggaarii
Yoomuun irraanfadhu galata keessanii
Rabbii haa badhaasu hunduma keessanii
Jannata Saa guddoo tan dhumne qananiin
Gumaata:
Kitaabni kun Yaadannoo Shahiidoota Asaasaa fii Garbaa, Koree
Muslimootaa tan cubbuun hidhaa jirtuuf, Muslimoota hedduu haqa malee
saamaman, Hidhaa jiran, Biyyaa bahanii fii Gudeedaman hundaafi.
Galata:
Koree teenya tan soda malee qabsoytee mataa ol nu qabachiifeef,
Muslimoota amata 2ffaa Osoo hin hifanne qabsoo gadhaa jirtan hundaaf,
Hiriyoota koo kan Facebook hundaaf, galanni keessan Jannata haa tahu,
Nasriin Isin haa gammachiisu.
Urjii Ahmad
2013/1434
Qalama Sunnaah kan Ahbaashii Saaxile Urjii Ahmad
4
Waan Kitaabni qabate (Baafata)
Mata Duree ------------------------------------------------------ Fuula
Seensa--------------------------------------------------------------2-3
Baafata-------------------------------------------------------------4
Filoosoofar Abdullahi Hararii fii Ahbaashii------------------5-9
Falsafaa Islaama himatte---------------------------------------10-13
Ashaa’iraa fii Kijiba Ahbaashii--------------------------------14-17
Ahbaash eenyuun wahbii je’a? mootummaan yoo?----------17-20
Buttuu mataa sadeetii tan mootummaan uume---------------20-23
Ziyaaraa Qabriitii fii kijiba Ahbaashii-------------------------23-26
Kijiboota gurguddaa Ahbaashii--------------------------------27-29
Muslimootaa fii Ahbaashii kamtu yahuudaa wajji jira?-----30-32
Garaagarummaa Suufiyyaa fii Ahbaashii-------------------33-35
Ragaalee Muslimoonni beekuu qaban-----------------------35-38
Suufiyyaa fii Bocolama Isii------------------------------------38-43
Awliyaa fii Kijiba Ahbaashii-----------------------------------43-48
Ahbaashii fii Karaamaa Isaanii wajjii kofla------------------48-51
Sheek Rashaad Ahbaashii hogguu albaasu------------------52-57
Jaalala Rasuulaa s.a.w fii kijiba Ahbaashii-------------------57-62
Mala gabaabaa ahbaashii albaasuuf---------------------------63-66
Xumura---------------------------------------------------------------67
Qalama Sunnaah kan Ahbaashii Saaxile Urjii Ahmad
5
FILOOSOOFAR ABDULLAAHI HARARII FII
AHBAASHII.
Bara 1910 Magaalaa Harar keessatti dhalate.
Abdullaahi Hararii Ijoollummaan Barnoota diina Islaamaa
Quraanaa fii Fiqhi bakka dhalatetti baratee jira. San booda
gandarraa deemee bakka adda addaatti baratee jira.
Dura Inni Suufiyyaa Nagayaa ture, akka warri Isa beeku himutti.
Xariiqaa Qaadiriyyaa Hordafaa turuu Isaatis ni dubbatan.
Dubbiin Abdullaahi Hararii baduu kan jalqabde gama boodaati.
Barnoota irraa Kalaamaa (Falsafaa) jechuun waan beekkamu
irratti sa’aa guddoo dabarsee barachuu fii dubbisuu eegale.
Ilmul Kalaam (Falsafaan) waan filoosoofii biyya Griikii irraa
afaan arabaatti hikkamee Sheekkootiin gariin kitaaba
Islaamaatiin walitti laayxe tahuu Ulamaa’iin barreessanii jiran.
Warri Salafaa kan akka Imaamu Shaafi'ii Nama Kalaama
(Falsafaa) baratuurraa dhorgaa turan. Jallina guddaa tahuu
Ibsanii jiran.
Abdullaahi Harari gosa barnootaa hundarra barnoota kalaamaa
jabeessee barachuu fii dubbisuun sadarkaa Filoosoofaraa gahuu
dandahee jiran.
Xariiqaan Suufiyyaa Inni gaafa Harar jiru hordofaa ture
Qaadiriyaa ture. Garuu xiqqo booda Jimma hoggaa barnootaaf
dhaqe Xariiqaa Tijaaniyyaa je’amu hordofuu eegale. Gaafa kana
hunda Inni akka boodarra Filoosoofarummaa qofaan beekkame
kana osoo hin taane Ilmii diinaatis hordofaatuma ture.
Fiqhii Shaafi’ii Baratee akka gaaritti hubatee jira, Hadiisa
muraasa baratee akka Haffaze namoonni gaafa duraa Isa beekan
ragaa bahaniifii jiran.
Qalama Sunnaah kan Ahbaashii Saaxile Urjii Ahmad
6
Duuba akkuma gubbaatti Isiniif hime wanni Isa laaqe Ilmii
kalaamaa (Falsafaa) waan je’amu kana guddisuu Isaati. Inni
Ilmii falsafaa kana ni dhuge, ni haffaze, ni jaalate, baqaa maal
goota Abbaa Isii tahuu dandahe. San booda Hadiisaa fii Fiqhii
beeku hunda Falsafaan wal bira qabuu eegale, achii “Rabshaan”
Isaa eegalte.
Harar bakka dhaloota Isaatti Falsafaa akka malee baratee itti
deebi’e. Jechoonni Isaa nama ajaa’ibuu eegalan, gariin jaalatanii
jecha akkanaa babbareedaa dhageenyee hin beynu jechuun Isa
deeggaraa kan turanis ni jiran.
Hararitti Soddaa Isaa (Jaarsa Obboleettii Isaa), kan Madrasaa
banee Hawaasa Harar barsiisaa ture, Sheek Yusuuf
Abdurhamaan Kafarsiisee lola itti bane. Madarsaa Wahbiyyaa
je’e bakka bu’aa Hayla Silaasee kan Harar bulchaa ture
Andaargee Nafxanyaa jara Quraana Barsiisutti kaase.
Barsistoonni gariin hidhamanii hidhuma keessatti du’an. Gariin
biyyaa bahan. Madraasnis ni cufame. Abdullaahi Hararii ni
gammade.
Booda Abdullaahi Hararii biyyatti waan akka malee jibbameef
Hajjiif biyyaa bahee Qudsii (Beytal Madas), Sooriyaan
naannawee Beeruti qubate.
Hanga kana hunda Abdullaahi Harari namoota tokko tokkoon
walitti bu’uu fii Kafarsiisuu bira hin dabarre ture. Amma biyya
Arabaa Tanatti Ilmii Kalaamaa (falsafaa) irra gad taa’e. Kitaaba
isii hunda qara’ee Sadarkaa Filoosoofara dhumaa tahe.
Hadiisaa fii Fiqhiin barates Falsafaa wajjiin walitti jalaa
laaqamte. Akkatti Rabbiin booddee Isa balleesse.
Suufiyyummaa duraan hordofu dhiisee Xariiqaa Shi’aa wajjiin
walitti dhufu Riifaa’iyyaa hordofuu eegale. Falsafaa Shii’aa
hunda dubbisee abbaa itti tahe.
Qalama Sunnaah kan Ahbaashii Saaxile Urjii Ahmad
7
Falsafaa jechuun sammuun waan hundarra gahuu fedhuudha.
Quraanni yoo waan takka jee Sammuun maaliif, akkamitti
jechuun yoo sammuun itti geesse ni fudhatta ykn hikkaa jijjiruu
ykn diduudha. Akkanatti Isaa Filoosoofara guddaa tahe kana
Amantii haarawa “Firqaa” hundarraa waan sammuun namaa
jaalattuu fii zamanaa wajjiin deemuu dandahu walitti qabee
Ahbaashii Uumee.
Ahbaashiin Bara 1983A.L.F magaalaa Beeruut, Libaanoosii
keessatti uumamte.
Dura Abdullaahi Harari Yahuudaa wajjiin qunnamtii qabaachuu
Isaatiif ragaan gahaan arge hin jiru. Garuu erga Amantii harawa
argamsiisee waan Isaaniif taateef Yahuudaan gargaaruu eegaltee
jirti, ammallee ni gargaarti. Kana Isaanuu hin khaadan. Linki
kana laalaa: Nuti yahuudaa wajjiin jaalalleedhaa je’anii tarree
4ffaarra jiran.
http://www.adl.org/philadelphia/coalition.asp
Yahuudaan Muslimoonni Adunyaarra jiran Ahbaashii akka
tahuu qaban yeroo hedduu Ibsaa jiran. Amantii bareedduu akka
taate ragaa bahaa jiran. Kitaaballee gargaarsa Ahbaashiitiif Dr.
Hagaay Elriich Yahudichi je’amu barreessee jira. Mootummaan
Itiyoopiyaa kitaaba qaalicha Yahuudaa kanarra dhaabbachuun
Ahbaashiif gargaarsa godhuu akka qabduu fii waan Isaan malee
jiru dhabama godhuu akka qabdu murtiirra geessee jirti.
Kitaaba Hagaay Yahudichi Je’amu barreesse argachuuf linkii
kana tuqaa:
http://aigaforum.com/documents/Al-Ahbash-whaibyya.pdf.
Ahbaash Maali?
Ahbaash jechuun Habashaa ykn Habashii jechurraa fuudhame.
Nama lafa Habashaa jechuudha. Abdullaahi Harari nama
Qalama Sunnaah kan Ahbaashii Saaxile Urjii Ahmad
8
Habashaa waan taheef Amantiin Inni uume maquma Ahbaash
je’amuun akka beekkamtu taatee jirti. Kanas namni khaadu hin
jiru.
Habashii jechuun Nama habashaa tokko kan dhiira. Fkn. Bilaal
Al-Habashii
Habashiiyyaah jechuun nama habashaa takka tan dhalaati. Fkn.
Ummu Ayman Al-Habashiyyaah
Nama habashaa hedduun ammoo Ahbaash je’ama.
Maqaan amantii Ahbaashii kan seeraa “Association of Islamic
Charitable Projects (AICP)” afaan faranjiitiin hoggaa tahu,
Afaan Arabaatiin “ اإلسالمية الخيرية المشاريع “ je’amuunجمعية
beekkaman.
Web site (Toorri Intarneetaa) Isaanii Maqaa
Isaanii kan seeraa kanaan moggaafama:
http://www.aicp.org/
Ahbaash jechuun akka gubbaatti dubbanne
kana. Garuu “Firqaan” Abdullaahi Hararii Ahbaash jechuun
beekkamanii jiran. Isaanis itti if yaaman akka Seeratti Hayyama
maqaa kanaan qabaachuu baatanis ittin beekkamanii jiran.
Kanaaf amma booda Ahbaash, Ahbaashii, Habashii jechii je’uu
Amantii Haarawa tana baana malee, warra lafa Habashaa jechuu
miti. Ahbaash amantii je’amtu jechuu kiyya.
Amantiin Ahbaash hordooftoota guddaa lafa Habashaa keessaa
hin qabdu. Hordooftoonni hedduun warra Libaanoosi, hanga
nama Miliyoona tokko tahuu hin olaniitu shakkama.
Abdullaahi Harari Filoosoofarummaa qofaan Osoo hin tahin
abbaa falsafaa Ahbaashii tahuun beekkamee hanga guyyaa
du’uu jaarmaya kanaaf itti gaafatamaa fii abbaa ture. Fulbana 2,
Qalama Sunnaah kan Ahbaashii Saaxile Urjii Ahmad
9
2008 du’ee Awwaalame. Ahbaashiin “hin duunee ni xawaafe
je’anii beeki” (naman kofalchisanii!).
KIJIBA FILOOSOOFAR ABDULLAAHI HARARIIRRA
KAAYAME.
Namoonni tokko tokko hoggaa aaran kijibaanis tahu nama san
arrabsuu jaalatan, suni dogongora. Islaamni kijibarraa dhorgee
jira.
1. Inni yahuudaa jechuun kijiba. (Inni Adaree ykn Hararii
gosa je’amtu keessatti gosa beekkamtudha.)
2. Salaanni lama je’a jechuunis kijiba Inni salaata lama osoo
je’e dubbiin Isaa akka hin fudhatamne ni beeka, gawwaan
fedheehu salaata lama ati jennaan salaatuu baatus si biraa
fiiga.
3. Dhalaan akka salaata salaachiftu hayyame jechuu kanas
ragaa qabatamaa namni fide hin jiru. (kijiba tahuu hin olu).
SHAKKII JIRTU:
Namoonni tokko tokko kan durirraa Isa beekan kitaaboota
amma maqaa Isaatiin jiru kana inni barreessuu Isaa ni shakkina
je’an. Filoosoofara Abdullaahi Harariin Isaan akka je’anitti
Sheeka Suufiyyaati malee akka amma kitaaba Isaa keessatti
dubbatamu kana nuti irraa hin beynu je’an. Sanirraa Sheek
Muhammad Rashaad Abdullee “dubbiin je’amtu tun hundi
Kitaaba Isaa keessa yoo dhugaan jiraatte, darasaan Isaa godhuu
hin olan jechuun shakka” je’a.
Hundaaf seenaan Isaa gabaabsinee kana fakkaata.
Ahbaashiin akkatti argamuu dandeesse.
Rabbiin Jallina Jallisaa hundarraa nu haa baraaru.
Aamiiin.
Qalama Sunnaah kan Ahbaashii Saaxile Urjii Ahmad
10
FALSAFAA ISLAAMA HIMATTE DURIRRAA HANGA
ARRAA
Falsafaan akka Ahbaashii tun amma waan eegalte hin seehinaa.
Falsafaan Islaama himattu duruma jirti. Tan irra hamtuu fi tan
Ahbaashiin walitti dhaloytu haa laallu.
San dura wanni beekkamuu qabu Muslimoonni Sahaabaa fi
sahaabaa Dhaqaban Qur’aanaa fi Hadiisa jala qofa deeman,
Saniif jaarraan Isaanii Jaarraa nagayaa ture. Booda Islaamni
ballatee lafa hedduu seene, Hoggaa kana Kitaabni Falsafaa
(philosophy) biyya Griik (Greek), Hindii fii Faarsii (Iran) Afaan
Arabaati hikkame. Achii balaan Islaama seente. Falsafaa kana
(Ilmul Kalaam) je’anii maqaa itti baafatan, san booda Qur’aanaa
fi Hadiisa Falsafaa tanaan wal bira qabuun eegalamte. Waan
falsafaa Isaanii Qunname fudhachuu fii Kan falsafaa faalleese
ammoo jijjiruu fi diduun eegalamte.
Warri Salafaa (warri Haqaa, Ahlusunnaa wal jama’aan) falsafaa
(ilmul kalaam) barachuun akka khasaaraa qabu dubbachuun ifa
godhan. Jara falsafaan maraatee Islaama falsafaatti jijjiruuf
gulufu sanis kijiba Isaanii saaxilanii Islaamaaf tumsaa diinni kun
arra gahe.
Rabbii akkuma waadaa gale Islaamni Falsafaa hunda Injifatee
hanga guyyaa Qiyaamaa ni tura.
Falsafaalee Islaama fakkaattee dhufte garii isii akka armaan
gadii kana:
1. Falsafaa Jahmiyyaa:
Maqaa kana Namicha Isii uumerraa argatte. Innis Jahm Binu
Safwaan je’ama, bara 128 hijiraa ajjeefame. Namichi kun
Falsafaa Qur’aanni jecha Rabbiitii miti jettu Isaatu eegale. Akka
Falsafaa Isaanitti Qur’aana Rabbiin hin dubbanne garuu ni uume
Qalama Sunnaah kan Ahbaashii Saaxile Urjii Ahmad
11
je’an. Rabbi wahitti hin fakkeesinu Falsafaa je’uun Maqaa
Rabbii fii Sifa Isaa guutuu didanii jiran.
Yoo Rahmaan, Rahiim, Al-Khaliq jenne Rabbiin hedduudha
jechuudha, Falsafaa jettuun dhufan. Namoota hedduu jallisan.
Balaan Isaaniirraa facaatee Muslimoota hedduu karaa Rabbirraa
baafte. Garuu Rabbiin Ulamaa’ii Salafaatiin diina Isaa eegee
jira, Ulamaa’iin Kijiba Isaanii ummataaf ifa godhanii Islaama
baraaranii jiran.
Jahmi Ibnu Safwaan fii Falsafaan Isaa Jahmiyyaan, Kufrii akka
taate Ulamaa’iin addeessanii jiran. Ulamaa’ii Isaan kafarsiiste
keessaa Imaamu Ahmad binu Al-Hanbal, Imaam Sa’id Ad-
Daaramii, Imaamul Bukhaarii fi k.k.f.
2. Falsafaa Mu’tazilaa:
Jaahmiyyaatti aantee Falsafaa tanaatu lafaa ka’e, hedduu humna
argattee facaate. “Mu’tazilaan” maqaa kana kan argatte
“I’itizaal” jecha je’urraa hoggaa tahu hikkaan Isaa fagaachuu,
adda bahuu jechuudha.
Namichi Waasil Binu Axa’ je’amu Hasan Al-Basrii bira taa’ee
Osoo baratuu namni tokko Masjida seenee “Namni dilii guddoo
dalage Muslima moo kaafira?” jechuun gaafate. Hasan Al-
Basriin “Muslima” je’ee deebisnaan Qaalichi Waasil binu Axa’
je’amu “Muslimaa miti, Kaafiras miti” je’ee Hasan Al-Basriin
Adda bahe Achumaan Falsafaan tun Mu’tazilaa (Adda baatuu)
jechuun moggaafamte.
Jarri kun falsafaa Jaahmiyyaa sanirratti waan haarawa dabalan
malee waluma fakkaatan.
Qur’aanni jecha Rabbiitii miti uumama Rabbiiti.
Rabbiin sifaa fii maqaa hin qabu.
Qalama Sunnaah kan Ahbaashii Saaxile Urjii Ahmad
12
Rabbiin ol hin jiru, gad hin jiru, bitaa fi mirga hin jiru, duraa fi
dubaa hin jiru, adunyaa keessaa fi adunyaa ala hin jiru waan je’u
kana Isaantu jalqabe.
Dubbiin Isaanii guddittiin haarawni waa’ee nama cubbuu (dilii
ykn zambii) guddoo akka zinaa, farshoo dhuguu, namni dalage
Ahlusunnaa biratti Muslima dilaawaa hoggaa je’amu. Isaan
garuu jecha haarawa nama kanaaf qabna je’anii Falsafaa
haarawaan dhufan, sunis namni cubbuu guddoo hojjate “Al
Manzilaa beynal Manzilateeyn” jira, jechii Isaanii Kaafiraa fi
Muslima jidduu jira. Adunyaarratti maqaan nama kanaa
Muslimaa miti, kaafiraa miti, Garuu jidduu lamaan jira. Gaafa
du’e Azaabaa hin bahu jechuun Khawaarijaa waliin Akhiiraatti
waliif galanii Adunyaarratti wal dhaban. Khawaarijaan nama
cubbuu guddoo dalagu kaafira je’aniin, Akhiraatti Ibiddaa hin
bahu je’an. Mu’tazilaan Adunyaatti kaafiraa fii Muslimaa
Jidduu jira, Akhiiraatti Azaabaa hin bahu jechuun Falsafaa
“Manzilaa beynal Manzilateeyn” Islaamatti Ida’uuf yaalanii
jiran.
Falsafaan tun humna Mootummaa yeroo sanii argattee hedduu
rakkoo guddoo Muslimoota irraan geese (Akkuma Ahbaashiin
amma mootummaarraa gargaarsa qabdu kana). Khaliifaan
Abbasiyyootaa Ma’muun je’amu koree “Mihnaa” Qorattuu
je’amtu uumee Ulamaa’iin hundi akka Falsafaa mu’tazilaa
barsiisan dirqama baase. (mootummaa wayyaaneetiin wal
fakkaata, Ahbaashii malee barsiisuun hin tahuu kan je’u).
Koreen Mihnaa (qormaataa) tun Qur’aanni makhluuqa
(uumamaadha) yoo jechuu baatte si ajjeesan, si hidhan, si
tuman. Imaamu Ahmad binu Hanbal koree Qormaataa tanaan
fattanamee didee hidhamee akka malee cafaqame.
Garuu booddeen tanuma warra haqaa waan taateef Mu’tazilaan
akka humna argattee sanitti hin hafne, caphxee qabsoo
Qalama Sunnaah kan Ahbaashii Saaxile Urjii Ahmad
13
Ulamaa’ii Islaamaatiin salphatte. Osoo Imaamu Ahmad binu
Hanbal gaafas akka gaaraatti dura dhaabbachuu baate silaa
Mu’atazilaan bakka isiin dhaqqabdu Rabbi haa beeku.
(Muslimoonni Itiyoopiyaa fatanaa san fakkaattu keessa jirra.)
Mu’atazilaan laaffattus hedduu turte. Garuu booda ni facaate,
jallinni Isaanii Firqaa adda addaa keessa faca’ee hafe. Isaan
dhabama tahan.
3. Raafidaa (shi’aa warra je’amu):
Isaan kunis Mu’tazilaa fii Jaahmiyyaan waan hedduun wal
fakkaatan. Garuu Falsafaa Sahaabaa arrabsuu fi jibbuutiin
dhufan.
Rabbiin bakka takka hin jiru.
Qur’aanni jecha Rabbiiti miti.
Sahaabaan irra hedduun Isaanii Kaafira.
Rabbiin maqaa fii Sifaa hin qabu.
Waan falsafaa taate hunda waraabbatanii hanga arraa jiran.
Ahlusunnaa ni jibban. Namni Ahlusunnaa Isaan biratti najisa,
Karkarrootu irra wayya.
Sahaabaa akka Abuu Bakar Siddiiq, Umar, Usman, hundaan
kaafira je’an.
Aliyyi binu Abii Xaalib ni jaalanna jechuun daangaa dabranii
Isaa fii maatii Rasuulaa s.a.w (Ahlul Beeytii) sahaabaa hundarra
caalchisuu bira kutanii, Isaanuma gabbaruu eegalan.
Rabbiin Islaama nassaree arras kunoo falsafaa haarawa
guyyaarraa baatu hunda Injifatee jiraachaa jira.
Ahbaaashii
Qalama Sunnaah kan Ahbaashii Saaxile Urjii Ahmad
14
Ahbaashiin jara kanaa fii kan biroo hundarraa Falsafaa walitti
makamee Ispriis tahee dhufe jechuudha.
Amantii Ispriis tana dirqamaan fudhaa nun jechaa jiran.
Rabbiin Falsafaa jala deemurraa nu haa baraaru.
Aamiiin.
ASHAA’IRAA FI KIJIBA AHBAASHII
Ahbaashiin tun uumaa Isirraa kijibni Isaan biratti akka waan
Arkaana Isaanii keessaa tokkoo hunda natti fakkaata.
Ahbaashiin Aqiidaa Isii hoggaa himattu nuti Ashaa’iraa je’an.
Ashaa’iraan maali?
Ashaa’iraan tuuta Abul Hassan Al Ashaa’irii jala deemna jettee
maqaa kanaan beekkamtu. Abul Hassan Al Ashaa’iriin nama
bara 260h dhalatee 324 hijiraa du’e hoggaa tahu, Dura Amata 40
Inni Mu’tazilaa ture.
Mu'atazilaan maal akka taate FALSAFAA ISLAAMA
HIMATTE DURIRRAA HANGA ARRAA laalladhu.
Abul Hassan Al Ashaa’iriin Amata 40 erga Mu’tazilaa hordofaa
ture Rabbiin Isa qajeelchee karaa Salafaa (karaa Sahaabaa fi
warra Isaan boodaa) qabatee Towbate. Gaafa Mu’tazilaa ture
kitaaboota hedduu barreessee jira. Erga Irraa deebi’es kitaaboota
hedduu barreessee jira.
Kitaaba erga karaa Salafaa qabate barreesse keessaa tokko
kitaaba Isaa kan “Al Ibaanaatu An Usuul Diyaanaat” je’ama.
Ulamaa'iin kitaabni kun kan dhuma jiruu Isaa keessatti Inni
barreessee fi kan maayiiti jechuun dubbatan.
Qalama Sunnaah kan Ahbaashii Saaxile Urjii Ahmad
15
Mee amma gara Kitaabaa dhufne Aqiidaa Imaam Abul Hassan
Al Ashaa’irii haa laallu.
Ahbaashiin akka kijibduu taate, Akka Isiin Imaam Abul Hassan
Al Ashaa’iri jala hin deemnes ni agara.
Kitaaba kana dubbistee Osoo hin xumurree fula waa xiqqo qofa
hoggaa dubbifte Ahbaashiin akka falsafaa haarawa taate
hubachuun salphaadha.
Abul Hassan Al Ashaa’iriin “jechoota warra haqaa fii sunnaa”
mata dure je’u jalatti amantii warra Ahlusunnaa qaphxii 80 ol
tarreessee jira, qaphxileen tun Aqiidaa gurguddoo namni
Islaamaa hundi amanuu qabu akka taate dubbata.
“Namni yoo amantii teenya nu gaafate akkana jennaan” jechuun
qaphxilee lafa kaaya, ani bakka ahbaashiin diddee kaafira
namaan jettu gurguddoo qofan barreessa.
1. Qaphxii 27ffaa. Rabbiin Arshiirratti Ol tahe akkuma Inni
Quraana Isaa keessaatti je’e. “Ar-Rahmaan Arshiirratti ol
tahe.” Suuraa Xahaa ayaata 5.
2. 28ffaa. Rabbiin fuula Isaan male qaba akkaata Isaa garuu
hin beynu akkuma Rabbiin je’e, suuraa Rahmaan aayaata
27 barreessee jira.
3. 29ffaa. Rabbiin harka lama kan Isaan malu qaba akkaataa
Isaa hin beynu, akkuma Inni ifin je’e. Suuraa Saad
Aayaata 75 fii Al-Maa’idaa 63.
4. 30ffaa. Rabbiin Ija Isaan maltu qaba akkaata hin beynu,
akkuma Inni ifiin je’e. Al-Qamar 14.
5. 35ffaa. Quraanni jecha Rabbiiti Isaatu dubbate, uumamaa
miti.
Qaphxii 27ffaa hanga 35ffaa “Al Ibaanaatu An Usuul
Diyaanaat” Kitaaba Imaam Abul Hassan Al Ashaa'irii. Fuula
14-15.
Qalama Sunnaah kan Ahbaashii Saaxile Urjii Ahmad
16
6. 48ffaa. Iimaanni jechaa fi dalagaadha, ni dabalaa, ni irrata.
“Al Ibaanaatu An Usuul Diyaanaat” Fuula 17
7. 49ffaa. Sahaabaa jaalachuun amantii teenya, Rabbiin Isaan
filate jira, gaarii Isaanii malee hin dubbannu, hunda Isaanii
ni jaalanna. “Al Ibaanaatu An Usuul Diyaanaat” fuula 17
8. 52ffaa. Hadiisa Gad bu’uu Rabbii himu hunda ni amanna,
Gama samii Adunyaa akka Isaan malutti ni bu’a, Rabbiin
ol tahe halkan gama boodaa gad bu’ee akkana je’a “Kan
na kadhatu jiraa? Kan araarama barbaadu jiraa?” waan
kana nuti ni sabachiifna, nuti faallaa warra diduu fii
hiikkaa jallisuuti amanna. “Al Ibaanaatu An Usuul
Diyaanaat” fuula 18
9. 54ffaa. Rabbiin guyyaa qiyaamaa akka Isaan malutti ni
dhufa, akkuma Inni je’e, Suraa Al Fajrii, aayaata 22. “Al
Ibaanaatu An Usuul Diyaanaat” fuula 18
Yaadachisa
Ahbaashiin Qaphxilee asi olitti Abul Hassan Al Ashaa’iriin je’e
tana nama amanu hundaan Wahbiyyaa kaafira je’an.
Ashaa’iraa Abul Hassan Al Ashaa’irii jala deemtu osoo hin
tahin Isaan Falsafaa Isaan ifiif uuman jala deeman.
Ahbaashiin qaphxilee kana yoo amanan dhugaa Abul Hassan Al
Ashaa’iiri jala deeman, Garuu Isaan nama akkana je’u ni
kafarsiisan, Wahbiyyaa je’aniin. Wabiyyaan duruma jirti
jechuudhaa?
Ahbaashiin kitaabni kun kan Abul Hassan Al Ashaa’iriti miti
jechuun Isii ni mala, Kijibni Isii akka jalaa hin baaneef.
Qaphxiilee kana yoo beyne Filoosoofaroota Isaan Libaanoosii
fidan hunda bishaan jala yaafna, kanaaf namuu haffazuuf yaala.
Qalama Sunnaah kan Ahbaashii Saaxile Urjii Ahmad
17
Kitaaba Abul Hassan Al-Ashaa’irii buufachuuf (Download)
godhachuuf linkii kana tuqaa:
http://ia600305.us.archive.org/7/items/gakgak/raa.pdf
Rabbiin Falsafaarraa nu haa baraaru.
Aamiiiin.
Ahbaash enyuun wahbii je’a? mootummaan
yoo?
Ahbaash warri inni wahbiyyaa je’uun nama waan isaan je’an
guututti hin fudhanne hunda. Fedhu Ulamaa’ii, fedhu Jaahila
haa tahu waan Isaanii fudhachuu baannaan Wahbiyyaa je’aniin.
Mee akka fakkenyatti warra Ahbaashiin Wahbii jettuun kuni
Enyu?
Adawwii Isaanii guddaan eenyu?
1. Tokkummaa Islaamatti namni nama yaamu Wahbiidha.
2. Mirga ifii gaafatuun Wahbiidha.
3. Dubartiin Hijaaba jabeessuun Wahbiidha.
4. Walgahii Isaanii irratti gaafii guddisuun Wahbiidha.
5. Ulamaa’ii gurguddo adunyaa kabajuu fii arrabsuu dhabuun
Wahbiidha.
6. Najjaashiin Islaamawuu Isaa amanun Wahbiidha.
7. Towhiida baruu fii barsiisuun wahbiidha,
8. Leenjii Isaanii yoo hin fudhatin Wahbidha.
Waan akkanaa kana hedduu lakkaawan. Jara bazabazaa jettin
adareen Harar.
Qalama Sunnaah kan Ahbaashii Saaxile Urjii Ahmad
18
Ummata afaanii fii dalagaan isaan ajjoytu Ahbaashii malee hin
agarre.
I. Wahbiyyaan waan balleesite ni beytuu?
1. Bishaan ummanni dhugu birkaa (tankara) magaalaa
gurguddoo keessatti summii naquu.
2. Daa’imaa fii dubartii ajjeesuu.
3. Masjidaa fii Beta kiristaana (charchii) guubuu.
4. Ulamaa’ii qaluu.
5. Nama du’e qabrii baasanii gubuu.
Yaa Ummata Islaamaa! biyya teenya tana keessatti dubbii tana
argitanii? Ani argee, dhagayee hin beeku.
ETVn kijibaan beekkamalleen dubbii tana himee hin beeku.
Naannoon ani jiru kana kiristaanaa fii Islaamni ni jira, Masjidaa
fii Charchii Wahbii ummanni je’amu yeroo gubu argee
dhagayee hin beeku isin yoo???
II. Mootummaan yoo Wahbii akkamitti ibsa?
1. Masjida hedduu ijaaruu.
2. Madrasaa hedduu ijaaruu.
3. Salaata 5 salaataa jechuun misooma boodatti aansuu.
4. Dubartoonni hijaabaa fii niqaaba akka ufatan godhuudhaaan
aadaa Arabaa biyya keessa facaasuu.
5. Dargaggoota barnoota adunyaa qofa hin baratinaa jechuun
gama barnoota amantii yaamuu.
6. Moobayila keessatti manzuumaa ring toonii (hogga yaamtu)
godhachuu.
Qalama Sunnaah kan Ahbaashii Saaxile Urjii Ahmad
19
7. Jihaada kitaaba keessatti barsiisuu.
8. Seera mootummaa Islaamaatiin bulchuuf yaaduu.
9. Hojjataan mootummaa masjidatti daddebi’aa oluu fi k.k.f.
Yaa ummata Islaamaa! wanni badii tahee ibsamaa jiru irra
hedduun waanuma shari’aan dhufteeni.
Mootummaa Islaamaa dhaabuuf yaaduu hoggaa je’an sammuun
yaaduu fii dhiisuu erga taate seera kamtu dhorga?
Waan sammuun namni yaadu akkamitti beekuu dandahan?
Wanni nama ajaa’ibu mootummaan waan asi olitti lakkaawame
kana yakka yoo kan jedhu tahe, Islaama akkam fedhan yaa
dhiiroo?
Kan salaata 5 salaatutti nama hin yaamne?
Kan hijaaba ufatutti nama hin yaamne?
Kan barnoota Islaamatti nama hin yaamne?
Duuba kuni maali ? Islaamaa?
Mootummaan yaada akkanaa kana galmaan gahuuf dawaan
Ahbaashii tahuu amana. Ahbaashii malee firqaan Islaamaa
takkalleen waan faallaa kanatti nama hin yaamtu.
Ahbaashiin maal barsiisti?
Wahbiyyaa akkamitti akka itti balleesan qofa.
Ahbaashiin kanaaf yaamamee dhufe. Ajaa’iba nama godha.
Garuu waan zamanni irraa dabre natti fakkata. Ummanni
Islaamaa dammaqee jira. Ifaa towhiidaa ibsatee jira. Dukkanatti
deebi’uuf qophii miti.
Qalama Sunnaah kan Ahbaashii Saaxile Urjii Ahmad
20
Adawwiin Islaamaa hangana nuuf yaadaa jiran. Gonkumaahu
galma hin gahu Inshaallaah.
Injifannoon tan Islaamaati!!!
Buttuu mataa sadeetii tan mootummaan uume.
Buttuun mataa sadeetii tan biyya balleesuuf deemtu, tan
mootummaan dhiheenya kana irra gahe tunu enyuma?
Buttuun tun akka midiyaan (Sab Qunnamtiin) mootummaa
himutti hedduu nama sodaachifti, garuu bineensa fakkeesanii
haa himan malee wanni waa bineensaa miti. Namuma mila
lamaan deemu, kanuma durattis jiraachaa ture hoggaa tahu,
wanni nama ajaa’ibuu akka mootummaan je’utti bineensi kun
amma biyya seene.
Mallattoon buttu tanaa akka armaan gadii taha:
1. Amantiin Isaa Islaama
2. Sabni Isaa saba hundarraa walitti bahe.
3. Islaamummaa ni jabeysa.
4. Dhiira tahu areeda ni guddisa, Kofoo ufatu ni gabaabsa.
6. Dubra taatu hijaaba ufatti, Dhiira harka hin fuudhu jetti.
8. Hundi isaanii mirga amantii ni gaafatan.
9. Najjaashiin Islaamawee jira jechuu amanan.
10. Amantiin islaamaa mirga akka amantii Ortodoksii haa
argattu jechuu yaadan.
11. Barnoota saayinsii fii kan amantii hedduu baratan.
12. Muhaadaraa fii da’awaa Islaamaa masjidaa fii ganda
keessatti godhuuf tattaafatan.
Qalama Sunnaah kan Ahbaashii Saaxile Urjii Ahmad
21
13. Daa’immaan akka Quraanaa baratan ni jajjabeessan.
14. Masjida ijaaruu fii madrasaa ijaaruuf olii gad fiigan.
15. Manguddoon akka barattu masjidatti sagantaa baasanii
barsiisan.
16. Manzumaa Islaamaa dhageefatan keessaahu Raayyaa
hedduu jabeessan.
17. Kaaseeta muhaadaraa afaan adda addaatiin ni qopheessan.
18. Salaata masjidatti hoggu 5 jama’aa salaatan.
19. Sabummaa fii gosummaa osoo hin taane amantii waan
hunda dura dursanii itti dalagan.
20. Ayyaana Kiristaanaa hin kabajan. (fakkeenyaaf taaboota
baasanii hin galchan).
21. Ollaa Kiristaanaa nagayaan wajjiin jiraatan, haqa olla
ifirraa eegaa.
22. Kiristaanatti karaa hikmaatiin da’waa itti godhan,
Islaamawu ni gargaaran, ni jajjabessan.
23. Seera mootummaan tume hunda itti dalagan, mirga
dhiibbamu ammoo karaa nagayaatiin ni falmatan. Seerri akka
hin caphsamne gaafatan.
24. Naggada halaal malee hin daldalan.
25. Waajira mootummaa kan hojjatanis guyyatti hogga 5
salaatan.
26. Moobaayilli Isaanii hoggaa yaamu nashiidaa ykn
manzuumaa Islaamaati.
Qalama Sunnaah kan Ahbaashii Saaxile Urjii Ahmad
22
27. Hojjataan mootummaatis Guyyaa Saftii fii Alhada
muhaadaraa fi barnoota Islaamaa barachuuf gara masjiidaa
deema.
28. Kaabinee tahus jaartiin Isaa fii obboleettiin Isaa hijaaba
uffatan.
29. Hojjirraa hogguu galan Peacetv fi Afrikaatv laalan.
30. Fudhaa fii heeruma Islaamaa je’anii hiijaabaa fii
mudawwara ufachuun dhalaa fii dhiira addaan baasanii aadaa
Islaamaa babballisan.
31. Ilmaan abbaan irraa du’e qabeenya isaanii nyaachuun
haraama je’anii awwalanii waan ifii nyaachuuf galan ykn kan
ifii fidanii waliin nyaatan.
32. Koolleejjiin Islaamaa akka banamuu yaadan.
33. Baankin Islaamaa akka Itiyoopiyaa keessaa jiraatu fedhan.
34. Majlisa ifiif filanna je’anii falmatan.
35. Koonfaransii Islaamaa bakka adda addaatti godhan.
Buttuun biyya balleesuuf deemaa jiru kana fakkaata.
Maqaan buttuu kanaa eenyuu?
Maqaan Isaa Wahbiyyaa je’ama, misoomaa fii seera biyyatti
hojilee armaan olitti ibsame kana hojjachuun diiguu fedha.
Wahbiyyaan mootummaaf sodaachisaa jirtu, bineensi halkanii
guyyaa mootummaa hiriiba dhowwe kana.
Subhanallaah! mee gaafa kana enyuu nyaachuuf akka deeman
fakkaata?
Dubbiin maqaa Isaan baasan osoo hin tahin, jarri yakkamaa jiru
kan bineensa haarawa tahee lallabamaa jiru, kan sababaa isaa
Qalama Sunnaah kan Ahbaashii Saaxile Urjii Ahmad
23
Ahbaashiin Libaanoosii yaamamtee dhufteef, jara dubbannee
dabarsine kana balleessuufi.
Muslimoota Wahbiyyaa je’aman kanaaf furmaanni, Dirqamaan
Ahbaashii Isaan godhuu qofa akka tahe mootummaan Itti
amanee kunoo dirqamaan nama axxamaqaa (Cuuphaa) jira.
Waa Islaamaa!!!
Jarri Islaamaaf deema garuu maqaa itti baasanii bineensa
fakkeessan Wahbiyyaa Muslimootaan je’an.
Ahbaashii Dirqamaan Muslimoota godhuuf meeqa ajjeefame,
Meeqa biyyaa ari’ame, meeqa hidhaa jira, meeqa saamame,
Meeqa gudeedame.
Isaan mala baasan Rabbiinis mala Isaanii kan caalu itti baasa.
Injifannoon tan Islaamaati!
ZIYAARAA QABRIITII FII KIJIBA AHBAASHII
Ahbaashiin kijiba malee wanni dhugaa Isaan bira hin jiru.
Kijibaa fii maqaa Ulamaa’ii xurreessuun aadaa Isaaniiti.
Kijiba Isaanii keessaa tokko Ziyaaraa Qabrii warra dhorguu jira,
Isaan Wahbiyyaadha jechuun Oduu afuufuudha.
Ziyaaraan Qabrii Shari’aa Islaamaa keessatti Rasuulaan s.a.w
karaa godhamee jira.
Rasuulli s.a.w “Qabrii Ziyaaraa du’a Isin yaadachiifti” jechuun
akka qabrii Ziyaarru karaa nuuf godhee jira. Rasuulli s.a.w
Qabrii Ziyaaraa jechuutti osoo hin dhaabbattin yeroo Qabrii
Ziyaarru maal akka jennus nuuf addeessee jira. Wanni hoggaa
qabrii dhaqe Inni s.a.w godhaa ture Muslimoota du’anii fii kan
jiraniif Rabbi kadhachuudha. Akhiiraa yaadatanii duniyaaf
bololuu dhiisuudha.
Qalama Sunnaah kan Ahbaashii Saaxile Urjii Ahmad
24
Ziyaaraan Qabrii lamatti qoodama:
1. Jaalatamaa (karaa godhamaa).
2. Jibbamaa (irraa dhorgamaa).
1. Jaalatamaan (karaa godhamaan) kan Rasuulli s.a.w karaa
godhe. Karaa Rasuulaa s.a.w osoo hin jibbine Imaama
godhannee jala deemna.
Kanaaf Qabrii ziyaaruun hoggaa karaa Rasuulaa s.a.w qunname
faayidaa qaba. Sanirraa:
1. Jecha Rasuulaa s.a.w hojirra olchuudha.
2. Akhiiraa yaadachuudhaan gama Rabbii deebi’uudha.
3. Nama du’ee qabrii jiru saniif Rahmata Rabbii Isaaf
kadhachuudha.
4. Sunnaa Rasuulaa s.a.w waan hojiirra olchaniif sawaaba
Rabbiirraa ni argatan.
Kuni karaa jaalatamaadha. Muslimoonni durirraa hanga ammaa
irratti waliif galanii itti dalagatan.
2. Ziyaaraa Qabrii dhowwamaa (jibbamaa) bakka sadihitti
qoodama.
1. Ziyaaraa haraamaa: kunis Qabrii dhaqanii irratti booyuu fi
haccuu ifirratti dhoosanii qooma If tumaa irratti booyuudha.
Kana Rasuulli s.a.w irraa dhorgee jira.
2. Ziyaaraa Bid’aati (kan guyyaa keessaa uumame): kunis
Qabrii biratti salaatuuf, du’aaii qabrii biratti godhachuuf,
Qur’aana achitti qara’uuf dhaquun karaa Rasuulaa s.a.w irraa
waan argamee miti. Qabrii biratti akka waan Ibaadaan haalaan
qeebalamtuu godhanii dhaquun bid’aadha.
Qalama Sunnaah kan Ahbaashii Saaxile Urjii Ahmad
25
3. Ziyaaraa shirkiidhaa: kunis Ziyaaraa qabrii dhaquudhaan
Qabrii gabbarani. Qabrii ykn Abbicha Qabrii keessa jiruuf
Salaatuu, qaluu, kadhachuu, silata Isiif godhuu, furmaata rakkoo
isarra barbaaduu, nuuf dirmadhu je’anii itti waywaachuu,
Rabbitti nuuf iyyadhu je’anii qabriitti himachuu fii wanni
akkanaa hundi shirkiidha.
Rabbii achitti waan biraa yaammachuun, kadhachuun, qaluun
shirkiidha. Islaamni amantii Towhiidaati, Rabbi qofa
gabbaruutti nama yaama.
فيقل ول ماوات الس في ة ذر مثقال يملكون ل للا دون ن م زعمتم الذين ادعوا
22:سبأ]الرض
“Je’i! kadhadhaa (yaammadhaa) warra kijibaan Allaahaa
achitti yaammattan san, samii (turban) fi dachii keessatti
madaala mixii (atamii) tokkoo hin handhurfatan (hin
qaban).”
Qur’aana Suuraa Saba’: 22
Rabbiin Isa malee wanni biraa takka faayidaa namaaf fiduu akka
hin dandeenye addeessee jira.
Garaagarummaan Ziyaaraa karaa godhamaa fii haraamaa akka
agartan kana Ifaa fii bilisaan addaan bahee jira. Wanni qabrii
Ziyaaraniif nama du’eef Rabbi kadhachuu fii akhiiraa
yaadachuudha.
Ahbaashiin Ziyaaraa qabrii hoggaa je’an qabrii kadhachuu fii
isiif qaluudha baanan. Yoo balaan argamte, Roobni dide,
dhukkubni biyya weerare qabriif qaluu fii qabrii kadhachuun
rakkoo hunda nurraa deebisa jechuu amanan. Kuni Ziyaaraa
osoo hin taane, Qabrii gabbaruudha.
Qalama Sunnaah kan Ahbaashii Saaxile Urjii Ahmad
26
Namni mataan fayyaa qabuu, beekaa fii wallaalaan hundi Rabbii
achitti waan biraa kadhachuun shirkii tahuu ni beeka, garuu
hoggaa maqaa irraa jijjiranii Ziyaaraa fakkeessan namoota
wallaalaa karaarraa jallisuun ni mala.
Kanaaf Ahbaashiin kijibduun qabrii ziyaaruu Wahbiyyaan
haraama jetti hoggaa siin je’an Ziyaaraan Isaan baanan maal
akka tahe amma bartee jirta. Atis kijibdan yaa Ahbaashii
kijibduu! qabrii gabbarruun Shirkiidhaa, Ziyaaraan qabrii karaa
qajeelaadha je’iin.
Ahbaashiin qabrii Gabbaruu keessa achi kuttee, biyyee qabrii
Sheeka Isaanii Abdullaahi Hararii mana kaayyachuun balaa
hunda namarraa deebisa je’anii akka biyya Awstiraaliyaatti
gurguran namni achii jiru tokko naaf himee jira. Qabrii awliyaa
tan Isaan je’anii gabbaran san hunda biyyeen qabrii sanii
qorichaa jechuun wallaalaa namaa gawwoomsanii itti
gurgiratan.
Ziyaaraan Qabrii tan Isaan baanan kunoo akkana.
Yoo Ziyaaraa Qabrii nu dhorgan je’an, Shirkii nu dhorgan
jechuutti hiikkadhaa.
Rabbiin ummata Qabrii Gabbarutti nama yaamu kanarraa nu haa
baraaru.
Aamiiin.
Qalama Sunnaah kan Ahbaashii Saaxile Urjii Ahmad
27
Kijiboota Gurguddaa Ahbaashiirraa
Ahbaashii tana ummata taphaa hin seehinaa! Kijibaniitis tahuu
nama Isaan jibban Adunyyaan akka isaan waliin jibbitu carraaqii
guddoo godhan.
Ahbaashii kijiba Isii kan irraa fudhatu nama wallaalaa yoo tahe
malee namni waa beeku dubbiin isaanii hin liqimsamtuuf.
Ahbaashiin kijiba guddinarraa hogguu hedduu namuma tokko
waan adda addaa kan wal faalleessuun arrabsan.
Kijibni isaanii fakkeenya hoggaa goone, Guyyaa fedhan
namuuma tokko maqaa yaamanii dheeraadhaa je’an, hoggaa
biraa deebi'anii gabaabaa sin je’an.
Mee namni Jazbaa hin tahin kijiba akkatti wal dhahu kana hanga
yoomitti sobamaan?
Mee Kijiba Isaanii Gurguddaa haa laallu: Isaan Muslimoota
Isaan jala hin deemne Wahbiyyaa je’aniin. Wahbiyyaa hoggaa
je’an warra Sheek Muhammad binu Abdulwahhaab kitaaba Isaa
dubbisu, Kan Isaan ulamaa’ii je’u, Kan Towhiida jabeessu
hundaan Wahbiyyaa je’an, Ikhwaanal Muslimiin Wahbiyyaa
je’aniin, namuma Isaan hin qeeballe taanaan Wahbiyyaa Isaan
jechuu hin hifatan.
Namni Isaan Adunyaarraa haalaan Kijiba Irra kaayan Sheekootii
lama tokko Sheekul Islaam binu Teymiyyaah fi Sheek
Muhammad Binu Abdulwahhaabi.
Kijiba Sheek Muhammad Abdulwahhaab irra kaayan keessaa
Muhmmad binu Abdulwahhaab Yahuudaaf dalagaa je’an.
Namicha Hampar je’amuun hogganamee Islaama diiguuf
ergame jechuun Oddeessan.
Ahbaashiin dura hoggaa haasawa eegaltu kanaan siif eegalan.
Kanumaan siif Xumuran. Barreefamni namticha kanaan
Qalama Sunnaah kan Ahbaashii Saaxile Urjii Ahmad
28
barreefame je’anii dubbatan kun Inglizii keessatti hin beekkamu,
manneen kitaabaa tokkicha keessattis hin argamu, maqaan abbaa
Isaa hin beekkamu. “Memoirs Of Mr. Hempher, The British Spy
To The Middle East” waan je’u kana abbaan barreessee seenaa
qabatamaan kan mirkanaawee miti. Garuu Namtichii Turkii
tokko akka barreesse beektoonni seenaa ni dubbatan. Daran
hubachuuf “Wikipedia” irratti waan barreefame kanas dubbisaa.
http://en.wikipedia.org/wiki/Memoirs_Of_Mr._Hempher,_The_
British_Spy_To_The_Middle_East
Kijiba barreefama kana keessa jiru haa laallu.
1. Namtichii Basaasa Inglizi je’ame kun Muhammad Binu
Abdulwahhaab Basraatti bara 1712 akka qunnamee ajaja itti
kenne barreefamni Isaa kan je’amu kun ni dubbata. Garuu
Muhammad binu Abdulwahhaab bara 1115H (1703/1704
Lakkofsa awrooppaa) dhalate. Umriin Isaa wagga 9 ykn 10 taha
hoggaa san. Umrii kanatti Inni ganda Isaatii akka hin deeminii fi
achuma bakka dhaloota Isa Najd jiraachaa akka ture
beekkamaadha. Kijiba taakka naaf je’i.
2. Namtichi Muhammad binu Abdulwahhaab Yahuudaadhaa
hoggaa je’u, Muhammad Binu Abdulwahhab garuu Araba Gosa
tamiim tahuun Isaa beekkamaadha.
3. Ingliz Yeroo sanitti biyya Arabaa keessatti socho’ina
qabaachuun Isii seenaa tokkoon mirkanaawee hin jiru.
4. Muhammad binu Abdulwahhaab afaan Turkii, Faarsii (Iraan)
fii afaan Arabaa akka gaaritti akka dubbatu barreefamni sun ni
hima, garuu Muhammad binu Abdulwahhaab Afaan Arabaa
malee faan biraa tokko akka hin beyne seenaan mirkanaawee
jira.
Qalama Sunnaah kan Ahbaashii Saaxile Urjii Ahmad
29
Ahbaashiin kana seenaa guddaa goote afuufti. Isaan waan namni
tokko Ija hin qabne itti fakkaata.
Ammas Kan beekkamu qabu Muhammad binu Abdulwahhaab
da’waa Towhiidaatti nama yaama, Qabrii gabbarruu, Shirkii
gosa hundaa fii Bid’aa ni balaaleefata; Duuba Ingliz
Towhiidatti, Kaafiraan lolaa jechutti nama yaamti?
Mee wal dhahiinsa dubbii Ahbaashitti isin deebisa. Ahbaashiin
Muhammad binu Abdulwahhaab Ingliiziin ergamee afaanuma
jettu kanaan deebitee Muhammad binu Abdulwahhaab Jihaada
jaalata, dubartoota hijaaba malee je’ee ukkaamsa, warri isa jala
deemu amantii jajjabeessan je’anii dubbatan.
Ani gaafiin Tiyya Ingliiz amantii jajjabeessu kanaaf jecha
Muhammad binu Abdulwahhaab ergitee?
Shirkii haa dhabamsiisu jechuuf ergitee? moo maaliif ergite?
Mee gaafii tana Ahbaashii gaafadhaa naaf himaa, yeroo ammaa
warri Adunyaarratti amantii jajjabeessa jechuun Mankaraaristii
je’amaa jiru kuni, warri Karaa Rasuulaa s.a.w malee hin deemnu
je’u, warri shari’aan bulla je’ee Adunyaa Arabaa keessaa
qabsaawaa jiru kun hundi Ahbaashii biratti Wahbiyyaa hoggaa
tahan Ingliiiz biratti ammoo “Terrorist” Ashabbaarii je’amanii
moggaafamanii jiran.
Duuba Ingliiz warra akkatti amantii jabeessu kana dhugumaan
ergitee? moo Ahbaashii jalaa dubbiin wal dhoyte?
Ahbaashii kijiba keessan Isinirratti beyne, warri hin beekinis
beekaa. Ahbaashii kijibduu je’aa biraa deemaa.
Kijibni nama olcha malee nama hin bulchu je’ama.
Qalama Sunnaah kan Ahbaashii Saaxile Urjii Ahmad
30
Muslimootaa fii Ahbaashii eenyuutu Yahuudaa
wajjiin jira?
Muslimoonni:
1. Rabbi malee waan takka hin kadhannuu, hin gabbarru je’an.
2. Dhalaan/dubartiin hijaaba uffachuun dirqama je’anii
barsiisan.
3. Dhiirti Areeda dheerreessuu fi kofoo gabaabsatuu qaba
jechuu barsiisan.
4. Dhiraa fi dhalaan walitti makamuun dhorgaadha je’an.
Keessattu dhalaa takkaa fi dhirri tokko kophaa bahuun haraama
akka tahee jajjabeessanii barsiisan. Madarasaa fi bakka hundatti
dhalaa fi dhirtii daangaa amantii malee makamuun dhorgaadha
je’an.
5. Salaata dirqamaa namni dhiiraa hundi masjidatti salaatuun
dirqama je’an.
6. Biyya Islaamaa keessatti Quraanaan bulla je’anii barsiisan,
sanumaaf yeroo garii jihaada adda addaa ni godhan.
7. Barnoota Islaamaa kan bu’uraa namni hundi barachuun
dirqama jechuun nama barsiisan.
8. Waan Rasuula s.a.w irraa amantii keessatti hin dhufin dabaluu
fi irrisuun hin tahu jechuun barsiisan. Garuu waan amantii hin
tahin keessatti wanni dabalamu dhorgaa hin qabu, amantii
keessatti waan dabalamuu fi irrifamu hunda ni balaaleefattan.
9. Yahuudaa lafa Qudsii keessaa baasuun dirqama jechuun
gariin hoggaa barsiisan gariin jihaada godhaati jiran. Lafa
Filisxeem jechuudha.
Qalama Sunnaah kan Ahbaashii Saaxile Urjii Ahmad
31
10. Ameerikaan “Terrorist” Shororkeessitoota jechuun irra
hedduu Isaanii lola itti banti. Yeroo Garii ammoo Extremist
warra amantii akka zamana sahaabaa deebbifna je’u jechuun
jibbiti.
11. Tokkummaa Islaamaa fi Khaliifaan akka deebi’u nama
yaaman.
12. Mootummaan Itiyoopiyaa warra amantii jajjabeessu,
Mankaraaristii, shorokeesitoota jechuun nama hedduu ajjeesee
hidhaa jira.
Ahbaashiin:
1. Rabbii qofa ni gabbarra garuu awliyyaa lubbuun jirtuu fi tan
duute kadhachuun, gama Rabbii Isaan akka nama dhalleessan
amanuun dirqama jechuun nama barsiisan.
2. Dhalaan/dubartiin wayaa googaa isii dhoysu yoo ufatte
qaamatti maxxantee dhiiftee ufachuu ni dandeessi. Shittoos akka
feetetti dibattee deemuu dandeessi.
3. Areeda Haddachuun humaa hin qabu, kofoos irra deemuun
humaa hin qabu.
4. Dhalaa fi dhirri walitti makamuun, kophaa dhalaa fi dhirri
tokko wajjiin bahuun humaa hin qabu. Niyyaa Isaanitu laallama.
Harka wal fudhuu fi hoggaa garii qaqqabachuun humaa hin
qabu je’an. (Harar Markaza Ahbaashiidhatti Dhalaa ni barsiisna
je’anii dheyxu sheekkootiin Libaanoosirraa dhufte Teenisii akka
itti taphatan duuba dhaabbattee waan harka Isii jiru (Raakkeeta)
qabattee, itti maxxantee akka agarsiistu namni hedduun himanii
jiran)
5. Salaata jama’aa hin jajjabeessan. (wanni Isaan haalaan
jabeessan wahbiyyaa nama je’aniin kafarsiisuu qofa).
Qalama Sunnaah kan Ahbaashii Saaxile Urjii Ahmad
32
6. Biyya Islaamaa keessatti Quraana dhiisanii dimookraasii
namni tumeen buluun bareedaadha je’an.
7. Barnoota Islaamaa osoo hin tahin Wahbiyyaa kafarsiisuun
dirqama je’anii barsiisan. (kanaaf irra guddaan wanni Isaan
barsiisan wahbiyyaa warra je’aniin kafarsiisuu fii kijiba irra
kaayuudha.)
8. Waan Rasuulli s.a.w hin godhiin tan Isaan ifiif jaalatan hunda
“Bid’aa Hasanaa” (bid’aa bareedduu) jechuun dabalatan.
9. Yahuudaan loluun akka hin taane sheekni Isaanii fatwaa
kennee ture. (kanaaf Israa’eel gaafa Libaanoos dhoytuu warra
ahlus-sunnaa fi Hizbullaah (shi’aa) dhahaa turte, Garuu
ahbaashiin akka hin tuqamnee eeggachaa turte).
10. Ameerikaan “Moderate Islam” Muslima ammayyaa jechuun
akka malee jaalattee Isaan faarsiti, Isaan akka bakka hundatti ol
aantummaa argatan godhuuf halkanii guyyaa Ifaajaa jiran.
11. Tokkummaa Islaamaa waan je’amu arguu hin fedhan, warra
isaan wahbiyyaa je’aniin lafarraa dhabamsiifna jechuun bakka
hundatti Muslimoota jidduutti jibbaa fi lola kaasuu jaalatan.
12. Mootummaan Itiyoopiyaa Isaan malee Islaamni biraa akka
biyyatti keessatti hin hafne Isaan qawween, qabeenyaan,
siyaasaadhaan, Midiyaan gargaaraa jira. Ahbaashiif jecha
Asaasatti, Wallootti, Finfinneetti, Hararitti, nama ajjeese jira.
Eega akkana taate, eenyuutu Yahuudaa wajjiin jira fakkaata?
Dubbiin Adiidhaatu bareeda yoo jenne Ahbaashiidha.
Mootummaan nun dhiisu yoo jenne Muslimoota.
Rabbi moo mootummaa sodaatuutu nama baasa?
Qalama Sunnaah kan Ahbaashii Saaxile Urjii Ahmad
33
GARAAGARUMMAA SUUFIYYAA FII AHBAASHII
AHBAASHIIN MAAL JETTI?
1. Quraanni jecha Rabbiiti miti. (jecha Jibriili, Rabbiin odoo
samii dachii hin uumin Quraana dubbate malee gaafa Nabi
Muhammad s.a.w irratti bu’u hin dubbanne, jechi Rabbii harfii
fii sagalee miti. Kanaaf Quraana Jibriiltu dubbate malee Rabbiin
hin dubbanne je’an.)
2. Rabbiin sifa hin qabu. (Fkn. Ija hin qabu, harka hin qabu, hin
dubbatu, hin dhagayu, jechuu amanan )
3. Sahaabaa keessaa hanga arrabsan/xiqqeessan qaban.
(Sayidinaa Mu'awiyyaa fii Sahaaboota Isa walin turan hunda ni
xiqqeessan/hamtuu irraa dubbatan.)
4. Muslimoota hedduu Kafarsiisan. (warra Isaan jala hin deemne
hunda kaafira je’aniin.)
5. Yahuudaa waliin qunnamtii gaarii, Muslimoota waliin
aduwwummaa qaban.
6. Sheeka Isaanii malee Ulamaa'ii biroo hundaan Jaahila
je’aniin. (Muftii Azharii kan Misraa Dr. Sheek Ali Juumaa fi
Ulamaa'ii sufiyyaa hedduun Kaafira je’an.)
7. Seenaa kijibaa uumanii barsiisan.
8. Taraawii hin salaatan. (barnootaatu taraawii salaatuu caala
jechuun walitti qabamanii seenaa kijibaa wal barsiisan.)
9. Salaata Taraawii booda “Allaahuma Ajirnaa mina-naar”
je’anii bakkatti du’aaii godhachuun Kufriidha je’an.
10. Ahbaashiin Jaarmaya Siyaasaati. (Adnaan Al-Traabulsii
namni je’amu Ahbaashii bakka bu’uun Libaanoositti Miseensa
Paarlaamaa tahee jira bara 1992.)
Qalama Sunnaah kan Ahbaashii Saaxile Urjii Ahmad
34
SUUFIYYAAN MAAL AMANAN?
1. Qur’aanni jecha Rabbii tahuu shakkii hin qaban.
2. Rabbiin sifa Isaan malte qabaachuu Shakkanii hin beekan.
(Ija qaba, Harka qaba, ni dhagaya, Guyyaa Qiyaamaa akka Isaan
malutti ni dhufa....) webiin koo Kitaaba Sheek Muhammad
Rashaad Abdullee Aqiidaa xahawiyyaa fi Tafsiira.
3. Sahaabaa Rasuulaa s.a.w hunda ni jaalatan maqaa bareedaan
malee Isaan hin kaasan. Jechii Isaan hoggaa hunda waa’ee
sahaabaa irratti dubbatan walaloo gabaabaa kana
عنهوأجرالجتهادنثبتوماجرىبينالصحابنسكت
HiikkaanIsaa:
Waan sahaabaa jidduutti argame irraa usna
Galata Ijtihaadaa Isaaniif sabachiifna.
Wabiin koo Vidiyoo haarawa sheek Muhammad Rashaad.
4. Muslimoota tokkollee hin kafarsiisan. (wal dhabbii jirtu
wajjiin wal hubatanii waliin jiraatan).
5. Yahuudaa waliin qunnamtii hin qaban, Inumaa Masjida
Aqsaa irraa deefanna jechuun warri qabsoo godhaa ture Isaani.
6. Ulamaa’ii Islaamaa hunda ni jaalatan ni kabajan, wal dhabbii
yaadaa tan jirtuu wajjiin.
7. Seenaa kijibaa Osoo hin taane Fiqhii Ummata barsiisan.
8. Salaata Taraawii namni dandahe jam’aan Masjidatti salaatan.
9. Salaata Taraawii booda fii yeroo biroo hoggaa Zikrii wal
gahanii godhan “Allahuma Afuwwun Kariimun tuhibul Afaw Fa
Afwanaa Yaa Allaah” fii “Allaahuma Ajirnaa mina-naar” ni
je’an. (nama du’aaii tana godhateen kaafira hin je’an).
Qalama Sunnaah kan Ahbaashii Saaxile Urjii Ahmad
35
10. Jaarmaya siyaasaarraa qulqulluudha, Paarlaamaa fii
mootummaa keessa namni jiru Suufiin ni jira, garuu maqaa
Suufiitiin paarlaamaa hin seenne.
Kuni gabaabinaan garaagarummaa Ahbaashii fii Suufiyyaa
jidduu jiru. Namni hundi kana beekuu qaba.
Ahbaashiin Sufiyyaa maqaa je’uun akka yaamamtu kan goodhe
mootummaa Itiyoopiyaati. Namni maqaa ahlusunnaa suufiyyaa
Isaaniif baase Mallas fii Dr. Shifarraaw akka tahe
beekkamaadha.
Kan Maqaa biraa namaaf baasus Mallas fii Kaabinee Isaati.
Islaamni yoom asi kan Mallas fi Dr. Shifarraaw hoggannan
tahe? Nauzubillaah.
RAGAALEE MUSLIMOONNI BEEKUU QABAN.
Yaa Muslimoota! Ahbaashiin akka Suufiyyaa hin tahin Isin
beeksisuuf yaali godhee jira. Suufiyyaan Firqaa Islaamaa
turtuudha. Ahbaashiin garuu kan dhalattee dhihoodha, bara 1983
dura Ahbaashii Amantiin je’amtu Adunyaarra hin jirtu.
Garaagarummaa Isaan Suufiyyaa waliin qaban beyne. Ragaa
waan kutaa dabre keessatti dubbannee akka armaan gadii kanatti
dhaleysee jira.
Yaa ummata Muslimaa! Ahbaashiin Amantii haarawa, Garuu if
dhoysan, Mowlida waan godhaniif namni hedduun Suufiyyaa
je’ee akka hin dagamne. Mowlidaan akka addaan nu hin diiyne
ifirraa haa beynu.
Ahbaashii warra Sunnaa akka tahan kan himu Dr. Shifarraaw fii
Mallas Zeenaawiiti.
Amantiin Ahbaashii haarawa tahuu isii kunoo ragaa waliin;
Qalama Sunnaah kan Ahbaashii Saaxile Urjii Ahmad
36
1. Qur’aanni jecha Rabbi akka hin tahan amanuu Isaanii
beekuuf. Daliilul Qawiim: 66-69, An-Nahju Saliim: 26.
Bughyatu xaalib: 18. (walumaa galatti Quraana Rabbiin ol tahe
hin dubbannee je’an, Akka Isaan je’anitti Rabbiin ni dubbata
jechuun makhluuqatti fakkeessuudha kanaaf Kufriidha).
2. Sifa Rabbi hedduu akka itti hin amanne Isaanuu ni amanan
ragaa hin barbaachisu. Sifa 13 qofa amanna je’an, sanis aqliin
teenya ni qeebaltii tanaaf fudhannaa je’an.
(garuu namni waa’ee Sifa Rabbii ykn Towhiida Asmaa wa sifaat
baruu fedhu Kitaaba sheek Muhammad Rashaad Abdullee
Aqiidaa xahawiyyaa dubbisaa. Ahbaashiin akka amantii
haarawa taate salphatti argitan.)
3. Sahaabaa arrabsuu Isaanii beekuuf. Sariihul Bayaan: 220
(maxxansaa duraa bara 1995)
4. Muslimoota Kafarsiisu isaanii beekuuf Kitaaba “At-Ta’aawnu
ala nahyi anil munkar” guutuun kitaaba sanii Ulamaa’ii amma
lubbuun jiranii fi kan hin jirree maqaa dhawee kafarsiisa.
(sanirraa irra hedduun Isaanii sufiyyaadha, Muftii Azhar Ali
Jumaa, Dr. Ramadaan Buuxii, Muftii Shaam.... amma kan itti
dabalaman Dr. Zaakir kaafira je’aniin, Sheek Ahmad Diidaat,
Abuu Aminaa Bilaal, Yusuuf Estate warra peacetv guutuun
kaafira je’an ....)
5. Seenaa kijibaa tan Isaan uuman hunda barreessuun ulfaatadha
gariin hunoo. Warri Towhiidaa hundi kaafira, Yahuudaaf
dalagan, Itiyoopiyaa keessatti Wahbiin waan gootee je’anii tan
himan keessaa: wahbiyyaan bishaan keessatti summii namaaf
naqan, Sheek Muhammad Abdul wahhaab yahuudaadha,
Daa’ima Ajjeessan, Manguddoo Ajjeesan, Masjida guban, Mana
osoo namni keessa jiru namarratti guban, Namni qabrii bahee
haajaa namaaf fixa, Abdullaahi Hararii barare, Leencaatu wajjiin
Qalama Sunnaah kan Ahbaashii Saaxile Urjii Ahmad
37
deemaa turee fii k.k.f.) Itiyoopiyaa tam akka baanan naaf hin
galu!!!
6. Hararitti sa’aa namni Taraawii salaatu isaan Markaza Isaanii
taa’aan. Kunis waan beekkamaa falamaa hin qabne.
7. Muslimoota hundaaf jannata kadhachuun kufrii tahuu Isaa.
Sariihulbayaan: 404-405
(Allaahuma Ajirnaa mina naar jechuun kufriidha je’an).
8. Yahuudaa wajjiin qunnamtii cimaa qabaachuu Isaanii
beekuuf:
1. ADL dhaabbata mirga yahuudaa kabachiisuuf dhaabbate
kan Muslimootaan “terrorist” je’u waliin jaalalleedha
jechuun ifa baasanii jiran. Linki kana banaa dubbisaa
tarree 4ffaa gubbaa kan jiru Ahbaashiidha.
http://www.adl.org/philadelphia/coalition.asp
2. Kitaaba Dr. Hagaay Elrich barreessee Mootummaa
Itiyoopiyaatiif kenne qofa laaluun gahaadha. Qaalichi kun
Yahuudaa Israa’eeliif Itiyoopiyyaa keessatti ramadame
hoggaa tahu seenaa Islaamaa fakkeessee Islaamni akka
Itiyoopiyaaf sodaachisaa tahe godhee barreessa, Qorichii
Nashaaxa Islaamaa kana qabbaneessu Ahbaash tahus jala
muree barreesee jira. Kitaaba qaalicha Yahuudaa Hagaay
Elrich linkii kana tuquun dubbisaa.
http://ethiotribune.net/2012/05/10/information-is-power-al-
ahbash-and-wahhabiyya-interpretations-of-islam/
3. Mootummaan Itiyoopiyaa Ahbaashiif jecha nama hedduu
ajjeese, hidhe, biyyaa ari’e, ajjeesaa jira, hidhaa jira,
gudeedaa jira, saamaa jira.
Qalama Sunnaah kan Ahbaashii Saaxile Urjii Ahmad
38
Mee Mootummaan Itiyoopiyaa Islaamaaf yaadeetuma kana
godha jiraa?
Ahbaashiin bakka dhaqe hundatti Islaama xalaata godhatee
Kaafiroota waliin muslimoota Irratti duula. Yeroo ammaa wanni
biyya teenyatti godhamaa jiru kana. Libaanoosittis kanuma
godhaa turan.
Garuu nuti Muslimoonni Itiyoopiyaa Ahbaashiin akka bakka
kuftee hin kaanee goonee jira, Biyya teenyatti xiqqaa guddaan
waa’ee Isaanii dubbata, Isaan Ifirraa eega.
Kuni Nasrii Rabbiiti! Rabbi nu haa Nasarru!
Injifannoon Tan Islaamaati!
SUUFIYYAA FII BOCOLAMA ISII
Ahbaashiin erga dhufte jecha Suufiyyaa je’u hedduu dhagayaa
jira. Inumaa Karaa Suufiyyaa malee karaan jiru hundi jallina
hanga jechuutti warri gahe ni jira, Sanirraa Qaamoota
Mootummaa warra akka Dr. Shifarraaw fii Itti gaafatamtoota
majlisaa dubbachuun ni gaha.
Suufiyyaa wanni je'amu maali? Ahbaashiin maaliif Suufiyyaa
ifiin jette?
Suufiyyaan Maali?
Suufiyyaa jechuun nama Suufa uffate akka tahe kitaaboonni
hedduun ni addeessan. Jecha Suufa je’amurraa dhalate. Suufa
jechuun huccuu Suufaa beekkamaadha.
Suufiyyaa amma ETV fii paarlaamaa keessaa dhageenyu tun
maal akka taate ni laalla.
Qalama Sunnaah kan Ahbaashii Saaxile Urjii Ahmad
39
Dura Islaamni akkam ture?
Suufiyyaa wanni je’amu dhufuu dura Zamana Rasuulaa s.a.w
namni amane Muslimaa fii Mu’mina Ifiin je’an. Warri Isaan
boodaatis akkasuma.
Maqaan biraa hin jiru. Rabbi ni gabbaran Akhiiraaf ni
carraaqan, Adunyaas ni dalagatan, Jihaada ni godhan, ni baratan,
ni fuudhan, Adunyaaf hin bololan, waan hunda Quraanaa fii
Hadiisarraa fudhatan.
San booda “Zaahidaa” fii “Aabida” jechuun dhufe. Zaahidaa fii
Aabida warri je’aman kun warra Adunyaarraa dantaa dhabee
akhiiraa qofa dalagatu. San booda Zuhdii (Adunyarraa dantaa
dhabuu) keessatti daangaa dabruun eegalamte, Adunyaa
guutumatti dhiisuun argamte, fuudha dhiisuu, dalagachuu
dhiisuu fi waan adunyaan walitti hidhaa qabu hunda warri irraa
if qabu argame.
Haala kana booda Suufiyyaan warra zuhdii keessatti daangaa
dabru kanaan je’amuun eegalame.
Eegaa Sufiyyaan akkatti eegalmte, Adunyaarraa dantaa dhabuu,
qalbii ifii qulqulleessuu, fedhii Lubbuu irraa if qabuuf warrii
daangaa dabre kun Suufiyyaa ifiin jechuu eegalan. Kitaabni Itti
barreefamuu jalqabe.
Zuhdii fii Adunyaarraa gabaabbachuu keessatti jajjabeessaanii
karaa Rasuulaa s.a.w dhiisuun egalame. Fuudha ifirraa lakkisan,
Qabeenya horachuu haramaa ifirratti godhan.
Garuu warri dura karaa kana keessatti mataa tahan warri akka
Juneydii fii Abdul Qaadir Jeylaaniin faan Quraanaa fi Sunnaa
irratti hundaawuudhaan karaa kana hordofaa turan.
Namni tokko osoo Suufiyyaa hin taane yoo qalbiin Isaa
Rabbirraa fagaatte mala Suufiyyaan fayyadamtu kan akka Zikrii
Qalama Sunnaah kan Ahbaashii Saaxile Urjii Ahmad
40
guddisuu, Zuhdii (Adunyaarraa dantaa dhabuu) fayyadamuun if
wallaanuu ni dandaha, kuni badii takka hin qabu. Karaa
Rasuulaati s.a.w. Quraannii “Qalbiin zikriidhaan Sabatti”
jechuun ragaa bahee jira.
Suufiyyaa Adunyaarraa dantaa dhabuu fii qalbii qulqulleessuu
irratti xiyyeefattu hanga Quraanaa fi Hadiisa hin faalleesiniin
namni dura dhaabbate tokko hin jiru.
Suufiyyaan hoggaa bocolamtu
Suufiyyaa Akkanatti eegaltee qajeeloo fii jallina jidduu jirtu.
Xariiqaa, Kashfii, Hadraa wanni je’amu dhufe.
Xariiqaa jechuun Karaa zikriin itti godhamtu kan sheekarraa
sheekatti dabaru hoggaa tahu, Sheekni akka Rabbiitti, Barataan
akka gabraatti laalamu eegale. “Namni sheeka hin qabne
sheekni Isaa sheeyxaana” dubbi jettu uuman. Sheeka hoggaa
je’an kan kitaaba irraa baratan hin sehinaa, Kan Zikrii akkaataa
itti godhan akka Inni Sheeka Isarraa fuudhetti Muriidaaf
(Darasaaf) dabarsu jechudha. Karaa san malee zikrii godhuu hin
qabu. Yoo sheeka khallafe akka waan Rabbi khallafeetti
laalamuu eegale.
Xariiqaan hundi maqaa ifii, Tartiiba ifii qabdi, Qaadiriyyaa,
Tiijaaniyyaa, Naqshabandiyyaa, Di’oobaandiyyaa, Darvish,
Rifaa’iyyaa, fii kan biroo hedduudha. Xaariqaan Suufiyyaa
hundi akkaataan Zikrii itti gootuu waldhaba. Kan dibbee tumee
godhuu jira, kan dukkanatti callisee godhuu jira, kan dannasuu
jira, kan shaggooyyee taphatuu jira. Zikriidha maqaan Isii
Na'uzubillaah.
Dervish (Darviish) Xariiqaa Suufiyyaa Turkii, Iraan,
Paakistaanitti hordofamu. Jarri kun daansuuma dirree baate
taphatanii saniin Zikrii je'an. Sanumaahu sheekarraa baratan.
Nauzubillaah!!!
Qalama Sunnaah kan Ahbaashii Saaxile Urjii Ahmad
41
Linkii kana tuquun waa’ee Xariiqaa Darviish dubbisi:
http://en.wikipedia.org/wiki/Dervish
Daansii Suufiyyaa Darviish linkii kana tuquun laali, garuu Isaan
Zikrii akka je’aniin hin dagatin.
http://www.youtube.com/watch?v=W_Km4j36khA
Hadraa jechuun sagantaa Zikrii kan walgahiin godhamu. Kana
hoggaa godhan akkuma biyyaa fi Xariiqaatti wal dhaba. Biyya
kiristaanni baayyatu akkuma kiristaanaa godhatan, biyya Hindin
baayyattus akkuma Hindiiti walitti qabamanii godhatan, kunis
Zikriidha. Zikriin beekkamtuun Isaan godhan fakkeenyaaf jecha
“huu! huu! huu!! huu!’ je’u kana irra daddeebi’anii jechuudha.
Kashfi jechuun saaqamuu wahiiti, Isaan kana wanni itti fedhan
Rabbiin waan hunda Kashfii karaa je’amu kanaan Sheekkootii
gurguddoo beeysisa.
Haasawa Sheekkootii Suufiyyaa beekkamaan “Rabbirraahin siif
odeessa” sin je’a. Rabbiin (direct) kallattumaan Isa dubbise
jechuu Isaati. Hadiisaa fii Quraanni Ilmii Zaahiraati jechuu
eegalan. Ilmiin dhugaa ilmii keessaati, kan kashfiidhaan namaaf
mullatu, yoo akkasitti hin mirkanaawin Quraanni fudhatama hin
qabu.
Nauzubillaah!!!
Sheyxaanoota Suufiyyaa keessaan bahan.
Suufiyyaa akkatti laaqamtee, bocolaa taate Falsafaan Isii seente.
Filoosofaroonni (sheyxaanoonni) hedduun isii keessaan bahan.
Hallaaj namichi je'amu haqni enyu je’e falsafaan barbaaduu
eegale, san booda “Anal Haqq” ani Al-haqq jechuun if yaame.
Muslimni Al-Haqq Rabbii tahuu amanan. Ammas “Ani Rabbii
kiyya Ija qalbii tiyyaatiin arge, Inni ana” je’ee kufrii dirree baate
Qalama Sunnaah kan Ahbaashii Saaxile Urjii Ahmad
42
tanan Suufiyyaa daran bocole. Sababaa kanaa murtiin du’aa itti
kennamee Ajjeefame. Hallaaj waan tahe beekuuf linkii kana
tuquun dubbisi:
http://en.wikiquote.org/wiki/Mansur_al-Hallaj
Ibnu Arabii
Kan biraa Ibnu Arabii kan je’ama. Suufiyyaan hedduun akka
beekaa Isaanii guddatti laalan falsafaa “wanni hundi Rabbi”
jettuun dhufe. “Anaa fii sareenis Rabbi” jechuun Aqiidaa
“wahdatu wujuud” wanni argame hundi takka, Takka waan
taateef hundi Rabbi falsafaa jettuun Suufiyyaan bocole. Ibnu
Arabii beekuuf linkii kana tuquun dubbisi.
http://en.wikipedia.org/wiki/Ibn_Arabi
Suufiyyaa akkatti laaqamte tana keessatti Adunyarraa if qabuun
dhaabbattee sheekkoottiin maqaa awliyaa je’un naggada
eegalan.
Ilmi namaa akka Isaan gabbaru Quraanaa fii Hadiisa dhorgan.
Suufiyyaan laaqamtee daansii fii shaggooyyee qofa taate.
Qabrii Sheekkootii gabbaruun karaa kanaan Islaama seente.
Sheeka eega du’es akkuma gaafa lubbuun jirutti laaluun
eegalame. Qabrii irratti qubbii fii Masjida jaaruun Adunyaa
Islaamaa seente.
Suufiyyaan Qalbii qulqulleessuun eegalte akkanatti dhukkuba
qalbii taate!
Suufiyyaa akkana taate arginaan Jallina Isii Ulamaa’iin Ibsuu
eegalte, kan akkaan falsafaa isii seente addeessee Sheekul
Islaam Ibnu Teymiyyaa ture. Achiin Xalaata Ahbaashii fii warra
Bid’aa hunda tahe. Leenca warra Sunnaa tahee hanga guyyaa
Qiyaamaa Rahmanni Rabbii Isaaf kadhatama.
Qalama Sunnaah kan Ahbaashii Saaxile Urjii Ahmad
43
Ahbaashiin Maaliif Suufiyyaa ifiin jetti.
Suufiyyaan bocolamtee Qabriin Tawwasula godhuu fii
Tabarrukni karaa falsafaa adda addaatiin seenee daaraa Isii haqe.
Ilmi namaa Rabbii dhiisee qabrii kadhachuu, Isiif qaluu,
Mowlida Isiirratti godhuu fii Shirkiin dirree bahe karaa Islaamaa
fakkaattee itti wal yaamun argamte.
Suufiyyaan irra hedduun Isii akkanatti tapha taate.
Duuba Ahbaashiin Qabrii gabbarruu kanaaf jaalala guddaa
qabdi, Tawwasulaa fii Tabarruka maqaa je’un Islaama shirkii
Mushrikoonni dalagaa turanitti deebisuu waan feetuuf ani
Suufiyyaa jechuun lallabdi.
Karaan Isaanii Suufiyyaan faallaadha, garuu Suufiyyaa bakka
Isiin laaqamte kanaan itti ida’amtee Miseensa
heddummeefachuu feeti. Kana kaayyoon Ahbaashiin ani
Suufiyyaa jettuuf.
Mallas fii Dr. Shifarraaw jara kanaan Ahlusunnaa je’an.
Ragaan Ahbaashii Mallas fii Dr. Shifarraaw tahuun qoftii jallina
Isaaniitiif ragaadha.
AWLIYAA FII KIJIBA AHBAASHII
Mata duree kana keessatti beekkumsa qabaachuun
barbaachisaadha. Ahbaashiin waan itti nama dhamaasuu feetu
keessaa tokko Awliyaadha.
Ahbaashiirraa wanni dhagayaa jirru, “Awliyaa hin jaalattan”,
“Awliyaa arrabsitan”, waan kana fakkaatu.
Awliyaan Maali?
Awliyaa jechuun: jaalallee, aanaa ykn fira jechuudha.
Qalama Sunnaah kan Ahbaashii Saaxile Urjii Ahmad
44
Awliyaan Rabbii Nama Rabbii Jaalatu kan Ergamaa Isaa jala
deemu, kan Rabbiin Isa jaalatu jechuudha.
Awliyaan Rabbii Anbiyoota, Siddiiqoota, Shahiidoota,
Saalihootaa fi Muslimoota.
Anbiyyoonni Awliyaa Rabbiiti. Irra Caalaan Awliyaa Rabbii
Ergamaa keenya Muhammad s.a.w, Inni Caalaa Ergamtoota
hundaati, Ummanni Isaa caalaa Ummataati, Shari’aan Isaa
caaltuu shari’aa hundaati, Karaan Isaa karaa hunda caala,
Kitaabni Rabbiin Isaan Erge caala dustura hundaati, Ilma namaa
hundaaf Ergame, Karaa Isaarraa kan gore hundi kaafira. Karaa
Isaa jaalate kan qabate Muslima, Mu’mina.
Awliyaan Nama amanee Rabbi sodaatu hunda. Awliyummaan
waan gosa takkaaf kennamtee miti. Waan nama muraasa qofaaf
kophaatti kennamee miti.
Awliyaa tahuuf sharxiin amanuu fi Rabbi sodaachuu qofa.
Rabbiin Quraana Ifiif dubbate keessatti akkanatti Ibsa
“Dhagayaa! Awliyaan (jaalalloon) Allaaha, Sodaan
Isaanirratti hin taane, Isaan hin gaddan (hin yaaddawan).
Isaan warra Amanee fi warra Rabbi sodaatu.” Suuraa
Yuunus: 62-63
Sharxiin (ulaagaan) Awliyummaa Rabbii, Amanuu fi sodaa
Rabbii qabaachuudha.
Awliyaa je’amuuf Rabbitti amanuun sharxiidha, Rabbitti
amanuun Rasuula s.a.w jala deemuudha. Karaa Rasuulaa s.a.w
guutuutti qabachuufii itti amanuudha. Karaa Isaatiin malee
Rabbitti dhihaachuun waan yaadamu miti.
Hadiisa keessatti Rabbiin “Namni Awliyaa (jaalallee) kiyya
Adawwii godhate, lola naan walitti banuuf dirree bahe (Ani
Qalama Sunnaah kan Ahbaashii Saaxile Urjii Ahmad
45
Lolan itti bana)” je’a. Awliyaan Isaa shari’aa Rabbiitti bulan,
Itti ajajan, karaa Rasuulaa s.a.w jaalatan, Karaa Isaarraa hin
bahan, kanaaf Isaan Adawwii godhachuun Rabbuma Isaan
jaalatuu fii Rasuula s.a.w Adawwii godhachuudha.
Awliyaan akkuma sadarkaa Iimaana Isaaniitiin wal caalaan,
Muslimaa fi Muslimtittiin hundi awliyaa Rabbiiti, gosaa fii
ganda irraa dhalatan laaluun maleetti. Garuu hanguma Imaanaa
fii Sodaa Rabbii qaban Awliyummaa keessatti wal caalan. Kana
Awliyaan Rabbii.
Awliyaan sheyxaanaa yoo enyu?
Awliyaan sheyxaanaa warra Rasuula s.a.w jala hin deemne,
karaa Rasuulaa s.a.w malee karaa
Rabbittin dhalaawan karaan biraa ni jira
warra je’u, Shari’aa Rabbii warra
dhiisee shari’aa ifii baafatu, warra
Quraanaa fi Hadiisatti hin daleyne,
warra Shari’aa Rabbiitti nama hin
yaamne hundi Awliyaa sheyxaanaati.
Rabbiin akkana je’a “Namni Rabbii achitti Sheyxaana waliyyii
(jaalallee) godhate, dhugumatti khasaaree jira khasaaraa ifa
galaa.” Suuraa Nisaa: 119.
Ammas akkana je’a “Sheyxaanni gama Awliyaa (jaalallee)
isaanitti beeksisa godhan, Akka Isiniin falmaniif.” Suuraa
An’aam: 121.
Kanaaf Awliyaan sheeyxaanaatis ni jira jechuudha. Awliyaa
sheeyxaanaa fi Awliyaa Rabbii addaan baafachuuf wanni laallu:
Awliyaan Rabbi warra amanee Rabbi sodaatu.,Karaa Rasuulaa
s.a.w qabatee jala deemu.
Qalama Sunnaah kan Ahbaashii Saaxile Urjii Ahmad
46
Awliyaan sheyxaanaa ammoo warra shari’aa Rasuulaa s.a.w jala
deemuu dhiisee karaa biraa deemu.
Awliyaan Rabbii Jaalalloo Rabbiiti. Awliyaan sheeyxaanaa
Adawwii Rabbiiti.
Karaamaa Awliyaa
Awliyaa hoggaa dubbatan karaamaan jalaa hin haftu. Maaliif
yoo jettan Awliyaa hoggaa je’an namni karaamaa yaadata,
Awliyaa jechuun karaamaa jechuu kan sehu hin dhabamu.
Karaamaa jechuun waan aadaa ilma namaatti hin beekkamne
mullisuu, dhagayuu fi arguudha.
Hoggaa nama Amanee Rabbi sodaaturraa argamte Karaamaa
Rabbiin kenneef tahuu beyna. Garuu Awliyaa tahuuf dirqama
karaamaa qabaachuu wanni je’amu hin jiru. Sahaabaan Rasuulaa
s.a.w hundi Awliyaa Rabbiiti keessattu kulafaan afuran, warri
kudhanan jannataan gammachiifaman, warri Rasuula s.a.w
muka jalatti beellama godhe hundi Isaanii Awliyaa Rabbiiti,
Rabbiin Isaan jaalatee jira. Garuu Karaamaa Isaan keessaa
namni waan addaa dalage, ykn arge waa xiqqoodha. Inumaa
karaamaan warra Isaan boodaa keessatti Irra heddummaatti.
Kanaaf Karaamaa qabaachuun sharxii awliyummaati miti.
Sharxiin Awliyummaa amanuu fi Rabbi sodaachuudha.
Karaamaan waan aadaatti namni hundi godhuu hin dandeenye,
kana ammoo kaafirri hedduun ni godhan. Sihrii fi Sheyxaanaan
gargaarsifatanii waa hedduu godhan. Kan bishaan irra figuu fii
kan Ibidda seenu, Kaafira gosa hundarraa hedduudha. Kanaaf
namni waan addaa mullise hundi awliyaa miti. Inumaa adawwii
Rabbii guddaa tahuu dandaha.
Karaamaa Rabbiin Awliyaaf kennuun Awliyummaan Isaa
Nabiyyi caalti jechuu miti. Awliyaan Rabbii hanga guyyaa
Qalama Sunnaah kan Ahbaashii Saaxile Urjii Ahmad
47
qiyaamaatti Muslima hunda keessa guutuudha. Awliyaan
dalagaa addaa, huccuu addaa, saba addaa, ganda addaa hin
qabdu. Awliyaan Rabbii eyruu keessaa, dukkaana keessaa,
Masjida keessa, mana keessa bakka hundatti argaman.
Karaamaa waan hin qabneef awliyaa miti wanni je’amus hin
jiru.
Ahbaashiin Awliyaa maal irraa feeti?
Ahbaashiin amantiirraa wanni Isaan barsiisan guddaan tokko
awliyaa fii qabriidha. Awliyaa hoggaa je’an Isaan waan Rabbiin
je’u kanaa miti.
Awliyaan gaafa jiru Rabbitti nama dhiheeysa. Gaafa du’es
du’aaii nama Isa kadhatuu dhagayee qabrii bahee haajaa namaaf
fixa, Istighaasaa (dirmachuu) yeroo rakkoo qabrii Awliyaa
dhaqanii godhuun barbaachisaadha, Roobni dhabamu qabrii
awliyaatti Iyyachuu qabna je’an.
Kana hunda waliin wanni Ahbaashiirraa nama dhibu awliyaan
Muslimaa fii Muslimtitti hunda osoo hin taane gosaa fii ganda
tokkoof waan kenname tokko.
Ahbaashiin Awliyaa hin jaalatan hogga Muslimootaan jettu
Isaan hin gabbaran jechuudha.
Ahbaashiin Awliyaa jaalachuu hoggaa jettu Qabrii Isaanii
dhaqanii Tawwasula godhuu, Isaan kadhachuu, Rakkoo itti
himachuu fii balaa biyyarraa deebisuuf qabriif qaluudha. Kana
Amantiin Isaanii kan itti nama yaaman!!! Kana jaalalli
Awliyaa!!
Karaamaan wal qabatee waan ajaa’ibaa Hinduu, Kiristaanaa,
Budist, fii Majuusaa irraa argaa olla. Warri Fir’ownaaf siihrii
godhuuf Nabi Muusaatti dhufe haada boofa fakkeessuu
dandahanii jiran. Kanaaf sihrii fi bazbazaan sheeyxaanarraa
Qalama Sunnaah kan Ahbaashii Saaxile Urjii Ahmad
48
Ahbaashiin mullattu hundi
karaamaa osoo hin taane sihrii
sheeyxaanaati.
Yoo akkas tahuu baate Hinduu
fii Kiristaanni Ibidda ni seenan,
kan Isaan hin gubne kunis
Awliyaadha jechuudha!?
Ahbaashiin Awliyaa sheeyxaanaati, Sheeyxaanni Isaan
gargaaree haada yoo boofa godhan Awliyaa Isaaniin hin jennu.
Akkuma Kiristaanni bishaanirra fiigu Awliyaa sheeyxaanaa
je’amu sani.
Rabbiin shirkii maqaa awliyaatiin Ahbaashiin itti nama
yaamturraa hawaasa keenyaa haa tiysu.
Aamiiiin.
AHBAASHII FII KARAAMAA ISAANII WAJJIIN
KOFLA
Awliyaa Rabbii fii Awliyaan sheeyxaanaa akka jirtu kutaa
dabree keessatti laallee turre.
Karaamaanis maal akka taatee fii sharxiin awliyummaa Rabbii
maal akka tahe dubbannee bira dabarree jirra.
Ammaan dura Suufiyyaa fii Ahbaashii mata dure je’uun
Suufiyyaan yeroo booda Falsafaa fii jallinni adda addaa akka itti
laaqames laallee jira. Ahbaashiin ammoo qaa’idaa Isiirraa
Jallina tuuta adda addaarraa gurrattee saniin amantii Rasuulaa
s.a.w jechuun beekkaman. Ahbaashiin Shi’aarraa,
Mu’tazilaarraa, Jahmiyyaarraa, Falsafaarraa, Suufiyyaarraa,
Murji’aa fi Jabriyyaa hundarraa waan fudhatan qaban.
Qalama Sunnaah kan Ahbaashii Saaxile Urjii Ahmad
49
Karaamaa hoggaa dubbatan Isaan koflaan si ajjeesan, “Sheekni
Ji’arratti argame”, “Sheekni Libaanoosii fi sooriyaa jidduu
barare”, “sheekni Ibidda seena”, “Allaahu Akbar Inni yoo je’e
Ifaan dhaamee”, waan akkanaa hedduu dhageessa.
Sheeka Isaanirraa waan himaniirraahi sun, Isaan sheeka hoggaa
je’an nama tokko hin baanan Abdullaahi Hararii qofa itti fedhan.
Mee Karaamaalee Kitaaboota Ahbaashiin haalaan kabajju tokko
keessa jirtu wajjiin laallee namni hundi yaada itti haa kenninu,
haa kofallu.
Kitaabni “Xabaqaatul Kubraa” je’ama barreessaan Sha’raanii
je’ama. Ani namichi kun Filoosofara akka Abdullaahi Hararii
tahuu hin oluun shakka.
Sheektichi Kitaaba kana keessatti warra Inni Awliyaa Rabbiiti
je’uun maqaa dhahaa ebaluu akkana godhuu ture, ebelu
karaamaa Isaarraa akkanaa fi akkana jechaa ofa. Kitaabni
guutuun karaamaa namoota adda addaa hima. Karaamaa
Awliyaa Rabbiiti moo Awliyaa sheeyxaanaati kan je’u Isiniif
dhiisa?!
Wanni asi gaditti dubbiftan jecha sheekaati, kitaaba lakkoofsa
fuulaa barreessee jira. Ahbaashiin takka takka arraba
dheerachuu dura kitaaba laalaa.
Hubachiisa:
Barruu asi gadi namni umriin keessan 18tii gadii hin laalinaa.
Obboleyyan kiyya amantii jaraa fi karaamaa Isaanii isin
beeysisuu fedheeti. Silaa akka dubbii asi gaditti argitanii laale
hin barreessu, garuu maal goona kitaabaanuu maxxanfamee
jiraa?! Hedduu waan nama saalfachiisuu arguun keessan ni mala
kitaaba fuula ani je’e gubbaa laaluun waan kanaa olii akka
argitan isin godha.
Qalama Sunnaah kan Ahbaashii Saaxile Urjii Ahmad
50
Dhifama guddaa barruu fokkotaa akkanaa qopheessuu kiyyaaf.
Amma gara sheektichaa isin dabarsa Isumarraa dhagayaa.
Sheek Sha’raanii amma ati itti fufi:
1. Xabaqaata mujalada 2ffaa, fuula 142.
Sheekh Ibraahim Al-Uryaan (sheek Ibraahim qaama qullaa akka
jechuuti) Rabbi irraa haa jaalatu, inni bakka namoonni
gurguddaan walitti qabamanitti dhuufuu dhufa (hafuura gama
bakka udaaniitii bahu), san booda tun dhuufuu ebaluuti je’ee
khakhata. Saniirraa gurguddaan meeqa rifatee sodaata.)
“Ammas Inni Rabbi Isarraa haa jaalatu qaama qullaa Minbara ol
bahee khuxbaa godhaa ture, saniin ilmi namaa gammachiisa.”
2. Xabaqaatul Kubraa Mujalada 2ffaa, fuula 184:
Sheekh Saalih Abdul qaadir As-subki ((Inni dhiira Rabbiiti,
warra amrii adda addaa garagaggalchurraahi. “kashfii qaba
gidaaraa fii fageenyi waan namni dalagu argurraa Isa hin
dhorgu. Ilmi namaa waan mana Isaa keessaa dalagu hunda ni
arga. Gaafa tokko Intala bareedduu takka argee jaalate, fuudhuuf
gaafate. Huccuu Isaa guututti Isii fii Abbaa Isii duratti ifirraa
baase. San booda amma na laalladhu, booda qaamni isaa barasa
qaba akka hin jenne ykn waan biraa fokkotaa qaba osoo hin
jenne. Ammallee qaama Saalaa Isaa harkaan qabe. Ni je’een
‘laali akka gaaritti garana, booda qaamni Isaa kan saalaa
guddaadha hin dandahu akka naan hin jenne, ykn natti xiqqaata
akka hin jenne, sababaa saniin na jibbitee akka jaarsa biraa kan
meeshaa guddaa qabu hin barbaanne ammuma na laali’ je’en.))
3. Ammas Sheekh Abuu khodaah irraa karaamaa nuuf himu
deema. Tabaqaat mujalada 2ffaa, fuula 135.
((sheekhni kun Rabbi irraa haa jaalatu hoggaa intala ykn Ilma
dhiiraa bareedaa tokko argee yoo itti Ida’amu fedhe, gama
Qalama Sunnaah kan Ahbaashii Saaxile Urjii Ahmad
51
duuba (bakka udaanii) qaqqabatee waan fedhe itti dalaga,
abbaan fedhe jiraatus hin laalu. Irra hin kaayanne dalagaa Isaa
oofuu malee.))
4. Xabaqaat mujalada 2ffaa, fuula 185.
(((Sheekh Shaa’baan Al- Majzuub Rabbi irraa haa jaalatu. Nama
gheybii beeku ture, waan fuldura tahu himuu ture, …. Hoggaa
baatii (ji’a) arge, waan gabroottan irratti katabame hunda
hubata.))
“Ammaas Inni suuraa Quraanaa Osoo hin taane waan biraa
Masjida keessaa qara’a, irra guddaan namaa Quraanuma saha
waan wal fakkaatuuf, Inni garuu waan biraa qara’a.”
Akkana kunoo karaamaan jaraa!
Karaamaa nama Rabbitti amaneeti jechuuf hedduu namatti
ulfaata. Ahbaashiin sheekkooti adunyarra yeroo ammaa jiranii fi
kan dhuman hunda arrabsitee jirti, garuu Sheeka guddaa kitaaba
kana barreessee fi waan achi keessa jiru osoo maqaa hin dhahin
bira dabranii jiran.
Ajaa’ibni Isaanii waa hangana qofaa miti. Nama muslimaa
tokko dhiisii kaafirri dalagaa Awliyaaleen asi olitti daleyde kana
ni dalagan je’ee hin yaadu. Garuu hoggaa sheeyxaanni namatti
fakkeesse wanni hin bareenne hin jiru.
Rabbiin Karaamaa sheeyxaanaa jala deemurraa nu haa egu.
Aamiiin.
Qalama Sunnaah kan Ahbaashii Saaxile Urjii Ahmad
52
Sheek Rashaad Ahbaashii hogguu albaasu
Ahbaashiin Arkaana Isii keessaa tokko kijiba tahuu hin oolu.
Waan hunda kijibanii hanga yoom nama soban?! Sheek
Muhammad Rashaad jala deemnaa jettee nu sobuu feeti. Sheek
Muhammad Rashaad akka Isaanirraa qulqulluu tahe labsa
baasee web site Isaa keessa jira. www.rashaad.org
Sheek Muhammad Rashaad kitaaba Tafsiiraa ni qaba, garuu
Ahbaashiin Tafsiira san Ijaan laaltee hin beytu, Ittis hin
dalagattu. Ammalle Kitaaba Aqiidaa Xahawiyyaa Afaan
Oromootiin bareechee tolchee jira, Ahbaashiin hin fudhattu.
Kitaaba Aqiidaa Xahaawiyyaa Ahbaashiin kan Filoosoofar
Abdullaahi Hararii Isaaniif tolche qaban, Kitaabni sun Aqiidaa
Islaamaa qulqulluu jallisee falsafaa
bareechee dhiheessa.
Jechoota Sheek Muhammad Rashaad
mallattoo “ ...” kana keessan kaaya,
humaa itti hin Ida’u irraa hin irrisu.
Kitaaba aqiidaa xahawwiyyaa yoo tahe
fuula kitaabaa nin barreessa. Quraana yoo tahe Maqaa Suuraa fi
Aayaata nin barreessa.
Jecha kiyya ammoo Mallattoo (…) kana keessan kaaya. Wanni
mallattoo tana keessa jiru yaada sheek Muhammad Rashaad
irraa ka’ee kaniin ani barreessee tahuu beekaa.
Ahbaashii hundaaf, arrabaa fii bazabazaa keessan barreessuun
dura dubbisaa. Waan dubbiftan kana yoo shakkitan fuula
kitaabaa Isinii barreessee laalaa. Rabbiin dukkana Ijarra Isin
teessu Isinirraa haa kaasu.
Qalama Sunnaah kan Ahbaashii Saaxile Urjii Ahmad
53
Jallinni Ahbaashii eysaa akka jalqabu ni beeytanii? Yoo hin
beeyne “Laa Ilaaha Illallaahu” jallisanii hiikuudhaan eegala.
Mee amma kitaaba sheek Muhammad Rashaad wajjiin haa
laallu.
Sheek Muhammad Rashaad Ahbaashii Albaasee hoggaan je’u
dhugaan baana. Kunoo Inni akka armaan gadii kana je’a. hoggaa
kana Ahbaashiin hin albaatu jetteniiree?!
1. “Laa ilaaha illallaahu jechuun: Rabbii tokkicha malee,
kan ibaadaa akka salaataa, soomanaa, isaaf waa
qalu’uu,isa kadhatuuu haqa godhatu hin jiru; kan sifa akka
sifa isaa qabu hin jiru; kan humna wahiin argamsiisu qabu,
kan sifa waa hundaan beekuu qabu hin jiru, tanaaf jecha
kan waa uumu isa malee hin jiru. Rabbiin tokkichaa
yaadun, nama biraatif, sifa, akka sifa isaa kennuu dhabuu
ammallee nama biraatu, waa uumaa, nama razaqaa, ilmoo
namaa kennaa, nama ajjeesaa yaaduu dhabuu. Ammallee
nama isan tayeniitu ibaadaa haqa godhataa, yaaduu
dhabuu.
Namni Rabbiin tokkichaa yaadaa, waan biraa ibaadu,
iimaana hin qabu.”
Sharhu Matnil Aqiidatixxahawiyyaa, fuula:1
(kunii qooda Towhiidaa sadeen afaan Oromootiin
Ibsuudha, Kan Ibaadaa akka kadhachuu haqa godhatu hin
jiru Rabbi malee (Towhiidul Uluuhiyyaa je’ama), Kan
siifa akka sifa Isaa qabu hin jiru (Towhiidul Asmaa
wasifaat je’ama), kan waa uumu Isa malee hin jiru
(towhiidu Rubuubiyyaa je’ama) akkatti Ibsa sheek
Muhammad Rashaad aqiidaa warra Sunnaa.)
Qalama Sunnaah kan Ahbaashii Saaxile Urjii Ahmad
54
2. “Rabbiin Arshii irratti ol taye, ol tayinsa isaan malu kan
waan takkaatti isa fakkeesun keessa hin jirre, kan waan
inni ifiin yaame diduun keesa hin jirre, maalif Rabbi
waan uumametti fakkeessun kufrii waan Rabbiin ifiin
yaame diduunis kufrii” Tafsiira Quraanaa Suuraa Xaahaa: 5
“ Ammoo Rabbiin guddaan ol tahe, waan uume hundaa oli.
Arshii waan inni uume keessaa irra guddoorratti ol tahe jechuun
hin dhoowwamu shari’aatu dhufeen……“Namni Afaan
Oromoodhaa beeku, kan Rabbiin ol tahu wallaale hin jiru.”
Sharhu Matnil Aqiidatixxahawiyyaa, fuula: 35-36
(wanni asii olitti dubbiftan kuni hundi kitaaba sheek Muhammad
Rashaad fuula dubbatame kana gubbaa yoo hin jiraanne,
Ahbaashiin laaltee nuuf haa himtu. Sheek Muhammad Rashaad
kitaaba Isaa keessatti kana barreessee jira, Anaa miti kan
barreessi je’an. Inni waan muslimoonni amanan barreesse, Anis
muslima waanin taheef hikkaa Isaa argee amanee jira. Kuni
Aqiidaa Muslimootaati Rasuula s.a.w irraa eegalee warri karaa
sunnaa deeman hundi Rabbiin Arshiirratti akka Isaan malutti ol
tahuu Isaa ni amanan. Kanas Rabbumaatu Quraana Keessatti
nuuf hime).
3. “Qur’aanni Rabbiin Nabi Muhammadirratti buuse dubbi
Rabbiiti, Rabbumaatu dubbate. Jibriil Rabbirraa dhagayee,
nabi Muhammad jibriilirraa dhagayee, ummanni nabi
muhammadirraa dhagaye.”
Sharhu matnil aqiidatixxahawiyya, fuula :20-21
(Sheek Muhammad Rashaad Quraana Jibriil Rabbirraa
dhagayee, Nabi Muhammad dhageesisee jechaa jira. Akka
Ahbaashiin jettu jechi Rabbii hin dhagayamuu hin jenne,
Jibriil keessatti jecha Isaa kan Azalii uume hin jenne. Ni
dhagayee jechaa jira. Rabbiin keenya ni dubbata, Abbaa
Qalama Sunnaah kan Ahbaashii Saaxile Urjii Ahmad
55
fedhe dubbisa. Yeroo fedhe dubbata. Waan fedhe dubbata.
Namni inni dubbise jecha Isaa ni dhagaya.)
4. “Rabbiin Ija ni qaba haa tayuu akka Ija waan uumameetii
miti.”
Sharhumatnil aqiidatixxahawiyyaa fuula: 33-34
(Rabbiin Ija qaba, ni arga. Garuu Ijji Isaa tan uumamaa hin
fakkaattu. Ija Isaan maltu qaba. Wanni hundi Ija isiin
maltu qabdi. Ijji ra’ee Ija namaa hin fakkaattu. Iji Rabbiitis
Ija waan uumamee takkallee hin fakkaattu. Kanaaf warri
sunnaa waan Rabbiin nin qaba ja’e hin qabduu hin
ja’aniin.).
5. “Rabbiin harka ni qaba. Haa tayuu akka harka keenyaatii
miti.
Sharhumatnil aqiidatixxahawiyyaa fuula: 33-34
(Rabbiin harka Isaan malu qaba, kanas Isaatu dubbate malee
nuti kijiba Isarra kaayuu hin dandeenyu. Sheek Muhammad
Rashaad Aqiidaa warra sunnaa addeesse. Rabbiin sifa Isaan
malte qaba. Dubbiin akka Ahbaashii jettuu miti.)
6. “Asaabaa nabi Muhammad, nama isaanirraa taye,
tokkolleedharraa hin cinnu. Hundi isaanii jaalalloota
keenya. Nama asaabaa nabi Muhammad jibbu hunda, ni
jibbina.”
Sharhu matnil aqiidatixxahawiyya, fuula : 117-118
(Tunis aqiidaa warra sunnaati Sahaabaa hunda ni jaalanna,
waan Isaan jidduutti argames Rabbiif dhiifna. Tokkollee
maqaa hamaadhaan hin kaafnu. Aqiidaan warra sunnaa
tana. Tan falsafaa ammo abbaa fedhan keessaa arrabsuu fi
xiqqeessuudha. Rabbi nu haa tiysu jallina falsafaa irraa.)
Qalama Sunnaah kan Ahbaashii Saaxile Urjii Ahmad
56
7. (Sheek Muhammad Rashaad Rabbiin guyyaa qiyaamaa
akka murtii godhuuf dhufu hoggaa dubbatu akkana je’ee)
“Gaafa Rabbiin kee amrii isaatin dhufe dhufiinsa isaan
malu,”
Al-Fajr: 21-22
(Aqiidaan warra sunnaa Rabbiin guyyaa qiyaamaa akka Isaan
malutti dhufa jechuu amanan. Halkan gama boodaa akka
Isaan malutti gama samii adunyaatti gad bu’a jechuu amanan.
Kanas Quraanaa fii Hadiisa irraa baratan malee ifiif
uumaniitii miti. Garuu warri falsafaa jala deemu kaafira nuun
je’an. Rabbiin jallina falsafaarraa nu haa tiysu.)
Ahbaashiin yoo maal jetti?
1. Laa ilaaha illallaahu jechuun Rabbii malee kan waa uumu
hin jiru jechuu.
(Kana Ragaa fiduun barbaachisaa miti Isaanuu hin
khaadan. Akka sheek Muhammad Rashaad itti hike ol
deebi’aa laalaa. Ibaadaa haqa kan godhatu, sifa akka sifa
Isaa kan qabu hin jiru jechuu wanni irraa dhiisaniif,
Shirkiif akka Isaaniif mijjaawu, Akka qabrii yaammachuuf
Isaaniif tolu, Rabbiin sifa hin qabu jechuuf hiikkaa akkatti
jallisan. Na’uzubillaah. Kan yaammachuu haqa godhatu
Rabbi malee hin jiru jechuuf nu jibban.)
2. Rabbiin ol hin jiru, gad hin jiru, mirgaa fii bitaas hin jiru,
duraa fi duubas hin jiru, adunyaa keessa hin jiru, adunyaa
alas hin jiru.
(Kanas Ragaa fiduun barbaachisaa miti Isaanuu hin
khaadan.)
3. Quraanni jecha Rabbiin dubbatee miti. Rabbiin azalitti
(osoo waa hin uumin) jecha Isaa kana Jibriil keessatti
uume. Jibriil waan Isa keessatti uumame dubbate malee
Rabbiin ifiif hin dubbatu. Rabbiin jecha dhagayamu, kan
qubee qabu dubbata jechuun kufriidha.
Qalama Sunnaah kan Ahbaashii Saaxile Urjii Ahmad
57
(Falsafaa tana numa laalaa, bar wanni Isaan je’an
namaafuu hin galu. Mee jecha sheek Muhammad Rashaad
kan sunnaa sanii fii kan falsafaa kana wal biratti laalaa.)
4. Rabbiin Ija hin qabu, ni qaba jechuun Rabbitti qaama
godhuudha, kanaaf kufriidha. Rabbiin harka hin qabu, ni
qaba jechuun kufriidha.
(Ulfina jecha falsafaa kana numa laalaa, Ani Rabbirran
beekaa nama je’u maal jettaniin?)
5. (Sahaabaa akka Mu’awiyaa, A’ishaa, Rabbi irraa haa
jaalatu zaalima jechuun itti muranii jiran.)
6. Rabbiin ni dhufa jechuun Uumatti Isaa fakkeessuudha,
kunis kufriidha.
Yaa Obboleyyan tana Amantii je’anii itti nu yaaman. Falsafaa
Isiniif wayya moo karaa Sunnaa kan Kitaaba sheek Muhammad
Rashaad keessa jiru kana?
JAALALA RASUULAA S.A.W FII KIJIBA AHBAASHII
Dura wanni beekuu qabnu Rasuula s.a.w jaalachuun Islaama
keessatti waan filannoo qabuu miti. Rasuula s.a.w jaalachuun
Arkaana (Utubaa) Islaamaa fi Arkaana Iimaanaatti amanuudha.
Namni Arkaana Islaamaa fii Arkaana Iimaanaa keessaa tokko
jibbe Muslima hin tahu, Inni kaafira.
Rasuula s.a.w jaalachuun dirqama amantii Rabbii keessatti. Isa
jala deemuun dirqama, Isaaf tumsuun dirqama, lubbuu ifii
caalaa Rasuula s.a.w jaalachuun dirqama malee filannoo miti.
Ahbaashiin akkuma amma dura Isiniif himaa ture kijiba malee
jiraachuun Isaaniif akka waan haraamaati. Yoo fedhan kaafira,
Yoo fedhan wahbiyyaa, yoo fedhan khawaarijaa, yoo fedhan
warra Rasuula s.a.w jibbu, warra Jihaadaa, waanuma fedhe haa
tahuu dhugaas tahee kijiba dubbatanii Islaama adda facaasuudha
kaayyoon Isaanii.
Qalama Sunnaah kan Ahbaashii Saaxile Urjii Ahmad
58
Jaalala Rabbii fii Rasuulaa s.a.w wanni caalu tokko hin jiru,
lubbuu ifii, hadhaa fii abbaa, ilmaanii fii Adunyaa guuturra
Rabbii fii Rasuula s.a.w jaalatan malee Iimaanni namaa hin
guuttamu.
Gaafa tokko Umar binu Al-khaxxaab Rabbi irraa haa jaalatu
Rasuulaan s.a.w “waan hunda caalaan si jaaladha, lubbuu too
malee je’en.’ Rasuulli s.a.w “Lakkii! Yaa Umar hin amanne
hanga lubbuu tee caalaa na jaalatuu” je’en. Umaris Rabbi irraa
haa jaalatuu “yaa Rasuula s.a.w ati amma lubbuu tiyya caalaa
jaalatamaadha” je’en. Rasuulli s.a.w “Amma yaa Umar!
(Iimaanni kee guuttame)” je’een.
Hadiisa biraa keessatti Rasuulli s.a.w “tokkoon keessan hin
amanu, hanga ani abbaa fii haadha isaarra, Ilmaan Isaarra
akkasumas Ilmaan namaa cufarra gama Isaatti jaalatamaa
tahuu.” Ja’an.
Jaalala Afaanii hin baanu Rasuulli s.a.w hadiisa dabarsine
lamaan keessatti.
Namni Rasuula s.a.w jaaladha je’u, Jaalalti sun waan Isarratti
dirqama gootuutu jira.
Sanirraa:
1. Rabbii fii Rasuula s.a.w waan ajajan guututti fudhachuun
hojirra olchuu, waan irraa dhorgan irraa dhorgamuudha.
Rabbiin warra Rabbi jaalanna je’u hundaan Rasuula s.a.w
jala deemuutu na jaalachuudha je’ee jira.
“Yaa Ergamaa kiyya Muhammad! Wanni orma
mu’minaatiin jettu, yoo kan Rabbi jaalattan taatan, na jala
deemaa, karaan an dhufeen qabadhaa, Gaafas Rabbiin Isin
jaalataa, dilii teessan hunda Isinif araarama.” Al-Imraan,
Ayaata 31.
Qalama Sunnaah kan Ahbaashii Saaxile Urjii Ahmad
59
Kanaaf namni Rabbii fi Rasuula s.a.w nin jaaladhaa
himatu Aayaata tana dhaabbatee haa laalu.!
Falsafaa ifiif uumanii jala deemuun Rasuula s.a.w jala
deemu hin taatu.
2. Quraana jaalachuu fii jala deemuu qaba. Ayyoon teenya
A’ishaa (RIH) haala Rasuulaa s.a.w irraa gaafatamtee
“Haalli Isaa Quraana ture” jechuun deebiste. Rasuulli
s.a.w Quraana lafarra deemu ture. Bakka Inni ajaje hunda
dalagaa, bakka irraa dhorgerraa dhorgamaa namas dhorgaa
ture. Quraana khallafee hin beeku.
3. Yeroo hunda Zikrii guddisuudha afaanii fii qalbiin. Kunis
mallatoo jaalala Rabbii fi Rasuulaati s.a.w. Namni waan
jaalatu hin dagatu.
4. Lubbuu ifii fi haadhaa abbaa caalaa Rabbii fi Rasuula s.aw
jaalachuu qaba.
5. Inni Ergamaa Ilmaan namaa hunda tahuu amanuu qaba.
Rasuulli s.a.w Muslimoota qofaaf osoo hin taane jinni fii
ilma namaa hunda hanga guyyaa qiyaamaatti itti ergamee
jira.
6. Rasuula s.a.w arguuf hawwiidha, saniif Rabbitti
booyuudha akka Rasuulaa s.a.w wajjiin tahuuf (guyyaa
qiyaamaa).
7. Sunnaa Isaatiif tumsuu, itti dalaguu, Sunnaa Isaa facaasuu,
hamtuu irraa deebisuu, Karaa Isaa keessatti jihaada
godhuu qaba.
8. Salawaata Isarratti buusuu guddisuu qaba, yeroo hunda.
9. Akhlaaqa (haala) Isaa qabaachuuf yaaluu qaba.
10. Sahaabaa fii Maatii Isaa (Ahlul beytii) jaalachuu
qaba. Isaan nama hamtuun kaasu dura dhaabbate haqa
Isaan qaban ibsuu qaba.
11. Seenaa Rasuulaa s.a.w (siiraa) akkaan jala deemee
dubbisuu jaalachuun mallattoo jaalala Rasuulaa s.a.w.
Qalama Sunnaah kan Ahbaashii Saaxile Urjii Ahmad
60
Obboleyyan kuni Mallatoo jaalala Rasuulaa s.a.w hoggaa tahu,
Irra guddaan muslimaa qaphxiilee kaafne kana keessaa hanguma
Iimaanaan wal caaluun itti dalaga. Muslimni hundi jaalala
Rasuulaa s.a.w keessatti tokkoo miti wal caalan. Abubakar As-
siddiiq sahaabaa hunda caalaa nama Rasuula s.a.w jaalatu ture.
Sahaabaan hundi jaalala Rasuulaa s.a.w ni qaban, garuu hanga
Abubakar kan Rasuula s.a.w jaalatu hin jiru. Akkasuma ammas
namni hundi wal qixaa miti akkuma Iimaanni namaa wal
caaluun jaalalli Rasuulaaf qaban wal caala.
Kanaaf Muslimni hundi Rasuula s.a.w ni jaalata yoo xiqqoollee
kan hin jaalanne tahe, Ergamaa Rabbii tahuu hin amanne
jechuudha, namni Isatti hin amanin kaafira je’ama. Rasuula
s.a.w namni jaalatu hundi Muslima jechuunis hin taatu, Namni
firummaaf Isa jaalatu kan akka Abuu Xaalib Muslimaa miti.
Akkasuma Kaafirri hedduun yeroo siiraa Isaa dubbisan Mootiin
akka Muhammad hin argamne jechuun akka nama mootii
tokkotti Isa jaalatan jarri kunis Kaafira. Garuu Ergamaa Rabbii
s.a.w waan taheef Isa jaalatee kan itti amaneetu Muslima
dhugaati.
Ahbaashiin Jaalala Rasuulaa s.a.w akkamitti beekan?
1. Rasuula s.a.w ni jaalanna jechuun Isuma akka Rabbiitti
gabbaruudha jaalala jechuun, fkn Rooba Roobsuuf,
dhukkuba fayyisuuf, lola biyyarraa deebisuuf Rasuula
s.a.w kadhadhaa je’an.
2. Rasuula s.a.w jaalanna jechuun Ahbaashii biratti maqaa
Isaatiin Mowlida godhanii shubbisuun dirqama. Yoo akkas
hin goone Rasuula s.a.w hin jaalattu sin je’an. Abubakar
As-siddiiq Mowlida waan hin godhiniif Rasuula s.a.w hin
jaalatu jechuudha akka Isaan jedhan kanatti.
Qalama Sunnaah kan Ahbaashii Saaxile Urjii Ahmad
61
3. Maqaa Rasuulaatiin zikrii je’anii dhalaa fi dhirri Madraka
gubbaa bahanii wallisuu fi dannasuudha qaban. Sunis
zikrii je’ama.
4. Ajaja Rasuulaa s.a.w fudhattee fii dhiiftee amatatti guyyaa
muraasa Markazaa Isaanii dheyxee wajjiin caffarraan ati
Rasuula s.a.w haalaan jaalatta jechuudha.
5. Hadiisa Rasuulaa s.a.w kan Bukhaarii fi Muslim keessa
jiru Muslimoonni Adunyaa hundi qeebaluurratti waliif
galan ahbaashiin hadiisa fedhii Isii jalaa xuqu hin fudhattu.
6. Quraana qara’uu caalaa daansii (shubbisa) godhuutu Isaan
jaalachiisa.
Ahbaashii haala kanaa fi kana fakkaatu keessa teessee wanni
nun jettu, Isin Rasuula s.a.w hin jaalattan jechuun kijiba
afuufuudha.
Ahbaashii fii Kiristaanni wal fakkii!
Kiristaanni (Iyasuus) Iisaa Ilma Mayam, Gabreelii (Jibriil),
Maariyaamii (Maryam), Mikaa’iil akka Isaan uumaa Rabbii
tahan ni amanan garuu Isaan kana ni khadhatan, Roobaa fi
qabeenyas Rabbirraa nuuf fidaa je’anii Isaaniif qalan, Isaaniif
silata godhan. Muslimni garuu, Malaaykaa Rabbii ni jaalatan,
Maryam ni jaalatan, Iisaa Ilma Maryam ni jaalatan. Garuu Isaan
hin kadhatan.
Kiristaanni yoo Iisaa hin jaalattan, Maryam hin jaalattan nun
je’an nama ni ajaa’ibaa?!
Kanaaf Ahbaashiin Rasuula s.a.w hin jaalattan hoggaa je’an
akkuma kiristaanni Iisaa Ilma maryam hin jaalattu siin je’eetti
lakkaawi, hin gabbartan jechuudha itti fedhan.
Qalama Sunnaah kan Ahbaashii Saaxile Urjii Ahmad
62
Shi’aa fii Ahbaashiin wal fakkii!
Shii’aan ummata kijibaa akka Ahbaashii tokko. Isaan nuti warra
mana Rasuulaa s.a.w (Ahlul beytii) ni jaalanna je’anii Isaanuma
gabbaruutti seenan. Jaalala jechuun Isaan biratti Aliyyi binu
Abii Xaalib, Ilmaan Isaa Husseen fi Hassan akka Rabbitti
gabbaruudha. Rooba, Rizqii, balaa deebisuu kan dandahu Isaan
biratti Aliyyii fii Ilmaan Isaati. Jarri kijibaan shii’aa kun warra
Sunnaa hoggaa arrabsan Ahlul Beytii (maatii Rasuulaa s.a.w)
hin jaalattan nun ja’an. Garuu kunis kijiba akka Ahbaashii sani,
warri Sunnaa maatii Rasuulaa s.a.w (Ahlul Beytii) ni jaalatan
garuu Isaan hin gabbaran.
Shii’aan yoo ati Rasuula s.a.w hin jaalattu sin je’an hin rifatin.
Isaan hin gabbartuu jechuu itti fedhan.
Ahbaashiin Rasuula s.a.w warra hin jaalanne yoo je’an, warra
Rasuula s.a.w hin gabbarre jechuu itti fedhan.
Falsafaan Ahbaashii tan jaalala Rasuulaa tana fakkaatti. Isa
gabbaruu fi Isa jaalachuu maaltu walitti fide?
Rabbiin warra maqaa Jaalalaatiin Shirkii dalagu kanarraa nu haa
baraaru.
Tana kunoo Ahlusunnaa Suufiyyaan Mallas nuuf fide.
Rabbiin mala Isaan baasan kana fashalee kunoo arra namni
Ahbaashii dhagayuu didee jira.
Injifannoon tan Islaamaati!
Allaahu Akbar!
Qalama Sunnaah kan Ahbaashii Saaxile Urjii Ahmad
63
Mala Gabaabaa Ahbaashii Albaasuuf
Ahbaashii ifirraa albaasuuf beekkumsa guddaan hin
barbaachisu. Dura Isaan kijibdoota tahuu Isaanii beekuun
barbaachisaadha, eega Isaan warra kijibaa tahuu beyte dhukkee
irraa kaasuun salphaadha.
Akkamitti hin jettu?
Kunoo malli!
Dura Ahbaashiin hoggaa wal qunnamte Wahbiyyaa jecha je’uun
haasawa eegalan. Isaan eenyuun akka Wahbiyyaa je’an
dubbannee dabarsinee jirra. Kanaaf Ati hogga Isaan qunnamte
Wahbiyyaa Isaan wajjiin arrabsuun dubbii eegalta.
Haasawa Ahbaashii fii Sunnii jiddutti argama haala kanaan haa
laallu.
Ahbaashii: Wahbiyyaan kaafira, Isaan warra Islaama balleesuuf
Yahuudan ergame.
Sunnii: Wahbiyyaan tun silaa eysa jirti?
Ahbaashii: Namicha Yahuudaan ergatte kan Abdulwahhaab
je’amuutu su’uditti Isaan argamsiise.
Sunnii: Maali badiin Isaanii?
Ahbaashii: Isaan Kaafira, Awliyaa Rabbii arrabsan, Rasuula
s.a.w hin jaalatan, Rabbi uumatti fakkessan.
Sunnii: Akkuma ati jettu kana yoo tahan jarri dhugumaan
badaadha. Garuu ani Isaan kana argee hin beeku. Ani Afaan
Oromoo waanin beekuuf Kitaaba Sheek Muhammad Rashaad
jalan deema. Wahbiyyaa ati jettu tanas gaafan arge kitaabuma
Sheek Muhammad Rashaadin dura qaba. Ati hoo?
Qalama Sunnaah kan Ahbaashii Saaxile Urjii Ahmad
64
Ahbaashii: Wahbiyyaan Sheek Muhammad Rashaad Kaafira
jettin, Sheek Abdullaahi Hararii fii Sheek Muhammad Rashaad
aqiidaan Isaanii takka. Wahbiyyaan Mujjasimaadha (Rabbi
nama fakkata je’an).
Sunnii: Ani Wahbiyyaa hin beeku, Ani Islaaman beeka. Ani
akka sheek Muhammad Rashaad je’u nin je’a, ati yoo ni jettaa?
Ahbaashii: eeyyee! Sheek Muhammad Rashaad Suufiyyaadha,
Inni Wahbiyyaa miti.
Sunnii: Ee! Sheekni Wahbiyyaa miti. Garuu Ati waan sheekni
je’u nin fudhaa erga jette, waa si gaafadhuu?
Ahbaashii: eeyyee!
Sunnii: Rabbiin ati gabbartu eysa jira?
Ahbaashii: Rabbiin olii fii Gad hin jiru, duraa fii duubas hin jiru,
mirgaa fii bitas hin jiru, Adunyaa keessa hin jiru, Adunyaa alas
hin jiru, “Allaahu Mowjudun bilaa makaan” Bakka malee jira.
Sunnii: Waan ati jettu kana hunda Kitaaba Sheek Muhammad
Rashaad dubbisee hin agarre. Ani kanin Sheekarraa dhagaye
Tafsiira Suuraa Xahaa, Aayaata 5ffaa irratti “Rabbiin
Arshiirratti akka Isaan malutti ol tahe” Ani kanan amana.
Ahbaashii: Kuni jecha Wahbiyyaati, Kufriidha.
Sunnii: Sheek Muhammad Rashaad kaafira jechuu keetii?
Ahbaashii: Sheek Muhammad Rashaad Suufiyyaadha, Wahbiin
Isa hin jaalattu, amma karaa Isaatiin dhuftanii?
Sunnii: Ani kitaaba sheekaa malee kan Wahbiyyaa kana hin
beeku, Kitaaba sheekarraa sii gaafadhee maaliif gara biraa
deemta? Wahbiyyaan Sheek Muhammad Rashaad Jaalachuu
baattu Ani nin jaaladhaa, amma anumaa wajjiin haasawi.
Qalama Sunnaah kan Ahbaashii Saaxile Urjii Ahmad
65
Ahbaashii: Sheekni Suufiyyaadha, Ahlusunnaa wal jama’aa
suufiyyaa, sheeka duraan ni jibbitanii amma maaliif gama Isaa
deebitan.
Sunnii: Hayyee! Tana diddee bira haa dabarruu. Rabbiin Harka
Isaan malu ni qabaa, Ija ni qabaa, Rabbiin ni dubbataa?
Ahbaashii: Kufriidha kun! Jecha Muhammad Abdulwahhabii fii
Ibnu Teymiyyaan uuman, Rabbii balaa itti haa buusu.
Sunnii: Ani Abdulwahhaab fii Ibnu Teymiyyaa maqaa hin
kaasne, Ani Afaan Oromoo nin beeka, Kitaaba Afaan Oromoo
kan Sheekaa qofaan waliif haa gallu.
Sheek Muhammad Rashaad “Rabbiin Harka Isaan Malu qaba,
Ija Isaan maltu qaba, Rabbiin ni dubbata akka Isaan malutti,
Quraanni jecha Rabbiiti, Jibriil Rabbirraa dhagaye, Nabi
Muhammad Jibriil irraa dhagaye” kuni jechoota sheekaa kan
Aqiidaa Xahawiyyaa keessa jiru. Fuula 20-21 fii fuula: 33-34.
Kana ni amantaa?
Ahbaashii: Ati Wahbiyyaadha. Kanaaf si wajjiin hin haasawu.
Ibnu Teymiyyaa fii Abdulwahhaab Sheeyxaana. Isaan jala
deemtan. Wahbiyyaan Mujjasimaadha.
Sunnii: Hanga ammaa hoggan si waliin haasawu Ibnu
Teymiyyaa fi Abdulwahhaab maqaa hin kaafne. Maaliif gaafii
kiyya dhiiftee gama Isaanii fiydi. Hayyee siif haa tahu Ibnu
Teymiyyaa fii Abdulwahhaab Mujjasimaadha. Isaan dhiisii
amma kara sheek Muhammad Rashaad nu deebisi. Aqiidaa
Sheek Muhammad Rashaad nin fudhaa jettee turtee bar. Ammas
Abdullaahi Hararii fii Muhammad Rashaad Aqiidaa takka
qabanii jettee turte, duuba aqiidaan teeysan erga takka taate
maaf fudhachuu didda?
Qalama Sunnaah kan Ahbaashii Saaxile Urjii Ahmad
66
Ahbaashii: Ibnu Teymiyyaan Sheeyxaana, Rabbiin Arshiirra
taa’a je’a. Ahlusunnaa Suufiyyaan “Rabbiin bakka malee jira”
je’an.
Sunnii: Ani Ibnu Teymiyyaa fii Ahlusunnaa Suufiyyaa sin
gaafannee bar! Sheek Muhammad Rashaad Wahbiyyaadhaa?
Inni yoo Wahbiyyaa tahe, Anis Wahbiyyaadha.
Ahbaashii: Ati Kaafira sii waliin hin dubbadhu. Sheekni Keenya
Wahbiyyaa wajjiin hin dubbatinaa nun je’e.
Sunnii: Sheekni keessan Wahbiyyaa wajjiin hin dubbatinaa sin
je’e malee Sheek Muhammad Rashaad wajjiin hin dubbatinaa
way je’ee? Ani kitaaba Sheek Muhammad Rashaad qofan
beeka, kanaaf Afaan Oromoo yoo beeke Sheeka keessan san
bira na geysi.
Ahbaashii: Wahbiyyaan Sheek keenya dura dhaabbachuu hin
dandeessu, Wahbiyyaan nu sodaatti.
Sunnii: Ani hin sodaadhuu na geysi. Kitaaba Sheek Rashaad yoo
diddan Isin Suufiyyaa akkami?
Ahbaashii: Kitaaba Abdullaahi Hararii malee hin feenu.
Sunnii: Kitaaba keessan hin fedhu. Kitaaba Islaamaa malee.
Dubbiin akkana kunoo jara keenya kitaaba Sheek
Muhammad Rashaad hin fudhatan. Kanaaf Isaan albaasuuf
Afaan Arabaa beekuun hin barbaachisu, Ulamaa’ii tahuun
hin barbaachisu. Kitaaba Sheek Rashaad Aqiidaa
Xahawiyyaa fii Tafsiira beekuun gahaadha.
AhbaashiiAlbaasuuf if hin rakkin, Wahbiyyaas Isaanuma
wajjiin arrabsi, Sheekkootii Isaan arrabsan hunda Isaan
wajjiin arrabsi, Kitaaba Sheek Rashaad qofa akka fudhatan
gaafadhu, hoggaa akkas goote Ahbaashiin kijibduun bakka
seentu dhabdee albaatii raphaa si biraa fiydi.
Qalama Sunnaah kan Ahbaashii Saaxile Urjii Ahmad
67
XUMURA
Obboleyyan Kitaaba duraa xumurame.
Fuulli kitaaba kanaa xiqqaadha, garuu waan hedduu keessa jira.
Inshaallaah Kitaabni kun Ahbaashii ifirraa dhorguuf Misaa’eela
tahuu baatu Kilaash tahuu hin dadhabu, Kilaash yoo hin tahinis
Mancaa Ahbaashii Albaasu ni taha.
Ahbaashii Kijibduun akka diina keenyaaf daran daleynu nu
gooti malee booda nun deebiftu.
Namni dubbistan hundi du’aaii teeysaniin nan dagatinaa.
Rabbiin yoo fedhe kitaaba biraatiin walitti deebina.
Nagayaa fii faaruun Rabbii Ergamaa Rahmataa irratti haa
jiraatu.
Urjii Ahmad
Jum’aa galgala, Gurraandhala 8, 2013
Jum’aa galgala, Rabi’u Saanii, 25, 1434