57
USAID/READ CO Sadarkaa Hawaasaatti, Maanuwaalii Dalagaalee Ogummaa Dubbisuufi Barreessuu Guddisuu Ministry of Education

USAID/READ CO Sadarkaa Hawaasaatti, Maanuwaaliipdf.usaid.gov/pdf_docs/PA00MG27.pdf · Kunis ijoollee waliin haasa’uu, ... 6 meeshaalee dabalataan dubbifaman kanneen akka tapha qubeewwanii,

Embed Size (px)

Citation preview

USAID/READ CO

Sadarkaa Hawaasaatti, Maanuwaalii Dalagaalee Ogummaa Dubbisuufi

Barreessuu Guddisuu

Ministry of Education

The READ CO Project

Launched in January 2015, the USAID-funded Reading for Ethiopia’s Achievement Developed Community Outreach (READ CO) is a four-year initiative to increase access to grade-level appropriate reading materials, provide children with opportunities to practice reading, and strengthen parental and community engagement in support of children’s learning to read. This initiative supports the national READ Program effort to address the learning needs of 15 million primary grade students in seven (7) Ethiopian Languages (Amharic, Afaan Oromoo, Sidaamu Afoo, Af-Soomaali, Tigrinya, Wolayttatto and Hadiyyissa).

READ CO is implemented by Save the Children and its regional NGO partners Amhara Development Association (ADA), Tigray Development Association (TDA), Adult and Non-formal Education Association of Ethiopia (ANFEAE), the Organization for Welfare and Development in Action (OWDA) and the Save the Children South Hub (in SNNPR).

USAID/READ CO

Sadarkaa Hawaasaatti, Maanuwaalii Dalagaalee

Ogummaa Dubbisuufi Barreessuu Guddisuu

Reading for Ethiopia’s Achievement DevelopedCommunity Outreach (READ CO)

Cooperative Agreement No: AID 663-A-15-00003

September 2016

DISCLAIMERThis Manual was produced with support from the U.S. Agency for International Development through USAID/Ethiopia READ CO, under Cooperative Agreement No. AID-663-A-15-00003.

This Publication was prepared by Save the Children. The author’s views expressed in this publication do not necessarily reflect the views of the United States Agency for International Development or the United States Government.

Ministry of Education

AcknowledgementsThis manual was developed in consultation with experts nominated by the MOE, RSEBs, ZEDs and USAID/READ CO. Financial support for development of the manual was provided by USAID, and technical support and contributions were provided by the MOE and READ CO.

These experts developed the Working Manual for Master Trainers Training, Trainings of Level one and Level Two for /USAID/READ CO target schools and community. The manual is also used as a reference while implementing the school level and community level reading and writing activities. READ CO would like to thank all those who participated in this important effort. READ CO is grateful to each participant who shared their knowledge and skills’, dedicating themselves to helping schools and communities to support children’s reading, writing, speaking, and listening in their Mother Tongue languages.

The Manual Development Working Group

Abera Mekonnen, SCI Education and Youth Head

Belainesh Woubshet, USAID /READ CO, Reading Materials Specialist

Carol DeShano da Silva (Dr.), Senior Advisor, Basic Education, Save the Children USA

Elias Ermias, USAID/READ CO Inclusion Specialist

Helen Boxwill, USAID/READ CO, International Reading Consultant

Mark Hamilton (Dr.), USAID/READ CO, COP

Mulugeta Deressa, USAID/READ CO, Community Outreach Specialist

Oumer Mohammed, SCI Education Program Specialist

Suadik Hassen, USAID/READ CO, COP

Tizazu Asare, SCI Education Head

Reviewers

MOE SIP, and Mother Tongue and English Language Development Directorates, READ CO Local Languages Consultants, READ Core/Master Trainers

READ CO and Partners

USAID/READ CO Team,TDA Team,ADA Team,ANFEAE Team,OWDA Team

Designers

Asegid Senbu, Meskerem Eshetu, Netsanet K/Mariam

Baafata

Seensa �������������������������������������������������������������������������������������������������������������������������������������������������� 1

1� Baankii Kitaabaa ��������������������������������������������������������������������������������������������������������������������������� 3

2� Buufata Dubbisaa��������������������������������������������������������������������������������������������������������������������������� 4

3� Fedhaan tajaajiltoota haawaasa dubbisiisan������������������������������������������������������������������������������� 6

4� Meeshaalee dabalataan dubbifaman �������������������������������������������������������������������������������������������� 9

5. Hirmaannaa Maatiifi Hawaasaa ������������������������������������������������������������������������������������������������� 11

Dabalee ���������������������������������������������������������������������������������������������������������������������������������������������� 29

Sadarkaa Hawaasaatti, Maanuwaalii Dalagaalee Ogummaa Dubbisuufi Barreessuu Guddisuu 1

SeensaMaanuwaaliin dalagaalee dubbisuu sadarkaa hawaasaatti qophaa’e kun qaamolee hedduu gragaara. Isaan keessaa muraasni fedhaan dubbistoota hawaasaa, barsiistota afaan dhalootaa, hoogganaafi ittaanaa mana barnootaa, miseensota hawaasaafi gorsitoota manneen barnoota naannichaa, irra caalaa ammoo maatiiwwan, guddistoota, gamtaa maatii barsiistotaafi barattootaafi kaneen akka barattoonni ogummaawwan dubbisuufi barreessuu gabbifatan warra taasisan hunda ta’uu danda’u. Dabalataanis, maanu’aalichi akkamitti ijoolleen ogummaawwaan dubbisuu isaanii hawaasicha keessatti akka gabbataniifi haala walitti fufiinsa qabuun dalagaan dubbisuu isaanii akka geggeeffamu hoogganuufi gargaaruun akkamitti akka danda’am irratti hubannoo horachiisa.

Maanua’iin dalagaalee dubbisuurratti sadarkaa hawaasaatti qophaa’an kutaa gurguddaa shan qabu. Isaanis,

1. Baankii Kitaabaa

2. Buufata Dubbisaa

3. Fedhaan tajaajiltoota hawaasa dubbisiisan

4. Meeshaalee Dabalataan Dubbifaman

5. Hirmaannaa maatiifi Hawaasaa

1. Baankii KitaabaaBaankiin kitaabaa bakka yookiin kutaa kitaabileen dabalataa kan barattoonniifi miseensonni hawaasaa dubbisan itti kuufamanidha. Itti dabalees, kitaabaa walitti qabama kitaabilee dabalataan dubbifamanii kan afaan barattoonniifi miseensonni hawaasaa dubbachuufi hubachuu danda’aniin qophaa’eeti.

Kutaan kun kitaabilee dabalataa ‘READ Co’n qopheessetti dabalaee qabiyyee, bakka, bulchiinsaafi gumaacha kitaabilee barbaachisoo ta’anii baankii kitaanichaa sana guutuuf miseensonni hawaasaa taasisaniin qophaa’an kan agarsiisudha.

2. Buufata dubbisaaBuufanni dubbisaa bakka barattoonniifi misensonni hawaasaa itti meeshaalee dubbifaman adda addaatiin itti walbaranidha. Yeroo buufata dubbisuu dhaqan barattoonni dalagaalee dubbisuu adda addaa shaakaluu keessatti hirmaatu. Kanaafuu yeroo taphachuu, yeroo seeneffama dhaggeeffachuu, yeroo waliin haasa’uufi yeroo dubbisuu argatu.Maanuwaaliin buufata dubbisaa kun kan inni of keessatti haammaatu:

a. Barbaachisummaa buufata kitaabaa

b. Bakka buufata kitaabaa

c. Hirmaattota buufata kitaabaa

d. Haala mijeessitoota buufata kitaabaa

e. Adeemsa yeroo itti dubbisanii

f. Filannoo geggeessitoota buufata dubbisaa

g. Hangaafi dheerina yeroo dubisaa

h. Meeshaalee dubbisuuf barbaachiisoo ta’an

i. Qindoomina buufata dubbisaa

j. Qajeelfamaafi to’annaa buufata dubbisaa

USAID/READ CO2

3. Fedhaan tajaajiltoota Hawaasa dubbisiisan Tola ooltonni hawaasa dubbisiisan warra barumsa sadarkaa lammaffaa xumuraniifi afaan hawaasichaa kan kitaabileen dabalataa ittiin barreffaman dubbachuu, dubbisuufi barreesuu danda’an akkasumas, warra hawaasicha keessatti buufatalee subbisaa keessatti dalagaalee dubbisuu geggeeffaman irratti hirmaachuuf fedha qabanidha.

Fedhaan dubbisiistonni kunis umriin isaanii waggaa 16 ol kan ta’aniifi dhiiraafi dhalaa walqixa hirmaachisuuf kan filatamanidha. Haala kanaan barattoonni mudoo adda addaa qaban dursa argatu. Fedhiin dubbistoota hawaasaa warri jedhamanis kanneen baankiifi buufata kitaabaa keessa tajaajilanidha. Itti gaafatamummaan buufata kitaabaa kun kan qaama biraa ta’ullee, fedhaan dubbistoonni kunneen wantoota buufaticha keessatti ta’aniif itti gaafatamuufi GMBBtiif gabaasuu danda’u.

Boqonnaa kana keessatti gahee fedhaan dubbistootaa, ulaagaalee filannoo, tarsiimoolee calalliifi waan fedhaan dubbistoonni argatan haammata.

4. Meeshaalee Dabalataan DubbifamanKitaabileen dabalataa meeshaalee qajeelfamoota kitaaba barattootaatiin alaatiin qophaa’anii dabalataan dubbisuun ogummaawwan dubbisuufi barreesuu ijoollee kanneen cimsanidha.

Kitaabonni dabalataa kun kitaabota qubeewwan barataman murtaa’oo qofaarraa qophaa’an,kitaabota sadarkoomaafi kitaabota dubbisa sagaloojedhamuun qoodamu. Kunis Piroojeektiin ‘READ CO’ jedhamuun qophaa’a. (Boqonna afuraffaa Maanuwaalii kanaa ilaalaa). Boqonnicha keessatti barbaachisummaa kitabileen dabalataa manneen barnootaafi hawaasaaf qaban, bakka kitaabilee dabalataan dubbifamaniifi faayidaa isaan ogummaa dubbisuufi barreesuu gabbisuuf qaban, akkamitti barattoonni, barsiistonni, warri fedhaan dubbisan, maatiifi miseensonni hawaasaa kitaabilee sanatti fayyadamuu akka qabaniifi yoom yoom akka itti fayyadman addaan baasee kan dhiyeessudha.

5. Hirmaannaa Maatiifi HawaasaaKutaan kun gahee maatiin, guddistoonniifi miseensonni hawaasaa kallattiinis ta’ee alkallattiin kunuunsa daa’immanii kessatti qaban agarsiisa. Ogummaa dubbisuu daa’immanii ilaalchisee miseensonni hawaasaa kunneen gahee taphatu. Kunis ijoollee waliin haasa’uu, dubbisuufi, yeroofi waan isaan ittiin taphatan, waan isaan dubbisan dhiyeessuu dubbisuun dubbisuu akka baratan taasisuudha.gama Kanaan maatiifi miseensonni hawaasaa beekumsa, ogummaa, odeeffannoofi haala itti shaakalan qabaachuu qabu. Kanaanis akka ijoolleen isaanii manatti ta’ee hawaasa keessatti dubbisuu barachuu danda’an taasisu.

Kanaafuu, Maanuwaaliin kun akka barsiisstonni,maatiin, guddistoonniifi miseensonni hawaasaa kanneen biroo sadarkaa hawaasaatti manneen barnootafi manatti dalagaalee dubbisuufi barreesuu barattootaa gabbisaniif qophaa’e. Qabiyyeen gurguddaan as jalatti ilaalamanis kan xiyyeeffataman karaa tokkoonis haata’uu biraa dandeettii dubbisuufi barreesuu barattootaa gabbisuurratti. Walhidhiinsi mana, mana barumsaafi maatiif ogummaa dubbisuufi bareessuu barattootaa gabbisuu keessatti gahee guddaa qaba. Kitaabileen dubalataan dubbifaman kan READ CO’n qophaa’anis sirna barnootaa afaan abbaa bu’uura taasifachuu, sadarkaa barnootaa, umriifi cimina sammuu daa’immanii giddugala waan qophaa’eef, ogummaa dubbisuu barattootaa gabbisuurratti gahee gudda taphatu.

Sadarkaa Hawaasaatti, Maanuwaalii Dalagaalee Ogummaa Dubbisuufi Barreessuu Guddisuu 3

1. Baankii Kitaabaa

1.1. Maalummaa Baankii Kitaabaa Baankiin kitaabaa bakka yookiin kutaa kitaabileen dabalataa akka barattoonniifi miseensonni hawaasaa dubbifamaniif itti kuufamanidha. Itti dabalees, baankiin kitaabaa walitti qabama kitaabilee dalataan dubbifamanii kan afaan barattoonniifi miseensonni hawaasaa dubbachuufi hubachuu dannda’aniin qophaa’eeti. Qabiyyee, baankiin kitaabaa walitti qabama barruulee afaan baratoonniifi miseensonni hawaasaa dubbachuufi hubachuu danda’aniin barreeffamee mana barnootaa keessatti kan isaan itti fayyadamanidha.

1.2. Qabiyyeewwan Baankii KitaabaaBankiin kitaabaa kan haammatu:

6 Mata dureewwan adda addaa 60 fi isaa ol. Mata dureewan kunneen kan qubeewwan barataman qofaarraa ijaaraman, barreeffama gaggabaaboo akka barattoonni dubbisaniif qophaa’eefi barreeffamoota akka namoonni biroo barattootaaf sagalee ol kaasanii dubbisaniif itti yadamanii qophaa’an haammachuu qaba. Kana malees, seenessa fuula tokko hincaale kan fakkiin deggerames nihammata.

6 Kitaabota namoota dubbisaa jiran, kanneen reefuu dubbisuu jalqabaniifi dubbistoota sadarkaa giddu galeessaarra jiraniin dubbifaman.

6 waliin makama mata dureewwan asoosamaafi alasoosama ta’anii,

6 kitaabotatimaamaan fuula 10 hincaalle, kan himoota jechoota 3-8 ta’anirraa ijaaramanii barattoonni sirrummaa %95-100 qabuun yeroobarbaadanitti dubbisan,

6 kitaabotajechootaa baay’ee walxaxoofi haarawaa ta’an of keessaaqabaniifi ogummaa dubbachuu barattootaatiif gumaachan, Kitaabota dubbistoonni ga’umsaafi saffisa qaban barattootaaf dubbisan,

6 meeshaalee dabalataan dubbifaman kanneen akka tapha qubeewwanii, kaardii calaqqoo, taphoota adda addaa ta’u.

1.3. Bakka itti argama baankii kitaabaa 6 Bankii kitaabaa hawaasa keessa bakka wiirtuu ta’e tokkotti argama. Kunis miseensonni hawaasa

hundi daawwachuu akka danda’aniifi. Bakka hundattuu dubbisuun akka danda’amutti mana barumsaatiin alatti argamuu qaba.

6 Bakki baankiin dubbisaa itti argamuu qabu fedhii hawaasichaa irratti hundaa’uun murtaa’a.

6 Hawaasa hunda keesatti, maanajerri baankii kitaabaa bakka baankiin kitaaba itti hundeeffamuu qaburratti nimallatteessa.

6 Bakki argama baankii kitaabaa dhiiras ta’ee dhalaa warri qaama miidhamtoonni salphaatti keessatti hirmaachuu kan dandeessisu ta’uu qaba. Kanaafuu, Baankiin kitaabaa bakka hinmijanne kannee akka gaara, laggeen,wkf warra baankii kitaabichaa daawwachuu dargaggeeyyiifi namoota buleeyyii ta’anii hawaasicha keessa jiraatanitti gufuu hintaane addaan baasuun of eeggannoo taasisu.

USAID/READ CO4

1.4. Fayyadamtoota Baankii kitaabaa Barattootoota kutaalee 1-4 jiraniifi kanneen daa’imman manneen barnootaatiin ala ta’anii fedhii dubbisuufi barreesuu qaban hundi kitaabilee dabalataa ergifatanii dubbisuu danda’u. Barattoonni dubbisuurratti danqaman kanneen mudaa garaagraa qaban hundi kitaabilee baankii kitaabaa keessatti argaman ergifachuuf carraa qabu.

2. Buufata Dubbisaa

Buufataaleen dubbisaa bakkeewwan gammachiisoofi nageenya qaban ta’ee kan ijoolleen ogummaawwan dubbisuufi barreesuu itti shaakalanidha. Barattoonni yeroo gara buufataalee kanaa dhufan dalagaalee adda addaa shan kanneen akka bilisaan taphachuu, sirbuu/faarsuu, seessama dhaggeeffachuu /himuu, dalaguufi gabaasuufaa keessatti hirmaachuu danda’u.

2.1. Barbaachisummaa buufataalee dubbisaaBuufataaleen dubbisaa faayidaalee gurguddaa afur qaba.

a. Ijoollee kutaa 1-4 jiraniif manneen barnootaatiin alatti kitaabilee bashannansiisaa ogummaa dubbisuufi barreesuu isaanii gabbisan akka argatan carraa kennaaf.

b. Barattoonni meeshaalee adda addaa kan taphoota of keessa qaban qopheeffachuun dhuunfaafi hiriyaa isaanii waliin dubbisuun beekumsa qubeefi ogummaawwan dubbisuu kanneen biro guddifataniif carraa guddaa argamsiisa.

c. Dalagaaleen buufataalee dubbisaatti hojjetaman guddina ogummaawwan dubbisuu kanneen akka hubannoo qubee, fayyadama jechaa, hubannoof dubbisuufaa akka gabbifatan haala mijeessa.

d. Buufatichi hubannoo hawaasni gama dubbisuutiin qaban akka dabalu taasisuun hirmaannaa dubbisuurratti taasisan akka itti fufan honnachiisa.

2.2. Bakka itti aragama buufata dubbisaaBuufanni dubbisaa gamoon adda ta’e akka ijaaramuuf hinbarbaadu. Gaaddisa mukaatti, waan dahoo qabu tokko jalatti yookiin naannoodhuma mana namoota haala kana mijeessaniitti, yoo namoota hirmaatan niga’a ta’e, qindeessuun nidanda’ama. Kan buufanni dubbisaa itti hundaa’uu qabu bakka dhiirriifi dhalaan akkasumas, daa’imman miidhaa qaama garaagaraa qaban danqaa tokko malee deemuun keessatti hirmaachuu qabanitti ta’uu qaba. Kanaafuu haalli naannawaa buufanni dubbisaa itti hundaa’uu daa’imman hundayyuu kan balaa adda addaatiif hinsaaxille ta’uutu irra jiraata.

2.3. Fayyadamtoota buufata dubbisaaBarattootoota kutaalee 1-4 jiraniifi kanneen daa’imman manneen barnootaatiin ala ta’anii fedhii dubbisuufi barreesuu qaban hundi buufata dubbisaa deemuunkitaabilee dabalataa ergifatanii dubbisuu danda’u. Barattoonni dubbisuurratti danqaman kanneen mudaa garaagraa qaban hundi kitaabilee buufata dubbisaatti argaman ergifachuuf itti fayyadamuu akka qaban haalaan jajjabeeffamuu qabu.

2.4. Fedhaan tajaajiltoota buufata dubbisaa keessatti hawaasa dubbisiisanBuufataaleen dubbisaa kessatti kan haalli mijaa’u Fedhaan tajaajiltoota fedhaan dubbisiisan yookiin miseensota hawaasaa kanneen ulaagaalee armaan gadii guutanidha.

6 leenjii fedhaan tajaajiltootaaf kenname kan xumuran

Sadarkaa Hawaasaatti, Maanuwaalii Dalagaalee Ogummaa Dubbisuufi Barreessuu Guddisuu 5

6 Buufata dubbisaatiif kamiifuu dhiiraafi dhalaan tokko tokko jiraacchuun irra jiraate akkaataa haalli mijatuun.

6 Kanneen fedhaan buufataalee dubbisuu keessa tajaajilan hawaasicha keessaa kan bahaniifi umrii waggaa 16 guutanii hawaasicha keessa kan jiraatan ta’uu qabu.

6 Namoonni fedhaan tajaajilan afaan hawaasichaa gahumsaan dubbachuu, barreessuufi hubachuu warra danda’an ta’uu qabu.

6 Namoonni fedha qabaniifi buufataalee dubbisaa keessa tajaajilan dhaabbataan (Fkn. torbeen/ hoogganuufi haala mijeessuuf kan carraaqan ta’uu qabu.)

2.5. Adeemsa filannoo Fedhaan tajaajiltootaa 6 Waa’ee buufata dubbisuurratti walga’ii bahuun akka irratti mari’atan dargaggeeyyii hawaasa

keessa jiraatan yookiin miseensota hawaasaa kanneen biro gaafadhu.

6 Kanneen walgayichaaf haala mijeessan ammoo GMBB keessaa ta’anii deggersa barsiistota afaan abbaafi hoongantoota manneen barnootaa ta’uu malu.Geggeessitoonni hawaasaa ammoo ulaagaalee armaan olitti heeramanirratti hundaa’uun kanneen fedhaafi barumsa qaban addaan baasu. Haaqa Kanaan dargaggeeyyiin hawaasicha keessaa jiran kanneen fedhaafi beekumsa qaban simatamuun buufata kitaabaa keessa tajajilu danda’u. Kanneen fedha qaban erga filatamanii booda, dalagaalee Kanaan gadii irratti hirmaatu.

6 Barattoota kutaa 1-4 baratan gara buufata dubbisaatti akka dhufan affeeruu

6 Barattoota fedha qabaniifi warra ogummaa dubbisuu isaaniitiin boodatti hafan addaan baasuufi akkaataa dandeettii isaanii ramaduun barreessuu.

6 Warri fedhaan filataman sun barattoota sana walqixatti qoqqoodu.

6 Waraqaa odeeffannoo waa’ee buufata dubbisaa sana ofirraa, qabu ijoollee walqixa addaan qoqqoodaman sanaaf hiruun akka isaan maatii isaaniitti kennaan taasisuu

6 Dalagaalee buufata kitaabaa sana keessaa ijoollee adda bahan sana faana jalqabuu

6 Akka ijoolleen dalagaalee dubbisuu adda addaa shaakalan taasisuu

6 Fooyya’iinsa ijoolleen ogummaa dubbiisuu gabbifaachuun isaanii galmeessaanii ka’uu

6 Haala dubbisuun barattootaa sun irra jiru hoogganaa mana barootaatiif turban lama lamaan gabaasuu, gabaasicharratti hundaa’anii deggersa kennamu fudhachuu

6 Akkaataa ijooleen dandeettii dubbisuu saffisa qaban ijoollee warra kaan gargaaraniif haaa mijeessi.

6 Kitaabilee dabalataan dubbifaman kan buufata dubbisuu keessaa akka baankii kitaabaatti deebi’an mirkaneessi.

6 GMBB, geggeessitoota hawaasaafi hoonganaa mana barumsaa waliin ta’uun nuusa nuusaan barattoota sochii gaarii agarsiisan badhaasi.

2.6. Buufata dubbisaatti dheerinaa yeroofi deddeebii fayyadamtoota Daa’imman yeroo barnootaatiin alatti yookiin guyyaa ayyaanaa yoo xiqqaate torbanitti si’a lama buufata dubbisaa deemuu qabu. Hangi isaan achi turan ammoo daqiiqa sagaltamaaf ta’a. Kunis hanga ji’a jahaa hanga ji’a sagaliitti itti fufuu qaba.

USAID/READ CO6

2.7. Meeshaalee Buufata Dubbisaa Keessatti Barbaachisan 6 barruulee baankii kitaabaa keessatti dubbifaman

6 Wantoota ittiin barreessan kanneen akka qubeessaa, waraqaa doosxaa, qalamafi wkf.

6 Dabatara yaadannoo irratti qabatanii, fooyya’iiinsa barattootta dubbisuufi barreesuu irratti agarsiisan kan irratti galmeessan

2.8. Gurmaa’ina yeroo Buufata DubbisaaYeroon buufata dubbisaa tokko keessatti walga’anii dubbisuufi barreesuu shaakalan eenyummaa gaggeessaafi kanneen fedhaan dubbisicha keessatti hirmaatanirratti osoo hinhundaa’in, gucha dhaabbataa tokko hordofuu qaba. Akaakuufi baayyinni kitaabonni baankii kitaabaa keesatti argamaniifi haalli buufata dubbisaa sun dalagaalee dubbisuu irraan dhiibbaan isaan qaban akkuma jirutti ta’ee, yeroon buufatalee keessatti argamuun dubbisuu haala dhaaba qabuun akka armaan gadiitti qoqqoodamee jira.

Lak� Dalagaa Yeroo kennameef

daqiiqaadhaan1 Faaruu ittiin eegalan 5

2 Dalagaa seensaa 10

3 Kitaaba seenessamaa sagalee ol fuudhanii dubbisuu 15

4 Seenessama sanarratti mari’achuu 5

5 Seenessamicha fakkiin kaa’uu, irra deedi’anii barreesuu, seenessuu 10

6 Taphoota seenessamichaan walqabatan (walfakkaatan) taphachuu 15

7 Of danda’anii dubbisuu 15

8 Meeshaalee seenessamichaan walqabatan uumuu (hojjechuu) 15

Ida’ama 90

3. Fedhaan tajaajiltoota haawaasa dubbisiisan

Fedhaan tajaajiltoota haawaasa dubbisiisan kanneen barumsa 10-12 xumuran, warra dubbisuufi barressuu danda’aniifi dubbisuuf fedha qaban akkasumas, hawaasa isaanii keessatti dalagaalee dubbisuu geggeeffamurratti kan deggersa taasisanidha. Tajaajilaafi tumsa kana taasisuuf ammoo, umriin 16fi isa ol tahuu qabu. Hawaasa hunda keessatti dargaggeeyyiin fedhaan dubbisuu tumsan kun dhiiraafi dhalaa akkasumas, warra miidhaa qaamaa qaban walqixa hirmaachisa.

3.1. Ulaagaalee Tola ooltonni hawaasa dubbisiisan ittiin filatamanUlaagaalee tola ooltonni hawaasa dubbisiisan ittiin filataman haala namoota sanaafi wanta hawaasni barbaadurratti hundaa’a. Haata’u malee, ulaagaaleen bu’uuraa kan dargaggeeyyiin fedhaan dubbisiisan ittiin filataman:

6 barumsa kutaalee 10-12 kan xumure ta’uu qaba

6 Afaan hawaasni sun dubbatuufi afaan ijoolleen ittiin barattu dubbachuufi hubachuu danda’uu.

6 Afaanichaan dubbachuu, dubbisuufi barreessuu kan kan dandahan ta’uu qabu.

Sadarkaa Hawaasaatti, Maanuwaalii Dalagaalee Ogummaa Dubbisuufi Barreessuu Guddisuu 7

6 ijoollee umriin isaanii barumsaaf ga’e waliin walquunnamuuf fedhaafi ga’umsa qabaachuu

6 dhiiraafi dhalaa qixa hirmaachisuu, Akkasumas kannee qaama miidhamtoota tahan giddu galeessa gochuu.

6 Gahee hojii isaanii kan bu’uureffate leenjii fudhachuuf fedha qabaachuu

6 yoo xiqqaate waggaa tokkoof, ogummaa dubbisuufi barreesuu ijoollee gabbisuuf carraaqqii taasifamu keessatti deggersa barbaachisaa ta’e kennuuf fedha qabaachuu fa’i.

3.2. Tarsiimoolee fedhaan tajaajiltoonni ittiin filatamanTarsiimooleen dargaggeeyyiin baankii kitaabaa fi buufata dubbisaatti fedhaan tajaajilan ittiin filataman naannawaa tokkoo kan biraatti garaagara ta’a. Tarsiimooleen calallii muraasni isaanii*:

6 garee duraan jiran- Hawaasni tokko garee fedhaan tajaajilan duraanuu qaba ta’a. Gareen sun tarii tajaajila fedhaan keessatti hirmaatan bal’isanii kan dargaggeeyyii fedhaan dubbisaniis haammachuu danda’u. Osoo adeemsa filmaata warra fedhaan tajaajilanii hineegalin, hooggantoonni mana barumsaa, gamtaan maatii, barsiisaafi barataa kanneen duraan jiran kana addaan baasuu qabu.

6 Of filuu. Hawaasichi walga’ii waamee dargaggeeyyii hirmaachuuf fedha qaban gaafachuu danda’a ta’a. walgayicharrattis sagantichaafi itti gaafatamummaa namoonni achi keessatti hirmaatan yoo ibsan, hirmaattonni sun dargaggeeyyii fedhaan dubbisuu hawaasaa ta’uun tajaajiluuf ofuma isaaniitii of filuu danda’u ta’a.

6 Hawaasni filachuu. Guyyaa tajaajilli hawaasummaa jiru yookiin hawaasicha keessatti ta’iinsi tokko uumamu hordofuun hirmaattotaan walquunnamuun jaruma keessa warra fedhaan tajaajilan filadhu.

6 Geggeessitoonni hawaasaa filachuu. Jalqaba gartuu xiqqaa fedhaan hawaasicha geggeessaa jiraniin walquunnami. Sana booda, akka isaa gartuuwwan geggeessitootaa kanneen birootiif odeeffannicha kennan taasisi. Warri fedhaan hawaasicha geggeessan sunneen hawaasicha keesaa bakka filachuun akka namoonni isaanitti dabalamanii dalagaa hawaasaa kana saffisiisan kakaasuu danda’u. Kun egaa naannawa xiqqoo tokkorratti hundaa’aa.

6 Geggeessitoonni hawaasaa heeruu. Geggeessitoonni hawaasaa akka isaan dargaggeeyyii fedhaan tajaajilan heeran taasisi.

3.3. Gahee tola ooltonni hawaasa dubbisiisan qabanSagantaa ‘READCO’ keessatti kanneen fedhaan dubbisiisan ga’ee guddaa taphatu. Buufataalee dubbisaa keessatti akka geggeessaatti, akka gargaaraa barsiistotaatti yookiin hojjetaa mana barnootaatti dalagaalee dubbisuufi barreesuu keessattit tajaajiluu, hawaasaafi maatii qaqqabuu, buufataaleefi baankii kitaabaa akka geggeessaatti tajaajiluufi ijoollee dubbisuu isaaniirratti gargaaruun qooda guddaa fudhatu. Tajaajilli warri fedhaan dubbisuu hawaasaa ijoolleedhaaf sagalee olfuudhanii dubbisuurraa hanga maatiifi miseensota hawaasaa kanneen birootiif leenjii kennuufi sagantaa READ CO irratti gabaasa dhiyeessuutti deemuu danda’a.

* Kan madaqfame moojula ‘Save the Children Community Mobilization Sponsorship’kan 2010: 30-31) irra jirurraati.

USAID/READ CO8

3.4. Itti gaafatamummaa Fedhaan tajaajiltoota hawaasa dubbisiisaniiFedhaan tajaajiltoota hawwaasaa dubbisan baankii kitaabaa bulchuurratti itti gaafatamummaa guddaa qabu. Fedhiin dubbisiistonni kun afaan hawaasichaa haalaa dubbachuu, dubbisuufi ittiin bareessuu qabu. Akkasumas, dalagaalee dubbisuu hawaasaa keessatti hirmaannaa cimaa tasisuutu irra jiraata. Tokkoon tokkoon hirmaannaa fedhiin dubbisiistota kanaas akka kanaan gadiitti ta’a.

6 Kitaabileefi meeshaalee barbaachisoo ta’an kanneen biro mana barumsaa isaaniirraa fuudhuu qabu.

6 Baankii kitaabaa sana abbumaan bulchuu (fkn. Kitaabilee naannootti qaamolee adda addaatiin qophaa’aniin, mana barnootaa irraa, waajjira barnoota aanaafi wiirtuu kilasteraa irraa kuusaa kitaabichaa ol kaasu kaa’uu, yookiin kuusuu).

6 Kitaabi jiru moofaa yookiin citaa ta’ullee akka ijoolleen dubbisan jajjabessuu qabu. Qulqullina kitaabaa eeguurraa dubbisuu isaarraatti xiyyeeffachuu baay’ee barbaachisaadha.

6 Maatiin, ijoolleefi miseensonni hawaasaa kitaabilee ergifataniif of eeggannoo taasisuurratti akka xiyyeeffatan barsiisuu qabu. Kanas galmee kitaabni sun ittiin egifame bakka fayyadamtoonni kitaabaa arguu danda’anitti bareeffamaan maxxaansuun akka isaan dubbisan taasisuun raawwachuu qabu.

6 Kitaabilee sana warra buufata dubbisuu keessaatti dubbisaniifi dalagaalee dubbisuu addaaddaa ittiin hojjechiisaniif ergisuu.

6 Daa’immaan manatti dubbisaaniif kitaabilee ergisuu

6 Maqaa namoota fedhaan buufata dubbisaa sana keessatti dubbisaniifi warra kitaaba fudhatanii manatti galan uunka qophaa’erratti galmeessuu.

6 Kitaabilee ergifatamanii dubbifaman deebi’uu isaanii sirnaan to’achuu.

6 Adeemsa tajaajila baankii kitaabaa bulchiinsa manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa naannichaattiif gabasuu

6 Yeroo warri fedhaan tajaajilan qabata adda addaatiif buufata dubbisaa gadhiisan hooggantoota manneen barnootaatiif gabaasuun haala seera qabessa ta’een isa itti aanutti dabarsuu yookin ammo GMBB akka beekan taasisuu.

6 Ijoollee shamarraniifi warra dubbisuurratti rakkoo qaban addaan baasuun akka hawaasni dalagaalee dubbisuurratti gargaarsa taasisuuf dadammaqsu.

3.5. Onnachiiftuu fedhaan tajaajiltoota hawaasa dubbisiisaniif godhamuSissi’eessituun guddaan dargaggeeyyiin fedhaan tajaajilan argatan leenjii geggeessumaa, hawaasa qindeessuu, barumsa alidilee, haala tokko tokko keessatti ammoo barumsa idilee fudhachuudha. Akka dargaggeeyyii fedhaan dubbisuu hawaasaatti tajaajiluun kallatiiwwan heeraman kanarratti dandeettiifi ogummaawwan isaanii gabbifachuun fuula duratti warra fedhaan tajaajiluu barbaadaniif dabarsuuf fayyada. Itti dabalees, hawaasni waraqaa raga qopheeessuun tajaajila isaan fedhaan raawwataniif beekamtii kennuu yookiin ‘guyyaa fedhaan tajaajiltoota’ jedhee kabajuufii danda’a ta’a. Yoo hawaasichi baajeta qabaate ammoo, guyyaa isaan tajaajila kana raawwatan laaqanaafi geejjibafaa isaan danda’a ta’a. Hoggantoonni maneen barnootaa naannootti argaman, gamtaan maatii, barsiisaafi barataa ammoo akkamitti dargaggeeyyii fedhaan tajaajilaa jiran jajjabeessuun akka danda’amu osoo filannoon hingeggeeffamin itti yaadanii namoota gargaaruuf fedha qabanillee quunnamuu qabu.

Sadarkaa Hawaasaatti, Maanuwaalii Dalagaalee Ogummaa Dubbisuufi Barreessuu Guddisuu 9

4. Meeshaalee Dabalataan Dubbifaman

Kutaan Maanuwaalii kun barsiistota afaan maatii barsiisan, hoggantootaa, itti aanaa hoggantootaa, supervayizerii mana barnootaafi kilaasterii mana barnootaa, barattootaafi fedhaan tajaajiltoota leenjifaman, Meeshaalee dabalataan dubbifamantti fayyadamuudhaan dubbisuu barachuu barattootaa mana barnootaatti akka fooyyeessaniif odeeffannoo kennuudhaan gargaara. Odeeffannoo waa’ee armaan gadii kenna.

1. Guddina dandeettii dubbisuu keessatti hiika Meeshaalee dabalataan dubbifamanfi ga’ee isaanii

2. Akaakuuwwan Meeshaalee dabalataan dubbifaman READ CO Itiyoophiyaatiin qophaa’an.

3. Hawaasicha keessatti dubbisuu jajjabeessuuf, tarsiimoolee fayyadama Meeshaalee dabalataan dubbifaman bu’a qabeessa ta’an.

4.1. Meeshaaleen Dabalataan Dubbifaman Maali?Meeshaaleen dubbisuu dabalataa kitaaba barattootaa kan idilee kan hintaane, garuu dubbisuu barsiisuufi shaakalsiisuuf meeshaalee barnootaa gargaranidha. Meeshaaleen dubbisuu dabalataa akaakuu sadiitti qoodamu. Isaanis: Kitaabilee qubee barataman qofaarraa qophaa’an, Kitaabilee gulantaawaafi Kitaabilee dubbisa sagaloodha. Kitaabileen kunneen kan qophaa’an projektii READ COfi akkasumas pirojektootaafi sagantaalee birootiin ta’a. (Maanuwaalii kana boqonnaa afur ilaali). Boqonnaan kun, Meeshaalee dabalataan dubbifamantiif fedhii manneen barnootaafi hawaasni qaban, teessoo Meeshaalee dabalataan dubbifaman, guddina dubbisuufi barreessuu keessatti barbaachisummaa isaanii, akkaataa barattoonni, barsiistonniifi miseensonni hawaasaa Meeshaalee dabalataan dubbifamantti fayyadamaniifi tarsiimoo meeshaaleen dubbisuu dabalataa barnoota idilee wajjinii itti walsimatu of kesatti qabata.

4.2. Meeshaaleen Dabalataan Dubbifaman READ CO -dhaan Qophaa’an Maalfa’i?A� Meeshaalee dabalataan dubbifaman qubsama: kitaabileen kunniin qubeewwan, sagaleewwaniifi

jechoota agaree, barattoonni barataniin qofa qophaa’u. Kallattiin silebesii barnootaa wajjin kan walqabatu. Kitaabileen kunniin, dubbistoota reefuu dubbisuu eegalaniif, shaakala dandeettii dubbisuu dhiheessuuf kan qophaa’anidha. Daa’imman yeroo kitaabilee kana dubbisan,seenicha hubachuuf beekumsa horatanitti gargaaramuu nidanda’u.

B� Meeshaalee dabalataan dubbifaman gulantaawaa: dubbisuu barachuufi shaakaluurratti, dandeettiwwan dubbisuu hunda irratti barattoota gargaaruuf, gulantaalee ciminaa garaagaraatiin kitaabilee qophaa’anidha. Baay’inni jechootaa, caasaan himootaa, qabiyyeen, fakkiiwwan, akaakuufi guddinni qubeewwaniifi kanneen biroo, gulantaa dubbisuufi mijaa’ina kitaabichaa murteessuuf wantoota gargaaranidha. Qabiyyeen kitaabilee dubbisuu gulantaawaa kan dubbistootatti haaraa hintaaneefi akka isaan gammadanii dubbisaniif kan isaan hawwatuufi sissi’eessu ta’uu qaba. Yeroo qabiyyeen kitaabichaa dubbistootatti baay’ee cimaa ta’u, dubbistoonni sadarkaa abdii kutuufi sodaan guutamuurra ga’u. Dubbistoota gulantaawaa dubbisuu barsiisuufi shaakalsiisuun rakkisaadha. Sababiin isaas, daree barnootaa sadarkaa garaagaraarratti argaman hunda keessatti barattooti dandeettiin isaanii gulantaalee garaagaraarratti argaman jiraachuu danda’u. Kitaabileen gulantaawaa barattoonni barreeffamoota seenessaafi alidilee ta’an garaagaraa bal’inaan akka dubbisaniifi hubatan gargaara. Yeroo kanas guddina dandeettii dubbisuu , kanneen akka sagalee dubbii, fayyadama jechootaa, hubannoo,

ga’umsaan dubbisuu horatu.Akkasumas barreessuu nibaratu.

USAID/READ CO10

Kitaabilee dubbisa sagaloo: USAID/READ COn kitaaabilee mana barnootaatti, manattiifi hawaasa keessatti dubbisa sagalootiif gargaaruu danda’an daa’immaniif qopheessee jira. Kaayyoon dubbisa sagaloo kitaabilee daa’imman ofdanda’anii dubbisuu hindandeenye akka dubbisaniif carraa uumuudha.Kitaabilee dubbisa sagaloo keessatti shaakalawwan dubbisa sagalootiif dursi kennamee jira. Kitaabilee dubbisa sagaloo dubbistoota dandeettiin dubbisuu isaanii guddateefi kitaabilee ciccimoo ta’an of danda’anii dubbisuu danda’aniifillee gargaaramuu nidanda’ama. Dubbisi sagaloo kaayyoolee barnootaa hedduutiif nitajaajila – barattoota sissi’eessuuf, jajjabeessuuf, bashannansiisuuf, muuxannoo isaanii ijaaruuf, hubannoo guddisuuf, daa’imman walitti dhiheessuuf, fakkeenya ga’umsaan dubbisuu agarsiisuuf . Barattoonni dubbisa sagalootti gargaaramuun , jechoota, caaslugaafi odeeffannoo haaraa barachuu danda’u. akkasumas akkaataa afaan barreeffamaafi seenaan itti dhihaatu nibaratu.

4.3. Hawaasni Meeshaalee Dabalataan Dubbbifaman Hammam Barbaada?Daa’imman kitaabota akkaakuu adda addaa (fkn asoosamaafi mit-asoosama) kan sadarkaa isaaniitii wajjin walsimu argachuu fedhu. Projektii USAID/READ CO keessatti Golli Dubbisaa manneen barnootaa hundi yoo xiqqaate matadureewwan 100 fi Baankiin Kitaabaa Hawwaasaas yoo xiqqaate matadureewwan 100 Afaan Oromootiin ykn Afaan barnooti ittiin kennamuun niqabaatu. Kun immoo barattootni hundi yeroo hunda akka dubbisaniif sissi’eessuun barattoota dubbisuu barataniif deggarsa cimaa nikenna.

4.4. Meeshaaleen Dubbisuu Dabalataa Eessatti Argamu?Meeshaaleen dubbisuu dabalataa mana barnootaa, daree afaanii, hawaasaafi baankii kitaabaa keessatti argamu.

4.5. Meeshaaleen dubbisuu dabalataa maaliif guddina dubbisuufi barreessuutiif barbaachisaa ta’e?

Deggarsi kitaabota dabalataan dubbifamanii, naannoo barnootaa barreeffamaan akka badhaadhu godha; kunimmoo barattootni barreeffamoota addaa arguudhaan hubannoo waa’ee maxxansaa irratti qaban qabatamaan akka gabbifatan taasisa.

Barattotni yoo barreeffamoota arganii, qaqqabatanii fi xiinxalan, qaamolee kitaabaa (Fkn. fuulli uwwisaa ykn matadureen kitaabaa kam akka ta’e) fi kaayyoosaa (fkn. ergaa inni dabarsu) akka beekaniif gargaara. Dubbisi sagaloo barattootni dandeettii dhagdubbii (fkn. sagaloota afaanichaa, jechoota, akkaata ittiin yaada ofii ibsatan) kan dubbisuu barachuu keessatti ga’ee cimaa qabu akka gabbifataniif gargaara. Dubbisni sagaloo dandeettii ga’umsaan dubbisuu barattootaas nicimsa.

Kitaaboti Qubsamanfi dubbisi sadarkawaan (Decodable and leveled readers) Barreeffamoota qubeewwan isaan baratan irraa gurmaa’anfi sadarkaa dubbisuu barattootaa irratti hundaa’uun qophaa’anidha. Isaan kana dubbisuun dandeettii dubbisuu mana barnootaatti baratan akka shaakalaniifi xiinxalaniif gargaaru. Barattootni dandeettii dubbisuu caaculee dubbisuu shanan keessa jiran qabatamaadhaan kitaabota keessatti akka hojiirra oolchaniif gargaaru. Dandeettiiwwan dubbisuufi barreessuu isaan daree keessatti barataa jiran kitaabot dubbifaman kanneen akka dabalataatti daree keessatti argaman wajjin walitti hidhamuu danda’u.

Barattotni kitaabota dabalataan dubbisuuf dhiyaatan keessaa kan jaallatan fayyadamuudhaan dandeettii dubbarree shaakaluu nidanda’u; kun immoo fedhii ijoollonni dubbisuuf qaban nikakaasa. Kitaaboti dabalataan dubbisuuf dhiyaatan fedhii dubbisuu barattoota keessatti guddisuu nidanda’a. Kitaaboti dabalataan dubbisuuf dhiyaatan aadaa dubbisuu ijoollotaafi hawwaasa keessatti dagaagsuu nidanda’a.

Sadarkaa Hawaasaatti, Maanuwaalii Dalagaalee Ogummaa Dubbisuufi Barreessuu Guddisuu 11

Dubbisuun dura, yeroo dubbisuufi dubbisuun booda gaafachuu

Waa’ee Meeshaalee dabalataan dubbifaman dubbisuun dura, yeroo dubbisuufi dubbisuun booda gaaffilee gaafachuun beekumsa daa’imman duraan qaban dadammaqsuufi hubannoo dubbisuu isaanii dabaluuf gargaara. Gaaffii gaafachuu daree guutuu, garee xiqqoo, yookiin cimdiidhaan gaggeessuun nidanda’ama. Barattoonni ciccimoo ta’an yeroo of danda’anii dubbisan gaaffii of gaafachuu barachuu nidanda’u.

Kaayyoo Gaaffiilee akka fakkeenyaatti dhiyaatan

Gaaffilee dubbisuun duraa

Beekumsa duraanii kakaasuu

“Mata duteen kitaaba kanaa Bineelda Ani Jaalladhu” kan jedhu ta’a. isin keessaa eenyutu bineensa jaallatu tokko natti himaa?

Waa’ee dubbisichaa timaamuu

1. uffisa qola kitaabichaarra jiru kan maaliiti? (Sangaadha moo dhaltii?.) Erga fakkicha ilaaltee booda, kitaabni kun waa’ee maalii akka ta’e tilmaamuu dandeessaa?

Jechoota haarawaa beeksisuu

kitaabni kun waa’ee sangaa damboobaati. Hima kana keessatti jecha damboobaa jedhu eenyu beeka? Jecha biraa kan jecha kana bakka bu’u eenyu nutti hima?

Gaaffilee yeroo dubbisuu

To make predictions Maaltu itti aanee dhufa jettee yaadda? Maaliif?

Muuxannoon walqabsiisuuf

Osoo qooddataa kana taatee jiraatte maal goota laata?

Laalchisuuf Qooddatichatti maaltu dhaga’ame? Akkamiin beekta?

Hubannoo madaaluufErga inni manatti deebi’ee maaltu ta’e? odeeffannoo dhugaa ta’e tokko irratti hundaa’uun deebisi.

Gaaffilee dubbisuun boodaa

Yaada ijoo addaan baasuuf Ergaan ijoon seeneffamichaa maali?

Tilmaamuuf Dhiibbaan seeneffamni kun geessisu yoo jiraate, innis mata’a jettee yaadda?

Cuunfuuf Seeneffamicha jechoota mataa keetiitiin himuu dandeessa?

Faayidaa isaa murteessuu Ta’iinsonni seeneffamicha keessatti baay’ee barbaachisoo ta’an kam fa’i? Maaliif?

USAID/READ CO12

Dubbisa SagalooKaayyoon dubbisa sagaloo kitaabilee daa’imman ofdanda’anii dubbisuu hindandeenye akka dubbisaniif carraa uumuudha.Kitaabilee dubbisa sagaloo keessatti shaakalawwan dubbisa sagalootiif dursi kennamee jira. Kitaabilee dubbisa sagaloo dubbistoota dandeettiin dubbisuu isaanii guddateefi kitaabilee ciccimoo ta’an of danda’anii dubbisuu danda’aniifillee gargaaramuu nidanda’ama. Dubbisi sagaloo kaayyoolee barnootaa hedduutiif nitajaajila – barattoota sissi’eessuuf, jajjabeessuuf, bashannansiisuuf, muuxannoo isaanii ijaaruuf, hubannoo guddisuuf, daa’imman walitti dhiheessuuf, fakkeenya ga’umsaan dubbisuu agarsiisuuf . Barattoonni dubbisa sagalootti gargaaramuun , jechoota, caaslugaafi odeeffannoo haaraa barachuu danda’u. akkasumas akkaataa afaan barreeffamaafi seenaan itti dhihaatu nibaratu.

Meeshaaleen dubbisuu dabalataa meeshaalee naannootti argaman, kanneen barattoonni dubbisuufi barreessuu barachuuf itti gargaaramuu danda’anis of jalatti haammata. Isaanis, kanneen akka kaardii libsuu, tapha dubbisuu, kanneen akka fakkiiwwaniifi jechoota walitti firoomsuu, biingoo qubeewwanii(tapha qubee adda baasuu shaakalsiisuu) ta’uu danda’u.

Adeemsa:

6 Kitaaba tokko kam sadarkaa dhaggeeffachuu barattoo taatiin walgitum, garuu kan dhuunfaa dubbisanii olkan ta’e filadhu.

6 Mata dureefi fakkii qola kitaaba filatterraa itti agarsiisuun kitaabicha keessatti maaltu akka dhiyaatu timaammsisi.

6 Kitaaba dabalataa sana sagaloodhaan saffisaafi gahuma giddugaleessa ta’een dubbisiif.

6 Osuma dubbisaafii jirtuu bakka tokkotti dhaabiitii waa’ee waan dubbisteefi ykn waan itti aanee dhufuu gaafadhu.

6 Erga seeneffamicha dubbistee xum murtee akka ijolleen irra deebi’anii walitti himan taasisi. Akkasumas, qooddattoota achi keessa jiran akka ibsan, akka akkeessan qajeelchi.

Dubbisa Cimdii Barattoonni barreeffama sagalee ol fuudhanii irra deddeebi’anii dubbisuu shaakaluuf carraa yoo argatan, dubbisaa gaarii ta’uu danda’u. Yeroo hiriyaa isaanii yookiin nama biraatiif dubbisan, muuxannoo nama biraatiif dubbisuu yookiin kan namni biraan dubbise dhaggeeffachuu horatu. Haala akkasiitti saaxila ba’uufi muuxannoo akkasii horachuun ammoo ga’umsa dubbisa sagaloo, ogummaawwan afaan dubbii, fayyadama jechootaafi hubannoo isaanii gabbisuuf shoora guddaa taphata.

Adeemsa :

6 barattoota gareen xixiqqaa yookiin cimdii cimdiitti qoqqoodi.

6 kitaaba dabalataa dhiyaate sana kutaa kutaan qooddatanii hanga inni dhumutti dabaree dabareen akka walii dubbisan taasisi.

6 adeemsa kanas ijoollee garee xixiqqaa yookiin cimdiitti qoqqooduun irra deebi’iitii fakkeenya akka ta’uuf taasisi.

6 yoo rakkoon hubachuu jira ta’e akka barattoonni walgargaaran jajjabeessi.

6 tarsiimoolee ittiin walhubachiisuuf gargaaru kana irra deebi’iitii ilaali.

Sadarkaa Hawaasaatti, Maanuwaalii Dalagaalee Ogummaa Dubbisuufi Barreessuu Guddisuu 13

6 amala barattoota sirriitti dubbisanii ofii keetiis ta’ee barattoonni kanneen biroo akka fakkenyaati akka itti gargaaraman taasisi. Fakkeenyaaf, ati yeroo dubbistu ibsa hedduutti fayyadamte; irra caalaa jechootaa sirriitti dubbiste; dhuma himaarratti aara galfachaa dubbisuu keen hubadhe.”

6 akka barattoonni gaaffii walgaafatan jajjabeessi. Fakkeenyaaf, “ seeneffamicha keessaa kutaan kamtu sitti tole? Dhuma isaa akkamitti jijjiirta?”

6 yeroo barattoonni walii dubbisan dhaggeeffachuun dandeettii isaan sagalee ol fuudhanii dubbisuurratti qaban madaali.

Yaadrimeewwan faana bu’uu/ Maxxansuu Yaadrimeen maxxansuu amaloota hedduu haammata. Isaanis bitaadhaa gara mirgaatti, irra gara jalaatti dubbisuu, bakka duwwa jechoota gidduutti hambisuu, sirna tuqaaleefi qub-guddeessa hubachuu, qola kitaabaa, fuula mata duree, jechoota, himaafi wkf ta’u. Yaarimwwaan kana irratti hubannoo gabbifachuun akka dubistoonni qabiyyeefi amaloota kitaabota dabalataan dubbisanii hubatan tumsa. Faana bu’uunis tooftaa ittiin yaadrimeewwan kunniin namoonni hubachuu akka danda’an jajjabeessudha. Itti dabalees, faana bu’uun ga’umsaan dubbisuu barattootaa cimsuun hubannoon isaanii akka dabalu taasisa.

Adeemsa:

6 kitaabota dabalataan dubbifaman fayyadamuun akkamitti akka tarsiimoo faana bu’uuti dhimma ba’uun akka danda’amu fakkeenya ta’iifi.

6 akka barattoonni quba isaanii ishee abbuudduutti aantu ol qaban gaafadhu. Sana booda, quba isaanii kanaan qaamolee kitaaba dabalataa kana akka agarsiisan itti himi.

6 itti fufuun, akka isaan qola kitaabichaa, mata duree, fuula jalqabaafi dhumaa akkasumas, odeeffannoo adda addaa kan kitaaba dabalataa sana keessa jiaran akka agarsiisan itti himi.

6 kitaaba isaanii keessaa fuula tokko akka baafatan taasisi.

6 fuulicharraa akka isaan jecha jalqabaa kan hima isa duraa keessa jiru agarsiisan qajeelchi. Sana booda, jecha itti aanutti akka darban itti himi. Kana ammoo, hanga jecha dhumaa himichaa bira ga’anitti akka itti fufan gaafadhu.

6 sirna tuqaalee barreeffamicha keessa jiru akka agarsiisan qajeelchi.

6 akkuma isaan dubbisuun fooyya’aa dhufaniin, jechoota agarsiisuurra tokkoon tokkoon jechaa jala quba isaanii ishee abbuudduutti aantu butaa hanga tuqaalee dhumaatti himichaa jiru bira ga’anitti akka duukaa bu’an jajjabeessi. Kun ga’umsaan dubbisuun isaanii akka dabaluuf gargaara.

6 haga isaan yaadrimee maxxansaa kana baranitti, adeemsicha yeruma hunda irra deebi’uun shaakalsiisi.

USAID/READ CO14

Tarsiimoolee waan beekaniin dubbisuuBarattoonni kitaabota qubeewwan barataman qofaarraa ijaaraman yeroo fayyadaman, qajeelfama tarsiimoolee murtaa’oo ta’an akka fayyadaman kennamuuf dandeettii isaan jechoota sana hubachuuf qaban akka dabalu taasisa. Tarsiimooleen hedduunis gama kanaan fayyadanis bu’a qabeessummaan isaanii mirkanaa’ee jira. Tarsiimooleen kun akka barattoonni hubannoo qubeefi walitti dhufeenya isaan sagalee bakka bu’an waliin qabanfi ga’umsa dubbii afaaniirratti qaban fooyyeffatan gargaaru. Tarsiimooleen kunniin irra deddebiidhaan barsiifamuufi akka barattoonni yeroo of danda’anii dubbisan itti fayyadaman taasisuun barbaachisaadha.

Adeemsa:

6 qoqqooduu– barattoonni qaamolee jechaa xixiqqaa jechoota kennaman keessaa addaan baafachuu qabu. Sana ammoo salphaatti dubbisuu danda’u. Sana booda, qaamolee jechaa kan biraa itti dabalu. Fakkeenyaaf, ijoolleen jecha “shimala” jedhu dubbisuuf nirakkatu ta’a. Yoo jecha mala jedhu beekan, suuta jedhanii sh fi i dubbisuun jechichatti dabalanii hubachuu danda’u.

6 laaltoo haala galumsaa– yoo barattoonni jechoota hinbeekne hima keessatti argan, irra darbanii himoota hafan dubbisuu qabu. Kun ammoo jechoonni beekan irraa ka’uun kan hinbeekne galumsarraa akka hubatan gargaaru.

6 diddiriirsuu– yeroo qubeewwan dubbisan inni / isheen qubeewwan addaan qoqqoodanii walitti makanii dhiyeessu. Haalli kun akka sagaloonni walqabatan taasisa. Fakkeenyaaf, jecha shimala jedhu yoo dubbisan sh-i-m-a-l-a jechuun yookiin shshshiiimmmaaalllaaa jechuun diddiriirsuu danda’u ta’a.

6 ilaaluu– jecha dhiyaate tokko dubbisuuf kan isaan gargaaru laaltoo fakkiirra fudhachuu danda’u. irra deedi’anii dubbisuu

6 Irra deddeebi’an Dubbisuu- hanga inni hiika qabeessa ta’uu danda’utti yookiin dhageettiitti tolutti jecha tokko irra deddeebi’anii dubbisu.

6 Jalqabaafi dhuma– barattoonni osoo qubeewwan gidduu jecha haarawaa tokkoo jiran hindubbisiin, warra jalqabaafi dhuma jechichaarra jiran sagaleessu.

Fakkiilee Socho’anFakkiilleen socho’an ergaa dubbisa dhiyaate hubachuufi beekumsa duraan qabaniin walqabsiisuuf laaltoo guddaadha. Fakkiilee dhiyaate ilaaluun dubbistoota kakaasuun kitaabota dabalataa sirriitti akka dubbisaniif haalaan qopheeessa. Kanaanis qabiyyee kitaabota dabalataa hubachuun milkaa’uuf daran barbaachisaadha.

Adeemsa:

6 akka barattoonni gareen yookiin lama lamaan qola kitaaba dabalataa ilaaluufi mata duree isaa dubbisanii seeneffamichis waa’ee maalii akka ta’e akka tilmaaman taasisi.

6 akka barattoonnin kitaabicha banaanii fakkiilee achi keessa jiran fuula jalqabaarraa kaasanii hanga dhumaatti ilaalan gaafadhu.

Sadarkaa Hawaasaatti, Maanuwaalii Dalagaalee Ogummaa Dubbisuufi Barreessuu Guddisuu 15

6 erga barattoonni fakkiilee sana ilaalanii booda, akka isaan waan fakkirrachaa hubatan ibsan taasisi. Yoomessa, ta’iinsotaafi qooddattoota fakkiilee sanarraa mul’atan irratti akka mari’atan qajeelchi.

6 erga fakkilee sana ilaalanii booda, kan isaan duraan seeneffamichi waa’ee maalii akka ta’u tilmaaman jijjiiramuufi sirrii ta’uu isaa mirkaneessuufi dhiisuu isaa akka himan barattoota gaafadhu.

6 fakkiilee ilaaluu yeroo xumuran ammoo, ammas irra deebi’iitii akka barattoonni waa’ee seeneffamichaa odeeffannoo murta’oo siif kennaan gaafadhu.

6 tilmaama isaanii isa dhumaa yoo taasisan, akka barattoonni himaan waa’ee qoddattootaa, yoomessaafi ta’iinsota seeneffamicha keessaa himan yaadachiisi

Walitti Garagaluun Dabareen DubbachuuDabaree dabareen dubbachuun ogummaawwan dubbachuufi yaaduu barattotaa gabbisuuf fayyadanidha. Kunis haasawaan caaseffame tokko barattoota gidduutti geggeeffamuun adeemsaafi wantoota haasawaa tokkoof barbaachisan akka barattoonni baratan gargaara.

Adeemsa:

6 akka barattoonni yaadrimeewwan kitaabota dabalataatiin walqabatan ibsaniif gaaffii gaafadhu. Fakkeenya, Gamtaafi Goobaneen gargaaramuu qabu jettee yaaddaa’i?

6 akka barattoonni gara hiriyoota isaaniitti garagalan taasisi.

6 akka barattoonni gaafiilee dhiyaaterratti waliin mari’atan gaafadhu. Barattoonni dabaree dabareen dubbachuu, yaada waljijjiiruu, waan hingalleef walgaafachuu qabu. Ati ammoo yeroo kana keessa deemuun sirriitti dhaggeeffadhu.

6 barattootaaf yeroo marii ga’aa kenniif.

6 sana booda, akka isaan yaada waliin mari’atan daree guutuudhaaf ibsan qajeelchi. Tarsiimoo kanatti fayyadamanii hojjechuu barattootaatiin dura ofii keetii ittiin hojjedhuutii barattootatti agarsiisi.

Beekumsa duraanii Tarsiimoon kun akka barattooni mata dureefi fakkiilee kitaaba dabalataa sanaa bu’uureffachuun beekumsa duraan qaban gara seeneffamichaatti fidataniifi waan haaraa itti baran taasisa. Barsiistonniifi warri fedhaan tajaajilan akka barattoonni waan duraan beekan tokkorraa ka’anii hubannoo haarawaa horachuu danda’anitti gargaaruu qabu.

Adeemsa:

6 fakkiileefi mata duree qola kitaaba dabalataarra jiran bu’uureffachuun waa’ee isaa maal akka beekan barattoota gaafachuun walbarsiisi. Fakkeenyaaf, gaaffii ati dhiyeessuu dandeessu keessa inni tokko “Har’a kitaaba mata duren isa ________ baranna.”

6 mee mata dureefi fakkiilee qola kitaabarra jiran ilaalaatii waa’ee isaanii maal akka beektan hiriyaa keessanitti yookiin natti hima?

USAID/READ CO16

6 yoo barattoonni cimdii cimdiin mari’achaa jiru ta’e, waan irra ga’an akka sitti himan gaafadhu.

6 akkuma isaan deebii kennaniin, beekumsa barattoonni yaadrimee sanarratti horataniif hinhoranne madaali. Yoo beekumsi barattoota keetii murtaa’aa ta’e, fakkiilee kitaaba keessatti dhiyaatan itti agarsiisuun ibsuufiin akka beekumsi isaanii dabalu taasisi.

Ariitiin barreesuu Ariitiin bareessuun akka barattoonni waan hinbeeknee tokkoo waan beekaniin waliin qabsiisanii odeeffannoo argatan tumsa. Kana malees, ariitiin barreessuun ga’umsi barreesuu, fayyadama jechootaafi hubannoon isaanii akka dabalu taasisa. Adeemsi kun haala dhaaba qabuun kan itti fufu yoo ta’e, barattoonni waa’ee mata duree sanaa barachuuf kaka’umsa horachuun barreeffamni jaraas gadifageenyaafi ga’umsa kan qabu ta’aa deema.

Adeemsa:

6 yaada yookiin mata duree kitaaba dabalataa keessa jiru tokko fuudhiitii akka isaan irratti barreessaniif afaaniin itti himi.

6 daqiiqaa 3-5 keessatti waa’ee yaada yookiin mata duree sanaa waan sammuu isaaniitti dhufe hundumaa akka barreessan qajeelchi.

6 akka barattoonni waa’ee caasaa afaanii yookiin waa’ee dogoggora qubee osoo hiyyaadda’in waan yaadan waraqaarra kaa’an itti himi.

6 waan barreessan sana ammoo akka isaan hiriyaa, garee yookiin daree hunda waliin irratti mari’atan gaafadhu.

6 waa’ee yaada yookiin mata durichaa akka barattoonni kitaaba dabalataa irraa dubbisan yookiin kan dubbifameef dhaggeeffatan qajeelchi. Sana booda, kitaaba dabalataa san dubbisiif.

6 erga dubbisamee yookiin dhaggeeffatamee booda, daqiiqaa 3-5 keessatti akka isaan waa’ee mata durichaa waan beekan mara barreessan gaafadhu.

6 barattoonni, waan osoo kitaaba dabalataa sana hindubbisiin yookiin hindhaggeeffatiin barreessan isa erga dubbisanii yookiin dhaggeeffatanii barreessaniin akka walbira qabanii ilaalan taasisi.

6 barattoonni isa erga baratanii waa’ee mata durichaa barreessan irratti yaada akka waljijjiiran qajeelchi. Fakkenyaaf, barattoonni daqiiqaa 3 akka bareessan itti himi. Waa’ee ‘faalamaa’ waan beekan hunda akka isaan barreessantu barbaadama. Itii aansuun, ati ammoo barreefama waa’ee faalamaa kan kitaaba dabalataa keessa jiru dubbisiifi. Erga dubbifteefi booda, akka barattoonni waa’ee ‘faalamaa’ waan beekan hunda daqiiqaa 3 keessatti barreessan qajeelchi. Ittansuun , akka isaan barreessan irratti waliin mari’atan taasisi.

Sadarkaa Hawaasaatti, Maanuwaalii Dalagaalee Ogummaa Dubbisuufi Barreessuu Guddisuu 17

Xalayaa barreesuuXalayaa barreesuun haala isaanii mijatuun yaada isaanii nama birootiif dabarsuun karaan isaa gaariidha. Xalayaan qaamolee adda addaa afur qaba: guyyaa, seensa, qaamaafi goolaba. Barattoonni xalayaa firaa erga barreessanii booda, hiriyoota isaaniitti agarsiifachuun walii gulaalu.

Adeemsa:

6 kaayyoofi qaamolee xalayaa barattootaan walbarsiisi.

6 xalayaa barreeffame tokko barattoota keetti agarsiisuun qaamolee isaa ibsiif.

6 kitaabota dabalataan dubbifaman odeeffannoo kennu yookiin seenessaa ta’e tokko barattoota keetii daree keessatti dubbisiif.

6 akka barattoonni kee gareen ta’uun xalayaa qooddataa tokko yookiin mata dureewwan akka ‘qotuu, jijjiirama qilleensaafi wkf irratti xalayaa barreessan taasisi.

6 akka barattoonni xalayaa barreessan sana hiriyaa isaanii waliin irratti yaada waljijjiiran gaafadhu.

6 xalayaa barattoonni kee barreessan ilaaluun qaamoleen isaa hundi haammatamuufi dhiisuu isaanii mirkaneeffadhu.

6 yoo danda’ame, daree keessatti xalayicha barattoota keetiif bakka argamu kaa’i.

Himoota waliin makaman Fayyadama: dubbisuun dura, yeroo dubbisuufi dubbisuun booda

Himooni waliin makaman, akka barattoonni duraa duuba jechootaafi sirna tuqaalee baratan gargaaru. Dalagaan akkasii kun kallattiin baruufi waan tokkoon walqabsiisanii yaaduu, tilmaamuu, dhugoomsuu, beekumsa caasluga afaanii (sirna tuqaalee, qub-guddeessa, tartiiba jechootaa) fi hubannoo duraa-duuba yaadaa caasaaleen sun dabarsan beekuu gaafata.

Adeemsa:

6 hima baay’ee barbaachisaa ta’e jalqaba, gidduufi dhuma kitaaba dabalataa sana keessaa filachuun hima argatte sana keessa jechoota jiran walkeessa makuun gabatee gurracharratti barreessi.

6 barattoonni jechoota sana sirressuun hima sirri ta’e tokko akka gabatee gurracharratti barreessan jajjabeessi.

6 yoo barattoonni hojichaan milkaa’an, himoota kitaaba dabalataa keessaa fudhachuun walkeessa makii dabalataan gabatee gurracharratti barreessuun akka barattoonni tartiiba isaanii sirreessanii qajeelchi.

6 himoota isaan sirreessanii barreessan gulaaluun akka barattoonni waan kitaaba dabalataa keessa jiran tilmaaman taasisi.

6 kitaaba dabalataa dhiyaate akka dubbisan qajeelchi. Yeroo kitaaba dabalataa kana dubbisan tilmaani isaanii sirrii ta’uufi dhiisuu isaa barattoonni akka mirkaneeffatan ajaji.

USAID/READ CO18

6 dubbisuun booda, barattoonni himoota walkeessa makamanii jiran irratti hundaa’uun seeneffama kitaaba dabalataa keessa jiru akka irra deebi’anii himan jajjabeessi. Himoota sanas dabtara isaanii irratti akka barreessan yookiin hiriyaa isaanii waliin yaadicha akka waljijjiiran taasisi.

6 adeemsi kun erga kitaaba dabalataa dubbisanii boodas tilmaama isaanii isa olitti kaasne dhiisuun raawwachuu danda’a.

Tilmaami, deebisi, mirkaneessi, barreessi. Adeemsi ‘tilmaami, deebisi, mirkaneessi akkasumas, barreessi’ jedhan akkuma barattoonni barruu tokko dubbisuun hubannoo isaaanii to’achaa deemaniin argamaa deema. Adeemsichis beekumsa barattoonni duraan qaban kakaasuun hubannoo tumsa

Adeemsa:

Gulantaa 1: Fakkii qola kitaaba dabalataan dubbifaman irra jiru barattootatti agarsiisuun mata duree isaa dubbisiisf.

Gulantaa 2: fakkiifi mara duree kitaabicharra jiran bu’uureffachuun akka barattonni waal achi keessa jiru tilamaan taasisi.

Gulantaa 3: kitaaba dabalataan dubbifaman sana sagalee ol kaasuun barattootaaf subbisi.

Gulantaa 4: ammam akka dubbisichi tilmaama isaanii mirkaneessaa yookiin irraa maqaa jiru addaan baafachuuf, osuma dubbisaa jirtuu bakka tokkotti dhaabiitii gaaffadhu.

Gulantaa 5: erga dubbistee xumurtee booda, tilmaama isaanii sirrii ta’uufi dhiisuu isaa, yoo sirrii hintaane maaliif akka ta’uu dhabe dhuunfaan yooiin gareen akka barreessan qajeelchi.

Irra deebi’anii himuuIrra deebi’anii himuun yeroo baay’ee seeneffama kitaabota dabalataan dubbifaman kan ilaallata. Haata’u malee, barruu odeessaa hawaasa keessa jiru irratti barreeffamaniifis nihojjeta. Adeemsa kanaan barattoonni seeneffamicha jechoota mataa isaaniitiin irra deebi’anii himuufi tartiiba qabatamaan tokkoon dhiyeessuu akka isaan danda’an shaakalsiisa.

Adeemsa:

6 kitaaba dabalataan dubbifaman dubbisuun booda, akka barattoonni waan dubbisan sanatti yaadan gaafadhu. Akka isaan jalqaba, gidduufi dhuma seeneffamichaa irratti yaadan yaadachiisi. Akkasumas, waa’ee qooddattoota, yoomessaa, ta’iinsaa, rakkoofi furmaata achi keessatti dhiyaatanii haalaan akka itti yaadan itti himi.

6 Akka barattoonni hedduun gara fuula duraatti ba’uun seeneffamicha irra deebi’anii himan taasisi.

6 Akkuma duraan gochaa turte deebii isaani galmeessi.

6 Akka waan kitaaba dabalataa keessatti hinargineetti akka hiriyaa isaaniitti himan gaafadhu. Kanas akka barattoonni tartiiba mataa isaaniitiin yeroo barbaadan keessatti himan hayyamiitifi.

6 Yoo barbaachise, akka barattoonni kutaalee seeneffamichaa yaadatan quba qabsiisi. Kanas, tarii jalqarra, gidduutti, dhumarra maaltu akka ta’e, rakkoofi furmaanni achi keessatti heeraman maal akka fakkaatan irratti xiyyeeffachuun quba qabsiisuu dandeessa. Barattootas gaaffiilee banamoo ta’an (fkn. Waan hafe nati himuu dandeessa? Waan itti dabaltu maaltu jira?) gaafadhu.

Sadarkaa Hawaasaatti, Maanuwaalii Dalagaalee Ogummaa Dubbisuufi Barreessuu Guddisuu 19

6 Barattoonni qophaa’uu isaanii yoo mirkaneeffattu, akka isaan seeneffama sana walii dubbisan, dabareedhan ammoo irra deebi’anii himan itti himi. Kana jechuun, barattoota keessaa tokko yoo dubbisu kaan nidhaggeeffa. Inni dubbisus akka inni dhaggeeffatu sun hubachuun irra deebi’ee himuu danda’utti saffisa barbaachisaa ta’een akka dubbisu gaafadhu. Kun ammoo, seeneffamicha sirriitti hubachuun haalaan irra deebi’ee himuuf isa gargaara. Ogumma kana haala walitti fufiinsa qabuun shaakalsiisuun akka barattoonni irra deebi’anii himuu amaleeffatan, caasaa seeneffamaa tartiiba qabatamaa ta’e tokkoon addaan baafachuu danda’an gargaara.

Irra deebi’anii dubbisuu

Fayyadama : dubbisuun boodaKitaaba dabalataan dubbifaman irra deebi’anii dubbisuun gabbina ga’umsaan dubbisuu, fayyadama jechootaaf hubannootiif tumsa guddaa taasisa. Akkuma irra deebi’anii dubbisaa deemaniin jechoonni seeneffamicha keessaa hubachuun salphachaafi deema. Kanaafuu, irra deebi’anii dubbisuun barattoonni osoo humna cimaa hinbaasin xiyyeeffannoo isaanii ergaa seeneffamichaa hubachuurra akka taasifatan gargaara.

Adeemsa:

6 kitaaba dabalataa keessatti seeneffama gabaabaa erga dubbisanii booda, barattoonni si’a sadafaaaf hanga hiriyoota yookiin barsiisaadhaaf sirriitti dubbisuu danda’anitti irra deebi’anii dubbisu.

6 hagam dubbisuun isaanii inni sadaffaan isa duraarraa akka fooyya’iinsa agrsiise barattoota gaafadhu.

6 dubbisni isaanii sadaffaan maaliin isa tokkoffaarra akka adda ta’u barattoota gaafadhu. Saffisaan dubbisuu isanii hubatani? Ergaa seeneffamichaa haalaaan hubatanii? Haalli isaan itti ibsan/ dubbisan fooya’aa ture?

gaaffiilee kitaaba dabalataa ilaallatan deebisuurratti yoo hanqina qabaatan kitaabicha irra deebi’anii akka ilaalan taasisi. Kun ammoo, haala ittiin irra deebi’ani dubbisan keessa tokko ta’uu isaa hubachiisi.

Duraa-duubessuuTarsiimoon kun akka barattoonni odeeffannoofi ta’iinsota qindeessanii duraa-duubaan dhiyeessan taasisuun hubannoo isaanii ijaara. Duraa-duubessuun kitabilee dabalataan dubbifaman kan odeeffannoo dhugaa irratti dhiyaatan qabateef gaariitti hojjeta.

Adeemsa:

6 kitaaba dabalataan dubbifaman dubbisuun dura, tartiibota barbaachisoo ta’anii kitaba dabalataa sana keessatti dhiyaatan waliin makuun gabatee gurraacharratti barressi.

6 Kitaaba dabalataa sana barattootaaf dubbisi, yookiin akka barattoonni waliif, yookiin daree guutuudhaaf dubbisan qajeelchi.

6 erga dubbisanii xumuranii booda, akkuma duraan shaakalaa turan, akka barattoonni hedduun irra deebi’anii seeneffamicha himan gaafadhu.

USAID/READ CO20

6 akka barattoonni isa gabatee gurracharratti tarreefame irratti xiyyeeffatan hubachiisi.

6 sana booda, akka barattoonni ta’iinsota walkeessa makamanii gabatee gurracha irratti dhiyaatan sana fuulduratti lakkoofsa tartiiba isaanii isa qabatamaa agarsiisu barreessan qajeelchi. Lakkoofsa fayyadamanis 1 irraa akka eegalan itti himi. Kun ammoo gareedhaan waraqaa xiqqoo isheerratti barreessuun kan raawwatamu ta’uu danda’a. Miseensonni garee tokko walii dubbisuudhaan waraqicha irratti isa sirrii ta’e jalqabaarraa gara dhumaatti tartiibessuun akka agarsiisan ajajuun isa kitaaba dabalataa keessatti dhiyaateen walcinaa qabanii akka ilaalan itti himi.

Barattoonni hedduun dabaree dabareen gara gabatee gurraachaa dhufanii achumarratti lakkoofsa tartiiba sirrii garee isaaniitiin kenname himoota sana fuuldhuratti akka barreessan gaafadhu. Adeemsi kun akka barattoonni isa garee adda addaatiin kennamerraa tartiiba sirrii ta’iinsonni sun ittiin dhiyaatan mirkaneeffatan gargaara.

Seensa/ibsaIbsa waliin sagalee ol fuudhanii dubbisuun ga’umsaafi hubannoon dubbisuun barattoataa akka cimu taasisa. Tarsiimoon kun akka barattoonni dhageeffatanii ibsa barbaachisaa ta’een dubbachuu danda’an haala mijeessaaf. Kanas barattoonni garee xiqqaan, daree guutuun yookiin lama lamaan raawwachuu danda’u.

Adeemsa:

6 yeroo kitaaba dabalataa dubbistu akkamitti akka sagaleen kee jijjiiramu barattoota dhageessisuun fakkeenya ta’iif. Hima tokko yookiin lama osoo sagalee kee hinjijjiirin dubbisiif. Himootuma sana ammoo, sagalee kee ol kaasuufi gadi buusuun dubbisiif.

6 barattoonni kee akkaataa dubbisuu isa kamitti (isa sagalee ol kaastee dubbiste moo isa kaan ) akka gammadan gaafadhu.

6 himoota sadii, tokko kan tuqaan, tokko mallattoo raajeffannootiin, tokko ammoo kan mallattoo gaaffiitiin xumuraman gabtee gurracharratti barreessi. Barattoonni kee akka akaakuu sirna tuqaalee san addaan baasan gaafadhu.

6 Erga barattoonni kee akaakuu sirna tuqaalee sanaa addaan baasanii booda, sagalee kee jijjiiruun himoota sana barattoota keetii dubbisi. Itti aansuun, akka barattoonni kee dhubbisa tokkoon tokkoon hima sanaa booda sagaleen kee ol ka’eefi gadi bu’uu ilaalchisee waan hubatan gaafadhu. Sagaleen kee yeroo himni xuqaan xumuramu gadi bu’uu, yeroo himoonni sun gaaffiifi raajeffannoon xumuraman garuu ol ka’uu isaa hubachuu isaanii mirkaneeffadhu.

6 himoota sadii dabalataan gabatee gurracharratti barreessi. Barattoonni hedduun dabaree dabareen gara gabatee gurraachaa dhufuun akka daree guutuudhaaf dubbisaniifi haala sagaleen isaanii dhuma himichaatti ta’u warri dhaggeeffatan akka hubatan qajeelchi.

6 akka barattoonni warri dhaggeeffatan yoo isaan himoota sana sirritti dubbisan abbuudduu isaanii ol qabuun, yoo isaan sirriitti hindubbifne ammoo abbuudduu isaanii gadi qabuun agarsiisan qajeelchi. Warri yeroo jarri dubbisan sirriis ta’e dogoggora ta’uu addaan baafachuu dadhaban ammoo abbuudduu isaanii giddugaleessa irra akka taasisan itti himi. Kitaaba dabalataa sana daree guutuudhaaf sagalee kee ol kaasuufi gadi buusuun dubbisiif.

Sadarkaa Hawaasaatti, Maanuwaalii Dalagaalee Ogummaa Dubbisuufi Barreessuu Guddisuu 21

Sagaloon yaadiTarsiimoon sagalee ol fuudhanii yaaduu barattoonni yeroo dubbisan waan dubbisan sanatti yaadaa akkasumas, hubachaa jiraachuu isaanii to’achuuf gargaara.

Adeemsa:

6 kitaaba dabalataa sagalee ol fuudhiitii dubbisi.

6 yeroo dubbistu, akkataa itti yaadaa dubbistu barattoota keetti agarsiisuuf, karaa adeemsa yaaduu keetii mul’isaa fakkenya ta’iif. Fakkeenyaaf, waa’ee nama gammadaa tokkoo dubbisuun, fakkii isaa ilaalaa sagalee kee ol fuutee “Namichi kun gammadaadha,” jechuu dandeessa. Sabani isaa aduun baahaa waan jirtuuf oyiruu hojjetachuu danda’a. Fuula dhumaarratti, guyyaa lammaffaa, akkuma inni fuduraa isaa gabaa geeffachuuf ka’een bokkaan robe. “Tarii bokkaa sana keessa gabaa hindeemu ta’a. Sabani isaa namoonni baay’een achitti argamuu waan hindandeenyeef.” Seeneffamicha keessa bakka tokkotti, dhaabuun, “Wanti itti aanee dhufe na dinqe; maaliif, akkamitti …..” jechuun xiinxaluu dandeessa ta’a.

6 barattoonni kees akkamitti akka ati dubbisaa yaaddu erga hubatanii booda, kitaaba dabalataa keessaa hima tokko akkamiin dubbisaa akka yaadaan akka walitti himan gaafadhu. Akkaataa kanaan dubbisaa yaaduu isaanii waliin mari’achiisuu yeroo baay’ee akka shaakalan taasisuun haala dhaaba qabuun itti fufi.

6 dubbisicha booda, ammam sagale ol fuudhanii dubbisaa yaaduun kitaaba dabalataa sana hubachuuf akka isaan gargaare akka walitti himan barattoota kee gaafadhu.

6 Akka barattoonni yada isaanii daree guutuudhaan waljijjiiran taasisi. Hanga barattoonni tarsiimoo sagalee ol fuudhanii yaaduutti gammadanitti, sagalee ol fuutee yaaduun irra deddeebi’ii fakkeenya ta’iif.

Dubbisa irra deebiiDubbisa irra deebiitti kan fayyadu qajeelfama dubbisa sagaloo shaakaluufi dogoggora achirratti mul’atan sirreesuu warra barbaadu ta’ee barbaachisummaan isaa ga’umsaafi hubannoon dubbisuu fooyyessuufi. Barattoonni hanga sadarkaa ga’umsaan dubbisuu quubsaa ta’erra ga’anitti irra deddeebi’anii dubbisuu qabu. Inni kun yeroo baay’ee cimdiidhaan (barsiisaafi barataan, barataafi barataan) hojjetama.

Adeemsa:

6 seeneffama yookiin dubbisa jechoota 50-200 qabu kan sadarkaa ga’umsa ogummaa dubbisuu barattootaa giddu-galeesa godhate filadhu.

6 akka barataan tokko seeneffamicha siif dubbisu gaafadhu.

6 yeroo inni/isheen siif dubbistu kan dogoggoraan sagalessame, isa osoo hindubbifamin irra tarame akkasumas, kan bakka bu’ame addaan baafadhu.

6 battaluma isaan dubbisaa jiran sanatti, dogoggora mul’atan sirreessuun akka barattoonni kee himicha jalqabaa kaasanii irra deebi’anii dubbisan gafadhu.

6 hanga barattoonni kee ga’umsa barbaachisaa ta’een sirriitti dubbisuu danda’anitti, duub-deebii barbaachisaa ta’e kennaaf akka isaan irra deebi’anii dubbisan taasisi. Erga si’a tokko yookiin isaa ol irra deebi’anii dubbisanii booda gaaffiileen hubannoo yookiin irra deebi’anii himuu gaafatamuu danda’u.

USAID/READ CO22

Saxaxa diddiirsuuTarsiimoon kun akka barattoonni waan hubatan gara fakkiitti jijjiiranii agarsiisan barbaada. Saxaxa fakkii kaasaniis hiriyoota isaanii waliin afaaniin irratti yaada wal jijjiiruu danda’u. waa’ee saxaxa isaaniis ibsa barreesuu danda’u. Tarsiimoo kana gargaaramuun, akka barattoonni waan beekan gara yaada ijoofi yaadolee gargaartuu dubbisichaatti fiduun fakkii isaaniitiin walqabsiisanii dhiyeessan itti himi. Kun ammoo, beekumsa isaan duraan qaban kakaasa; ogummaa fayyadama jechootaa gabbisa. Kunis hubannoo isaan kitaaba dabalataa irratti qaban cimaa deemuu agarsiisa.

Adeemsa:

6 kitaaba dabalataa, fakkeenyaaf Itoophiyaa keessatti waa’ee waa bitaniifi gurguruu, erga dubbisanii booda, saxaxa fakkii haala suuqii yookiin gabaa tokko agarsiisuu danda’uu qabu. Saxaxa isaani keessatti akaakuu waan gurguramuu, gatii, nama gurguruufi wkf itti dabaluun nidanda’ama.

6 akka barattoonni kee saxaxa fakkii isaaniitiif fuulchee ( jechaan, gaaleen yookiin himaan) akka barreessan taasisi.

6 barattoonni saxaxa isaaniirratti yaada waljijjiiruun gadi fageenyaan mari’achuu danda’u. Akka barattoonni duraa-duuba ta’iinsotaa kitaaba dabalataa keessa ilaalan jajjabeessuun hubannoofi dandeettiin yaaduu isaanii akka dabalu tumsi.

Tarreessi, gareetti qoodi, sadarkaa itti kenniTarreessi- gareetti qoodi- maqaa itti kenni tarsiimooleen jedhan sadan akka barattoonni jechoota galumsarraa baraniifi garee gareetti qooqqoodan barsiisu.

Adeemsa:Gulantaa 1: barsiisaan jechoota haarawaa kan kitaaba dabalataa keessaa funaanaman gabatee gurraacha

irratti barressa.( fakkeenya, ariitii)

Gulantaa 2: gargaarsa barsiisaatiin barattoonni jechoota isaanitti ulfaatan kitaabicha keessaa filachuun barsiisaan ammoo gabatee gurracharratti barreessa (fakkeenyaaf: soorata, nyaate, diimaa)

Gulantaa 3: sana booda, barattoonni jechoota kennamnan sana akka gareetti qoqqoodan,maqaa isaaniis addaan baasan(fakkeenyaaf maqaa ( soorata), gochima (nyaate), maqibsa ( diimaa) wkf.

Sadarkaa Hawaasaatti, Maanuwaalii Dalagaalee Ogummaa Dubbisuufi Barreessuu Guddisuu 23

Tapha fayyadama jechootaa Tarsiimoon kun jechoota bifa taphaatiin dhiyeessu.

Adeemsa:

6 jechoota akka barattoonni baratan barbaaddu kitaaba dabalataa keessaa filadhu. Jechoota filatte kanas gareewwan barattootaa uumteef hiri.

6 jechoota hundaaf laaltoo tokko tokko waraqaa xixiqqoo adda addaa irratti barreessi.

6 waraqaalee sana osoo barattoonni daree hinseenin minjaala isaaniirra kaa’i.

6 tokkon tokkoon barattootaa yookiin gareewwanii waraqaa laaltoo sana dubbisuu hiika jechoota sanaa tilmaamuu akka danda’n taasisi.

6 barattoonni laaltoo sana irratti hiriyoota yookiin garee isaanii waliin akka mari’atan qajeelchi.

6 barattoonni jechoota kennaman laatoo sana irratti hundaa’uun tilmaamu. yeroo fixan, gareewwan isaanii laaltoo sana irratti mari’achuun jecha kamiin akka ilaallatu murteessu.

4.6. Kitaabilee dabalataan dubbifaman keessatti koornayaafi hundaammatoo ilaalcha keessa galchuu

I� Meeshaalee Dabalataan Dubbifaman

6 Kitaabilee barnootaafi meeshaaleen dabalataan dubbifaman kallattiinis ta’e alkallattiin gahee hojii dhiiraafi dhalaa koorniyaa ilaalchisee jiruufi ilaalcha hi’eentaa namoota mudoo garaagaraa qabaniin haammaachuu hinqabu.

6 Kitaabileen dabalataan dubbifamaniifi meeshaaleen deggersa barnootaa hundi dhiiraafi dhalaa walqixa kan hirmaachiseefi dhiyeesse ta’uu qaba.

6 Bakka barbaachisutti kitaabileen dabalataa ijoollee mudoo garaagaraa qabaniif jiraachuu qabu. Fakkeenyaaf, kitaabileen dabalataafi kanneen biro bifa bireeliitiin jiraachuu qabu.

II� Afaan ittiin dhiyaate

Fayyadamni afaanii kitaabilee dabalataa, baankii kitaabaa, buufata kitaabaa, gumii dubbisuufi barreessuufi wkf keessatti dalagaalee raawwataman keessatti mul’atan walcaalmaa dhiiraafi dubartii akkasumas, namoota mudoo qabanii calqqisiisuu hinqabu. Haala Kanaan, ol aantummaan dhiiraafi gadaantummaan dhalaafi namoota mudaa qabanii kitaabilee dabaltaa sana keessatti argamuu hinqabau jechuudha

Barsiistoni, fadhaan tajaajiltoonniifi qaamni ilaallatu hunduu afaan dalagaa barattootaas ta’ee carraaqqii isaan ogummaa dubbisuu gabbifachuuf taasisan walqixa kan jajjabeessu ta’uu qaba.

III� Walquunnamtii barattootaa waliin taasifamu

Ijooleen dubaraafi kanneen mudoo qaban musnin qaana’uu, ofitti amanuu dadhabuufi ijoole dura bahuuf rakkachuu danda’u ta’a. Akka hirmaannaan ijoolleen akkasii cimu taasisuurratti kanneen haala mijeessan gahee guddaa taphachuu qabu.

USAID/READ CO24

5. Hirmaannaa Maatiifi Hawaasaa

5.1. Hirmaannaan maatiifi hawaasaa maali? Faayidaan isaahoo?Daa’imman barnoota isaanii akka fooyyeffataniif, hirmaannaa maatiifi hawaasni, mana barnootaafi mana keessatti taasisan baay’ee barbaachisaadha. Daa’imman manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa keessatti dandeettii dubbisuu isaanii fooyyeffachuuf, manattiifi mana barnootaa keessatti shaakaluuf, maatiifi hawaasarraa deeggersa waliirra hin cinne barbaadu.

5�1�1� Hirmaannaa Maatii

6 Daa’imman isaa yeroon mana barnoota deemuusaaniifi mana barnootaati deebi’uusaanii yaadachuu,(Daa’imman isaa yeroo akka kabajaniif dhiphachuu)

6 Daa’immaan isaa barnootarraa akka hin hafneef ni dhimmama.

6 Daa’imman isaa mana barnootaa yeroo deeman meeshaalee barbaachisan hunda ni guutaafi.

6 Qormaataaf akka qo’atan ni gargaara.

6 Naamusa ni barsiisa.

6 Bakkaa fi yeroo itti qo’atan ni mijeessaafi.

6 Daa’imman isaa maal akka baratan nigaafata.

6 Akka daa’imman isaa kitaaba daa’immaniirraa seenaa dubbisaniifiif gaafachuu.

6 Fedhaan dubbistoota, GMBB, fi kanneen biroo waliin dhimma daa’immanii mari’achuufi daawwannaa garaa garaa taasisuu.

5�1�2� Hirmaannaa hawaasaa

6 Maatiwwan guddinaafi barachuu daa’imman isaaniirratti nihirmaatu – keessattuu, umurii isanii jalqabaarratti, daa’immaan isaaniitiif akka barsiisaa jalqabaa ta’uudhaan guddinaa afaanii daa’immaniitiif bu’uura kaa’u

6 Daa’ima waliin dubbatu; daa’ima waliin taphatu; daa’ima waliin dubbisu. Kunis akkamitti akka isaan hirmaatan mirkaneessa.

6 Maatiifi miseensonni hawasaa gaggeessitoota, barsiistotaafi haala mijeessitoota waliin dubbachun manneen barnoota nidaawwatu, nitumsus.

6 Daa’immaan, dalagaalee barachuufi dubbisuu deeggeran irratti hirmachuuf, yeroo, bakkaafi meeshaalee barnootaa gahaa qabaachuu isaanii, maatiin mirkaneeffachuu qaba.

6 Maatiin barreessufi dubbisuu daa’imman isaanii kan deeggeru, haala caalaatti mijataa ta’e uumuuf, miseensota hawaasaa biroo waliin ni mari’atu.

6 Maatiifi hawaasni, walga’ii mana barnootaa irratti hirmachuufi mari’achuudhaan, shamarran dalagaalee mana barnootaa irratti akka hirmaataniifi qabeenyaa mana barnootaarraas walqixxummaan akka fayyadamaniif deeggeruufi jajjabeessuu. Akkasumas, daa’imman miidhama qaamaa qabanis mana barnootatti haala gaarii ta’een qabamanii, hojii gaarii akka hojjetaniif tumsa gochuu.

Sadarkaa Hawaasaatti, Maanuwaalii Dalagaalee Ogummaa Dubbisuufi Barreessuu Guddisuu 25

5.2. Ijoolleen isaanii ogummaa dubbisuu akka guddifatan gargaaruuf beekumsa miseensonni hawaasaafi maatiin qabaachuu qaban

Maatiin dubbisuufi barreessuu danda’us ta’e dubbisuufi barreessuu hin dandeenye, manaafi hawaasa isaanii keessaatti guddina dubbisuu daa’imman isaanii tumsuuf wantoota beekuu qaban:

1. Daa’imman dandeettiwwan barbaachisoo, dubbisuufi barreessuu barachuuf isaan gargaaran akka gabbifatan gochuuf, obsa gaafata. Akkasumas, daa’immaniin feedhiifi gulantaa isaaniitin mijeessanii barsiisuu barbaada.

2. Guddina dubbisuufi barreesssuutiif, daa’immaan waliin dubbachuufi waan daa’imman dubbataniifi dubbisan dhaggeeffachuun barbachisaadha

3. Meeshaalee maxxanfamaniifi barreeffaman, kan naannoo isaaniitti argaman (beeksisa, galaalcha,waantoota meeshaa adda addaarratti barreeffaman) itti agarsiisuun, dubbisuufi barreessuu isaanii gargaara.

4. Daa’imman wajjin dubbisuufi booda immoo yeroo isaan dubbisan dhaggeeffachuun guddina dubbisuufi barreessuutiif barbaachisaadha.

5. Maatiifi miseensonni hawaasaa daa’immanitti dubbachuu danda’uu qabu. Akkasumas, daa’imman mana keessatti yookiin hawaasa keessatti akka dubbatan jajjabeessuu.

6. Daa’imman gaaffilee gaafachuu. Keessumaa, gaaffilee jechoota muraasan hindeebine gaafachuu .Fakkeenyaaf, waa’ee waan tokkoo maal akka yaadan gaafachuu.Waa’ee waan tokkoo akkamitti akka itti dhaga’ame gaafachuu.

7. Maatiifi miseensonni hawaasaa, manneen barnootaa waliin quunnamtii uumuudhaan, daa’imman hunda dubbisuufi barreessuu barsiisuurratti gargaaruunii qabu.

Guddinni daa’imaa osoo isheen hin dhalatiin eegala. Akkasuma guddinni dubbisuufi barreessuunis adeemsa yeroo keessa kan argamudha. Jireenya daa’imaa keessatti, wayitiiwwan barbaachisoo, guddina dubbisuufi barreessuu irratti kanneen hubannoo gabbisan:

6 Dubbachuuf eegaluu

6 Kitaaba sirriitti qabuu barachuu

6 Kutaalee kitaabaa adda baasuu.

6 Qubeewwan adda baasuu

6 Callisanii sassararuu ykn fakkii kaasuu

6 Maqaa ofii barreessuu

USAID/READ CO26

5.3. Ogummaawwan ijoolleen isaanii qabbisuuf meeshaalee maatiifi hawaasni barbaadan

Ijoolleen dubbisuu barbachuuf kitaabilee dabalataa barbaadu. Kitaabilee dabalataa kan ijoolleen bashannanaa dubbisuun ogummaa isaanii ittiin gabbifatan qopheessuu baay’ee barbaachisaadha. Meeshaaleen armaan gadii wantootuma naannawaatti argamanirraa eenyuunuu qophaa’uu kan danda’anidha.

Akaakuu meeshaalee barbaachisanii

Ogummaa akka isaan qabbifatan barbaadamu Qophii isaanii

qalama, meeshaalee ittiin barreessan, kan irratti barreessan (waraqaa, muka, baala, dabtara)

qubewwaan (jalqaba, gidduu, dhuma galan), dubbifamaafi dubbachiisaa), unata sagaleefi kanneen barbaachisan hunda

- Barruulee fakkiifi suuraan guutaman

- kaardii calaqqoo

5.4. Dubbisuu ijoollee isaanii Deggaruuf Tarsiimolee maatiifi miseensonni hawaasaa fayyadaman

Maatiifi miseensonni hawaasaa tarsiimoolee adda addaati fayyadamanii dubbisuu daa’imman isaanii manatti deggeruu danda’u. Tarsisimooleen kunis:

Tarsiimoo 1: Waa’ee dalagaalee guyyaa guyyaatti daa’immaan waliin dubbachuu

Yeroo manaafi naannoo isaanii qulqulleessan, yeroo qoraan coran, yeroo gabaa deeman, yeroo boroofi ooyiruu isaanii keessa hojjetan, yeroo magaalaa deemaan, yeroo waa ijaaraniifi suphan, yeroo nyaata bilcheessan, yeroo meeshaalee fe’an, yeroo bishaan waraaban, yeroo uffata miiccataniifi yeroo dalgaalee guyyu guyyuu kan biroo dalagan, daa’imman waliin dubbachuu. Waa’ee wantoota garaa garaa dubbachuun, fayyadama jechootaafi dandeettiwwan dhaggeeffachuu fi dubbachuu daa’immanii guddisuu danda’a. Akkasumas, guddina dandeettiwwan dubbisuutiif isaan qopheessa.

Tarsiimoo 2: Seenawwan daa’imman keetti himi.

Yaadawwan seenaa himuurratti kennaman ni jiru. Caalaatti yaadawwan kennaman dabalee(Appendix)A jalatti argamu.

6 Akka seenaa itti himuuf jettuufi callisanii haala gaariin akka si hordofaniifi gara kee ilaalan daa’immanitti himuu. Yeroo seenaan himamu daa’imman yoo dubbatan rakkoo hinqabu. Garuu, jalqabarratti akka isaan qophaa’aniifi xiyyeeffannoo kennan gochuun gaariidha)

6 Qalbii isaanii rarraasuufi bakkawwan murteessoo ta’an irraatti sagalee kee gadi buusi.

6 Bakkawwan seenicha keessatti nama bohaarsan irratti sagalee kee olkaasi

6 Qooddattoota seenichaa fakkeessuuf ykn akkeessuuf sagalee kee jijjiiri. (Fakkeenyaaf, leenci sagalee guddaafi furdaa qabaachuu danda’a)

6 Yeroo seenaa himtu, dhaggeeffattoota kee ija keessa ilaalaa dubbadhu.

6 Jalqaba, gidduufi xumura seenichaa irratti gaaffilee gaafadhu.

Sadarkaa Hawaasaatti, Maanuwaalii Dalagaalee Ogummaa Dubbisuufi Barreessuu Guddisuu 27

Tarsiimoo 3: Daa’immaniif weedisuu

Sirboota sirbuun dandeettiwwan dubbisuufi barreessuu fooyyessuuf gargaaruu danda’a. Sirboonni yeedaloofi jechoota daa’imman akka baratan barbaadamu niqaba. Daa’imman wajjin sirbuuu irratti yaadawwan kennaman:

6 Akka sirba sirbuuf jettu daa’immanitti himi.

6 Yeroo jechoota yeedaloo qaban sirbitu, sagalee kee ol kaasi.

6 Daa’imman si waliin akka sirban gaafadhu.

6 Sochii sirbichaa qaama keetiin agarsiisi. (Fakkeenyaaf, tarii sirbichi ‘utaali’ jedha yoo ta’e, duukaa utaaluu danda’uu qabda.)

6 Daa’imman jechoota sirbichaa akka irradeebi’anii jedhan gaafadhu.

Tarsiimoo 4: Jechootaafi mallattoolee kitaaba irraa ilaaluudhaan, Waa’ee Isaanii Daai’mman Waliin Dubbachuu

Gara jechootaa, mallatoolee yookiin kitaabolee ilaaluudhaan Ijoollee waliin dubbachuu

Wanta naannoo isaanii jiru tokkotti akeekanii argarsiisuun, waa’ee isaa irratti mar’achuu: jechoota qodaa nyaata baaturra jiru, mallattoolee karaarraa, balbalarraa fi k.k.f. Hiika jechooti ykn mallattooleen kunneen qaban ibsi.

(Fakkeenyaaf, mallattoo sana jechuun ofeegannoo jechuudha. Kana jechuunis itti dhihaachuu hin qabnu jechuudha.)

Maatiiwwan ykn guddistoonni yookan dubbisan ta’e ammoo ijoollee isaanii waliin dubbisuun akka isaan sagaloon dubbisuun ogummaa dubbisuu warra gaheessota waliin shaakalan carraa dabalataa laataaf. Dubbisa sagaloo jechuun maatiifi mucaan isaanii waliin ta’uun waan barreeffame tokko ilaaluu, waliin dubbisuu akkasumas, waa’ee kitaabichaa waliin mariyachuu jechuudha. Dubbisni sagaloo dubbisuurratti gammachuu ijoolleen qaban akka dabalu taasisa. Dubbisni sagaloo waliin dubbii maatiifi ijoollee of keessatti haammachuun hubannoon isaanii akka dabalu taasisa. Sagalee ol fuudhanii ijoolleedhaaf Dubbisuun dura, yeroo dubbisuufi dubbisuun booda gaaffiilee gaafachuun barbaachisaadha.

Tarsiimoo 5: Maqaa daa’ima keetiitti fayyadamuu

Jechoota daa’imni jalqaba dubbisuufi barreessuu barattu keessaa tokko maqaa isheeti. Maatiifi miseensoti hawaasaa maqaa daa’immaniitti gargaarmuudhaan sagaloota, qubewwaniifi jechoota barsiisuu nidanda’u. Maqaa daa’imaa fayyadamuu irratti yaadawwan kennaman:

6 Daa’imichatti hiikni maqaa isaa maal akka ta’e itti himi.

6 Daa’imichatti qubeewwan maqaa isaa keessatti argaman itti himi.

6 Daa’imichi sagaleewwan maqaa isaa keessatti argaman akka himu gaafadhu.

6 Daa’imichi qubeewwan maqaa isaa keessatti argaman, kanneen maqaa hiriyaa isaa ykn maqaa maatiisaa keessatti argamanii waajjin, walbira qabee akka ilaalu gaafadhu.Daa’imichi maqaa dheeraa fi maqaa gabaabaa adda baafachuu danda’uusaa mirkaneffadhu. (Fakkeenyaaf, ‘’ Maqaan kee Abdii dha. Maqaan obboleettii kee immoo Ayyaantuu dha. Eenyutu maqaa dheeraa qaba?)

USAID/READ CO28

Tarsiimoo 6: Qubeewwan Waamuu

Daa’imman dubbisuufi barreessuu danda’uuf, maqaalee qubeewwanii baruun isaan barbaachisa. Daa’imman maqaalee qubeewwanii akka baratan gargaaruuf, maatiifi miseensota hawaasatiif yaadawwan kennaman:

6 Guyyaa, guyyaatti waa’ee qubeewwan adda addaa dubbadhu.

6 Qubeewwan ashowaarratti ykn waraqaarratti barreessi.

6 Faaruu qubeewwanii faarfadhu.

6 Qubeewwan naannoo daa’imichaatti argaman akeekuun agarsisuu. (Fakkeenyaaf, beeksisarraa, meeshaalee nyaata baatanirraa)

6 Qoorkii qaruuraa walitti qabuun, keessa isaaniitti qubeewwan barreessuu. Daa’imman qoorkiiwwan kana, duraa duubaan naqanii jecha akka ijaaran gaafachuu.

Waa’ee caasaleefi bocawwan qubeewwan garaa garaa dubbachuuf, mana keessatti gabatee qubeewwanii gargaarami.

Tarsiimoo 7: Sagaleewwaniin Taphachuu

Daa’imman sagaleewwan qubee akka baran gargaaruuf, maatiifi miseensota hawaasaaf yaadawwan kennaman:

6 Waa’ee sagaleewwan qubeewwanii dubbadhu. ‘’Maqaan koo Moosisaa jedhama. Qubee ‘’M’’tiin eegala. Qubeen ‘’M’’ sagalee mmmmmm jedhu kenna. Maqaa kee keessa sagaleen jiru maali?

6 Waa’ee sagaleewwan jalqaba ykn dhuma jechootaarratti argamanii dubbadhu. (Fakkeenyaaf, jechi maangoo jedhu sagalee mmmmmm jedhuun eegala. Jecha biroo sagaleedhuma kana fakkaatuun eegalu ni beektaa?)

6 Waa’ee jechoota dhumni sagalee isaanii wal fakkaatuu (mana rukutuu) dubbadhaa. (Fakkeenya, Barsiisaan, “Qaama namaa lama waamaa,” jedhe. Himicha keessaa jechoonni mana rukutan ykn sagalee walfakkaatuun xumuraman isaan kami? Jechoota biroo, kanneen jecha “Qaama” jedhu waliin mana rukutan yaadachuu dandeessaa?)

Tarsiimoo 8: Fakkii kaasuu fi Barreessuu

Barreessuun daa’immanii callisanii sasararuutiin eegala. Sana booda, gara boca qubee fakkaatuutti ce’a, itti aansuun sararawwan qubeewwaniifi bocawwanii, dhumarratti immoo qubeewwaniifi jechoota barreessuu eegalu. Barreessuu shaakaluu, kaasuufi callisanii sassararuun, daa’imman barreessuu akka barataniif gargaara.

Sadarkaa Hawaasaatti, Maanuwaalii Dalagaalee Ogummaa Dubbisuufi Barreessuu Guddisuu 29

Dabalee IUSAID/IQPEP)

Kitaaba Qopheessuu:Barsiistonniifi barattoonni qopheessuun daree keessatti itti fayyadamuu kan danda’an kitaabilee hedduutiujiru. Kitaabileen kunis kan qophaa’an daree guutuun waliin ta’uun, cimdiin ykn dhuunfaadhaan ta’uu mala. Kitaabicha qopheessuuf carraaqqiin taasifamu hanguma kitaabicha dubbisuuf caqaqameetti ilaalama. Armaan gaditti kitaaba akaakuu tokko qopheessuuf adeemsa barattoonni hordofuu qabantu argama. Dabalanni kanaas dabalee jalatti dhiyaatee jira.

Kitaaba xiqqoo tokko qopheessuuf adeemsawwan barbaachisu1. Waraqaa tokko bakka lamatti cabsuun bakka cabe sanatti kuti.

2. Waraqaa bakka lamatti murte san dachaasiitii aattar bakka dachaastetti muri. Yeroo kana waraqaa ciccituu afur argatta.

3. Waraqaa bakka afuritti kukkutte sana walitti qabi. Sana booda, walitti dachaasiiti harkatti qabdhu.

4. Karaan gaariin fuulli waraqichaa osoo addan hinfaca’in qabachuu walitti hodhuu ta’a. sun yoo ta’uu baates waraqaa ciccittuu dachaastee kitaaba xiqqaa taasiste sana qubeessaan mallattoo itti godhi.

5. Bakka mallattoo itti goote sanatti xiqquma ishii keessa galuun baqaqsi. Kun ammoo kutaa shanitti addaan baasa.

6. Kutaa kitaabichaa isa jalqabaa gara fuula duraatti, kan itti aanau ammoo gara duubaatti dachaasi. Kutaan inni sadafaan gara fuula duraatti, kan isatti aanu ammoo ammas gar duubaatti dachaasi. Kutaan inni shanaffaan ammoo ofumatti dacha’a. haallan kun fuula kitaabichaa walitti qabuuf si gargaara.

7. Yoo danda’ame kutaalee hunda wayiin saamsi.

USAID/READ CO30

Yoo tokkoon tokkoon ijoollee kutaa kee keessa jiranii torbeetti kitaabota shan shan dubbisuu danda’an, golee dubbisaa kutaa kee keessatti kitaabota hanaa 200-300 ta’an qabaachuu si barbaachisa ta’a. kun ammoo kitaaba baay’eedha. Akka carraa ta’ee garuu dubbistoonni daree kee keessaa hunduu, kutaa tokko ta’ullee barreessitootas. Egaa ijoolleen kutaa gadaanaa barreeffamoota bebbeekamoo irra deddeebi’anii dubbisuu jaallachuu isaanii hindagatin.

Adeemsa kitaabota akaakuu biraa qopheessuuf fayyadanFakkeenya1: adeemsa kitaabaa

6 Waraqaa ciccituu sadii ykn isaa ol

6 kirrii ykn waan waraqaalee sana walitti qabsiisu lama

1. Waraqaalee ciccituu afran sana walitti qabi. Yeroo kana waraqaa isa duraarraa seentii meetira afur waan ta’uun xiqqatu. Kanaan adeemsawwan jiran jahaan keessaa warra jalqabaa sadan hojjette.

2. Waraqaa guddaa tokko kuusaa isaa keessaa fudhachuun kitaaba kan biroo qopheessuuf dachaasi. Waraqaalee dachaafte sanas addaan kuti. Waraqaalee ciccituu lamaan kanaanis hojii kee iti fufi.

3. Gubbaa waraqichaarraan urataa lama qopheessi.

4. Cinaan lamaaniin kirrii yookaan shiboo qopheeffatte sana urataa sanatti galchuun hidhi.

Kan fudhatame From Making Books with Children by Susan Kapuscinski Gaylord

Sadarkaa Hawaasaatti, Maanuwaalii Dalagaalee Ogummaa Dubbisuufi Barreessuu Guddisuu 31

Dabalee II

Unka Karoora GochaaMana barnootaa _________________ magaalaa _________________ Guyyaa _________________

Aanaa ______ kebele ________

Gulantaa gochaa

Itti gaafatamaaMeeshaalee

barbaachisan Jalqabaa hanga guyyaa dhumaa

Akkaataa itti raawwatu

USAID/READ CO32

Dabalee - III

Akkamitti akka kitaabichaaf of eeggannoon taasifamu Kitaaba kee:

1. waa keessa keewwadhu.

2. bakka lubbu qabeeyyiin jiraatan irraa fageessi.

3. baattee yookiin of bira keessee hinyaatin yookiin hindhugin.

4. harka xuriidhaan hinqabin.

5. aduu yookaan bokkaa keessa hinkaa’in.

6. yeroo dubbiftu malee borsaa kee keessaa hinbaasin.

7. yoo bantu, fuula durarraa eegali. Walakkaa yookiin keessaa hineegalin.

8. kessatti hinbareessin.

Sadarkaa Hawaasaatti, Maanuwaalii Dalagaalee Ogummaa Dubbisuufi Barreessuu Guddisuu 33

Dabalee IV

Daa’immaniif BarreessiHaxxi kun akka miseensonni hawaasaa oduu durii yookaan seenessama aslii ta’an barreessan haala mijeessa.

Gulantaa 1: miseensonni hawaasaa hujaarsa irratti hirmaachuun muuxannoo isaanii waljijjiiranii seenessama yookiin oduu durii akka barreessan affeeri.

Gulantaa 2: yeroo hujaarsaa sana miseeensota dhufan lama lamaan qoqqoodi. Isaan keessaa tokko seenaa haahimu yookiin haabarreessu, kan hafe ammoo haagulaalu.

Gulantaa 3: inni seenessu oduu durii tokko jalqabaa hanga dhuma isaatti akka himu taasisi.

Gulantaa 4: yeroo inni himu kan inni itti himu ammoo akka barreessu qajeelchi.

Gulantaa 5: inni seeneffamicha barreesse isa itti himeef akka dubbisu, dogoggora jirus akka waliin sirreessan taasisi.

Gulantaa 6: gareewwan hunduu kan seenessan san akka dubbisan taasisi.

Gulantaa 7: namoonni seeneffamicha dhaggeeffatan ammoo oduu durii gaggaarii kan daa’immaniif ta’an akka keessaa filatan itti himi.

Gulantaa 8: deebii isaanii ammoo galmeessi yookiin waraabi.

Gulantaa 9: yeroo lammataatiif yeroo wa’itti deebitan amala seenefamma daa’immaanii gaariin tokko qabu chaartiirratti tarreessuun hirmaattotaaf ibsi.

Gulantaa 10: maaliif amaloonni seeneffamaa sun barbaachisaa akka ta’anirratti mari’achiisi. Atis ibsa kenniif.

Gulantaa 11: warri cimdiin ta’anii seeneffamicha qopheessan ammas walitti dhufanii akka isa dura barreessan sana gulaalan itti himi. Amaloota seeneffamaa irratti mari’achiifte guutuufi guutuu dhiisuu isaa akka addaan baafatan taasisi.

Gulantaa 12: amaloota seeneffamaa hubatan irratti hundaa’uun jijjiirama barbaachisoo ta’an akka taasisan qajeelchi.

Gulantaa 13: waraqaa kenniifiitii gareen hunduu seeneffama isaanii fuula 10-12 tti akka qoqqoodan taasisi. Seeneffama isaani kanas fakkiin akka deggeran itti himi.

Gulantaa 14: seeneffama isaaniis harkaa fuudhi. Yoo danda’ame kompiiteraan barreessii; fakkii isaan kaasanis iskaan godhiitii bakka tokkotti fidi. Sana booda, bifa kitaabaatiin baankii kitaabaa keessa kaa’i.

USAID/READ CO34

Dabalee V

Unka to’annaan baankii kitaabaa ittiin taasifamu

Lak� Mata duree

kitaabaa Ibsa Boqonnaalee

Afaan Ittiin Barreeffame

1

2

3

Maqaa tol oolaa______________________ guyyaa _____________ mallattoo. ________________

Maqaa miseensa GMB/GMBB___________ guyyaa ____________ mallattoo ________________

Sadarkaa Hawaasaatti, Maanuwaalii Dalagaalee Ogummaa Dubbisuufi Barreessuu Guddisuu 35

Dabalee VI

Unka kitaabileen Baankii kitaabaa ittiin ergifaman Kutaa_________

Lak� Guyyaa Maqaa Maqaa Kitaaba

ergifame Guyyaa deebi’u mallattoo

1

2

3

USAID/READ CO36

Dabalee VII

Fakkeenya karoora walga’ii tokkoo agarsiisu

YerooCaacculee yeroo

buufata dubbisaaibsa

Osoo hinjalqabin

Waanuma fedhan taphachuu

Hunda dursanii ijoolleen buufatichatti argaman waan kutaa keessatti kennamerratti taphatu. Kan seenan kitaabaa isaanii banuun waa barreessuun akka itti seenan jajjabeeffamuu qabu. Kan isaan ittiin seenan kunis maqaa isaanii barressuu, qubee bocuu, fakkii kaasuu, kan of keessatti haammata.

Daqiiqaa 5 Yeroo faaruu

Yeroon faaruu akka barattoonni walitti dhufanii dalagaalee buufataalee keessatti gaggeefaman eegalan taasisa. Gorsitoonni faaruu lama kan ijoolleen beektu faarfachuu qabu. Faaruun inni jalqabaa akka barattoonni walitti dhufan kan taasisudha. Faaruun inni lammataa ammoo akka barattoonni dalagaalee kennamukeessatti hirmaannaa ho’aa qabaatan kan taasisuufi warra barfatanis itiin eeguuf haala kan mijeessudha.

Daqiiqaa 10 Ajandaa

Gorsaa yookiin gorsitoonni chaartii caasaa buufatichaa agarsiisuu qopheessuu qabu. Chaartii kunis bakka barattoonni hundi arguu qabanitti fannisamuu qaba. Gorsitoonni osoo yeroo seenessamni itti dubbifamutti hince’in caasichaa irra deebi’anii ilaaluu qabu.

Kun ammoo, sababa hedduu qaba: caasaafi wantoota ijoolleen itti gammadan adda addaa uumuufi waan isaanirraa eegamu baruuf; baafata gorsaan irraa ilaalaa hojii isaa raawwatu kennuufi akkuma ogummaan isaanii fooyya’aa deemeen waan ijoolleen dubbisan qopheessanii dhiyeessuufiif gargaara.

Qopheessuufi kennuufiif gargaara. Yeroo isaan walga’an mara seeneffamni garee hundaafuu nidubbifama.

Seeneffama dubbisuun dura, yeroo dubbisuufi dubbisuun booda gorsaan sunis barattoota gaaffii gaafata. Barattoota gaaffii gaafachuun baay’ee barbaachisaadha. Gaaffii gaafachuun akka barattoonni dalagaalee dubbisuu keessatti haalaan hirmaatan taasisa.

Sadarkaa Hawaasaatti, Maanuwaalii Dalagaalee Ogummaa Dubbisuufi Barreessuu Guddisuu 37

YerooCaacculee yeroo

buufata dubbisaaibsa

Daqiiqaa 15Yeroo

seeneffamaa

Hunda caalaa ammoo, akka isaan muuxannoo isaanii duraa gara seenessamichaatti fiduun ergaa isaa hubachuu danda’an taasisuu isaati. Yeroon seenessamaa ogummaa ga’umsaafi hubannoof dubbisuu isaanii tumsuun kaayyoo buufata dubbisaa sana milkeessa. Kanneen armaan gadiis gaaffiilee gulantaalee dubbisuu eeramanitti barattoonni gaafatamu malanidha.

Seeneffama dubbisuun dura:

1. Mata dureefi fakkii dhiyaaterrra ka’uun

2. seeneffamichi waa’ee maalii sitti fakkaata?

3. Qooddataan ol aanaan seeneffaichaa eenyu jetta?

4. Waa’ee qooddattoota akkasii maal beekta?

5. bineeldota akkasii argitee beekta? Argiteetta yoo ta’e osoo isaan maal raawwatani?

Yeroo seeneffama dubbisuu

1. Seeneffama amma dubbifamerraa maaltu ta’e?

2. Itti aanee maaltu ta’a jettee yaadda?

3. Qooddataa sun haala sana keessatti akkamitti yaada? Maaliif?

4. Ati haala kana keessatti akkamitti yaadda?

5. Wanti akkasii si quunnamee beeka?

Seeneffama dubbisuun booda

1. Seeneffamicha keessatti maal ta’e? Jalqabarratti? Gidduutti? Dhumarratti? (duraa-duubaan)

2. Seeneffamicha keessaa kan baay’ee barbaachisoo ta’e siti tole/si ajaa’ibsiise/ maali?

3. Seeneffama kanarraa maal baratte?

4. Waa’ee qooddataa seeneffamicha keessatti qooda fudhate tokkoo maal barachuu barbaadda?

Daqiiqaa 5Seeneffamicharratti

mari’adhuYaada bu’uuraa seenefamicha keessatti dhiyaaterratti barattoota kee waliin mari’adhu

USAID/READ CO38

YerooCaacculee yeroo

buufata dubbisaaibsa

Daqiiqaa 10

Fakkii kaasuu/ barreesuu ykn seeneffamicha

akkeessuu

Yeroo seeneffamni dubbifamu tola ooltonni buufaticha keessa tajaajilan akka ijoolleen dalagaalee ogummaawwan murtaa’oo ta’an kanneen akka hubannoo sagalee, beekumsa qubeefi sagaleefi fayyadama jechootaa akka gabbifatan karaa qabsiisa. Ogummaawwan hafan lamaan kanneen akka ga’usaafi hubannoon dubbisuu yeroo seeneffamaafi bilisaan taphatan argatu.

Daqiiqaa 15

Taphoota seeneffamichaan walitti dhiyaatu

taphachuu

Yeroo dalagaa dubbisuu, ijoolleen hundumaatti meeshaalee dubbisaa bu’uuraafi taphoota adda addaa kan fudhatanii galan qopheessuun hojjetu. Dalagaaleen hojjechuun barattoonni fudhatanii galan jedhamanii yaadaman wantoota naannoo buufatichaatti argamaniin bakka bu’uu danda’u.

Daqiiqaa 15Of danda’anii

dubbisuu

Akka barattoonni kee kitaabota dabalataan dubbifaman ofii isaaniitiin of danda’anii dubbisan taasisi. Ofii keetiis hangam akka isaan hubatan mirkaneeffachuuf gaaffilee seeneffamichaan walqabatan gaafadhu.

Sadarkaa Hawaasaatti, Maanuwaalii Dalagaalee Ogummaa Dubbisuufi Barreessuu Guddisuu 39

YerooCaacculee yeroo

buufata dubbisaaibsa

Daqiiqaa 15

Meeshaalee seeneffamichaan

walqabatan qopheessuu

Barreffama bifa joornaaliitiin qopheessuun dalagaa buufata dubbiisaa isa dhumaati. Barattoonni waan guyyaa sana hojjetan kitaaba isaaniirratti barreessu yookiin fakkii kaasuun agarsiisu. Barattoonni waan dhaga’an, dalagaalee guyyaa sanaa yookiin waan buufata dubbisaa sanaan walqabatu kamiinuu fakkii kaasuun kitaaba isaaniirratti agarsiisu. Barruun bifa jooranaaliitiin qophaa’u sunis baankii kitaabaa sana keessa kaa’amuun dhuma walgayii sanaatti gorsitoonni buufatichaa irra deebi’ani ilaalu. Kunis akka laaltoo waan ijoolleen itti gammadan, waan isaan hubataniifi wkf ta’uun tajaajila. Walga’ii si’a 20 buufataaleetti taasifamanii booda, ijoolleen waan bifa joornaaliitiin qophoofte sana fudhatanii gara manaatti galu.

Barruun bifa jooranaaliitiin qophaa’u sunis baankii kitaabaa sana keessa kaa’amuun dhuma walgayii sanaatti gorsitoonni buufatichaa irra deebi’ani ilaalu. Kunis akka laaltoo/indicator waan ijoolleen itti gammadan, waan isaan hubataniifi wkf ta’uun tajaajila. Walga’ii

si’a 20 buufataaleetti taasifamanii booda, ijoolleen waan bifa joornaaliitiin qophoofte sana fudhatanii gara manaatti galu.

Seeneffama har’a buufata dubbisaa kana keessatti dubbifterraa waa’ee waan baay’ee sitti tolee barressii/fakkiin agarsiisi.

Seneffama har’aatiif yoomessa isaa barreessi.

USAID/READ CO40

Dabalee - VIII

Buufata Dubbisaatiif Shaakala Barsiisuu GaariiA. Yeroo seeneffamaatti ijoolleen barachaa jiraachuu isaanii dhugoomfachuuf- kanaafi wanta salphaan

tola ooltonni gochuu qaban kunooti.

1. Seeneffama sana dubbisuun dura, yeroo dubbisuufi dubbisuun booda gaaffii gaafadhu:

a. Seeneffamicha dubbisuun dura waa’ee mata duree seessamichaa gaafachuu dubbisaaf isaan qopheessi.

b. Osoo dubbisaa jirtuu yoo xiqqaate si’a lama dubbisuu dhaabiitii si hordofaa, seeneffamicha ammoo hubachaa jiraachuu isaanii mirkaneeffadhu.

c. Erga dubbisteefi xumurtee booda, ‘gaaffilee eenyu? Maal? Eessatti? Yoom?

Maaliif?’ jedhan gaafachuun hubannoo isaanii madaali. Gaaffiileen madaallii kanaaf ta’anis akka Kanaan gadiitti ta’uu danda’u.

6 Qooddattoonni ijoo seeneffamichaa maali?

6 Seeneffama sana keessatti qooddattoonni maal hojjechaa jiru?

6 Seeneffamichi eessatti raawwate?

6 Seeneffamichi yoom raawwate?

6 Qooddataa goobaan galeessi (ijoon) waan raawwatame san maaliif

raawwate?

2. Yoo seeneffamni dubbisame sun barattootaan kan hin hubatamne ta’e, yookiin yoo isaan hordofaa hinjiran ta’e, barataa hubate tokkoon yookaan ofii keetii cuunfaa seeneffamichaa sanaa daree guutuudhaaf haadhiyaatu.

3. Seeneffamich akka ijoollee hawwatuuf mijaa’ina adda addaa kanneen akka yeroo sagalee jijijjiiruun dubbisnu (qallisuu, furdisuu, ol kaasuu, gadi buusuu, qooddataa isa dhiiraa, isa dhalaa fakkeessuu), suuta dubbisuu, ta’iinsa sana akka waan raawwaachaa jiraniitti sochii qaamaatiin deggeruufi wkf taasisaa dubbisuu

4. Akka ijooleen hubachuu danda’anitti seeneffamicha si’a lama dubbisiif.

5. Ijoollee seeneffamicha sirriitti hordofaaniifi warra kaanis akka hordofan taasisan jaji.

6. Seeneffama kam akka barattoonni jaallatan gaafadhu; seeneffama walfakkaatus dhiyeessiif.

Ijoolleen martuu gaaffilee dubbisuun duraa/ yeroo dubbisuu/ dubbisuun boodaa sirriitti deebisuu danda’anii? Yoo hindandeenye ta’e…�

1. gaaffiilee bu’uuraa kan kallattiin dhiyaatan, kan deebii garaagaraa argachuu danda’an barattoota hubachuuf carraaqaa jiran gaafadhu.

2. kutaa sana irra deebi’anii dubbisuufi gaaffii achi keessa ba’e sana irra deebu’uun ijoollee gaafachuu.

3. gaaffiilee dubbisuun duraafi dubbisuun boodaa hojjechuuf akka barattoonni dursani hiriyoota isaanii waliin deebii isaarratti mari’atan carraa kenniif.

Sadarkaa Hawaasaatti, Maanuwaalii Dalagaalee Ogummaa Dubbisuufi Barreessuu Guddisuu 41

4. akka isaan ofitti amanamummaa horatanitti yeroo isaan deebii deebisan jajjabeessuufi jajuu hindagatin.

B. Yeroo dalagaalee dubbisuu irratti ijoolleen hirmaatan haalaan barachaa jiraachuu isaanii dhugoomfachuuf wantoonni salphaan warri fedhaan tajaajilan raawwachuu qaban:

1. Garee sanaaf qajeelfamni gaaffichaa ijoollee keessaa nama tokkoon akka irra deebi’amee dubbisamuuf taasisi.

2. Ofii keetii fakkeenya ta’uudhaan akkaataa dalagaalee dubbisuu sana ijoolleen salphaatti hojjechuu danda’aniif haala mijeessi.

3. Barattoota gareetti qoqqooduun akka dalagan taasisi. Garicha keessa naanna’uun warra rakkoo qaban gargaari.

4. Barattoota dandeettii adda adda qaban walkeessa makuun erga qoqqooddee booda akka isaan waliin hojjetan qajeelchi.

5. Barattoota dalagaalee dubbisuu hojjechuurratti rakkoo qaban cinaa taa’uun gargaari.

6. Tokkoon tokkoon dalagaalee salphaarraa eegaluun warra sirriitti hirmaachaa jiran jaji. Warra hirmaannaa isaanii laafaa ta’e ammoo jajjabeessi.

7. Dalagaa isaan duraan shaakalan yookiin dalagaa biraa kan ijoolleen beekaniifi isaan bashannansiisu jettee yaaddu dhiyeessiif.

C. Yeroo meeshaalee qopheessaniifi fudhatanii gara manaatti galan barachaa jiraachuu isaanii mirkaneeffachuuf qabxiileen murssani tola oolotonni hordofuu qaban kunooti.

1. Osoo ijoollen waliin ta’anii dubbisuu hineegalin waan dubbisuuf isaanitti ulfaata jettee yaaddu kan walxaxaa ta’e qopheessi.

2. Ijoollee akkuma umurii isaaniitti qopheessuun warri umriin isaanii fooyya’aa, warra umriidhaan gadaanaa ta’an akka gargaaran taasisi.

3. Akkaataa waan tokko itti hojjetamuu danda’urratti tooftaa tokkoo ol dhiyeessuuf.

4. Fakkeenya manatti itti qophooftee dhufte ijoollee duratti dhiyeessuun akka isaa akkaataa itti hopjjetame irraa baranii kan biraa keessatti itti fayyadaman taasisi.

D. Yeroo bifa joornaaliitiin varruun dubbifamu qophaa’u barachaa jiraachuu Barattootaatiif kanneen gargaaruu barbaadan qabxiilee kanaan gadiitti fayyadamuu danda’a.

1. Yeroo ijoollee gareen dalagaa jirranirra naannoftee to’attu, dhimmicha hubacha jiraachuu isaanii gaafadhu.

2. Waan barreessaa yookiin fakkii kaasa jiran akka siif deebisan taasisi.

3. Yoo isaan nibarbaadu ta’e yaada dabalataa yookiin ijaarsaa kenniif.

4. Wanta bifa joornaaliitiin dubbisuun dura, yeroo dubbisuufi dubbisuun booda akka Barreessan qajeelfaman osoo hinqopheessin dura akka ijoolleen hiriyoota isaanii waliin akka irratti mari’atan, yaada waldha’an qindeessanii akka barreeffatan taasisi.

5. Yeroo isaan dalagaalee kennameef sana raawwachuuf carraaqan jajjabeessuun daraan akka isaan ciman taasisi. Waan isaan hojjetan hundi ammoo akka si gammachiisu hindagatin.

USAID/READ CO42

Dabalee IX

Akkamitti Seeneffama Ijoolleetti Akka HimanIjoolleen waa’ee dalagaalee jiruufi jireenya isaanii keessatti arganiifii baay’ee gammachiisaa ta’e dhaggeeffachuu ykn dubbachuu jaalatu. Ijoolleen sochii, halluuwwaniifi sagalee kiilolee jaallatu. Nutis seeneffamni ijoollee keenyaaf dubbisnu ykn itti himnu kan isaan itti gammadan yoo ta’e, dubbisuufi waa’ee isaa yaaduu akka danda’aniif isaan qopheessuu keessatti shoora guddaa taphanne jechuudha. Qabxiileen armaan gadii fayyadamuun yeroo seeneffama dubbistu ykn himtu akka ijoolleen haalaa si hordofan taasisuuf si gargaaru.

1. Seeneffamicha himuun dura:

Ijoolleen keessumaayyuu ammoo warri gurguddatan, waan hojjetaniif xiyyeeffannoo dhabuu malu. Seeneffamicha dubbisuun dura qabxiilee armaan gadii bu’uureffachuun akka ijoolleen seeneffamicharratti xiyyeeffatan taasisuu dandeessa.

A� Seeneffamama umrii isaaniitiin walgitu filadhu.

Ijoolleen umriin barumsaaf hingeenye seeneffama salphaafi gabaabaa ta’e dhaga’uu, barbaadu. Ijoolleen umriin isaanii barumsaaf ga’e ammoo seeneffama dheeraa barbaadu ta’a. Ijoollee hundinuu ammoo garaagara. Kanaafuu, yoo ijoollee kee keessaa tokko haalaan si dhaggeeffachuu dadhabde yookiin taa’uu didde itti hinori’in. Keesuma warri duraan seeneffama dhaggeeffatanii hinbeekne rakkoo akkasii qabaachuu waan daanda’aniif, abdii kutattee abdii hinkutachiisin. Seeneffamoota dheerina qaban adda addaa dhiyeessuun sosssobiitii ammaa ammaa itti himi malee hindhiphisin.

B� Haaka yeroo seeneffama itti himtu mijeessi�

a. Ijoolleen sirriitti taa’anii si dhaggeeffachuurra waanuma duraan baran tokko dalaguu ykn jaal’atu.

b. Guyyaa guyyaatti bakka mijataafi callisaa qabu tokko filachuun seeneffama itti himi.Yoo seeneffama guyyaa guyyaan itti himtu dhiyeessuu dadhabde kanuma jiru irra deddeebi’uun itti himi.

c. Yoo danda’ame guyyaa guyyaatti ykn torban torbaniin saa’atii walfakkaatu keessatti seeneffamicha itti himi. Yoo akkas goote ijoollee saa’atittii eeggatu. Amaleeffannaan kun ammoo xiyyeeffannoon isaanii akka dabalu taasisa. (Fakkeenyaaf, dilbata waaree booda yeruma hunda, galgala galgala irbaata booda kkf. ta’uu mala).

d. Seeneffamicha ijoolleetti hinhimuun dura, akka seeneffama itti himuuf deemtu hubachiisi.

Kun akka isaan haalaan si dhaggeeffatan taasisa. Yeroo ati dubbistu, ijoollen walitti hasaasuu, ka’anii daree keessa deemuun hinoolu. Yeroo akkasii suuta akka isaan osuma deemanii, hasaasanii dhaggeeffatan qalbii isaan hatimalee hinifatin. Itti himuun dura gaaffii waa’ee seeneffamichaa gaafachuunakka isaan dhaggeeffachuuf qophaa’an taasisuurra tarii fedhii keessatti uumuuf gargaara.

e. Yoo seeneffamicha ijoollee tokkoo ol ta’anitti himuuf jirta ta’e, ijoolleen hunduu akka si arganiifii si dhaga’an dursiitii addaan baafadhu. Karaa baramaan itti seeneffama tokko ijoollee heduuttii himuun danda’amu tokko kan himu teessoo ol ka’aarra taa’uufi ijoolleen ammoo garee garee fuul dura lafa taa’uuni.

Sadarkaa Hawaasaatti, Maanuwaalii Dalagaalee Ogummaa Dubbisuufi Barreessuu Guddisuu 43

2. Yeroo seeneffam himuu:

A� Ijoollee seeneffamicha dhaggeeffachaa jiran ijaan to’adhu�Osuma himtuu gidduutti yoo wanta ajaa’ibaa tokkotti baate, itti himuu

a. Dubbisuu dhaabiitii ammam akka barattoonni ajaa’ibsiifatan fuula isaaniirraa dubbisi.

b. Yoo wanta nama kolfisiisu bira geessu seeneffamicha himuu dhaabiiti gara ijoollee warra si dhaggeeffachaa jiranii ilaalaa kolfi.

c. Osuma himtuu yoo wanta nama sodaachisu tokkotti baate gara barattootaa ilalaa “Lakkii, akkas mitii,” jechaa jechuun akka isaan tasgabbaa’an godhi.

d. Osoo seeneffamicha himaa jirtuu yoo wanti baay’ee gaarii ta’e tokko si mudate achumatti dhaabiitii barattoota ija ija keessa ilaaluun itti kolfi. Kun akka isaanis si faana bu’uun kolfan waan taasisuuf, warri hordofaa hinjirrellee akka hordofan taasisa.

B� Sagalee kee qooddattoota seeneffamichaatiin walsimsiisuun dubbisi�

Yoo seeneffamicha keessatti adurreetu dubbataa jira ta’e, sagalee qalloo kirkiru, yoo leenca ta’e garuu sagalee furdaa guungumu dhageessisuun seenessiisi.

USAID/READ CO44

Dabalee X

Akkamitti Ijoolledhaf Akka Dubbisan

Maaliifan mucaa kootiif dubbisa?Akka qorannoon agarsiisutti yoo nuti sagalee ol fuunee ijoolleedhaaf dubbisnu, isaanis yaaduu, waan dubbifamu sanatti gammaduufi waan manneen barnootaa keessatti raawwataniin milkaa’ina argachuu danda’u.

Mucaa kootiif maalan dubbisa?Ijoolleen gurguddoon kitaaba seeneffama kan fakkii adda addaa of keessaa qaban yoo namni biroon dubbiseef dubbisuu jaallatu. Yoo ijoolleen dhuunfaa isaaniitiin kan dubbisan ta’e, kitaabota sadarkaafi umrii isaaniitiin walgitan kanneen qubeewwaniifi jechoota isaan beekaniin barreeffaman filachuufiin baay’ee barbaachisoodha. Qabanni isaas sodaafi yaaddoo irraa waan baraaruuf i. haata’u malee, yoo maatii baratantu ijoolleedhaaf dubbisa ta’e, ijoolluma waliin mari’atanii akka isaan hubachuu danda’anitti dubbisuuf waan ta’eef, jechoonniifi qubeewwan barruu dubbifamuuf keessa jiran haaraa yoo ta’anuu rakkoo hinqabu. Kitaabni Maatiifi ijoollee waliin ta’uun dubbisan akkaataa armaan gadiiti filatamuu qabu.

6 Kitaaba qubee dheddheeraan barreeffamee fakkii of keessaa qabu filadhu.

6 Kitaaba muuxannoo ijoolleerratti hundaa’uun barreeffame filadhu. (fkn. tapha, maatii, hiriyaa wkf.)

6 Kitaabota irra deddeebiin guutaman, kanneen unata qaban filadhu.

Yoodhuma kitaabota akkasii argachuun rakkisaa ta’e, wanti baay’ee barbaachisaan ijoolleedhaa dubbisuudha.

Mucaa kootii eessattin dubbisaafi?Bakka wanti si jeequ hinjireefi ifaa gaariitti ifu taa’uun dubbisiif. Kun ammoo xiyyeeffannoon tokkoon tokkoon jechootaafi qubeewwanii aritee haalaan dubbisuuf si gargaara.

Mucaa kootii yooman dubbisa?Yoomiyyuu yoo mucaa keetii dubbifte rakkoo hinqabu. Garuu guyyaa guyyaatti yeroo walfakkaatu keessatti dubbisuufin akka inni isheen hawwiin eeggattuufi amaleeffattu taasisa. Nyaata booda dubbisuufiin ammoo caalaatti fedhii keessatti uuma. Kanaafuu, nyaata booda daqiiqaa 20-30 tti seeneffamicha keessaa boqonnaa tokko tokko dubbisuufiin gaariidha. Yeroo ga’aa fudhatanii dubbisuufiin isa yeroo xiqqoorra filatamaadha.

Mucaa kootii akkamittan dubbisaafi?1. Jechootaafi fakkiiwwan seeneffama dubbistu sana keessaa sirriitti arguuf siif mijachuu isaa

murkaneeffadhu.

2. Akka mucaan kee hubachuu danda’utti suuta dubbisi.

3. Yoo dandeesse akka mucaan kees kitaabicha of harkatti qabatu taasisi.

Sadarkaa Hawaasaatti, Maanuwaalii Dalagaalee Ogummaa Dubbisuufi Barreessuu Guddisuu 45

4. Yeroo dubbistu jechoota hunda agarsiisaa dubbisuun gaariidha. Kanaaf ammoo quba kee, qubeessaa ykn muka gabaabduu fayyadamuu dandeessa. Akkasumas, akka fedhiin dhaggeeffachuufi dubbisuu isa/ishee keessatti uumamuuf, safisa giddugaleessaan dubbisuunis barbaachisaadha.

5. Yoo mucaan kee jechi maal akka ta’e si gaafate, dubbisuu dhaabdee itti himuu qabda. Kaan isaanii tarii akkaataa jechi sun itti dubbifamu baruu barbaadu ta’a. Hanga mucaan sun seeneffamicha dhaggefachuu barbaadetti gara barumsa jechaatti hinaannessin. Kana jechuun, jecha tokko itti himuuf jecha seeneffamicha akka hinirraanfanne jechuudha.

6. Seeneffamicha dubbisuun dura, yeroo dubbisaafi erga dubbistee booda, gaaffii gaafadhu. Mucaan kees gaaffiilee sanaaf deebii akka laatutti yeroo ga’aa kenniif. Dubbisuun dura mata dureefi fakkii qola kitaabicharra itti agarsiisuun mari’achiisi. Fakkeenya, mata dureefi fakkii qola kitaaba kanarraa waa’ee waan dubbisuuf deemnuu maal nutti hima? Yeroo dubbisaa ammoo jechoonni muraasni maal akka ta’an akkasumas, dubbisuu dhaabuun maal akka itti aanee dhufu akka tilmaaman gaafachuu dandeessa. Dubbisuun booda, mucaa kee waliin ergaa seeneffamichaa irratti mari’adhu. Erga seeneffamicha dubbistee xumurtee booda, gaaffiilee armaan gadii keessaa muraasa isaanii gaafachuu dandeessa.

6 Seeneffamicha jaallate?

6 Seeneffamicha maaliif akka jaallatte ykn jibbite natti himi.

6 Waa’ee seeneffamichaa maal sitti dhaga’ame? Nigammadde? Nigadditee? Ni’aarte? Maaliif?

6 Maaltu akka seeneffamicha keessatti raawwate nattti himi.

6 Namoonni ykn bineeldonni seeneffamicha keessatti qooda fudhatan eenyu fa’i?

6 Gaarummaan seeneffamichaa maali? Maaliif?

6 Fakkii qolasa irra jirurraa maal agarta?

6 Seeneffamicha keessatti wanti yaraadha ati jettu maali? Maaliif yaraa ta’ee?

6 Seeneffamicharraa barannoon argamu jira?

Yaadadhu: yoo mucaan kee deebii sirrii siif kennuu baate rakkoo hinqabu. Sababni isaa dogoggoruun adeemsa barachuu waan ta’eef, deebii dogoggoraa dhiyaateef isa sirrii ati itti himturraa barachuu waan danda’uuf. Kana malees, gaaffiilee hedduuf deebiin sirrii argachuun rakkisaa waan ta’eef.

USAID/READ CO46

Dabalee XIDandeettiwwan tarsiimoo meeshaa

Gulantaa kutaa

Yeroo daqiiqaan

Irradeddeebii

Hubannoo qubsagalee

Ga’umsaan dubbisuu

Fayyadama jechootaa

Hubannoo

Dubbisa sagaloo

Kitaabilee dubbisa sagaloo

1,2,3,4 15-30 Guyyaa hunda

Hubannoo qub sagalee Ga’umsaan dubbisuu

Fayyadama jechootaa

Hubannoo

Cimdiin dubbisuu

Dubbistoota gulantaawaa

Kitaabilee dubbisa sagaloo

1,2,3,4 5-15Hamma barbaadamu

Yaadrimee maxxansaaDubbistoota qubsamaafi gulantaawaa

1 5-10Hanga baratamutti guyyaa hunda

Hubannoo sagalee dubbii

Hubannoo qub sagalee

Fayyadama jechootaa

Ga’umsaan dubbisuu

Tarsiimolee Qubsamaa

Dubbistoota qubsamaafi gulantaawaa

1-2 10 Guyyaa hunda

Hubannoo

Ga’umsaan dubbisuFakkii deemu

Dubbistoota gulantaawaa, kitaabilee dubbisa sagaloo

1,2,3,4 5 hamma barbaachisu

Hubannoo

Fayyadama jechootaaNaanna’uufi dubbachuu

Dubbistoota qubsamaafi gulantawaa, kitaabilee dubbisa sagaloo

1,2,3,4 3-5 Yeroo hunda

Fayyadama jechootaa, hubannoo

Beekumsa duraanii

Dubbistoota qubsamaafi gulantawaa

1,2,3,4 3-5Hamma barbaachisu

Fayyadama jechootaa

Hubannoo

Ga’umsaan dubbisuu

Irra deebii himuu

Dubbistoota gulantaawaa, kitaabilee dubbisa sagaloo

1,2,3,4 3-5Hamma barbaachisu

Ga’umsaan dubbisuu

Fayyadama jechootaa

hubannoo

Irra deebiin dubbisuu

Dubbistoota ggulantaawaa

1,2,3,4 3-10Hamma barbaachisu

Sadarkaa Hawaasaatti, Maanuwaalii Dalagaalee Ogummaa Dubbisuufi Barreessuu Guddisuu 47

Dandeettiwwan tarsiimoo meeshaaGulantaa

kutaaYeroo

daqiiqaan Irradeddeebii

Ga’umsaan dubbisuu

Fayyadama jechootaa

Hubannoo

Duraa duubummaa

Dubbistoota gulantaawaa, kitaabilee dubbisa sagaloo

1,2,3,4 5-15Hamma barbaachisu

Ga’umsaan dubbisuu

Olka’iinsafi gad bu’iinsa sagalee, ibsuu , guddisanii yaaduu

Dubbistoota gulantaawaa,

Kitaabilee dubbisa sagaloo

1,2,3,4 3-5 Guyyaa hunda

Hubannoo

Fayyadama jechootaa

Ga’umsaan dubbisuu

Dubbistoota qubsamaafi gulantaawaa

Kitaabilee dubbisa sagaloo

1,2,3,4 10-15Hamma barbaachisu

Ga’umsaan dubbisuu

Hubannoo

Fayyadama jechootaa

Dubbisa irra deddeebii

Dubbistoota qubsamaafi gulantaawaa

1,2,3,4 10-15Hamma barbaachisu

Hubannoo

Barreessuu

Fayyadama jechootaa

wixineessuu

Dubbistoota gulantaawaa

Kitaabilee dubbisa sagaloo

1,2,3,4 5-15Hamma barbaachis

Hubannoo

Barreessuu

Fayyadama jechootaa

Tilmaamuu,

Deebisuu

Mirkaneessuu

barreessuu

Dubbistoota gulantaawaa

Kitaabilee dubbisa sagaloo

3-4 10-15Hamma barbaachisu

Fayyadama jechootaa

Hubannoo

Barreessuu

caatooDubbistoota gulantaawaa

3-4 10-20Hamma barbaachisu

USAID/READ CO48

Dandeettiwwan tarsiimoo meeshaaGulantaa

kutaaYeroo

daqiiqaan Irradeddeebii

Fayyadama jechootaaFayyadama jechootaa

Dubbistoota gulantaawaa

Kitaabilee dubbisa sagaloo

2,3,4 10Hamma barbaachisu

Fayyadama jechootaa

Barreessuu Hubannoo

Tilmaama odeeffanno barreeffamaa

Tilmaama seenaa

Dubbistoota gulantaawaa

Kitaabilee dubbisa sagalee

3-4 10-20Hamma barbaachisu

Ga’umsaan dubbisuu

Barreessuu

Hubannoo

Himoota yaalaman

Dubbistoot gulantaawa

2,3,4 5-10Hamma barbaachisu

Fayyadama jechootaa

HubannooGareewwan tarreeffaman

Dubbistoota gulantaawaa

Kitaabilee dubbisa sagaloo

1,2,3,4 15-30Hamma barbaachisan

Sadarkaa Hawaasaatti, Maanuwaalii Dalagaalee Ogummaa Dubbisuufi Barreessuu Guddisuu 49

Daawwannaa yeroo buufata dubbisaafi gumii dubbisuufi barreessuu taasifamuuf Unka mirkaneeffannaaMaqaa daawwataa _____________________ maqaa mana barnootaa /buufatichaa:______________

Maqaa barsiisaa _________________________ maqaa tola oolaa mana barnootichaa _____________

Maqaa tola oolaa buufatichatti dubbisiisuu _________________ guyyaa:________________

Baay’ina barattootaa: dhiira ____ dhalaa _____ walii gala barattootaa __________

Kutaa 1-dhiira________dhalaa__________walii gala___________

Kutaa 2 dhiira ________ dhalaa __________ walii gala___________

Kutaa 3- dhiira ________ dhalaa __________ walii gala___________

Kutaa 4- dhiira ________ dhalaa __________ walii gala___________

Kaayyoo barannichaa /dalagaa: _______________________________________

Observation occurred during what part of the lesson?

Jalqaba _________________ gidduu ____________________ xumura ___________________

Kutaa I: Haala gumii dubbisuufi bareessuu ykn buufata dubbisaa

Xiyyeeffannoo daawwannichaa Eeyyee Lakkii Hanga tokko

Bakki dubbisaa akkaataa inni ittiin baay’inaafi fedhii barattootaatiif ta’uu danda’utti mijatatee kun ammoo haala sirreeffama teessumaas nidabalata.

Dalagaaleen dubbisuu dhiyaates kan barattoota giddugaleessa taasifate.

Barannoon sunis dursee karoorfame

Kitaabota dabalataan dubbifan dabalatee meeshaaleen akka salaphaatti argamuu danda’u.

Barannoon sunis dalagaalee garee xixiqqaa, dhuunfaafi daree guutuudhaan hojjetaman haammata

Namni haala mijeessu ykn barsiisaan daree sanaa amala baraattoonni daree keessatti calaqqisiisan hundaa to’ata.

Namni haala mijeessu ykn barsiisaan daree barattoota isaa sana akka hiriyaatti ykn akka maatiitti ilaaluun haala mijeessa.

Namni haala mjeessu ykn barsiisaan daree barbaachisummaa dubbisuufi barressuu haalaan ibsuun akka barattoonni dubbisa jajjabeessa.

Barattoonnis kitaaba fudhatanii manatti galuun akka dubbisanii itti gammadan jajjabeeffamu.

Yaada walii gala daawwattootaa ____________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________

USAID/READ CO50

Kutaa 2: Dalagaalee Dubisuu

Dalagaalee dubbisuu Eeyyee Lakkii Hanga tokko

Ijoolleen daree sana keessaa yeroo tokko tokko ofuma isaatiitiin kitaabilee argatan ilaaluu qabu.

Ijoolleen daree sana keessaa yeroo tokko tokko of danda’anii dubbisuu qabu.

Barannoon dubbisa sagaloo of keessaa qabu kan ktaabota dabalataan dubbifaman keessaa, barattootaaf barbaachisoodha

Dubbisni sagaloo akka fedhiifi hubannoo barattootaa dabalanitti dubbifamuu qabu.

Barattoonni tapha jechootaa ykn dalagaalee dubbisuu keessatti kan hirmaatan, ogummaawwan murtaa’oo ta’an kan ijoollee garee sana keessaatiif barbaachisoo ta’an yoo dhiyaatanidha.

Barannoon sun akka barattoonni fakkii kaasuu ykn barreesuu danda’aniif carraa laatudha

Ijoolleenis barannoo sana keessatti hirmaachuun dalagaa dhiyaate sana hojjechuu danda’anii jiry.

Kanneen haala mijeessan gaaffiilee dubbisuun duraa, kan yeroo dubbisuufi dubbisuun boodaa gaafatu.Barannoo sun akka barattoonni jechoota haaraa barataniif carraa kennee jira,Barannoon sun akka barattoonni ga’umsaan dubbisuu shaakalaniif carraa kennee jira.

Yaada ________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________

Marii/ duubdeebii barannoo sana boodaaA. Yeroo barattoonni dubbisuu shaakalan akka ciminni turan warri gurguddaan maal fa’i? _______

_______________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________

B. Bakka kamtu fooyya’iinsa barbaadaa? ____________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________

C. Akki itti barannoon sun dhiyaate _________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________