32

Teessoo armaan gadiitiin argachuu dandeessu:-

  • Upload
    others

  • View
    3

  • Download
    0

Embed Size (px)

Citation preview

Page 1: Teessoo armaan gadiitiin argachuu dandeessu:-
Page 2: Teessoo armaan gadiitiin argachuu dandeessu:-

Odeeffannoon dabalataa yoo isin barbaachiseTeessoo armaan gadiitiin argachuu dandeessu:-

Wiirtuu Odeeffannoo EedsiiSitii Senterii DanbalGamoo 9ffaa yookaan 10ffaa

L.S.Poostaa 26171 Koodii 1000Finfinnee : ItoophiyaaBilbila :- 011-550-35-84Faaksii:- 011-550-37-49II-Meelii:- [email protected] Saayitii:- www.etharc.org

Page 3: Teessoo armaan gadiitiin argachuu dandeessu:-

1

Yoo Vaayiresichi dhiiga keenya keessa jiraate iyyuufayya qabeessaa fi gammdinee jiraachuu dandeenya.

Page 4: Teessoo armaan gadiitiin argachuu dandeessu:-

1.Nama dhiiga isaa keessa echi aayee viin jiru beekuu

Namooti echi aayee vii posetiiv ta’an namoota dhiiga isaanii keessatti echi aayee viin argamuu dha. Namooti dhiiga isaanii keessatti echi aayee viin argamu sodaachisoo,cubbamootaa fi namoota gadhee miti.Hinumaayyuu gammaduuf akka namoota biraa Jaalalaa fi deggersa kan barbaadanii dha.

Echi aayee vii walliin jiraachuun baayyee rakkisaa ta’uu ni danda’a.Namooti echi aayee vii waliin jiraatan dhukku-boota ciccimoon huubamuun dabalatee baayyeen isaanii maatii,hiriyootaa fi hawwaasa biraa ala bahu. Sababa ka-nanis jireenya gadadoo kan jiraata yemmuu ta’u;echi aayee vii dhadhamuuf humni itti hir’ata.

Echi aayee viin sooressa,hiyyeessa,dhiira,dhalaa,dargageessa,maanguddoo,kan baratee,kan hin baratne jedhee utuu adda hin baasin eenyuun iyyuu huubuu ni danda,a.Hundi keenya iyuu echi aayee vii irratti duuluu fi namooti hed-duu adda biroon akka hin faalamne ittisuu qabna.Namoota dhiiga isaanii keessa vaayiresichi jiru hanga danada’ametti akka umuriin isaanii dheeratuu fi fayyinni isaanii wayyaa-huuf kunuunsuu fi deggeruu qabna.

Waa’ee echi aayee vii kan isin beekuu qabdan

Echi aayee viin nama tokko irraa gara nama biraatti ak-kamitiin akka inni daddarbuu fi akka inni hin daddabarre beekuun faayidaa qaba.Kana beekuun nama huubameef deggersaa fi kunuunsa gochuun isiniif miidhaa kan hin qabne ta’uu isaa akka isin huubatan isin dandeesisa.

2

Page 5: Teessoo armaan gadiitiin argachuu dandeessu:-

chi aayee viin haalota armaan gadii qofaan nama tokko irraa gara biraatti daddarba:-

• Nama dhiiga isaa keessa echi aayee viin jiru waliin wal quunnamtii saalaa of eeggannoo hin qabne (kon-domii malee) raawwachuun;

• Gogaa qunchisuu yookaan muruu kan danda’an kan akka limmoo,milaacii fi sibiloota qaramoo biroo nama dhiiga isaa keessa echi aayee viin jiru wajjin walitti fayyadamuu.

• Dubartootni dhiiga isaanii keessa echi aayee viin jiru yerroo ulfaa’an,yeroo daahanii fi yeroo harma hoosi-san vaayiresicha gara ijoollee isaaniitti daddabarsuu ni danda’u.

Echi aayee viin karootaa armaan gadiitiin hin daddarbu:-

• Harka wal qabuun• Walitti bu’uun• Wal haammachuun• Wal dhungachuun• Waliin nyaachuun• Filaawwan,fooxotaa,uffataawwan fi manneetii

fincaanii waliin fayyadamuun• Bookee busaa fi kan biroon hiddamuun

3

Page 6: Teessoo armaan gadiitiin argachuu dandeessu:-

Echi aayee vii qaama keessaa balleessuun ni dandaa’amaa?

Echi aayee viin si’a tokko qaama keessa gallaan vaayire-sicha qaama keessaa balleessuu hin dandaa’amu. Qaamni keenya uumamaan dandeetii ilbiisotaa fi vaayiresoota hed-duu gara qaama keenya keessaa galan balleesuu badhaaf-ameera.Carraa inni gadheen garuu dandeetiin uumamaa qaama keenya keessa jiru kun echi aayee vii balleessuu dadhabuu dhiisuu isaati.

Yaaliin farra echi aayee vii yookaan Ingiliffaan ART jedha-mee waamamu qoricha baayyina vaayiresii dhiiga keessa jiru hir’isuu fi namni huubame akka inni fayya qabeessa ta’ee turuuf kan gargaaruu dha.Namni dhiiga isaa keessa echi aayee viin jiru yaalii echi aayee vii yoom akka inni jalqabuu qabu kan murteessu ogeessa fayyaa qofa.

Namootni echi aayee vii poosetiiv ta’an fayya qa-beessa ta’anii jiraachuu ni danda’uu?

Eeyyee ni danda’u.Yoo echi aayee viidhaan qabaman iyyuu namootni fayya qabeessaa fi bu’a qabeessa ta’anii jireenya isaanii geggeessuu ni danda’u.Kana fiixaan baasuuf garuu mataa isaanii eeguutu isaan irra jiraata.Humna dhibee it-tisuu jabeesuun namoota echi aayee vii poosetiiv ta’aniif hedduu faayidaa qaba.Kunis baayyinni echi aayee vii qa-ama isaanii keessa jiru akka inni hir’atee turu godha. Sirni dhibee ittisuu isaanii yoo dadhabe garuu carraan dhibeef saaxilamuu isaanii kan bal’atee fi lakoobsi vaayiresii qaama isaanii keessa jiru kan baayyate ta’a. Humna cimaa dhibee ittisuu kan qabanii fi namooti echi aayee vii waliin jiraatan ilbiisonni fi vaayiresoonni biraan akka salphaatti huubuun dhibeef isaan hin geesisan.

4

Page 7: Teessoo armaan gadiitiin argachuu dandeessu:-

2.Namni echi aayee vii qabu akka fayyaan isaa eegamu isin maal gochuu dandeessu?

1. Nama echi aayee viin dhiiga isaa keessa jiru fud-hachu

Namni isin beektan tokko akka echi aayee viin dhiiga isaa keessa jiru yoo isinitti hime jalqaba irratti amantanii fud-hachuuf baayyee rakkattu ta’a. Nama kanaan wajjin firu-maas ta’e wal beekumsa qabaachuu waan dandeessaniif miirri saalfachuu yookaan qanaa’uu isinitti dhagaahamuu ni danda’a.Waa’ee haalichaa namooti biraan maal akka yaaduu fi haasa’uu danda’an tilmaamuus ni rakkattu ta’a. Waanti isin huubachuu qabdan garuu namni kun isuma isin utuu inni vaayiresichaaf hin saaxilamin dura beektan kan turee ta’uu isaa fi yeroo kam irra iyyuu caalaa jaalalaa fi gargaarsa keessan kan barbaadu ta’uu isaati.

2.Namootni echi aayee viin dhiiga isaanii keessa jiru akka isaan fayya qabeessa ta’uu danda’an beekuu

Dhiiga nama tokkoo keessa echi aayee viitu jira jechuun dhukkubsataa ta’e jechuu miti.Haa ta’u malee namni vaay-iresichaan huubame tokko sirriitti yoo of eeguu baate sal-phaatti dhukkubsata.Gargaarsaa fi kunuunsa sirrii ta’e yoo argatan namootni dhiiga isaanii keessa echi aayee viin jiru umurii dheeraa qabaachuu fi jireenya bu’a qabeessa ta’e geggeessu ni danda’u.

3. Namootni echi aayee viin dhiiga isaanii keessa jiru akka isaan jireenya fayya qabeessa fi guutuu ta’e qabaatan gargaaruuf murteessuu

Nama dhiiga isaa keessa echi aayee viin jiru akka gargaaruu dandeessaniif fedhii isaanii huubachhuu fi beekuun hedduu isin fayyada.Gargaarsa isin gootan tokkoon tokkoon ishee jireenya huubamichaa irratti garaagarummaa guddaa fiddi.

5

Page 8: Teessoo armaan gadiitiin argachuu dandeessu:-

4. Fedhiin bu’uura isaanii guutamu isaa mirkanees-suu

Namni hundinuu jiraachuuf bishaan,nyaata manaa fi uffata isa barbaachisa.Lammiiwwan dhiiga isaanii keessa echi aayee viin jirus namooti isaan beekan fedhiiwwan bu’uuraa isaanii kun kan guutamaniif ta’uu isaa yoo mirkaneessaniif luubbuu isaanii oolchaaniiruu jechuu dha.

5. Akka jaallattanii fi yaaddaniif itt agarsiisuu

Namootni dhiiga isaanii keessa echi aayee viin jiru yoo maatii fi hiriyootni isaanii itti dhihaatan jireenya fayya qa-beessa geggeessuuf ni salphataaf.

• Waan isaanitti dhagaahamu akka isaan isiniif ibsanii fi akka gammachuun isaanitti dhagahaamu godhaa.

• Qorannoo fayaa fi hordoffiif yeroo isaan gara dhaab-bata fayyaa deeman wajjin ta’aa.

• Nyaata isaanii akka isaan qopheessan gargaaraa.• Yeroo itti isaan qoricha fudhatan yaadachiisaa.• Wajjiniin kadhadhaa.

6

Page 9: Teessoo armaan gadiitiin argachuu dandeessu:-

6. Fayyaa isaanii kunuunsuuf gargaarsa gidhaafii

Namoota dhiiga isaanii keessa echi aayee viin jiruf kunu-unsaa fi deggersa kennuuf dirqiitti doktoorii yookaan neer-sii ta’uu isin hin barbaachisu. Deggersa kana karaa itti isin kennitan hedduutu jiu.Fakkeenyaaf:-

• Namichi/isheen qorannoo fayyaa fi hordoffii itti fufi-insa qabu akka isaan godhan jajjabeessaa.

• Namichi/isheen qorannoo fayyaaf gara dhaabbata fayyaa yeroo deeman wajjiniin tya’aa.

• Jijjiirama fayyaa isaanii irratti ta’an (Fakkeenyaaf:- qufaa, ho’ina qaamaa, gara kaasaa, miira dadhabbii, bitaa namatti galuu, kkf) hordofaa;yaalii sirrii ta’e ar-gachuu isaanii mirkaneessaa.

• Waa’ee qorichoota namichi/isheen fudhatanii, waa’ee miidhaa cinaa isaan qabanii akkasumas yoom fi akka-mitiin akka isaan fudhachuu qaban beekuuf yaalaa.

• Gargaarsi hatatamaa yeroo barbaachisu eessa akka deemuu qabdan dursaa beekaa.

• Namicha/ishee bira qorichooti turanii fi faayidaa irra hin oollee yoo jiraatan akka isaan badan godhaa.

• Qorichoota bakka qabbanaahaa,qooraa fi iddoo daa’imman irraa fagaate irra ka’aa.

Namni isin kunuunsitan dhukkubsataa siree irraa yoo ta’an:-

• Ansoolaa dhukkubsatichi irra ciisan jala firaashicha laastikii uwwisaa.Kunis yoo dhukkusatichi fincaan yookaan sagaraa too’achuu dadhaban firaashichi akka hin saamnee;akkasumas qulqulluu fi qooraa akka ta’u gargaara.

• Jarmoota dhibee fiduu danda’an balleessuuf ansoolaa fi uffata qorraa isaanii darbee darbee aduu keessa afaa.

7

Page 10: Teessoo armaan gadiitiin argachuu dandeessu:-

3.Namooti dhiiga isaanii keessa vaayiresichi jiru jireenya fayya qabeessa akka isaan geggeessan akkamitiin gargaaru dandeessu?

Namoota dhiiga isaanii keessa vaayiresichi argamu waa’ee haala jireenya isaan geggeessanii xiyyeeffannaan addaa kennamuufii qaba.Isinis wantoota armaan gaditti tarreef-faman gochuun namooti kun fayyummaa isaanii eeganii jireenya wayyaahaa geggeessuu akka danda’an gargaaruu fi jajjabeessuu dandeessu.

A.Hanga dandaa’ametti nyaataa fayya qabeessa ta’e hordoofaa jiraachuu isaanii mirkaneessaa

Echi aayee vii wajjin walii galanii jiraachuuf nyaata fayya qabeessa ta’e hordofuun hedduu barbaachisaa dha.Namooti vaayiresichi dhiiga isaanii keessatti argamu sirna cimaa dhi-bee dhadhamu akka qabaatanii fi baayyinni vaayiresii qaa-ma isaanii keessa jiru akka hir’atuuf nyaatowwan madaal-amaan hedduu isaan fayyadu.Kanaafuu nama isin nama isin gargaartaniif :-

• Nyaata akkamii akka isaan nyaachuu qaban filuud-haan gargaaraa.

• Nyaata isaanii qopheesuun gargaaraa.• Akka isaan fedhii nyaataa qabaatan gochuuf wajjiniin

nyaadhaa.

B.Qorichoota isaanii akkataa ajaja ogeessa fayyaat-ti fudhachaa jiraachuu isaanii mirkaneessaa

Namooti echi aayee viin dhiiga isaanii keessa jiru qorichoo-ta akkaataa ajaja ogeessa fayyaatiin fudhachuun hedduu barbaachisaa dha.Isinis:-

• Qoricha isa kamii fi yoom akka fudhaachuu qaban adda baasuun deggeraa.

• Qorichoota isaanii sa’aatii sirrii ta’etti akka fudhatan yaadachiisuun gargaaraa.

8

Page 11: Teessoo armaan gadiitiin argachuu dandeessu:-

C. Hirribaa fi boqonnaa gahaa argachaa jiraachuu isaanii mirkaneessaa

Dadhabuu,garaa laafuu,dhiphachuu fi gadduun humna dhi-bee dhadhamuu qaama namoota echi aayee viin dhiiga isaa-nii keessa jiru dadhabsiisa.Kanaafuu namni isin gargaartan

• Hanga dandaa’ametti haala gahaa ta’een boqonnaa ar-gachuu isaanii fi hirriba argachuu isaanii mirkanees-saa.

• Haalota isaan itti jeeqamanii fi itti gaddan balleessuun gargaaraa.

D. Yeroo hundaa akka isaan sochii jajjabina qa-amaa godhan jajjabeessaa

Sochiin jajjabina qaamaa fayyaa fi jabina qaamaa eeguuf gargaara. Keessaahuu nama jiaruun itti baayyatuuf sochii jajjabina qaamaa yeroo hunda qaama jirenya guyya guyyaa gochuun karaa baayyee salphaa dha.Kanaafuu namni isaan gargaaru :-

• Waan akka nyaata bilcheesuu ,uffata miiccuu fi mana qulqulleessuu kan fakkaataan hojii mana keessaa ir-ratti akka isaan hirmaatan jajjabeessaa.

• Geejiba uumataa fayyadamuu irra akka isaan miila isaanitiin deeman gorsaa.

• Wajjiniin ta’uun demsa miilaa godhaa.• Waan akka kubbaa miilaa,saaphanaa fi kaachaa kan

fakkaataanii fi ispoortiiwwan namichi jaallatu akka isaan taphatan jajjabeessaa.

9

Page 12: Teessoo armaan gadiitiin argachuu dandeessu:-

10

Page 13: Teessoo armaan gadiitiin argachuu dandeessu:-

E.Qulqulina isaanii eegaa jiraachuu isaanii mir-kaneessaa

Qulqulina isaanii haala gaariidhaan eeguun fayyina namoota dhiiga isaanii keessa vaayiresichi jiruuf hedduu murteessaa dha.Qulqulina isaanii eeguun dhukkuboota hunma qaama isaanii dadhabsiisan irraa of ittisuu ni danda’u.Isinis:-

• Qaama isaanii hanga dandaa’ametti yoo xinaatti guyy-aatti si’a tokko dhiqachuu isaaniitii fi qeensa isaanii qorachuu isaanii mirkaneessaa.

• Uffatoowwan isaanii yeroodhaan miiccachuu isaanii hordofaa.

• Madoota isaanii gosa kam iyyuu sirriitti hidhamuu isaa mirkaneessaa.

• Nyaatowwan isaanii qulqullinaan qopheessuu isaani-itii fi bishaan dhugaatii ququlluu argachuu isaanii hor-dofaa.

• Mana qulqullina erga fayyadamanii fi nyaata erga nyaatanii booda harka isaanii saamunaa fi bishaan ga-haa ta’en dhiqachuu isaanii mirkaneessaa.

• Mishaalee nyaataa erga itti fayyadamanii booda mi-iccamuu isaa mirkaneessuun gargaarsa gochuufii ni dandeessu.

11

Page 14: Teessoo armaan gadiitiin argachuu dandeessu:-

F.Wal quunnamtii saalaa of eeggannoodhaan guu-tame jiraachuu isaa mirkaneessaa

Hariiroo isin nama kunuunsitan (gargaartan) wajjin qabdan yoo dhihoo ta’e fi waa’ee amaloota wal quunnamtii saa-laa mari’achuuf kan isin geesisu yoo ta’e;waa’ee akkaataa itti fayyadama kondomii mari’achuun hedduu barbaachisaa dha.Sababiin isaas namni isin gargaartan kondomii gar-gaaramuun isaanii vaayiresichi gara hiriyaawal quunnamtii saalaa (jireenyaa) isaaniitti akka hin dabarre waan ittisuuf.Yookaan immoo namni kun yoo wal quunnamtii saalaa nama biraa echi aayee vii qabuu wajjin raawwatan;dhukkuboota wal quunnamtii saalaatii daddarbanii fi haala keessa dee-biitiin echi aayee viidhaaf saaxilamu waan danda’aaniif.Kun immoo humna dhibee dhadhamuu qaamaa akka inni dadhabuu fi baayyinni echi aayee vii dhiiga keessa jiru haa-la ariirtiidhaan akka inni dabalu taasisa.Kun akka hin taane:-

• Namni isin gargaartan :echi aayee vii poseetiiv namoo-ti ta’an wal quunnamtii saalaa yeroo raawwatan hun-daa bifa itti gaafatamummaan guutameen kondomii fayyadamuu akka qaban beekuu isaanii mirkaneessaa. Dhiiga hiriyaa wal quunnamtii saalaa namichaa kees-satti echi aayee viin jiraatus yoo jiraachuu baates kon-domii fayyadamuu qabu.

• Dhukkubootaan tasuma iyyuu qabamuu dhiisuuf karaa amansiisaan wal quunnamtii saalaa irraa of qusachuu ta’uu isaa itti himaa.

12

Page 15: Teessoo armaan gadiitiin argachuu dandeessu:-

13

Page 16: Teessoo armaan gadiitiin argachuu dandeessu:-

G.Amaloota miidhaa qaban akka isaan balleessan gargaaraaAlkoolii dhuguu,tamboo xuuxuu,jimaa qama’uu fi baalota nama adoochan biroo fudhachuun humna dhibee ittisuu qa-amaa dadhabsiisa.Kanaafuu namooti dhiiga isaanii kees-satti echi aayee viin argamu aradota dabalata akkasii yoo balleessan filatamaa dha.Si’a tokkotti guutummaa guututti dhaabuf kan rakkatan yoo ta’e illee namichi baayyina fud-hannaa isaanii hedduu hir’isuuf tattaaffii gochuu qabu.Isinis:-

• Namichi alkoolii dhuguu,tamboo xuuxuu fi jimaa qama’uu irraa akka isaan of qusatan jajjabeessaa.

• Naannaa namichi jirutti alkoolii dhuguu,taamboo xuuxuu fi jimaa qama’uu irraa of qusachuuf yaalaa.

• Akka namichi waa’ee araadota dabaallii ogeessa fayyaa waliin haasa’u jajjabeessaa.

H.Gara dhaabbata fayaa dhaqanii akka isaan qorannoo itti fufiinsa qabu godhan jajjabeessaa

Namooti echi aayee vii wajjin jiraatan gara dhaabbata fayaa dhaqanii qorannoo itti fufiinsa qabu gochuutu isaan bar-baachissa.Haala fayyina namichaa hordofuun sadarkaa vaayiresiin qaama isaanii keessa jiruu irra gahe baruuf gar-gaara.Sirni dhibee dhandhamuu namichaa cimaa ta’uu isaa yookaan sababa vaayiresichaatiin dadhabaa jiraachuu isaa beekuuf heduu barbaachisaa dha.

• Qorannoodhaaf gara dhaabbata fayyaa demuun bar-baachisammaa inni qabu yeroo hundaa yaadachiisaa.

• Gara dhaabbata fayyaa wajjiniin deemaa.

14

Page 17: Teessoo armaan gadiitiin argachuu dandeessu:-

I.Haala fayyina isaanii ogeessa fayyaa wajjin akka isaan ifatti mari’atan jajjabeessaa

Akka ogeessi fayyaa gargaarsa barbaachisaa gochuu dandaa’aniif namooti dhiiga isaanii keessa vaayiresichi jiru waan isaanitti dhagaahamu ifa gidhanii haasa’uun isaanii hedduu barbaachisaa dha.Isinis:-

• Namni isin gargaartan namoota isaan gargaaruu fi deggrsa isaanii gochuu danda’an hundaaf akka isaan rakkoo qaban mari’achiisan gorsaa.

• Gara dhaabbata fayyaa yeroo isaan deemanis wajji-niin deemun jajjabeessaa.

J.Of eegaa

Dhukkubsataaf kunuunsa kennuun dadhabsiisuu fi nuffisi-isuu ni danda’a.Kanaafuu waa’ee mataa keessanii sirriitti yaaduu fi of eeggannoo gochuu qabdu. Namooti hundi mala jireenyaa fayya qabeessa ta’e hordofuu qabu.Isinis kanuma hordofuu qabdu.Kanafis:-

• Waantoota isin gammachiisan gochuu itti fufaa.Fak-keenyaaf hiriyoota keessaniin wajjiniin buna dhuguun isin gammachiisaa ture yoo ta’e isuma itti fufaa.

• Madaas ta’e dhangala’oota qaamaa nama kunuunsi-tanii utuu hin tuqin dura guwaantii pilaastikii yookaan feestaalii harka keessanitti kaawwachuu mirkanees-saa.

• Maqasii,miilacii fi meeshaalee sibiloota fakkaatan erga itti fayyadamtanii booda haala amansiisaa ta’een qulqulleessuuf daqiiqqawwan 20f affeelaa.

• Huccuuwwan gosi kam iyyuu dhangala’oota (dhiigaan,hoqqisaanii fi garaa kaasaan) yoo saman;saamuunaa fi bishaan ho’aan daqiiqota 15f cuubamanii kophaa kophaatti miiccamuu isaanii mir-kaneessaa.Huccuuwwan kun yeroo miiccaman harka irratti guwaantii pilaastikii yookaan feestaalii gudha-chuun dagatamuu hin qabu.

15

Page 18: Teessoo armaan gadiitiin argachuu dandeessu:-

16

Page 19: Teessoo armaan gadiitiin argachuu dandeessu:-

4.Nyaata fayya qabeessa jechuun maali?

Waan gaarii nyaachuu jechuun nyaatowwan gatiin isaanii mi’aa ta’an nyaachuu jechuu miti.Nyaatowwan gatiin isaanii mi’aa hin taanee fi fayyaaf mijaahaaa ta’an gabaa keesssatti ni argamu. Nyaatowwan akkaataa salphaa ta’een argamanii fi fayyaaf mijaahaa ta’an keessaa muraasni isaanii armaan ga-ditti tarreeffamaniiru.

Fuduraawwan• Abokaadoo • Muuzii• Mangoo• Butukaanii • Loomii• Anaanaasii fi • Kanneen kana fakkaatan.

Bu’aawwan beeyiladaa• Foon sangaa• Foon hoolaa• Foon re’ee• Foon lukkuu• Aannan• Buphaa fi• Kanneen kana fakkaatan

Nyaatowwan salphaa ta’an • Qincee qamadii• Mooqa aajjaa• Caccabsaa• Faffatoo bassoo• Cuunfaa bassoo• Maxinoo• A m b a a s h a a

Mulluu,akaayii fi • Kanneen kana fakkaatan

Gosoota midhaanii • Xaafii• Qamadii• Garbuu• Boqqolloo fi • Kanneen kana fak-

kaatan.

Calla Callaa• Atara• Lojoo• Misira fi • Kanneen kana fak-

kaatan.

Kuduraawwan• Raafuu habashaa• Baandee• Shikurtii diimaa• Timaantimii• Kaarotii• Raafuu maraa fi• Kanneen kana fak-

kaatan

17

Page 20: Teessoo armaan gadiitiin argachuu dandeessu:-

5.Dhibeewwan hidhataa maali?Jireenya fayya qabeessaa fi akkaataa nyaataa gaarii ta’e hordofuun namootni akka dhibeewwan hudhataatiin hin huubamne isaan gargaara.Dhibeewwan hidhataa gosoota dhukkubaa huubamtootni echi aayee vii qaamni isaanii yeroo dadhabuu fi humni itti hanqatu isaan huubaanii dha.Namni echi aayee viin dhiiga isaanii keessatti argamu tok-ko mallatoolee armaan gadii irra deddeebi’uun yoo agarsi-isan humni qaama isaanii dadhabuu isaa agarsiisuu dada’a.Yeroo kana hanga dandaa’ametti ariitiidhaan gara ogeessa fayyaa deemanii akka isaan gorsa argatan itti himaa.Ogees-si fayyaa qorichoota ajajuun haalli fayyina isaanii akka inni wayyaahuu gochuu ni danda’u.

• Goguu fi madaa’uu afaanii yookaan arrabaa.• Nyaata liqimsuuf rakkachuu.• Rakina hafuura baafachuu.• Dadhabbiin itti fufiinsa qabu namatti dhagaa’amu.• Dhaqni namatti ulfaachuu (namatti toluu) dhiisuu.• Qulqullessanii ilaaluuf rakkachuu (iji nama maruu). • Mataa dhukkubbii deddeebi’ee dhufu fi cimaa. • Morma sochoosuuf rakkachuu.• Dhukkubbii cimaa garaachaa fi garaa.• Oo’ina qaamaa guyyaa tokkoo ol turu.• Yeroo ciisichaa dafqaan cuuphamuu.• Qufaa torban lamaa ol turu.• Gogaa irratti waa bibbiqiluu.• Almaaz Baalaciraa.• Nama qorrisiisuu fi oollachiisuu.• Sababa malee ulfinni qaamaa hir’achuu.• Keessa deddeebi’uun garaa nama kaasuu.• Keessa deddeebi’uun nama hooqisiisuu.• Naannoon qaama saalaa deddeebi’ee dhiita’uu, gubuu ,

hooksisuu fi dhagala’aan foolii gadhee qabu mala’uu.• Jijjiirama yeroo dhufaatii xurii ji’aa fi dhangala’insa

irratti uumamu.• Yeroo wal quunnamtii saalaa dhukkubbiin namatti

dhagaa’amuu.18

Page 21: Teessoo armaan gadiitiin argachuu dandeessu:-

6. Maloota ittiin mallattoowwan kana too’annuNamooti echi aayee viin dhiiga isaanii keessatti argamu mallatoolee dhibeewwan hidhataa isaan mudatan akkamiti-in akka isaan to’achuu danda’an beekuu barbaachisa.Kana beekuun akka isin deggersa barbaachisaa kennitan isin dan-deesisa.

Madaa’uu afaanii fi qoonqoo• Afaan huccuu qulqulluun bishaan ashaboon xiqqoo

oo’een qulqulleessuu.• Afaan yookaan qoonqoo keessatti yoo hoomachi adii

ta’e uumame;loomii erga kutamee hin turre xuuxuu.

Goguu afaanii fi geeddaramuu dhadhamaatiif• Daftanii daftanii bishaan dhuguu.• Akka gorora maddisiisuu dandeessaniif mastiikaa al-

anfachuu.

Fedhiin nyaataa hir’achuuf• Nyaata jaallattan nyaachuu.• Waantoota mi’aahaanii fi buna fudhachuu dhiisu.• Xiqqoo xiqqoo daftanii daftanii nyaachuu.

Gororsiisaa fi hoqqisaaf• Lallafaa gaaziin keessaa bahee fi cabbaahaa yoo-

kaan cuunfaa loomii bishaan albuudaa yookaan bishaaniin makanii dhuguu.

• Sa’aatii cireetti daabboo gogaa yookaan buskutii gogaa nyaachuu.

• Shaayee cilaadamaa yookaan jijimbilaa dhuguu.• Xiqqoo xiqqoo daftanii daftanii nyaachuu.• Nyaatowwan baayyee oo’an nyaachuu dhiisuu.• Nyaatowwan qimamiinii fi coomni itti baayyatan fud-

hachuu dhiisuu.• Tamboo xuuxuu dhaabuu.• Bunaa fi alkoolii dhuguu dhaabuu.• Irbaata akkuma nyaattaniin battaluma sana ciisuu dhi-

isuu.

19

Page 22: Teessoo armaan gadiitiin argachuu dandeessu:-

Garaa kaasaaf

• Hanga dandaa’ametti dhangala’aa hedduu ta’e dhuguu(guyyaatti leetirii 2-3)

• Lallaafaa baayyee hin cabboofnee fi gaaziin keessaa bahe dhuguu.Utuu lallaaficha hin dhugamin dura qor-kee isaa bananii tursuun gaazicha baasuuf gargaara.

• Dhangala’oota qaamaa kan bakka buusan soorota makaa keessa deddeebi’uun dhuguu.Kun sababa ga-raa kaasaatiin soorota faayidaa qaban qaama keessaa bahan (bishaan, ashaboo fi sukaara) bakka buusuuf fayyada.

Sorota kana ashaboo fal’aana shaayee walakkaa, sukaaraa fal’aana shaayee 8 fi bishaan danfee qabbanaahee leetirii tokkoon waliin makuun qopheessuun ni dandeessu.Garaa garummaa sa’aatii 24 gidduutti soroti haaran qophaa’uu qaba.

• Aajjaa,itittuu qulqullinni isaa mirkanaa’e,muuzii,ruuzii,bishaan ruuzii,shoorbaa fi kaarotii affeelame nyaa-chuu.

• Shaayee hedduu, buna, dhugaatii alkoolii fi aannan dhuguu dhiisuu.

• Nyaatowwan coommi, qimamii , sukkaarri itti baayyatanii fi hin bilchaanne nyaachuu dhiisuu.

Garaan bokokuu,dhuufuun baayyachuu fi dhukkuba garaachaaf

• Nyaata gosoota akkamii (raafuu maraa,shunkurtii diimaa,qullubbii.qaaraa,mimmixa,dhugaatii lallaafoo gaazii hin qabne,buna,alkoolii,nyaata qimamiin itti hin baayyanne fi darbee drbee aannan ) yeroo fudhat-tan bokokuun garaa akka isin mudatu qorattanii waan-tota isin dhukkubsachiisu fudhachuu dhiisuu.

• Nyaata yeroo hundaa taa’uu fi of irraa bu’un nyaa-chuu.

• Nyaata sirriitti alanfachuu.• Bokokuu garaa fi heddummina dhuufuu irraa boqon-

naa argachuuf sochiiwwan jajjabina qaamaa salphaa ta’an (Fakkeenyaaf:-deemsa miilaa) godhaa.

20

Page 23: Teessoo armaan gadiitiin argachuu dandeessu:-

Dhukkubbii fi bututa fooniif• Yeroo hundaa sochiiwwan salphaa ta’anii fi qaama

hiikuu dandaa’an gochuu.• Sochii jajjabina qaamaa booda dhaqni jaabaachuun

kan isinitti dhagaahamu yoo ta’e bakka sana lallaafaa gochuun sukkuumuun hiikuu.

• Dalagaawwan mana keessaa guyyaa guyyaa (Fak-keenyaaf:-mana qulqulleessuu fi nyaata qopheessuu) irratti hirmaachuu.

• Gara mana dhiqannaa fi qulqullinaa yeroo deemtan gargaarsa argachuu.

Dadhabbii isinitti dhagaahamuuf• Akka barbaachisummaa isaatti boqonnaa fudhachuu;

garuu hirriba hedduu rafuu dhiisuu.• Vaayitaamiunii gahaa kan qabanii (Fakkeenyaaf:-ku-

duraa fi fuduraalee) fi nyaatowwan madaalamaa nyaa-chuu.

• Buna,shaayee fi alkoolii dhuguu heddumminaan hir’isuu.

Hirriba dhabuuf• Sa’aatii ciisichaa yeroo hunda idilee fi murtaa’aa go-

chuu.Sa’aatii ciisichaa gegeeddaruun hirriba dhabuu jabeessa.

• Guyyaa hundaa sochii jajjabina qaamaa gochuu;keessaahuu ganama akka hirribaa kaataniin yoo ta’e gaarii dha.Dhugaa dubbachuuf namoota tok-koo tokoof utuu gara ciisichaa hin deemin dura daqi-iqota 30 jiran keessatti sochii gochuun irra caalaa isaan fayyada.

• Akka garaachi nyaata bulleessuuf hin rakkanne gal-gala irratti salphaa gochuun nyaachuu.

• Tamboo xuuxuu, buna, shaayee fi alkoolii dhuguu hir’isuu.

• Utuu gara ciisicha hin deemin dura taa’anii of irraa bu’uu.

21

Page 24: Teessoo armaan gadiitiin argachuu dandeessu:-

Rakkoowwan gogaa wajjin walitti hidhataniif

• Yeroo hundaa qaama saamuunaadhaan dhiqachuu.• Hanqooqamuu fi madaahuu ittisuuf qeensa gabaab-

suu.• Akkaataa ogeessi fayayaa ajajaniin qoricha sirrii faar-

masiidhaa bitanii fayyadamuu.

Hooksisuuf

• Gogaa qulqulluu fi qooraa gochuu.• Gogaa bishaan cabbaahaa ta’een qabbaneessuu fi

qoorsuu.• Bishaan bulluqaa fi waantota o’aa ta’an tuquu irraa

fagaachuu.• Yoo dandaa’ame dibata kireemii hamma tokko fayy-

adamuu.

Madaa fi horbobbaahuuf

Ashaboo fal’aana shaayee tokko bishaan qulqulluu leetirii tokkoon o’isuun kutaa gogaa miidhame guyyaatti si’a afur huccuu qulqulluu cuuphuun sukkuumuu.

• Kutaa gogaa miidhame huccuu qulqulluudhaan akka laaffisuu godhanii hidhuu.

22

Page 25: Teessoo armaan gadiitiin argachuu dandeessu:-

Ciisichi namatti toluu dhiisuuf• Hanga dandaa’ametti siree keessa turuu baayyisuu

dhiisuu.• Kallattii ciisichaa gegeeddaruu.• Uffatoowwan qorraa qulqulluu ta’uu isaanii mir-

kaneessuu fi ansoolota dafanii dafanii gegeeddaruu.• Firaashonni lallaafoo (kan namatti tolan) ta’uu isaanii

mirkaneessuu.• Akka bakki ciisichaa namatti toluuf ansoolaa fi uffata

halkanii sirriitti harkisanii afuu.• Sa’aatii boqonnaatti kutaa qaamaa miidhame boraati-

idhaan daggeruu.• Haala gaariidhaan nyaachuu.

Dhiitaaf• Sa’aatii boqonnaatti kutaa qaamaa dhiita’e (keessaa-

hoo yoo miila ta’e) boraatiidhaan ol kaasuu.• Kutaa qaamaa miidhame dibataa fi kireemiidhaan su-

uta jedhanii sukkuumuu.• Kallattii akkaataa ciisichaa hanga dandaa’ametti ge-

geeddaruu.

Rakina hafuura baafachuu• Yeroo ciisichaa mataa boraatiidhaan ol kaasuu.• Ciqilee jilba irra yookaan minjaala gabaabaa ta’e irra

gochuun taa’uu.• Nama rakiinichi mudatee wajjin ta’uu; sababiin isaas

haalichi namichaaf sodaachisaa ta’uu ni danda’a.Qufaaf

• Asii fi achi deemuu.• Kallattii ciisichaa gegeeddaruu.• Akka irkachuu ta’uu irra taa’uu.• Kutacha keessa akka qilleensi gahaan jiraatu gochuu

fi qilleensa galchuu.• Baala bar gamoo affeeluun yookaan aara bishaan dan-

faa ulachuu.• Yeroo isin qufaasisu laphee keeessan irratti dhukkub-

biin kan isintti dhagaahamu yoo ta’e nannaa dhukkub-biin jiru sana boraatiidhaan jabeessanii qabuu.

23

Page 26: Teessoo armaan gadiitiin argachuu dandeessu:-

Dhukkuba surur nama godhoof• Aspiriinii yookaan parastaamolii akkaataa ogeessi fayy-

aa ajajeen fudhachuu.Aspiriiniin kan inni fudhatamuu qabu nyaata booda; garaa duwwaatti hin fudhatamuu.

• Dheerinaan qilleensa gara keessatti harkisuun suuta jedhanii hafuura baafachuu fi of irraa bu’uu.

• Dalagaawwan salphaa dhukkubbii nama hirraanfachi-isaniinqabamuu.

Ho’inaaf

• Huccuu qulqulluu bishaan qabanahaa keessa cuuphuun; adda, mogolee harkaa fi milaa qaqqabachuu.

• Bishaan hedduu ta’e yookaan cuunfaa qulqulluu dhu-guu.

• Hanga barbaadmuu olitti uffatoowwanii fi uffatoowwan qorraa wal irratti dabauu dhiisuu.

• Kutachii akka inni qilleensa gahaa argatu gochuu.• Bishaan qabbanahaadhaan qaama dhiqachuu.• Aspiriinii yookaan parastaamolii akkaataa ogeessi fayy-

aa ajajeen fudhachuu. Aspiriiniin kan inni fudhatamuu qabu nyaata booda; garaa duwwaatti hin fudhatamuu.

• Kun hundumtuu ta’ee ho’inichi yoo gad hin caboofne fi dhukkubooti biraan haalli isaan itti dhufaan yoo uu-mame ariitiidhaan gara ogeessa fayyaa deemu.

Rakkinoota naannaa qaama saalaa• Hanga dandaa’ametti yeroo hundaa miiccachuun qaama

saalaa qulqulleessuu.• (Keessaahuu dubartootni) erga mana fincaaniitti fayya-

damanii booda karaa bobbaatiin isaanii bahu yeroo qulqulleessan qaama saalaa isaanii tuquu hin qaban.

• Yaalii qaama saalaa wajjin walitti hidhate irra yoo ta-atan wal quunnamtii saalaa raawwachuu irraa of qusad-haa.

Rakkinoota wal quunnamtii saalaatiif • Akkaataa nyaataa gaarii fi boqonnaa gahaa argachuu.• Alkoolii dhuguu, tamboo xuuxuu fi jimaa qama’uu

hir’isuu; yoo dandaa’ame dhaabuu.• Wal quunnamtii saalaa dandeettii (humna) gaarii qofaan

yeroo jiraatu raawwachuu.

24

Page 27: Teessoo armaan gadiitiin argachuu dandeessu:-

25

Lammiiwwan vaayiresichi dhiiga isaanii keessatti argamu deggersa hunda keenyaa keessaahuu maatiiwwan dhihotti argamnuuf yoo argatan fayyina wayyahaan jireenya tasgab-bahaa geggeessuu ni danda’u.

Gosoota gargaarsaa tarreeffaman kennuu keenyaa utuu ad-daan hin kutin:Haala fayyinaa isaanii kamiif iyyuu:-

• Gara ogeessa fayyaa qabnee deemuun yaalii sirrii ta’e akka isaan argatan gochuu.

• Qoricha farra echi aayee vii fudhachaa jiru yoo ta’es sababa kamiin iyyuu (ogeessi fayyaa yoo ajajee malee) akka isaan addaan hin kutne hordofuu;akkasumas

• Qulqulluna isaaniitii fi akkataa nyaata isaaniitiif xiyy-eeffannaa addaa kennuu qabna.

Page 28: Teessoo armaan gadiitiin argachuu dandeessu:-
Page 29: Teessoo armaan gadiitiin argachuu dandeessu:-
Page 30: Teessoo armaan gadiitiin argachuu dandeessu:-
Page 31: Teessoo armaan gadiitiin argachuu dandeessu:-
Page 32: Teessoo armaan gadiitiin argachuu dandeessu:-