41

Seenaleewwan kitaaba kana keessatti argaman; Barreesitoota ...art-of-buna.de/Dance_Saron_Dance_Afaan_Oromo.pdfkiyyaa oduu natti odeessaa ture, innis makmmaaksa natti hima. Na kofalchiisa

  • Upload
    others

  • View
    157

  • Download
    11

Embed Size (px)

Citation preview

Page 1: Seenaleewwan kitaaba kana keessatti argaman; Barreesitoota ...art-of-buna.de/Dance_Saron_Dance_Afaan_Oromo.pdfkiyyaa oduu natti odeessaa ture, innis makmmaaksa natti hima. Na kofalchiisa

Seenaleewwan kitaaba kana keessatti argaman;

Barreesitoota kitaaba daa’imman

Etiyoophiyaatiif; Bara 2004, Instiituutii GOETHE,

Addis-Aababaa; Biyya jarmanitti, Iraanittiin

barreesituun kitaaba ijoolleewwanii

Naasiriin Ziigee; mana hojii (workshopii) gama

isheetiin kenname san irraa ka’uun kan

barreefamanii dha.

Page 2: Seenaleewwan kitaaba kana keessatti argaman; Barreesitoota ...art-of-buna.de/Dance_Saron_Dance_Afaan_Oromo.pdfkiyyaa oduu natti odeessaa ture, innis makmmaaksa natti hima. Na kofalchiisa
Page 3: Seenaleewwan kitaaba kana keessatti argaman; Barreesitoota ...art-of-buna.de/Dance_Saron_Dance_Afaan_Oromo.pdfkiyyaa oduu natti odeessaa ture, innis makmmaaksa natti hima. Na kofalchiisa

Abbaan hojii hunda kanaa dhaabbata Aadaa Jarmaniiti.© 2006 Mirgi isaa seeraan kan eegamee dha;Kun kan maxxanfame hayyama dhaabbata Aadaa Jarmaniitin;Karaa artii Bunaa;bara ©2010 kan bahee dha.Qopheessaan: Naasirii Ziigee;Suuran:Gargaaraa Proofeesaraa Geetaachoo Yooseef;Qindeessaan:Yoonaas TaaraqanyDizaayeenii Qolaa fi Iiluustraashinii: Anaa- Kaatiriin Haan fi Giinoo Faagliino; Gurmeessaan: Toomaas Barghaawus;

Dhiichisi; Saaroon! Dhiichisi !Fi Seenaalee Daa’imman Kanneen Biroo

Qopheessituun Duraanii:Naasiriin Ziigee

Kan Oromiffatti Hiike: Daadhii Amooshaa Beenyaa

Maxxanssaan: Artii Bunaa

Page 4: Seenaleewwan kitaaba kana keessatti argaman; Barreesitoota ...art-of-buna.de/Dance_Saron_Dance_Afaan_Oromo.pdfkiyyaa oduu natti odeessaa ture, innis makmmaaksa natti hima. Na kofalchiisa

7

Baafata

Qilleensa Qabuu : 09

Guyyaa Maatii: 13

Waardiyyoota Xixiqqoowwan,Bosonaa: 21

Harree Abshaalaa fi Waraabessa Jeejee: 25

Dinbushee fi Hiriyootaa isaa : 29

Biyya Mixiiwwanii: 33

Dhiichisi, Saaroon! Dhiichisi!: 37

Boobii, Eessa jirtaa?: 43

Abdii, Qulqulleessa kophee : 47

Harageessa Dansaa: 53

Waldidiinsa Hirraafatame: 57

Adurree Miishuu: 63

Karameellaa koo: 69

Maaliif, Sardiiddoon Bosonaa, Hantuuta akka Nyaatu: 73

Page 5: Seenaleewwan kitaaba kana keessatti argaman; Barreesitoota ...art-of-buna.de/Dance_Saron_Dance_Afaan_Oromo.pdfkiyyaa oduu natti odeessaa ture, innis makmmaaksa natti hima. Na kofalchiisa

9

Qilleensa QabuuDani’eel Nagaash Waagaayee

Page 6: Seenaleewwan kitaaba kana keessatti argaman; Barreesitoota ...art-of-buna.de/Dance_Saron_Dance_Afaan_Oromo.pdfkiyyaa oduu natti odeessaa ture, innis makmmaaksa natti hima. Na kofalchiisa

10 11

Roodaas; Maahiderii fi Xenaayeen hiriyootaa dha. Iddoo tokkotti taphachuun isaan gamachiisa. Hardha kan taphatan wadaroo utaaluu dha. Hundinuu diroo- diroo (naanna’u) dhan taphatu. Wadarichii ol-ka’iinsi isaa hanga gateettiiti qabama.

Duursitee diroo utaaluu kan filatte Maahidarii turte. Haa ta’u malee hanga ol-ka’iinsa gateettii gahu kana utaaluu hindandeenye.

Roodaas garuu salphaatti utaalte. “Dogongorte/forisheshaal/! Miilan wadaroo tuqixe!” jettee, dheekamaa

dubbatte Roodaas.“Hintuqinne!” jettee, dheekamaa dubbatte Maahidaris.“Tuqixe!”Roodaas gara fuula Xenaayeetti gargartee” Atis argitee mitii!”

Jette.“ Ani hinbeeku---“ jette, Xenaayeen waan dubbattu wallaaltee.“Argitee! ati utaaluu waan dadhabdeef duwwaa qaanoofta!” jetteen

Roodaas dheekamaa. San irratti hundinuu aaranii addaan bittinaa’ani.Sa’a booda ashangulliitiwwan isaani qabatanii osoo taphachaa jiranuu

walitti dhufani waliin taphachuu eegalani.“Qilleensa qabuu nan danda’a” jette Roodaas tasuma.“ Akkam gootee? Waan hintaanee dha” jette Xenaayeen fuula guuraa.“ Waliinmormina!( Maallaqa qabsiifna)” ni kofalte Roodaas.“ Qilleenssa qabuun hindanda’amu!” hin marraatte natti fakaate!”jette

Maahidar mataa so-sochoofte.“Tole asumatti na-eegaa!” jettee Roodaas fiigaatii gaara manaa ishee

galtee,wanta Billaachoo ittiin qaban kiyyoo (zaanziraa) qabdee dhufte.”Kanaan yoon Billaachoowwan qabu qilleensas waliinaan qaba” jettee yaade. Roodaas Billaachoo haalluun isaa calaqisu tokko yoo ariitu Maahidarii fi Xenaayeen ni illaalu.

Roodaas Billaachicha qabde, qilleensa garuu qabuu hindandeenye. Bilaachicha gadilakkiftee fiiguun ammas gara manaatti deebitee deemte, laastika afuuffamu (fiinyaa) qabattee dhufte.

“Turi kanaan yoon qabun issinitti agarsiisa “ jette, si’atamaan kan ilaalaa

jiran hiriyoota ishee fulduratti , Roodaas afuuffee afuufuu eegalte. Afuuffichis bokokaa deemee; deemee; deemee too ---- dhoohe! Yeroo dhoohu Xenaayeen akka naasuu taate. Maahidar ni kofalte. Roodaas ni aarte.

“ Jedhi si-yaagahu! qilleensa eenyumtuu qabuu hindanda’u. Nama guddaa yoo ta’e illee.”Jetteen Maahidar tasgabbeesuun.

“ Akkan qabu ofittan amana! Isinittan agarsiisa!” jettee Roodaas gara haadha ishee deemte. Haati ishee fakkii hojjatti (suuraa suurechiti). Isa guddaa. Fakkii haalluu calaqqisu hojjachaa turte.

“ Haadha koo hatattamaan haalluu dhangala’aa; foksoo ( buruushii) fi waraqa fakkii irratti hojjadhu naaf kenni!” jetteen Roodaas.

“ Fakkii hojjachuu fi?” jette haati gammadaa. ”Eeyyeni! jechuun koo Maahiderii fi Xenaayee wajiin qilleensa nan qabaa jedhee morme ( maallaqa qabsiise)” jettee itti himte.

“Isaaf haalluuwwan; foksoo fi waraqa fakkiin irraatti hojjatamun barbaade?””Eenyunu qilleensa umurii guutuu ni qabaata!”

“Mee jedhii natti agarsiis kaa! Anis yoo qabdu arguudhaaf baayyeen Si’aatame (mudame)---“

Haati Roodaas yaada kennaafii fakkicha hojjachuu eegalte.Yeroo dheeraaf haadha waliin iddoo bashannanaa deemaa yoo turte san, waraqa irratti hojjatee turte. Haadhatti fakkicha agarsiisaa; kuni mukoota gurguddoowwanii dha. Asitti kan argitu kun immoo qilleensi dameewwan mukaa yoo raasuu (so-sochoosan) dha.

Page 7: Seenaleewwan kitaaba kana keessatti argaman; Barreesitoota ...art-of-buna.de/Dance_Saron_Dance_Afaan_Oromo.pdfkiyyaa oduu natti odeessaa ture, innis makmmaaksa natti hima. Na kofalchiisa

12 13

Isaan kuni baaloota muka irraa harca’anii dha. Qilleensi baala waan waaqarratti rarraasuuf qilleensa keessa bubbeen ballaliisiisa.

‘’Eeyyeni qilleensi natti mulata! qilleensaa umurii guutuu qabattee jirtta!”haati baayyee dinqisiifatte. Roodaas, Maahidarii fi Xenayyeetti fakkiicha agarsiifte.

“ Qilleensa arge!” jette Maahidar.“Anis!” jette Xenaayeen.“Anis qilleensa qabuun barbaada!” jette Maahidar.“ Anis!” jette Xenaayeen.Haati Roodaas foksoo, haalluu fi waraqa isaanifis kennite. Roodaasiis

hiriyoota ishee waliin teessee qilleensa qabuuf akkamitti akka fakkii kaasan (hojjatan) ilaaluu eegalte.

Guyyaa maatiiDaani’eel Warquu

Page 8: Seenaleewwan kitaaba kana keessatti argaman; Barreesitoota ...art-of-buna.de/Dance_Saron_Dance_Afaan_Oromo.pdfkiyyaa oduu natti odeessaa ture, innis makmmaaksa natti hima. Na kofalchiisa

14 15

Keessiin osoo daree ciisichaa ishee keessatti taphachaa jirtuu haati (harmeen)” keessii! Keessii!’’ jettee de-deebitee yaamte.

“Maali inni!” jette keessiin turetee, deebii kennite.“ Abbaan kee hardha si-fudhachuu waan dhufuuf akka hin irraafanne!

Dafi- dafii qophaa’i. Akkuma dhufeen battalumatti si-fudhatee akka deemu natti himeera. Hanga qophooftutti si -eeguu hin danda’u. yeroos hin qabu” jechuun haati yaadachiifte.

“ Dhageessee mitii? anis kanan yaadu akkasumatti. Yeroo hundaa akkuma muddametti, jechaa Keessiin daree ishee keessaa sagalee gadi qabattee dubbate.

“Qophaa’i !” jette haati ishee lamuu.“ Abbaan koo najaalata jetteet yaaddaa?” ammas Keessiin daree ishee

keessa osoo jirtuu gara foddaatti naannoftee husuusaan dubbatte. Deebii kan eeggattu hinfakaatu. Gurra ishee gara fuula (qiixa) foddaatti qabdee dhageefatte.

“Sirrii keeti! Abbootiin ijoollee isaani ni jaalatu. Isa nan beeka. Ani kanan siin jedhu garuu abbaan koo na jaalata jettee yaadeetuma beektaa dha?

“ Eenyu waliin haasooftaa Keessii?” jette, haati balbala daree Keessii irra dhaabbatee gaafatte.

“ Hiriyaa koo waliin!” jettee, Keessiin Deebii kennite.“ Hiriyaan kee eessaa kan dhufee? Haatuu bittaa itti gallaan kutaa ishee

keessa seentee ilaalte.“ Hanga ammaatti qophooftee hin raawwannee! Abbee amma ni dhufa”

Jetteeni.Keessiin morma ishee So- so-choosaa gara fuula foddaatti ilaalaa

tasuma kolfa gadi dhiifte.”Maal taate garuu, ati fayyaa dhaa?“ Haatii gafatte, dhiphachaa ishee laalaa. Haadha koo (Maamii) sababa Foofii tinan kolfe! Foofiituu callisee na kofalchiisa.

“ Eenyu inni Foofiin?”“ Hiriyaa kooti kaa”“Hiriyaan kee mana kana keessa jiraa?”“Eeyyeni! Kunoo iddoo san jiraa bar----!““ As eega jiraatee ani akkamittan hin argiineree?” jette haati bitaa itti

gallaan.“Isa kan arguu danda’u ana duwwaa waanan ta’eefii dha!”“ Akkasii! Jedhi amma saffisi!” jette haati mataa ishee so-so-choosaa.“Abbaa koo waliin hindeemu!”“ Maal jettee?”Hardha abbaa koo waliin hin deemuu siin jedhe”“ Maaliif kaa? “ ----lakkii yoo jettuun akka gaddi itti dhagahamu ni

beektaa mitii?”“Soba keeti dha! Ani garuu homaa----!”Yeroo kana bilbilli bilbile. Abbaa isheet ture kan bilbile. Keessiin isa waliin

deemuu akka hinbarbaanne yoo dhagahu, Keessiin ofumaa akka dubbisuu barbaadu itti himte. Keessiin garuu bilbilaan dubbisuu akka hin barbaannee fi ishee dubbisuu yoo barbaade, asitti dhufu akka qabu haadhatti himte.

“Si-dubbisuu dha jedhee akk asitti hin dhufne hin beektuu?“ Akkas yoo ta’e isa waliinis ta’e si-waliin dubbachuu hin barbaadu”.“Haadha Keessitti dubbichi waan bita itti galeef kutaa keessaa baatee, gara

bilbilichaa deemte, eega dubbiiftee bood,gara kutaa ishee keessatti deebitee

Page 9: Seenaleewwan kitaaba kana keessatti argaman; Barreesitoota ...art-of-buna.de/Dance_Saron_Dance_Afaan_Oromo.pdfkiyyaa oduu natti odeessaa ture, innis makmmaaksa natti hima. Na kofalchiisa

16 17

“Eenyu akkan ta’a maaliif itti hin-himneree?”“Anis waanan si-hin beekneef kaa?”‘Maal jechuu keeti Keessii?”Abbaan ishee nahee.“ Hin aariin! dhuguma kiyyaa bar. Eenyu akka taate bar sirriitti sinbeeku---.

Torban darbe barsiistuun keenya waa’ee abbootii keenyaa akka barreesinee finnu nu hajajjee turte. Ani garuu waraqa homaa irratti hin bareefamnen kenne. Maaliifan waa’ee kee akkan hin barreesine nagaafatte. Anis eenyuu fi abbaa akkamii akka taate akkan hinbeekne itti hime. Barsiiftuunis haadha koo akkan gaafadhu natti himte. Haadha koo/harmee/yoon gaafadhu ishiinis eenyu akka taate akka hin beekne --------“.

“Abbaan Keessii maal akka dubbachuu qabu bittaa itti gale. Intal isaa laalaa imimmaan yoo ija guutaa jiru itti dhagahame. Dhuma irratti;” ani abbaa keeti! Immoo baayeen sijaaladha!” jechuun Sagalee gaddaan walmakeen dubbate.

“ Nan beeka! Garuu ani yoon sibarbaade, ati hin argamtu! Dhuma torbanii irratti dhuftee yoo nafudhatu illee, yeroo hunda akkuma na sarditettii dha. Yoo wal’iin taanes siruuma nan taphachiiftu.”

“Gahe ---Gaariidha, amma wanti hundinuu naaf gale,Yaa deemnu!”Keessiin karaa fuula Foofiin taa’ee soofaa laaltee, dugda ishee gara abbaatti

garagalchitee “eesumayuu hin deemu!” jettee dubbate.“Maaliif?”“ Foofiin hin deemtu naan jedhe!”“ Eenyuu dha dhageessaa? abbaa keeti moo yookiin kan eenyuu arguu

hindandeenye hiriyaa keetii?”“ Inni hiriyaa kiyyaa dhuwwaa miti. Akaakayyuu kiyyas. Akakayuu kiyya

fakkaatas.Yoo barbaade yeroo hunda nawajiin taa’a. Akkuma akaakayuun kiyyaa oduu natti odeessaa ture, innis makmmaaksa natti hima. Na kofalchiisa. Na waliin taphata. Sababa kiyyaan akka gaddu hin barbaadu.”

Abbaanis deebi’ee taa’e. Harka micayyoo (intala) isaa qabuun sagalee furdaa ta’een” Foofii fuunee yoo deemne maal sitti fakkataa? jedhee gaafate. Keessiin gara Soofaa ilaaluun xiqqoo turtee.

dhufuun, abbaan ishee akka gara gadii,kutaa keessumaati (golatti) akka eegaa jiru itti himte.

Keessii akkuma fuulli ishee seeqaan guuttametti dhaqxee abbaa ishee naga’a gaafatte.

Soofaa irra taa’u dhaaf yoo jedhu Keessiin naasuu dhan “abbabaa turi, achirraa hintaa’ini!”jetteeni.

“Maaliif!” utaalee ka’uun iddoo duwwaa ilaalate.“Tole bareedduu too! Eessa taa’uu akkan qabu natti himi!”“ Keessiin soofaa duraan irra taa’uuf ture agarsiisuu dhaan,” hiriyaa

kootirra teessee turte bar” jetteeni.

“Eessaree? Hundaafuu, eenyu jedhamaa?”“Foofii jedhama. Akaakayuu kiyya fakkaata ----gurra gurguudoo fi qoobii

nama koflchiisu qaba.”“Foofii akkam oolte!” jechuun abbaan ishee, Foofii nama hinmulanneef

nagaha dhiheesse, ”hiriyaan kee najaalataa ?” jedhee ishee gaafate.“ Sinjaalatu!” jette Keessiin fuula guuraa.“ Maaliif?” abbaan dinqisiifamaa gaafate.“Eenyu akka taate waan si-hin beekneef ta’aa”

Page 10: Seenaleewwan kitaaba kana keessatti argaman; Barreesitoota ...art-of-buna.de/Dance_Saron_Dance_Afaan_Oromo.pdfkiyyaa oduu natti odeessaa ture, innis makmmaaksa natti hima. Na kofalchiisa

18 19

“ Nu waliin deemuu hin barbaadu?”“Egaa, maal barbaadaree?’’“ Akka waadaa naaf galtuu barbaada”“ Maal jedhee?” Wantan sikadhadhuu dhageessee akka naaf raawwattu.”“Tole waadaan siifgala”“ Keessiin hiriyaa ishee kan hin mulanne gara Soofaatti ilaalte.“ Foofii fi ani harmee wajjin akka deemnu barbaanne” jette, xiqqoo

turtee.Abbaan ishee dafee deebii hin kennineef,xiqqoo turee garuu haati tee

yoo tole jette, waliigalla jedheeni. Keessiin abbaa ishee dhungattee gara kutaa ciisicha haadhaatti fiigde. Haatiis sireerra boqachaa kitaaba dubbisaa turte.“Harmee ka’i ni deemna!”

“ Eessa dha deemnaa?” haati bitaa itti gallaan gaafatte.“ Abbaa koo waliin!” haati mata ishee so-so-choosaa gara kitaaba

dubbisuutti deebite. “ Harmee sii-naan jedhaa bar!”“ Ni beekta akkaa anii fi abbaan kee ---““Eeyyeni! beeka harmee (haadha koo)! Haadhaa fi abbaa koo waliin

deemuu akkan barbaadus ni beeka!.”“ Abbaan kee maal jedhee?”“Isaan waligalle!”“ Akkamiitti walii galuu danda’ee?”“ Foofiin abbaa kee gaafadhu naan jedhe, yeroon gaafadhu tole jedhe;

nu’i hundinu akka waliin deemnu waliigalleerra.”“ Hiriyaan kee eessa jiraa? Yeroo tokkoon dhungadhaa!” jechuun haati

fuula ifaa ta’een uffata (wayaa) ishee jijjiirachuu eegalte.“ Foofii! sitti himee hin turree! Abbaa koo ni jaalatti siin hin jennee!

Akkamitti akka gammadde argitee ” jette keessiin.Keessii fi haati waliin gara abbaan keessii taa’e, gola (saaloonii) deeman.

Mataa dhaan ol-jedhee haadha manaa isaa durii ilaale.“ Baayyee bareeda!” jedheeni. Keessiin harkoota maatii (warra) ishee

qabattee” haadha koo fi Abbaa koo! Foofiin, ammas waan tokko akkan isin

kadhadhu natti himaa jira.”“Maal jedhee!” jarreen lachuu yeroo tokkoon gaafatan.Sanbata – Sanbata guyyaa maatii yaa ta’uu?” jarri lachuu wal ilaalani.

Akkas ta’uus namiyuu homaa hindubbanne.“ Maalii dubbichi hanga kana ulfaataa dhaa?” jettee gaafatte Keessiin.

Haatii fi Abbaan ishee wal-ilaalaa tole jechuu kan ibsu morma isaanii so-so-choosan. Guyyaa dhuma san ‘Guyyaan Maatii Eegale.

Page 11: Seenaleewwan kitaaba kana keessatti argaman; Barreesitoota ...art-of-buna.de/Dance_Saron_Dance_Afaan_Oromo.pdfkiyyaa oduu natti odeessaa ture, innis makmmaaksa natti hima. Na kofalchiisa

21

Waardiyyoota,Xixiqqoowwan Bosonaa

Shibeshii Lammaa

Page 12: Seenaleewwan kitaaba kana keessatti argaman; Barreesitoota ...art-of-buna.de/Dance_Saron_Dance_Afaan_Oromo.pdfkiyyaa oduu natti odeessaa ture, innis makmmaaksa natti hima. Na kofalchiisa

22 23

Sa’a booda gara galgalaa’u irratti dha.Tikseewwan ganda waraaboo,si-sirbaa Hoolota; Re’ootaa fi Saa’oota(loon) gara qe’eetti hoofaa jiru.

Tikseewwan keessaa tokko kan ta’e Diinoon boonaa Harree yaaphateera.Tasum namoonin arggaan isaanii nama sodaachisu lama karaa gala tikseewwanii cufan. Meeshaa ittiin nama waraananii (xiyaa) fi want furisiisu of harkaa qabu. Kana malee gateettiiti immoo keshaalee baatanii deemu.

“Ati Harree iraa bu’i!”Jedheen Diinoo dhaan. Diinoon sodaadhaan liqimfamee Harree iraa bu’e. Diinoonii fi tikseewwan biroo namoonni kun keshaalee yoo Harree isaanii iratti fe’an qalbeefatanii ilaalu.

“Callisaa too gara mana keessanii deemaa; yoo nama tokkoottuu himtan Ofeeggadhaa”Jedhaniini Harrittii rukutuun hoofanii, gara fuula bosona Kalaawweetti deeman.

“Harree too najalaa hatan; amma maal jedheetan abbaa kootti himaa?” jedhe Diinoon boo’aa.

“Homaa akka gochuu hindandeenye abbaa keeti himi kaa!”Jedhe tikseen tokko.

“Akkas immoo hin ta’u.Turi! waanaan godhu anuu beekaa. Harree koo deebiseetan fidaa!” jedhee ulee horii ittiin tiksu qabatee deemuuf ka’e.

“Anis siwaliinaan deema!” jedheenii hiriyaan isaa, Siisaay waliin ka’anii saamtoota duukaa bu’ani.

Diinoonii fi Siisaay namoonni kun waan godhan arguu dhaf baayyee si’aayan (fedhani) illee, xiqqoo xiqqoo sodaachuun isaanii hin hafne. Dukkana’aa deemes. Suuta jechaa sagalee isaani balleessanii hanga bosona kalaawweetti duukaa bu’an. Margoota dhedheeroo keessa dhokachuu dhaan namoonni sun wanta hojjatan ilaaluu eegalani. Harriitti muka iddoo lafa bosona hinqabnee dhabatee jiru tokko irratti hidhanii ; meeshaalee isaanii baatanii gara daangaa bosonaatti dhihaachaa; dhihaachaa yoo dhufan argan.

“Adamsitoota seeraan alaati jechuu dhaa bar !” jedhe Diinoon hususaa dubbate.

“Jedhi Harree hiknee gara mana keenyaatti haa deemnuu” jedhe Siisaay.“Hin ta’u! beeyiladoota bosonaa yoo ajjeesan callisnee ilaaluu hinqabnu!”

jedhe Diinoon mata isaa so-sochoosaa.Baayyee osoo hinturiin Bosonuuwwan (bush buck) Sadi’i bosona

keessa gar ifa ta’eetti yaa’ani. Bosonuwwaan marga magariisa ta’e dheeduu eegalani. Bosonuun tokko immoo dugda isaa dhakaa guddaa tokko irraati of hooquu/riguu eegale. Adamtoonni meeshaa isaanii qabatanii suuta jechaa gara beeyiladootaati yoo dhihaatan Diinoonii fi Siisaay ilaalaa turan. Siisaay dhakaa tokko fuudhee ,hanniisaa dhaan darbatee dhakaa guddaa tokkoon walitti buuse.

Page 13: Seenaleewwan kitaaba kana keessatti argaman; Barreesitoota ...art-of-buna.de/Dance_Saron_Dance_Afaan_Oromo.pdfkiyyaa oduu natti odeessaa ture, innis makmmaaksa natti hima. Na kofalchiisa

24 25

“Qiwii ! ! ! kan jedhu Sagalee cimaan dhagahame. Abidda kan fakkaatu ibsaaniis (qaanqeen) ife. Yeroo kana Beeyiladooni bosonaa nahanii anniisaa dhaan, utaalaa gara bosona yabbuu ta’e keessa seenani (lixan).

“Bosona eegdota (waardiyyoota bosonaa) ta’u”. Dansaa dha! jalaa baana! Yoo nuqaban nu hidhuu!” jedhe namichi tokko. San booda hanga danda’an hundaan saffisanii fiigani (kaatani). Diinoo fi Siisaay Harrittii hiikaa, suuta jedhanii kolfa isaanii gadi dhiisani.

“Keshaa fe’an kana maal goonu? Asitti gannee deemnuu? Jedhee Siisaay gaafate.

Waardiyyoota bosonaa tiif oso kenniinee wayya” jedhe Diinoon.Kolfaatii ganda isaanii yoo gahan; hiriyoota isaanitiin simannaan

‘jagnummaa (gootummaa) ‘ godhameef.Guyyaa itti aanu Diinoonii fi Siisaay keshaa warra adamoo san buufata

waardiyyaa bosonaa dhiheenyatti argamutti geessuun gumeessani/kennani/.“ Hojii gaarii dha raawwatan (hojjatan)! Kan akka keessanii waardiyyoota

xixiqqoowwan bosonaa baayyee nufayyadu” jechuun itti gaafatamaan waardiyyoota Diinoo faa galateefate.

Harree Abshaalaafi Waraabessa Jeejee

Zeenaamaarqoos Indalewu

Page 14: Seenaleewwan kitaaba kana keessatti argaman; Barreesitoota ...art-of-buna.de/Dance_Saron_Dance_Afaan_Oromo.pdfkiyyaa oduu natti odeessaa ture, innis makmmaaksa natti hima. Na kofalchiisa

26 27

burqu.Waraabbanee gara manaatti fudhanna, amma garuu burqaaleen duwwaa ta’an. Kanaafuu dheebuu bahuuf lagatti deemna.

„Ollaa kees akkamii?’ bishaan homaa hinjiruu?” jetteeni.“ Homaa! iddoon ani jiru daggala; lagas ta’ee, burqaan hinjirani”jedheeni.“Kanaaf maaliif gara bishaan jirutti hindeemneree (Hingoddaanneree)?”“Waanan achiitti madaqeefan.Yoo itti baran bar awwaalis ni hoo’a”

jadheeni qi-qi-jedhe kofle.“ Hanga kana gowwaa hinta’in; hanga jiraattutti lubbuu kee eeggachuu

qabda!” jetteeni.“ Jedhi baayyee waan boqanneef adeemsa keenya itti fuufna” jedhe

Waraabessi dhaabate hi-hi-xachaa”“Jedhi fuldura darbii deemi!” jedheeni Waraabessi.“Biyya keenyatti dhiira dha kan fuuldura deemu, sababni isaas karaa

kan beeku isa waan ta’eef, agarsiisaa dha; qajeelchaa dha. Kanaafuu ati duursi!”jetteen Harreen.

‘Biyya keenyatti immoo faallaa kanaati “ jedhe fuldura ishee deematii!” dubarttootni ni duursuu; dhiiroonni immoo itti aananiit deemuu . Haala kanaan dubartoota irra balaan yoo gahe dhiirri battalumatti irraa baraaruu danda’a” jechuun ibsaafii, fuldura akka dabartu dhiibaa itti huumaa jira. Haa ta’u malee Harrittiin irra deddeebitee duubarra deemuu akka barbaaddu itti himtee jirti. Yeroo ta’e iraa naamusni Waraabessa sodaachisaa( roora’aa) ta’aa dhufe. Suuta dhokatee waan hamaa/dabaa/ raawwachuu danda’a jette yaadde.

Waraabessi oduu isaa itti fufuun, fuldura dabartee akka deemtu amansiisuu dhaa yaalii godhus Harrittiin harkaa bahuuf murteesite.San bood duubatti deebiitee (garaggaltee) akka malee burraaqaa fiiguun sokkite.

Yeroo tokko Waraabessii fi Harrittiin daandii lakkuu irrati walitti dhufan.

“ Akkam ooltee?” jedhe Waraabessi.“ Waaqayoo haa galatoomu!” jette Harrittiin.“Garam deemaa jirtaa?” jedheen Waraabessi.“Bishaan dhuguufan laga bu’aa jiraa” jette.“ Carraa akkamii tuu walitti nu fide ! anis bar akkuma kee bishaan

dhuguufan laga bu’aa jira. Jedhi waliin deemna!” jedhee waraabessi kolfaa.

Yeroon kun yeroo dhihanaat (laaqanaat) ture. Bitaa fi mirga qabatanii odeessaa deemuu eegalani. Guyyaa san baayyee hoo’aa sila turee fi dadhabbiinis waan jiruuf gaaddisa mukaa tokkoo jala boqotani.

“ Osoo jennuu iddoo ati jiraattu san babareedduuwwan akka keetii kun baayyee jiruu?” jedheeni, waraabessi caalmatti dinqisifachaa.

“ Waqinni ija hamma irra nu yaa baraaru malee, nu’i baayyee dha. Maalree hundinuu haramalee babreedduwwanii”, Inni garuu kan barbaade utaalee qabachuun ciciffatee nyaachuu duwwaa ture.

“Ollaa keessan siruma bishaan hinjiruu?” jedhee gaafate.“Hin jiru! ta’us ganna bishan baayyee arganna. Burqaaleenis hedduminaan

Page 15: Seenaleewwan kitaaba kana keessatti argaman; Barreesitoota ...art-of-buna.de/Dance_Saron_Dance_Afaan_Oromo.pdfkiyyaa oduu natti odeessaa ture, innis makmmaaksa natti hima. Na kofalchiisa

28 29

“ Maaloo kootu too fuldura darbi Jedhe Waraabessi,obsa issaa fixachaa fi nyaachuu dhara’uu dhan kan ka’e hancufa li-qimsaa.Homaa deebii yoo dhabu, ofirra garagalee

Yoo ilaalu ( milatu) fageenyatti dhukkee duumeessaa tuu waaqairrtti itti mullate.

Dinbushee fiHiriyoota isaa

Meerii Jaafar

Page 16: Seenaleewwan kitaaba kana keessatti argaman; Barreesitoota ...art-of-buna.de/Dance_Saron_Dance_Afaan_Oromo.pdfkiyyaa oduu natti odeessaa ture, innis makmmaaksa natti hima. Na kofalchiisa

30 31

Dinbusheen daa’ima ganna (woggaa) ja’aati. Kan dhalate naannoo kiiloo ja’aa (siddist kiiloo), saba’aa darajaa iddoo jedhamuu dha. Ganda (ollaa) kana daa’imman hanga Dinbushee gahan baayyeetuu jiru. Dinbusheen hiriyoota baayyee qaba. Hiriyoottan hattuu fi poolisii; Wal-dhokachoo (Akukkuluu); Wal-harii’uu; Wiixataa fi Kibxata; Biyyii fi Kubbaa miilaa ni taphatu. Yeroo kubbaa taphatan Dinbusheen goolii hedduu waan galchuuf hiriyoon isaa ni dinqisiifatu.

Guyyaa tokko Dinbusheen tapharra yoo gara mana deebi’u abbaa fi haati meshaalee mana isaani; hafata golaa ( minxaaf ) fi kaartoonii meeshaalee dhaan guuttame, roga rogaan qopheessanii walirra naqaa jiru. Ollaawwan ni gargaaru. Dinbusheen mal akka godhamaa jiru hin beekne.

“Maaliif meeshaale hunda walitti hiitanii?” jedhee abbaa isaa gaafate.“ Mana biraatti galla”“Ganda kana gadi dhiifnee moo?”“ Eeyyeni! Asii dhiifnee ganda biraatti galla!” jedhe abbaan issaa.“ Manni haaroofti keenyaa?“Eeyyeni! ammaan booda kan jiraannu ganda kotobee jedhamuu dha.”“Kotobeen asirraa fagoodhaa?”“ Eeyyeni ! asirraa baayyee fagaata”.“ Eegasuu—ani achiitti eenyu waliinan taphadhaa?”“ Ijoolle ganda sanii waliin”.“Ganda san ijoolleewwan jiruu?”“Sirriitti kaa --!” abbaan ni kolfe. Akkuma ganda kanaa ijoolleewwan

hedduu tuu jiru.Dinbusheen roga tokko taa’uun namoonni gurguddoo ta’an meeshaale

manaa baasani lafa ol-jedhu irra yoo kuusan ilaala. Dhiphateera. Tarii ijoolleewwan Kotobee jiran gaariiwwan ta’uu dhiisuu ni danda’u.Tasa na jaalachuu dhiisuu danda’u. Ani immoo asitti hiriyoota koo waliin taa’un barbaada---! Jedhe yaade. Garuu yaada kana eenyumattuu hin dubbanne. Ganda fi hiriyoota dhiisee demuu akka hin barbanne eenyumattuu hin himne.

Konkolaataan meeshaalee irratti fe’an dhufnaan, namoonni ganda

kana meeshaalee fe’uu gargaarani fe’aani, yoo xummuran ollaawwan maatii Dunbushee fi Dinbushee dhaan nagaatti jedhan; baayyeen isaani ni boo’ani. Dinbushee fi hiriyoon isaa walitti bo-boo’an.

Karaan gara kotobee imalu (geessu) dheera dha. Kana iratti kara irra konkolaattoonni baayyee tuu jiru. Dinbusheen haadha cinaa taa’e. Baayyee gadde. Haadha issaatti hirkate waa’ee naggaattii hiriyoota isaat yaada. Yoo nagaatti jedhuun hamatanii dhungachaa dha turen.Yeroo goolii galchu hunda akkamitti dinqisiifachaa akka turan hundaa yaadate.

Tasa Konkolaatan yoo dhabattu yaada keessa dammaqe. Hundinuu konkolaata irra bu’anii namoonni gurguddoowwan meeshaalee buusuu eegalan.

Dinbusheen tasuma sagalee ijoolleewwani dhagahe. Ijoolleewwanis lafa diriiraa dhiheenyatti argamu irratti kubbaa miilaa taphatu. Baayyee

Page 17: Seenaleewwan kitaaba kana keessatti argaman; Barreesitoota ...art-of-buna.de/Dance_Saron_Dance_Afaan_Oromo.pdfkiyyaa oduu natti odeessaa ture, innis makmmaaksa natti hima. Na kofalchiisa

32 33

kan midhaguu fi bareedaa dirre kubbaati. Dinbusheen ni gamade. Gara ijoolleewwanii deeme taphachuu dhaaf baayyee barbaadeera. Ta’us offitti amanuu dha Onnee dhabe.

“Deemi ijoolleewwan waliin taphadhu!” jedhe abbaan jajjabeese. Dinbusheen tarkaaffi xiqqoo gara dirreetti tarkaafatee dhaabate.

“ Koottu nu waliin taphadhu!” jedheeni mucaan tokko. Mucichi tilmaamaan hiriyaa isaa ni ta’a. Dinbusheen mucicha waliin gara dirree kubbaa seene.Mucaan biraa kubbaa rukutee itti kenne.Dinbusheenis ofitti fuudhee mucaa biraati dabarsee kenne.

Dinbusheen ganda haara’aa ; kotobee; keessatti kubbaa miilaa taphachaa jira.

Biyya MixiiwwaniiYiheenew Warquu

Page 18: Seenaleewwan kitaaba kana keessatti argaman; Barreesitoota ...art-of-buna.de/Dance_Saron_Dance_Afaan_Oromo.pdfkiyyaa oduu natti odeessaa ture, innis makmmaaksa natti hima. Na kofalchiisa

34 35

Manni barnootaa cufame. Buuxxuu; Miimmii Fi Abbush alatti argeen waldhokachoo (akukuluu) taphachuuf waligalle. Mukoota hedduu; daggala fi iddoo dhakootni gurguddoowwan jiran dhokachoo taphchuu deemne. Jalqaba irratti lakkaawaa akka ta’uu kan filatame Buuxxuu dha . Hanga dhibbaatti lakaawwaa yoo jiru nu’i dhokachuu dhaaf addaan bittinoofne.

Miimmii fi Abbush mukoota duuba yoo dhokatan, ani iddoo fooyyaa’a ta’e soquun eegale.Mukoota dhedheeroo jidduu gurcuu tokkootuu jira. Gurcuun kun as-jiraachuu isaa kan beeku ana duwwaa dha.

“Gurcuu duuba yoon dhokadhe enyuumtu ana hinargu; kana irra kan caalu iddoon dhokatanis hinjiraatu” jedheen yaade. Buuxxuun hanga dhibbaatti lakaa’ee fixee nu barbaadu irra jira.

Tasuma limmoo dhibbantaan lakkaawwamaniin waanan waranname natti fakkate, dhanna koo irra wanti na-nya-nyaatu natti dhagahame. Baayyee iyyeetan iddoo dhokadhe utaalee bahe.

“Si-arge! Tokkooffaa-tokkoffaa!” jedhe buuxxuun, gamadee gara kiyyatti fiigaa. Ani ammo uu-wayyoo uu-wayyoo jedheen iyye. Gurraacha; mormarra; Ijarra; Dugdarra; Miila kiyyarra; Quba abbudduu miilarra ; qaama koo hunda irra wanti asii fi achii kaatuu fi na ci-ciniinu ni jira.

“U-u”wayyoo jechaa irra de-de bi’uun,iyyaa, akkuma bineenssa utaale.“U-u-wayyoo” Mixiiwwani-dha!! Jedhe. Ciniinnaa beeyiladoota

xixiqoowwaniin wareeramee gara gurcuu gurraachaatti qubaan agarsiise. Miimmii fi Abbush iddoo dhokatanii bahani dhufan. Shaamizii fi Surree baafadhe. Wayyaa irraa Mixiiwwaan hurgufee rawwannaan deebisee hangan huffadhutti yeroo najalaa fudhate.

Guyyaa san dhokachoo taphachuu dhiifne battalumatti, mixiiwwan hojiidhaan waan qabaman fakkaatan ilaaluu itti fufne.

Page 19: Seenaleewwan kitaaba kana keessatti argaman; Barreesitoota ...art-of-buna.de/Dance_Saron_Dance_Afaan_Oromo.pdfkiyyaa oduu natti odeessaa ture, innis makmmaaksa natti hima. Na kofalchiisa

36 37

“Osoo hin dhokatin dura iddoo san sirriitti ilaaluu narra ture!” jedheeni hiriyoota kootiin.

“ Dhugaa keeti! Mixiiwwan hojii dalagaa irra (hojjachaa) yoo jiran jeeqxe (goola kaafte).

“Kana duwwaa miti,mixiiwwan sun raayyoota jedhamu “ jedhe Abbush gara mixii gurgudoowwan walitti qabamanitti nu agarsiisaa.

“ Yoo diinni biyya isaani wareeran diina irraa ittisu isaanitti bar” jette Miimmiin.

“Jedhaa tole! Ani mixiiwwan waliin waraana kaasuu hin barbaadu. Gara biraa deemnee tapha biraa haa taphannu “ jedheen kokolfaa.

Dhiichisi; Saaroon!Dhiichisi !

Asteer Badhaanee

Page 20: Seenaleewwan kitaaba kana keessatti argaman; Barreesitoota ...art-of-buna.de/Dance_Saron_Dance_Afaan_Oromo.pdfkiyyaa oduu natti odeessaa ture, innis makmmaaksa natti hima. Na kofalchiisa

38 39

Saaroon daa’ima waggaa (ganna) saddeeti yoo taatu barattuu mana barnootaa Foontaaniinati. Woggaa-woggaan Yoo ayyaani maatii kabajamu barattootan kan qopha’u Dhiichisa; Sirba (Muuziiqaa); Afoolaa; Barreefama dubbisuu; Diraamaanis ni dhihaata. Kanumaa jedhamee gumiin adda adda ni ijaaramu. Baratan tokko gumii tokko keessatti galma’ee hirmaannaa gochuun irraa eegama.

Saaroon yeroo baayyee kophaadhuma taati. Hiriyoota hin qabdu. Eenyumaa waliinuu hin taphattu; kutaa (daree) barnootaa keessatis duuba teessi. Gumii tokko keessatti illee hin galmoofne.

“Saaroon Geetaachoo! as koottu!? jette barsiisaa ishee kan taate barsiistuu Ejjigaayyoon,sagalee dheekkaman guuttaameen yaamtee. Saaroon ni sodaatte.

“Maaliif gumii tokko keessati illee hin galma’in?” Saaroon maal deebii akka qabdu bitaa itti galee, lafa-lafa ilaaluu eegalte.

“Tole! gumii tokko keessa galuu yoo hindandeenye anuu sin ramada. Guyyaa maatii irratti ni dhiichifta” jeteen barsiiftuu Ejjigaayyoon deebii homaatuu osoo hin eegiin.

“ Ani dhiichisuu hindanda’u bar” jette Saaroon,ija imimmaan guuteen.“ Dagahi! hin danda’uu hin jedhamu; nan yaala dha kan jedhamu.

Hardha irraa kaatee shaakala eegali. Amma iddoo keetitti deebi’i !” Saaroon mana barnoota irraa deebitee gara manatti akkum dhufteen,wanti ta’e akka ummame haati battalummatti beektee turte. Maal taatee? Maaliif hidhii buufteree jetteen.

“ Barsiiftuun koo guyyaa ayyaana maatittiif garee ijoolleewwan dhiichisa dhiheessan keessati nagalmeesite.

“ Maaliif dhiichifta? Mana barnoota kan deemtu bar barachuu dhaaf malee dhiichisuufii miti!” jechuun haati dheekkamaa dubbate.

“Tole boru barsiiftutti akkas jedhen itti hima” jette Saaroon gammadaa. Barii san barsiiftuun lamuu deebitee Saaroon yaamte.” Tole! Dhiichisicha shaakltee?” jetteeni.

“ Hinshaakalle. Haati koo---akka jette---ani---barnoot—mana barnoota--- kanan deemu barachuu; akkamitti akkan dhiichisu--- jette

dubbatee osoo hinxumuriin,”Ahaa-kana jechuun rakkoon kan jiru haadha kee bira jechuudhaa?” jettee nyaara guuraa dheekkaamuun dubbachaa Teepii bante; sirbi yoo eegalu barattooni biroo geengoo hojjatanii akka taa’an ajajjee!” Jedhi Saaroon barattoota fulduratti dhiichisi” jettee ajajje. Saaroon hin so-sochooneyuu.Boo’u dhaa xiqquma tuu hafe.

“ Saaroon dhiichisi!” barsiiftuun sagalee iyuun itti dubbatte. Barattoonni hundinu ija babaasani ilaalu.

“Saaroon dhiichisi” ammas dubbatte barsiiftuun sagalee ol-ka’een iyyitee. Saaroon sirumaa naasuu dhaan qoolliffatee yoo dhabbattu barattooni itti kolfan.

“Saaroon dhiichisi !” jedhanii barattooni hundinu yeroo tokko dubbatan.Saaroon kana irraa obsuu hin dandeenye. Naannoofte kutaa keessa

fiigdee baate. Dhuma koridarii manichaa hanga

geessuutti ni kaatte. Achi akkuma geessen keenyaa manatti hirkattee boo’uu eegalte.“Maal taatee!” jedheen barsiisaan hawwiisoo barsiisaa

Eeliyyaas.

Page 21: Seenaleewwan kitaaba kana keessatti argaman; Barreesitoota ...art-of-buna.de/Dance_Saron_Dance_Afaan_Oromo.pdfkiyyaa oduu natti odeessaa ture, innis makmmaaksa natti hima. Na kofalchiisa

40 41

“Homaa!”jette hirqiffachaa boo’aa.“Dhiisi Saaroon tarii wantin si-gargaaru yoo jiraate nati himi” Jedheen.

Yeroo kana Saaroon wanta ta’e hundaa itti himte.“Dhiichisuu akkan hindandeenye barsiistuu tiyyatti himeen ture. Haa

caalu jettee, barattoota fulduratti bahii too dhiichisi naan jette--- isaan immoo natti kolfan—“ barsiisaa Eeliyyaas ni gadde.

“ Yaada tokko nan qaba. Dhiichisa barachuu barbaaddaa?” Saaroon waliigaluu ishee kan ibsu morma so-so-choofte. Homaa rakkoon hinjiru. Ani sin barsiisa. Guyyaa san irraa eegalee barsiisaan hawwiisoo Eeliyyaas, guyyaatti sa’a tokko dhiichisa ishee barsiisuu eegale. Dhiichisa filmii banee yoo agarsiisu hunduu calqaba irratti akkuma ishee yoo dogonggoran argite.‘’Edaa ana duwwaa miti kan dogongoru? “ jetteen.

“Eenyumtuu beekaa ta’ee hin dhalanne. Shaakalli immoo beekaa nama taasiisa. Abdii hinkutin” jechuun jajjabeesse.

“Akkan hin dogongorreen sodaadhaa” jette Saaroon mormaan gadi jettee.“Daree keessatti illee gaaffii yoon gaafatame deebii kennuu dhaf hin

onnadhu---‘’ Dogongoran hojjadha jette akka hinsodaanne. Namni hunduu ni

dogongora,wanti guddaan dogongora irraa barachuu dha” jechuun barsiisaa Eeliyyaas Onnachiise.

Guyyaa ayyaana maati kabajuuf qophii adda addatu ture. Hunduu qophii isaa dhiheessuuf si’aatamaan eegata. Saaroonis akkasuma. Torban darbe ciminaan shaakalaa turte. Barsiisaan hawwiisoo baayyee isheet gammade.Isheenis dhiichisuu dhaf homa sodan itti hin dhagahaamu. Kutaa keessati akka duraani baayyee hin sodaatu. Duraan isheen yoo waltajjiira baatu Onneen ishee xiqqoo- xiqqoo ni rukutaa ture. Barsiisaan hawwiisoo ni mildhate. Fuula ifaa ta’een morma isaa so-so-chooseef. Hiriyoonni daree ishee dhiichisa Saaroonitti kolfuu dhaa qopha’ani jiru. Akkuma muuziiqaan (sirbichi ) eegaleen, Saaroon haaluma barsiisaa Eeliyyaas itti agarsiisaa barsiise goote. Namoota ayyaanicha irratti hirmaatan irraafachuun muuziqaa hordoftee, fuula ishee irraa seequun ni dubbifama; Dhiichisa shakalames dhiheessu (

agarsiisuu) eegalte. Hunduu ajaa’ibsiifachaa (raajeefachaa) dhiichisa ishee arganii dinqisiifatan.

“Intala tiyya!” jechuun haati boonaa dubartoota waliin taa’an lamatti himte. Sirbi yoo dhaabatu Saaroon hummata fulduratti morma gadi qabattee nagaatti yoo jettu hundinuu dinqisifanna guddaa dhan harka waliin dhahaniif.

Saaroon barsiistuu Ijjigaayyoo cinaa kan dhaabbate,gara barsiisaa Eeliyyaasit figde. “Sin galateefadha “ jette gammachuun ilaala. Barsiistuu Ijjigaayyoon haala bitaa itti galeen ni ilaalte.

“Akkamitti dha ariitii kanaan dhiichisa bareedaa kan dhiichisuu dandeesee?” jetteen.

“Barsiisaa Eeliyyaasituu na leenjise” jette Saaroon.Eeyyen! Ani gargaareera. Duraan Saaroon hin sodaattii turte—suuta

-suuta ammo caalmaan offitti amanaa dhuufte.“Baga natti himte sin galateeffadha Eeliyyaas; jetteen .Barsiistuu Ijjigaayyootiif balleessaan ishee galeef. Gara

Saaroonitti garagaltee yeroo biraa wanta haaraa barachuu yoo feete ani sin gargaara,tolee!’ jetteen.

Page 22: Seenaleewwan kitaaba kana keessatti argaman; Barreesitoota ...art-of-buna.de/Dance_Saron_Dance_Afaan_Oromo.pdfkiyyaa oduu natti odeessaa ture, innis makmmaaksa natti hima. Na kofalchiisa

43

Boobii, Eessa jirtaa?Yoonaas Moges

Page 23: Seenaleewwan kitaaba kana keessatti argaman; Barreesitoota ...art-of-buna.de/Dance_Saron_Dance_Afaan_Oromo.pdfkiyyaa oduu natti odeessaa ture, innis makmmaaksa natti hima. Na kofalchiisa

44 45

Ma’azaan Haadha; Abbaa; Boobii fi Wurroo waliin Finfinnee keessa jiraati. Boobiin maqaa sarichaa yoo ta’u; Wurroon ammo maqaa Adurrittiiti. Ma’azaan Boobii fi Wurroo ni jaalatti. Ma’azaan kubbaa bareedaa ta’e qabdi. Kubbaa qabattee gara iddoo biqiltuu deemtee” Boobii! Wurroo! Koottaa ni taphannaa!” jettee isaan yaamti. Isaan lachuu fiigaa dhufu.

Ma’azaan kubbicha Boobiitti darbatte. Boobiinis kubbicha qabatee Ma’azaatti fida. Wurroo dhaafiis ammoo ni darbattiif. Wurroon kubbicha lafarra gangalchaa taphatti.

“Haadha koo ; Boobii fi Wurroon akkatti kubbaan taphatan ilaali” jette Ma’azaan

“Baayyee nama gammachiisu!” jechuun haati gammachuu ishee ibsite. “ Tapha booda Ma’azaan dabbasaa Boobii yoo filtuuf,Boobiin ni

gammada. Wurroo yoo qaqqabde itti toleet, sagalee gammachu dhageesifti. Wurroon yoo qaqqaban ni gammadi. Guyyaa tokko ganama (barii) kubbaa osoo taphatanuu ,kubbaan dallaa irra darbee gara alaati bahe. Ma’azaan, boobii fi wurroo waliin ka’anii gara alaati bahanii, kubbicha barbaaduu eegalani. Garuu homaa argachuu hin dandeenye. Gaddaa, harka duwwaa iddoo biqiltuutti deebi’ani.

Xiqqoo turee Boobinis bade. Ma’azaan iddoo hunda barbaaddee dhabde.“Boobii, eessa jirtaa?” jettee irra de-deebitee yaamte.“Wurroo ; Boobiin eessaa?” jechuun, Wurroo gaafatte.“Mi-yaa- uu !” jechuun Wurroon gaddaan deebii kennite.“ Haadha koo;Abbaa koo! Boobiin bade!” jetteeni, Ma’azaan boo’aa.“ Lakkisi eessumatuu hinbadu! Nus siif barbaannaa jetteeni haati.

Ma’azaa; Haadha ; Abbaa fi Wurroon Boobii barbaadaa oolan. Ta’us sirumaayyuu argachuu hin dandeenye. Galgalli yoo eegalu Boobiin deebi’ee dhufe. Afaanitti, kubbaa bareeda ta’e qabate ture.

Ma’azaa Haadha; Abbaa fi wurroon ni gamadani. Boobiin deebi’ee gara manaatti dhufuu duwwaa osoo hin ta’in, kubbaas waan argateef gammadani. Boobiin utaalee kaasuu hammannaa Ma’azaa keessa gale.

“ Boobii kubbaa barbaaduu deemte moo kan bade?” jettee, Maazaan gaafatte. Waa-wuu! Waa-wuu! Jechuun Boobiin iyyee.

Page 24: Seenaleewwan kitaaba kana keessatti argaman; Barreesitoota ...art-of-buna.de/Dance_Saron_Dance_Afaan_Oromo.pdfkiyyaa oduu natti odeessaa ture, innis makmmaaksa natti hima. Na kofalchiisa

47

Abdii,qulqulleesaa kophee

(Liistiroo)Gabayyoo Ayyalaa

Page 25: Seenaleewwan kitaaba kana keessatti argaman; Barreesitoota ...art-of-buna.de/Dance_Saron_Dance_Afaan_Oromo.pdfkiyyaa oduu natti odeessaa ture, innis makmmaaksa natti hima. Na kofalchiisa

48 49

Abdi Meeshaa kophee ittiin qulqulleesu akka qabatetti dallaa warra tokkoo jala ta’ee.

Ganamaa irraa eegalee namoota kophee qulqulleefatan eegee hanga sa’a shanitti kan hojjate qarshii sagal duwwaa dha. Sa’a booda ni barata. Hardha yaanni issa hunduu waa’ee haadhati. Haati isaa dhukubsatani. Kaleessa mana yaalaa geesset ture. Qarshii qorannoof ta’u yoo qabatan illee, qorsa (qoricha) ajajameef bituu dhaaf qarshii gahaa ta’e ammo hin qabanii turan.

“Hardha mana barnoota irraa hafee, guyyaa guutuu hojjachaa yoon oole wayya.Tarii haadha koof kanan qorsa ittiin bituuf qarshii gahaa ta’e nan argadha ta’a—“ jechuun gadde.

Ammas waa’ee haadhaa dhiphachuun isaa hin hafne. Barii nagahaan

ooli jedhee yoo haadha biraa bahu,hoo’inni dhanna ( qaama) isaanii baayye oolka’ee ture. “itti cimee yoo ta’es” tasa Abdi sodaan wareerame. Sanduqa meeshaa kophee ittiin qulqulleessu (liistroo) qabatee fiiguu dhaan gara manaa deeme. Haati akkuma dhiisee demetti sireerra ciisanii jiru. Fuulli isaanii daalacha’ee; da-dafqanii, ni aadus.

“Haadhoo koo akkami sitti!”jedheeni husuusaan.“Amma natti wayya’ee”“ Ta’us ammaa dhanni kee bar ni hoo’a –“ jechaa fuula isaanii qaqabachaa,

imimmaan dha-dhangalaase.“ Homaa miti; dhiisi hin yaadiin; mana kushiinaa keessaa kan kale irraa

hafe wanti nyaatan ni jira. Isa nyaadhuu too dafii gara mana barnootaa deemi. Barfattee seenuu hin qabdu” jedhaniin aadatii.

“ Hardha qarshii sagal argadhe; tarii kanan qorsa walakkaa ittiin bituu danda’u ta’a” jedhe, akka boo’iichi irratti hin beekamne yaalaa.

“Kan gahu natti hin fakkaatu; Abdii hin boo’in kaa; amma na-wayya ta’a” jedhani haati tasgabbeessuuf yaalani.

Abdi qarshii salgan kana qabatee gara alaatti kaate. Karaa dheera kutee, kan karri alaa haalluu magariisa dibame cinaa gahee dhaabbate. Dallaa (moonaa) kana keessa ogeessa fayyaa tokkotuu maatii waliin jiraata. Abdi jarreen kanaaf yeroo hedduu kophee isaanii qulqulleese ni beeka . Kana irraan kan ka’e maatii hundinuu ni jaalatu.

Abdi xiqqoo dhaabbatee yaaduun balabalicha rukute. Intalli (micayoon) umuriin ishee hanga issaa geessu takka dhuftee karra alaa banteef.

“ Abbaan kee jiruu?” jedhe dhiphachaa.“ Jira; gali” Jettee iddoo abbaan ishee jiranitti geessite.Abdi imimmaan isaa haxawwachaa waa’ee dhukuba haadhaa Doktoratti

akkana jechuun itti hime.Haati koo baayyee najalaa dhukubsatte. Qorsa bituuf qarshii gahaa ta’e

hinqabu. Maaloo Doktor nagargaara,fuuldurratti hojjadheen isinii kafalaa !”“Waa’ee kaffaltii booda waliin dubbanna,amma haatetiif deggersa godhuu

akkan danda’u gara manaatti yaa deemnu!” jedhe ogeessi fayyaa seeqaa.

Page 26: Seenaleewwan kitaaba kana keessatti argaman; Barreesitoota ...art-of-buna.de/Dance_Saron_Dance_Afaan_Oromo.pdfkiyyaa oduu natti odeessaa ture, innis makmmaaksa natti hima. Na kofalchiisa

50 51

Ogeessi fayyaa meeshalee dhukubsataa ittiin waldhaanu qabachuun, Abdi hordofee gara mana isaanii deeman. Haati Abdii nama dhufe kana duraan arganii waan hin beekneef xiqqoo sodaatani. Inni garuu dhibee isaani qoratee qorsa (qoricha) liqimfamu kennee fi homaa miti, jabaadhu Abdi; qorsa tasgabbeesu waan fudhataniif dafeet haadha keetti fura” jedhe.

“Kalleessa kan ajajame qorsi kana ture” jechuun Abdi waraqa qorsi ittiin ajajame ogeessa fayyaatti agarsiise. Innis ajajicha eega dubbiseen booda; “Qorsichi haadha keetiif ni barbaachisa”

“Qarshii hin qabu malee inni illee---” jedhan haati Abdii aadatii.“Ani isiniifan kenna!” jedhe Doktorichi korojoo qarshii kiisii isaa keessa

baasaa.“ Isinan galateefadha ! hangan danda’eetti qarshicha dafeen isinii

deebisa.Kophee qulqulleesse gatii qorsaa hangan kaffalutti mana barnootaa hindeemu!” jedhe Abdi gammadaa.

“Qarshichas deebisuu isin hin barbaachisu. Barnoota kees addaan kutuu

hinqabdu. Mucaa gaarii waan taateef siis ta’e haadha kee gargaaruun na gammachiisa!” jedhe ogeessichi fayyaa harka isaa gateettii Abdi irra godhatee. Abdi waan ta’e kiisii isaa keessaa baasee hark isa gara Doktorichaatti hiixate.

“ Maalii innii ?” jedhe Doktor dinqisiifachaa.“ Hardha kanan hojjadhe argadhe qarshii sagalii dha--- kan bittaa qorsaaf

nuu kennitan irratti ida’aa ---““ Hinbarbaachisu Abdi; qorsa anatuu bita siin jedhee bar” jedhe kolfaa. “Siruma nu’i hinbeekan, deggersa nuuf godhani----Allaahin isini

haakennu!” jedhan haati Abdii ogeessicha fayyaa ilaalaa.“Rakkataa; dhukubsataa deggaruun dirqama namuummaati. Boru

dhufeen isin laala!” eega jedheen booda gara Abdiitti garagaree; Abdi! Ati ammo yeroo hunda ana irra deggersa barbaadu yoo jiraate koottuu too natti himi” jedhe.

Abdi ogeessicha fayyaa waliin deeme qorsicha bitee dhufe. Haati qorsa eega fudhataniin booda battalumatti wayyaa’an.

Amma Abdi kophee hin qulqulleesu. Iddoo san ijoollee Doktoraat qo’achiisa. Barataa mana barnoota sadarkaa ol-aannas ta’e.

“Barnoota koo hangan Doktora ta’utti hordofee ciminaan barachuun qaba. Akkuma Doktora guddaa ollaa keenyatti nu gargaaraa jiran, anis Doktora gaarii ta’een rakkattootaa fi dhukubsattoota wal-dhaana (tajaajila)” jechuurra gahe.

Page 27: Seenaleewwan kitaaba kana keessatti argaman; Barreesitoota ...art-of-buna.de/Dance_Saron_Dance_Afaan_Oromo.pdfkiyyaa oduu natti odeessaa ture, innis makmmaaksa natti hima. Na kofalchiisa

53

Haraageessa Dansaa!Taamiruu Laggasaa

Page 28: Seenaleewwan kitaaba kana keessatti argaman; Barreesitoota ...art-of-buna.de/Dance_Saron_Dance_Afaan_Oromo.pdfkiyyaa oduu natti odeessaa ture, innis makmmaaksa natti hima. Na kofalchiisa

54 55

Shurraabii miilaa moofaa abbaa kiyyaa irraa kanan hojjadhe kubbaa filatamaa ta’en keenyaa manaa waliin rukutuun taphadha. Keenyaan manaa akka garee biraa ta’ee ana waliin kan dorgomuu dha.

“ Lakkii dhiisi, keenyaa manaat diigdaa!” naan jette haati koo balbalaatti gadi baate ana millachaa. Yeroo tokko ammas kubbaa keenyaa manaa waliin walitti buuse.

“ Lakkii dhiisi gurbaa! Dhiisi, yoo ta’uu baate kubbichan si-harkaa fuudha ( buta)!” jette ammas baayyee dheekkamte.

“Tole nan dhiisa!” jedhee gumgume.Kubbaa keenyaa manaa waliin rukutuu dhiisetan waaqatti ol-darbadhee

laqam godhuun taphachuu eegale. Garu oggasuman jibbee ( na uffee), asiifi achii de-deemetan yoo ilaalu wanta haala gaarii dhaan na taphachiisu argadhe. Qinaaxii mana jireenyaa. Kubbaa qinaaxii irratti darbachuun sololaatee yoo deebite akkuma goolii eegaa qilleensarrati laqam godhee qaba. Akkuma taphataa sarara ittisaa gara qinaaxitan rukute.Sololaatee yoo dhufu qilleensa irrattan laqam godha.” Nagammachiise”(na bohaarse) amma immoo akkuma taphata sarara fulduraa ta’een rukute. Maa-loo ani! Kubbichi deebi’ee gadi hin sololaanne . Kubbichi qinaaxii irratti hafe.

“ Mucaa kana maaluuma yoon godhe naaf wayyaa maaloo! Maaluumaaf wantan sitti himu kan hin dhageenyee? Fidi as kubbicha! Eessaa?” naan jette haati koo qarmammeettii manaa jala (barandaarra) dhabbattee. Dara bayyee dheekamte (horiite).

“Qinaaxii irratti najalaa fannifame—haadhoo koo” jedhe ca-ca-baqqaa.“ Ishoo! obbaafanne” nus nagaha ni arganna” jette mataa ishee so-

sochoosaa.Hartuu lafaa fideetan kubbaa qinaaxi irraa buusuu yaale. Ta’us kubbaa

cinaa naaf gahuu hindandeenye. Barii san kubbaan koo akkamitti akka bule laaluuf aboroon manaa bahe. Achuma qinaaxii gubbaa akkuma jiruutti dha. Gara mana barnootaa osoo hindeemin dura mallatoo dhaan gaaritti jedheeni.

“ Kubbaa kee maaliif hinfidini?” Jechuun, hiriyoonni koo nagaafatani.

“ Qinaaxii manaa gubbaatti najalaa fannifame” jedheeni. Mukoota lama walitti fufeen (hidee) buusuuf yaalee akka naaf hin milkoofne hunda itti hime.

Dhakaa dhaan yaali! Naan jedhe hiriyaan koo tokko.“ Akkas godhuu hindanda’u. Haati koo natti dheekkamti!” jedheenii

mataa koo so-sochoose.Guyyaa lama booda eessaa dhufee! kan hinjedhamne Haraageessi tokko

qinaaxii mana keenyaa irra qubate. Haala gammachiisaa jedhamuun na ilaalee gara kubbaa milldhate. Suuta jedhee gara fuula kubbaa deemee, afaanin isaatiin (maanqura) kubbaa yoo tuqu dinqisiifachaan callisee ilaale. Kubbichii salphumatti qinaaxii manaa irraa sololaatee gara kiyyati dhufe. Akka lafatti bu’u hinbarbaadne. Akkumma Obbolleesi tokko yeroo gabaabaaf maatii biraa fagatee turee, akka deebi’ettan kaasutti qabadhe (hammadhe). Nan gammades.

“ Galatoomi!” jedheen Haraageessa dansaan. Ija aggaamaa ta’een na ilaalee morma isaa akka sochoosuu godhe. Ana deggaruu barbaadee akka dhufe amaneera. Kanaaf galateefachuun na barbaachisa.

Page 29: Seenaleewwan kitaaba kana keessatti argaman; Barreesitoota ...art-of-buna.de/Dance_Saron_Dance_Afaan_Oromo.pdfkiyyaa oduu natti odeessaa ture, innis makmmaaksa natti hima. Na kofalchiisa

57

WaldidiinsaHirraafatame

Yeezinnaa Warquu

Page 30: Seenaleewwan kitaaba kana keessatti argaman; Barreesitoota ...art-of-buna.de/Dance_Saron_Dance_Afaan_Oromo.pdfkiyyaa oduu natti odeessaa ture, innis makmmaaksa natti hima. Na kofalchiisa

58 59

Ganda Fandiqaa jedhamtee waamamtu keessa Burtuukaan; Asnaaqachi; Dabriituu; Taadalachii fi Mabraatee, ijjoolleewwan jedhamantuu maatiwwan issaanii waliin jiraatu. Shananuu hiriyoota baayyee waljaalatanii dha. Gandi Fandiqaa daraarawwan adda addaatiin midhagfamte. Lafti hedduunis marga magariisa ta’een waan huwwifameef magariisummaan gandichaa nama hawwata. Ganda kana cinaa ammo Lagni tokko ni jira. Yerroo hundaa ijoolleewwan iddoo tokkotti taphatu. Yerro hedduu ijoolleen waligalaniit taphatu. Darbee-darbee immoo walii hingalani. Hardha guyyaa wal- didiinsaati .

“ Wadaroo utaaluu taphachuu barbaanna” jette Dabriituun.“Isaa kaleessa taphanneerra!” ani hardha kanan barbaadu Akukuluu

(waldhokachoo) taphacuu dha” jette Asnaaqachi.“Ani immoo walitti darbachu (qibibiloosh) akka taphannun barbaada!”

jette Burtuukaan.Taadalachii fi Mabraateen homaa hin jenne. Shananuu callisanii ija walitti babaasani.

“ Duursinee kan taphannu utaalchoo wadaroo, yoo ta’u baate ani hintaphadhu!” jettee dheekamaa dubbatte Dabriituun.

“ Duursinee Akukuluu( waldhokachoo) dha kan taphannu!” jette Asnaaqachi. Taadalachii fi Maabraateen hanga bitaa isanitti galutti akkasumatti waliin mormaa turan.

“Yoo waligaluu baattan oso-hintaphatin yeroon darbuu isaati” jettee, dubbatte Mabraateen.

“ Ani yaada tokkon qaba.Utaalchoo wadroo kaleessa taphanneerra, amma duursinee akukuluu taphannee,yoo dadhabne immoo teenyee too darbachoo yaa taphannu” jette Taadalachi.

‘Eeyyeni Taadalachi sirrii jette” waliin jedhani. Taadalachi yerroo hedduu yaada yoo kennitu dubbii hunda waan xinxaaltuuf ni fudhatuuf. Hundinuu kanan waliigalani,gara dirree laga cinaa jirutti deemani. Achi mukoota heedduu fi daggalli (bosonaa) waan jiraniif gammachuu horachaa taphicha eegalani. Takka soqxuu (barbaaduu) yoo taatu arfan isaanii Immo ni dhokatu. Akkas gochuun taphachaa akkuma turaniin, diroon soquu kan gahe turte

Burtukaan, Asnaaqachii barbaaddee argachuu hindandeenye. Iddoo sirriitti dhokse argattee jalabadde waan itti fakaateef baayyee barbaadde. Turaatiin ishee waan dheerateef immoo bitaa itti gallaan hundattuu himte. San booda hundinuu bibittinnaa’anii maqaa Asnaaqachi yaamaa barbaaduu eegalani. Homaa argachuu hindandeenye. Ni dhiphatani.

Haala kanaan xiqqoo akkuma turaniin tasuma sagalee Asnaaqachi dhagahan.

“ Asnaaqachi; Asnaaqachi; Asnaaqachi --- jechuun walduraa duubaan gara fuula sagaleen ishee dhagahametti deeman.

“ Asan jira!” jette Asnaaqachi, sagalee hiriyoota ishee dhageenyaan, gammachuun itti dhagahame.

“ Asnaaqachi, iddoo kam jirtaa?” jedhan sagalee tokkoon ,kaachitiin walbira darbaa.

“As gadin jira; bahuun dadhabe!” jette Asnaaqachi boo’ati.Allayyaa irraa gadee yoo ilaalan; Asnaaqachi iddoo dhipoo tokko ofirra

teesse (quxuxi ) jirti. Lagni fageenyaarra sanii gaditti mulata.“ Maaliif as keessa galtee?”“ Naan sololaate”“ Callisi nu’i sibaafana” jetteen Taadalachi, ariifachaa.“ Wadaroo nu barbaachisa” jetteeni Burtukaan. Dabriituu fi Mabraateen

immoo nahanii waan turaniif homaa hindubbanne.Wadaroo dhan baafna. Wadaroon hidhanii yoo nama booldha keessaa

baasan argeera. Rakkoon hinjiru jetteen Taadalachi.“Wadaroo dhaan yoo dandeenye mee kaadheen wadaroo fida” jette

Burtuukaan, hiriyaa isaanii balaa irraa hanbisuun akka danda’aan,yoo yaadattu sodaan gadi lekkisaa jira.

“ Dafaa, jedha adraa harmee keessanii! Laga keessa akkan hingalle sodaadheera!” jette Asnaaqachi irqifachaa boo’a.

“ Homaa miti ! Tasgaba’i! amma sibaafnaa” jechaa Taadalachi tasgabeesite. San booda, Dabriituunii fi Taadalachi baala warqee muranii fidan.

Burtuukaan wadaricha fiddee dhufte. Baayyee waan kaatteef afuurri

Page 31: Seenaleewwan kitaaba kana keessatti argaman; Barreesitoota ...art-of-buna.de/Dance_Saron_Dance_Afaan_Oromo.pdfkiyyaa oduu natti odeessaa ture, innis makmmaaksa natti hima. Na kofalchiisa

60 61

Asnaaqachi allayyaa keessa akkuma baateen, kaasuu hammannaa hiriyoota ishee keessa galte. Asitti dhokachuun koo hojii doofummaatan hojjadhe, waan na argitaniif baayyeen gammadeera. Baayyeen isin galateefadha jetteen.

“Asnaaqachi tokkoffaa! “ jette Burtuukaan booddee ishee kolfaa dhabbate. Jarreen kuun bitaa isaanitti gale. Xiqqoo turanii Burtuukaan lakooftuu akka turte yoo yaadatan immoo isaanis kolfa gadi dhiisani. Mana Dabriituu faa hanga gahanitti kolfaa turan. Achi akkuma gahaniin Sa’a hedduu dallaa (moonaa) keessa ta’ani odeessa turan. Dubbii filannoo taphaa irratti dubbicha waldidiinsa hirraafataniiru. Hiriyoota waljaalatan waan ta’aniif isaan gammadootaa dha.

ishee cicitaa yoo jiru dhaqqabde. Taadalachi wadarichi akka hin hiikamnetti gootee (shamqaqqoo) guduunfuun (hidhuun), Asnaaqachi akka hin hubamne naanawa wadarichaatti baala warqee itti marte. San booda suuta jedhanii gara qarqara ededaatti (allayyaatti) siqanii dhaabbatan.Taadalachi wadaricha Asnaaqachiitti darbatte.

“Bobaa kee jala galchi; san booda nu’i si-harkifna” jetteen.Asnaaqachi akkuma jedhame goote hidhatte.Taadalachi garaa dhaan

ciiftee wadaricha harkisuu eegalte. Duuba ishee Burtuukaan, Dabriituu fi Mabraateen tartibbaan dhabatanii wadaricha, walgargaaranii tokkumaan harkisuu dhaan Asnaqachi allayyaa keessaa baasani.

Page 32: Seenaleewwan kitaaba kana keessatti argaman; Barreesitoota ...art-of-buna.de/Dance_Saron_Dance_Afaan_Oromo.pdfkiyyaa oduu natti odeessaa ture, innis makmmaaksa natti hima. Na kofalchiisa

63

Adurree MiishuuWudi’allaat Gadaamuu

Page 33: Seenaleewwan kitaaba kana keessatti argaman; Barreesitoota ...art-of-buna.de/Dance_Saron_Dance_Afaan_Oromo.pdfkiyyaa oduu natti odeessaa ture, innis makmmaaksa natti hima. Na kofalchiisa

64 65

Yeroo hunda Miishuun mana barnootatii yoo deebituu Dooyyoon balbala irratti Simatti. Miishuun osso balbalarra hingahiin “ Miyaa-uu!” jette lukoota ishee jala gangalatti. Miishuun ol-fuutee Dooyyoo yoo Susukkuumte gammachutuu itti dhagahama. Hardha garuu akkuma baratame Dooyyoon Miishuu balbalarratti hin simanne. Sababa kanaan Miishuun Jeeqamte.

Itti aansitees “ Dooyyoo, eessa jirtaa? Eessa dhokattee?”Jechuun Miishuun irra de-deebitee yaamte .Ta’us homaa deebii hin arganne. Miishuun mana keessa iddo hundaa, Dooyyoo

barbaadde.“ Haadha koo! Dooyyoo argitee jirtaa?” jetteeni.“ Lakkisii; hin arginee! Ta’us hin yaadin, amma iddoo jirtuudhuftii!”“ Ani yoon mana barnootaatii dhufu yeroo hunda balbala irratti na simmattii turte; hardha garuu sirumaa hin argine!”jettee, Miishuun boo’uu eegalte.

“Lakkisii, hin dhiphatin Miishuu. Dura laaqana ( dhihana) kee nyaadhu; san booda (itti ansinee) waliin Dooyyoo barbanna, boo’a keetis dhaabi!” jechuun haati so-so-sobede.

“Akkam haadhoo koo dura Dooyyoo argachuun qaba! amma immoo fedhii nyaataa hinqabu; hinbeeloofne!” jette Miishuun.

Mee Baabbiin argee yoo jiraate gaafadhu. Duratti Baddiluu fi Daani’eel waliin kubbaa taphachaa turani” jettee haati itti himte. Miishuun “tole !” jettee deemte.

Miishuun gara kutaa mana ciisicha isaa yoo galtu Baabbiin kutaa issaa keessa, sireerra garaadhan ciisee fakkii/Suuraa/hojjachaa ture.

“ Baabbii adara haarmee keeti; Dooyyoo argitee jirtaa?” Sodaachaa fi dhiphachaa Miishuun Obboleessa ishee gaafatte.

“Sibra turtee bar, jechuun koo kutaa kee hinjirtuu? Yoo kana Baabbi irraa miira nahuutuu mullata.

“ Baddee bar! mana keessa iddoo hundaa barbaadeen dhabe; iddoon kamiyyuu na-hinafne -----“ jechuun ammas deebitee boosse.

“Hayee—baayyeen gadda Miishuu; lakkisii ; gahee hin boo’in!” jedheeni Baabbiin fakkii tolchu dhaabee ol-jedhee akkuma taa’etti.

“ Tasuma Dooyyoon manaa baatee, daandii hirraafate deebi’uu dadhabde ta’uu danda’a” jettee, Miishuun hirqiffattee booche.

“ Baabbii; Dooyyoo argite jechuu dhaa? Tole natti himi eessa jirtii?”Sagalee naasuttiin gaafatte.

“ koottu” jedhe Baabbiin obboleetti harkisee (harka qabatee) gara mana duubaa (boroo duba) deemani. Miishuun Adurrittii argachuuf baayyee ariifachaa, Baabbii hordoftee gara mana duubaa deemte.

Achumaan Miishuun iddoo haati wayyaa (huccuu) xura’an kuusan kaachoo keessaa; “miyaa’uu” kan jedhu sagalee Dooyyoo aaddu dhageesse. Kaachoon hanga guyyaa hardhaatti qadadame hinbeekamuu ture. Amma garuu safeediin qadaadamee gubbaarra ammo dhakaan irratti fe’amee ture. Miishuun hatatamaan dhakicha kaaftee qadaada bante. Dooyyoon wayyaa xuraa’an jidduu teessee ija ba-baasaa jirti.

Page 34: Seenaleewwan kitaaba kana keessatti argaman; Barreesitoota ...art-of-buna.de/Dance_Saron_Dance_Afaan_Oromo.pdfkiyyaa oduu natti odeessaa ture, innis makmmaaksa natti hima. Na kofalchiisa

66 67

‘ Eenyuu tuu as keessatti sitti cufee?” jetteeni baaftee susukkuumte/ dhi-dhi dhiibde/.

“ Miishuu dhiifata; daba yaade hin turre. Duratti Daani’eelii fi Baddiluu waliin mana duubbatti kubbaa yoo taphannu Dooyyoon goola ( jeeqa) huumte waan nu rakkifteef asitti galchine----“jechuun deebii kennuu eegale.

“ Edaa akka duutuuf !—kaachoo keessatti galchitee itti cuftee?” Miishuun obboleessatti baayyee dheekkamte.

“Eeyyeni ----- Ani bar akka duutuuf hin turre. Jeeqa isheen humte dhaabuuf duwwaa ture ,kanan galchee itti cufe ---- dhiifata Miishuu!” jedhe Baabbiin balleessaa isatiif gaddaa, ishee mildhate.

“ Maaliif eega tapha keessan fixxanii” banuufii dhiiftee? Hin irraffatee?“ Eeyyeni; kuni balleessaa dha --- lammafaa akkas hin godhu” jechuun

Dooyyoo harkaan qaqqabachaa dhaabbate. Miishuun obboleessi ishee balleessa isaa waan amaneef aaruu dhiiftee qabbanoofte.

“ Tole; yeroo biraa Dooyyoo hubuu dhiisuu keetiif waadaa galtaa?”jechuun Miishuun obboleessa ishee gaafatte.

“ Akkam! Tole waadaan gala Miishuu; sirumaayuu lammafaa akkas hin godhu!” jedhe. Kanaan waliigalanii lachanuu walumaan gara manaa galan.

Miishuun Dooyyoo akkuma hammatetti Baabbii wajin gara mana nyaata yoo galan haati isaanii ni gammadani.

“Ishoo; eessaa argattanii?” jadhaniin morma Dooyyoo susukkuumaa. Miishuu fi Baabbiin Dooyyoo eessa akka ishee arganii fi haala akkamii irra akka turte haadha isaanitti himan. Baabbiin ammas haala gaddisiisaa ta’een lammaffaa akka Dooyyooti hincufne waadaa gale.

”Haadho koo Dooyyoo dhaaf kan ta’u Aannan qabdaa? Ossoo hin beela’in hin haftu; eega itti cufee bar yeroo dheeraa ta’e” jette Mishuun. Haati isaanii yoo Aannan fiddee dhuftu, Baabbiin meeshaa Dooyyoon itti nyaattu /dhugdu) waciitii (Sahinaa) fide. Miishuun Aannan Sahinaatti guutte. Dooyyoon baayyee beeloftee waan turteef arganaa dhuguu eegalte. Quufnaan afaan ishee miilloota Miishuu fi Baabbii irratti riguu fi haxaawwachuu eegalte. Maatiinis argamuu Dooyyootti gammachuu dhaan waareefatani.

Page 35: Seenaleewwan kitaaba kana keessatti argaman; Barreesitoota ...art-of-buna.de/Dance_Saron_Dance_Afaan_Oromo.pdfkiyyaa oduu natti odeessaa ture, innis makmmaaksa natti hima. Na kofalchiisa

69

Karameellaa KooSaamraawit Ari’aayaa

Page 36: Seenaleewwan kitaaba kana keessatti argaman; Barreesitoota ...art-of-buna.de/Dance_Saron_Dance_Afaan_Oromo.pdfkiyyaa oduu natti odeessaa ture, innis makmmaaksa natti hima. Na kofalchiisa

70 71

Eessumni koo torbaniin Sanbata Sanbata mana keenya ni dhufa.Yoo dhufu karameellaa waan naaf fiduuf nan gammada. Guyyaa tokko kan naaf fide karameellaa Dastaa magariisa ta’e ture. Baayyee waanan muddameef battalummatti wanti karameellichi ittiin marame qola qunciseen, afaan keessa kaawwadhe (godhe). Abeet akkamitti mi’aawaa.

Ijoolle laaqanni dhihaate harka dhiqadhaa too dhihaadhaa” jette haati teenya’’yoon ani karameellicha mi’aawwina isaa mi-mi’eefachuu eegalu. Maal yoon godhe naa waayya?

Mana keenya keessa seeroota lamatuu jiru.Seera lakkoofsa tokkoffaa (1ffaa) - Miseensi maatii hundinuu sanbataa fi

dilbata laaqana kan nyaannu iddoo tokkotti.Seera lakkoofsa lammaffaa (2ffaa) – kanan ani sanbata kana diigee dha.

Karameellaa; chookolaata yookiin kan biroo; wantoota mi’aawwan nyaata midhaanii dura; nyaachuun kan dhoorkamee dha.

“Maalan ta’ee akkamittan sa’a laaqanaa irratti karameellaa afaan keessa kaawwadhee?” jedheen yaade.

Wanti gaariin kan karameellaan ittiin maramee dhufe harkatti qabadhee waanan tureef karameellaa koo afaanii baaseen deebisee qolaan mare. San booda eessa godhuu? Jedheen yaade. Wayyaan( huccuun) huffadhe kiisii hinqabu.Harkatti akkan hinqabne yoon nyaadhu natti hin tolu. Immoo oboleettoonii fi oboleeyyaan koo akka najala hin nyaanne dhoksuun qaba. Kanaafuu gara manaa osoon hingalin suuta jedheen namtuu osoo ana hinargin dhakaa gurguddoowwan lamaan jidduu olkaa’e. San booda yaada malee iddoo laaqanaa deeme. Laaqana (Dhihana) koo homaa nyaachuu hinta’in; muddamaanan liqim-liqim godhe, gara karameellaa koo waanan deemuu dhaa muddameef dafeen quufe. Iddoo nyaatatii akkuman ka’een,harka dhiqadhee kaachuun gara karameellaa koo kute. Iddoo dhuman kaawwadhettan argadhe. Baayyee ariifachuu irraa kan ka’e qola ittiin marame irraa quncisuu hin dhaqine, afaan koo keessan godhadhe. Laaluudhaf illee yeroo hin arganne. Karameellichi baayyee nati hadhaawaa ta’e. Tasuma karameellaa kana duratti kanan dhadhamadhe san natti hin fakkaanne. Kan akkanatti hadhaa’u homaa nyaadhe hinbeeku. Amma immoo afaan koo keessa na tu-tuqa (kosokosa). Battalumatan karameellicha harka koo irratti tufe.

Karameellaa koo irra mixii xixiqqoowwan asi- fi achi fiiguu turan. Karameellicha deebiseen dhakaarra godhe, mixiiwwan karameellaa koo nyaachaa yoo bashanananii fi yoo gammadan taa’en ilaale. Edaa mixiiwwanis akkuma koo karameellaa jaalatuu!.

Page 37: Seenaleewwan kitaaba kana keessatti argaman; Barreesitoota ...art-of-buna.de/Dance_Saron_Dance_Afaan_Oromo.pdfkiyyaa oduu natti odeessaa ture, innis makmmaaksa natti hima. Na kofalchiisa

73

Maaliif, SardiidoonBosonaa Hantuuta

Akka NyaatuBaqqalachi Tolaa

Page 38: Seenaleewwan kitaaba kana keessatti argaman; Barreesitoota ...art-of-buna.de/Dance_Saron_Dance_Afaan_Oromo.pdfkiyyaa oduu natti odeessaa ture, innis makmmaaksa natti hima. Na kofalchiisa

74 75

Kan ture waqitii roobaati. Lagni guuteera. Namni iddoo deemee deebi’ee laga cinaa gaheera. Gandi namni keessa jiraatu kan argamu laga gamatti. Namni akkamitti jedhee akka laga cee’uu qabu bitaa itti galeera.

“Na hordofi!” kan jedhu sagalee dhagahe.“ Akkam-ati Sardiidoon (waangon)! Ana gargaaruufii? Yoomuu yoo ta’e

ati namaaf waan gaarii yaadde hin beektu!”Jedhe namni baayyee aja’ibsiifachaa.“Isin namoota yoo taatanuu bar nuuf waan tolaa (gaarii) yaaddanii hin

beektani. Obboleeyyaanii fi Obboleetoota xixiqoowwan koo baayyee na jalaa ajjeeftani!” jechuun deebii itti kenne.

“ Inni bar waan hoolota nu jalaa nyaattaniifii dha!”“Tole kaa; maal yaa nyaannu?” jedhee gaafate Sardiidoon.“ Amma nu’i wal-loluu hin barbaachisu. Laga yoo na ceesifte hoolaa koo

tokko sin badhaasa” jechuun dubbate namni.Sardiidoonis kana irratti waliigalee, fuuladura deemuu yoo eegalu namni

hordofe. Yeroo muraasa booda iddoo lagni baayyee hin guutin( hirdhate) argatani waliin lagicha cee’an.

“Amma immoo badhaasa kee akkan siif kennu ati na duukaa koottu”jedheen namni.

Ganda isaa cinaa yoo gahan namni (namichi) dhabbate “ asitti osoo na eegde ni wayya natti fakaata. Namoonni ganda keenyaa yoo si-argan si-ari’u ,(si-luullesu) ” jedhe.

“ Badhaasni koos?” jedhee gaafate Sardiidoon abdii kutatee.“Isa bar fideen sii dhufa” jedhe nami qabbaneessa. Sardiidoon kan

irratti waligalee iddo daggala yabbuu ta’e tokko duuba dhokate. Namni gara warraatti gale.

“ Asii maal hojjataa?” jedhe Sardiidoon biraa tokko cinaa isaa darbuuf kan ture, sardiidichaa dhokate jiru gaafate.

“Naman eegaa jira. Laga akka cee’u gargaareen ture. Kanaaf hoolaa tokko nabadhaasuu dhaafi”

“ Amantaaree”?“Maaliifan hin amannee?”

“ Abbootiin keenya “namaaf duuti ni xiqqaata” jechuun kan nutti himan hin irraaffatee? As teessee waadaa siif galame hoolaa yoo eegdu namni; Saree si-luuleessee; si-qabee; si-ajjeesu sitti erga. San irra, ka’ii naannoo kanaa ni deemnaa!” jedheeni sardiidoon biraa.

“Homa miti nan tura, nu lamaan keessaa eenyu akka dhugaa ta’e ni ilaalla. Namni saree fidee yoo dhufe fageenyatti ilaalluun, kaannee jalaa bahuu dandeenya” jechuun Sardiidichi deebiseef.

Hardha Sardiidoon akkan laga cee’u osoo na gargaaruu baate asitti hin argamun ture. Gargaarsa kanaaf hoola tokko akkan isaa keennuu waada galeefiin ture” Jedhee, namni haadhaa fi obboleessatti hime.

“Sardiidoof hoola tokkoo? Maalii wanta gadhee ta’e dha kan dubbattu! Saree qabadhuu deemi too hari’i” jechuun obboleessi mataa so-sochoose.

“ Maaliif? Hiriyaa (Wadaaja) kootii bar. Laga kan na ceesis isa bar.” Hiriyaa (wadaaja) hari’uun gaarii miti, ta’us immoo hoolaa akka hin

keninneef. San irra naannoo kana akka deemu itti himi. Nu’i namoonni hoolota keenya eeguuf jecha sardiidoo fi beeyilada walfakkaatan ni ajjeefna. Akkanatti yoo itti fufe immoo Sardiiddoowwan du’aniit dhumu.Yoo ta’u baate illee gara tulluu Baale akka deemu itti himi. Firoota isaa kan ta’an Sardiidoowwan diimooleen kan jiraatan achii dha. Sirrii dha, akkuma Sardiidoota diimoolee hantuuta bosonaa Soorachaa (nyaachaa) jiraachuu ni danda’a.” jedhan, hanga amma callisanii kan turan haati.

Page 39: Seenaleewwan kitaaba kana keessatti argaman; Barreesitoota ...art-of-buna.de/Dance_Saron_Dance_Afaan_Oromo.pdfkiyyaa oduu natti odeessaa ture, innis makmmaaksa natti hima. Na kofalchiisa

76 77

Kana jedhanii yoo rawwatan namnii fi obboleesi isaa gara sardiidoon jirutti deemani.

“ Lama taane dhufne; isiniis lama taatanit nu eegdani.” Jedhe namni Sardiidoowwanin.

Waadaa kan naaf galame hoolaan eessaa?”Jedhee gaafate sardiidoon waadaa eeggatu.

“Hiriyaa koo waan tateef hoolaa sii fidee hin dhufne. Garuu gorsa gaarii ta’e sii fideera.”Jedheeni namni.

“ Hiriyuummaan gosa akkamitii dhaa mee?” Dubbii irrattuu, nama irraa maaltuu eeggamaa?” jechuun Sardiidoon lammaffaa (2ffa) haala tuffiin guuttameen dubbate.

“ Tasgabaa’i ! nu’i namoonni jiruun keenya kan hunda’ee hoolota horsiisuu irratti dha. Hoolota keenya kan nyaatan yoo ta’e namoonni adamsanii yoo isin ajjeesan sanyiin keessan ni bada” jechuun namni cimsee kadhate.

“Kanaaf maal wayya jettu; maal haagoonu?” Jedhan Sardiiddoowwan.

“ Gara tulluu (gaarreen) Baalee bahaa. Achi ilmi obboleessa keessanii Sardiidoo diimaan achi jira.

Akkuma isaa, achi baayyinaan kan jiraatu, Hantuuta bosonaa soorachaa jiraachuu ni dandeesu.” Sardiiddoowwan lamaanu waliin dubbatani, dubbicha irratti waliigalani.Tulluun Baalee eessatti akka argamu waan hinbeekneef, tasuma karaa saniin kan darbaa turan Obboleewwan Gadamsaa fi (Bush buck) Karkarroon akka argaman obboleesi issaanitti hime.

“Garaa isaanitti dhufaa ossoo jiranu, muka jala yoo boqotan isaan argeera. Koottaa eessa akka jiran isinitti argisiifna. Isaan hordoftanii yoo deemtan tulluu Baale ni geessu” jedheeni.Yeroo san irraa eegalee, Sardiidoon tulluu Baalee irra akka ilma obboleesa Sardiidoo diima, hantuuta bosonaa soorachaa jiraachuu eegale.

Page 40: Seenaleewwan kitaaba kana keessatti argaman; Barreesitoota ...art-of-buna.de/Dance_Saron_Dance_Afaan_Oromo.pdfkiyyaa oduu natti odeessaa ture, innis makmmaaksa natti hima. Na kofalchiisa
Page 41: Seenaleewwan kitaaba kana keessatti argaman; Barreesitoota ...art-of-buna.de/Dance_Saron_Dance_Afaan_Oromo.pdfkiyyaa oduu natti odeessaa ture, innis makmmaaksa natti hima. Na kofalchiisa

Seenaleewwan kitaaba kana keessatti argaman;

Barreesitoota kitaaba daa’imman

Etiyoophiyaatiif; Bara 2004, Instiituutii GOETHE,

Addis-Aababaa; Biyya jarmanitti, Iraanittiin

barreesituun kitaaba ijoolleewwanii

Naasiriin Ziigee; mana hojii (workshopii) gama

isheetiin kenname san irraa ka’uun kan

barreefamanii dha.