Upload
others
View
145
Download
0
Embed Size (px)
Citation preview
1
Jiildi 1ffaa
Qophii: Jibriil Abdalla (Sammubani.com)
2
QABIYYEE
Siirah (Seenaa Nabii Muhammad (Saw))-Seensa ....................................................................... 4
Nabii Muhammad (Saw) Ergamuun Dura Jaarraa 6ffaa Keessa Haala Addunyaa (Zamana Wallaalumma (Jaahiliyyah)) ...................................................................................................... 10
1-Motummoota Gurguddoo Addunyaa Jaarraa 6ffaa ........................................................... 11
2-Haala ummata Hindii, Awrooppaa fi Arabaa ..................................................................... 12
Jaarraa 6ffaa keessaa haala Amantii Addunyaa .................................................................... 16
Nabii Muhammad (SAW) Maaliif Araboota irraa ergaman? .................................................... 21
Gosoota Arabaa Yeroo Durii Makkaa Fi Naannawa Ishii Turan .............................................. 27
Gosa Qureesh ........................................................................................................................... 27
Makkaan Keessatti Sanama (Taabota) Gabbaruun Akkamitti Jalqabamee? ....................... 28
Seenaa Warra Arbaa (As’haabul Fiil) ........................................................................................ 32
Sanyii Nabiyyii (Sallallahu Aleyh Wassallam (Saw)), Dhaloota fi Guddinna .......................... 39
Dhaloota Nabiyyii (Saw) ......................................................................................................... 40
Dubartoota Nabiyyii(Saw) Harma Hoosisan ......................................................................... 40
Haliimaa As-Sa’diyyah ........................................................................................................ 41
Du’a Haadha Nabiyyii (Saw), fi Nabiyyiin Akaakayyuu Isaa Jalatti Guddachuu Ergasii Abbeeraa Isaa Jalatti ............................................................................................................... 46
Hojii Tiikaa Irratti Bobba’uu ................................................................................................... 51
Eeggumsa Rabbiin Nabiyyiif Godhee ..................................................................................... 57
Nabiyyiin (Saw) Khadijaaf Daldaluu fi Ishii Fuudhuu .............................................................. 63
Ka’aba Ijaaru Keessatti Hirmaachuu .......................................................................................... 67
Nabiyyummaa Muhammad (Saw) Fudhachuf Qophii Namootaa ............................................ 69
Nabiyyiin Ergamuun Dura Haalli Namoonni Irra Gahan ...................................................... 75
Mallattoolee Nabiyummaa Nabiyyiin (Saw) Argan .................................................................. 78
Bu’iinsa Wahyii Fi Daaw’aa (Waamicha) Dhoksaa ................................................................... 78
Yeroo Jalqabaatiif Nabiyyi (Saw) Irratti Wahyiin Bu’uu ...................................................... 78
Abjuu Gaarii ............................................................................................................................. 79
Yommuu Haqni Goda Hiraa Keessatti Itti Dhufu .................................................................. 80
Marsaalee Da’awaa Nabiyyii (Saw) ........................................................................................... 84
Da’waa (Waamicha) Dhoksaa (Ad-Da'watu Sirriyatu) ........................................................ 84
Jalqabamuu Da'waa Iccitii .................................................................................................. 87
Mana Al-Arqam Ibn Abi Al-Arqam (Daarul Arqam) ......................................................... 96
3
Amaloota Sahaabota Jalqabaa Nabiyyii (Saw) .................................................................. 97
Amaloota Armaan Olii Argachuuf Wantoota Sababa Ta’an ................................................ 102
1-Seera Rabbii Hubachuu fi Itti Buluu ............................................................................. 102
2-Amanti Sirreessu ............................................................................................................ 103
3-Qur’aana Keessatti Ibsa Jannataa fi Bu’aa Inni Sahaabota Irratti Fide ...................... 104
4-Qur’aana keessatti ibsa Jahannami fi dhiibaa (bu’aa) inni Sahaabota irratti fide .... 107
5-Qadaa fi Qadaratti Amanuu fi Bu’aa Sahaabota Irratti Fide ........................................ 108
6-Sahaabonni Haqiiqaa (Dhugummaa) Namaa Beeku ................................................... 110
Da’waa (Waamicha Gara Islaamaa) Ifaa .............................................................................. 112
Wantoota Barbaachisoo Mushrikoonni Fudhachuu Didanii Fi Faalleessan ..................... 115
Da’watti Duuluuf Tooftaalee Mushrikoonni Fayyadaman ................................................. 143
Azaa (Rakkoo) Nabiyyii (Saw) fi Sahaabota Irra Gahee ......................................................... 149
Hikmaa (Ogummaa) Makkaan Keessatti Waraana Banuu Irraa Of Qusachuu Keessa Jiru fi Nabiyyiin (Saw) Ijaarsa Keessaa Jabeessu Irratti Xiyyeefachuu ........................................... 170
Isiniif Amanti Keessantu Jira, Anaafis Amanti Kiyyatu Jira ................................................ 177
Nabiyyummaa Booda Gara Dhuma Waggaa 7ffaatti Uggurri Dinagdee fi Hawaasummaa .. 182
Godaansa Gara Habashaa ......................................................................................................... 186
Bara Gaddaa fi Qormaata Xaa’if ................................................................................................ 202
Al-Israa’a Wal-Mi’araaj- (Halkaniin Gara Al-Quds Deemu Ergasii Gara Samii Ol-Bahuu)-Kabajuu Fiixee Ol’aanaa İrra Gahe ........................................................................................... 205
4
Siirah (Seenaa Nabii Muhammad (Saw))-Seensa Dhugumatti Faaruun hundi kan Rabbiiti. Isa ni faarsina, ni gargaarsifanna,
araarama Isa kadhanna. Sharriwwan nafsee teenyaa fi hamtuwwan hojiiwwan
keenyaa irraa Rabbiin eeggamna. Nama Rabbiin qajeelche kan isa jallisu hin jiru.
Nama Rabbiin jallinna keessatti dhiise kan isa qajeelchu hin jiru. Rabbii
Tokkicha shariika hin qabne malee dhugaan gabbaramaan akka hin jirre ragaa
nan baha. Akkasumas, Muhammad gabrichaa fi Ergamaa Isaa ta’uu ragaa nan
baha.
ها ﴿ ي
أ ين ٱي ٱءامنوا لذ قوا ٱ تذ للذ سلمون ۦحقذ تقاته نتم م
ل تموتنذ إلذ وأ ﴾١٠٢و
“Yaa warra amantan! Sodaa dhugaa Rabbiin sodaadhaa. Muslimoota taatanii
malee hin du’inaa.” Suuratu Aali-Imraan 3:102
Qajeelcha [fi seenaa] nabiyyi barachuun Muslimoota hundaaf dhimma garmalee
barbaachisaa ta’eedha. Kaayyoolee baay’ee galmaan gaha. Isaan keessaa ijoon:
Namummaa Ergamaa Rabbii (SAW), hojiwwan isaa, dubbiwwan isaa fi wantoota
inni mirkaneesse beekun Isatti hidhachuu. Muslimni akka nabiyyi (SAW) jaallatu
taasisu. Nuti yeroo Nabiyyiin Qureeshotatti daaw’a godhuu bira hin jirru. Kanaafu,
akkamitti osoo isa hin beekin isa jaallachuu dandeenyaa? Kanaafu, karaan tokkichi
nabiyyi (SAW) itti jaallatanii fi hordofan seenaa isaa (siiraa) barachuudha.
Seenaa Nabiyyii barachuu fi qo’achuu keessa, Nabiyyiin abbaa manaa akkami,
hogganaa akkamii, bulchaa akkamii, barsiisaa akkamii, abbaa murtii akkamii,
daa’i akkami, Zaahida akkamii akka ture beekna. Haala fi eenyummaa keenya
osoo adda hin baasin hundi keenyayu seena Nabiyyii qo’achuu irraa faaydaa
guddaa arganna. Daa’in (namni gara Islaamatti namoota waamu) maloota,
marsaalee daaw’aa, marsaalee hundaaf karaa sirrii hordofuu qabu seenaa Nabiyyii
(SAW) keessatti ni argata. Seenaa kanarraa wanti daa’in fayyadamu: namootaan
akkamitti akka wal qunnamuu fi Islaamatti waamu, Nabiyyiin (SAW) jecha Rabbii
oltaasisuuf humna guddaa akka baase itti dhagahamu, gufuwwanii fi rakkoolee isa
qunname akkamitti akka too’ate, rakkoolee cimaa fi fitnaa fuundura dhaabbanni
sirriin maal akka ta’e ni barata.
Barsiisaan-manatti ykn mana barnootatti ijoollee barsiisus seenaa Nabiyyii (SAW)
keessatti nabiyyiin dhaloota hawaasa Musliima seenaa guddaa hojjatan akkamitt
akka barsiise fi guddise ni barata. Dhaloonni jalqabaa harka nabiyyii irratti
baratanii fi guddatan dhaloota hundarra gaarii ta’anii fi seenaa eenyullee hin
hojjatin hojjatanii kan darbaniidha. Bahaa dhiya addunyaa keessatti adli
(haqummaa) babal’isan.
5
Hogganaan waraanaas seenaa Nabiyyii keessatti (SAW) sirna jabaa wal qabate,
tooftaa garmalee gadi fagoo fi cimaa ta’e, loltuu fi ummata karaa adda addaatin
hogganu ni argata. Nabiyyiin (SAW) akkamitti haqaan akka hojjatu, ummata
muslimaa tokko godhe fi hawaasa keessatti namoota gadhee akka munaafiqota
waliin akkamitti akka jiraate ni barata.
Ammas aalimman (hayyoonni), Qur’aana hubachuuf seenaa nabiyyii (siiraa)
qo’achuu qabu. Sababni isaas, seenaan Nabiyyii wanta Qur’aana keessa jiru hojiin
agarsiisa, sababa aayan itti buute ibsa, aayata baay’ee ifa godha. Kanaafu, kuni
hundi Qur’aana hubachuu, murtiwwanii fi barnoota isa keessaa baasuu irratti isaan
gargaara.
Ammas, daldalaan siiraa irraa kaayyoo daldalaa, karaa fi sirna itti daldalan barata.
Namoonni rakkoolee fi qormaata adda addaan qoramaniis obsaa fi gadi
dhaabbannaa guddaa sadarkaa ol’aanaa baratu. Karaa daaw’a Islaamaa keessatti
jabeenyi isaanii ni jabaata, Rabbiin irratti hirkachuun isaanii ni guddata, xumurri
gaariin warroota taqwaa qabaniif akka ta’e ni mirkaneefatu.
Ummanni siiraa keessatti adaba (naamusa) ol’aanaa, amaloota faarfamoo, amantii
qulqulluu, ibaadaa sirrii, qulqullinna qalbii, karaa Rabbii keessatti qabsoo
jaallachuu, karaa Isaa keessatti shahiidummaa (wareegamaa) barbaadu fi kan biroo
baratu. Kanaafi, Ali bin Husseen (Rahimahullahu) akkana jedha: “Akkuma
Qur’aana irraa suurah (boqonnaa) barannu duula Nabiyyis (SAW) barachaa turre.”
Ammas, Ismaa’il bin Muhammad bin Sa’d bin Abi Waqqaas akkana jedha:
“Abbaan kiyya duulaa Ergamaa Rabbii (SAW) nu barsiisaa fi nutti lakkaa’a ture.
Akkanas jedha: tuni hambaa abbooti keessaniiti, kanaafu yaadannoo ishii hin
gatinaa.” (Bidaayata wa nihaaya-2/242-Ibn Kasiir)
Siiraa nabiyyii barachuun ummata barsiisu fi motummaa ijaaru keessatti karaa
Islaama fi Muslimoota ittiin jabeessan beekuuf hayyoota, hoggantoota fi abboota
murtii ni gargaara. Guddinnaa fi kufaatiif wantoota sababa ta’an baru. Nabiyyiin
akkamitti hawaasa Musliima akka ijaaranii fi tokko taasisan, mushrikoota fi
kaafirotatti akkamitti akka duulee, Makkah gara Madiinah Hijraa (godaansa)
tooftaa sirrii akkamitti akka baase ni barata. Kuni hundi diinatti akkamitti akka
duulanii fi akkamitti diina jalaa akka bahan nama barsiisa. Siiraa keessaa barnoota
himame hin dhumneetu jira.
Gabaabumatti ummata Muslima kanaaf dachii keessatti haala mijeessun,
injifannoo fi jabeenyi isaaniif deebi’uu kan danda’uu qajeelcha Nabiyyii (SAW)
yoo hordofaniidha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
6
“Jedhi, “Rabbiif ajajamaa, Ergamaafis ajajamaa. Yoo garagaltan, isarra
wanta baachifame qofatu jira, isin irras wanta baachifamtantu jira. Yoo
isaaf ajajamtan, ni qajeeltu. Ergamaa irra itti geessu ifa ta’e malee homtu
hin jiru.” Suuratu An-Nuur 24:54
Kana jechuun wanta Rabbiin subhaanahu wa ta’aala itti isin ajaju hojjadhaa, wanta
Inni irraa isin dhoowwu irraa fagaadhaa. Akkasumas, wanta Ergamaan Rabbii
(SAW) itti isin ajaju hojjadhaa, wanta inni irraa dhoowwu irraa fagaadhaa. Kana
keessa qooda guddaa fi gammachuuf milkaa’inna keessantu jira. Garuu Rabbii fi
Ergamaa Isaatiif ajajamuu yoo diddanii fi irraa garagaltan, “isarra wanta
baachifame qofatu jira.” Kana jechuun itti gaafatamummaa fi dirqamni Ergamaa
irra kaa’ame ergaa Rabbii ummatatti geessu qofa. “isin irras wanta
baachifamtantu jira” kana jechuun ergaa kana fudhachuu, ulfeessu (ol-
guddisuu) fi akka inni ajajuutti hojjachuudha. (Tafsiir ibn Kasiir 5/560)
“Yoo isaaf ajajamtan, ni qajeeltu.” Kana jechuun Ergamaa Rabbiif yoo
ajajamtan hojii fi dubbiin gara daandii qajeelatti ni qajeeltu. Isaaf ajajamu malee
karaan biraa qajeelinnatti isin geesu hin jiru. Kanaan alatti qajeelinna argachuun
waan hin danda’ameedha. “Ergamaa irra itti geessu ifa ta’e malee homtu hin
jiru.” Kana jechuun itti gaafatamummaan Ergamaa Rabbii irra jiru haala ifa ta’een
ummatatti ergaa Rabbii (Subhaanahu wa ta’aalaa) geessudha.
Aayanni armaani olii milkaa’inni nabiyyi (SAW) hordofuu keessa akka jiru ifa
gooti. Muslimoonni guddinna, badhaadhinnaa fi tasgabbii galmaan gahuuf yoo
dharra’an aayanni armaan gadi lamaan ulaagaalee muraasaa isaan guutuu qaban
dubbatu.
7
“Isin keessaa kanneen amananii fi hojii gaggaarii hojjatan, akkuma warroota
isaan dura darban bakka buuse dachii keessatti bakka isaan buusuu, amanti
isaaniif jaallatte isaaniif mijeessu fi sodaa isaanii booda nageenyatti isaaniif
jijjiruu Rabbiin waadaa galee jira. Isaan Ana gabbaru, homaa Natti hin
shaarrakan (hin qindeessan). Sana booda namoonni kafaran, warri suni
isaanumatu finciltoota. Akka rahmanni isiniif godhamuuf salaata sirnaan
salaataa, zakaas kennaa, Ergamaafis ajajamaa.” Suuratu An-Nuur 24:55-56
“amanti isaaniif jaallatte isaaniif mijeessu” jechuun Islaama isaaniif jaallate
amanti hundaa ol gochuu fi ifa baasudha. Ergamaan Rabbii fi sahaabonni isaa
ulaagaalee dachii keessatti jabeenyaa fi humna argachuu guutanii jiru.
Ulaagaaleen kunniin: haala sirrii ta’een amananii jiru, gosoota hojii gaggaarii
kamiyyuu hojjatan, jireenya isaanii guutuu keessatti Rabbiin qofa gabbaran, gosa
shirkii kamiyyuu itti duulanii jiru.
Yommuu isaan ulaagaalee kanniin guutan, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa
Nabiyyii fi sahaabota dura akkuma Fira’awna balleessuun banii Israa’il dachii
keessatti bakka buuse, Nabiyyii fi hordoftoota isaas, dachii keessatti bakka buuse
jira. Magaalaa Makkaa harka Mushrikootati buusun Nabiyyi irratti moosise.
Nabiyyi booda sahaabonni biyyoota adda addaa banuun Islaama babal’isan. Yeroo
jalqabaaf Islaamni Makkaan keessatti yommuu labsamu Muslimoonni lakkoofsan
baay’ee xiqqoo waan ta’aniif sodaa guddaa keessa turan. Rabbiin sodaa kana isaan
irraa oofun nageenya isaaniif kenne. Yommuu isaan ulaagaalee isaan irraa
barbaadamu guutan, Rabbiin waadaa Isaa ni guuteef. Haaluma kanaan, hanga
Qiyaamatti namoota ulaagaalee kanniin guutan, Rabbiin waadaa kana ni guutaaf.
Muslimoonni yeroo ammaa saboota addunyaa hogganuu irraa wanti duubatti
isaan hanbise, ergaa Rabbii isaanii waan dagatanii fi bakka isaatii waan gadi
buusaniifi. Beekumsaa fi hojiidhaan akka horofaa saamunaa ta’an. Dadhabbinni
iimaanaa, gogiinsi ruuhi, jigiinsi yaadaa, dhiphinni nafsee, jeeqamuun sammuu fi
8
kufaatin amalaa (akhlaaqaa) Muslimoota muudate kuni sababa bakki duwwaan
Qur’aana kabajamaa, qajeelcha nabiyyii, Kalifoota qajeelfamanii fi ummata
jidduutti uumameeni.
Gabaabumatti kallattii jireenyaa kamiiniyyuu Nabiiyyiin (SAW) fakkeenya
hundarra gaarii (best role model) namaaf ta’u. Jecha keenyarra jechi Qur’aanaa
kana caalaa ibsa:
قد كن لكم ف رسول ﴿ ٱلذ سوة حسنة ل من كن يرجوا للذ
ٱأ لوم ٱو للذ ٱوذكر ألخر ٱ ﴾٢١كثريا للذ
“Dhugumatti nama Rabbii fi Guyyaa Aakhiraa kajeeluf ammas Rabbiin
baay’isee yaadatuuf Ergamaa Rabbii keessa hidhannaa (fakkeenya) gaariitu
isiniif jira.” Suuratu Al-Ahzaab 33:21
Ergamaa Rabbii (SAW) tti hidhachuuf seenaa isaanii (siiraa) beekun garmalee
barbaachisaadha. Umriin ijoollummaa nabiyyii, ijoolleef fakkeenya gaarii ta’a.
Umriin dargaggummaas dargaggootaaf fakkeenya gaaridha. Marsaalee umrii
kamirrayyuu namoota jiraniif fakkeenya gaariidha. Siiraan Nabiyyii (SAW)
Arabiffaan baay’ee barreefame jira. Ingiliffaa fi Afaanota addunyaa birootinis
barreefame jira. Garuu gara afaan keenyaatti yommuu dhufnu siiraan Afaan
Oromootiin haa barraa’u malee dubbistootaaf wanta barbaadamu kennuufi hin
danda’u. Kuni isaan ajiifachuu fi ifaaje isaanii tufachuufi miti. Barreesitoonni
siiraa Afaan Oromootin barreessan hanga danda’an ifaajani jiru. Jazaakumullahu
kheyran jennaan. In sha Allah wanta hanqatee itti guutuu fi barnoota siiraa irraa
baratamu kutaa kutaan qoodun hanga danda’ame seenaa warqii kana kitaabban
beekkamo fudhatama argatan irraa ni dhiyeessina. Seenaa kana bakka afuritti
qoonne ilaalla.
1ffaa- Nabiyyin ergamuun dura jaarraa 6ffaa keessa haala addunyaa (Zamana
Wallaalumma (Jaahiliyyah))
2ffaa- Dhaloota Nabiyyii dura wantoota adeemsifaman
3ffaa- Dhaloota booda: Daa’imummaa irraa hanga Nabiyummaatti
4ffaa- Nabiyummaa irraa hanga du’aatti
Laa hawla walaa quwwata illaa billah
Kitaaba wabii seensi kuni irraa fudhatame
As-Siiratu Nabawiyyati--fuula 5-9, Alii Muhammad Sallaabi [Arabic]
Noble Life of The Prophet [English]
9
10
Nabii Muhammad (Saw) Ergamuun Dura Jaarraa 6ffaa Keessa Haala Addunyaa (Zamana Wallaalumma (Jaahiliyyah))
Addunyaan wantoota wal faalleessan lamaan tan guuttamteedha. Ifa fi dukkanni,
adii fi gurraachi, mu’minaa fi kaafirri, fi kkf wantoota wal faallessaniidha. Seenaa
dhala namaa keessatti nabiyyoonni ifa beekumsaa namootaaf ibsuun dukkana
namarraa oofu. Yeroma Nabiyyoonni kunniin du’anii fi hordoftoonni isaanii itti
gaafatamummaa isaanii bahuu dhiisan, dukkanni wallaalummaa fi zulmii
addunyaa haguuga. Seenaa keessatti, nabiyyoonni dukkana kana oofan yeroo adda
addaa ni bahu. Wal-duraa duubaan yeroo isaanii eeggatanii erga dhufanii booda
Nabiyyiin xumuraa Nabii Muhammad (SAW) dhufuun addunyaaf ibsaa guddaa
ta’anii jiru. Ibsaa kana dura haalli addunyaa jaarraa 6ffaa maal akka ture beekun,
gatii nabiyummaa, maaliif akka ergamee fi jijjirama inni fide salphatti akka
hubannu nu taasisa. Waa’ee kana osoo hin beekin cal’isne dhaloota nabiyyii irraa
yoo kaane rakkoodha. Kanaafi, hayyuun beekkamaan Abul Hasan Nadawii akkana
jedha:
“Dubbisaan taatewwanii fi murtiwwan kitaabban siiraa (seenaa Nabiyyii) keessatti
argu hubachuu hin danda’u, haala hawaasummaa, diinagdee, siyaasaa, uumamaa
fi teessuma lafaa biyya tanaa fi naannawa ishii, wanta hawaasni irraa ijaarramee fi
qileensa baramaa, walitti dhufeenya isaanii, hijra fi Islaamni babal’achuun dura
aadaa fi haala waliin jireenyaa ummataa yoo beeke malee. Dubbisaan kana hunda
yoo wallaalee fi kitaabban siiraa keessatti adeemsa yoo jalqabe, akka waan holqa
keessa deemaa jiru isatti fakkaata. Holqa keessatti waan naannawa isaa jiru hin
argu. Dhimma irraa homaa quba hin qabu.
Haaluma kanaan, mootummoota yeroo sanii fi biyyoota ollaa [yoo wallaale], balaa
guddaa daaw’an Islaama deebisee fi humni guddaan isaaf ifa hin ta’u. Hamma
mootummoota naannawa san jiran Islaamni dubbise, Nabiyyiin (SAW) ergaa
isaatti akka amananii fi murtii Islaama akka fudhatan waame, qaroominna isaan
irra gahan, humna waraanaa fi badhaadhinna, irree fi aangoo mootummoonni kuni
itti fayyadamaa turan yoo beeke malee [wareegaa fi humna guddaa Nabiyyii fi
sahaabonni isaa kafalan beekuu hin danda’u].”1
Kanaafu, seenaa Nabiiyyitti seenun dura haala mootummoota yeroo sanii, haala
amanti, haala hawaasummaa fi teessumma lafa Arabiyaa beekun nu barbaachisa.
Kuni hundi barbaachisummaa Nabiyyii akka hubannuu fi gaafii guddaa,
1 Siiratu Nabawi- fuula 49, Abul Hasan Nadawi
11
“Nabiyyin xumuraa (SAW) maaliif Makkaa fi Araba keessaa filatame?” jedhuuf
deebii akka argannu nu taasisa.
Kutaa kana bakka sadiitti qoodun ilaalla: Isaanis: (1)-Mootummoota Gurguddoo
yeroo sanii, (2)-Haala ummata Hindii, Awrooppaa, Arabaa fi (3) haala
amantiiwwan yeroo sanii
1-MOTUMMOOTA GURGUDDOO ADDUNYAA JAARRAA 6FFAA
Jaarraa 6ffaa yommuu jennu Nabii Muhammad (SAW) dhalachuu fi ergamuun
dura akka lakkofsa Awrooppatti baroota 500 keessa. Yeroo kanatti
mootummoonni bebbeekamoon gurgudoon addunyaa lama. Isaanis: Impaayara
Roomaa fi Impaayara Pershiyaa (Iraan). Impaayara jechuun mootummaa lafa
bal’aa qabatee fi biyyoota baay’ee too’atedha.
1.1 Impaayara Roomaa Impaayarri Roomaa impaayara bahaa "impaayara Bezantaayin" jedhamun kan
beekkamuudha. Biyyoota akka Giriik, Balkaan, Eeshiyaa, Sooriyaa, Filisxeem,
Ijibt fi Kaaba Afrikaa guutuu bulchaa turan. Magaalan guddittiin isaanii
Konistantipol (Istanbul yeroo ammaa) turte. Impaayarri Roomaa kuni
mootummaa zaalimaa (cunqursaa guddaa raawwatu)fi ummata bulchuu garmalee
kan hacuucu ture. Akkuma beekkamu yoo humni alaa biyya tokko qabatu,
jiraattota biyya sanii too’anna jala oolchuuf tooftaaleen badaan inni hin
fayyadamne hin jiru. Mootummonni abbaa irree kunniin ummata bulchaniif
mararfannaa wayitu hin agarsiisaniif. Ummanni Sooriyaa liqaa isaanii kafaluuf
hanga ijoollee isaanii gurguruu gahanitti rakkoon diinagde impaayara Roomaa
jalatti garmalee itti cime.
Ijibtis cunqursaa amantii fi siyaasa jalatti kufuun hanga Bezantayinonni
(Romaanonni) akka hoolaa elmamtu godhan gahanitti haalli jireenyaa itti cime.
Kana jechuun wanta ummanni Ijibt qabuu irraa fudhatu ykn isaanitti ni
fayyadamu, garuu mirga isaanii ni sarbu.
Gama biraatin hawaasni Roomaa wal faalleessuu fi jeequmsa guddaan kan
guuttameedha. Kitaaba “Qaroominna Darbee fi Ammaa” jedhu keessatti jechi
kuni dhufee jira:
“Jireenya hawaasumma Bezantaayin keessatti jeequmsaa fi wal faallessuu
guddaatu ture. Amantin sammuu isaanii keessatti hidda qabatee jira,
moloksummaan kan babal’ateedha. Biyyatti keessatti namni aadaan (tara saw)
qorannoo amanti keessatti garmalee kan gadi lixuu fi falmii Bezantayiinin kan of
12
ko’oomsu ta’e. Gama biraatin ummanni wanta faaydaa hin qabnee, taphaa,
bashannanu fi badii keessatti taruun kan haguuggamaniidha…”2 (Civilisation,
Past and Present, fuula 261-262, By T.Walter Wallbank and Alastair M.Taylor,
1954)
1.2 Impaayera Pershiyaa (Iraan)
Impaayerri Pershiyaa impaayara Bezantayin caalaa guddaa fi humna cimaa qabaa
ture. Amantin kijibaa akka Zorostrayinismi fi Misraayism lafa Pershiyaa
keessatti kan babal’ataniidha. Amanti Misraayismi (maaniyya) jaarraa 3ffaa
keessa nama Maani jedhamutu hundeesse. Ergasii jalqaba jaarraa 5ffaa amantin
Mazdakiyyah wanta badaa hunda hayyamu mul’ate. Kanarraa kan ka’e, fincilli
qotee bultootaa ni babal’ate, saamtonni mana dureeyyi seenun ni saamu.
Dubartoota ni qabu ykn ni hidhu, qabeenyaa fi manneen ni too’atu. Lafti, qonni
fi manneen akka waan duraan homtu keessa hin jiraanne ta’an. Sababni isaas,
qotee bultoonni waan irraa dheessaniif lafa kana kan qotu hin jiru.
Moottonni isaanii dhaalan bulchu. Ilmaan Aadami ol bakka guddaa kanneen of
kaa’anii fi garmalee mufsidoota (balleessaa kan babal’isan) turan. Sababni isaas,
sanyii gooftaa isaanii akka ta’anitti of ilaalu. Wanti Pershiyaa keessatti oomishame
hundi qabeenyi mootota ta’a. Ergasii haala hin yaaddamneen qisaasessu daangaa
darbee qisaasessu. Qotee bultoonni baay’een takkaa gibira humnaa olii sodaachun
takkaa immoo loltummatti seenu irraa sodaachuun lafa isaanii gatanii iddoolee
waaqefannaatti baqatan. Lolli impaayara Pershiyaa fi Roomaa jidduutti yoo
baname mootumman pershiyaa kuni ummata isaa kaayyoo ofii gahuuf itti
fayyadama. Lola ykn waraana kanarraa ummanni homaa hin fayyadamu. Kan
fayyadamu mootii qofa.
2-HAALA UMMATA HINDII, AWROOPPAA FI ARABAA
2.1 Ummata Hindi Islaamni dhufuun dura naannawa jaarraa 6ffaa keessa Hindiin wallaalumma
keessatti tan tarteedha. Gochoonni fokkuun jirraattota hindiitiin akka qulqulluutti
ilaallaman manneen waaqefanna keessatti raawwatama turan. Dubartoonni gatii
fi kabaja homaatu akka hin qabnetti ilaallamaa turan. Dubartii abbaan manaa
irraa du’e gubuun aadaa ta’uun ummata kana keessa babal’ate jira. Dhiirsi ishii
erga du’ee booda yoo jiraatte, kan biraatti heerumuun ishii irratti haraama
(dhoowwamaa) dha. Hindin addunyaa irraa kophatti bahuun gara wallaalumma
2 Madda olii- fuula 70
13
guddaatti geesse. Jiraattoonni biyyatti seeraa nyaata ofirratti jabeessan (Fkn,
foonii fi oomisha horii soorachu dhiisu. Biqiltoota qofa nyaatu).
Sadarka hawaasummaa yoo ilaalle, warroonni amanti seera baasan jiraattota
biyyatti sadarkaalee afuritti qoodu:
Sadarkaa 1ffaa- Raagdu fi namoota amantii. Isaan kuniin “Baraahama”
jedhamu.
Sadarkaa 2ffaa- Dhiirota waraanaa fi loltoota. Kunniin, “Shatraa” jedhamu
Sadarkaa 3ffaa- Qotee bultootaa fi daldaltoota. Kunniin “Vaysyas” jedhamu
Sadarkaa 4ffaa- Tajaajiltoota,hojjattootaa fi gabroota- Kunniin “Sudras”
jedhamu. Kunniin sadarka hundarra sadarkaa gadi aanoo ta’aniidha. Khaaliqni
Warroota kanniin namoota sadarkaa 1ffaa, 2ffaa fi 3ffaa tajaajiluuf malee wanta
biraatiif hin uumne jechuun kijibu.
Seerri kuni Baraahamaf bakka ol’aanaa eenyullee isaan waliin hin hirmaanne
kenneefi jira. Baraahaman nama isaaf araaramni godhame. Badii fedhe yoo hojjate
hin adabamu. Warri “Sudras” jedhaman immoo mirga qabeenya horachuu ykn
kuufachu hin qaban. Baraahama waliin taa’u ykn harkaan isaan tuquu ykn
kitaabban qulqulluu barachuu hin danda’an.
Dhugumatti, Hind haala badaa keessa turte. Bulchitoonni dhibbaatamatti
lakkaawaman ni jeequ, waraanni fi wal dorgoommin biyyatti garmalee
dadhabsiisee. Jeequmsi, bulchiinsi badaan fi nageenyi dhabamuun biyyatti kan
haguugedha. Yuniversitii hindii keessaa tokotti barsiisaa fi barreessaan seenaa
Hindii tokko waa’ee yeroo durii seensa Islaamaa gara Hind ilaalchise akkana
jechuun dubbata:
“Ummanni Hindi addunyaa irraa kan citanii fi kophatti kan bahaniidha. Haala
addunyaa ilaalchise homaa quba hin qaban. Wallaalummaan kuni sadarkaa
isaanii ni dadhabsiise. Isaan keessatti gogiinsi ni guddate, mallatooleen kufaatii fi
badiinsa isaan keessatti ni mul’atan. Yeroo kana keessatti naamusni lubbuu kan
hin qabne ture.
Hawaasni hindii duubatti hafaa fi gogaa ture. Sadarkaalee hawaasaa fi maatii
keessa garaagarummaa fi addaan bahiinsa guddaatu ture. Dubartii dhiirsi irraa
du’eef akka heerumtu hin hayyaman. Nyaata fi dhugaati keessatti garmalee of
irratti jabeessu. Warroonni hawaasa irraa badhetti darbaman, biyyaa fi magaalaa
irraa fagaatanii daangaa irra jiraatu.” (Muslim Rule in India-Page 33 by
Vidyadhar Mahanan (New Delhi 1970))3
3 Madda olii- 77
14
2.2 Awrooppaa
Ummanni Awrooppaa Kaabaa fi Dhiyaan dukkana wallaalumma keessatti taranii
fi waraanaa itti fufaa keessa kanneen jiraatan turan. Qaroominna ilma namaa fi
beekumsa naamusaa irraa kanneen fagaataniidha. Addunyaan haajaa isaanii hin
qabdu, isaaniis haajaa addunyaa biroo hin qaban.
Qaamni isaanii xuraawaa, mataan isaanii hawwii qullaan kan guuttameedha.
Qulqullinnaa fi bishaan fayyadamuu irraa garmalee of qusatu. Isaan keessatti
molokseen qaama ofii miidhu fi namoota irraa dheessu keessatti daangaa gaha.
Dubartiin nama moo beellada, lubbuu yeroo hundaa turtu qabdi moo hin qabdu,
mirga qabeenya horachu, bituu fi gurguruu ni qabdi moo hin qabdu jechuun
qoratuu turan. Robert Briffault akkana jedha:
“Jaarraa 5ffaa irraa kaasee hanga jaarraa 10 ffaatti halkan nama balleessu
Awrooppaa irratti kan dukkanaa’e ture. Halkan kuni dukkanaa fi gurraachinnaan
dabalaa adeeme. Gara jabeenya yeroo durii caalaa gara-jabeenyi yeroo kanaa
garmalee cimaa fi rooressaa ture. Sababni isaas, kuni akka reefa qaroominna
guddaa tortoreetiin wal fakkaata. Mallattoon qaroominna kana barbadaa’e,
badiinsi irratti murtaa’e…” (The Making of Humanity, Page 164)4
2.3 Haala Arabootaa
Nabiyyin rahmataa (SAW) ergamuun dura haalli Arabaas garmalee kan bade
ture. Amalli isaanii kan bade, alkooli dhuguu fi qumaarin kan machaa’aniidha.
Gogiinsi fi garaa jabaachun hanga ijoollee durbaa awwaalan gahanitti isaan
geesse. Shiftaa fi daldaltoota saamun isaan keessa kan babal’ateedha. Sadarkaan
dubartii kan kufeedha. Akkuma meeshaan ykn hoorin dhaalamu ishiinis ni
dhaalamti. Nyaata irraayis dubartii irratti dhoowwamuun dhiira qofaaf kan
hayyamametu ture.
Isaan keessatti gosummaa fi dhiigummaan of tuuluun gogiinsa guddaadha. Hanga
lolli isaaniif bashannanaa fi booharti ta’u gahuutti waraana keessatti kan
lixaniidha. Fedhii lubbuu guutuuf karaa lola itti banan barbaadu. Dhiiga jiigsun
isaan biratti garmalee salphaadha. Wanti baay’ee xiqqoon ibidda waraanaa kaasti.
Waraannis hanga waggaa afurtamaa fa’aa tura. Waraana kana keessatti namoonni
kumaatamatti lakkaawaman ni dhumu.
Gama amalaatin (akhlaaqatinis) yoo ilaalle, isaan keessa dhibee lafa qabatetu
jira. Khamrii (alkooli) dhuguun wanta isaan keessatti garmalee babal’atee fi hidda
qabateedha. Warroonni walaloo walaleessanis araada fi khamrii dhuguu irratti 4 Madda olii-78
15
walitti qabamuu namootaa ilaalchise garmalee dubbatu. Lugaa, hogbarruu fi
seenaa isaanii keessatti khamriin bakka guddaa qabachuun isaan ko’oomsite jirti.
Daldalli khamrii babal’achuu irraa kan ka’e hanga jechi “Tijaarah (Daldala)”
jedhu gurgurtaa khamriitin wal fakkaatu gahe.
Qumaarinis dhaadanna isaanii ture. Islaamni Araba keessa babal’achuun dura
qumaari taphachuun dhaadannoo guddaa ture. Namni qumaari taphachuu
keessatti hin hirmaanne akka salphataa ta’eetti ilaallama.
Hayyuun Qataadaa jedhamu akkana jedha: “Islaaman dura namni tokko maatii fi
qabeenya isaatiin qumaari taphata. Ergasii kan gaddee fi saamame ta’ee gadi
taa’a. Qabeenya isaa harka nama biroo keessa ilaala. Qumaarin isaan jidduutti
diinummaa fi jibba uumaa ture.”
Warri Hijaaz, Arabaa fi Yahuudaan ribaa (dhalaan) dalagaa turan. Isaan keessatti
dhalli kan babal’ateedha. Hanga daangaa darbuutti garmalee dhalaan hojjatu.
Dhalli nama tokkoof waggoota keessatti dachaa ta’uun liqaa caala. Namni tokko
nama biraatirraa maallaqa yoo liqafate, yeroon liqaa yoo gahe, namni maallaqa
liqeesse kuni liqeefataan akkana jedha, “Maallaqa siif liqeesse naaf kafalta moo
naaf dabaltaa?” Yoo wanti kafalu isa bira jiraate ni kafala. Taa’u baannan, gara
waggaa dhufuutti jijjiruun maallaqa irratti dabalee kafalaaf. Fakkeenyaf, santima
yeroo san ittiin daldalan Diinaaraa 500 yoo liqeefate, yeroon itti deebisu yoo
dhumate Diinara 500 fi dinaara hamma ta’e itti dabalee deebisa. Kuni zulmii
guddaa waan ta’eef Islaamni kana hunda ni dhabamsiise ykn ni dhoowwe.
Hanga isaan lubbuun awwaalu gahanitti ijoollee dubaraa garmalee jibbu. Islaamni
dhufuun dura ijoollee dubaraa lubbuun awwaalun wanta gosoota Arabaa keessa
babal’ateedha. Adeemsi Araboota ijoollee lubbuun awwaalu garagara. Gariin
isaanii sababa dubartiitin salphinni na qunnama jedhee sodaachuun jirtuu ishii
awwaala. Gariin immoo gurraatti waan taateef, gariin dhibee waan qabduuf jirtuu
awwaalu.
Yeroo garii sababa abbaan imala deemef ykn ko’oomef osoo jirtu ishii hin
awwaalin intalli hanga of beektu ni guddatti. Wanta nama boochisu waa’ee kana
ni himu. Gariin isaanii qilee fagoo irraa intala ofii darbu. Ammas isaan keessaa
hiyyummaa sodaachun ijoollee ofii kan ajjeesantu jiru.5
Kuni hundi addunyaan nuura (ibsaa) nabiyummaa yoo dhabde hangam dukkana
keessatti akka tartu nutti agarsiisa. Seenaa darbe qorachuun haala namoota
5 Madda olii- 78-83
16
ammaas akka beeknu fi hubannu nu gargaara. Namoonni ammas qaroominna
jechuun wantuma badaa namoonni durii hojjatan irra deebi’anii karaa adda
addaatin hojjataa jiru. Qilee gadii fagoo fi dukkana cillimi ummanni darbe itti tare,
namoonni yeroo ammaa Qur’aanaa fi qajeelcha Nabiyyii irraa fagaatanis qilee fi
dukkana wal fakkaatutti taraa jiru. Inumaa san caalu hin oolu. Cunqursaan,
faahishaan (wanti fokkuun), dhala (ribaa) nyaachun, gara-jabeenyi, ummata
jumlaan fixuuni fi kkf dukkana addunyaan ammaa keessa jirtuudha.
JAARRAA 6FFAA KEESSAA HAALA AMANTII ADDUNYAA
Kutaa darbe irraa itti fufuun haala amanti addunyaa jaarraa 6ffaa keessa ture
ilaalla. Jaarraa kana keessa amantiwwan gurguddoo fi kitaabban durii ilmaan
namaa dukkana keessa ni baasan jedhamanii yaaddaman, namoota fafee fi
munaafiqotaaf taphaa fi baacoo ta’e jira. Biiftuun Islaama guddoon dhooyun dura
dhalli namaa marsaa seenaa keessatti marsaa sadarkaa gadi aanaa keessa jiraataa
turan. Dhimmoota amantii, diinagdee, siyaasaa, hawaasummaa fi jireenya isaanii
guutuu keessatti jeequmsa guddaan rakkachaa turan. Wallaalummaan amantii fi
yaada isaanii kan too’ateedha. Doofummaan, fedhiin qullaan, akka fedhan ta'uun,
badiin, of-tuuluu fi cunqursaan amaloota jaahilliyah (wallaalummaa) ifa bahanii fi
addunyaa namoota too’atan ta’anii jiru.
Amantiwwan samii irraa bu’an jireenya namoota keessatti bu’aa fi dhiibbaa
homaatu kan hin finne ta’aniiru. Sababni isaas, kitaabban samii bu’an kanniin
keessa micciruu fi jijjiran argame jira. Namoonni fedhii ofiitiin wanta kitaaba
keessa hin jirre itti dabaluun ykn irraa hir’isuun kitaabicha jijjiran. Amantiwwan
yeroo san babal’atanii fi sababa adda addaatin gatii dhabuun ilmi namaa dukkana
keessa akka turuuf sababa ta’an mee muraasa isaanii haa ilaallu:
1-Yahuudaa- Amantiin yahuudaa kuufama waaqefannaa fi akkeessaa malee
lubbuu tan hin qabne taate jirti. Amanti sanyii malee wanta biraati miti.
Adduunyaaf ergaa guutuu baadhachuu, sabootaaf waamicha gochuu fi dhala
namaatiif mararfannaan ishii keessa hin jiru. Amanti tana sababa ummata
yahuudan ittiin olloomtee fi bulchiinsa jala turteen dhiibbaan guddaan irra gahe
jira. Yahudoonni ummata ollaa kana irraa aadaa fi akkeessaa wallaalummaa isaanii
fudhachuun amanti ofiitti makan. Barreessitoonni seenaa Yahuuda waa’ee kana ni
amanu. Galmee hiikkaa Yahuudaa (Jewish Encyclopedia) keessatti wanta akkana
jedhu dhufe jira: “Taabota waaqefachuu irratti nabiyoonni dallanuu fi
dheekkamuun, taabota waaqefachuun nafsee Israa’elota keessatti akka lixe
agarsiisa. Amantii dhugaa irratti hin hundoofnee fi shirkii ni fudhatan. [Kitaabni
17
Yahuudaa] Talmudis yahuudan taabota gabbaruutti maxxanuu isaanii ragaa
baha.” (Jewish Encyclopedia, Vol.XII, Page 568-69)6
Nabii Muhammad (SAW) ergamuun dura amantiin yahuuda sadarka gadi aanaa
irra gahee jira. Kitaabban samii bu’an kan yahuudan harka qabduu garmalee
micciramanii fi jijjiramanii jiru. Sababa kanaan, waa’ee Rabbii ilaalchise yaada
sobaa of keessaa qabu.
2-Kiristaanummaa-Kiristaanummaanis yeroo jalqabaa irraa kaasee micciruu
warroota daangaa darbaniin, hiikkaa wallaaltotaatiini fi Roomanota taabota
waaqefataniin qoramte. Micciruun, jijjiramni fi hiikni badaan Kiristaanummaa
keessatti argame tuulaa guddaa barsiisni Iisaa (aleyh salaam) jalatti awwaalamee
ta’ee jira. Rabbiin tokkichoomsu fi hojii Isaaf qulqulleessuun duumessa gurraacha
furdaa kana duubatti dhokatee jira.
Gochoonni shirkii baay’een Kiristaanumma keessatti argamanii jiru. İsaan keessaa
adda dureen silaasen qajeelcha bu’uuraa Kiristaana ta’ee jira. Iyyasuus (nageenyi
isarratti haa jiraatu) namoota gara Rabbii Tokkicha gabbaruutti waamaa ture.
Garuu waaqa baay’ee waaqefachuun (polytheism) namoota inni itti ergame
keessatti kan lixe fi hidda qabateedha. Kanarraa kan ka’e, Iyyasuusin booda
amantiin waaqa baay’ee waaqefachuu maqaa kiristaanummaatin babal’ate jira.
Namni Kiristaanaa tokko lubbuun isaa yoo wareegame, namoonni biroo nama
kanaaf amala waaqaa kennuuf, siidaas isaaf ni dhaabu. Namoonni isaan qiddaase
jedhaniin Kiristaanotaa fi Gooftaa jidduutti akka araarsitootatti ilaallamu.
Barreessan Kiristaanaa tokko waa’ee silaasee ilaalchisee akkana jechuun
dubbata:"Dhuma jaarraa afraffaa irraa jalqabee amantiin silaase addunyaa
Kiristaanaa fi yaada namoota keessatti kan gadi lixee fi akka amantii waligalaa
ta’uun itti fufe. Akkaataa amantiin silaase kuni itti dhufee fi guddatee hanga
walakkaa jaarraa kudha saglaffaatti malee hin beekkamu ture. (Kana jechuun
Kiristaanummaa keessatti amantiin gooftaan sadii garuu tokko ykn silaase
jedhamu akkaata itti jalqabamee fi guddate hin beekkamu ture. Iccitiin isaa
beekkamu fi ifa bahuu kan jalqabe walakkaa jaarraa 19ffaati (bara 1850 booda).”7
Akkuma yeroo ammaa arginu Kiristaanumman ilma namaatiif ibsaa dukkana
keessaa itti bahan ta’uu hin danda’u. Sababni isaas, hundee fi bu’uurri amanti
diigamee fi wal dhayee jira. Hundeen amantii Rabbii Tokkicha gabbaruu fi Isatti
6 Siiratu Nabawi– fuula 60, Abul Hasan Nadawi 7 Madda olii-61
18
waa qindeessu dhiisudha. Kiristaana keessa waa’ee Rabbii, Tokkichummaa Isaa fi
amaloota Isaa ilaalchise wanti ifaa hin jiru. Wanta namaaf hin gallee fi sammuu
namaa dhamaasutu keessa guute. Namni haala sirrii ta’een Rabbii isa uumee yoo
hin beekinii fi itti hin amanin akkamitti dukkana keessaa ifatti bahuu danda’aa?
“Rabbiin Gooftaadha, Iyyaasusis gooftaadha, Gabra’elis gooftaadha, garuu hundi
isaanitu tokko” yommuu jedhan, kuni sammuu namaa hin dhamaasu? Kuni
uumama Rabbiin ilma namaa irratti uumee fi sammuu sirrii waliin deemu waan
hin dandeenyef yaanni silaase kijiba ta’uun ifaan ifatti beekkama. Garuu akkamitti
kiristaanonni kijiba ifa bahe kana akka dhugaatti ilaalun itti amananii? “Afalaa
ya’aqiluun (sila hin hubatanii)?” Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
ه إلذ هو ﴿ إل حد لذ ه و هكم إل ن ٱإول ﴾١٦٣لرذحيم ٱ لرذحم
“Gabbaramaan keessan Gabbaramaa tokkicha. Isa malee haqaan
gabbaramaan hin jiru, [Inni] akkaan mararfataa, rahmataa godhaadha.” Suuratu Al-Baqarah 2:163
Kana jechuun Gooftaan keessan Gooftaa Tokkicha. Inni hiriyyaa, gargaaraa,
fakkaataa fi dorgomaa hin qabu. Dhugaan kan sodaatamu, jaallatamu, garmalee
kabajamu, sagadamuufi qabu, waa hundaa irraa kadhatanii fi kajeelan Isa malee
hin jiru. Iyyasuus gooftaa miti. Sababni isaas, Iyyasuus (nageenyi isarratti haa
jiraatu) ilma namaa waan ta’eef nama fakkaata, dachii fi samii hin uumne, mataa
isaatinu uumamaadha. Uumamaan Uumaa waan hundaa uumuu ta’uu danda’aa?
Makhluuqni (Uumamni) dachii fi samii booda uumame uumaa ykn gooftaa samii
fi dachii ta’uu danda’aa? Kanaafu, Rabbiin Gooftaa keessan Tokkicha kan
ta’eedha. Fakkaataa hin qabu, dachii, samii fi wantoota isaan keessa jiran hundaa
kan uumedha. “Iyyasuus gooftaadha” yoo jettan, mee wanta Iyyasuus uumee nutti
agarsiisaa? Samii, dachii fi ilmaan namaa uumee jiraa? Rabbiin waliin uumee jira
yoo jettan, Rabbiin Tokkicha gargaaraa, fakkaataa fi hiriyyaa kan hin qabneedha.
Qur’aana keessatti: “Jedhi ‘Faaruun Kan Rabbi ilma hin godhatiniiti, Kan
mootummaa keessatti shariika (hirmaataa) hin qabnee fi dadhabbinna irraa
ka’e gargaaraan kan Isaaf hin jirreeti.’ Guddisu Isa guddisi.” Suuratu Al-Isra
17:111 (Rabbiin shariika Isa waliin qooda fudhatuu fi gargaaraa Isa gargaaru hin
qabu. Inni waan hundaa irratti Danda'aadha. Guddisu Isa guddisi-jechuun
amaloota gaggaarii Isaa beeksisuu fi maqaalee Isaa gaggaariin Isa faarsun kabaja
guddaan Isa kabaji.) Wanta kaafironni jedhan irraa Rabbiin qulqullaa’e olta’e.
3-Majuusaa-Jalqaba jaarraa 6faa irraa eegalee amantin Majuusaaa jedhamu kan
babal’ateedha. Majuusaan wantoota uumamaa keessumayyuu ibidda
19
waaqefachuun beekkamu. Manneen ibiddi itti waaqefatamu bakka adda addaatti
ijjaarramanii jiru. Manneen kanniin keessatti namoonni ni sagadu, qajeelfama
jabaa hordofu. Garuu alatti waan fedhan hojjatu. Kanaafu, isaanii fi namoota
amanti hin qabne jidduu garaagarummaan homaatu hin jiru jechuudha. Itti
gaafatamtoonni Majuusaa guyyaatti si’a afur aduu waaqefachuun isaan irratti
dirqama godhame ture. Kanarratti dabalate addeessa, ibiddaa fi bishaan waaqefatu.
Ibiddi gonkumaa akka hin bannee fi bishaaniin wal tuquu irraa akka eegan
dirqamni isaan irra kaa'ame.
Majuusaan Iraan yommuu sagadan gara ibiddaa garagalu. Mootiin dhumaa
Yazdajird jedhamu gaafa tokko aduun kakatee akkana jedhe, “Ani Aduu gooftaa
guddaa taaten kakadha.” Hordoftoonnis dhugaa isaanii mul’isuuf aduu waaqefatu.
Wanti Majuusaa jaarraa fi gadaa hunda keessatti tokko godhu, gooftota lamatti
amanuudha. 1ffaa- Ifa ykn gooftaa kheeyri, 2ffaan immoo “Dukkana” ykn gooftaa
sharriiti.
4-Budihizim- Amantiin kuni immoo Hindi fi jiddu gala Eeshiyaatti hordofamaa
ture. Hordoftoonni Budihizim iddoo deeman hundatti taabota baadhatanii deemu.
Iddoo kamuu yoo qubatan siidaa ni hojjatu, fakkii ni kaasu.
5-Barhamanizim-Amanti Hindi isa duraaniti. Amantin Barhamizim hundee
amanti Hindu’izimiti. Wantoota waaqefatan baay’ee qabaachun amanti
beekkamedha. Shakkii tokko malee Hindu’izimi fi Budihizimin amanti taabotaati.
Wantoota baay’ee gabbaru (waaqefatu).
6- Jaahilliyah Arabaa- Araboonni gadaa durii amanti Ibraahimitti amananii fi
lafa isaanii keessa Manni Rabbii qulqulluun dhaabbate, yeroo Nabiyyiin (SAW)
ergamuu hedutti taabota (sanama) waaqefachun qoramanii jiru. Sababni isaas,
gadaan isaanii gadaa nabiyyummaa irraa waan fagaatef. Arabiya keessatti sanamni
garmalee baay’ate. Shirkii keessatti ol deemun Rabbii gaditti gabbarama baay’ee
godhatan. Gosni hundi sanama ofii qabu. Inumaa hanga manni hundi sanama
gabbaru godhatan gahan. Ka’abaa keessaa fi naannaawa ishiitti gara sanama 360
ture. Dhagaa filatanii waaqefatu, urjiilee, Malaykootaa fi Jinnootas ni waaqefatu
turan.
Naannawa Nabiyyin (SAW) ergamuuf hedutti namoonni addunyaa galaana
taabota gabbaruu keessatti taranii jiru. Miseensi amantii hundaa-Kiristaanumma,
Yahuudaa, Budihizm, Barhama fi Jaahiliyyah Arabaa- kamtu irra taabota akka
qulqulleessu fi ol guddisu arguuf waan wal dorgomaa turan fakkaatu. Akka waan
dirree farda gulufsiisan irratti wal dorgomaniiti.
20
Ergamaan Rabbii (SAW) babal’inna wallaalumma yeroo sanii gaafa tokko dubbii isaanii
keessatti akkana jechuun ibsan:
“Dhagayaa! Gooftaan kiyya wanta har’a kana na barsiise irraa wanta isin wallaaltan akka
isin barsiisu na ajaje jira: Qabeenyi hundi Ani gabrichaaf kenne halaala. Gabroota
Kiyya hundaa hunafaa’a gochuun uume. (Hunafaa’a jechuun uumamaan gara Rabbii
Tokkicha gabbaruutti qajeelu fi shirkii irraa fagaachudha.) Garuu sheyxaanonni itti
dhufanii amantii sirrii isaanii irra dabsan, wanta isaaniif halaala godhe haraama
isaan irratti godhan. Wanta Ani ragaa irratti hin buufne akka Natti shaarrakan
(qindeessan) [sheyxaanonni namoota] ni ajajan.” Rabbiin gara namoota dachii keessa
jiranii ni ilaale. Arabaa fi Araba kan hin taane hundaa ni jibbe, haftee warra kitaabaa
keessaa malee. (hafteen warra kitaaba kunniin warra Tokkichumma Rabbitti amananii fi
Isa qofa gabbaranidha.)” (Sahiih Muslim 2865)
Hadiisni kuni dhalli namaa karaa adda addaatin akka jallatee fi karaa sirrii irraa
akka bahe agarsiisa. Kan akka Rabbiin waliin waan biraa gabbaruu, shari’aa Isaa
achi darbuu, fooyyessitoonni amantii samii irraa bu’anii baduu fi ummata jallinna
keessatti dhiisudha. Kanaafu, hadiisa armaan olii irraa Islaamni amanti haqaa
ilmaan namaa hundi irratti uumaman akka ta'ee fi amantiwwan biroo baaxila akka
ta'an hubanna. Sababni isaas, Islaamni amanti Rabbi tokkicha gabbaru irratti
ijaarramee fi shirkii (Rabbiin waliin waan biraa gabbaruu) garmalee dhoowwudha.
Amantiwwan biroo immoo Rabbii gaditti waan biraa gabbaru irratti waan
hundeefamaniif baaxila. Baaxila jechuun wanta dhugaa (haqa) irratti hin
hundeefamnee fi faayda hin qabneedha. Rabbiin qofa gabbaruun (tawhiinni) haqa
hundarra caaludha. Rabbiin ala waan biraa gabbaruun (shirkiin) immoo baaxila
baaxiloota hundaa caalaa badaa ta'eedha.
ق ٱوقل جاء ﴿ زهق ل ط ٱو طل ٱإنذ ل لب ﴾٨١كن زهوقا لب
"Jedhi, 'Haqni dhufe, baaxilli dhabame. Dhugumatti baaxilli dhabamaa
ta'eera.'" Suuratu Al-Israa 17:81
21
NABII MUHAMMAD (SAW) MAALIIF ARABOOTA IRRAA ERGAMAN?
Siiraa kutaa darbe keessatti haala ummataa fi amantii addunyaa jaarraa 6ffaa
ilaalle turre. Jaarraan kuni jaarra dukkanni wallaalummaa fi zulmii addunyaa
haguugeedha. Karaan tokkichi dukkana kana itti deemsiisan aduun nabiyyummaa
bahuudha. Garuu Nabiyyiin kuni eessaa yoo bahe, dukkana kana salphatti
deemsiisuun danda’amaa? Haala ummataa fi teessuma lafaa bakka Nabiyyiin kuni
keessaa bahuu qorachuun baay’ee barbaachisaadha. Ummata filoosofin guuttame
keessaa osoo nabiyyiin bahee sila filoosofii sani fi yaada badaa qalbii isaanii irraa
haaqun hangam akka ulfaatu mee itti yaadi! Ammas, ummata dabeessaa fi
gootummaa hin qabne keessaa Nabiyyiin osoo bahee silaa akkamitti ummanni
kuni itti gaafatamumma ergaa Rabbii baadhachuun ummata birootti geessu
danda’aa? Ammas, teessumni lafaa handhuura addunyaa irraa kan fagaate fi
addunyaa biroo dhaqqabuuf kan ulfaatu yoo ta’e, nabiyyin bakka akkanaati yoo
bahee akkamitti ergaa kana addunyaatti geessun danda’amaa? Kanaafu, ifa
nabiyummaa addunyaa ibsu kanaaf bakka sirrii filachuun barbaachisaadha.
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
“Rabbiin ergaa Isaa eessa akka kaa’u hunda caalaa beeka.” Suuratu Al-
An’aam 6:124
Mata-duree kana ilaalchisee dubbii Abul Hasan Nadawi itti haa fufnu:
Rabbiin hikmaa (ogummaa) Isaatiin aduun nabiyummaa dukkana bittineesituu fi
addunyaa ifaa fi qajeelinnaan guuttuu odolaa Arabaa irraa akka baatu barbaade.
Odolli Arabaa kuni dukkanni isaa dukkana hundarra caalu ifa garmalee barbaadu
ture. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa waamicha kana jalqaba akka fudhatan,
ergasii addunyaa fagoo hundatti akka geessan Araboota filate jira. sababni
isaas,saleedaan qalbii isaanii qulqulluu ture. Barreefamni dhokataa fi gadi fagoon
irraa haaqu fi balleessun ulfaatu saleeda kanarratti (qalbii isaanii) irratti hin
barreefamne. Dhimmi isaanii akka Roomaanotaa, Pershiyootaa, Hindoota fi
Girikootaa miti. Roomaanonni, Pershiyoonni fi Girikoonni yeroo sanitti beekumsa
isaanii,hogbarruu dagagee, qaroominna guddaa fi filoosofii bal’aan kan raata’an
turan. Guduunfaa nafsee fi yaadaa hiikun salphaa kan hin taanetu isaan bira
ture.(Warroonni kunniin garmalee filoosofii fi yaada sobaa adda addaatti waan
taraniif qalbii isaanii irraa amantii fi yaada sobaa deemsiisun baay’ee ulfaatadha.)
Garuu Araboonni saleedaa qalbii isaanii irra barreefama salphaa harki
wallaalummaa fi baadiya barreesse malee homaa hin jiru. Kanaafu, barreefama
22
salphaa kana haaqu fi dhiquun bakka kanaa barreefama haarawa irratti katabuun
salphaadha. Beekumsa yeroo ammaattin yommuu ibsamu: Araboonni warra “Al-
Jahlul Basiix (Wallaalummaa Salphaa” ti. (Wallaalummaa salphaa jechuun
beekumsa wanta tokkoo dhabuudha. Fkn, Lolli Badr yommuu gaggeefame
jedhamee namni yoo gaafatame, “Ani hin beeku” yoo jedhe, kuni walaallummaa
salphaadha.Namni wallaalummaa salphaa qabuu aalima (hayyuu) ta’uu danda’a.)
Araboonni yeroo sanatti walaalummaa salphaa kana waan qabaniif haala salphaan
fayyisuun ni danda’ama. Ummanni biroo qaroominnaa fi falaasfaan dagaagan
immoo “Al-Jahlul Murakkab (Walaallummaa Walitti naqameen)” kan
tuqamaniidha. Walaallummaa Walitti naqame (makame) jechuun wanta tokko
faallaa inni irra jiruu hubachuudha. Fkn, Lolli Badr yommuu gaggeefame
jedhamee namni tokko yoo gaafatame, “Akka Hijraatti bara 3ffaa” yoo jedhe, kuni
walaallummaa walitti naqameedha. Lolli Badri akka hijraatti bara 2ffaatti
gaggeefame. Namni kuni faallaa dhugaa lola Badrii waan hubateef
wallaalummaan isaa wallaalummaa walitti naqameedha.) Walaallummaa walitti
naqamee sammuu keessaa haaqun garmalee ulfaata. Sababni isaas, namni kuni
soba akka dhugaatti ilaalun waan amaneef, amantiin qalbii isaa keessatti lixee jira.
Kanaafu, amantii sobaa kana haaqun garmalee ulfaata. Garuu namni
wallaalummaa salphaa qabu, waa’ee wanta sanii waan hin beeknef, amantiin
sobaas ta’ee amantiin dhugaa qalbii isaa keessatti hin lixne. Kanaafu, amantii fi
yaada dhugaa yoo itti fidan haala salphaan fudhata.
Araboonni Makkaa fi naannawa sanii wallaalummaa salphaa haaqamu fi dhiqamu
danda’u kana qabuu turan. Fixraa (uumama) irra kan turanii fi warra fedhii fi
ijjannoo cimaa qabaniidha. Haqa hubachuun yoo isaan irratti miccirame itti duulu.
Ija isaanii irraa yoo haguuggin saaqame, haqa ni jaallatu, ni hammatu; karaa isaa
keessatti du’uu barbaadu.8 Araboota yeroo sanii amaloota gaggaarii Ergaa Rabbiin
irraa dhufe akka baadhatanii fi filataman isaan taasisaan mee haa ilaallu.
1-Collummaa fi Qarummaa (Az-Zakaa’u wal Fixnatu) Akkuma duratti jennee qalbiin isaanii filoosofii gogaa haaqu ulfaatun hin
xuroofne. Qalbiin isaanii akka waan ergaa (risaalaa) fudhachuuf qophoofte
fakkaatti. Saboota Arabaa keessaa Araboonni Makkaa fi naannawa ishii jiran
sammuun isaanii waa baay’ee kan qabatuudha (haffazuu)dha. Bal’inni lugaa
isaanii jabeenya waa sammuutti qabachuu (haffazuu) fi yaadachuu ni agarsiisa.
Dammaaf maqaan saddeettamni yoo jiraate, jeedalaaf maqaan dhibba lama,
leencaaf maqaan dhibba shan, gaalaaf kuma tokkotu jira. Akkasumas, seyfiif
maqaa baay’etu jira. Dhugumatti, kuni shakkii hin qabu, maqaalee kanniin hunda
8 Siiratu Nabawi– fuula 87-88, Abul Hasan Nadawi
23
qabachuun sammuu jabaa fi cimaa barbaachisa. (Yeroo Nabiyyiin ergamu
barreefamne hin babal’anne. Kanaafu, karaan beekumsa itti eeganii fi dhalootaf
dabarsan guddaan sammuutti qabachuudha. Ummanni kuni waan baay’ee
sammuutti qabachuu waan danda’aniif beekumsa Islaamaa badiinsa irraa ni eegu.
Wanta dhagahan yoosu sammuutti qabatu.)
2-Warra Arjummaa ta’uu Araboota durii biratti arjummaan hidda kan qabateedha. Yommuu keessummaan
itti dhufu, gaala malee wanti biraa yoo hin jiraatin gaaluma san qaluuf fiigu.
3-Warra gootummaa, Dhiirummaa fi waa Deeggaru ta’uu Waraana keessatti ajjeefamu irratti wal faarsu, firaasha irratti yoo du’an immoo
wal qeequ. Isaan keessaa tokko yommuu ajjeechan obboleessaa isaa isa gahuu
akkana jedhe: Yoo ajjeefame, dhugumatti abbaan isaa, obboleessi fi abbeeraan
isaatu ajjeefamii jiru. Rabbiin kakadhe, dhugumatti nuti firaasha irratti hin duunu.
Garuu fiixe xiyyaatin muramuun ykn gaaddisa seyfi jalatti du’uun[lubbuun teenya
baati].Araboonni durii jabeenyaa fi kabaja eegu irra homaa hin dursan. (Tarii
yeroo Nabiyyiin Ergamuu gootummaa fi dhiirummaan isaanii kuni diinotatti akka
duulanii fi biyyoota baay’ee akka banan sababa ta’e. Ergaa Islaama baadhachuun
gootumma fi dhiirummaa cimaa barbaachisa. kanaafu, bakka gootummaan,
dhiirummaan, qalbiin qulqulluu taatee fi sammuu hatamtamaan waa qabattu jiran
ergaa Islaamaa guddaa kana kaa’un, bakka sirrii kaa’udha. Dhugumatti, Rabbiin
Beekaa, Ogeessa ta’eera. Ogeessa jechuun wanta hundaa bakka isaaf malu kan
kaa’udha.)
4-Waadaa guutuu, ifaan ifatti fi dhugaa dubbachuu jaallachuu Kijiba ni jibbuu turan, akka badaattis ilaalu. Warra waadaa guutan turan. Kanaafi,
Islaama keessa seenuuf arrabaan ragaa bahuun gahaadha. Kijiba jibbuu isaanii
wanta agarsiisu keessaa deebiin Abu Sufyaan Hirqaliif kennee ni agarsiisa. Hirqal
waa’ee Nabiyyii (SAW) Abu Sufyaanin gaafate. Yeroo san Abu sufyaan nabiyyiif
diina haa ta’uyyu malee dhugaa jiru hunda Hirqalitti hime. Abu sufyaan
dhumarratti akkana jedhe, “Kijiba narratti ni argan jedhee osoo saalfachuu baadhe
silaa waa’ee Nabiyyi kijiba dubbadhaa ture.”
Waadaa guutuun isaan biratti kan beekkameedha. Madiinaa irraa dhufanii
Makkaan keessatti Aqabaa 2ffaa Nabiyyiif yommuu waadaa galan dhugaa kana
ifa baasu. Galmeessaan seenaa Ibn Isihaaq ni jedha:
“Yommuu gosti Awsi fi Kazraj Nabiyyiif waadaa seenuf Aqabatti walitti
qabaman, gosa Khazraj irraa Abbaas bin Ubbaadah akkana jedhe, “Yaa tuuta
Khazrajaa! Maalirratti nama kana akka waadaa galtaniif beektanii jirtuu?
24
Isaanis ni jedhan: eeyyeen.
Innis ni jedhe: Namoota irraa diimaaa fi gurraachatti duulu irratti waadaa galaafi
jirtu. Qabeenyi keessan yommuu hir'atuu fi namoonni kabajamoon keessan
yommuu ajjeefaman argitan, isa kan kennitan (dhiistanii biraa deemtan) yoo ta’e,
ammarraa jalqabe wallahi suni salphinna addunyaa fi Aakhiraati. Qabeenyi
hir’achuu fi namoonni kabajamoon ajeefamuu waliin waadaa isaa kan guuttaniif
ta’uu yoo argitan, isa (nabiyyi ofitti) fudhaa. Dhugummatti kuni wallaahi kheeyri
addunyaa fi Aakhiraati.
Isaanis ni jedhan: Dhugumatti qabeenyatti balaan bu’uu fi namoonni kabajamoon
ajjeefamuu waliin isa ni fudhanna. Yaa Ergamaa Rabbii yoo kana goone maaltu
nuuf jiraa?
Nabiyyinis (SAW) ni jedhan: Jannata.
Isaanis ni jedhan: Harka kee diriirsi. Innis harka ni diriirse, isaanis waadaa ni
galaniif.” (Siiratu Ibn Hishaam fuula 446)
Dhugumatti wanta Rabbiif ahdi seenanii fi nabiyyiif waadaa galan guutanii jiru.
Bakka isaanii bu’uun guyyaa Badrii Sa’d bin Ubbaada akkana jedhe: “Yaa
Ergamaa Rabbii! Rabbii nafseen tiyya harka Isaa jirtuun kakadhe! Osoo
galaanatti faradoo teenya akka dabarsinu nu ajajje ni dabarsinaa turre. Ammas,
faradoo teenya osoo bakka fagoo akka Bark Al-Ghimad akka oofnu ajajje ni
oofnaa turre.” Sahiih Muslmi 1779
Dhugaan kuni hojii keessatti ijjannoo fi ciminnaan ifa bahee jira.
5-Bilisummaa jaalala guddaan jaallachuu fi gabrummaa fi salphinna diduu Jireenya bilisummaa jiraachu garmalee barbaadu. Eenyullee akka isaan
gabroonfatu hin fedhan. Namni gabrummaa jalatti yoo kufe, ol fageesse yaadu fi
kaayyoo guddaa gahuuf dharra’uun isa keessatti ni laafa. Kanaafi, ilmaan Israa’il
yeroo Fira'awna jalaa Rabbiin isaan baasee, “Gara lafa qulqulluu Rabbiin isiniif
katabe seenaa” yommuu jedhaman, didda guddaa agarsiisan.Akkana jedhan,
“Yaa Muusaa! Achi keessa namoota abbaa irree ta’antu jira. Hanga isaan
achi keessaa bahanitti nuti hin seennu. Yoo isaan bahan, nuti ni seenna.” "Magaalatti seenaa injifattoota ni taatu" yommuu jedhaman, deebiin isaan kennan,
“Yaa Muusaa! Hanga isaan achi keessa turanitti nuti gonkumaa hin seennu.
Ati fi Gooftaan kee deemati lolaa (duulaa); nuti as teenyati.” (Ilaali Suuratu
Al-Maa’ida 21-24)
Baroota dheeraaf gabrummaa Fira’awnaa fi ummata isaa jalatti waan kufaniif
injifannoo hin hawwan. Faallaa kanaa, yommuu Nabii Muhammad (SAW) gara
duula Badri deemu, sahaabota keessaa Miqdaad akkana jedhe: “Yaa Rasulallah
(Ergamaa Rabbii)! Akka ilmaan Israa’il Muusaan, “Ati fi Gooftaan kee
25
deemati lolaa (duulaa); nuti as teenyati” jedhan siin hin jennu. Garuu gara
fuunduraatti deemi, nutis si waliin jirra.” [jenna].” Sahiih Al-Bukhaari 4609
Yeroo Nabiyyiin (SAW) ergaman san ummanni Roomaa fi Pershiyaa gabrummaa
moototaa jalatti kufanii jiru. Ummanni kuni yaada ofii ibsachuu hin danda’an.
Garuu Araboonni gabrummaa mootii jalatti hin kufne. Bilisummaa guutuu qabu.
Yaada ofi akka fedhanitti ibsatu. Bilisummaa fi gootummaan isaan qaban ergaa
Islaama guddaa kana akka baadhatanii fi addunyaatti geessan sababa guddaa ture.
Namni mataa ofiitii bilisummaa yoo hin qabaatin, akkamitti nama ykn biyya biraa
bilisoomsu danda’aa?
Kuni haala fi amaloota ummataa yeroo sanii biiftuun Islaamaa itti baatedha.
Sababni biraa Nabiyyiin Makka keessaa itti filatameef du’aayin nabii Ibraahimii
fi Ismaa’il qeebalamuudha. Manni jalqabaa ibaadaf dachii irratti namootaaf
ijaarrame Ka’abaadha. Qur’aana keessatti:
﴿ اس ل ل بيت وضع للنذ وذ
لمي إنذ أ ة مبارك وهدى ل لع ي ببكذ ﴾٩٦لذ
“Dhugumatti, Manni jalqabaa tolli isaa kan baay’atee fi aalamaaf qajeelcha
ta’uun ilma namaatiif kaa’ame (hundeefame) kan Bakkah (Makkaan)
jiruudha.” Suuratu Aali-Imraan 3:96
Nabii Ibraahimi fi Ismaa’il bu’uura mana jalqabaa kana (Ka’abaa) erga
olkaasanii booda akkana jechuun du’aayi godhan:
نا و ﴿ تك ويعل مهم بعث ٱربذ نهم يتلوا عليهم ءاي ب ٱفيهم رسول م لكتنت لكمة ٱو
ذك أ يهم إن ﴾١٢٩كيم ل ٱ لعزيز ٱويزك
“Gooftaa keenya! Ergamaa isaan irraa ta’e, kan keeyyattoota (aayaata) Kee
isaan irratti qara’u, kan kitaaba fi ogummaa isaan barsiisee isaanis
qulqulleessu isaan keessatti ergi. Dhugumatti, Ati akkaan Injifataa,
Ogeessa.” Suuratu Al-Baqarah 2:129
Du’aayin tunis fudhatama argachuun (qeebalamuun) nabiyyiin xumuraa
Makkaan keessaa ni ergame.
Sababni biraa, teessumni lafaa odola (jaziiraa) Arabaa handhuraa waamicha
Islaamaa addunyaa guutuu itti dhaqabuuf iddoo mijaawadha. Odola jechuun lafa
bishaanin marfameedha. Odolli Arabaa biyyoota akka Saa'udi Arabiyaa, Yaman,
Kuweet, Omaan, Bahreeni, United Arab Emirates fi Qaxaarin of keessatti qabata.
Odolli Arabaa kuni ardii Eeshiyaa keessatti haa argamuyyuu malee ardii Afrikaa
26
fi ardii Awroppaatti dhiyoodha. Naannawa kanatti qaroominni kan dagageedha,
amantiin kan cimee fi karaaleen daldalaa as keessa qaxxaamuru. Odolli Arabaa
humnoota gurguddoo yeroo san wal dorgoman lama jidduutti argama. Humna
Kiristaanaa fi humna majuusaa, humna dhiyaa fi humna bahaa. Humni Kiristaanaa
impaayara Roomaa bahatti argamuudha. Humni majuusa immoo impaayara
Pershiyaa dhiyaatti argamuudha. Kana hunda waliinu mootummoota lamaan
kanniinif hin bitamne. Daarin ishiitin gosoota xiqqoo yoo ta’e malee. Odolli
Arabaa teesummaa lafaa gaarii irra waan tureef wiirtuu namoota addunyaa guutuu
itti waaman ta'e.
Dr.Hasan Kamaal-din Yuniversiti Riyaad irraa qo’annoo fi qorannoo gaggeessen
bu’aa kanarra akka gahee ni labsa: Giloobi Ardii irratti Makkaan handhuura
dachiiti. Qorannoo isaa sarara kaartaa fageenya bakki hundi Makkaa irraa qaban
safaruun jalqabe. Kanas kan godheef, kaartaa fayyadamee meeshaa qiblaa
agarsiisuu sirreessuf carraaqaa ture. Osoo carraaqu tasa Makkaan walakkaa
(handhura) addunyaa irratti akka argamtu kaartaa irratti argate.9
Kana hundaaf Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Makkaan iddoo ergamaan itti
bahuu fi ergaan Isarraa itti bu’u ergasii tuqaa ka’uumsaa Islaamni addunyaa
guututti itti faca’u akka taatuf filate.
“Rabbiin ergaa Isaa eessa akka kaa’u hunda caalaa beeka.” Suuratu Al-
An’aam 6:124
9 Madda olii -fuula 100
27
Gosoota Arabaa Yeroo Durii Makkaa Fi Naannawa Ishii Turan
Gosoota Arabaa yeroo sanii beekun Nabiyyin (SAW) gosa kamirraa akka ta’e
salphatti hubanna. Hundeen Arabaa bakka sadiitti qoodamu:
1-Araboota badan (Al-Arabul Baa’idatu)-Araboota yeroo durii seenaan isaanii
xiqqoo beekkamuu fi mallatoleen isaanii badaniidha. Araboonni kunniin gosoota
akka Aad, Samuud, Jadis, Amaaliqah fi kan birooti.
2-Araba Qulqulluu (Al-Arabul-Aaribatu)- Kunniin Araboota Ya’rub bin
Yashjub bin Qahxaani irraa dhufaniidha. Araboota Qahxaaniyyah jedhamunis ni
waamamu. Bakki isaanii jalqabaa Yamani.
3-Araboota Araba taasifaman- Araboonni kunniin sanyii Ismaa’il irraa kan
dhufaniidha. Araboota Adnaaniyyah jedhamunis ni beekkamu. Adnaan sanyii
Ismaa’el irraa kan dhufeedha. Nabii Ibraahim (AS) Makkaatti Haajaraa fi mucaa
isaa Ismaa’ilin dhiisee erga deeme, Ismaa’il guddachuun Araboota naannoo san
jiran gosa Jurhum jedhamtu irraa niiti fuudhe. Sababa kanaan, dhiigni Ismaa’ili fi
kan gosa Araba kuni walitti makamuun Araba taasifaman. Ismaa’il (aleyh
salaam) ijoolle baay’ee hore. Boodarra ijoollen kunniin gosa of danda’e ta’uun
naannoo Arabaa adda addaatti faca’an. Gariin gara Sooriyaa, gariin gara Hijaaz,
gariin gara Yamani fi bakka adda addaa deeman.
Sanyiin Ismaa’il Makkaan keessas yeroo dheeraaf turanii jiru. Kanniin keessaa
Adnaan beekkamaadha. Adnaan akaakanyuu 21ffaa Nabiyyiiti.10
Gosa Qureesh11 Nabiyyiin (SAW) gosa Qureesh jedhamtu irraa kan bahaniidha. Qureesh
eenyudhaa? Eessarraa dhufan? Jennee yoo gaafanne galmee seenaa keessatti
haala kanaan arganna:
Nabii Ismaa’il (aleyh salaam) Makkaan keessa erga qubatee Arabiffas baratee,
gosa Jurhum irraa niiti fuudhe. Ijoollen isaas ni baay’atan. Kabajamoo fi barakaa
kan qaban ta’an. Sanyii Ismaa’iil keessaa Adnaan hundee Qureeshotaati. Adnaan
ijoolle baay’ee qabaa ture. Isaan keessaa beekkamaan Ma’ad bin Adnaan. Ma’ad
booda ilmi isaa Nizaar ni dhufe. Nizaar booda ijoolleen isaa lamaan gosoota
Arabaa gurguddaa uuman ni dhufan. Ijoollen tunniinis: Rabi’a fi Mudar. Jarri
10 Rahiiqal Makhtuum (The Sealed Nectar)- fuula 16-21, (English),Safi’u Rahmaan
Mubaarakpuri, As-Siiratu Nabawiyyati–fuula 19-20, Alii Muhammad Sallaabi 11 Maddoota olii
28
lamaan kunniin ijoolle horuun, ijoollen isaanii gosa uumanii bakka adda addaatti
faca’an.
Qureeshonni ijoollee Fihr bin Maalik bin Nadr bin Kinaana ti. Kinaanan sanyii
Mudar irraayyi. Ijoolleen Fihr bin Maalik “Qureesh” jedhamuun wamaman.
Maqaan kuni Araboota keessatti beekkamaa ta’e. Ammas, Qureeshonni (ilmaan
Fihr bin Maalik) gosoota baay’eetti qoqqoodaman. Isaan keessaa bebbeekamoon:
Jumah, Sahm, Adiyy, Makhzuum, Taym, Zahrah fi ijoollee sadan Qusayy bin
Kilaab. Isaanis: Abdu Daar bin Qusayy, Asad bin Abdul Uzza bin Qusayy, Abdul
Manaaf bin Qusayy.
Abdul Manaaf bin Qusayy gosoota afuritti qoodame: Abdu Shams, Nawfal,
Muxxalibi fi Haashim. Garuu Rabbiin subhaanahu wa ta’aala maatii Haashim
keessaa Nabii Muhammad bin Abdullah bin Abdul-Muxxalib bin Haashim filate.
Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan: “Rabbiin sanyii Ismaa’il keessaa
Kinaana filate, Kinaana keessaa immoo Qureeshota filate, Qureeshota keessaa
immoo ilmaan Haashim filate, ilmaan Haashim keessaa ana filate.” Sahiih Muslim
2276
Keessumayyuu gosoota Qureeshotaa beekkamoo armaan olii beekun, sababoota
gurguddaa nabiyyiif diina akka ta’an isaan taasise keessaa tokko ni barra.
Sanyii fi gosoota Nabiyyiin (SAW) keessaa bahan kanneen armaan olitti
tarreessinee haala kanaan guduunfun ni danda’ama:
Ibraahim—Ismaa’il---Adnaan—Ma’ad—Nizaar—Mudar—Kinaana—Fihr bin
Maalik---Abdul Manaaf bin Qusayy (gosa Qureeshota keessaa tokko)---
Haashim---Abdul Muxxalib---Abdullah—Muhammad (SAW)
Makkaan Keessatti Sanama (Taabota) Gabbaruun Akkamitti Jalqabamee?
Sanama jechuun suuraa wanta lubbuu qabus ta'i kan hin qabne namoonni kaasun
ykn bocuun kan gabbaraniidha. Wanti namoonni muka ykn dhagaa irraa bocun
gabbaran sanama. Ingiliffaan "Idol", Amaariffaan, "Xaawot" jedhama. Taabonni
Afaan Oromootinis Amariffanis waan itti fayyadamaniif sanama haala guutu
ta'een bakka bu'a jedhee hin yaadu. Garuu itti dhiyaata. Taabonni sanama keessaa
gosa tokko jechuu dandeenya. Taabonni Kiristaanonni baadhatani fi waaqefatan,
muka waan ta'eef sanamni mukas dhagaas wanta biraas of keessatti qabata.
Kanaafu, Afaan Oromootin sanama jenne yoo fayyadamne yaad-rimee bal'aa
dabarsa.
29
Araboonni Makka fi naannawa ishii jiran amanti Ibraahimi fi Ismaa’il irra turan.
Amantin kuni Rabbiin tokkichoomsu fi wanta biraa Isa waliin gabbaruu dhiisudha.
Kuni Islaama. Nabii Ibraahim ijoollen isaa amanti kana akka qabatanii fi irratti
du’an garmalee jabeesse dhaamef. Sanama gabbaruu irraa, Rabbiin isaa fi ijoollee
isaa akka eegu ni kadhate.
“Yeroo Ibraahim [akkana] jedhe [yaadadhu], “Gooftaa kiyya! Biyya tana
(Makkaan) tasgabbooftu taasisi. Anaa fi ilmaan kiyyas sanama gabbaruu
irraa fageessi. Gooftaa kiyya! Dhugumatti isaan namoota irraa baay’ee
isaanii jallisanii jiru. Namni na hordofe, dhugumatti inni anarraayi. Namni
na dide immoo dhugumatti Ati Araaramaa, Rahmata Godhaadha.” Suuratu
Ibraahim 14:35-36
“Dhugumatti isaan namoota irraa baay’ee isaanii jallisanii jiru.” Kana
jechuun sababa sanamaatin namoonni baay’een jallatani jiru. Wanta isaan hin
fayyanne gabbaruun karaa haqaa irraa jallatan. “Namni na hordofe, dhugumatti
inni anarraayi.” Namni tawhiida fi hojii Rabbiif qulqulleessu ani ittiin dhufeen
hordofe, inni ana irraayyi. Namni namoota jaallatee fi hordofe, isaan waliin ta’a.
“Namni na dide immoo dhugumatti Ati Araaramaa, Rahmata Godhaadha.” Kuni
warroota karaa isaa hordofuu didanii fi jallataniif yommuu Nabii Ibraahim (aleyh
salaam) Rabbiin irraa araaramaa fi rahmata kadhatu mararfannaa isaa agarsiisa.12
Kanaafu, Makka iddoo sanamni itti gabbaramu (waaqefatamu) osoo hin ta’in
iddoo Rabbiin tokkichi itti gabbaramu turte. Garuu adeemsa keessa amantiin Nabii
Ibraahimi fi Ismaa’il jijjiramu eegale. Namni jalqabaa sanama Makkaan keessa
seensisee, “Amr bin Aamir bin Luhayy” jedhamudha. Namni kuni hogganaa
isaanii ture. Inni nama jalqabaa amantii Ismaa’il irraa jallatee fi sanama dhaabun
namoota akka gabbaran itti kakaasedha. Yeroo tokko Makkaan irraa gara Sooriyaa
daldalaaf deeme. Achitti namoota sanama gabbaran ni arge. Inni gocha kana
garmalee dinqisifachuun sanama garii fidee Makkaan keessatti dhaabe. Ergasii
namoonni garmalee akka ol-guddisanii fi gabbaran itti ajaje.13
12 Tafsiiru sa’dii-fuula 494 13 Mohammad The Last Prophet- A Model for All Time-fuula 17
30
Namni kuni ammas wanta Rabbiin haraama hin goone haraama godhe, horii
keessatti wanta duraan hin jirre ni uume. Akkuma bakka garii Oromoo keessatti
kuni horii wadaajati hin tuqamu jedhani adda baasan innis kuni horii sanamaaf
gadi dhiifame hin tuqamu jechuun labse. Kuni hundi wanta Rabbiin hin
hayyamneedha. Wanta tokko haraama ykn halaala kan godhu Rabbiin qofa. Ilmi
namaa olka’e ragaa tokko malee kuni haraama, kuni halaala jechuu hin danda’u.
Namni armaan olii kuni badii guddaa waan hojjateef Nabiyyiin (SAW) akkana
jedhan:
“Amr bin Aamir bin Luhayy Kuzaa’iyy mar’imaa isaa ibidda keessa kan harkisuu
ta’ee isa arge. Inni nama jalqabaa sawaa’iba godheedha.” (Sawaa’iba jechuun
sanamaaf jedhanii horii gadi lakkisuudha. Horiin kuni homtu itti hin fe’amu. Bilisa
ta’a)” Sahiih Al-Bukhaari 3521
Ammas akkana jedhamee jira: Qureeshota keessatti sanama gabbaruun kan
jalqabame suuta suutani. Namooni gariin yommuu Makkaan irraa gara biraa
deeman dhagaa Harama (Ka'abaa fi naannawa ishii) irraa fuudhanii of waliin
deeman. Kanas kan godhan iddoo qulqulluu kana (Harama) kabajuu fi yaadachuufi
jedhaniiti. Hanga dhagaa isaanitti bareede gabbaran gahanitti gocha kana itti fufan.
Dhaloonni boodarra dhufees sababa dhagaan itti gabbaramuu fi kabajamuu
jalqabamee wallaalan. Qureeshonni akkuma biyyoota naannawa isaanii dhagaa
gabbaruutti gammadan.14
(Seenaa keessatti sheyxaanni suutuma suutaan namoota karaa haqaa irraa jallise
jira. Jalqaba wanta xiqqoo irraa akka eegalan isaanitti hasaasa. Ergasii hanga
amanti keessaa bahanitti wanta guddaa bira gahu.Seenaa keessatti kanaaf
ummanni Nuuh fakkeenyaa guddaa ta’uu. Yommuu Nabii Nuuh (aleyh salaam)
Rabbiin qofa gabbaruutti isaan waamu, ummanni suni akkana akka jedhan
Qur’aanni nuuf hima:
ا﴿ وق ونس ل يغوث ويع ا ول سواع و كم ول تذرنذ ود ذرنذ ءالهت ل ت وا ﴾٢٣وقال
“Gabbaramtoota keessan hin dhiisinaa; akkasumas, Wadda, Suwaa’a,
Yaghuus, Ya’uuqa fi Nasra hin dhiisinaa [waliin] jedhan.” Suuratu Nuuh
71:23
Kunniin maqaalee sanamaa ummanni suni gabbaraa turaniidha. Akkamitti sanama
kanniin suuta suutaan akka gabbaran mufasiroonni ni himu: Tafsiira aayah tanaa
ilaalchise ibn Kasiir akka gabaasetti Muhammad bin Qays ni jedha: “Yaghuus,
Ya’uuqa fi Nasra” kunniin Aadamii fi Nuh jidduu namoota gaggaarii (saalihota)
14 Siiratu Nabawi– fuula 125, Abul Hasan Nadawi
31
turan. Hordoftoota isaan hordofan qabu turan. Yommuu namoonni gaggaariin
kunniin du’an, namoonni isaan hordofan ni jedhan, “Osoo fakkii isaanii kaasne,
yommuu isaan yaadannu caalatti ibaada keessatti nashaaxaa (fedhii guddaa) akka
argannu nuuf ta’a.” Fakkii namoota kanaas ni kaasan. Ergasii hordoftoonni
kunniin yommuu du’anii dhaloonni itti aanu dhufu, ibliisni isaanitti dhiyaachun
akkana jedheen, “Isaan (abbootin keessan) fakkiwwan kanaa gabbaraa turan. Isaan
gabbaruun rooba argatu.” [Namoonni kunis waswasaa isaa kana dhugaa se’anii]
fakkiiwwan kanniin gabbaran.” Tafsiiru Ibn Kasiir 8/235-Daaru Xayba)
Kanaafi, suuraa wanta lubbuu qabuu bocuu fi kaasun shirkitti waan nama geessuf
dhoowwame. Islaamni tarkaanfi jalqabaa gara shirkiitti nama geessan hundaa fi
namoota kabajuu keessatti daangaa darbu dhoowwee jira. Kanaafi, Ergamaan
Rabbii (SAW) akkana jedhan:
" ورسوله ."ال تطروني كما أطرت النصارى ابن مريم، فإنما أنا عبده، فقولوا عبد للا
“Akkuma Kiristaanonni ilma Mariyam faarsu keessatti daanga darban
isinis ana faarsu keessatti daangaa hin darbinaa. Ani gabricha Rabbii qofa.
Kanaafu, gabricha Rabbii fi Ergamaa Isaa jedhaa.” Sahiih Al-Bukhaari 3445
Kiristaanonni Iisaa (Iyyasuus) (nageenyi isarratti haa jiraatu) garmalee faarsu fi
ol-guddisuun hanga akka gooftaatti ilaalan gahan. Fakkii isaa kaasun “kuni
gooftaa keenya” jedhu. Wantuma ummanni Nuuh hojjatan, Kiristaanonnis
hojjatan. Gooftaan isaanii Iyyasuusin osoo hin ta’in Rabbii tokkicha. Rabbiin
Gooftaa Tokkicha fakkaata hin qabneedha.
Gara Qureeshotaati fi addunyaa yeroo sanaatti yommuu deebinu, sanama ykn
taabota gabbaruun addunyaa hunda kan guutee fi dukkaneessedha. Dukkana kana
keessaa karaan itti bahan ergaan ifaa Rabbiin irraa dhufuudha. Aduun Islaama
lamuu ifuuf walakkaa jaarraa 6ffaa booda mallatooleen mul'achuu jalqaban.
Mallatoolee kanniin keessaa warri arbaa Ka'abaa weeraruuf dhufan haala addaatin
duubatti deebifamu fi Nabiiyyin bara kana keessa dhalachuudha. Kutaa itti aanu
keessatti In sha Allaah waa'ee warra arbaa ni ilaalla.
32
Seenaa Warra Arbaa (As’haabul Fiil) Seenaan kuni Qur’aana fi hadiisan kan mirkanaa’edha. Qur’aana keessatti suuratu
fiil gara seenaa kanaa akeekti. Boodarratti suurah tana guutuu ishii ni dhiyeessina.
Hadiisa keessatti immoo: Rasuulli (SAW) yeroo Hudeybiyah hanga bakka As-
Saniyyah jedhamtu gahanitti adeemsa itti fufan. Bakka kanatti gaalli inni yaabbatu
jilbifattee gara fuunduraatti deemu didde. Namoonni ni jedhan, “Hal,Hal! (Jecha
kana yommuu gaalli deemu didde itti fayyadaman) Dhaabbachuu didde
akkasumatti jilbifattee turtee. Ammas namoonni ni jedhan, “Al-Qaswaa [lafatti]
gogde.(Al-Qaswaa gaala nabiyyiiti (SAW)). Nabiyyinis (SAW) ni jedhan: Al-
Qaswaan hin gogne, suni amala ishiiti miti. Garuu arba Kan qabetu ishiis qabee.
(Akkuma Rabbiin arba Abraha gara fuunduraatti akka hin deemne dhoorge, gaala
tanas akka hin deemne dhoowwe.) (Sahiih Al-Bukhaari 2731)
Seenaa warra arbaa ilaalchisee siiraa Nabiyyii Abu Haatim gabaase keessatti haala
kanaan dhufee jira: Mootiin Yaman keessatti arba qabuun ni madaqse. Mootiin
kuni hundeen isaa Abisiniyaa (Habashaa) irraayyi. Maqaan isaa Abraha jedhama.
Sana’aa keessatti Betakiristaana ijaarun "Al-Qulleys” jedhee moggaase. Hajjii
Arabootaa gara beetakiristaanaa kanaatti akka garagalchuu ni odeesse. Kana
galmaan gahuuf gara Makkaa deemee Ka'aba akka diigu kakate. Mootota Himyar
keessaa mootiin Zuu Nafar jedhamu lolaaf gara Abrahaatti bahe. Garuu Abrahaan
isa moo’atee ni booji’e (ni hidhe). Zuu Nafar Abrahaan akkana jedhe, “Yaa
Mootii! Na hin ajjeesin. Na ajjeessu irra na tursiisuun kee faaydaa siif qaba.” Innis
ni tursiise garuu ni hidhe.
Ergasii Abrahan hanga biyya Khas’am jedhamtutti dhiyaatu gara Ka’abaa
deemutti qajeele. Yeroo biyya Khas’am tanatti dhiyaatu, Nufeyl bin Habiib Al-
Khas’amiyyi fi gosoota Yaman irraa warri isa waliin jiran lolaaf gara Abrahatti
bahan. Garuu Abrahaan isaan ni moo’ate, Nufeylinis ni booji’e. Nufeyl ni jedhe,
“Yaa Mootii! Ani lafa Arabootaa garmalee beeka, kanaafu na hin ajjeesin. Harki
lamaan kiyya kuni ummata kiyya irratti dhagahuu fi ajajamu qabu (kana jechuun
ummanni kiyya akka siif ajajaman waadaa siif gala).” Innis isa ni tursiise. Nufeylis
hanga Xaa’if gahuutti karaa Abrahatti agarsiisu itti fufe.
Xaa’ifitti namni Mas’uud bin Mu’attab jedhamuu fi namoonni gosa Saqiif irraa
Abrahaan wal-qunnamuf bahan. Mas’uud ni jedhe, “Yaa Mootii! Nuti gabroota
keeti. Si fi nu jidduu lolli hin jiru. Wanti ati barbaaddus nu bira hin jiru. Kan ati
barbaaddu Mana Makkaan keessa jiruudha. Nuti nama gara sanitti si qajeelchu si
waliin ergina.” Isaanis gabricha isaanii bilisa bahe maqaan isaa, “Abu Rughaal”
jedhamu isa waliin ergan. Hanga bakka Mugammas jedhamu gahuutti Abu
33
Rughaal isaan waliin deemun ergasii achitti du’e. Isa jibbuu irraa kan ka'e
namoonni qabrii isaatti dhagaa darbu. Abrahaan Mugammas irraa nama maqaan
isaa Aswad bin Maqsuud jedhamu loltu fuundura erge. Aswadi fi namoonni isa
waliin jiran jiraattota Makkaatin wal-qunnamanii gaalota Abdul Muxxalib 200
ta’an qaban (fudhatan).
Ergasii Abrahaan nama Hunaaxah Himyariyyi jedhamu gara jiraattota Makkaatti
ajaja kana waliin erge: Isaan keessaa nama hundarra kabajamaa ta’ee gaafadhu.
Ergasii ani isaanitti waraana banuuf osoo hin ta’in Mana kana (Ka’abaa) diiguf
qofa akka dhufe itti himi.” Hunaaxanis hanga Makkaan seenu deemu itti fufe.
Ergasi Abdul Muxxalib bin Haashimin wal qunname. Hunaaxan ni jedheen: Isin
yoo isatti waraana hin baniin, isinitti waraana banuuf akka hin dhufne sitti
beeksiisuuf mootiin gara keetti na ergee jira. Mana kana diiguf qofa dhufe. Ergasii
isin irraa garagala.” Abdul Muxxalibis ni jedhe, “Nu isaan wal hin lollu; Isaa fi
manaa walitti gadi dhiifna (kana jechuun, nuti isa fuundura hin dhaabbannu. Yeroo
muraasaf makkan gadi dhiisne baana.) Yoo Rabbiin Mana diigu irraa isa hin
dhoowwin, Rabbiin kakadhe, isa waraanuf nuti humna hin qabnu.”
Hunaaxan, “Beena na waliin deemi” jedhe. Abdul Muxxalibis hanga bakka
waraanni Abraha qubate gahuutti isa waliin deeme. Zuu Nafar hiriyyaa Abdul
Muxxalib ture. Abdul Muxxalib, Zuu Nafarin ni jedhe, "Yaa Zuu Nafar! Wanta
nutti bu’e kana nurraa deebisuu dandeessuu?” Innis ni jedhe, “Nama hidhamaa
ganama ykn galgala ajjeefamu irraa nagaha hin taane bira gargaarsa maaltu jiraa?
Garuu namticha arba eegu "Aniis" jedhamu itti siif erga. Kheeyri irraa wanta
danda’e mootii biratti akka siif hojjatu fi sadarkaa ati qabduu akka ol guddisuu nan
ajaja. Aniisitti ni erge, innis ni dhufe. Zuu Nafar ni jedheen, “Namni kuni
hogganaa Qureeshati. Abbaa daldaltoota gareen deeman Makkaati. Lafa diriiraa
keessatti namootaa fi gaara keessatti bineensota kan nyaachisudha. Mootin gaala
200 jalaa fudhate jira. Isa fayyadu yoo dandeesse isa fayyadi. Dhugumatti inni
hiriyyaa dhiyoo kiyya.”
Aniis Abrahatti seenun ni jedhe, “Kuni Hogganaa Qureeshati. Abbaa daldaltoota
gareen deemanii Makkaati. Lafa diriiraa keessatti namootaa fi gaara keessatti
bineensota kan nyaachisudha. Sitti seenuuf hayyama si gaafata. Osoo isaaf
hayyamte ni jaallatama. Diina sitti ta’uuf ykn si faallessuuf hin dhufne.” Abrahanis
ni hayyameef. Abdul Muxxalib nama furdaa, guddaa fi bareeda ture. Abrahan
yommuu isa argu, isa ulfeesse kabaje. Isa waliin siree irra akka taa’uu fi isa jalas
akka taa’u ni jibbe. Lafa diriira irratti gadi bu’uun isa waliin ni taa’e. Abdul
Muxxalib isaan ni jedhe, “Yaa Mootii! Qabeenya baay’ee narraa qabdee jirta.
Kanaafu, naaf deebisi.” Abrahanis ni jedhe, “Yommuu si argu, na ajaa’ibsiifte
34
turte. Garuu amma si dhiise.” Innis ni jedhe, “Maaliif?” Abrahanis ni jedhe, “Mana
amantii keeti fi abboota keeti ta’e akkasumas eeggumsa isiniif ta’e diiguf dhufe.
Waa’ee isaa ilaalchise natti hin dubbanne. Garuu waa’ee gaalaa 200 keeti natti
haasofta.” Abdul Muxxalib ni jedhe, “Ani abbaa gaalota kanniiniti. Manni kuni
Gooftaa isa eegu qaba.” Abrahan ni jedhe, “Anarraa mana kana hin eegu.” Abdul
Muxxalib ni jedhe, “Suni dhimmi keeti.” Abrahanis gaalonni isaa isaaf akka
deebifaman ni ajaje. Ergasi Abdul Muxxalib bahee oduu kana Qureeshota
beeksise. Karaa gaaraa keessas akka faca’an ajaje. Abrahaan Mughammasatti gara
Makkaa seenuf qophaa’e. meeshaa isaanii akka fe’an loltoota isaa ajaje. Arba isaa
ni dhiyeesse. Dhaabbi irra osoo jiruu wanta irratt fe’u barbaade irratti ni fe’e.
Gara Makkaa deemuf yommuu qophaa’an, arbi gara fuunduraa deemu didee
dhaabbate. Arbichi gara lafaatti maramee jilbifachuutti dhiyaate. Akaafan mataa
isaa ni rukutan, garuu deemu ni dide. Itti deddeebi’anii gara fuunduraatti oofuf
yaalan, garuu kan hin sochoone ta’e achitti hafe. Gara Yaman ni qajeelchan, innis
gara kallatti kanaatti ni sussukee (ni deeme). Gara Makkaatti yommuu garagalchan
immoo ni dhaabbate. Ergasi Arbi gaarota naannoo san jiran keessaa tokkotti
dheesse.
Loltoota irratti immoo Rabbiin (subhanaahu wa ta’aala) galaana irraa sinbira
Balasaan fakkaattu isaanitti erge. (Balasaan muka magariisa habaabo qabuudha).
Sinbirroo hunda waliin dhagaa sadii godhe. Dhagaa lamaa harkatti, dhagaa tokko
immoo biiki afaanitti baadhatan. Dhagaan sinbirowwan baadhattan akka
shunburaa fi misiraati. Yommuu loltoota irra balali’an dhagaa kana isaan irratti
gadi furu. Hoomaa waraanaa keessaa namni tokko dhagaa kanaan yoo rukutame,
yoosu du’a. Garuu namoonni hundi dhagaa kanaan hin rukutamne. Kana ilaalchise
Rabbiin (subhaanahu wa ta’aalaa) ni jedha:
“Sila Gooftaan kee abbooti arbaa irratti maal akka dalagee hin arginee? Sila
tooftaa isaanii dhabama hin goonee? Sinbira garee gareedhaan isaanitti erge.
Dhagaalee xuubii (suphee gubate) irraa ta’an isaanitti darbiti. Akka alala
(okaa) nyaatamee isaan taasise.” Suuratu Al-Fiil 105:1-5
(Tooftaan isaan baasan Ka’abaa diigudha. “dhabama hin goonee?” Tooftaan
isaan galmaan ni geenya jedhanii yaadan jalaa bade. Muraada isaanii (wanta
35
yaadan) hin geenye.15 “Akka alala (okaa) nyaatamee isaan taasise.” Asf (okaa)-
wanta horiin nyaatu ykn irraa nyaatudha. Okaan horiin nyaatu bakka sadiitti
qoodama: 1ffaa-Okaa nyaatamee gara faltiitti jijjirame. 2ffaa-okaa horiin irra
deemee balfa (koshaashaa) ta’e. 3ffaa-baalli isaa nyaatamee kan jirmii isaa hafee
fi gatame. Haaluma kanaan warri arbaas qooda sadii ta’an: Isaan keessaa qoonni
1ffaan- tortoranii fooliin isaanii ajaa’e. Hanga akka faltii horii ta’uutti qaamni
isaanii ni jijjirame. Qoonni 2ffaan-walitti marqaman, gariin garii irra bahuun wal
caccabsan. Akka margaa fi midhaanii horiin wanta isaanitti tolee nyaatanii kan
hafee immoo irra deemanii caccabsan, warri kunis walirra babbahuun wal
caccabsan. Margii fi midhaan horiin irra deeman kuni balfa gatamu ta’a. Qoonni
3ffaan-warri arbaa gariin isaanii asii fi achitti faffaca’an. Akkuma jirmaa fi
sharxummee horiin baala irraa nyaatanii ergasii asii fi achitti bittinaa’an, warri
kunis bakka adda addaatti faffaca'an.16)
Rabbiin Abraha irratti dhibee qaama isaa miidhu itti erge. Loltoonnis biyya keessa
darban hunda keessatti kukkufaa gara kallatti Yamanitti dheessan. Fiixen qubbin
abrahas kukkuufu jalqaban. Dhawaatuma fiixen qubaa kukuftuun malaa fi dhiigni
keessaa jiga. Yaman yommuu gahuu hiriyyoota isaa hafan keessatti akka caaccuti
allaatti ta’e. Ergasii ni du’e.” (As-Siiratu An-Nabawiyyah, By Abu Haatim As-
Subtii (fuula 34-39)
Ibn Isihaaqi fi Ibn Hishaam akka gabaasanitti, Abrahan gara Makkaa osoo deemaa
jiru, Abdul Muxxalib qubee (wanta akka geengoo) balbala Ka’abaa irra jiru
qabate. Qureshota irraas namoonni hagaa isa waliin dhaabbachuun Abraha irratti
injifannoo akka argatan Rabbiin gargaarsa kadhatan. Ergasii Abdul Muxxalib
qubee balbala Ka’abaa gadi fure. Isaa fi namoonni isa waliin jiran gara gaaraatti
dheessan. Gaara kana irra dhaabbachuun Makkaan yoo seene wanta Abrahaan
hojjatu ilaaluf qophaa’an. Kana booda gabaasan seenaa akkaata Abraha fi
loltoonni isaa itti badan hime.”
Barnootaa fi faaydaalee seenaa warra Arbaa kanarraa fudhatamu 1-Kabajni Ka’abaa ifa bahuu. Ka’abaan mana jalqabaa ibaadaf dachii irratti
hundeefame ta’uu waliin kabajni fi gatiin inni qabuu guddaadha.
2-Namoonni ummata ganan dhumarratti salphinna ofirratti fidu. Arabni gariin
Abrahaf basaastu ta’an, gariin immoo gara Ka’abatti qajeelchuuf walii-galan.
Namoonni kunniin jiruu tanaa fi Aakhiratti abaarramanii jiru. Mee ilaali akka
15 Zaadul Masiir-1590 16 Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-2/18-19, Abdurahmaan Habanka
36
fakkeenyatti Abu Rughaal. Qabriin isaa mallattoo ganuu taate. Seenaa keessatti
namoonni garmalee isa jibbu. Namni kamu yommuu qabrii isaa biraan darbu
dhagaan rukuta.
3-Dhugaan waraanaa Rabbii fi diinota Isaa jidduutti adeemsifame ifa bahuu-
Abdul Muxxalib akkana jechuun ergamaa Abrahaatti hime, “Nu isaan wal hin
lollu; Isaa fi manaa walitti gadi dhiifna (kana jechuun, nuti isa fuundura hin
dhaabbannu. Yeroo muraasaf makkan gadi dhiisne baana.) Yoo Rabbiin Mana
diigu irraa isa hin dhoowwin, Rabbiin kakadhe, isa waraanuf nuti humna hin
qabnu.” Kuni waraana Rabbii fi diinota Isaa jidduutti adeemsifamu agarsiisuf
jechoota gadi fageenyaan kan ibsameedha. Hanga fedhe humni diinota guddaa haa
ta’u, sakandii takkaaf humnaa, qabaa fi dandeetti Rabbii fuundura dhaabbachuu
hin danda’an. Inni (subhaanahu) jireenya kan kenneedha. Yeroo fedhettis kan
fudhatuudha.
4- Kabajni Araboonni Mana Rabbii qulqulluuf qaban ni dabale. Mana kana, tapha
mufsidoota (balleessitoota) fi warra mala baasan irraa ni eege. Akkasumas,
Kabajni Araboonni Qureeshotaaf qaban ni dabale. Ni jedhan, “Isaan namoota
Rabbiiti. Inni isaaniif gahe, diina isaan irraa deebise.”
5-Seenaan Arbaa ragaa Nabiyummaa agarsiisan keessaa tokko-Hayyoonni akka
Al-Maawardii fi Ibn Taymiyyah seenan arbaa mallattoolee nabiyummaa
Muhammad (SAW) agarsiisan keessaa tokko akka ta’etti ilaalu. Taateen arbaa
kuni erga adeemsifamee booda Nabiyyiin guyyaa 50 booda dhalatan.
Yommuu dhaloonni Nabiyyi dhiyaatu, mallattoolee Nabiyumma agarsiisan ni
baay’atan. Mallattolee gurguddoo kanniin keessaa wanta Abraha fi loltoota isaatti
uumameedha. Akkamitti? 1ffaa-Osoo Qureeshonni Abraha waliin wal lolanii fi
ergasii injifatamanii, silaa isaan booji’amuun gabra taasifamu. Garuu Rabbiin
(subhaanahu wa ta’aalaa) Abraha balleessun Nabiyyii akka gabraatti dhalachuu
irraa ni eege. 2ffaa-Amantii fi gocha isaanii irratti hundaa’e Qureeshonni loltoota
Arbaa irraa eeggamuun isaaniif hin malu. Isaan warra kitaaba irraa hin turre. Kana
irra, warra sanama gabbaranii fi dhugaa irraa garmalee fagaataniidha. Gara
Makkaan eegutti yommuu dhufne, wanti baay’ee barbaachisaan Ka’abaa kabajuu
fi Nabiyyiif karaa laaffisuudha. Yommuu Araboonni wanta Rabbiin warra arbaatti
hojjate beekan, Makkaa fi Qureeshota kabaja guddaan kabajan.
Ibn Taymiyaan ni jedha, “Taateen Arbaa kuni, bara Nabiyyiin (SAW) itti dhalate
keessa adeemsifame. Namoonni naannawa Ka’abaa jiraata turan mushrikoota
sanama gabbaran turan. Amantiin Kiristaanaa (Kana jechuun amantin Abraha)
amanti mushrikoota sanama gabbaranii (idol worshipers) caala. Kanaafu,
37
mallattoon kuni (haala ajaa’ibsisaan loltoota Abraha balleesun) warroota achi
jiraataniif kan adeemsifame osoo hin ta’in, Ka’abaa [eeguuf] yookiin Nabiyyi bara
kana dhalateef ykn isaan lamaanifu ta’a. Kanniin keessaa kamillee yoo ta’e,
taateen arbaa kuni mallattoo nabiyummaa isaa agarsiisudha.”
Waa’ee taatee arbaa kana osoo dubbatu Ibn Kasiiris ni jedha, “Kuni ergama
Nabiyyitiif (SAW) mallattoo fi haal-dureedha. Sababni isaas, nabiyyiin bara kana
dhalate. Akka waan Qureeshotaan akkana jedhameeti: Yaa tuuta Qureeshotaa! Isin
Habashaa caalaa gaarii waan taataniif Rabbiin isin isaan irratti hin gargaarre.
Garuu Mana durii (Ka’abaa) kan gara fuunduraatti Nabiyyii xumuraa (SAW)
erguun isa kabajuu fi tasgabbeessuu eeguuf [waraana Abrahaa balleesse].”17
17 As-Siiratu Nabawiyyati–fuula 39-44, Alii Muhammad Sallaabi, Noble Life of The
Prophet [English] 1/67-75
38
39
Sanyii Nabiyyii (Sallallahu Aleyh Wassallam (Saw)), Dhaloota fi Guddinna Kutaa darbe keessatti waa’ee gosa Qureesha yommuu ilaallu sanyii Nabiyyi
tuttuqne turre. Sanyiin Nabiyyi sanyii hawaasa keessatti kabajamtu fi beekkamtu
taatedha.Mee amma gaabbinnaan sanyii Nabiyyi haa ilaallu:
Imaamu Al-Bukhaarin sanyi Nabiyyi haala kanaan tarreessa (hubadhu: “Ibn”
jechuun “ilma”)
Muhammad ibn Abdullah ibn Abdul-Muxxalib ibn Haashim ibn Abd-Manaaf ibn
Qusayy ibn Kilaab ibn Murrah ibn Ka’ab ibn Lu’ayy ibn Ghaalib ibn Fihr ibn
Maalik ibn Nadr ibn Kinaanah ibn Khuzaymah ibn Mudrikah ibn Ilyaas ibn
Mudar ibn Nizaar ibn Ma’ad ibn Adnaan” Sahiih Al-Bukhaari 3851
Adnaan sanyii Ismaa’il (aleyh salaam) irraayyi. Namoota Adnaani fi Ismaa’il
jidduu jiran maqaan isaanii sirnaan hin qabatamne ykn hin galmoofne.
Galmeessitoonni seenaa fi warri sanyii lakkaa’u Adnaan sanyii Ismaa’il ibn
Ibraahim ta’uu irratti wali galanii jiru.
Seenaa keessatti namoonni sanyii kabajamtu irraa ta’an kabajaa fi sadarka guddaa
hawaasa keessatti qabu. Haala waligalaatin yommuu dubbannu, namni sanyii
kabajama irraa ta’e mirga hoogganuu fi aangoo qabaachu hin dhoowwamu. Garuu
namoonni nama sanyiin isaa gadi aanaa ta’e mirga hogganaa ta’uu, mootii,
Pireezadanti fi kan biroo ta’uu ni gaafatu. Nabiyyiin (SAW) Nabiyummaaf waan
qopheefameef, Rabbiin subhaanahu sanyii kabajamtuun isa badhaase. Kanaafu,
namoonni akka ergaa isaa fudhatanii fi hordofan haala mijeessef.
Dhugumatti, Nabiyyiin (SAW) sanyii hundarra caaltu fi kabajamtu qaba. Inni
sanyii Ismaa’il fi Ibraahim irraayyi. Akkasumas, deebii du’aayi Nabii Ibraahim
(aleyh salaam) godheeti. Nabiyyiin (SAW) akkana jedhu: “Ani kadhaa abbaa
kiyyaa Ibraahimii fi gammachiisa Iisaati.” (al-Haakim 2/600) Nabii Ibraahim
yommuu Ka’aba ijaaru,”Yaa Rabbii isaan keessaa nabiyyii baasi” jechuun
kadhate. Nabii Iisaaniis, ilmaan Israa’ilin, “Ana booda Nabiyyiin ni dhufa” jedhee
gammachiise. (Ilaali Suuratu As-Saff 61:6)
Sanyiin kabajamtuu fi gaarii ta’uun nama dhimmoota gadi aanoo fi faayda hin
qabne irraa oli isa kaasa. Dhimma ol’aanaa fi sadarkaa guddaatti akka xiyyeefatu
isa taasisa. Ergamtoonni fi warroonni Islaamatti waaman sanyii isaanii
qulqulleessuf garmalee carraaqu. Namoonnis qulqullinna kanaan isaan beeku,
isaani ni faarsu, akkasuma dhugummaa isaanii ni amanu.
40
Abdullah ibn Abdul-Muxxalib Aamina bint Wahab fuudhu Abdul-Muxxalib ijoollee kudhan qabaa ture. Isaan keessaa Abdullah nama kabaja
ofii eeggatuu fi jaallatamaa ture. Abbaan Abdul Muxxalib dubartii Qureesha
keessatti kabajamtu taate, maqaan ishii Aamina jedhamtu isatti heerumsiise.
Aaminaan intala Wahabiti. Wahab sayyidi (hogganaa ykn bulchaa) gosa Bani
Zuhrah ti.
Aaminaan erga Nabiyyi ulfoofte booda Abdullah osoo homaa hin turin du’e.
Abdullan eessumoota isaa Madiinaa jiran Bani Adiyy ibn Najjaar jedhaman biratti
awwaalame. Inni gara Sooriyaa daldalaaf deeme. Osoo deebi’aa jiruu duuti isaa
Madinaatti isa dhaqqabde. Sanyii barakaa qabdu of duubatti dhiisee du’e. Akka
waan akkanaa isaan jedhameeti, “Jireenya keessatti ergamni (mission) kee
xumuramee jira. Garuu daa’ima qulqulluu kana Rabbiin ogummaa fi rahmata
isaatiin ni kunuunsa, ilmaan namaa dukkana keessaa ifatti akka baasu ni
qopheessa.”
Dhaloota Nabiyyii (Saw)
Nabiyyiin (SAW) guyyaa Wiyxataa ji’a Rabbi’al Awwal irraa guyyaa 9ffaa keessa
dhalate. Barri kuni bara arbaa (Aammul Fiil) jedhamuun beekkama. Asitti ji’a
Rabbi’al Awwal keessa guyyaa meeqaffaa akka dhalate hayyoota jidduu
garaagarummaatu jira. Gariin guyyaa 9ffaa jedhu, gariin immoo guyyaa 12ffaa
jedhu.
Bakki itti dhalate immoo Makkaan keessa mana Abi Xaalib. Aaminaan erga
deesse, gara Abdul-Muxxalibitti erguun, “Daa’imni siif dhalate” jetteen. Innis
dhufee ni ilaale. Baadhatee gara Ka’abatti ni seenen. Dhaabbate Rabbiin
kadhachuu fi Isa faarsu jalqabe. Ergasii, “Muhammad” jechuun moggaase.
Maqaan kuni maqaa addaa ture. Araboonni maqaa kana ni ajaa’ibsifatan.
(Muhammad jechuun Faarfamaa (kan namoonni faarsan) jechuudha.)
Dubartoota Nabiyyii(Saw) Harma Hoosisan Erga Nabiyyiin (SAW) dhalate booda dubartiin isa kunuunsaa fi baadhataa turte
Umm Ayman jedhamti. Umm Ayman Habashaa irraa yommuu taatu, gabritti
Abbaa Rasuulaa (SAW) turte. Haadha isaa booda dubartiin jalqabaa Nabiyyi
(SAW) harma hoosistee Suwaybah jedhamti. Ishiin gabritti Abu Lahab turte. Abu
Lahab abbeeraa Nabiyyiiti. Suwaybiyyan Nabiyyi dura Hamza bin Abdul
Muxxalib hoosiste, Nabiyyi boodas Abu Salamat bin Abdul Asad Al-Makhzuumi
hoosiste jirti. Ishiin yeroo muraasaaf Nabiyyi erga hoosiftee booda Abdul
Muxxalib baadiyaa irraa dubartii harma hoosistu barbaade. Akka aadaa Araba
41
duriitti daa’imman isaanii baadiyyatti akka guddatan filatu. Sababni isaas
Baadiiyaa keessa qilleensa qulqulluu mijaawa ta’ee fi amala gaarii baadiya horatu.
Akkasumas, afaan Arabaa qulqulluu makaa hin qabne baadiya irraa baratu.
Ammas, badii magaalaa keessatti raawwatamu fi dhibee irraa ni fagaatu.
Haliimaa As-Sa’diyyah Haliima As-Sa’diyyah dubartii baadiyaa nabiyyi guddisuuf gara baadiyaatti
fudhatteedha. Erga Nabiyyiin (SAW) dhalatee booda dubartoonni harma hoosisan
gosa bani Sa’d irraa gara Makkaa dhufan. Haliimaan dubartoota tanniin keessa
takka turte. Dubartoonni harma hoosisan mindaa waan fedhaniif daa’ima abbaa
qabu barbaadu. Nabiyyiin abbaa waan hin qabneef dubartoonni isa fudhachuu
didan. Haliimaan daa’ima abbaa qabu barbaadde erga dhabde booda daa’imuma
abbaa hin qabne kana (Nabiyyii (SAW)) fudhachutti dirqamte. Garuu sababa
daa’ima kanaatiin barakaan guddaan jireenya ishii keessatti dhangala’e. Seenaa
mi’aawaa barakaa nabiyyi (SAW) itti dhandhamte nuuf himti. Seenaa ishiin
odeessitu mee xiyyeefannoon haa dubbisnuu:
“Garee dubartoota jalqabaa waliin harree tiyya bifti ishii magariisaatti ykn adiitti
dhiyaattu yaabbadhee bahee. Ana waliin abbaa manaa kiyyaa Al-Haaris bin Abdul
Uzza ture. Inni ijoollee Sa’ad bin Bakr keessaa tokko, ergasii gosa Bani Naadirah
keessaa tokko ta’e. Harreen teenya waan madoofteef dhiigni irraa gadi jiga. Ana
waliin gaalaa dullatti taatetu jira. Wallaahi (Rabbiin kakadhe)! Copha aananii
homaatu hin buustu. Barri bara hoongeti. Namoonni hanga dadhaboo fi
qaqal’atanitti garmalee beela’an. Anis ilma qabaa ture. [Beela irraa kan ka’ee]
halkan hin rafu. Anis wanta garaa isaa itti gab godhuun homaa harkaa hin qabu.
Garuu rooba ni abdanna. Hoolota qabnaa turre, kanaafu rooba ni kajeella.
Yommuu Makkaan dhufnu, nu keessa eenyullee hin jiru Ergamaan Rabbii (SAW)
kan itti dhiyeefame yoo ta’e malee. Hundi keenyaa isa fudhachuu ni jibbine. Ni
jennes: Inni yatiima (abbaa hin qabu). Abbaatu dubartii guddistutti arjoomaa fi
tola oolaa ta’aa. [Mucaan abbaa yoo hin qabaatin], haati, abbeeraan ykn
akaakayyun isaa maal nuuf godhuu?” Hiriyyoonni dubartootaa na waliin dhufan
hundi daa’ima hoosisan fudhatanii jiru. Ani mucaa abbaa hin qabne kana malee
kan biraa yommuu dhabu, gara isaatti deebi’e isuma fudhe. Wallaahi, sababni ani
fudheef isaan ala kan biraa waan dhabeefi. Abbaa manaa kiyyaan n jedhe,
“Rabbiin kakadhee! Ijoollee Abdul-Muxxalib keessaa yatiima kana nan fudha.
Tarii Rabbiin isaan nu fayyada. Osoo homaa hin fudhatin hiriyyoota dubartootaa
kiyya waliin hin deebi’u.” Innis ni jedhe, “Sirrii hojjatte.”
42
Anis isa fudhee gara bakka qubannaatti deebi’e. Galgaluma iddoo qubannaatti fide
irraa jalqabee harmi kiyya aannaniin guuttame. Aannan kanaan isaa fi ilma kiyya
obaasee dheebuu baase. Abbaan manaa kiyya gaala dullatti of duukaa finne tana
bira dhaabbachuun qaqqaba. İshiinis gur’uun ishii aannaniin kan guuttameedha.
Inni ishii ni elme. Aannan kanaan dheebu na baase, innis dheebu bahe. Ni jedhe,
“Yaa Haliimaa! Wallaahi lubbuu barakaa qabdu akka argannee beektee jirta!
Rabbiin wanta nuti hin abdanne sababa nafsee tanaatin nuuf kennee jira.” Halkan
kheeyri (gaarii) ta’ee quufnee ni bulle. Duraan daa’ima keenya waliin halkan hin
rafnu turre.
Ergasii ani fi hiriyoonni dubartootaa koo gara biyya keenyaatti deebi’uuf
ganamaan adeemsa (imala) jalqabne. Harree tiyya yaabbadhee isa
(nabiyyii(SAW)) of waliin qabadhe. Rabbii Harka Isaa lubbuun Haliimaa jirtuun
kakadhee! Harreen tiyya warra imalaa ni dursite, hanga dubartoonni akkana
jedhaniitti: “Nuuf qabi. Sila tuni harree ati yeroo jalqabaa manaa ittiin baatenii?”
Anis ni jedhe, “Eeti”. Isaanis ni jedhan, “Yommuu dhufnu madooftee dhiigni irraa
jigaa ture. Amma maal argatteetiin [akkanatti saggaartii (deemtii)]?” Anis ni
jedhe, “Wallaahi! Mucaa barakaa qabu ishii irratti baadhadhe.”
Adeemsa keenya itti fufne. Rabbiin guyyaa hundaa waan gaarii nuuf dabalu itti
fufe. Yommuu mana keenya geenyu, biyyattiin hoongen tan rukutamteedha.
Tiiksen teenya hoolota bobbaasani ni dachaasu. Hoolonni Bani Sa’ad yommuu
beela’an, hoolonni teenya immoo quufanii fi aannan gur’uu isaanii guutee
dacha’u. Elminees ni dhugna. Namoonni ni jedhu, “Hoolonni Haaris abdul-uzzaa
fi hoolonni Haliimaa maal argatanii? Quufanii fi aannan gur’uu isaanii guutee
dacha’u. Garuu hoolonni teessan beela’anii dacha’u. Ee badii keessan! Bakka
tiiksen isaanii itti bobbaasanitti isinillee bobbaasaa.” İsaanis ni bobbaasu. Garuu
akkuma duraanii beelofte dachaati. Hoolonni tiyya immoo akkuma duraanii
quuftee dachaati.
Nabiyyiin guddinna ijoollee biroo hin guddanne guddata. Guyyatti guddinna
waggaa guddata. Waggaa lama yommuu guutuu Anaa fi abbaan manaa kiyya gara
Makkaa deemnen. Ni jennes, “Wallaahi! Nuti isa guddisuu osoo dandeenyu,
gonkumaa isarraa addaan hin baanu. “ Yommuu haadha isaatti dhufnu, ni jenne,
“Wallaahi! Daa’ima isa caalaa barakaa qabu gonkumaa arginee hin beeknu.
Dhugumatti nuti, dhukkuba daddarbaa Makkaan keessatti babal’ate isaaf
sodaanna. Dhibee keetirraa hanga fayyitu, isa dhiisii [gara mana keenyaatti]
deebinaani. Hanga nuuf hayyamtu ishii kadhachuu itti fufne. Ergasii ni deebineen.
Ji’a sadii ykn afur nu waliin ture. Isaa fi obboleessi isaa (ilmi kiyya) dawoo
manneenitti ilmoolee hoolotaa fi re’oota keessatti osoo taphatanuu, obbolleessi
43
isaa fiigaa dhufee akkana nun jedhe, “Obboleessi kiyya Qureesha irraa ta’e,
namoonni lama uffatta adii ofirraa qaban itti dhufuun qabanii ciibsan. Ergasii
garaa isaa ni tarsaasan.” Anaa fi abbaan isaas (abbaan manaa kiyya), fiigaa gara
isaatti baane. Kan dhaabbatu ta’ee isa argine. Biifti isaa jijjiramee jira. Yommuu
nu argu, nutti fiigee booye. Nutis qabne ofitti hammanne: “Abbaa fi haati tiyya siif
haa wareegaman, maal taatee?”jenneen. Innis ni jedhe, “Namoonni lama natti
dhufanii gadi na ciibsan. Ergasii garaa kiyya ni baqaqsan. Waan tokko keessa
godhan, ergasii akkuma duraan turetti deebisan.” (Hubachiisa: Asitti "Obboleessa"
yommuu jedhu harma dubartii takkaa kan hodhaniidha. Abbaan osoo gargar
ta'eyyu harma dubartii takkaa yoo hodhan, ijoollen kunniin obboleeyyan waliif
ta'u.)
Haliimaan itti fufuun ni jetti: Abbaan manaa kiyya ni jedhe, “Ilmi kuni wayiin
akka tuqametti arga. Maatii isaatin wal qunnamsiisi. Wanti isaaf sodaannu isarratti
argamuun dura gara isaanii deebisi.” Nutis baadhanne gara haadha isaatti finne.
Yommuu argitu dhimma keenya ni jibbite. Akkana jette, “Isin gaafachuun dura
maaltu akka deebistan isin taasisee? Isa fudhachuuf garmalee fedhii guddaa
qabduu turtan.” Nutis ni jenne, “Homaayyu miti. Rabbiin hoosisni isaa akka
xumuramu murteesse jira. Wanti arginus nu gammachiise. (Kana jechuun fayyaan
isaa nu gammachiise jira.) Ishiinis ni jette, “Dhimma wayi qabdu. İnni suni maal
akka ta’e natti himaa.” Hanga ishitti himnu nu hin dhiifne. Ishiinis ni jette, “Lakki!
Rabbiin kakadhee, Rabbiin kana isatti hin hojjatu. Ilmi kiyya dhimma guddaa
qaba. Oduu isaa isinitti himuu sila? Garaa kiyya keessatti isa baadhadhee jira.
Wallaahi, ba’aa isa caalaa narratti salphaa ta’e gonkumaa baadhadhee hin beeku.
Yeroo isa ulfaa’e na irraa ifni morma gaalaa Busraa (ykn gamoo Busraa) ibse natti
agarsiifame. San booda yeroo da’uumsaatti isa ni dahe. Wallaahi akka daa’imman
biroo bahanitti inni hin baane. Harkaa isaatiin lafatti hirkatee, mataan isaa gara
samii olka’ee bahee.” Ishiinis ni fudhatte, nutis ni deemne.(Musnad Abi Ya'alaa
13/93, Lakk. 7163, Xabarani fil Kabiir-24/212, Lakk.545)18
Barnoota Asirraa Baratamuu
1-Baraka Nabiyyii (SAW) jireenya Haliima keessatti qabu-Barakaa jechuun
guddachuu fi baay’achuudha. Haliimaan erga Nabiyyi(SAW) ofitti fudhatte
jalqabee, jireenya ishee keessatti barakaan kuni ifa ta’ee jira. Harmi ishii duraan
aannan hin qabuu ture. Erga Nabiyyi(SAW) ofitti fudhattee booda, harmii ishii
aannaniin guuttame. Ilmi ishii halkan isaan hin raffisuu ture. Erga Nabiyyi ofitti
fudhattee nagahaan rafuu jalqaban. Hoolonni ishiitii fi abbaa manaa ishii
18 As-Siiratu Nabawiyyati–fuula 44-51, Alii Muhammad Sallaabi, Noble Life of The
Prophet [English] 1/77-87
44
quufanii fi gur’uun isaanii aannaniin guuttame galgala galu. Kuni barakaa
guddaa Rabbiin sababa Nabiyyitiin isaan keessa kaa’edha.
2-Rabbiin gabrichaaf wanta hundarra caalu fi barakaa qabu filachuufi- Rabbiin subhaanahu Haliimaaf mucaa yatiima kana filateef. Ishiinis fedhii malee
ni fudhatte, sababni isaas, kan biraa hin arganne. Kheeyriin kheeyri hunda caalu
wanta Rabbiin filateedha. Bu’aa filannoo kanaa akkuma fudhatteen mul’achuu
eegale. Namni wanta Rabbiin murteesse fi filatetti tasgabbaa’u fi gammaduu akka
qabu kuni Musliima hundaaf barnoota guddaa ta’a. Wanta darbee fi Rabbiin hin
murteessineef gaabbu hin qabu. Seenaa kana irraa jecha gamnummaa akkanaa
guduunfu dandeenya:
Wanta ati filattee fi feetu caala wanta rabbiin siif murteessetu caala. Kanaafu,
gammachuun wanta inni siif murteesse fudhadhu xumura irratti wanta gaarii
argitaati.
3-Fayyumma qaamaa, qulqullummaa nafsee fi qarummaa sammuu keessatti
bu’aa Baadiyyaan qabu- Sheykhu Muhammad Ghazaali ni jedha: Koola
uumamaa keessatti akka gammadanii fi qilleensa bilisaatti akka fayyadamaniif
Ijoollee baadiyyatti guddisuun, uumamni isaanii akka qulqullaa’u, kutaaleen
qaamaa fi miironni akka dagaaganii fi yaanni akka hiikkamu taasisa.” Garuu yeroo
ammaa wanta nama gaddisiisuun ijoolleen teenya mana walitti maxxanan keessatti
kan itti oggorameedha. Qilleensa qulqulluu fi gadi fagoo hin harganan. Shakkii
hin qabu, rakkinni sirna narvii (dhiphinni sammuu) yeroo ammaa namoota
muudataa jiru sababa uumama irraa fagaatanii fi meeshaalee teeknolojii keessatti
taraniifi. Ammas baadiyatti guddachuun afaan ofii sirnaan akka baran nama
taasisa. Nabiyyiin (SAW) yeroo ijoollummaa baadiyyatti guddachuun Arabiffa
qulqulluu akka dubbatanii fi dubbiin isaanii akka qajeelu gargaare jira.
4-Laphee baqaqsu irraa faayda hubatamu Yommuu nabiyyiin (SAW) Haliima bira ture sanitti laphee isaa baqaqsuun
mallattoo nabiyyummaa isaa kan agarsiisudha. Waa’ee laphee baqaqsu ilaalchise
Imaamu Muslim Anas bin Maalik irraa hadiisa kana gabaase jira. Anas ni jedha:
“Ergamaan Rabbii (SAW) osoo ijoollee waliin taphatu Malaykaan Jibriil itti
dhufuun isa qabee lafarra ciibse. Qalbii isaatirraa qoma tarsaase ol baase. Ergasii
qalbii keessaa alaqa (dhiiga ititaa) baasee akkana jedhe, “Kuni sirraa qooda
sheyxaanati.” Ergasii qabee warqii keessatti qalbii bishaan Zamzamaatin dhiqee
bakka isaatti deebise. Ijoolleen gara dubartii harma isa hoosistuu fiigaa dhufanii
“Muhammad ajjeefame jira.” Jedhan. Biifni isaa kan jijjirame ta’ee gara isaatti
45
fiigan.” Anas ni jedha, “Ani mallattoo hodhaa laphee isaa irratti nan argaa ture.”
Sahiih Muslim 162
(Qalbii baasee ergasii dhiqee itti deebisuun akka waan hin danda’amneetti hin
yaadin. Yeroo ammaa hospitaala keessatti garaa tarsaasun (opreeshinii goochun)
meeshaalee qaamaa ni jijjiru ykn ni qulqulleessu. Inumaa qalbii (onnee) nama
biraa itti galchuu. Afaan saayinsitiin kuni “Transplantation” jedhama.)
Dhugumatti, qalbii qooda sheyxaanaa irraa qulqulleessun ganamaan nabiyummaaf
haala mijeessu, sharrii fi Rabbiin ala wanta biraa gabbaruu irraa eegudha. Qalbii
isaa keessa tawhiida qulqulluu malee hin seenu. Taaten armaan olii kaayyoo
isaatiif oolee jira. Nabiyyiin (SAW) badii gurguddaa gonkumaa hin hojjanne.
Yeroo san Qureesha keessatti sanamni (bocni dhagaa waaqefatamu) garmalee haa
baay’atu malee nabiyyiin gonkumaa sanamaaf hin sujuunne.19
Maddoota Siiratu Nabawi– fuula 157-160, Abul Hasan Nadawi,
Rahiiqal Makhtuum (The Sealed Nectar)- fuula 56, (English),Safi’u Rahmaan
Mubaarakpuri
19 Madda olii
46
Du’a Haadha Nabiyyii (Saw), fi Nabiyyiin Akaakayyuu Isaa Jalatti Guddachuu Ergasii Abbeeraa Isaa Jalatti Akkuma yeroo darbe jenne abbaan Nabiyyii (SAW), Abdullah ibn Abdul
Muxxalib osoo nabiyyiin garaa keessa jiran addunyaa tana irraa godaane (amri
ta’e). Daldalaaf gara Sooriyaa deemee osoo deebi’aa jiruu karaa irratti dhibame.
Magaalaa Madiinaa iddoo eessummaan isaa jiran yommuu gahu ni du’e.
Nabiyyiin (SAW) yommuu umriin isaa waggaa jaha gahu haati isaa fira ziyaaruf
(daaw’achuuf) gara Madiina deemteen. Osoo gara manaa deebi’aa jirtuu, Makkaa
fi Madiina jidduutti bakka “Al-Abwaa’u” jedhamtutti duuti ishitti dhufte. Haadha
mararfattuu dhabuun nabiyyii irratti gaddi kophummaa ni tuulame. Haati erga
duute booda akaakayyuun isaa Abdul muxxalib itti gaafatamummaa guddisuu ni
fudhate. Abdul-Muxxalib baay’ee isaaf kan mararfatuu fi jaallatu ture. Gaaddisa
Ka’aba jalatti firaasha isaatirra teechisaa ture.
Yommuu Nabiyyiin (SAW) umriin isaa waggaa saddeet gahuu akaakkayun isaas
ni du’e. Hadhaa yatimummaa kan duraa caalaa cimaa ta’e si’a lammataaf ni
dhandhame. Abdul Muxxalib yommuu du’uu, abbeera Nabiyyi kan ta’e Abu
Xaalibitti, akka Nabiyyi guddisuu fi kunuunsu dhaamsa itti dabarse.
Abu Xaalib ilma Abdul Muxxalibi. Kana jechuun obboleessa abbaa Nabiyyiti.
Abu Xaalibi fi Abdullah garaa tokko. Abdul-Muxxalib erga du’e booda Nabiyyiin
(SAW) mana Abu Xaalibitti guddifamuu fi kunuunfamu jalqabe. Abu Xaalibis
isaaf kan mararfatuu fi jaallatu ture.
Barnoota Asirraa fudhatamu Namoota balaa guddaaf saaxilaman keessaa tokko ijjoollee yatiima ta’aniidha.
Nabiyyiin (SAW) yatimootaaf fakkeenya gaarii fi guddaa ta’u. Abbaan isaa osoo
inni garaa keessa jiruu irraa du’e. Haatis waggaa 6 booda duute. Jaalala haadha fi
abbaa osoo hin dhandhamn ykn dheebu hin bahin, haadha fi abbaa dhabe. Kana
keessa iccitii baay’etu jira.
1-Eeggumsa Rabbiin isaaf godhe- Rabbiin (subhaanahu wa ta’aalaa) nabiyyi
xumuraa addunyaaf ifa ta’u qopheessuf daa’imummaa irraa eegalee eeggumsa
guutuu godheef. Qalbii akaakayyuu fi abbeeraa isaa keessatti jaalalaa fi
mararfannaa darbe. Hanga ilmaan ofii caalaa isa jaallatan gahanitti garmalee
kunuunsan. Rabbiin subhaanahu wa ta’aala ni jedha:
لم يدك يتيما ف ﴿
وى أ ﴾٦ا
“Sila yatiima ta’uu si argee [si] hin hirkifnee?” Suuratu Ad-Duha 96:6
47
Kana jechuun Gooftaan kee yatiima abbaa fi haadha hin qabne taatee si arge.
Ergasii eeggumsaa fi kunuunsa Isaatiin si marse. Nama tokko ofitti hirkisee
yommuu jettu, ofitti qabee, eeggumsaa fi kunuunsa kiyya jala godhee jechuu keeti.
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Abdul Muxxalib Nabiyyii akka guddisuu fi
kunuunsu taasise. Qalbii isaa irratti jaalala nabiyyiif qabu darbe. Erga Abdul
Muxxalib du’ee booda Abu Xaalib akka isa guddisuu fi eegu taasise. Abu Xaalibis
ijoollee ofii caalaa nabiyyii jaallataa ture. Kuni hundi eeggumsaa fi kunuunsa
Rabbiin isaaf godheedha.
Barnoonni guddaan namni asirraa fudhatu, namni hanga fedhe abbaa fi haadha haa
dhabu, eeggumsi fi kunuunsi Rabbii isa waliin yoo jiraate, nama abbaa fi haadha
qabu caala. Seenaa keessatti namoonni gurguddoon yatiima turan. Nabiyyiin
(SAW) fakkeenya guddaa yommuu ta’u, itti aanse kan akka Imaamu Ahmad bin
Hanbal, Imaamu Bukhaari fi kan biroo yatimoota turan. Eeggumsi Rabbii yoo
jiraate, yatimummaan salphinna osoo hin ta’in kabaja ta’a.
Ammas barnoonni biraa asirraa fudhatamu, dubartiin ijoollee qabdu yommuu
abbaan manaa ishii irraa du’uu abdii kutuu hin qabdu. Dubartoonni gariin yommuu
abbaan manaa irraa du’u, “Eenyutti na gattee deemtaa? Si booda ijoollen tee
yatiima salphatan taati.” jechuun iyyu, abdi kutu. Kuni dhugumatti, iimaanni
hanquu ta’uu agarsiisa. Rabbitti yoo amante, ishii fi ijoollee ishiitiif Rabbiin
gahaadha. Yoo mu’mina (dhugaan tan amantu) taate, Rabbiin eeggumsaa fi
kunuunsa guddaa ishi fi ijoollee ishiitiif godha.
Suuratu Al-Kahf keessatti dhugaa kana ni arganna. Suurah tana keessatti waa’ee
adeemsaa fi waliin haasawa Nabii Muusaa fi Khidr osoo dubbatu ijoollee abbaan
irraa du’e ni hima. Khidr gabricha gaarii Rabbiin beekumsa addaa isaaf
kenneedha. Nabii Muusaa fi inni osoo waliin deemanu dhaaba manaa diigamu
hedutti dhufan. Khidr mana kana sirnaan deebisee ijaare. Namoonni ganda kana
keessa jiran Nabii Muusaa fi Khidr yommuu nyaataf isaan gaafatan keessumeessu
ni didan. Nabii Muusaan kana yommuu argu, Khidrin akkana jedhe, “Osoo feete,
mindaa mana ittiin ijaarte irraa fudhattaa turte?”
Khidris dhumarratti dhaaba manaa diigamu hedu kana mindaa tokko malee maaliif
deebisee akka ijaare Nabii Muusaatti akkana jechuun hime: “Dhaabni manichaa
kan ijoollee yatimootaa lama magaalatti keessa jiraatani ture. [Dhaaba
manaa kana] jala qabeenya awwaalame kan isaaniitu jira. Abbaan isaanii
nama gaarii ture. Gooftaan keetis ijoolleen yatiimaa lamaan kunniin umrii
ciminnaa gahanii rahmata Gooftaa keeti irraa qabeenya awwaalame akka
baafatan fedhe.” (Ilaali suuratu Al-Kahf 18:82)
48
Aayah (keeyyata) tana keessatti waa lama hubanna: 1ffaa- abbaan ijoollee tanaa
nama gaarii (saaliha) ta’uu. 2ffaa- yommuu inni du’u sababa inni nama gaarii
ta’eef, Rabbiin ijoollee isaatiif eeggumsaa fi kunuunsa godhe. Hanga umrii
gaheessummaa fi ciminnaa gahanii qabeenya mana jalatti akka awwaalamu
taasise. Ergasii umrii gaheessummaa yommuu gahan baasanii itti fayyadamu.
Haaluma kanaan, abbaa fi haati gaarii ta’anii isaan keessaa tokko ykn lamaanu yoo
du’an, ijoolleen kunuunsaa fi eeggumsa Rabbii hin dhaban. Kanaafu, dubartoonni
teenya dhiira saaliha (gaarii) ta’etti heerumuuf haa carraaqan. Ammas, dhiironni
keenya nama gaarii ta’uuf haa carraaqan. Dubartoonnis daran gaarii ta’uuf haa
tattaafatan. Rabbal aalamiina irraa isaanii fi ijoolleen isaanii eegumsaa fi kunuunsa
argatuuti.
2-Qabeenyaa fi qananiin gowwoomu dhabuu- yeroo baay’ee namoonni abbaa
fi haadha qaban yoo qabeenya qabaatan, qabeenyi kuni isaan gowwoomsa. Of
tuuluu fi amalli badaan baay’een isaanirraa mul’ata. Rabbiin subhaanahu wa
ta’aalaa Nabiyyi (SAW) kaayyoo guddaaf waan qopheessaa jiruuf qabeenyaa fi
qananiin akka hin gowwoomne yatiima ta’ee akka guddatu fedhe. Kanarraa kan
ka’e, Nabiyyiin addunyaa tana garmalee ol hin guddisan. Kana irraa Aakhirah
qananiin guuttamteef hawwuu. Addunyaan badduudha, Aakhiraan turtuudha.
Kanaafi, Rabbiin akkana jedheen:
ذك من ﴿ ول ٱولألخرة خري ل ﴾٤ل
“Dhugumatti, Aakhiratu addunyaa irra siif caala.” Suuratu Ad-Duha 93:4
Wanti namni asirraa baratu, hanga fedhe yatima ta’uun qabeenyaa fi qananii abbaa
haadha haa dhabu, yoo mucaan kuni Rabbiif ajajamuuf carraaqe, Rabbiin
subhaanahu rahmata Isaatin isa qananiisa. Kanaafi, Rabbiin suuratu Ad-Duha kana
keessatti akkana jedheen:
“Daalla taate si argee si qajeelche. Hiyyeessas ta’uu si argee si duroomse.” Suuratu Ad-Duha 93:7-8
Akka lugaatti jechi "daalla" hiika kana qaba: “Baduu, hafuu fi dhokachuudha.”
Jechi kuni mataa ofiitin dhaabbachuun itti fayyadaman. Yommuu karaa
barbaaddee karaaleen hundi wal fakkaatanii fi dhamaate dalaltu xariiqa jetta.
Sababni isaas, takkaa karaa kana hin beektu turte, takkaa immoo ni dagatte.
Akkasumas, wal-qabsiistu “An” walitti maxxanuun itti fayyadaman. Ni jetta,
dalaltu ani xariiqi (karaa irraa bade).
49
Aayah tana keessatti hiikni sirriin haala nabiyyiitiin wal simatu, karaa qajeela
sirrittii fi bal’innan beeku dhabuudha. Kana jechuun waa’ee iimaana fi kitaaba
wallaaludha.20 Rabbiin subhaanahu kitaaba isatti buusun waa’ee iimaana fi kitaaba
akka beeku taasise. Haala kanaan karaa qajeelatti qajeelche. Namni yeroo
ijoollumaa waa’ee iimaanaa fi kitaaba takkaan baratee hin fixu. Suutuma suuta
barachuun sadarka guutuu irra gaha.
Ammas, nabiyyin yeroo ijoollummaatti abbaa fi haadha waan hin qabneef
hiyyeessa turan. Rabbiin subhaanahu isa duroomse. Yommuu umriin isaa waggaa
25 gahuu dubartii dureetti Khadijaa jedhamtu fuudhun nabiyyin (SAW) ni
duroome.
Kanaafu Rabbiin keessaa alaan isa duroomse. Keessa isaa iimaanaa fi beekumsaan
yommuu duroomsu, ala immoo qabeenyaan duroomse. Kuni kunuunsaa fi
eeggumsa guddaa Rabbiin isaaf godheedha. Haaluma kanaan, namni ijoollummaa
isaatti yatima yoo ta’ee fi karaa Rabbii yoo qabatee, Rabbiin iimaanaan,
beekumsaa fi qabeenyan isa duroomsa.
3-Gara-laafinnaa fi of gadi qabuu-namni koolu haadha abbaa isaa jalatti
guddatee yoo qananii adda addaatin qanani’ee, qalbii isaa keessatti garaa jabaachu
fi of tuulun itti dhagahama. Rakkoon namatti baay’achuun immoo qalbiin akka
laaftu fi amala badaa of tuulu akka gatan taasisa. Nabiyyiin (SAW) wal duraa
duuban hadhaa yatimummaa ni dhandhaman. Rakkoon akkanitti isaanitti
baay’achuun rakkoo namoota biroo salphatti akka hubatanii fi garaa laafan isaan
taasisee jira. Namoota keessaa hunda caalaa kan garaa laafu fi mararfatu
nabiyyiidha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
م حريص ﴿ نفسكم عزيز عليه ما عنت
ن أ لقد جاءكم رسول م ﴾١٢٨رءوف رذحيم لمؤمني ٱعليكم ب
“Dhugumatti,Ergamaan isin irraa ta’e, rakkinni keessan isa irratti kan
jabaatu, kan isiniif bololu, mu’mintootaaf mararfataa, rahmata godhaa ta’e
isinitti dhufee jira.” (Suuratu At-Tawbaa 9:128)
"rakkinni keessan isa irratti kan jabaatu” Yommuu rakkattan kan dhiphatu fi
cinqamu. “Kan isiniif bololu” jechuun keeyri (wanta gaarii) isiniif kan jaallatu,
isin akka gahuuf kan carraaqu, iimaanatti akka qajeeltaniif garmalee kan fedhuu
20 Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-1/567, Abdurahmaan Habanka
50
fi sharrii kan isiniif jibbuudha. Akka irraa fagaattanis ni carraaqa. Mu’mintootaaf
(warroota amananiif) mararfataa (garaa laafaa) fi rahmata godhaa kan ta’eedha.
Kuni hundi amala gaggaarii Nabiyyiiti.
Wanti namni asirraa baratu, rakkoon namatti baay’achuun garaa akka laafanii fi of
gadi qaban taasisa. Yeroo hundaa qananii keessa jiraachun immoo qalbiin akka
gogduu fi of-tuulan taasisa. Qalbiin yoo gogde immoo namaaf garaa laafun hin
jiru. Kuni gara daangaa darbuutti ergasii gara adabbiitti nama geessa. Akka
fakkeenyatti moottota abbaa irree fi warroota qananii ilaali. Kanaafi, aalimoonni
gariin ,"rakkoon nama tuquun rahmata Rabbiin irraa ta'eedha" jedhu.
4- Abdii fi ijjannoo- nabiyyiin (SAW) yatiima haa ta’uyyuu malee abdiin isaa ifa,
ijjannoon isaa cimaa ture. Abbaa fi haadha hin qabu jechuun dukkana abdii kutuu
keessatti hin tarre. Yatiimni wanti asirraa baratu, karaa sirriin yoo carraaqe
gargaarsa Rabbitiin bakka guddaa akka gahuu abdachuu fi ijjannoo qabaachudha.
Rakkoo isa muudatuuf harka kennuu fi abdii kutuu hin qabu. Dukkanni deemee
ifni akka dhufu haa abdatu.
Maddoota Siiratu Nabawi– fuula 163, Abul Hasan Nadawi,
As-Siiratu Nabawiyyati–fuula 53-54, Alii Muhammad Sallaabi, Noble Life of
The Prophet [English] 1/90-92
51
Hojii Tiikaa Irratti Bobba’uu Nabiyyiin (salallahu aleyh wassalam) erga akaakayyuun isaa du’ee booda
abbeeraa isaa, Abu Xaalib jalatti guddifamu fi kunuunfamu jalqabe. Abu Xaalib
nama galiin isaa xiqqaa ta’eedha. Nabiyyiin abbeeraa isaa kana gargaaruf tiiksee
ta’uun hoolota eege. Nabiyyiin (SAW) isaa fi nabiyyoonni isaan dura darban
hoolota akka tiiksan ni beeksiisa. Inni warra Makkaatiif yeroo ijooollummaa
hoolota tiiksaa ture. Haqa isaas (mindaa) abbaa hoolotaa irraa ni fudhata. Hadiisa
sahiih ta’ee keessatti Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan: “Rabbiin nabiyyi
hin ergine, hoolota kan tiikse yoo ta’ee malee.” Sahaabonni (namoonni nabiyyi
waliin turanii fi amanan) ni jedhan, “Atillee moo?” Nabiiyyinis ni jedhe, “Eeti!
Warra Makkaatiif Qaraarixa irratti tiiksafii ture.” Sahiih Al-Bukhaari 2262
Hayyoonni Qaraarixni hiika lama akka qabu dubbatani jiru. 1ffaa-Qaraarixni
maqaa bakkaa Makkaan keessatti argamuudha, 2ffaa-Saantima yeroo sanii
Diinaara ykn Dirhaama irraa hanga ta’eedha. Akka hiika kanaatti hiikni hadiisaa
akkana ta’a: Nabiyyiin (SAW) mindaadhaan hoolota tiiksaa ture.)
Dhugumatti hoolota tiiksun Nabiyyiif tasgabbii nafseen kabajamtuun barbaaddu
kennaaf. Akkasumas, miidhaginna gammoojjitti akka gammaduu fi uumamtoota
Rabbii irratti xinxalluun Guddinna Rabbii akka beeku isa taasisa. Tiiksen tiika isaa
keessatti amaloota miidhagoo baay’ee argata. Nabiyyiif hoolota tiiksun ummata
hoogganuu keessatti shaakallii fi leenjii guddaa ta’eefi jira.
Hoolota tiiksun abbichaaf (tiikseef) amaloota gaggaarii baay’ee kennaaf.
Isaan keessaa: 1-Obsa (Sabrii)- Ganama irraa kaasee hanga galgalaatti dirqamni tiikse irra jiru,
garaa hoolota quubsu fi badii irraa eegudha. Haala kana keessatti tiikseen obsa
isa barbaachisa. Haaluma kanaan dhala namaa guddisuu fi barsiisu keessatti obsa
guddaa barbaachisa.
Dhugumatti tiikseen gamoo keessa ykn mana qananii keessa hin jiraatu. Kan inni
jiraatu qilleensa baay’ee hoo’aa ykn baay’ee qorraa ta’e keessa. Keessumayyu
naannoo Arabiyyaatti hoo’i baay’ee guddaa waan ta’eef, dheebuu bahuuf bishaan
qorraa fi baay’ee ta’e isa barbaachisa. Nyaatas yoo ta’e wanta akka xoroshoo fi
qixxaa malee nyaata gaarii hin argatu. (Tarii warri magaalaa qofa keessa jiraatan
xoroshoon maal akka taate wallaalu danda’u. Xoroshoo fi qixxaan garagara.
Xoroshoon haphii fi gogduu yommuu taatu eelee sibilaa irratti tolfamti. Qixxaan
immoo furdaa yommuu ta’uu eelee faaraa (suphee) irratti tolfama. Namni tiikse
52
ta’e kana sirriitti beeka.) Gabaabummatti jireenyi tiikse baay’ee ulfaataa waan
ta’eef, haala jabaataa kan hunda danda’uun isarra jira. Barachuun obsuu qaba.
2-Of gadi qabuu (At-Tawaadu’u)- amalli hojii tikaa hoolota fi re’oota tajaajiluu,
yommuu dhalan isaan too’achuu, bineensa irraa isaan eegu fi isaanitti dhiyaatani
rafuudha. Kunniin itti gaafatamumma guyyaa guyyaa tiikseti. Tiiksen hoolotaa fi
re’ootatti dhiyoo ta’uu irraa kan ka’e yeroo garii fincaanii fi shishiin isaanii isa
tuqa. Innis kana hundarraa hin hifatu, hin aarus. Akkuma hojiin isaa kuni itti
fufuuni nafsee isaa irraa of tuuluu fi of guddisuun fagaata. Nafsee isaa keessatti
amalli of gadi qabuu hidda qabata. Hadiisa sahiih ta’e keessatti, Ergamaan Rabbii
(SAW) akkana jedhanii jiru: “Namni hanga firii raafu qalbii isaa keessaa of-tuuluu
(boona) qabu, Jannata hin seenu.” Namtichi tokko ni jedhe, “Dhugumatti namni
tokko uffanni isaa gaarii akka ta’u, kopheen isaas gaarii akka taatu ni jaallata.
[Kuni of-tuuludhaa?]” Nabiyyinis ni jedhan: “Rabbiin Bareedhaa, bareedinna ni
jaallata. Al-Kibr (Of-Tuuluu) jechuun haqa fudhachuu diduu fi namoota
tufachuudha.” Sahiih Muslim 91
3-Gootummaa- Tiiksen hoolonni isaa akka hin nyaatamneef bineensota waliin
wal’aanso baha. Hoolota isaa waraabeessa, qeerransaa fi kkf irraa baraaruf goota
ta’uun isarra jira. Namni horii fi hoolota tiiksu yeroo jalqabaaf goota ta’uu yoo
baateyyu, akkuma tiika isaa itti fufuun amala gootummaa gabbifataa adeema.
4- Rahmataa fi mararfannaa- akkuma namni dhibamu fi rakkatu, hoolonnis
dhibee fi rakkinnaaf ni saaxilamu. Yommuu hoolaan dhibamtu ykn cabdu wanti
tiikse irra jiru, ishiif mararfachuu, ishii wal’aanu fi rakkinna ishiif hir’isuudha.
Namni horiif rahmata godhuu namoota birootif daran rahmata godha.
Keessumaayyu, ummata barsiisuuf, qajeelchuuf, dukkana keessaa akka baasuu fi
ibidda irraa akka baraaruf nabiyyii Rabbiin erge yoo ta’e, namoota hunda caalaa
rahmata namaaf godha ykn mararfata.
5-Dafqa ofiitiin galii argachuuf jaallachuu- Dhugumatti Rabbiin subhaanahu
wa ta’aala hoolota tiiksu irraa nabiyyi (SAW) duroomsu irratti danda’aadha.
Garuu isaa fi ummata isaa harkaan hojjatanii fi dafqa xuruuranii nyaachu barsiisuf
kana godhe. Hoolota tiiksun gosa harkaan hojjatanii nyaachuti. Namni jireenya
kabajamtu jiraatu nama karaa halaalatiin harka ofiitiin hojjatee fi dafqa itti
xuruurate galii isaa argatuudha. Nama kadhachuu fi karaa haraamatin galii
argachuun salphinna. Waa’ee nama qabeenya isa gahu osoo qabu nama kadhatu
ilaalchisee Nabiyiin (SAW) akkana jedhan:
"Namni tokko [qabeenya] namoota kadhachuu itti fufa, hanga Guyyaa
Qiyaamaa fuula isaatirra muraa foonii homaatu kan jiree ta’ee dhufuutti.”
53
Sahiih Muslim 1040 , Hadiisa biraa keessatti, “Namni [qabeenya ofii]
baay’ifachuuf namoota qabeenya isaanii kadhate, xiqqaates guddates wanti
inni kadhatu barbadaa qofa.” Sahiih Muslim 1041
Kuni qabeenyaa fi humna osoo qabanuu namoota kadhachuun garmalee
jibbamaa akka ta’e agarsiisa. Kabajaa harka ofiitiin hojjatanii nyaachun qabuu
Nabiyyiin (SAW) akkana jechuun ibsu:
" داود ـ عليه السالم ـ ما أكل أحد طعاما قط خيرا من أن يأكل من عمل يده، و إن نبي للا
"كان يأكل من عمل يده . “Eenyullee wanta harka isaatiin hojjatee nyaate caalaa gonkumaa nyaata
gaarii hin nyaanne. Dhugumatti Nabiyyiin Rabbii Daawud (nageenyi
isarratti haa jiraatu) wanta harki isaa hojjate irraa nyaataa ture.” Sahiih Al-
Bukhaari 2072
Kana jechuun nyaanni hundarra gaariin namni nyaatu wanta harka isaatiin
hojjateedha. Asitti wanta harka isaatiin hojjate jechuun harka isaatiin hojjatee galii
ykn qabeenya argatuudha. Namni harka ofiitiin hojjatee galii yoo argatee fi galii
kanaan ofii fi namoota isatti hirkatan yoo nyaachise, dhugumatti nyaata gaarii
nyaataa jira.
Shakkii hin qabu, namni harka ofiitiin hojjatee yoo of danda’ee fi Rabbiin malee
eenyuma irrattillee yoo hin hirkatin, bilisummaa guutuu argata. Akkasumas, jecha
haqaa dubbachuu irratti dandeetti horata. Namoota meeqatu namoota daangaa
darbaniif mataa ofii gadi qaba, badii isaan hojjatan irratti ni cal’isuu. Mindaa
argannuu ni dhabna jechuun fedhii isaanii hordofu.
Barnoota Nabiyyiin (SAW) Hoolota Tiiksu irraa fudhatamu Barnoota tiika hoolota irraa fudhatamu kan armaan oliiti. Nabiyyiin hoolota
tiiksuun amaloota gaggaarii armaan olii gabbifatanii jiru. Garuu yeroo ammaa
namoonni baay’een magaalatti godaanaa waan jiraniif carraa hoolota tiiksu hin
argatan. Kanaafu, barnoota akkamii isaaniif maluu tiika Nabiyyii (SAW) irraa
fudhatuu danda’uu?
A)-Haalli namoota nama guddisanii namatti dhagahamuu- Abu Xaalib
Nabiyyiif (SAW) gargaarsa fi kunuunsa guddaa godhaafi ture. Garuu nabiyyiin
jaalalaa fi kunuunsa kanatti gammaduun hin teenye. Haala abbeeraa isaa
hubachuun yoosu gara hojiitti seenuun galii ofii fi abbeeraa ofii itti gargaaru
barbaadeti. Namoonni gariin namoota biroo irratti hirkatan, nyaachu fi dhuguu
malee homtu isaanitti hin dhagahamu. Taa’anii dafqa namaa nyaachu malee mataa
54
ofiitii carraaqu hin barbaadan. Seenaa Nabiyyi irraa wanti barannu taa’anii
nyaachu osoo hin ta’in hanga humni ofii danda’en hojii namaaf maluu
hojjachuudha.
B) Hojii Tuffachu dhiisu- Nabiyyiin “Ani ganaa tiiksee ta’aa?” jechuun hojii hin
tuffanne. Namoota qabeenya kadhachuun salphinna akka ta’e, hojiin haa xiqqaatus
harka ofiitiin hojjatanii nyaachun kabaja akka ta’e waan beekaniif hojii argatan
gonkumaa hin tuffanne. Namni kana yoo beeke, hojii argate ni hojjata. Yoo hojii
kana itti gammadee hojjate, suutuma suuta galiin isaa dabalamaafi adeema.
Naannoo keenya irraa kana ni hubanna. Hojii xiqqaa hojjachuun sadarkaa namaa
gadi hin buusu. Tiiksee hoolotaa ta’uun sadarkaa nabiyyii gadii buusee jiraa?
Gonkumaa hin buusne. Ammas hayyoonni (aalimman) Islaamaa nabiyyitti
hidhatan xiqqaatus harka ofiitiin hojjatanii nyaachu jaallatu. Namoota kadhachuu
garmalee jibbuu. Imaamu Ahmad akkana jechuun du’aayi gochaa ture: “Yaa
Rabbii! Akkuma fuula kiyya wanta biraatiif sujuuda bu’uu irraa eegde, Siin ala
wanta biraa kadhachuu irraayis na eegi.”Gabaabumatti, hojii halaala ta’e osoo hin
tuffatin hojjachuun salphinna irraa nama eega.
C) Qabeenyi hundarra gaariin qabeenya hojjatanii argataniidha- addunyaa
tana keessatti Rabbiin jireenya akkamii gabroota Isaatiif akka jaallatu hojii
Nabiyyii (SAW) irraa ni baranna. Rabbiin Nabiyyii Isaatiif garmalee osoo hin
carraaqinii fi hoolota hin tiiksin, jireenya isaa keessatti haala lafaa ta’een qananiisu
ni danda’aa ture. Garuu Ogummaan Rabbii nabiyyii fi Muslimoonni hundii
barnoota baay’ee barbaachisa ta’ee akka baratan agarsiisa. Barnoonni kunis:
Qabeenyi hundarra gaariin namni argatu qabeenya harka isaatiin itti ifaaje hojjatuu
fi tajaajila hawaasa isaatii fi ilma namaatif dhiyeessun wanta argatuudha.
Qabeenyi hundarra badaan namni argatu immoo osoo humnaa fi fayyaa qabuu
dugda isaatiin ciisee qabeenya isaaf kennamuudha.
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Qur’aana keessatti hojjannee fi ifaajne akka
nyaannu nu ajaja:
يٱهو ﴿ رض ٱجعل لكم لذ ٱذلول ف ل مشوا زقه ۦ ف مناكبها وكوا من ر
ر ٱإوله شو ﴾١٥لن
55
“Inni dachii laaffifamtu Kan isiniif taasiseedha- kanaafu manaakiba ishii
keessa deemaatii soorata Isaa irraas nyaadhaa. An-Nushuur garuma Isaati.” Suuratu Al-Mulk 67:15
“Inni dachii laaffifamtu kan isiniif taasiseedha” kana jechuun wanta haajaa
keessaniin wal qabate hunda akka argattaniif dachii tana Kan isiniif laaffise
Rabbiidha. Mana akka irratti ijaarrattan, biqiltuu keessatti akka dhaabdan,
midhaan ishii keessatti akka facaafattan, biyya tokkorraa biyya biraa gahuuf
karaalee keessa deemtanii fi haajaa baay’ee akka guuttatan dachii isiniif laaffise.
“manaakiba” jecha kanaaf hayyoonni hiika sadiin ibsanii jiru: 1ffaa-Manaakiba
jechuun karaalee, 2ffaa-Gaarreen, 3ffaa-naannawa lafaa.21
Hiikni sadanu haala teessumma lafaa waan ibsuuf walitti dhiyaata. "Manaakiba
ishii keessa deemaa” yommuu jedhu rizqii (soorata) barbaadachuu fi galii
argachuuf karaalee, gaarreenii fi naannawa dachii keessa deemaa. Daldalaniis
ta’ee karaa halaala biraa galiin itti argamu hojjachuuf dachii keessa deemaa. Garuu
kana beekaa! Ifaajee fi carraaqin keessan homaa buusu hin danda’u yoo Rabbiin
isiniif laaffise malee. Kanaafi itti aanse ni jedha: “soorata Isaa irraas nyaadhaa.”
Rizqii (soorata) argachuuf carraaqun tawakkula (Rabbiin irratti hirkachuu) hin
faallessu. Sinbirreen ganama garaa qullaa baati. Yommuu ishiin guyyaa guutuu
olii gadi battistu Rabbiin ishii quubsa. Namni harkaan yoo carraaqe fi qalbiin
isaatiin immoo rizqiin Rabbiin irraa akka ta’e yoo amane, Rabbiin isa quubsa.22
“An-Nushuur” jechuun du’aan booda kaafamuudha.23 “An-Nushuur garuma
Isaati.” Jechuun addunyaa qormaata tana erga ceetanii fi duutanii booda qorannoo
fi jazaaf Guyyaa Qiyaamaa qabrii keessaa gara Rabbiitti kaafamtu. Du’aan booda
isin kaasun wanta hojjataa turtaniif isin qorata. Ergasii nama gaarii hojjate mindaa
gaarii kennaaf, nama badii hojjate immoo adabbii isaaf malu adaba. Kuni kan
agarsiisu: rizqii yommuu barbaaddatan karaa halaala ta’een barbaadadhaa. Karaa
halaalaatin erga argattanii boodas hojii gaarii boru Guyyaa Qiyaamaa isin fayyadu
ittiin dalagadhaa. Qabeenya karaa haraamaatin walitti qabuu irraa of eeggadhaa,
boru Guyyaa Qiyaamaa qorannoo cimaa waan qoratamtaniif. Ammas, qabeenyi
keessan zikrii Rabbii fi salaata irraa isin hin ko’oomsin (biizi isin hin godhin).
Namni qabeenyi isaa salaata fi zikrii irraa isa garagalche nama kasaaru waan
ta’uuf.
21 Tafsiiru Ibn Kasiir 7/334, Zaadul Masiir fuula 1457 22 Tafsiir ibn Kasiir 7/333-334, Tafsiiru Sa’dii 1034 23 Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi- 14/624 , Abdurahmaan Habanka
56
Gabaabumatti, namni soorata (rizqii) argachuuf karaa halaalatin carraaqu qaba.
Ammas, yommuu carraaqu, salaata fi zikrii Rabbii dagachuu hin qabu. Rabbiin
subhaanahu wa ta’aala namoota Isa faarsanii fi qulqulleessan daldalli fi gurgurtaan
salaataa fi zikrii irraa kan isaan hin ko’oomsinee ta’uu akkana jechuun faarse:
رة ول بيع عن ذكر ﴿ ٱرجال لذ تلهيهم تج ٱإوقام للذ ة لو ك ٱإويتاء لصذ لزذ ة وافون يوما تتقلذب فيه ر ٱو لقلوب ٱي بص
﴾٣٧ل
“Dhiirota daldallis ta’e gurgurtaan yaadannoo (zikrii) Rabbii irraa, salaata
sirnaan salaatu fi zakaa kennuu irraa isaan hin dagneetu (hin garagalchinetu)
[masjiidota keessatti Rabbiin faarsa, qulqulleessa]. Isaan Guyyaa isa keessa
onnee fi ijji itti gara gaggaltuu sodaatu.” Suuratu An-Nuur 24:37
57
Eeggumsa Rabbiin Nabiyyiif Godhee Rabbiin subhaanahu wa ta’aala Nabiyyii Isaa shirkii jaahiliyyah fi sanama
gabbaruu irraa eege jira. Imaamu Ahmad Musnada isaa lakk.(17947) keessatti
akka gabaasetti Hishaam bin Urwah abbaan isaa akkana jedha: Ollaan Khadijaa
tokko Nabiyyiin Khadiijaan osoo akkana jedhuu dhagahee jira nan jedhe: “Yaa
Khadiijaa! Rabbiin kakadhee! Laata gonkumaa hin gabbaru, Uzaas hin gabbaru.”
(Laata fi Uzaa maqaalee sanama yeroo san waaqefatamaniiti). Nabiyyiin (SAW)
foon horii sanamaaf qalamee hin nyaatu ture.
Akkasumas, Rabbiin Nabiyyi yeroo dargaggummatti badii dargagoonni itti taran
irraa eege jira. Nabiyyiin kabajaa fi dhiirummaan namoota hunda caala, dhugaa
dubbachuu fi amaana eegunis namni isaan qixxaa’u hin jiru. Hojii fi dubbii fokkuu
eenyu caalaa irraa kan fagaatedha. Hanga ummata isaa keessatti, “Al-Amiin (nama
amanama)” jechuun moggaafamu gahe. Ammas, Nabiyyiin (SAW) firummaa kan
sufu, namoota kan gargaaru, keessummota kan keessumeessu turan.24 Amaloota
gaggaarii kanniin miidhaguu fi amaloota badaa irraa fagaachun alaabaa
nabiyummaa akka baadhatu isa taasise.
Halful Fuduul (Gamtoominna Fuduul) Nabiyyiin (SAW) halful fuduul irratti argamanii jiru. Araboota keessatti
gamtoominna hundarra kabajama ta’eedha. Sababni kanaa, namtichi tokko gosa
Zubayd irraa gara Makkaa meeshaa gurguramu fide. Qureeshota keessaa
namtichi maqaan isaa Aas bin Waa’il jedhamu nama armaan olii kanarra
meeshaa inni fide bite. Garuu meeshaa isarraa fudhatee gatii kafaluufi dide.
Namtichis Qureeshotatti iyyate. Haa ta’uu malee Aas bin Waa'il Qureeshota
keessatti sadarkaa fi kabaja waan qabuuf, Qureshoonni isa gargaaru ni didan.
Namni gosa Zubayd kuni birmannaaf warroota Makkaatti iyyate. Nama sammuu
qabu hunda gargaarsa gaafate.
Zubeeyr bin Abdul Muxxalib dhaabbatee akkana jedhee: “Kuni kan dhiifamu
miti.” Ilmaan Haashim, ilmaan Zuhrah fi ilmaan Taym mana Abdullah bin
Jud’aanitti wal gahan. Innis isaaniif nyaata ni qopheesse. Ji’a qulqulluu Zul
Qaydah keessa, zaalima (nama miidhe) irratti nama miidhame gargaaruf harka
tokko akka ta’an Rabbiidhaan kakatanii walii galan. Ergasii gara Aas ibn Waa’il
deemun meeshicha irraa fuudhun namtichaaf deebisan. Qureeshonni
gamtoominna ykn wali-galtee kana Halful fuduul jechuun moggaaste. Akkana
jedhu, “dhugumatti namoonni kunniin dhimma sadarkaa qabu keessa seenanii 24 As-Siiratu Nabawiyyati–fuula 56-61, Alii Muhammad Sallaabi, Noble Life of The
Prophet [English] 1/99-105, Siiratu Nabawi– fuula 170, Abul Hasan Nadaw
58
jiru.” Sababni isaas fuduul jecha fadl jedhu irraa kan dhufeedha. Fadl jechuun
wanta gaarii sadarka qabuu fi ol’aanaa ta’eedha.
Nabiyyiiin (SAW) wali-galtee kana irratti kan argaman yommuu ta’u, erga
nabiyyii ta’uun ergamanii booda akkana jechuu turan:“Dhugumatti, wali-galtee
mana abdullah ibn jud’aanitti adeemsifame irratti argamee jira. bakka wali
galtee sanii gaalota diddiimtu qabaachu hin fedhu. islaama keessatti osoo isaan
affeerame, silaa nan awwaadhaa ture.”
Barnoota asirraa fudhatamuu
1-Dhugumatti haqummaan gatii daangaa hin qabneedha, wanta muraasa irratti kan
daangeefamu miti. Rasuulli (SAW) ergamuun dura hundee haqummaa keessatti
hirmaachu isaa akka kabaja guddaatti ilaale. Namni fedhe haqummaa bakkaan haa
gahu, gochi kuni mataan isaa faarfamu kan qabuudha.
2-Gamtoominni Fuduul dukkana jaahiliyyah keessatti akka bakka gammoojji
bishaani fi biqiltoota of keessaa qabuuti. Kuni kan agarsiisu badiin hawaasa ykn
sirna kam keessattu yoo babal’ate, hawaasni kuni amala gaarii wanta jedhamu
guutumaan guututti of keessaa hin qabu jechuu miti. Makkaan keessa hawaasa
wallaala badiin baay’een kan akka sanama gabbaru, sagaagalummaa, dhala
nyaachu, zulmii fi kkf babal’atanii kan turaniidha. Garuu kana waliinu namoonni
sammuu fi amala gaarii qaban ni jiru turan. Hojii badaa armaan olii ni jibbuu.
Haqaaf ni dhaabbatu. Kana keessa bakka namoonni Islaamatti hin bulletti barnoota
guddaatu warroota Islaamatti waaman (daa’iwwaniif) jira. Badiin hawaasa
haguugee jira jechuun cal'isuu hin qaban.
3- Haala kaminiyyuu haa ta’uu zulmiin (miidhaan) wanta fudhatama hin
qabneedha, osoo namoota muraasa irratti raawwatameyyu. Islaamni zulmii itti
duula. Bifa, amantii, biyya fi saala isaa osoo hin ilaalin nama miidhame cinaa ni
dhaabbata. Namni miidhame Muslima ta’ee hin taane, nama gaarii ta’e hin taane,
dureessa ta’e hiyyeessa ta’e kan miidhame yoo ta’e, Islaamni nama miidhame kana
cinaa dhaabbachuun haqummaaf falma. Qur’aana keessatti Rabbiin (Subhaanahu
wa ta'aalaa) ni jedha:
59
“Yaa warra amantan! Osoo lubbuma keessan yookiin abbaa haadha
keessanii fi firoottan keessan irratti ta’eeyyu Rabbiif ragaa baatota ta’uun
haqummaan kan gadi dhaabbatu ta’aa. Yoo dureessa yookiin hiyyeessa
ta’anis Rabbitu irra isaanitti aana. Haqa irraa dabuuf fedhii lubbuu keessanii
hin hordofinaa. Yoo [ragaa keessan] dabsitan yookiin [ragaa bahuu irraa]
garagaltan, dhugumatti Rabbiin waan isin dalagdan keessaa beekaa ta’eera.” Suuratu Al-Nisaa’a 4:135
Aayah tana akka nuuf fassaru (ibsu) ibn Kasiiriif mee haa dhiisnu:
Rabbiin olta’e gabroota Isaa haqummaan akka dhaabbatan ajaja. Haqa irraa bitaa
fi mirga goruu hin qaban. Nama isaan komatu sodaachu hin qaban. Akkasumas,
wanta tokko Rabbiif jedhanii hojjachuu irraa homtu akka isaan hin garagalchine.
Rabbiif jedhanii wal-gargaaru fi wal deeggaruu qabu. Jechi Isaa, “Rabbiif ragaa
baatota ta’uun” jedhu, jecha suurah biraa keessatti akkana jedhuun wal fakkaata,
“Rabbiif jedhaatii ragaa sirreessaa” (Suuratu Xalaaq 65:2) Kana jechuun ragaa
bahuun Fuula Rabbii barbaaduf ta’uu qaba. (Na argaaf ykn dhaadannaaf osoo hin
ta'in Rabbiif jedhanii ragaa bahuun garmalee barbaachisaadha.) Sababni isaas,
Rabbiif jedhanii yoo ragaa bahan, ragaan kuni sirrii fi kan haqaa ta’a; micciiruu,
jijjirraa fi dhoksuu irraa ni bilisooma. Kanaafi akkana jedhe, “Osoo lubbuma
keessan…irratti ta’eyyuu” kana jechuun yommuu dhimma wayii gaafatamte
ragaa dhugaa bahi, haqa dubbadhu osoo miidhan sirritti kan deebi’u ta’eyyuu.
Dhugumatti, Rabbiin nama Isaaf ajajame, dhimma isarratti dhiphatu hunda
keessaa karaa itti bahu godhaaf.
“yookiin abbaa haadha keessanii fi firoottan keessan irratti ta’eeyyu” kana
jechuun ragaa bahuun haadha abbaa keeti fi firoota kee irratti osoo ta’eyyuu, ragaa
bahuu keessatti isaan akka addaatti hin ilaalin. Kana irra, osoo miidhaan isaan
irratti deebi’eyyu haqaan ragaa bahi. Sababni isaas, haqni namoota hunda irratti
abbaa murtiiti. Nama hunda caalaa durfama.
60
“Yoo dureessa yookiin hiyyeessa ta’anis Rabbitu irra isaanitti aana.” Kana
jechuun nama dureessa ta’eef durummaa isaatiif isa caalchisuun [ragaa sobaa hin
bahinaa], ammas nama hiyyeessa ta’ees hiyyummaa isaatiif garaa laafun [isaaf
ragaa sobaa hin bahinaa]. Sababni isaas, Rabbiin hiyyeessaa fi dureessa kan
eegudha. Si caalaa Rabbitu isaanitti irra aana. Wanta gaarii isaaniif ta’uu Inni
hunda caalaa ni beeka.
“Haqa irraa dabuuf fedhii lubbuu keessanii hin hordofinaa.” Kana jechuun
dhimma keessan keessatti fedhiin lubbuu, sabboonummaani fi jibbii namootaaf
qabdan haqummaa irraa akka dabdanii fi haqa dhiistan akka isin hin taasisne. Kana
irra, haala kam keessattu haqummaa qabadhaa. Akkuma Rabbiin jedhe: “Jibbi
namootaa haqummaan dalaguu irraa isin hin dhoowwin. Haqa hojjadhaa,
isatu sodaa Rabbiitti irra dhiyoodha. Rabbiinis sodaadhaa. Dhugumatti,
Rabbiin waan isin hojjattan hunda beekaadha.” Suuratu Al-Maa’ida 5:8) (Jibbi
namootaaf qabdan haqaan dalaguu irraa akka isin hin dhoowwine. Akkuma nama
jaallattaniif haqummaan dhaabbattan, nama jibbitaniifis haqummaan
dhaabbadhaa. Diina keessanu osoo ta’e haqa malee isa hin miidhinaa.)
Akka fakkeenyaatti, Ergamaan Rabbii (SAW) Abdullah ibn Rawah gara
yahuudota Kheybar jiranitti erguun gibira akka sassaabu ajajan. Yahuudonnis akka
Abdullaan isaaniif laafu mattaa (maallaqa haqa itti dabsan) isaaf kennuu
barbaadan. Garuu inni ni jedhe, “Dhugumatti namoota hunda caalaa na biratti
jaallatamaa kan ta’e biraa dhufe. Isin immoo jaldeessaa fi booyye caalaa na biratti
jibbamoodha. Jaalalli ani isaaf (nabiyyiif) qabu, akkasumas, jibbi ani isiniif qabu,
isin keessatti haqaan dalaguu irraa na hin dhoowwu. Isaanis ni jedhan:
Samiwwanii fi dachiin [haqummaa] kanaan dhaabbatan.25
“Yoo [ragaa keessan] dabsitan” jechuun ragaa micciiruu fi jijjirruudha. Kuni
arrabaan ragaa haqa irraa dabsuu, gara hundaan wanta sirrii barbaadamee irraa
dubbii micciiru fi osoo beekanuu kijibuu of keessatti qabata.
Yookiin [ragaa bahuu irraa] garagaltan” jechuun dhoksuu fi ragaa bahuu
dhiisu.
Nama ragaa micciree fi jijjiree yookiin ragaa bahuu dhiise fi dhokse, Rabbiin
akeekachisa cimaa akeekachiisa. “dhugumatti Rabbiin waan isin dalagdan
keessaa beekaa ta’eera.” Kana jechuun wanta hojjattan hunda takka takkaan kan
beekudha. Wanti Isarraa dhokatu tokkollee hin jiru. Kana keessa nama ragaa dabsu
25 Tafsiiru ibn Kasiir 3/237-338, Daaru Ibn Al-Jawzi, Also English Translation Tafsir Ibn Kathir,
Tafsiru of Suuratu An-Nisa, https://quran.com/5/8
61
ykn dhiisuf akeekachiisa cimaatu jira. Nama sobaan murteessu ykn kijibaan ragaa
bahuuf immoo kana caalaa akeekachisa guddaatu jira. Sababni isaas, sobaan
murteessun ykn ragaa bahuun yakka irra guddaa ta’eedha. Kan jalqabaa haqa
dhiise, kuni immoo haqa dhiisee sobaan hojjate.26
4-Gara seenaa gamtoominna fuduulitti yommuu deebinu, barnoonni biraa asirraa
baratamu, kheeyri hojjachuu, haqummaa gadi dhaabu fi zulmii buqqisuuf
waligaltee uumuun wanta hayyamameedha. Garuu yommuu Muslimoonni kana
hojjatan Islaamaa fi Muslimootaaf wanta hundarra irra gaarii ta’e ilaalu qabu.
Zulmii buqqisna jedhanii wanta zulmi san caaluu yoo fidan, hojiin akkana hin ta’u.
Hanga danda’ameen karaa salphaan zulmii san buqqisuuf yaalu qabu. Ta’uu
baannan hanga haalli mijaawu eegu qabu.
5-Barnoonni biraa asirraa baratamuu, Muslimni ummata isaa keessatti lakkoofsa
qofa osoo hin ta’in dhiibba gaarii (positive influence) uumuuf carraaqu qaba.
Nabiyyiin ergamuun dura hawaasa keessatti amala gaarii isaatiin kan beekkamu
ture. Kanarraa kan ka’e, “Al-Amiin (Amanamaa)” jechuun moggaasan.
26 Tafsiiru Sa’di-227, Daaru salaam
62
63
Nabiyyiin (Saw) Khadijaaf Daldaluu fi Ishii Fuudhuu
Khadiijaa bint Khuwaylid dubartii abbaan manaa ishii irraa du’ee fi kabajaaf
qabeenya tan qabdu turte. Qabeenya ishiitiin akka daldalan dhiirota ni qaxarti
turte. Yommuu waa’een dhugummaa dubbii, amaanaa eeguu fi bareedinni
akhlaaqa Nabii Muhammad (SAW) ishii gahuu, qabeenya ishiitiin daldalaa ta’uun
gara Sooriya akka deemu isatti dhiyeessite. Daldaltoota biroo caalaa qabeenya
akka isaaf kennitu waadaa ni seente. Innis kana fudhachuun tajaajilaa ishii
Maysiira jedhamuu waliin gara Sooriyaa imale. Nabiyyiinis Sooriya erga gahee
meeshaa manaa baheen ni gurgure. Meeshaa barbaadus ni bite. Gara Makkaa erga
deebi’ee booda Khadiijaan qabeenya ishiif fide ni gurgurte. Qabeenyi ishiis dachaa
ta’e.
Nabii Muhammad (SAW) imala kana keessatti mindaa daldalaa dabalatee faayda
guddaa argatee jira. Sababni isaas, magaalaa Madiinaa boodarra itti godaanee
handhuura waamicha fi mootummaa Islaamaa itti godhee keessaan darbe.
Akkasumas,Maysiraan gaarummaa amala isaa, dhugummaa fi amanamummaa
isaa Khadiijaatti erga himee booda imalli isaa kuni ishii fuudhuf sababa ta’ee jira.
Ammas, Khadiijaan barakaa duraan hin argine qabeenya ishii keessatti argite.
Sababoota kanniin irratti hundaa’e Khadijaanis miira gaarii Nabiyyiif qabdu
hiriyyaa dhiyoo ishii tan taate Nafiisah bint Munabbah mari’achiiste. Nafiisaanis
deemun oduu kana Nabiyyitti beeksiste. Akka Khadijaa fuudhu itti himte.
Nabiyyiinis kanatti ni gammade, garuu dubbii kana abbeerota isaatti ni dhiyeesse.
Isaanis ishii fuudhu akka danda’u irratti wali galan. Abbeeraan isaa Hamza bin
Abdul Muxxalib isa waliin deemun Khadiijaa kaadhimeef. Nabiyyiinis (SAW)
ishii ni fuudhe. Khadijaan dubartii jalqabaa Nabiyyiin fuudhedha. Hanga duututti
dubartii biraa hin fuune. Nabiyyiif (SAW) ijoollee dhiiraa lamaa fi dubartoota afur
deessefi jirti. Ijoolleen dhiiraa lamaan: Qaasim fi Abdullah. Mucaan lammata kuni
Xaahir fi Xayyib jedhamunis ni beekkama.
Qaasim umrii beellada itti yaabbachu danda’u erga gahee booda ni du’e.
Abdullanis daa’imummaa isaatti du’e. Kunis kan ta'e Nabii Muhammad (SAW)
nabiyyii ta’ee ergamuun dura. Ijoolleen dubaraa immoo: Zaynab, Ruqiyyah, Umm
Kulsuum fi Faaxima dha. Dubartoonni tunniin hundi isaanitu Islaama fudhatanii,
gara Madiinaa godaananii fi heerumanis jiru. Yommuu Nabiyyiin (SAW)
Khadiijaa fuudhu umriin isaa digdami shan (25), kan ishii immoo afurtama (40)
ture.
64
Barnoota fi Faaydalee asirraa fudhatamu 1-Dhugumatti amaanaa fi dhugaa dubbachuun amaloota baay’ee
barbaachisoo daldalaa milkaa’aa ta’eti. Daldalaan daldala keessatti milkaa’u
nama amaanaa eegu fi dhugaa dubbatuudha. Amaloota lamaan kanatu Khadijaan
qabeenya ishiitiin akka daldalu nabiyyi akka gaafattu ishii taasise. Rabbiinis
daldala ishii keessatti barakaa kaa’ee. Balbala kheeyri baay’ee baneef.
2-Daldalli karaalee rizqii itti argatan keessaa tokko yommuu ta’u, ergamuun
dura Rabbiin subhaanahu Ergamaa Isaatiif daldala ni laaffise. Dhugumatti gosoota
daldalaa adda addaa irratti Nabiyyiiin (SAW) leenji’anii jiru. Nabiyyiin akkana
jechuunis waa’ee nama daldaalu ibsanii jiru: "Adduunyaa tana keessatti
daldalaan dhugaa dubbatuu fi amanamaa ta’e, Guyyaa Qiyaamaa
nabiyyoota, dhugoomsitoota fi shahiidota waliin kaafama." 27 Hojiin kuni
Muslimootaaf hojii baay’ee barbaachisaa ta’eedha. Namni daldaalu, namoota
birootiif gabra hin ta’u, fedhii fi hawwii nama qaxaruuf (employer) jalatti hin kufu.
3-Nabiiyyiin (SAW) Khadiijaa fuudhun murtii Rabbiitiin ture. Dhugumatti,
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa haadha manaa isaan walitti galtu, isa gargaartu,
rakkoo isa tuqu tan salphistuu fi gadda isaa waliin qooddattu nabiyyiif filate.
Namni gara Islaamatti namoota waamu, dubartii Rabbiin sodaattu fi gaarii taate
garmalee isa barbaachisti. Manaan alatti yommuu ala bahuu guyyaan isaa qabsoon
kan guuttamee fi diinota Islamaa irraa faallaan guddaan isa qunnama. Kanaafu,
mana keessatti nama isa booharsuu, jajjabeessuu fi kakaasu garmalee isa
barbaachisa. Khadiijaan amaloota guutuu kanniin keessatti tan duraati. Jireenya
nabiyyii (SAW) keessatti haftee (ashaaraa) guddaa dhiiftee jirti.
4-Akkuma arginuu Nabiyyiin (SAW) hadhaa ijoollee dhiiraa lamaan dhabuu
dhandhamee jira, akkuma duraan hadhaa abbaa fi haadha dhabuu dhandhame.
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ijoolleen dhiiraa akka isaaf hin guddanne fedhe.
Ijoolleen Nabiyyii du’uun, namoota gariin jaalala isaanitiin qoramuun
nabiyummaa isaaniif gochuu hin danda’an. Osoo ijoolleen dhiiraa jiraatani silaa
fitnaan (qormaanni) adda addaa ni uumamaa ture. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa
haajaa nafsee namaa guutuuf, dhiirummaa nabiyyi keessatti homtu akka hin
hir’anneef ykn namni kijibaan kijiba akka isarratti hin dubbanneef ijoollee dhiiraa
jalqaba irratti kenneefii ergasii fudhate. Akkasumas, ijoolleen dhiiraa Nabiyyii
daa’imummaan du’uun namoota ijoollee dhiiraa dhabaniif ykn erga argatanii
27 https://sunnah.com/tirmidhi/14/7
65
booda isaan jalaa du’aniif boohartii fi jajjabeenya ta’a. Ammas, gosa qormaata
keessaa tokko. Namoota hunda caalaa namoonni qoraman nabiyyoota.
Kanaafu, namni yoo ijoollee dhiiraa dhabe ykn jalaa du’an Nabiyyii (SAW)
fakkeenya haa godhatu. Qur'aana keessatti:
قد كن لكم ف رسول ﴿ ٱلذ سوة حسنة ل من كن يرجوا للذ
ٱأ لوم ٱو للذ ٱوذكر ألخر ٱ ﴾٢١كثريا للذ
“Dhugumatti nama Rabbii fi Guyyaa Aakhiraa kajeeluf ammas Rabbiin
baay’isee yaadatuuf Ergamaa Rabbii keessa hidhannaa (fakkeenya) gaariitu
isiniif jira.” Suuratu Al-Ahzaab 33:21
Namni ijoollee dhiiraa ykn dubartii yoo dhabe waa lama haa qoratu:
1ffaa- Ijoollee dhiiraa dhabuun isaaf qormaata akka ta’etti ilaalu- Rabbiin
subhaanahu wa ta’aalaa karaa adda addaatin addunyaa tana keessatti nama qora.
Qormaata kanniin keessaa ijoollee dhiira ykn dubartii dhabuudha. Wanti
qormaata kanarraa barbaadamu, “namni kuni obsee mindaa obsaa argata moo
dallanee mindaa obsaa dhabaa?” kan jedhuudha.
2ffaa-Ijoollee dhiiraa osoo argatee, tarii miidhaa guddaa isarraan gahuu danda’u.
Kana ilaalchisee suuratu Al-Kahf keessatti seenaa bareedaa tokko ni arganna.
Suurah tana keessatti waa’ee adeemsa Nabii Muusaa fi Khidr dubbata. Khidr
gabricha Rabbiin beekumsa addaa isaaf kenneedha. Nabii Muusaa fi Khidr osoo
waliin deemanu, Khidr mucaa dhiiraa xiqqaa ol fuudhee ajjeese. Nabii Muusaan
kana yommuu argu garmalee rifate akkana jedheen, “Sila nama qulqulluu nama
biraa hin ajjeesne ajjeeftaa? Dhugumatti ati waan fokkataa hojjattee jirta.” (Suuratu Al-Kahf 18:74)
Khidris hojii kana fedhii ofiitiin osoo hin ta’in ajaja Rabbiitiin akka hojjate
Muusaatti hime. Garuu iccitii kana keessa jiru akkana jechuun itti beeksisee:
“Mucaan [kuni], haadhaa fi abbaan isaa mu’mintoota (warra dhugaan
amananiidha). [Yoo guddate], daangaa darbuu fi kufriidhaan isaan
haguugaa sodaanne. Kanaafu, Gooftaan isaanii ilma qulqullinnaan isa caaluu
fi rahmatatti irra dhiyoo ta’e bakka akka buusuf feene.” Suuratu Al-Kahf
18:80-81
Mucaan kuni osoo guddatee daangaa darbuu fi kafaruun haadhaa abbaa isaa
kufriitti seensisa. Ergasii ni baduu. Kanaafi, jalqaba irratti “haadhaa fi abbaan
66
isaa mu’mintoota” jedhe. Kanaafu, mucaan kuni du’uun mucaan isa caalu
isaaniif Rabbiin kennuun wanta gaarii ta’eedha. “ilma qulqullinnaan isa caaluu”
jechuun kufrii, badii fi daangaa darbuu irraa qulqulluu kan ta’e; nama amantii fi
hojiin isaa tolee. “rahmatatti irra dhiyoo ta’e” jechuun haadha abbaaf rahmata
kan godhuu fi tola oolu. Mucaan ajjeefame osoo guddatee, kafaruun gara kufriittii
isaan oofa; isaan irratti daangaa darbuun rahmata irraa fagaata. Mucaan haarofti
Rabbiin isaaniif kennu immoo mucaa gaarii, amanti qabatee fi isaaniif tola
ooludha.
Kanaafu, namni yommuu ijoolleen jalaa duutu, kanniin yaadachuun obsuu fi
murtii Rabbitti gammaduu qaba. Hayyuun Qataadah jedhamu waa’ee mucaa
ajjeefame kanaa ilaalchisee akkana jedha: Abbaa fi haati yommuu mucaan kuni
dhalatu ni gammadan. Yommuu ajjeefamu immoo ni gaddan. Osoo jiraatee silaa
isaan lamaanu sababa isaatiin ni badu turan. Namni murtii Rabbiitti haa gammadu.
Sababni isaas, mu’minaaf murtiin Rabbiin wanta inni jaallatu keessatti isaaf
murteesse irra wanta inni jibbuu keessatti isaaf murteessetu caala.” Hadiisa
keessatti: Rabbiin mu’minaaf (nama dhugaan amaneef) murtii homaatu hin
murteessu, isaaf kheeyri (gaarii) yoo ta’e malee.”28
5-Seenaan Nabiyyiin Khadiijaa fuudhu, Nabiyyiin (SAW) fedhii foonii
sadarkaa guddaa irra gahee guuttachuuf kan itti hin xiyyeeffannee ta’uu
Muslimaaf ifa godha. Akkuma dargaggoota biroo fedhii foonitti garmalee kan
xiyyeefatu osoo ta’ee silaa dubartii umriin Khadiijaa gadi taate ykn isa hin caalle
fuudhuf hawwaa ture. Garuu Nabiyyiin (SAW) Khadiijaa akka niititti kan filateef
kabajaaf amala gaarii ishiin qabduu fi yeroo jaahiliyyah “Dubartii qulqullinnaa fi
kabaja ofii eeggachuun” beekkamtu waan taatefi.
6-Ammas, Nabiiyyiin Khadiijaa fuudhu keessa wanta arrabaa fi qalama
diinota Islaamaa lugaamutu jira. Namoonni kunniin mata dureen fuudha
nabiyyii isaaniif karaa Islaama ittiin haleelan godhanii yaadu. Nabiyyii (SAW)
akka nama fedhii keessatti lixee godhanii kaasu. Garuu jireenya nabiyyii yoo
qorannee faallaa isaan yaadanii fi odeessan ta'ee arganna. Nabiyyiin (SAW) hanga
waggaa 25 kabaja ofii kan eeggatu fi badii naannoo isaa marseetti kan hin lixne
ture. Akkasumas, dubartii umriin ishii dachaa umrii isaatti dhiyaatu fuudhe. Osoo
fedhee dubartoota naannoo san jiran ni fuudhaa ture. Wanti isa dhoowwu tokkollee
hin jiru. Umriin dhiirti dubartiif fedhii guddaa itti qabu 20 fi 50 jidduudha. Garuu
Nabiyyiin (SAW) dubartii biraa osoo hin fuudhin hanga Khadiijaan umrii 65 tti
duututti waliin jiraataa ture. Boodarra Nabiyyiin (SAW) Aa’ishaa fuudhu fi
28 Tafsiiru Ibn Kasiir-5/183
67
akkasumas, dubartoota biroo fuudhun sababa, seenaa fi ogummaa of danda’e
qaba.29
Ka’aba Ijaaru Keessatti Hirmaachuu Yommuu Nabii Muhammad (SAW) umriin isaa 35 gahu, Qureeshonni ijaarsa
Ka’abaa haaromsuuf walitti qabaman. Dhaabni Ka’abaa ibiddi fi lolaan waan
tuqeef dhodhoo’u jalqabe. Ka’abaan akkuma nabii Ibraahim (aleyh salaam)
ijaaretti turte. Dheerinnaan nama jiddu-galeessaa yommuu caaltu dhagaa
dhoqqeen ykn simintoon wal hin qabsiifamne walirra tuulamuun tan
ijaarramtedha. Qureeshonnis Ka’abaa diiganii olkaasu fi xaaraa itti gochuu
barbaadan. Garuu diigu ni sodaatan. Waliid ibn Mughiirah ni jedhe: “Diiguu anatu
jalqaba.” Akaafaa ol fuudhee Ka’abaa cinaa dhaabbachuun akkana jedhe, “Yaa
Rabbii! Karaa irraa hin jallanne, kheeyri malee homaa hin barbaannu.”
Innis (Waliid) roga Ka’abaa tokko qofa ni diige. Namoonni halkan kana wanta isa
qunnamu ni eegan. Ni jedhan, “Ni ilaalla, yoo waa isa tuqan homaa Ka’abaa irraa
hin diignu. Akkuma duraan turtetti deebisna. Garuu yoo homaa isa hin tuqin,
Rabbiin wanta nuti hojjanne jaallate jira jechuudha.” Waliida ganamaan itti ka’e
diigu jalqabe. Namoonnis hanga dhagaa magariisa akka dalluu gaalaa fakkattu bira
gahaniitti isa waliin diigu itti fufan. Hojii qoqooduun gosa hundaaf rogoota Ka’aba
kennaniif. Dhagaa buqqisuu fi ol fuudhu keessatti hoggantoonni fi manguddoonni
Qureeshota itti hirmaatanii jiru.
Yommuu ijaarsi Ka’abaa xumuratti dhiyaatu wal-mormiin ho’aan ni uumame.
Tarkaanfin dhumaa ijaarsa keessatti hafe Dhagaa Gurraacha (Al-Hajarul Aswad)
bakka isaa kaa’udha. Rakkoon jiru, hoggantoonni gosa Qureeshaa hundi isaanitu
kabaja dhagaa kana ol fuudhanii roga Ka’abaa irra kaa’u barbaadan. Yeroo ammaa
kuni namoota gariitti mormii gatii hin qabne fakkaachu danda’a. Garuu wanti
dagachuu hin qabne Araboonni "Kabajaaf" lola bara dheeraa fi jabaa ta’e lolanii
jiru. Kanarraa kan ka’e, dhimma Dhagaa Gurraacha bakka isaa kaa’u ilaalchise
gosoonni Qureesha waraana walitti banutti dhiyaatan.
Garuu Abu Umayyah ibn Mughiirah akkana jechuun lolli akka isaan jidduutti hin
dhoone ittise: Yaa tuuta Qureesha! Nama jalqaba balbala Masjiidaatin seenu wanta
isin keessatti wal dhabdan irratti akka murteessu abbaa murtii godhaa.” Erga
29 As-Siiratu Nabawiyyati–fuula 62-64, Alii Muhammad Sallaabi, Noble Life of The
Prophet [English] 1/106-110
68
kanarratti wali galanii booda Nabii Muhammad (SAW) balbala Masjiidaatiin ni
seene. Yomuu isa argan ni jedhan: Kuni Al-Amiin (Amanamaadha). Itti
gammannee jirra. Yommuu oduu itti himan, Nabiyyiin (SAW) akkana jedhe,
“Huccuu fidaa.” Isaanis ni fidan. Innis walakkaa huccuu irra harka ofiitiin Dhagaa
Gurraacha ni kaa’e. Ergasi ni jedhe, “Gosti hundi caafi huccuu haa qaban. Ergasii
tokko ta’aatii ol fuudhaa.” Isaanis hanga bakka isaa gahanitti ol fuudhanii ni
deemaniin. Bakka sirrii erga geessanii booda Nabiyyiin (SAW) harka ofiitiin
bakka san kaa’un ijaarsi ijaarramuun xumurame.
Ol dheerinni Ka’abaa ciqilee 18 ta’e. Hanga kortoon itti ol koranitti balballis
lafarraa ol ka’e. Namni isaan fedhan malee namni biraa akka itti hin seenne fi
bishaan garaa Ka’abaa keessatti akka hin lolaanef balbala lafarraa olkaasan.
Xaaraa ishii gara utubaa jahaatu baadhate.
Qureeshonni Ka’abaa ijaaranii haa fixanii malee sababa galiin halaala ta’e isaan
hanqateef Ka’aba bu’uura Ismaa’il irratti xumuru hin dandeenye. Kutaa Kaaba
Ka’abaa “Al-Hijr” jedhamu Ka’abaan ala baasan. Kutaa Ka’abaa irraa ta’uu
namoonni akka beekaniif marsaa Al-Hijr kanarratti dhaaba gabaaba ni ijaaran. Kan
akkana godhaniif filannoo biraa waan dhabaniif. Sababni isaa, Ka’abaa ijaaruf
maallaqa halaala malee wanta haraamaa akka hin fayyadamne ofirratti murteessan.
Kan akka mahrii gumni argattee, dhala (ribaa), fi namoota miidhun maallaqa
argame hunda ijaarsa Ka’abaatiif itti fayyadamu ni dhiisan. Maallaqa halaala waan
dhabaniif akka duraanitti deebisanii ijaaru hin dandeenye.
Barnoota fi Faayda asirraa fuudhataman
1-Amanamummaan Rasuulaa (SAW) amala gaarii Qureeshota lola badaa
Harama keessatti banuu irraa isaan eegedha. Namni hundu Nabiyyitti ni
gammade. Inni amanamaa nama hin miine fi tokko kan biraa irra hin caalchifne
waan ta’eef wanta inni hojjatetti hundi isaanitu ni gammadan. Kanaafu, nama
amanama ta’uun badii baay’ee hanbisa, faayda baay’ee fida.
2-Ka’abaa deebisanii ijaarun sadarkaa Nabiyyiin SAW) naamusa Qureeshota
keessatti qabu ifa kan baasedha. Taate kana keessatti Nabiyyiif kajabni lama
argamee jira. Kabajni 1ffaan-mormiif furmaata fiduu fi lola gosa Qureeshaa
jidduutti dhooyuf ka’e dhaabsiisudha. Kabajni 2ffaaan- kabaja namoonni irratti
wal dorgomaniidha. Innis, Dhagaa Gurraacha (Al-Hajarul Aswad) bakka isaa
kaa’udha. Nabiyyiin (SAW) harka isaatiin huccuu jidduu dhagicha fuudhun bakka
isaa kaa’e.
69
3-Furmaanni Nabiyyiin (SAW) rakkoo Qureeshotaaf fide amala jireenyaa isaa
guututi. Jireenyaa isaa guutuu keessatti Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa rakkoo
nabiyyii qunnamu hundaaf furmaata hundarra gaarii fi salphaa ta’e akka filatu isa
qajeelche jira. Wanti namni asirra baratu, rakkoo nama qunnamuuf haala salphaa
ta’ee fi karaa gabaaban furuuf carraaqudha.
Nabiyyummaa Muhammad (Saw) Fudhachuf Qophii Namootaa
Ogummaa (hikmaa) Rabbii irraa namoonni karaa adda addaatin nabiyummaa
Muhammadiif (SAW) qophaa’a turan. Karaalee san keessaa muraasa isaanii
haala armaan gadi kanaan eerun ni danda’ama:
1-Nabiyoonni dhufaatii Nabii Muhammadin (SAW) ummata gammachiisu-
Nabii Ibraahim (aleyh salaam) Rabbiin Araboota keessaa nabiyyi akka ergu ni
kadhate. Rabbiinis kadhaa isaatiif awwaachun Nabii Muhammadin (SAW) ni
erge. Nabii Ibraahimi fi Ismaa’il bu’uura mana jalqabaa kana (Ka’abaa) erga
olkaasanii booda akkana jechuun du’aayi godhan:
“Gooftaa keenya! Ergamaa isaan irraa ta’e, kan keeyyattoota (aayaata) Kee
isaan irratti qara’u, kan kitaaba fi ogummaa isaan barsiisee isaanis
qulqulleessu isaan keessatti ergi. Dhugumatti, Ati akkaan Injifataa,
Ogeessa.” Suuratu Al-Baqarah 2:129
Du’aayin tunis fudhatama argachuun (qeebalamuun) nabiyyiin xumuraa
Makkaan keessaa ni ergame.
Qur’aana keessatti bakka biraatti Rabbiin (subhaanahu wa ta’aalaa) nabiyyoota
darban irratti gammachiisa dhufaati Nabii Muhammad (SAW) buusee jira. Ni
jedha:
70
“[Isaan] warra ergamaa nabiyyii hin barreessinee fi hin dubbifne, kan isaan
biratti Tawraatii fi Injiiliin keessatti barreefamee argan, kan toltutti isaan
ajaju fi hamtuu irraa isaan dhoorgu, kan gaggaarii halaala isaaniif taasisu,
fokkataa immoo haraama isaan irratti taasisu, kan ba’aa isaaniitii fi hidhaa
isaan irra ture isaan irraa lafa kaayu hordofaniidha. Isaannan isatti amananii
isa kabajan, kan isa gargaaranii fi ifa isa waliin bu’e (Qur'aana) hordofan,
isaan isaanumatu milkaa’odha.” Suuratu Al-A’araaf 7:157
Himni jalqabaa Yahuudotaa fi Kiristaanota keessaa namoota Islaama keessa
seenun nabii Muhammadin (SAW) hordofan agarsiisa. Amaloonni nabiyyii kanaa
asitti tarreefaman keessaa: 1ffaa-Nabiyyiin kuni barreessu fi dubbisuu hin
danda’u. Osoo kan barreessu fi dubbisuu ta’ee silaa namoonni "Muhammad
Qur’aana kitaabban darban irraa garagalchee (kooppi godhee) nutti fide" jechuu
turan. Nabii Muhammad (SAW) kan hin dubbisnee fi hin barreessine ta’uun
Qur’aanni Rabbii olta’aa irraa ta’uu agarsiisa. 2ffaa-Maqaa fi amaloonni nabii
Muhammad (SAW) Tawraati fi injiil keessatti barraa’e argama.
Yahuudonni fi Kiristaanonni kitaaba samii buufamee isaani jijjiruu fi waa’ee Nabii
Muhammad (SAW) kitaaba keessaa guutumatti haaquf carraaqqi guddaa godhanii
jiru. Maqaa fi amaloota nabiyyii haaqu fi micciruuf haa carraaqanii malee, maqaan
Nabiyyii Tawraata As-Saamirah fi Injiila Barnabas keessa ni jira. Injiilli
(Wangeelli) Barnabas nabiyyiin ergamuun dura ni jiraa ture. Garuu
Beetakiristaanni dhuma jaarraa 5ffaa keessa akka namoota keessa hin facaane ni
dhoowwite. Barreefamni yeroo ammaa Galaanaa Du’aa (Dead Sea) jedhamu irraa
argamee waa’ee Nabii Muhammad (SAW) ilaalchise ni dubbata. Injiil Barnabas
keessatti maqaan nabiyyii ifaan ifatti Muhammad jechuun dhufee jira. Linkii
armaan gadi tuquun maqaa “Mohammed” ykn “Muhammad” jedhu ifaan ifatti
Wangeela Barnabas irraa argachuun ni danda’ama: https://www.sacred-
texts.com/isl/gbar/gbar220.htm
“Mohammed” Ingiliffaan yommuu barreefamu bakka “u” “O” godhan. Namni
kana shakkuu yoo jiraate, “Gospel of Barnabas PDF” jechuun Google irra haa
barbaadu. Ergasii, kitaabicha downlod erga godhee booda maqaa “Mohammed”
ykn “Muhammad” jedhu isa keessa haa barbaadu. Isaaf laffisuuf maqaa
“Mohammed” ykn “Muhammad” jedhu lakkoofsa wangeela Barnabas kanniin
irratti argachuu danda’a: 39,41,44,54,55,97,112,136, 163,220
Nabii Iisaan (aleyh salaam) dhufaati Nabii Muhammadin (SAW) akka bani Israa’il
gammachisee Qur’aanni nuuf hima:
71
“Yeroo Iisaan ilmi Mariyam, “Yaa ilmaan Israa’iil! Dhugumatti ani
Ergamaa Rabbii kan waan Tawraatin keessatti na dura bu’e dhugoomsuu fi
Ergamaa na booda dhufu kan maqaan isaa Ahmad ta’een [isin]
gammachisu ta’ee gara keessanitti ergame.” jedhee [yaadadhaa]. Yeroma
inni ragaawwan ifaan isaanitti dhufe, “Kuni falfala (sihrii) ifa galaadha.”
Jedhan.” (Suuratu As-Saff 61:6) Ahmad jechuun namoota hundarra Rabbiin
kan faarsudha. Muhammad jechuun kan baay’innaan faarfameedha. Dhugumatti,
inni hanga Ahmad ta’utti Muhammad hin ta’u. Kana jechuun hanga namoota
hunda caalaa Rabbiin kan faarsu (Ahmad) ta’uutti faarfamaa (Muhammad) hin
ta’u. Kanaafi, maqaan Ahmad Muhammad dura dubbatame.Nabii Iisaanis
maqaan isaa “Ahmad” jechuun dubbate. Namoota hundaa caalaa Rabbiin kan
faarsu Nabii Muhammadi (SAW). Kanaafu, maqaan Ahmad isaaf sirritti ta’aa
jechuudha. Maqaaleen Nabii Muhammad (SAW) shanii, “Muhammad, Ahmad,
Al-Maahi, Al-Haashir fi Al-Aaqib” Sahiih Muslim 2354, Sahiih Al-Bukhaari
353230
Ibn Taymiyaan ni jedha: “Warri kitaabaa (Yahuudota fi Kiristanoonni) amaloota
Nabii Muhammad (SAW) isaan biratti kitaabban darban keessatti beekuun, isaan
irraa oduu mutawaatira ta’eedha. (Mutawaatira jechuun oduu namoonni baay’een
odeessan yommuu ta’uu namoonni kunniin bakka tokkotti walitti dhufuun oduu
sobaa uumuu kan hin dandeenyedha.) Ibn Taymiyaan itti aanse ni jedhe,
“Nabiyyoonni isa dura dhufan dhufaati isaa akka gammachiisan karaa adda
addaatin ni beekkama:
1ffaa- Kitaabban yeroo ammaa warra kitaaba harka jiruu
2ffaa-Namoonni Islaama keessa seenanii fi hin seenne kanneen kitaabban
kanniin argatanii dubbisan beeksiisu. Akka fakkeenyaatti ollaan Ansaaraa
Yahuudota turan. (Ansaara jechuun jiraattota Madiinaa Nabiyyii fi warra
Makkarraa isaanitti godaane gargaaraniidha.) Yahuudonni Ansaarota waa’ee
ergamuu Nabii Muhammad (SAW) fi inni Ergamaa Rabbii ta’uu isaanitti himu
turan. Isaan bira waa’een isaa ni jira. Yahuudonnis nabiyyii eegaa turan.
Yommuu Nabiyyin (SAW) Ansaarota gara Islaamatti waamu kuni sababa
guddaa Ansaarota akka isatti amananii fi waadaa galaniif taasiseedha. (Kana
30 Tafsiiru Qurxubii 20/441
72
jechuun ollaan isaanii waa’ee nabiyyii waan isaanitti himaa turaniif yoosu
nabiyyitti amananii hordofan.)"
Salamata ibn Salaamata ibn Waqsh (radiyallahu anhu) warra duula Badri irratti
hirmaatan keessaa tokko ture. Akkana jedha: Yahuudota irraa Bani Abdul Ash’hal
keessatti ollaa qabnaa turre. Nabiyyiin (SAW) ergamuun dura gaafa tokko ollaan
yahuudaa kuni mana isaati nutti gadi bahe. Iddoo taa’umsa Abdul Ash’hal irraa ni
dhaabbate. Salamat ni jedha: Ani yeroo sanitti nama hundarra umriin xiqqaa ture.
Marxoo marxifadhee dallaa maatii kiyya keessa taa’aa ture. Inni (namni yaahudaa
kuni) waa’ee erga du’anii kaafamuu, Guyyaa Qiyaamaa, Qorannoo, miizaana,
Jannata fi ibidda ni dubbate. Isaanis ni jedhaniin: Ee badii kee yaa eebalu!
Namoonni du’a isaanii booda gara biyya Jannanii fi ibiddi keessa jirutti kaafamuun
hojii isaaniitiin ni mindeefamu jettee yaaddaa? Innis ni jedhe, “Eeyyen, Kan ittiin
kakatamuun kakadhe kana nan amana.
Ummata warra Rabbiin waliin waan biraa gabbaraa turanitti kana hime. Namoonni
kunnin erga du’anii booda kaafamutti hin amanan. (Asitti waa’ee gosa isaa Bani
Abdul Ash’hal dubbata.)” Namni kuni, ibidda sanirraa qooda isaa Aakhiratti
dhandhamuu irra osoo addunyaa tana keessatti boolloo ibiddaan guuttamtetti
seenun isarratti cufamee ergasii sababa kanaan boruu [Guyyaa Qiyaamaa] nagaha
bahee jaallata.
Namoonni nama yahuuda kanaan ni jedhan: Mallattoon kanaa maalidhaa? Innis
ni jedhe, “Nabiyyiin kallatti biyya tanaa keessaa ni baha. Harka isaatiin gara
Makkaa fi Yaman akeeke.
Isaaniis ni jedhan: Yoom isa arginaa? Innis gara kiyya ilaalun akkana jedhe,
“Mucaan kuni umrii isaa yoo fixe isa ni dhaqqaba. (kan jechuun yoo jaarsa ta’e
isa ni dhaqqaba).
Salamat ni jedha: Osoo namtichi yahuudaa kuni nu keessa jiruu halkanii fi
guyyaan hin darbine hanga Rabbiin Ergamaa isaa erguutti malee. (kana jechuun
osoo namtichi kuni lubbuun jiru fi anillee hin du’in nabiyyiin (SAW) ergaman).
Nuti Nabiyyitti ni amanne, garuu inni hinaaffi fi daangaa darbuu irraa kan ka’e
Nabiyyitti ni kafare. Akkanas isaan jenne, “Ee badii kee yaa ebalu! Sihii mitii
waa’ee isaa ilaalchise wanta jettu kan nuun jette? Innis “eeti, garuu isaa miti.”
Jedhe. (Sahiihu As-Siiratu An-Nabawiyyah, By Ibraahim Alii-fuula 31)
Abdullah ibn Amr (radiyallahu anhu) amala Ergamaa Rabbii Tawraat keessatti
kaafame akkana jechuun dubbata: Rabbiin kakadhe! Amala garii Qur’aana
keessatti ibsameen Nabiyyiin (SAW) Tawraat keessattis ibsamee jira: (Yaa
Nabiyyicha! Dhugumatti, ragaa bahaa, gammachiisaa, akeekachiisaa fi warroota
73
barreessu fi dubbisuu hin dandeenyef eegaa goonee si erginee jirra.) Ati gabrichaa
fi Ergamaa Kiyya, Mutawakkil jechuun si waame. Inni (nabiyyiin) dubbii badaa
kan dubbatu miti, gogaas miti, gabaaya keessatti sagalee olkaase hin iyyu, wanta
badaa badaan hin deebisu garuu irra darbuun ni araarama. Amanti Ibraahim kan
Araboonni jallisan hanga sirnaan qajeelche dhaabutti Rabbiin isa hin ajjeesu.
Amanti kana kan qajeelchanis “Laa ilaah illallah (Haqaan Gabbaramaan Allah
malee hin jiru)” jechuuni. Jecha tanaan, ija jaamte, gurra duude fi qalbii cufamte
bana.” (Sahiih Al-Bukhaari 2125)
2-Hayyoonni Warra Kitaabaa Nabiyyummaa isaatiin gammachiisu-
Salmaan Al-Faarisi (radiyallahu anhu) seenaa Islaamawu isaa yommuu himu
hayyoonni warra kitaabaa (kiristaanaa fi yahuudaa) waa’ee Nabiyyii ergamuu
hedu isatti himani turan. Molokseen Amuuriyyah yommuu duuti isatti dhiyaattu
Salmaaniin akkana jedhe: Dhugumatti, yeroon nabiyyiin amanti Ibraahimiin itti
ergamu dhiyaatee jira. Dachii Arabaa keessaa baha. Gara lafa Harrateyni jidduutti
argamtuuti godaana, kana jechuun Madiinaa. (Harrateyn jechuun lafa lama dhagaa
volkaanotin guuttamtedha. Dhihaa fi bahaan Madiina daangessu.) Isaan lamaan
jidduu muka teemiraatu jira. (kana jechuun Lafa lama Harateeyn jidduu ykn
Madiina keessa muka teemiraatu baay’ata). Inni (Nabiyyiin kuni) mallattoolee hin
dhokanne of waliin qaba. Kennaa ni nyaata, garuu sadaqaa hin nyaatu. Ceequ isaa
lamaan jidduu mahatama Nabiyyummaatu jira. Biyya tana deemu yoo dandeesse
deemi.” (Siiratu An-Nabawiyyah-Ibn Kasiir (1/300)
Dhumarratti Salmaan imala isaa gara Madiinaa godhe. Garuu adeemsa keessa
booji’amuun gabra godhame. Yeroo muraasan booda akkuma Madiina gaheen,
Ergamaan Rabbii (SAW) gara Madiinaa godaanan. Dhugummaa jecha Moloksee
yaaluf, Salmaan gara Nabiyyi (SAW) deemun nyaata dhiyeessef. Garuu nyaanni
kuni sadaqaadha jedheen. Nabiyyiinis osoo homaa irraa hin nyaatin sahaabota
isaatiif kenne. Boodarra, Salmaan nyaata biraa fiduun nabiyyiif dhiyeesse. Garuu
yeroo kanatti, akka sadaqaatti osoo hin ta’in akka kennaatti siif kenna jedheen.
Nabiyyinis (SAW) nyaata garii sahaabotaaf ni kenne, garii immoo n nyaate.
Salmaan yeroo biraa mahatama nabiyummaa ceequ Nabiyyii (SAW) jidduutti ni
arge. Salmaanis yoosu Islaamawe.” (Ilaali- As-Siirah An-Nabawiyyah As-
Sahiihah by Al-Umarii (1/122))
Ammas, hayyoonni Yahuudaa nabiyyiin zamana san keessa akka ergamuu
beeksisaa turan. Kana keessaa seenaa Abu Tayhaan dhiyeessun ni danda’ama. Abu
Tayhaan biyya Shaam irraa gara Madiinaa godaanun gosa Yahuuda Bani
Qureyzah jedhamtu keessa qubate. (Yeroo sanitti Shaam biyyoota akka Sooriya,
Filisxeemi fi Libanoonin of keessatti hammatti). Wagga lama Nabiyyiin ergamuun
74
dura Abu Tayhaan ni du’e. Yommuu duuti isatti dhuftu, Bani Qureyzaatiin ni
jedhe, “Yaa tuuta Yahuudaa! Lafa weeyni fi daabboo laafaa qabduu irraa na baasee
lafa rakkinnaa fi beelatti wanta na galche beektu? Isaanis ni jedhan: Ati ni beekta.
Innis ni jedhe, Biyya tana kan dhufeef bahiinsa nabiyyii kan yeroon isaa dhiyaate
eeguufi. Akka isa hordofuuf ni ergama jedhee abdachaa ture.”
Dubbiin kuni hawaasa keessa babal’ataa tureera. Yahuudota fi namoota biroo
jidduu kan faca’eedha. Kanarratti hundaa’e, Yahuudonni warroota Madiina keessa
jiraniin akkana jechaanii turan: Yeroon Nabiyyiin itti ergamu dhiyaate jira. Isa
waliin waraana cimaa isin waraanna.” Oduun kuni Ansaarota irraa namoonni
baay’een akka Islaamawaniif sababa ta’ee jira. Ansaaronni akkana jedhan:
“Rahmataa fi qajeelcha Rabbii waliin wanta gara Islaamatti nu waame keessaa
wanta dhiirota yahuudaa irraa dhageenyudha. Nuti ummata shirkii fi warra sanama
gabbaru turre. Isaan immoo warra kitaabaa turan. Isaan bira beekumsa nuti hin
qabnetu jira. Isaanii fi nu jidduu diinummaan hin dhaabbatu. Wanta isaan jibban
yommuu isaan irratti buusnu, akkana jedhu: Yeroo Nabiyyiin itti bahuu dhiyaate
jira. Isa waliin waraana cimaa isinitti banna.”
Seenaa kana Qur'aanni haala kanaan dhugoomsa:
“Yeroo kitaabni Rabbiin biraa ta’e wanta isaan waliin jiru kan dhugoomsu
ta’ee isaanitti dhufu_duraan warra kafaran irratti injifannoo argachuuf
[dhufaati nabii Muhammad (SAW)] kadhachaa haa turaniyyuu malee,
yommuu wanti beekan isaanitti dhufu, isatti ni kafaran. Kanaafu kaafirota
irratti abaarsi Rabbii haa jiraatu.” Suuratu Al-Baqarah 2:89
Akkuma seenaa armaan olii keessatti ilaalle, Yahuudonni Madiinaa keessa jiraatan
Qur’aanni buufamuu fi Nabii Muhammad (SAW) ergamuun dura warroota
kafaran irratti injifannoo argachuuf dhufaati Nabii Muhammad (SAW) Rabbiin
irraa kadhachaa turan. Madiinaa keessatti gosoonni Awsi fi Khazraj yeroo sanitti
kaafiroota waan turaniif, Yahuudonni “Yeroon nabiyyiin itti bahuu dhiyaate jira,
isa waliin isin fixna” jechaani turan. “yommuu wanti beekan isaanitti dhufu,
isatti ni kafaran.” Kana jechuun yommuu nabii Muhammad (SAW) amala
isaatiin isa beekan isaanitti dhufu, isatti ni kafaran. Sababni akka itti kafaran isaan
75
taasise waanyu (hinaaffi) fi daangaa darbuudha. Akkuma aayah itti aanu keessatti
dubbatu.
Nabiyyiin Ergamuun Dura Haalli Namoonni Irra Gahan Gabaabumatti, wantoonni fokkuu fi badiin garmalee kan babal’ate ture. Yommuu
badiin hawaasa keessa babal’achu jalqabu, namoonni dhuunfaa furmaataa fiduuf
ni ka’u. Garuu furmaanni walakkaa jaarraa 6ffaa keessa wanta hin taanedha. Haala
amanti tokko jijjiruu ykn wanta badaa kaasu qofa osoo hin ta’in jireenyi guutuun
jijjiramu barbaachisa, karaan jireenyaa haaroftu seensifamu qaba. Jaarraa baay’eef
amantii fi gochaalee sobaa walirra tuulamuun karaa jijjiramaa irratti gufuu ta’anii
dhaabbatanii jiru. Namoonni dhuunfaa rakkoo furuuf gahaa miti. Ilma namaa
dukkana keessaa gara ifaatti baasuu fi akka nama haarawa dhalateetti ceesisuuf
Rabbiin subhaanahu Nabiyyii erge. Ni jedha:
“Sila namni du’aa turee ergasii isa jiraachifne ifa isaaf goone fi [ifa] saniin
namoota keessa deemu, akka nama dukkana keessa jiru kan isa keessaa hin
baane ni ta’aa? Akka kanatti kaafirootaf wanti isaan dalagan
miidhagfame.” Suuratu Al-An’aam 6:122
Kuni fakkeenya Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa mu’mina jallinnaa fi dhama’iinsa
keessatti du’aa tureef dhiyyeessedha. Ergasii Rabbiin isa jirachise. Kana jechuun
qalbii isaa imaanaa fi beekumsaan ni jiraachise. Namoota keessa ifaan kan deemu
ta’e. Kana jechuun dhimmoota isaa sirritti kan argu, karaa isaatti kan qajeelfame,
kheeyri kan beeku fi filatu, hojii irra kan oolchu fi namoonni biroos hojii irra akka
oolchan kan carraaqudha. Akkasumas, sharrii kan beeku fi jibbu, sharrii kana
dhiisu, ofii fi namoota biroo irraa kaasuf kan carraqudha. Namni kuni eessarraa
ka’ee garam deemaa akka jiru, maaliif addunyaa tana keessa akka jiraatu ifa
iimaanaa fi beekumsaatiin beeka. Namni haalli isaa akkana ta’e nama dukkana
wallaalummaa, kufrii fi badii keessatti tareen wal-qixxaataa? “Dukkana kana
keessaa hin bahu.” Kana jechuun gara karaa ittiin bahuutti hin qajeelfamu, wanta
keessa jiru keessaayis hin bahu.
Kanaafu, namni ifa keessa deemu fi namni dukkana keessa deemu wal-qixxaataa?
Gonkumaa wal hin qixxaatan. Akka waan akkana jedhameeti, namni sammuu irraa
76
hubannoo xiqqaallee taatu qabu akkamitti dukkana keessa dhama’aa ta’ee turaa?
Akkana jechuunis deebii deebisa: “ Akka kanatti kaafirootaf wanti isaan
dalagan miidhagfame.” Hanga isaan hojii badaa fi fokkataa akka gaarii fi haqa
ta’etti ilaalan gahanitti sheyxaanni hojii isaanii qalbii isaanii keessatti miidhagsu
itti fufe. Hojiin badaa fi fokkuun isaan akka gaaritti ilaalan kuni qalbii isaanii
keessatti amanti hidda qabatee fi amala isaanitti maxxanee ta’ee jira. Kanaafi,
shirkii fi wanta fokkuu keessa jiranitti gammadan. Isaan kunniin dukkana isaanii
keessa dhama’u, soba isaanii keessa raata’u.31
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa dukkana cillimi kana keessaa gara ifaatti akka
ilma namaa baasuf Ergamaa Isaa (SAW) erge. Namni isatti amanee isa hordofe,
qalbiin isaa jiraachifamuun ummata keessa ifa iimaanaa fi beekumsaatiin deema.
Namni isatti amanuu fi hordofuu dide immoo dukkana wallaalummaa fi kufrii
keessa raata’a. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa warra Qur’aana fi sunnah
Nabiyyii Isaa beekee itti buluu nu haa taasisu. Tarii warra ummata keessa ifaan
deemu taanati.
31 Tafsiiru Sa’dii- fuula 303-304
77
78
Mallattoolee Nabiyummaa Nabiyyiin (Saw) Argan Nabiyyiin (SAW) ergamuu yommuu hedanitti mallattooleen baay’een isaaniif
mul’atanii jiru. Isaan keessaa: Malaykaan Jibriil goda Hiraa keessatti itti dhufuun
dura, Nabiyyiin (SAW) abjuu dhugaa arguu turan. Wanti inni abjuu keessatti
arge hundi jireenya dhugaa (real life) keessatti akkuma argetti ni uumama.
Akkasumas, keessa isaatti jijjiramni dhufuu jalqabe. Kophaa ta’uu fi ibaadan isa
biratti garmalee jaallatamaa ta’e. Goda Hiraa keessatti kophaa bahuun ibaada
gochaa ture. Godni Hiraa Kaaba dhiya Makkaatti kan argamuudha. Achi
keessatti halkan baay’eef ibaada godha. Yeroo garii halkan 10 yeroo garii immoo
hanga ji’a gahuutti. Ergasii gara mana ofiitti ni deebi’a. Mana keessa yeroo
muraasaaf turee galaa qopheefachuun gara godaatti deebi’a.
Bu’iinsa Wahyii Fi Daaw’aa (Waamicha) Dhoksaa
Yeroo Jalqabaatiif Nabiyyi (Saw) Irratti Wahyiin Bu’uu Jalqaba “wahyii” jechuun beeksisa, odeefannoo fi ergaa Rabbiin Ergamtoota Isaa
keessaa qalbii Ergamaa tokkootti darbuu ykn buusudha. Nabiyyiin (SAW) umrii
isaa irraa waggaa 40 gahee jira. Adda isaa goda Hiraa keessa kophaa ta’uun
Rabbiin gabbaruu fi dachii, samii fi wantoota isaan keessa jiranitti xinxallaa ture.
Imaamu Al-Bukhaari fi Imaamu Muslim Aa’ishaa (Radiyallahu anhaa) irraa
akkana jechuun gabaasan:
“Wahyiin gara Ergamaa Rabbiitti bu’uu kan jalqabe abjuu gaarii hirriba keessatti
arguuni. Abjuu homaatu hin argu akka guyyaa adii dhugaa yoo taate malee.
Ergasii kophatti bahuun isaaf jaallatamaa ta’e. Goda Hiraatti kophaa bahuun gara
maatii isaa deebi’uun dura halkan baay’eef achitti Rabbiin gabbaraa ture. Kanaaf
galaa (siinqi) fudhataa ture. Ergasii gara Khadiijaa deebi’uun akkuma duraa
siinqi fudhata. Hanga guyyaa tokko osoo inni goda Hiraa keessa jiru Haqni tasa
isatti dhufuu [haala kanaan itti fufe]. Malaaykan dhufee akkana jedheen, “Iqra’a
(dubbisi)” Ergamaan Rabbii (SAW) ni jedhe, “Akkamitti akka dubbisan hin
beeku.” Ergamaan Rabbii itti fufuun ni jedhe, “Ergasii Malaaykan sirritti na
qabuun hanga dhiphachuu gahuutti na ukkaamse. Ergasi gadi na fure.”
Ammas Malaaykan ni jedhe, “Dubbisi!” Anis, “Akkamitti akka dubbisan hin
beeku.” jedheen. Ergasii Malaaykan yeroo lammataaf sirritti na qabuun hanga
dhiphachuu gahuutti na ukkaamse. Ergasi gadi na fure, “Dubbisi!” naan jedhe.
Anis nan jedhe, “Akkamitti akka dubbisan hin beeku.” Ammas yeroo
sadaffaaf sirritti na qabuun hanga dhiphachuu gahuutti na ukkaamse. Ergasi gadi
na furee akkana jedhe, “Maqaa Rabbii keeti Kan [waan hunda] uumen
79
dubbisi. Ilma namaa dhiiga ititaa irraa uume. Dubbisi! Gooftaan kee
arjaadha. Kan qalamaan [barreessu] barsiise. Nama waan inni hin beekne
barsiise.” (Suuratu Al-Alaq 96:1-5)
San booda Ergamaan Rabbii Aayata armaan olii kana fudhachuun osoo qalbiin
dhikkistuu fi hollatanuu gara haadha manaa isaanii Khadiijaa deebi’an. Ergasii ni
jedhan, “Na haguuga, na haguugaa!” Hanga sodaan irraa deemu ni haguugan.
Ergasii Ergamaan Rabbii (SAW) Khadijaan ni jedhe, “Yaa Khadiijaa! Lubbuu
tiyya irratti sodaadhe.” Wanta malaayka waliin ta’e ishitti hime. Khadijaanis ni
jette, “Dhoorgami! Rabbiin kakadhe! Rabbiin gonkumaa si hin salphisu. Ati
dhugumatti, hariiro firummaa sufta (eegda), hiyyeessaa fi rakkataa gargaarta,
keessumma kabajaa fi arjaan keessumeessita, warra balaan itti bu’e gargaarta.”
Ergasi Khadijaan ilma abbeeraa ishii kan ta’e Waraqaa bin Nawfal bira Ergamaa
Rabbii fidde. Waraqaa bin Nawfal Ergamaan Rabbii (SAW) ergamuun dura
Kiristaana ture. Kitaaba Arabiffaa fi wanta Rabbiin fedhe Injiila Arabiffaan
barreessaa ture. Jaarsa dulloomee fi ijji isaa tan badde ture. Khadijaan “Yaa ilma
abbeeraa kiyyaa! wanta ilmi obboleessa keeti jedhu dhagahi mee.” jetteen.
Waraqaan ni jedhe, “Yaa ilma obboleessa kiyyaa! Maal argite?” Ergamaan Rabbii
(SAW) wanta arge isatti hime. Waraqaan ni jedhe, “Kuni [Malaayka Jibriil] kan
iccitii eegu Nabii Muusa irratti bu’etu sirrattis bu’e. Maal qaba ani osoo
dargageessa ta’ee jiraadhe! Osoo hanga ummanni kee biyyaa si baasanii lubbuun
jiraadhe maal qabaa!” Ergamaan Rabbiis ni jedhan, “Isaan biyyaa na baasu?”
Innis ni jedhe, “Eeyyen! Namni fakkaataa wanta ati fidde fide namoonni diina
isatti ta’u. Osoo hanga guyyaa sani lubbuun jiraadhe silaa deeggarsa cimaan si
deeggaraa ture. ” Garuu Waraqaan yeroo muraasan booda ni du’e. Wahyiniis
yeroo muraasaf Nabiyyii irratti bu’uu dhiise.” Sahih al-Bukhari 3, Sahiih Muslim
160
Hadiisa kanarratti xinxalluu barnoota baay’ee jireenya Nabiyyiitiin (SAW) wal-
qabatan keessaa cuunfachuu dandeenya. Isaan keessa barnoota baay’ee
barbaachisoo ta’aan eerun ni danda’ama:
ABJUU GAARII
Jibriil Nabiyyiitti dhufuun dura wahyiin karaa abjuutiin Nabiyyitti bu’uun isa
qopheessu fi tasgabbeessuufi. Osoo duraan homaa hin argin takkamaan
Malaykaan Jibriil kan itti dhufu ta’ee, silaa garmalee sodaachuu fi nayuun wanta
Jibriil jedhu qabachuu hin danda’uu ture. Kanaafi, isa leenjisuu fi barsiisuuf
jalqaba irratti wahyiin abjuun itti dhufe. Akkuma hadiisa sahiih ta’e keessatti
80
dhufe: “Abjuun gaariin kutaa nabiyummaa afurtami jaha irraa kutaa tokko.”
Sahiih Al-Bukhaari 6989
Akkuma hayyoonni jedhan, “yeroon abjuu gaarii arguu ji’a jahaaf ture.” Wanti
hubatamu qabu Qur’aana irraa homtu abjuun nabiyyiitti hin buune. Qur’aanni
hundi osoo dammaqee jiruu irratti bu’e. Wahyin abjuun irratti bu’aa ture wanta
Qur’aanan ala ta’eedha.
Abjuun gaariin jireenya addunyaa tana keessatti gammachiisa namni arguudha.
Abjuu gaarii arguun wanta jireenya keessatti nama gammachiisudha. Kanaafi,
Nabiyyiin (SAW) akkana jedhan: “Yaa namoota! Gammachiisa nabiyummaa
irraa homtu hin hafne, abjuu gaarii Muslimni arguu yookiin isaaf namni
biraa arguu yoo ta’e malee.” Sunan Ibn Maajah 3899
Yommuu Haqni Goda Hiraa Keessatti Itti Dhufu
Yommuu Malaaykan Jibriil goda hiraa keessaatti itti dhufuun dubbisi jedhuun
Nabiiyyiin (SAW) ni jedhan: “Ani akkamitti akka dubbisan hin beeku.” Yeroo
sadiif erga ofitti qabee booda gadi furuun, wanta Rabbii olta’aa irra fide akkana
jechuun dubbise:
“Maqaa Rabbii keeti Kan [waan hunda] uumen dubbisi. Ilma namaa dhiiga
ititaa irraa uume. Dubbisi! Gooftaan kee arjaadha. Kan qalamaan
[barreessu] barsiise. Nama waan inni hin beekne barsiise.” (Suuratu Al-Alaq
96:1-5)
Aayaanni kabajamoon tunniin Qur’aana irraa aayaata jalqabaa buufamaniidha.
Kana keessa, uumama namaa dhiiga itita irraa jalqabuu beeksisa. Dhugumatti,
arjaa Rabbii keessaa tokko wanta namni hin beekne isa barsiisudha. Beekumsaan
isa kabajee olkaase. Beekumsi wanta nabii Aadam (aleyh salaam) Malaykoota
irraa ittiin adda baafameedha. Beekumsi yeroo garii sammuu keessatti ta’a, yeroo
garii arraba irratti ta’a, yeroo garii immoo qubbiinin barreessun ta’a. Kanaafu,
qalamaan barsiisuun sadarkaalee sadii barbaachisa: sammuun jiraachu, jechi
jiraachu, ergasii barreessun jiraachudha. Aayata kanaan Nabiyummaan
Muhammad (SAW) ni jalqabame. Dhugumatti kuni taatee guddaadha.
81
Wantoota baay’ee aayata armaan olii irraa ni baranna. Isaan keessaa muraasni:
1-Namni beekumsaan kabajama, sadarkaan isaa ol fuudhama. Rabbiin
subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
“Isin keessaa warra amananii fi warra beekumsi kennameef Rabbiin
sadarkaa baay'ee isaan olkaasa. Rabbiin waan isin hojjattan keessa
Beekaadha.” Suuratu Al-Mujaadala 58:11
2-Maddi beekumsa dhugaa nama fayyadu Rabbiin irraa ta’uu- namni
qajeelcha Rabbiin irraa dhufee kanarraa yoo dabee fi irraa fottoqee, wanti
beekumsa jedhe barbaadu isarratti balaa guddaa itti ta’a. Badiinsa isaatiif sababa
ta’a. Namni Qur’aana of duubatti dhiisun madda beekumsaa biraa barbaadu,
jireenya keessatti qajeelcha fi ifa barbaadu hin argatu.
3-Aayah tana keessa beekumsi Islaamaa barreefamaan akka eeggamu
akeeka- osoo barreefamni jiraachu baate silaa beekumsi Islaamaa nu hin gahu
ture. Kanaafu, barreefamni beekumsa Islaamaa galmeessuun dhaloota irraa
dhalootatti dabarsa. Qur’aanni qalamaan katabamuu fi sammuu namootaa
keessatti qabatamuun waan eeggameef bakka nabiyyii ta’uun namoota hundaaf
gammachiisa fi akeekachiisaa ta’a. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
“Haa Miim. [Qur’aanni kuni] [Rabbii] Rahmaan, Rahiim ta’e irraa kan
buufameedha. Kitaaba keeyyattoonni isaa ibsaman, Qur’aana Arabiffaa
namoota beekaniif [ibsameedha]. Gammachiisaa fi akeekachiisaa kan
ta’eedha. Garuu baay’een isaanii irraa garagalanii jiru. Kanaafu isaan hin
dhagahan.” Suuratu Fussilat 41:1-4
Qur’aanni Rabbii Rahmaan ta’e rahmanni Isaa waan hundaa haguuge irraa kan
buufameedha. Rahmata Isaa irraa inni guddaan kitaaba kana buusudha. Kitaaba
kanaan beekumsi, qajeelchi, ifti, fayyaan, rahmanni fi kheeyrin baay’een ni
argama.32 Qananiin hunda caaluu karaa gammachuu addunyaa fi Aakhiratti nama
geessu beekudha. Ergasii kitaaba kana ni faarse. “Kitaaba keeyyattoonni isaa
32 Tafsiiru Sa’dii-fuula 876
82
ibsaman” Asitti kitaaba yommuu jedhu Lawhal Mahfuuz keessatti barreefamuu
isaatii fi waraqaa ykn meeshaa barreefamaa irrattis katabamu isaa agarsiisa. Akka
lugaatti kitaaba jechuun wanta barreefame (maktuub) jechuudha. 33 Kanaafu,
Qur’aanni kuni barreefamaan jijjiramu, hir’inna ykn itti dabaluu irraa kan
eeggamuudha. “keeyyattoonni isaa ibsaman” haraamaa fi halaala, hojii gaarii fi
badaa, mindaa fi adabbii addaan baasun kan ibsamaniidha.34
“Qur’aana Arabiffaa” Jechoonni isaa lugaa Arabiffaa ifa ta’eeni. Hiikni isaa kan
ibsameedha, jechoonni isaas rakkoo kan hin qabne ifa kan ta’aniidha. “namoota
beekaniif [ibsameedha]” kana jechuun namoota beekumsa irratti fedhii qabanii
fi hubataniif kitaabni kuni ibsamee jira. “Gammachiisaa fi akeekachiisaa kan
ta’eedha.” Gammachiisaa jechuun wanta nama gammachiisu kan namatti
beeksiisu. Akeekachiisaan immoo dhuma nama hin gammachiisne kan akka
sharrii dhufaa jiru ykn badii hojjataniif adabbii kan beeksiisudha. Qur’aanni
keeyyattoota namoota amananii fi Rabbiin sodaataniif mindaan guddaan akka jiru
ibsan waan of keessaa qabuuf, Rabbiin “Gammachiisa” jechuun isa ibse. Ammas,
keeyyattoota kaafiroota fi badii isaanii keessatti warra daangaa darban adabbii
cimaan akeekachiisan waan of keessaa qabuuf Rabbii subhaanahu “akeekachiisaa”
jechuun isa ibse. Akkasumas, Qur’aanni Rabbiin irraa kan bu’ee fi dubbii Isa waan
ta’eef dhugumaan gammachiisaa fi akeekachiisa dha.35
4-Argannoowwan saayinsawaa yeroo ammaa argaman beekumsa Rabbiin
namoota barsiise akka ta’e hubachuu- wantoonni haqaa yeroo dur hin beekkamne
yeroo amma argamuu fi beekkamuun wanta Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa
namoota barsiisedha. Namni yeroo durii xiyyaara, konkolaataa, satalaayiti fi kkf
akkamitti akka hojjatan hin beeku ture. Garuu yeroo amma wantoota kanniin
akkamitti akka hojjatan Rabbiin isaan barsiise jira. Kanaafi, ni jedha: “Dubbisi!
Gooftaan kee arjaadha.” Arjummaa fi tola Isaatiin nama qalamaan barsiise,
waan inni hin beeknes barsiise. Kanaafu, namni wanta duraan wallaale yoo beeke
of tuuluu hin qabu. Kan kana isa barsiise Rabbiin akka ta’e beekun galata Isaaf
galchuu qaba.
Wantoota baay’ee hadiisa kanarraa baranna. Garuu yeroo fi bakki waan nutti
gabaabbatuuf waa sadii kaasun kutaa kana haa xumurru:
1ffaa- Bu’aa niitin jabduu fi qaruuten jireenya dhiiraa keessatti qabdu- Yommuu
nabiyyiin (SAW) sodaan guuttamee na huguuga na haguuga jedhu, Khadiijaan
33 Tafsiiru Qur'aanil Kariim, suuratu Fussilata-Ibn Useymiin, fuula 18-19 34 Tafsiiru al-Qurxubii 18/388 35 Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi– 12/462-463, Abdurahmaan Habanka
83
garmalee jajjabeessite. “Rabbiin kakadhe! Rabbiin gonkumaa si hin salphisu.
Ati dhugumatti, hariiro firummaa sufta (eegda), hiyyeessaa fi rakkataa
gargaarta, keessumma kabajaa fi arjaan keessumeessita, warra balaan itti
bu’e gargaarta.” Jetteen. Dhugumatti, dubartii akkanatti nama jajjabeessituu fi
sodaaf gadda namaaf hir’istu argachuun qananii guddaadha.
2ffaa- Jecha Khaadijaa armaan olii keessatti, Rabbiin nama firummaa sufu,
hiyyeessaa fi rakkataa gargaaru, keessummaa arjaa fi kabajaan keessummeessu fi
amaloota gaggaarii biroo qabu hin salphisu. Kuni seera Isaati. Khadijaan seera
kana yommuu hubattu, jechoota kanaan nabiyyii (SAW) jajjabeessite.
3ffaa-Nabiyummaan shaakalaa fi carraaqqin wanta argamuu osoo hin ta'in, murtii
Rabbiitiin wanta ta'uudha. Rabbiitu nama fedhe filate nabiyyii godha malee namni
fedhii ofiitiin nabiyyii ta'uu hin danda'u. Hadiisa armaan olii keessatti yommuu
nabiyyiin wanta ta'e Waraqatti himu, Waraqaan ni jedhe, " Kuni [Malaayka Jibriil]
kan iccitii eegu, Nabii Muusa irratti bu’etu sirrattis bu’e."
84
Marsaalee Da’awaa Nabiyyii (Saw) Marsaaleen Da’waa Nabiyyii (SAW) bakka gurguddoo lamatti qoodamu: Marsaa
Makkaa fi Marsaa Madiinaati. Makkaan keessatti da’awaan godhan waggaa 13 itti
fudhate. Kan Madiina immoo waggoota hafan kurnan itti fudhate. Ammas,
Marsaan Makkaa bakka sadiitti qoodamun ni danda’ama:
1- Marsaa da’waa iccitii: waggaa sadii
2- Marsaa ifaan ifatti da’waa makkaan keessatti labsuu: nabiyummaa irraa
waggaa afraffaa irraa eegalee hanga waggaa kurnaffaa
3- Marsaa Makkaan alatti Islaama babal’isuu fi namoota waamu: kuni dhuma
waggaa kurnaffaa irraa hanga hijraa (godaansaatti) ture.36
Da’waa (Waamicha) Dhoksaa (Ad-Da'watu Sirriyatu)
Nabiyyiin (SAW) amma Rabbii rahmata godhaa fi Arjaa ta’eef nabiyyii ta’uu isaa
mirkaneefatanii jiru. Suuratu Al-Alaqaan nabiyyi ta’an. Yommuu Malaykaan
Jibriil (aleyh salaam) si’a lammataatif dhufu Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa
aayaata tannin irratti buuse:
“Yaa Kan [uffataan] of haguuge! Ka’ii akeekachiisi. Gooftaa keetis ol-
guddisi. Uffata keetis qulqulleessi. Sanama irraas fagaadhu ” Suuratu Al-
Muddassir 74:1-5
Aayaanni tunniin hirribnii fi boqonnaan yeroo darbee akka dhumatee fi fuundura
isaatti hojiin guddaan dammaqiinsa, qophii, obsaa fi ciminna gaafatu akka isa
eeggatu nabiyyitti beeksiifti. Kanaafu, ergaa haa baadhatu, gara namootaa ittiin
haa qajeelu. Wahyiin haa booharu.
Aayaanni tunnin aayata jalqaba Nabiyyiin waamicha Islaamaa namootatti akka
geessu fi itti gaafatamumma baadhatu tan ajajjuudha. Akkasumas, gufuwwan isa
qunnamaniif danta osoo hin kenniin itti gaafatamummaa itti kenname bahuun gara
fuunduraatti akka deemuuf ijjannoo Nabiyyii (SAW) kan jabeessituudha.
Dhugumatti, keeyyanni (aayan) jalqabaa xiyyefannoo isaa tan kakaastudha: “Yaa
Kan [uffataan] of haguuge!” Kuni yeroo guyyoota boqonnaa fi toltuutiif nagaha
itti dhaamaniidha.
36 The Sealed Nectar 77
85
"Wanta bu'insa aayaa tana duuba jiru qo'achuun nabiyyiidhaan "Yaa ayyuha-
rRasuulu (Yaa Ergamticha) ykn Yaa ayyuhan-Nabiyyu (Yaa nabiyyicha)" jechuu
irra maaliif " Yaa Kan [uffataan] of haguuge " akka jedhamee dubbifamee
sirnaan akka hubatan nama taasisa. Yommuu Nabiyyiin (SAW) Malaykaa Jibriil
samii fi dachii jidduutti argu rifatee gara manaa deebi'uun "Uffata natti maraa,
uffata nati haguuga." namootaan jedhe. Kanaafu, Rabbiinis yaa ayyuhal-
muddassir (Yaa Kan [uffataan] of haguuge) jechuun isa waame. Dubbii kanarraa
hiikni hatamtamaan dhufu kana ta'a: Yaa gabricha kabajamaa kiyya, akkanatti of
martee maaliif ciistaa? Ba'aan ergama guddaa sirra kaa'amee jira. Ergama kana
bakkaan gahuuf ijjannoo fi murannoon olka'u qabda."*
Kanaafu, namoota naannawa kee gaflaaa fi of daguu keessa jiran “Ka’ii
akeekachiisi” jechuun ijjannoo isaa jabeesse. Nabiyyiin (SAW) aayah Qur’aana
biraa keessatti gammachiisaa fi akeekachiisa akka ta’e Rabbiin (subhaanahu) isa
ibsa. Garuu asitti akka akeekachiisu ajajame. Kuni kan agarsiisu, ergaa isaa
mormiin cimaan akka qunnamu kanaafu, obsi fi qabsoon isarraa akka barbaadamu
Nabiyyitti beeksisa.
Ammas, ijjannoo fi humna nabiyyii (SAW) jabeessuf itti aanse ni jedhe, “Gooftaa
keetis ol-guddisi.” Kana jechuun dhimma uumamtootaa irraa homaayyu ol hin
guddisin, isaan irraa homtu sirratti guddaa hin ta’in. Hojii isaanii irraa homaa hin
sodaatin. Isaan keessaa eenyullee hin sodaatin. Gooftaa kee malee eenyullee ol hin
guddisin. Gooftaan kee osoo ati dugda abbeetii fi garaa haadha keeti keessa jirtu
kan si eege fi fadlii Isaatiin kan si guddiseedha. Amaanaa hundarra guddaa kan
ta’e ergaa Isaa akka baadhattuuf uumamaa fi amala kee tolchee hanga namootaaf
nabiyyii fi ergamaa godhee si baasutti tolaa fi arjummaa Isaatiin kan si tiiksedha.
Kanaafu, Gooftaa kee ol-guddisi. Guddinni fi kabajni hundi haqa Rabbii olta’aati.
Eenyullee haqa kana keessatti Isa waliin hin hirmaatu. Garmalee ol-guddifamuu fi
garmalee kabajamuu kan qabu Rabbii tokkicha. Sababni isaas, Rabbiin Gooftaa
guddaa waan hundaa caaludha, sifaataa (amaloota) gugguutun kan ibsamuudha.
"Qabxiin ijoon asirraa hubatamu qabu biraa ni jira. Akkuma duuba (background)
bu'iinsa aayah tanaa ilaalle, Nabiyyiin (SAW) yeroo jalqabaatiif olka'uun akka
akeekachiisu ajajame. Akkuma beekkamu magaalaan ergama kana akka galmaan
gahuu itti ajajamee handhuura sanamni itti gabbaramuudha. Namoonni achi keessa
jiraatan akkuma Araboota biroo sanama kan gabbaran qofa osoo hin ta'in magaalli
Makkaa akka iddoo qulqulluutti waan ilaallamtuuf Araboonni sanamaa gabbaran
gara hundaan itti deemu. Namni tokkichi bakka akkanaati ka'uun fuula sanama
gabbartoota fuundura dhaabbachuun Tokkichummaa Rabbii lallabuun balaa
(riski) guddaa kan qabuudha. Kanaafi, olka'uu fi akeekachiisu booda guddinna
86
Gooftaa keeti labsuun hiika kanas qaba: Humnoota rifachiisaa fi sodaachiisaa
isaanii hojii kee kan gufachiisan gootee hin ilaalin. Ergaa kee dabarsuu irraa
warroota si ittisanii fi duubatti si harkisan hundarra gooftaan kee guddaa
akka ta'e ifaan ifatti labsi. Humni, dandeetti fi jabeenyi Isaa humna, dandeetti fi
jabeenya isaanii caala. Dhugumatti, kuni nama ergaa Rabbiin irraa dhufe galmaan
gahuuf carraaquuf jabeenya guddaadha. Namni Guddinnaa fi Jabeenya Rabbii
olta'aa qalbii isaa keessaa qabu Rabbiif jedhee addunyaa guutuun wal-qunnamuu
fi loluu hin sodaatu."*
“Uffata keetis qulqulleessi.” Akka waan nabiyyiin (SAW) akkana jedhameeti:
ati qulqullinna keetirra jirta. Guutummaan namummaa keeti keessatti amaloota
gaarii Rabbiin irratti si uumee fi nabiyummaa Inni si kenneen uumama keetiin kan
qulqullofteedha. Garuu ammaan booda daran caalatti nafsee tee qulqulleessu fi
amala kee tolchuu dabali. Ati har’a irraa eegalee namootaa fi jinniif ergamaa
Rabbii ta'uun ergamte. Ergaa Islaamaa haala guutuu ta’een geessuuf amaloonni
guutuu ta’an kanneen akka obsa, dhiifama gochuu, tola ooluu fi ciminnaan
hojjachuu jiraachu qabu. Rakkinni sirra gahuu kaayyoo keetirraa duubatti si hin
butin.
“Sanama irraas fagaadhu.” Akka waan Nabiyyiin (SAW) akkana jedhameeti:
duraan uumamaa fi qulqullinna Rabbiin irratti si uumeen sanama gabbaruu irraa
fagaattee jirta. Ammas akkasuma irraa fagaachu itti fufi, garuu yommuu akkas
gootu niyyaa kee Rabbiif godhi.
87
Jalqabamuu Da'waa Iccitii
Suuratu Muddassir erga buute booda nabiyyiin (SAW) gara Rabbii fi Islaamatti
namoota dhoksaan waamuuf ni ka’e. Maatii isaa, hiriyyoota fi namoota isatti
dhiyoo ta’an irraa jalqabe.
1-Khadiijaan (radiyallahu anhaa) Islaamawu Dubartoota irraa namni jalqaba amane, inumaa namoota hundaa dursee jalqaba
nabiyyitti kan amane Khadiijaadha. Afaan Nabiyyii kabajamaati wahyii
dhagahuun nama jalqabaa turte. Akkasumas, Qur’aana qara’uu fi salaata Rasuula
(SAW) irraa barachuun namni jalqabaa ishiidha.
Tawhiida erga mirkaneessanii booda wanti jalqabaa Rabbiin olta’aan dirqama
godhee salaata sirnaan salaatudha. Yommuu salaanni dirqama godhamuu
Nabiyyiin (SAW) Khadiija waa’ee wudu’a fi salaataa barsiisu ilaalchise gabaasni
dhufanii jiru. Osoo Nabiyyiin (SAW) Makkaan keessa jiranu Jibriil (aleyh salaam)
akkaataa wudu’aa fi salaataa barsiisuuf itti dhufee. Osoo Nabiyyiin(SAW) ilaalanu
Jibriil ni wudu’ate. Ergasii akkuma Jibriil wudu’atetti Nabiyyiinis ni wudu’atan.
San booda Jibriil dhaabbate salaate, Nabiyyinis isa waliin salaatan. Ergasii Jibril
ni deeme. Nabiyyiinis (SAW) akkaata salaataaf itti of qulqulleessan argisiisuuf
gara Khadiija dhufuun akkuma Jibril wudu’atetti ni wudu’atan. Ishiinis akkuma
Nabiyyiin(SAW) wudu’atanitti wudu’atte. Ergasii Nabiyyiin (SAW) ishiif
imaamu ta’uun ni salaate.
2-Aliyy ibn Abi Xaalib Islaamawu Aliyy ilma abbeeraa Nabiyyiiti. Khadiijaan erga amantee booda Aliyy Islaama
keessa ni seene. Ijoollee keessaa nama jalqaba amaneedha. Yeroo sanitti umriin
isaa waggaa kudhan ture. Rakkoo maallaqa Abu Xaalib qunnameen Nabiyyiin
(SAW) ilmaan isaa keessaa tokko fudhachuun guddisuu barbaadan. Ijoollee Abu
Xaalib kanniin keessaa Aliyyin fudhachuun mana ofii keessatti guddisan. Aliyyis
yommuu nabiyyiin ergaman amanuun nama lammata ta’e. Nabiyyii fi Khadiija
booda namni sadaffaan salaata salaate isa ture.
Akka warri beekumsaa gariin jedhaniitti: Yommuu waqtiin salaataa gahuu
Nabiyyiin (SAW) gara sulula Makkaatti baha. Aliyyis abbaa, abbeerotaa fi
namoota biroo irraa dhokachuun nabiyyii waliin bahuun salaata achitti salaataa
turan. Yommuu galgalaa’u ni deebi’u.
3-Zayd ibn Haarisa Islaamawu
88
Zayd ibn Haarisa hibbun Nabiyyi (jaallatamaa Nabiyyii) jedhamuun yommuu
beekkamu gabroota bilisa bahan keessaa nama jalqaba amaneedha. Zayd
(radiyallahu anhu) jalqaba irratti nama bilisaa maatii bilisaa irraa tureedha. Garuu
yeroo lolaa ijoollummaan booji’amuun akka gabraatti Makkaan keessatti
gurgurame. Dhumarratti mana Nabiyyi (SAW) keessa gabra ta'uun qubate. Warri
isaa Nabiyyii (SAW) irraa isa bituuf yommuu Makkaan dhufan, inni abbaa isaa
dhiisee Nabiyyi filate. Nabiyyinis dhimmicha Zaydiif ni dhiisan. Zaaydis
Nabiyyiin ni jedhe: Ani gonkumaa si dhiisee nama biraa hin filadhu. Ati anaaf
akka abbaa fi abbeeraati.” Abbaa fi abbeeraan isaas isaan ni jedhan: Ee badii kee!
Bilisummaa caalaa gabrummaa filattaa? Abbaa, abbeeraa fi maatii kee caalaa
nama biraa filattaa?” Innis ni jedhe, “Eeyyen. Nama kanarraa waa argee jira. Isa
caalaa gonkumaa eenyullee hin filadhu.” Ergasii Nabiiyyin (SAW) Zaaydin bilisa
baasun akka guddifachaa godhatan. Eeti, kuni Islaaman dura wanta ta’eedha.
Nabiyummaan dura Zayd ibn Muhammad jechuun waamama ture. Garuu Islaamni
dhufuun maqaa abbaa mucaa jijjiruun nama isa guddiseetin waamu ni dhoowwe.
Kanaafu, Zayd ibn Muhammad hafuun akkuma duraanii Zayd ibn Haarisa
jedhame.
4-Ijoolleen dubaraa Nabiyyii (SAW) Islaamawuu Haaluma kanaan, ijoolleen dubaraa Nabiyyii hundi isaanitu-Zaynab, Umm
Kulsuum, Faaxima fi Ruqiyyah - gara Islaamatti fiiganii jiru. Nabiyyiin ergamuun
dura amala kabajamaa abbaa isaanii irraa fayyadamanii jiru. Akkuma abbaa isaanii
namoota qajeeloo fi gaarii hojii fokkuu hawaasni Qureesha hojjatan irraa kanneen
fagaataniidha. Haala kanaan, manni Nabiyyii (SAW) maatii jalqabaa Rabbitti
amane fi barsiisa Islaamatiif masakamu ta’e jira. Manni kuni seenaa waamicha
Islaama keessatti bakka guddaa kan qabuudha. Kanaafi, Khadiijaan sahaabota
Nabiyyii keessatti sadarkaa ol’aanaa qabdi. Mana barakaa sanitti:
-Goda Hiraa booda Qur’aanni yeroo jalqabatiif ni qara’amee
-Mu’mintota (Warroota amanan) gara Islaamatti dursan kan of keessatti
hammateedha.
- Mana jalqabaa salaanni keessatti salaatameedha.
-Mana jalqabaa Nabiyyii gargaaruuf waadaa itt galanii fi isaan keessaa eenyullee
waadaa kan hin diignedha.
Manni kuni mana Muslimootaatiif, dubartoota isaaniitii fi dhiirota hundaaf
fakkeenya gaarii kan ta’uudha. Haati manaa achi keessa jirtu qulqulluu, mu’mina,
amanamtuu fi dhugaa tan dubbattuudha. Ilmi abbeeraa guddifamuus ajajaaf kan
awwaatu fi deeggaruudha. Mucaan guddifachaas nama amane fi gargaaraadha.
Ijoolleen dubaras dhugaa dubbattoota, mu'mintootaa fi ajajaaf kan bulaniidha.
89
Akka kanatti manni Nabiyyii (SAW) bakka jalqabaa qabate. Fakkeenya akka nuuf
ta’uu fi qajeelfama isaatirra akka deemnu dirqamni itti nu waama. Islaamni
hawaasaa fi dhuunfaa irratti xiyyeeffannoo guddaa itti kenna. Namoonni dhuunfaa
karaa maatiitiin gara hawaasaa seenu. Akkaataa maatii irratti hundaa’e namni
dhuunfaa amalaa fi naamusa isa gabbifata. Kanaafu, maatiin hawaasaa fi dhuunfaa
jidduu akka jiddu-galaatti gargaara. Yoo jiddu-galaan gaarii fi sirrii ta’ee,
hawaasni fi dhuunfaanis ni jabaata. Maatiin hundi hundeefama hawaasa
Islaamummaa keessatti hariiroo cimaa qabaachu qaba. Marsaa jalqabaa ergama
Nabiyyii irratti gatii maatiif kennamee arguu dandeenya. Hunda dursee namni
jalqaba Islaama keessa seene haadha manaa isaa Khadiijaadha. Kunis shoora
dubartoonni Islaama keessatti qaban agarsiisa. Ergasii Aliyy umrii ijoollummaatti
Islaama fudhate, kunis gatii da'waa ijoolleef gochuu agarsiisudha.
Yeroo jalqabaatiif gosoota namootaa nabiyyiin (SAW) gara Islaamatti waame
irratti xinxalluun baay’ee barbaachiisadha. Khadiijaan dubartii dha, Zayd ibn
Haaris gabra bilisoome, Aliyy-ijoollee ture. Kuni ergaan Islaamaa namoota
hundaatti kan fuullefatu ta’uu ifaan ifatti agarsiisa. Ijoollee fi jaarsaaf, dhiiraa fi
dubartootaaf, bulchaa fi gabrichaaf kan ta’uudha. Hawaasa Muslimaa fi biyya
ijaaru keessaatti namoonni dhuunfaa miseensa hawaasaa ta’an hundi gahee taphatu
qabu.
5-Islaamawu Abu Bakr As-Siddiiq Abu Bakr Siddiiq dhiiroota gurguddoo fi sadarkaa qaban bilisaa keessaa nama
jalqaba Nabiyyitti (SAW) amaneedha. Ergamuun dura nama Nabiyyitti garmalee
dhiyoo ta’eedha. Isa ilaalchisee Nabiyyiin (SAW) ni jedhan: Abu Bakr malee
namni ani gara Islaamatti waame hundi isa bira gufuu, duubatti jechuu fi sirritti
ilaalutu ture. Yommuu ani gara Islaamatti isa (Abu Bakrin) waamu osoo homaa
hin shakkinii fi hin turin gara Islaamatti fiige.” (Siiratu An-Nabawiyyatu-Abu
Shuhbata (1/284) ilaali)
Abu Bakr hawaasa Qureesha keessatti iddoo guddaa kan qabuu fi sababoota
baay’eef kan kabajamuudha:
-Nama ummata isaa tokkoomsu, jaallatamaa fi haala salphaan namaan walii
galuu ture.
-Qureeshota keessaa nama sanyii gaarii qabuudha. Waa’ee sanyii fi kheeyrif
sharrii isaan keessa turan ilaalchisee isaan hunda caalaa kan beekudha.
-Nama daldalaa haqaan hojjatuu fi amala gaariin beekkamu ture.
-Qureeshota keessatti nama beekkamaa ture. Beekumsa isaatiif, muxannoo
daldala keessatti inni qabuuf ykn isa waliin hiriyyoomufis namoonni isatti dhufu.
90
Garuu maaliif Abu Bakr Qureeshota biratti garmalee jaallatamaa ta’ee? Eeti,
gaarummaan amala isaa nama isa waliin hiriyyoomu barbaadef balbala baneef.
Ammas, Abu Bakr beekumsa sanyii fi seenaa waan beekuf namoonni gara isaatti
fiigu. Akkuma beekkamu Qureeshota keessatti Abu Bakr caalaa waa’ee sanyii fi
seenaa isaanii kan beeku hin jiru. Kanaafu, gamnooni hawaasa Qureeshaa
akkasumas, dargaggonni beekumsa argachuuf Abu Bakr waliin taa’u jaallatu.
Ammas, Abu Bakr nama arjaa fi keessummaa haala gaariin keessumeessu ta’uu
irraa kan ka’ee, namoonni taraa fi hiyyeeyyin gara isaatti deemu. Kanaafu,
namoonni hawaasa keessatti sadarka kamiyyuu irra jiran isa waliin hiriyoomuu fi
isa waliin taa’un bu’aa baay’ee argatanii jiru. Sababa kanaaf, yommuu ergaan
Islaamaa babal’achuu eegalu namoonni baay’een harka isaa irratti Islaamawan.
Isaan keessaa akka fakkeenyaatti: Usmaan ibn Affaan, Abdurahmaan ibn Awf,
Sa’d ibn Abi Waqqaas, Az-Zubeyr ibn Al-Awwaam fi Xalha ibn Ubeydillah.
Namoonni gurguddoon shanan kuni Islaamawun firii da’waan Abu Bakr
buusedha. Abu Bakr gara Islaamatti isaan waame, isaanis waamicha isaatiif ni
awwaatan. Ergasii gara Nabiyyiittii (SAW) isaan fuudhee deemen. Hundi isaanitu
Nabiyyii biratti Islaama ofi labsan. Akkuma goottonni shanan kunniin Islaama
keessa seenanii namoonni biroos isaan duuka bu’uu jalqaban.
6-Garee Lammaffaa Namoonni filatamoon harka Abu Bakr irratti erga Islaamawanii gareen lamaffaan
Islaama keessa seenu ni jalqabe. Gareen lamaffaan kuni: Abu Ubeydah ibn
Jarraah, Abu Salamata Abdullah ibn Abbdul-Assad ibn Makhzuum ibn Murrah
(namni kuni ilma adaadaa Nabiyyiitii (SAW) “Barrah bint Abul-Muxxalib), Al-
Arqam ibn Abi Al-Arqam Makhzuumii, Usmaan bin Maz’uun al-Jumhii, Ubeyda
ibn Al-Haaris ibn Abdulmuxxalib, Sa’iid ibn Zayd ibn Amr ibn Nufeyl, Qudaamah
fi Abdullah ilmaan lamaan Maz’uun, Faaximah bint Al-Khaxxaab ibn Nufeyl
(obboleetti Umar ibn Al-Khaxxaab fi niiti Sa’iid ibn Zayd), Asmaa'a bint Abu
Bakr Siddiiq, Aa’isha bint Abu Bakr Siddiiq fi Khabbaab ibn Al-Arat (hunda
isaanii irraayyu Rabbiin haa jaallatu).
7-Garee sadaffaa Kunniin namoota garee sadaffaa keessatti Islaamawaniidha: Umeyr ibn Abi
Waqqaas (obboleessa Sa’d ibn Abi Waqqaas), Abdullah ibn Mas’uud, Mas’uud
ibn Al-Qaariyy, Saliix ibn Amr fi obboleessa isaa Haaxib ibn Amr, Ayyaash ibn
Abi Rabii’ata fi niiti isaa Asmaa’a bint Salaamata, Khuneys ibn Huzaafata
Sahmiyy, Aamir ibn Rabii’ah (gosa Al-Khaxxaab waliin kan gamtoomedha),
Abdullah ibn Jahshi fi obboleessa isaa Abu Ahmad, Ja’afar ibn Abi Xaalib fi niiti
isaa Asmaa’a bint Umeys, Haaxib ibn Haaris fi niiti isaa Faaxima bint al-Mujallal,
91
obboleessa isaa Haxxaab ibn Haaris, niiti Haxxaab, Fukehata bint
Yasaar…Suheeyb ibn Sinaan nama Roomaa jalqabaa Islaamawe. Namoota dursa
gara Islaamatti seenan keessaa kanneen biroo Abu Zarr Al-Ghifaariyy, obboleessa
isaa Uneys fi haadha isaa. Bilaal ibn Rabaah Al-Habashii (Itiyoophiyaa irraa)
namoota jalqaba gara Islaamatti fiiganiidha. Ibn Is’haaq ni jedha: dhiirotaa fi
dubartoota irraa namoonni garagaraa Islaama keessa ni seenan hanga waa’een
Islaamaa Makkaan keessa babal’atu fi dubbatamutti.”
Maqaalee armaan olitti dhiyaatan irraa akkuma ifa ta’utti namoonni gara Islaamatti
dursa seenan namoota hawaasa keessatti kabajamanii fi gaarii turaniidha. Isaan
akka qorattoonni siiraa gariin “namoota gadi aanoo ykn gabroota bilisummaa
isaanii argachuu barbaadaniidha fi kkf” jedhanii miti. Yeroo jalqabaa Islaamaa,
eenyullee Muslima ta’uun faaydaa addunyaa irraa wanti argatu hin jiru. Inuma
wanti isaan eeggatu reebicha fi adabbiidha. Wanti isaan barbaadan mindaa Rabbii
qofa ture.
Akkasumas, namoonni kitaaba siiraa barreessan gariin yommuu akkana jedhan
tuqaa kanarratti dogongoranii jiru: “Namoonni jalqabaa gara Islaamatti seenan
baay’een isaanii hiyeeyyi, dadhabdoota fi gabroota.” Garuu yoo sirritti qoratan
jechi kuni dogongora akka ta’ee ni mul’ata. Namoota guyyoota jalqabaa Islaamaa
irratti gara Islaama seenan 40 keessaa namoonni gabroota, dadhabdoota, gabroota
bilisa bahanii fi alaa Islaamatti seenan lakkoofsi isaanii 13 ture. Lakkoofsi kuni
namoota guutumatti Islaama keessa seenaniin yommuu wal bira qabamuu, “Irra
caalaan ykn baay’een isaanii dadhabdoota, hiyeeyyi fi gabroota” hin jedhamu.
Namoonni yeroo san Islaamawan faaydan addunyaa homaatu isaan hin kakaasne.
Garuu haqatti amanuu Rabbiin qalbii isaanii itti banetu gara Islaamatti isaan
kakaase. Kana keessatti kabajamaa fi gabrii, dureessaa fi hiyeessi, waliin hirmaatu.
Abu Bakr, Bilaal, Usmaani fi Suheeyb wal-qixxaa’u. Hundi isaanitu sababa wal
fakkaatuf Islaama keessa seenan. Innis “Haqatti amanuudha.”
Osoo dureessaa fi hiyyeessa, gurraacha fi adii, dhiiraa fi dubartii, gabrichaa fi
nama bilisaa addaan hin baasin Islaamni nafsee gaarii, qalbii qulqulluu fi sammuu
iftutti yaa’aa tureera. Namoota dursa gara Islaamatti seenan keessaa: Khadiijaa,
Abu Bakr, Aliyy, Usmaan, Zubeyr, Abdurahmaan, Xalha, Ubeydah, Al-Arqam,
Usmaan bin Maz’uun, Sa’iid bin Zayd, Abdullah bin Jahsh, Ja’afar, Sa’d bin Abi
Waqqaas, Faaximah bint Al-Khaxxaab fi kanneen biroo ummata isaani keessatti
namoota kabajamoo fi sadarkaa qaban turan. Warroonni kuni namoota jalqabaa
gara Islaamaa dursanii fi waamicha Nabiyyii (SAW) dhugoomsuuf fiiganiidha.
92
Nabiyyiin (SAW) Da’waa (Waamicha) itti fufuu Nabiyyiin (SAW) da’waa dhoksaa isaanii itti fufuun maatii fi hiriyyoota dhiyoo
irraa namoota ofitti harkisuu danda’aniiru. Akkasumas, Muslimoonni jalqabaa
kunniin nama sharriin isaa nagaha ta'uu amananitti da’waa ni godhuu turan.
Marsaan jalqabaa da’waa kuni rakkoolee fi ulfaatinnaan kan guuttame ture. Nama
amananii fi sharrii isaatirraa nagaha ta’an qofa dubbisu. Akka kanatti, tarkaanfin
da’waa suuta fi of eeggannoon kan itti fufee ture. Iccitiin (dhoksaan)
tarkaanfachuun waan isaan irraa eeggamuuf Muslimoonni Nabiyyii (SAW) irraa
barnoota barachuu fi wanta baratan hojii irra oolchuuf haalli garmalee ulfaataa
ta’e. Yeroo kanatti eenyullee ifatti bahee salaatu fi Qur’aana qara’uu hin danda’u.
Kanaafu, yoo salaatu barbaadan gara sululaa fi gaarreen Makkaa dhokatanii
deemun achitti salaatu turan.
1-Nageenyi namatti dhagahamuu Marsaa kana keessatti nageenya hawaasa Muslimaa xiqqaa mirkaneessuuf
dhoksuu fi iccitiin jiraachu qaba. Inuma yoo isaan hin amaniin namoota hundarra
namatti dhiyoo ta’an irraayyu of dhoksuun baay’ee barbaachisaadha. Yeroo
kanatti ajajni Nabiyyii amanti ofii dhoksuu dirqama akka ta’e ifaadha. Nabiyyiin
(SAW) Muslimoota garii walitti qabuun garee ijaaraa ture. Gareen kunis
dabeessummaa fi sodaaf osoo hin ta’in qophaa’innaa fi leenjiif of dhoksuu turan.
Nabiyyiin (SAW) sahaabota isaa irraa garee xiqqoo ijaarun jalqabe. Namni
humnaa fi qabeenya qabu namni tokko ykn namoonni lama hiyeeyyi ta’an
yommuu Islaamawan walitti isaan qabuun isa waliin ta’u. Innis isaan waliin nyaata
ofii qoodaaf. Isaan keessaa namni Qur’aana irraa waa haffazee (sammutti qabatee)
nama biraa ni barsiisa. Namoonni haala kanaan walitti qabamuun hariiroo
obbolummaa jabeessu fi sagantaa wal barsiisuu uumanii jiru.
Qajeelfamni Nabiyyiin (SAW) hordoftoota isaa barsiisuuf hordofe Qur’aana
kabajamaadha. Nabiyyiin (SAW) sahaabota isaa barnoota aqiidaa (amantii),
ibaadaa, amalaa, nageenyummaa fi kan biroo barsiisaa tureera. Kanaafi, Qur’aana
keessatti aayaata waa’ee nageenya hawaasa fi dhuunfaa eeguu dubbatan arganna.
Sababni isaas, wantoota guddinnaaf barbaachisan keessaa miseensa hawaasaa
keessatti namoonni dhuunfaa hundi nageenyi itti dhagahamuudha. Keessumayyu
hiriirri Islaama irraa ittisuu fi dachii keessatti bakka akka qabatuuf carraaqu, daran
nageenyi itti dhagahamuun barbaachisadha. Shakkii hin qabu, sahaabonni nama
gara Islaamatti waamu barbaadan ilaalchisee odeefannoo ni funaanu turan. Kunis
nageenyaa hawaasa Muslimaa xiqqaa Makkaan keessatti jalqabamee eegsiisu fi
mirkaneessuufi. Qur'aana keessatti waa'ee of eeggannoo fi nageenya ilaalchise
aayaata lamaan tanniin haa ilaallu:
93
“[Haati Muusaa] obboleetti isaatiin ni jette, “Isa hordofi.” Osoo isaan hin
beekin ishiinis fagoo irraa isa ilaalte. [Gara haadhaatti deebi’uun] dura
harma hoosistoota irraa isa ni dhoorgine. [Obboleettin isaa], “maatii isa
isiniif guddisuu fi gaarii isaaf yaadutti isin qajeelchu?” jetteen.” Suuratu Al-
Qasas 28:11-12
Yeroo nabi Muusaan (aleyh salaam) dhalatu sanitti Fira’awni daa’imman Israa’il
ni ajjeesaa ture. Nabii Muusaan haarawa dhalate kuni ajjeecha fira’awna jalaa akka
bahuuf Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa haadha isaa saanduqa keessa isa kaa’un
galaanatti akka darbitu beeksiisa itti godhe. Haati Muusaas akkuma ajajamte
daa’ima ofii saanduqa keessa keette galaanatti darbite. Ergasii garmalee dhiphatte.
Rabbiinis ilma ishii akka ishiif deebisu waadaa galee jira. Muusaa harma
dubartoota biraa akka hin hoone taasise. Harma haadha isaa malee harma
dubartoota biraa hodhu dide. Kanaafi dhumarratti obboleettin isaa “maatii isa
isiniif guddisuu fi gaarii isaaf yaadutti isin qajeelchu?” jetteen. Aaya tanaa fi
seena kana wal-qabsiisu wanti barbaanneef barbaachisummaa of eeggannoo fi
nageenyaa mul’isuufi. Seenaa kanarraa qabxiwwan armaan gadi baranna:
1)-nageeya ilma ishii mirkaneefachuuf haati Muusaa odeefannoo funaanu
barbaadde. Obboleetti isaatiin “Qussiihi (isa hordofii)” jetteen. Jechi Arabiffaa
quss jedhu hiika “hordofuu” fi “odeefanno funaanu” of keessatti qabata.
2)-Ammas, haati Muusaa nageenya ilma ishii mirkaneessuuf nama kakka’uumsa
akka ishii qabu ni filatte. Intala ishii filatte. Kunis odeefannoo dhugaa ishiif
funaannamu mirkaneessuufi. Obboleettin Muusaas fedhii fi of eeggannoo waa’ee
obboleessa ishii ilaaluuf ni deemte. Kuni kan agarsiisu namni odeefannoo funaanu
nama amanama ta’u qaba, yoo danda’ame akkuma nama isa ergee kakka’uumsa
wal fakkaatu qabaachudha.
3)-Obboleetti Muusaa namuu osoo ishii hin beekin of eeggannoon akka deemtu
ajajamte. “Osoo isaan hin beekin ishiinis fagoo irraa isa ilaalte.”
4) Ammas, obboleettin Muusaa odeefannoo funaanun gara haadhaa deebitee
bakka inni jiru ishitti beeksisuu qofa osoo hin ta’in gara fuunduraatti
94
tarkaanfachuun kaayyoo isaanii galmaan geesse. Kaayyoon kunis: Muusaa gara
haadhaatti deebisuudha. Yaali kanaan milkaa’inna guutuu galmaan geesse.
Kanaafu, dhoksaa fi of eeggannoo waliin odeefannoo funaanu fi kaayyoo ofii
galmaan gahuun hojii nama qaruuteti. Kaayyoo ofii osoo galmaan gahuu
baataniyyuu odeefanno dhugaa of eeggannoon funaanun baay'ee barbaachisadha.
Wanti dagatamu hin qabne keeyyattoonni Qur’aana armaan olii tunniin osoo
Nabiyyiin gara Madiinaa hin godaaniin dura bakka nageenyi rakkoo guddaa itti
ta’e Makkaan keessatti bu’an. Siiraan Nabiyyii (SAW) namoota dhuunfaa
barsiisuu irraa kaase hanga mootummaa ijaaru gahutti nageenya mirkaneessun kan
guuttameedha. Hoggantoonni Musliimaa yeroo ammaas Muslimootaa fi Islaama
badii irraa eeguf hawaasa keessatti nageenya mirkaneessun garmalee isaan irraa
eeggama.
Muslimoonni nageenya irratti xiyyeefachuun rukuttaa diinaa tasa isaanitti dhufuu
irraa isaan eega. “Diinaa fi nafsee tee yoo beekte, wanti bu’aa dirree lolaa
dhibba akka sodaattu si taasisu hin jiru. Yoo nafsee tee beektee garuu diina
kee hin beekin, dirree lolaa hundatti moo’atamutu si qunnama .”
Nabiyyiin (SAW) mataa ofiitiin gama adda addaatin sahaabota isaa barsiisuuf ni
too’ataa ture. Garee adda addaatti ni qoqqooda. Fakkeenyaf, Faaxima bint Al-
Khaxxaabi fi jaarsi ishii Sa’iid ibn Zayd garee tokko keessatti Nu’aym ibn
Abdullah An-Nahhaam ibn Adiyy waliin turan. Barsiisaan isaan barsiisuuf
ramadamee Khabbab ibn al-Aratt ture. Yommuu bakka tokkotti walitti dhufan
xiyyeefannoon isaanii guddaan akkamitti Qur’aana akka dubbisan qofa osoo hin
ta’in Qur’aana qo’achuu, keeyyattota isaa hubachuu, ajajootaa fi dhoowwama isaa
barachuu fi hojii irra oolchu ture.
Nabiyyiin (SAW) xumura murtiiwwanii yaada keessa galchuun wantoota hundaa
of eeggannoo fi gadi fageenyaan karoorsu turan. Guyyaan da’waa ifatti itti labsuu
fagoo akka hin taanee ni hubataa ture. Akkasumas, namoonni baay’een akkuma
Islaama keessa seenanii manni Khadiija wal-gahiif namoota hunda keessumeessu
akka hin dandeenye ni hubate. Akka hogganaatti hordoftoota waliin iddoo bal’aa
namoota hunda gahuutti wal qunnamuun ni barbaachisa. Kanaafu, Nabiyyiin
(SAW) mana Al-Arqam ibn Abi Al-Arqam bakka wal-gahii dhoksaa
Muslimootaaf ta’u filate. Bakki wal-gahii garmalee barbaachisadha. Sababni
isaas, yeroo hundaa hogganaa fi hordoftoonni wal qunnamuun karaa Muslimoota
itti barsiisuu fi leenjisuun marsaa da’waa dhufuuf hoggantoota fi daa’iwwan itti
godhuudha.
95
Akkuma ifa ta’u, Nabiyyin (SAW) hordoftoota isaa ergaa Islaamaa akka
baadhatanii fi gara fuunduraatti ummata Muslimaatiif hoggantoota akka ta’an
qopheessaa jira. Osoo Nabiyyiin (SAW) waa’ee ummata isaa gara fuunduraatti
dhufaniif hin yaadin ergama qofa geessuu irratti xiyyeefate silaa haala kanaan
marsaa jalqabaa irratti dhoksaa fi of eeggannoon hin hojjatu ture. Bakki hundarra
gaariin ergaa isaa itti geessu Ka’aba Qureeshonni baay’innaan itti wal-gahan ture.
Garuu Nabiyyiin (SAW) marsaa jalqabaa irratti dhoksaa ykn iccitii guutuu filate.
Bakka eenyullee hin argine filachuun hordoftoota isaa Qur’aanaa barsiisaa fi hojii
ulfaata gara fuunduraatti isaan eeggatuuf qopheessaa ture. Kanaafu, namni ofii fi
hawaasa ijaaru barbaada marsaa jalqabaa irratti dhoksaa fi iccitiin deemun ofii fi
garee isaa jabeessu danda'a.
96
Mana Al-Arqam Ibn Abi Al-Arqam (Daarul Arqam)
Kitaabban siiraa akka himanitti, erga Sa’d bin Abi Waqqaas mushrika tokkoon
walitti bu’een booda manni Al-Arqam akka iddoo wal gahii iccitii Muslimotaatti
filatame. Ibn Is’haaq ni jedha: Sahaabonni Nabiyyii (SAW) salaatu yommuu
barbaadan ummata isaanii irraa dhokachuun gara karaa gaarren Makkaatti
dhiyaatan deemun achitti salaatu turan. Karaa gaarreen Makkaa keessaa karaa
tokko keessatti Sa’d bin Abi Waqqaas guyyaa tokko garee sahaabota Nabiyyii
(SAW) waliin ture. Osoo isaan salaatanu gareen mushriikota isaan biraan darban.
Mushrikoonni wanta sahaabonni hojjatan kanaaf garmalee isaan irratti jibban,
hanga wal lolan gahanitti jechoota badoo itti dubbatan. Ergasii Sa’d bin Abi
Waqqaas lafee luka gaalaatin mushrikoota keessaa nama tokko dhayee madeesse.
Kuni Islaama keessatti dhiiga jalqabaa jigfameedha.”
Manni Al-Arqama wiirtu dhoksaa Muslimoonni itti wal-gahanii fi wahyii irraa
wanta gara Nabiyyiitti (SAW) bu'e itti argatanii fi isa itti dhageefataniidha. Waa’ee
Rabbii isaan yaadachiisa, Qur’aana isaaniif qara’a, wanta nafsee isaanii keessa jiru
hunda isa fuundura godhu.
Manni Al-Arqam (Daarul-Arqam) wiirtuu mana barnoota ol’aanaa addunyaa
keessatti dhaabbateedha. Barsiisan dhaabbata kanaa barsiisa hunda caalu Ergamaa
Rabbiiti (SAW). Barattoonni immoo sahaabota isaati. Kitaabni irraa baratan
immoo Qur’aana Rabbii olta’aa irraa dhufeedha. Barnoonni guyyaa guyyaan
baratan immoo waa’ee amantii, haala jireenya, tawhiida, akhlaaqa fi kkf dha.
Barattoonni mana barnoota kanaa yoo bayan yoosu wanta baratan hojii irra oolchu.
Kanarraa kan ka’e xumura irratti, hoggantoota ummata hoogganan, dukkana
keessaa namoota gara ifaatti baasanii fi amala gaariin kan faayaman ta’an.
Kanaafu, Daarul Arqam dhaabbata barnoota yeroo jalqabaaf hundeefamee fi yeroo
hundaa dhaabbata barnoota kamuu caalu (best educational institution for all time)
yoo jedhame nama hin saalfachiisu.
Dhaabbanni barnoota dhagaa manni irraa ijaarramuun kan madaallamu osoo hin
ta’in qulqullinna barnootaa inni kennuu fi barattoota achii keessaa bahaniin. Manni
dhaabbata barnota hanga fedhe bareedee garuu qulqullinni barnoota yoo hin
jiraatinii fi barattoonni achi keessaa bahan dadhaboo yoo ta’an, dhaabbanni
barnootaa kuni dadhabaadha jechuudha. Faallaa kanaa, manni hanga fedhe xiqqaa
yoo ta’e ykn kan hin bareenne yoo ta’e, garuu qulqullinni barnoota gaarii yoo ta’ee
fi barattoonni achi bahan ciccimoo yoo ta’an, kuni dhaabbata barnoota garmalee
gaarii ta’eedha. Kanaafu, Daarul Arqam dhaabbata barnoota yeroo hundaa
97
dhaabbata kamu caaludha. Sababni isaas, barsiisan achi keessa ture barsiisaa
kamiyyuu kan caaludha. Innis Nabiyyiidha (SAW). Barattoonni achi bahanis
seenaa dhalli namaa kamu hin hojjanne hojjatanii darban.
Sababoota Daarul Arqam akka filatan taasisan Daarul Arqam filachuun sababoota baay’eef ture:
1-Al-Arqam ifaan ifatti Islaamawu isaa ifa hin baasne. Islaamawu isaa namoonni
baay’een hin beekan. Kanaafu, Nabiyyii fi sahaabonni isaa mana Al-Arqamitti
wal-gahan jedhee namni yaadu hin jiru.
2-Al-Arqam gosa Makhzuum irraayyi. Gosti Makhzuumi fi Bani Haashim waliif
diinaa kan ta’anii fi wal dorgomaniidha. Nabiyyiin immoo Bani Haashim irraayyi.
Al-Arqam islaamawun isaa ifaan ifatti osoo beekkameyyu mana isaatti
Muslimoonni wal gahan jedhee eenyullee hin yaadu. Sababni isaas, manneen
naannawa Al-Arqam jiran kan gosa Makhzuumiti. Kanaafu, mana Al-Arqamitti
wal gahuun akka diina jidduutti wal gahuutti lakkaawama. Mushrikoota Makkaa
keessaa namni kamu kuni wanta hin taane godhanii yaadu. (Kanaafu, Mana Al-
Arqamitti Muslimoonni wal gahuun mushrikoonni akka isaan hin argine fi hin
shakkine taasise.)
3-Al-Arqam yommuu Islaama keessa seenu dargaggeessa ture. Umriin isaa gara
waggaa kudha jahaa ture. Osoo hoggantoonni Qureeshotaa bakka dhoksaa
Muslimoonni itti wal gahan barbaaduf yaadanii, sahaabota Nabiyyii irraa mana
dargaggeessa xiqqaa keessa barbaadun sammuu isaanii hin qaxxaamuru. Kana
irra, ijjii fi yaanni isaanii gara mana sahaabota gurguddaatti ykn mana Nabiyyitti
qajeela. Tarii Bani Haashim keessaa mana nama tokkotti ykn mana Abu Bakr ykn
isaan ala mana namoota beekkamotti wal gahan jedhanii yaadu danda’u. Sababa
kanaaf, gama nageenyaatin mana Al-Arqam filachuun ogummaa ol’aana akka ta’e
argina. Qureeshonni guyyaa tokkollee markaza (handhuura barnootaa) kana akka
irra geesse fi bakka wal gahii akka argatte nuti gonkumaa hin dhageenye.
Amaloota Sahaabota Jalqabaa Nabiyyii (Saw)
Marsaan jalqabaa da’waa dhoksuu fi carraaqqi namoota dhuunfaa irratti kan
hundaa’e ture. Makkaan keessatti guddinni hawaasa Musliimaa suuta, of
eeggannoo fi tarkaanfi sadarka sadarkaatiin kan itti fufu ture. Mallattoon marsaa
kanaa qajeelfama Rabbii olta’aatiin kan qajeelfamu yoo ta’u, akkana jechuun ibsa:
98
“Fuula Isaa barbaaduun warroota ganamaa fi galgala Gooftaa isaanii
kadhatan waliin nafsee tee [obsaan] hidhi. Faaya jireenya addunyaa
barbaadun ijji tee isaan irra hin darbin. Nama qalbii isaa zikrii (yaadanno)
Keenya irraa gaafila goone, fedhii lubbuu isaa hordofee fi dhimmi isaa kan
daangaa darbe ta’eef hin ajajamiin.” Suuratu Al-Kahf 18:28
Aayan armaan olii tuni Nabiyyiin (SAW) warroota amananii halkanii guyyaa
Rabbiin faarsanii fi kadhatan waliin akka taa’uu fi hiriyyoomu ajajji. Akkasumas,
dogongoraa fi hanqinna isaanii irratti akka obsu, rakkinna isaan qunnamuu irratti
akka isaan sabbarsiisuu fi isaan irraa isa fageessuf wantoota nama gowwoomsan
akka of eeggatu ajajji. Ammas, waa’ee isaanii ilaalchisee nama of tuulaa qalbiin
isaa zikrii Rabbii irraa gaflaa keessa taatee fi dhimmi isaa jalaa badeef akka hin
ajajamne dhaamti.
Aayanni suuratu Al-Kahf armaan olii amaloota Muslimoota jalqabaa nuuf eerti
(kaasti). Isaan keessaa barbaachisoon:
A)-Obsa- (nafsee tee [obsaan] hidhi) jedhu keessatti
Obsi jecha Qur’aana, Hadiisota Nabiyyii fi jechoota namootaa keessatti yeroo
baay’ee deddeebi'uudha. Barbaachisummaan obsaa hanga garee kasaaraa irraa
nagaha bahaniif amala ta’utti gahe. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
“(1) Yeroon kakadhe! (2) Dhugumatti ilmi namaa hoongoo (kasaaraa) keessa
jira. (3). Isaan amananii, hojii gaggaarii dalagan, haqa walii dhaamanii fi
99
obsa walii dhaaman malee [warri hafan hoongoo (kasaaraa) guddaa keessa
jiru].” Suuratu Al-Asr 103:1-3
Rabbiin Olta’aan namoota amaloota afran kana qaban malee namoonni hundi
kasaaraa keessa akka jiran beeksisa:
1. Rabbii fi hundeewwan iimaana hafanitti amanuu
2. Hojii gaggaarii hojjachuu
3. Haqa walii dhaamu
4. Obsa (sabrii) walii dhaamu
Najaan (adabbii jalaa nagaha bahuun) nama tokkoof kan mirkanaa'u nafsee ofii
iimaana fi hojii gaggaariin yoo guute fi faayedha. Hoongon (kasaaraan)
sadarkaalee qaba. Kasaaraan guddaan guutumaan guututti addunyaa fi Aakhiratti
kasaarudha. Namni kaafira ta'e du'e guutumaan guututti kasaare jira. Iimaanni fi
hojii gaariin guutumaan guututti kasaaru irraa nama eegu. Namni amane fi hojii
gaggaarii hojjate garuu yoo waan gaaritti ajajuu fi waan badaa irraa dhoowwun
haqa namaaf hin dhaamin, mindaa haqa walii dhaamu dhabuun kasaaraa malee
guutumaan guututti akka kaafiraa hin kasaaru. Namni wantoota afran armaan olii
guute immoo Jannata keessatti sadarkaan isaa gadi bu'uu irraa ni eeggama. Namni
kuni iimaana fi hojii gaariin erga of faaye booda namoota isaan ala jiranis
fooyyessuu fi guutuuf isaan gorsuu fi qajeelchuf ni carraaqa.* Carraaqqi kana
keessattis obsuu qaba. Haala kanaan haqa Rabbiiti fi haqa gabroota bakka tokkotti
walitti kan qabe ta’a. Akkasumas obsa waliif dhaamun wanta garmalee
barbaachisaa ta’eedha.
Obsi sababa baay’ee gaarii ta’eef suurah armaan olii keessatti gara dhumaatti
dubbatame. Namni yommuu Rabbitti amanee, hojii gaggaarii hojjatee fi namoota
biroo haqa akka hordofan gorsu, rakkoolee fi qormaata baay’etu isa qunnama.
Kanaafu, kuni hundi obsa isarraa barbaada. Iimaana fi hojii gaggaarii hojjachuu
irratti gadi dhaabbachuu fi haqa eegun wantoota ulfaatoo nama dhuunfaa fi
hawaasa qunnamuudha. Kanaafu, kana irratti obsuun dirqama ta’a. Nafsee ofiitti
qabsaa’uuf, diinotattis qabsaa’uuf obsa barbaachisa. Dheerinna karaa, marsaaleen
milkaa’inna suuta jechuu fi fageenya gahuumsaa irratti obsa guddaa barbaachisa.
B-Du’aayi baay’isuu fi Rabbitti warwaachuu Kuni jecha Rabbii olta’aa keessatti ifa baha: “ganamaa fi galgala Gooftaa
isaanii kadhatan” Du’aayin (kadhaan) balbala guddaadha. Balballi kuni yoo
namaaf baname, kheeyrin wal duraa duubaan isatti jiga, barakaan isatti
dhangala’a. Sababoota baay’ee barbaachisoo gara milkaa’innaatti nama geessan
100
keessaa tokko, gargaarsaa fi qajeelchaaf baay’isanii Rabbiin kadhachuun Isa
waliin hariiroo gaarii qabaachudha.
C-Ikhlaasa (Hojii Rabbiif qulqulleessu)
Kuni jecha Rabbii, “Fuula Isaa barbaadun” jedhu keessatti ifa baha. Muslimni
dubbiin isaa, hojii fi qabsoon isaa hundi Fuula Rabbiitii fi jaalala Isaa barbaadun
ta’uu qaba. Gara faayda addunyaa, beekkamtii, maqaa addaa isaaf kennamu, gara
fuunduraatti dursu ykn gara duubatti hafuu osoo hin ilaalin mindaa isaa Rabbiin
qofarraa kajeelu qaba. Rabbiin azza wa jalla ni jedha:
﴿ قل إنذ صلت ون رب ياي وممات للذ لمي ٱسك وم ۥ ل شيك ل ١٦٢لعل وذ
نا أ
مرت وأ
لك أ ﴾١٦٣لمسلمي ٱوبذ
Jedhi, “Dhugumatti, salaanni kiyya, qalmi kiyya, jireenyi tiyyaa fi duuti tiyya
Rabbii Gooftaa aalamaa hundaatifii. Shariikni Isaaf hin jiru. Isuma kanatti
ajajame, ani jalqaba Muslimootaati.” suurat Al-An’aam 6:162-163
Ikhlaasni (Rabbiif qofa jedhanii fi mindaa Isaa barbaaduun hojii hojjachuun)
hojiin Rabbiin biratti fudhatama argachuuf sharxiwwan (ulaagaalee) lamaan
keessaa tokko. Akkuma beekkamu, hojiin Rabbiin biratti fudhatama hin argatu,
ikhlaasaa fi niyyaan sirriin yoo jiraatanii fi hojichi sunnaa fi shari’aan yoo walitti
gale malee. Namni ikhlaasni fi niyyaan isaa sirrii ta’ee fi hojiin isaa sunnaa fi
shari’aan walitti gale, hojiin isaa fudhatama argata.
D-Gadi dhaabbannaa (As-Sabaat)
Kunis jecha Rabbii olta’aa keessatti ifa baha: “Faaya jireenya addunyaa
barbaadun ijji tee isaan irra hin darbin.” Kana jechuun isaan (mu’mintoota)
dhiistee [mushrikoota fi kaafiroota irraa] namoota dureeyyi fi sadarka qabanitti
ija kee hin garagalchin.37 Faaya addunyaa irraa wanti isaan bira jiru babal’inna
da’waatiif deeggarsa akka ta’uu fi namoonni baay’een waamicha kee akka
fudhatan dharra’uun warroota qabeenya fi sadarka qaban gammachiisuuf jettee
haala mu’mintoota ilaalu, xiyyeeffannoo isaanitti kennu fi isaaniif mararfachuu
irraa hin garagalin.38
37 Zaadul Masiir fuula 848-849, Ibn Al-Jawzi 38 Ma’aarij tafakurri wa daqaa'iqu tadabburi 13/357-358
101
Kuni faaya fi miidhaginna addunyaatin akka hin gowwoomnee fi haqa irratti gadi
dhaabbachu agarsiisa. Haqa qabatan irratti gadi dhaabbachuun wanta Muslimni
namoota biroo irraa adda ittiin baafamu qabuudha. Rabbiin subhaanahu ni jedha:
ن ﴿ هدوا لمؤمني ٱم ٱرجال صدقوا ما ع ن قض نبه للذ ۥعليه فمنهم مذلوا تبديل وما بدذ ن ينتظر ﴾٢٣ومنهم مذ
“Mu’mintoota irraa dhiirota waan Rabbiif waadaa galan dhugoomsantu jiru;
isaan irraas nama dirqama isaa raawwatetu jira; isaan irraas nama eeggataa
jirutu jira. Jijjirraa kamillee hin jijjirre.” Suuratu Al-Ahzaab 33:23
“Mu’mintoota irraa dhiirota waan Rabbiif waadaa galan dhugoomsantu
jiru” jechuun warroota amanan irraa dhiirota wanta Rabbiif waadaa galan guutetu
jira, waadaa galaniif dhugaa ta’an. Wanti isaan waadaa galan keessaa: Islaama fi
Nabiyyi gargaaruf waada galan; namoonni lola Badr irratti hin hirmaanne
gonkuma san booda duubatti akka hin hafne Rabbiif waadaa galan. Yoo aduwwiin
wal-qunnaman gonkumaa akka hin dheessine waadaa galan.39 “isaan irraas nama
dirqama isaa raawwatetu jira” kana jechuun nama wanta waadaa gale guutuun
karaa Rabbii keessatti ajjeefame ykn du’etu jira.Kanneen biroos osoo jijjiraa
homaatu hin jijjirin kan eeggantu jiru.
Aayata keessatti amaloota sadiitu dubbatame: Iimaana, dhiirummaa fi sidq
(dhugaa ta’uu). Karaa haqaa irratti gadi dhaabbachuf wantoonni sadan kunniin
baay’ee barbaachisoodha. Sababni isaas, iimaanni wanta gatii ol’aanaa qabu akka
qabatanii fi itti maxxanan nama kakaasa. Akkasumas, bu’uurri ol’aanaan akka
turuuf nafsee ofii akka wareegan nama kakaasa. Osoo wantoota xiqqooleetti danta
hin kenniin dhiirummaanis gara kaayyoo kanaatti nama sochoosa. Sidq (dhugaa
ta’uun) immoo amalli namaa akka hin diigamnee fi hin jijjiramne dhoowwa.
Namni amaloota sadan kanniin yoo horate, osoo seeyfin morma isaatirraa ifeeyyu
ykn funyoon itti fannifamu isaaf qopheefameyyu ykn faaydan addunyaa ykn
dubartiin miidhagduun isa qorteeyyu hayyama Rabbiitiin haqa irratti gadi
dhaabbanna (sabaata) argata. Kanaafu, ergaa Islaamaa baadhachuu fi qaroominna
ijaaruuf dhaloonni kamu gadi dhaabbannaa isa barbaachiisaa.
39 Zaadul Masiir -fuula 1120
102
Amaloota Armaan Olii Argachuuf Wantoota Sababa Ta’an Marsaa lamaffaa Makkaa keessatti azaa fi rakkoon Muslimoota irra gahu guyyaa
guyyaan cimee itti fufe. Qureeshonni namoota Islaama keessa seenan adabbi adda
addaatin adabuu jalqabde. Garii isaanii ibiddaan gubu, garii isaanii lafa hoo’aa
Arabiyyaa irra harkisu, garii isaanii eboon waraanu. Garii isaanii dhagaa guddaa irra
kaa’u. Garuu warroonni akkanatti azzabaman (adabaman) kunniin gonkuma Islaama
irraa duubatti hin deebine. Islaama qabachuun itti fufan. Mee of haa gaafannu,
“Namoota kana maaltu akkanatti isaan cimsee Islaama irratti akka gadi dhaabbatan
isaan taasisee?” Gargaarsa Rabbii waliin sababni isaan hojjatanis jiraachu qaba. Nuti
kana qorannee deebii yoo arganne, rakkoolee fi qormaata nu qunnamaniif salphatti
akka dabarru nu gargaara. Kanaafu, marsaa iccitii irraa gara Marsaa ifatti osoo hin
darbin dura, sababoota sahaabota cimse ni ilaalla. Kaayyoon keenya guddaan seenaa
odeessu qofa osoo hin ta’in barnootas irraa fudhachuu waan ta’eef.
1-Seera Rabbii Hubachuu fi Itti Buluu Wanti addunyaa keessatti adeemsifamu wanta tasa adeemsifamu osoo hin ta’in
seera isaaf ka’ame kan hordofuudha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa samii fi
dachii erga uumee jalqabee seerota baay’ee hin jijjiramne kaa’e jira. Milkaa’inni
fi kufaatin ummataa fi namoota dhuunfaa seerota kana irratti hundaa’a. Namni
seerota kana hubatee hordofe, ni milkaa’a. Kan dhiise immoo ni kufa. Seeronni
kunniin Qur’aana fi Sunnah Nabiyyii keessatti kanneen ibsamanidha. Wanti nama
ajaa’ibu, namoonni baay’een Qur’aanatti hojjachuu irraa haa garagalaniyyuu
malee seeronni achi keessa jiran guyyaa guyyaan hojii irra oolaa jiru. Namni
Qur’aana hubate seerota kanniin akka ifa aduutti arga. Nabiyyiin (SAW) seerota
Rabbii hubachuun dukkana keessaa namoota baasuf carraaqa turaniru. Seerota
Rabbii hin jijjramne keessaa tokko “Seera sadarka sadarkaan deemu (Law of
Gradual Prorgession).” Sadarka sadarkaan deemu jechuun karaa dheeraa akka ta’e
hubachuun marsaa tokkorraa gara marsaa biraatti darbuuf suuta suutaan, of
eeggannoo fi tarkaanfi tarkaanfin gara fuunduraatti deemudha.
Nama dhuunfaa fi hawaasa jijjiruu seerri kuni seera garmalee barbaachisaa
ta’eedha. Namni halkan takkaan ummata ykn mataa kiyya nan jijjira jedhee
carraaqu seera kana waan cabsuuf dhumarratti kufaatitu isa muudata. Kanaafi,
Rabbiin Qur’aana keessatti seera sadarka sadarkaan deemu agarsiisuuf bakka
baay’eetti xiyyeffannoo keenya harkisa. Fakkeenyaf, Rabbiin sakandi muraasa
keessatti dachii fi samii uumuu osoo danda’u guyyaa jaha keessatti uume. Osoo
isaan lamaan bira hin gayiniyyuu mataa keenya yoo ilaalle, miciree irraa jalqaba
hanga nama guutuu taanutti sadarkaa dhaloota fi guddinna keessa dabarre hubachu
dandeenya. Dhangala’oon saalaa walitti erga dhufanii gara dhiiga ititaatti jijjire,
103
ergasii gara foonitti, ergasi gara lafee san booda gara marsaalee itti aanutti dabarse.
Kuni barbaachisummaa seera sadarka sadarkaan deemu agarsiisa.
Ammas, murtiwwan Islaama yoo fudhanne sadarka sadarkaan kan bu’an turan.
Salaanni, soomni, zakaa yeroma tokkotti dirqama kan godhaman osoo hin ta’in
sadarka sadarkaan dirqama godhaman. Yeroo ammaa, hawaasa dhugaa hundeessu
yoo barbaanne, murtii qondaala biyyatitiin ykn mootiitiin ykn parlamaan
kaayyoon galma ni gaha jennee yaadun of gowwoomsu hin qabnu. Kaayyoo
hawaasa dhugaa Islaama hundeessu kan dandeeyyu sadarka sadarkaan deemudha:
yaada namoota dhuunfaa jijjiruu fi kaayyoo ol’aanaaf isaan qopheessu, keessa
isaanii jijjiruu, sadarkaa hawaasattis suuta suutan deemudha. Kuni tooftaalee
nabiyyiin (SAW) ummata wallaala gara ummata Islaamatti jijjiruuf itti
fayyadamedha. Nabiyyiin (SAW) waggaa 13 Makkaan keessatti namoota amanan
ulfaatinna da’waa fi dirqama Jihaada akka baadhatan, itti gaafatamummaa Islaama
babal’isuu akka fudhatan leenjisuuf ture. Kanaafu, sadarka sadarkaan deemun
namoonni ciccimoon rakkinna isaan qunnamuuf dantaa hin kenninee, dirqamaa fi
itti gaafatamummaa isaanii sirnaan bahan akka argaman taasise jira.
2-Amanti Sirreessu Nabiyyiin (SAW) ergamuun dura namoonni Makkaan keessa jiraatan waa’ee
Rabbii ilaalchisee amanti micciramaa fi hanquu qabu turan. Fakkeenyaf, maqaa fi
Sifaata Isaa ilaalchise haqa irraa kanneen jallataniidha. Qur’aana keessatti: “Rabbiif maqaalee gaggaaritu jira, kanaafu isaaniin Isa kadhaa. Warra
maqaalee Isaa jallisaniis dhiisaa. Waan dalagaa turaniif fuunduratti jazaa ni argatu.” Suuratu Al-A’araaf 7:180
Sifaata Rabbii garii fudhachuu ni didan. Guutummaa Isaatiif maqaalee hin malleen
Isa waamu. Akkasumas, wanta hanquun Isa ibsan, kanneen akka ilma qabaachu.
Rabbiin kana hundarraa qulqullaa’e. Amanti sirrii ta’ee qalbii keessatti hidda
qabsiisuuf, gadi dhaabu fi namootaaf ibsuuf Qur’aanni ni dhufe. Kunis galma kan
gahe, tawhiida Ar-Rubuubiyyah (Rabbiin Gooftaa haqaa tokkicha akka ta’e) ibsuun,
tawhiidu Uluuhiyyah (ibaada keessatti Rabbiin tokkichoomsu), tawhiidu asmaa’a
was-sifaat (Maqaalee fi sifaanni gugguutuun Rabbii tokkichaaf akka ta’an) ibsuuni.
Ammas, Rabbitti, Malaykootatti, Kitaabbanitti, Ergamtootatti, Guyyaa Qiyaamaa fi murtii Isaa (qadaratti) amanuuni.
Gareen Muslimoota jalqabaa tawhiida barachuu fi hojii irra olchu irratti kan
guddatanii fi dagaaganiidha. Nafsee isaanii keessatti Rabbiin ol-guddisan, jaalala
Isaa argachuun carraaqi fi kaayyoo isaanii dhumaa ta’e. Yeroo hundaa akka isaan
argu isaanitti ni dhagahame.
104
Nabiyyiin (SAW) namoota dhuunfaa tawhiida irratti guddisuu fi barsiisuun
hundee ijaarsi Islaamaa irra dhaabbateedha. Qajeelfama sirrii nabiyoonni darba
irra deemaa turaniidha. Nabiyyiin kamuu yommuu ergamu hojiin jalqabaa isaa
gara tawhiidaatti namoota waamudha.
Nabiyyiin (SAW) sahaabota isaanii tawhiida irratti guddisuu fi barsiisuun
firiwwan baay’ee fidee jira: haala waligalaatin sahaabonni wanta tawhiida
faallessu irraa qulqullaa’ani jiru. Dhimmi hunda keessatti murtiif gara Rabbii
qajeelan, Rabbiif ni ajajaman, hanga Rabbiin jaallatan eenyullee hin jaallanne, Isa
malee eenyullee hin sodaanne, Isa qofa irratti hirkatan, Isa qofa irraa gargaarsaa fi
araarama kadhatan, Isa qofaaf qalma qalan (kana jechuun gara Isaatti dhiyaachuf
maqaa Isaa qofaan qalu), yommuu kakatan maqaa Isaa qofaan kakatu. Eenyufillee
gadi hin jenne, hin sujuunne. Rabbiin homaanu wal hin fakkeessine. Amaloota
(sifaata) Isaaf maluu ni mirkaneessan, wanta Isaaf hin mallee irraa immoo ni
qulqulleessan.
Makkaan keessatti akkuma Qur’aanni waa’ee tawhiida fi gosoota isaa, nabiyyii fi
ergaa isaa ilaalchisee amanti sirrii qalbii sahaabota keessatti hidda qabsiise,
hundeewwan iimaana hafan ilaalchise amantiin isaanii sirrii ta’e.
Kanaafu, tawhiinni fi hundeewwan iimaanaa qalbii keessatti hidda waan qabateef
rakkoolee fi ulfaatinna isaan qunnamuuf danta osoo itti hin kenniin gara
fuunduraatti tarkaanfachu danda’aniiru. Adabbiin Qureeshota Islaama irraa
duubatti isaan hin deebisne. Sababni isaas, tawhiinni fi iimaanni qalbii keessatti
lafa waan qabateef. (Nutis isaanitti hidhanne milkaa’u fi qormaata ciccimoo keessa
darbuuf gosoota tawhiida bal’innaan sammubani.com irratti ilaalaa jirra.)
3-Qur’aana Keessatti Ibsa Jannataa f i Bu’aa Inni Sahaabota Irratti Fide Aayaanni Qur’aana makkaan keessatti bu’an Guyyaa Qiyaama irratti
xiyyeefannoo guddaa kennan. Suuraalee Makkaan keessatti bu’an baay’een isaani
osoo waa’ee haala Qiyaamaa muraasa isaa, haala warra qananiifamanii,
azzabamanii fi akkamitti akka walitti qabaman osoo hin dubbatin hin darban. Akka
waan namni Qiyaama ijaan argutti sirritti ibsan.
Jannani fakkeenya hin qabdu: Aayaanni Qur’aana haala ifa ta’eeni fi addunyaa tana keessatti haala fakkeenyi
ishiif hin jirreen Jannata ibsan dhufanii jiru. Guddinna, baay’inna fi amala addaa
qananii irraa kan ka’e addunyaa tana keessatti wanti Jannata fakkaatu hin jiru.
105
Kuni dhiibbaa guddaa sahaabota irratti uumee jira. Qananiin Jannataa qananii
Rabbiin tolaa fi arjummaa Isaatiin gabroota gaggaarii Isaatiif qopheessedha.
Qananii kanarraa hanga ta’ee nuuf ibse jira. wanti Inni nurraa dhokse baay’ee
guddaa sammuun namaa bira gahuu hin dandeenyedha. Rabbiin ni jedha:
“Cinaachi isaaniis ciisicha isaanii irraa fagaata. Sodaa fi kajeellaan Gooftaa
isaanii ni kadhatu, waan isaaniif kennine irraas ni baasu. Waan isaan hojjataa
turaniif jecha akka mindaatti gammachuu ijaa irraa waan isaaniif dhokfame
lubbuun tokkoyyuu hin beektu.” Suuratu As-Sajdah 32:17
Cinaachi ykn dirri isaanii bakka rafan irraa hirribaa mi’aawa keessaa gara wanta
caalatti mi’aawa ta’etti ka’u. wanti isaan biratti garmalee jaallatamaa fi mi’aawa
ta’e salaata halkanii (salaatu leyli) fi Rabbii olta’aa waliin maqoo
dhaabbachuudha. Kanaafi, ni jedhe, “Gooftaa isaanii ni kadhatu” kana jechuun
faayda addunyaa fi Aakhirah isaaniif fidu fi wanta miidhaa qabu akka isaan irraa
deebisu ni kadhatu. “Sodaa fi kajeellaan” kana jechuun adabbii Isaa sodaachuu fi
rahmataaf mindaa Isaa kajeelun Isa kadhatu. “waan isaaniif kennine irraas ni
baasu” Baasi dirqamaa fi jaallatamaa ni baasu. Baasin dirqama kanneen akka
zakaa, niiti irratti baasu, firoota irratti baasi baasu fi kanneen biroo. Baasin
jaallatamaan kanneen sadaqa kennu, hojii kheeyri garagaraa hojjachu fi kkf.
Jazaa (mindaa) namoota kanaa akkana jechuun “akka mindaatti gammachuu ijaa
irraa waan isaaniif dhokfame lubbuun tokkoyyuu hin beektu.” Kheeyri fi qananii
baay’ee, gammachuu fi mirqaansu, mi’aa isaaniif Jannata keessatti dhokfame namni
tokkollee hin beeku. Akkuma Rasuuli (SAW) jedhan, “Rabbiin olta’aan ni jedha,
“Gabroota Kiyya gaggaariif wanta ijji hin agarre, gurrii hin dhageenye fi qalbii namaa irra hin qaxxaamurree qopheessefi jira.” Sahiih Al-Bukhaari 4780
Akkuma isaan halkan dukkana keessa salaatan, du’aayi godhanii fi hojii dhoksan,
gosaa hojii isaanitiin mindaa isaaniif kafale. Mindaa isaanii ni dhokseef. Akkuma
106
isaan namoota irraa hojii gaggaarii dhoksan, Inni mindaa isaanii ni dhokseef.
Kanaafi ni jedhe, “Wanta hojjataa turaniif akka mindaatti”40
Hasan Basrin ni jedha: “namoonni hojii isaanii ni dhoksan. Kanaafu, Rabbiinis
wanta ijji hin agarree fi qalbii namaa irra hin qaxxaamurre dhokseef.”41
Wanta hundarra caalu warri Jannata argatan
Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan: “Yommuu warri jannata Jannata seenan,
Rabbiin tabaaraka wa ta’aalaa ni jedha: Isiniif dabalaa waa ni barbaaddu?” Isaanis
ni jedhu, “Fuula keenya hin ibsinee? Ibidda irraa nu baraarun Jannata nu hin
seensifnee?”, ergasii Rabbiin haguggi Isaa ni saaqa (ni kaasa). Gara Gooftaa
isaanii ilaalu caalaa wanti isaan biratti jaallatamaa ta’e hin jiru.” Itti aanse aaya
tana ni qara’e: “Isaan toltuu hojjataniif [mindaa] gaarii fi dabalataatu jira.
Gurraachinnii fi salphinni homaatu fuula isaanii hin haguugu. Isaan sun warra
Jannataati. Isaan ishee keessatti hafoodha.” Suuratu Yuunus 10:26 Sahiih Muslim
181, Jaami’u At-Tirmizii 3388 gabaasa biraa
Mindaan dabalataa Aakhiratti Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ilaaludha. Isa
ilaalun, qananii Jannata hunda caaludha. Warri Jannata yommuu Isa argan qananii
keessa jiru ni dhagatu. Isa ilaalun akkamitti qananii hunda hin caalle ree? Rabbii
tokkicha fakkaataa hin qabne, Uumaa dachii fi samii ilaalu caalaa qananii fi
gammachuun guddaan ni jiraa? Qur’aana keessatti ni jedha:
ة ﴿ ذاض ٢٢وجوه يومئذ ن ها ناظرة ﴾٢٣إل رب
“Fuulli gariin Guyyaa san iftuudha. Gara Gooftaa (Rabbii) isaanii
ilaalu.” (Suuratu al-Qiyaamaa 75:22-23)
Waa’ee Jannataa sirritti yaadu fi dhugaan itti amananuun, guddinna ummata
keenyaatiif garmalee barbaachisaadha. Nafsee namootaa dhuunfaa keessattis
fakkiin Jannataa yoo jiraate, Jaalala Rabbii olta’aa argachuuf gara fuundarratti
humnaan tarkaanfatu, wanta qaalii (wuddi) ta’ee ni dhiyeessu, dadhabbinnaa fi
du’u jibbuu irraa ni qulqullaa’u. Diini Rabbii oltaasisuuf annisaa fi humni cimaan
nafsee isaanii keessaa ni burqa.
40 Tafsiiru Sa’dii 769 41 Tafsiiru Ibn Kasiir 6/145
107
4-Qur’aana keessatti ibsa Jahannami fi dhiibbaa (bu’aa) inni Sahaabota irratti fide
Sahaabonni Rabbii olta’aa kan sodaatanii fi kajeelan turan. Barsiisni Nabiyyii
(SAW) nasfee isaanii keessatti bu’aa guddaa kan qabu ture. Tooftaan Qur’aanaa
Rasuulli (SAW) hordofaa ture nafsee isaanii keessatti dhiibbaa guddaa uumee jira.
Sababni isaas, Qur’aanni haalota Guyyaa Qiyaamaa kanneen akka dachiin
qabamuu fi ishii waliin dhahuun butuchuu, samii dachaasu, gaarren bibbittineessu,
galaanota walitti makamanii fi ibiddi itti qabsiifamu, aduun maramuu, jiyni ifa
dhabuu, urjiileen faca’uu fi haalota rifachiiso biroo ni dubbata. Qur’aanni haala
kaafirotaa, salphinna fi gaabbii isaanii sammuu keessatt fakkii kaasun namatti
hima. Ammas, kaafirota gara ibiddaatti oofaman, warra amanani siraaxa irra
darbanii fi warra amanan munaafiqota irraa adda baasu ilaalchise ni dubbata. Kuni
hundi nafsee sahaabota keessatti dhiibbaa fi bu’aa guddaa fide. Qur’aanni fakkii
adabbii ibiddaa sammuu keessatti ni kaasa. Muslimoonni jalqabaa akka waan
azaaba kana ijaan arganitti ta’an. Adabbii ibiddaa kana keessaa mee muraasa haa
ilaallu:
“Dhugumatti, mukni Zaqquum, nyaata nama badii hojjatuuti. Akka sibila
baqaati, garaa keessatti danfa. Akka danfuu bishaan hoo’ati. [Ni jedhama],
“Isa qabaatii gara walakkaa ibidda boba’aa harkisaa. Ergasii mataa isaa
gubbaatti adabbii bishaan danfaa irraa ta’e dhangalaasaa. Dhandhami,
dhugumatti ati simatu cimaa, kabajamaadha. Dhugumatti, kuni waan isin
shakkaa turtaniidha. Warri Rabbiin sodaatan iddoo nagahaa keessa ta’u.”
Suuratu Ad-Dukhaan 44:43-51
Guyyaa Qiyaamaa murtiin erga kennamee booda warri kafaranii fi shirkii hojjatan
nyaanni isaanii muka Zaqquum ta’a. Mukni kuni fooliin isaa badaa, dhandhamni
isaa hadhaawaa, garmalee hoo’aa akka bishaan hoo’aan danfuutti garaa keessatti
danfa. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa wanta darbe, amma jiruu fi gara
fuunduraatti dhufu hunda waan beekuf haala nama kaafira ibiddatti darbamu ni
ibsa. Malaykoota kaafirota adabuuf bakka buufamaniin ni jedhama: “Isa qabaatii
108
gara walakkaa ibidda boba’aa harkisaa.” Kana jechuun bakka murtiin Rabbii
akka isarratti darbu eeggatu irraa fuudhatii harkisa cimaan harkisuun walakkaa
Jahannamitti darba. Ergasii bishaan garmalee danfaa gubbaa mataa isaatirratti gadi
dhangalaasaa.
San booda akkana isaan jedhama: “Dhandhami,” Kana jechuun Azaaba (adabbii)
laaleessaa kana dhandhami. “dhugumatti ati simatu cimaa, kabajamaadha.”
Kana jechuun ati cimaa fi jabaa akka taatetti yaadaa turte. Azaaba Rabbii ofirraa
nan dhoowwa jechuun yaada turte. Ammas “Ani Rabbiin biratti kabajamaadha,
azaaban na hin tuqu” jechuun yaadaa turte. Har’a ati salphataa fi dadhabaa akka
taate ifa siif ta’a.42
Ibsi biraa: Azaaba laaleessa kana dhandhamni. Sababni kanatti si geesse wanta
Gooftaa keetirraa dhufetti kafaruu ykn mormuu keetidha. Mormii fi haqa osoo
beektu waakkachuun kee “Ani nama cimaa fi kabajamaadha” jettee akka yaaddu
si taasise. Ammas, haqa irraa boonun kee Ergamaa Gooftaa keetirraa siif dhufe
hordofuu fi Kitaabaa Inni buusetti hojjachuun akka siif hin mallee gootee akka
yaaddu si taasise. Haala kanaan namni kaafirri fi namni ajajoota Rabbiitti hin bulle
nafsee isaa keessatti of tuuluu fi of dinqiisifachuun guuttamuun haqatti amanuu fi
itti buluu irraa of tuula.43
“Dhugumatti, kuni waan isin shakkaa turtaniidha.” Kana jechuun adabbiin
laaleessan Jahannam keessatti dhandhamaa jirtan kuni wanta isin addunyaa irratti
shakkaa fi falmaa turtaniidha. Lamu kaafamuun adabamuun hin jiru jechuun
shakkaa fi mormaa turtan. Amma kunoo isin biratti haqaa mirkanaa’a ta’ee jira.
Muttaqoonni immoo iddoo nagaha ta’etu isaaniif jira. Muttaqoota jechuun warra
badii dhiisuu fi wanta itti ajajaman hojjachuun dallansuu fi azaaba Rabbii irraa of
eeganiidha. Isaan dallansuu fi azaaba jalaa bahuun Jannata qananiin guuttamte
keessa qubatu.
5-Qadaa fi Qadaratti Amanuu f i Bu’aa Sahaabota Irratti Fide Qadara jechuun wanti hundi raawwatamuun ykn uumamuun dura murtii Rabbiin
murteesse fi katabeedha. Murtiin kuni ajaja (amrii), hamma, amala, yeroo, bakkaa
fi kkf of keessaa qaba. Wanti tokkoo uumamuun dura amala akkami akka qabaatu,
42 Tafsiiru Sa’dii-fuula 913 43 Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi– Abdurahmaan Hasan Habankaa -13/57
109
eessa fi yoom akka adeemsifamu Rabbiin olta’aan beeke, murteesse fi katabee jira.
Qadaa jechuun immoo wanta murtaa’e hojii irra oolchu fi xumuruudha.
Suuraaleen (Boqonnaaleen) Qur'aanaa Makkaan keessatti bu’an dhimma qadaa fi
qadaratti xiyyeefannoo guddaa itti kennan. Rabbiin olta’aan ni jedha:
﴿ ه بقدر ء خلقن ذا كذ ش ﴾٤٩إن
“Dhugumatti, Nuti waan hundaa qadaraan uumne.” Suuratu Al-Qamar 54:49
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa sifaanni (amaloonni) Isaa guutuu waan ta’aniif
maqdhaala, “Nuti” jedhu fayyadamuun jalqaba. Wantoota hundaa murtii fi safara
dursee murteesse fi katabeen uumee. Wanta tokko uumuuf dursa beekumsa guutuu
qabaachu, amalli, bakki, yeroo fi hammi isaa kan murtaa’an ta’uu qabu. Ergasii
wantoota kana hojii irra oolchudha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa wantoota
hundaa uumuun dura beekumsa guutuu qaba. Uumuun dura amala, bakka, yeroo
fi hamma wantoota kanniini murteesse fi katabee jira. Kanaafu, wanta tokko
uumuu yoo barbaade, “Ta’i” jedhaan, wanti sunis yoosu ta’ee argama.
Nabiyyiin (SAW) hubanna qadaa fi qadara nafsee sahaabotaa keessatti dhaaba
turan. Sahaabonni haala sirrii ta’een qadaaa fi qadara hubachuu fi dhugaan itti
amanuun firii baay’ee gaarii isaaniif buusee jira. Isaan keessaa:
1-Ibaada bakkaan gahuu
2-Qadaratti amanuun karaa shirkii irraa itti qulqullaa’aniidha. Sababni isaas,
mu’minni (namni dhugaan amane) kan nama fayyduu fi miidhu, kan nama
jabeessu fi salphisuu, kan olkaasu fi gadi buusu Rabbii Tokkicha akka ta’e ni
amana. Kanaafu, faayda, jabeenya fi sadarkaa argachuuf, miidhaa fi salphinna
ofirraa deebisuuf Rabbii gaditti wanta biraatiif of gadi hin qabu, hin kadhatu.
3-Gootummaa fi gara fuunduraatti dursuu- qadaa fi qadaratti waan amananiif
ajalli nama hundaa harka Rabbii akka jirtu ni mirkaneefatan. Nafseen hundi
yeroon ishii yoo gahe akka duutu ni beekan.
4-Obsuu, mindaa abdachuu fi haalota ulfaatoo danda’u- namni qormaanni
addunyaa tana keessatti nama muudatu wanta tasa argame osoo hin ta’in murtii
Rabbiitiin ta’uu yoo beeke, mindaa abdachuun ni obsa. Mindaa abdachuun
obsuun isaa kuni wanta dhabe caalaa wanta gaarii akka argatu isa taasisa.
5-Qalbii fi nafseen tasgabbaa’u, sammuun boqonnaa argachuu- wanti addunyaa
tana keessatti adeemsifamu hundi murtii Rabbiitiin ta’uu waan amananiif qalbiin
isaanii ni tasgabboofti.
6-Nafsee ofii jabeessu, wanta xiqqootti quufu, uumamtootaaf gabroomu irraa of
110
bilisoomsu
Firiin qadaa fi qadaratti amanuu baay’eedha. Kuni akeekumaaf qofa.
6-Sahaabonni Haqiiqaa (Dhugummaa) Namaa Beeku
Dhugumatti Qur’aanni kabajamaan waa’ee Rabbii fi Guyyaa Aakhirah erga
beeksisee booda waa’ee nafsee namaa namatti beeksisa. Gaafilee uumamaa
kanniniif deebii deebisa: “Ani eessarraa dhufee? Eessa deemaa jiraa?” Gaafileen
kunniin gaafilee nama hunda keessatti dhufanii fi namni sammuun sirrii ta’ee
deebii argachuuf kan itti carraaqudha.
Sahaabotaaf Qur’aanni argamaa fi guddinna ilma namaa, hundee itti deebi’anii fi
addunyaa qormaataa tana keessatti wanta isaan irraa barbaadamu isaaniif ibse jira.
(Kutaa kana akka hin dheeresineef namni kana bal’innaan hubachuu barbaadu,
kitaabban, “Isin keessa mallatto jira, itti hin xinxillitanii?”, “Barzakha fi Guyyaa
Qiyaamaa” fi “Kaayyoo uumama ilma namaa” dubbisuu ni danda’a. Gaafilee
armaan olitti ka’aniif aayaanni (keeyyatonni) Qur’aana kitaabban kana keessa
jiran deebii gahaa ni deebisu. https://www.sammubani.com/kitaabban/ )
Guduunfaa Furtuu milkaa'innaa keessaa tokko karaa warra milkaa'anii beekun irra
deemudha. Sahaabonni (namoonni Nabiyyitti amananii fi isaan wal-qunnaman)
karaan isaanii karaa milkaa'innaatti. Sababni isaas, dukkana cillimi nama nyaatu
keessaa gara ifa akka aduutti bahan. Sababoota milkaa'inatti isaan geessan
keessaa:
1-Seera Rabbii hubachuu fi itti buluu
2-Amantii sirreessu-haala sirrii ta'een Rabbitti fi wantoota Inni beeksisetti
amanuu,
3-Jannatatti amanuu fi qananii sanitti yaaduun hojii gaggaarii hojjachuu,
4-Jahannamitti amanuu fi adabbii hamaa sanitti yaadun hojii badaa irraa
fagaachu
5-Qadaratti dhugaan amanuu,
6-Maalummaa namaati fi eessaa dhufee eessa deemaa akka jiru beeku.
7-Wanta Nabii Aadamii fi Ibliisa jidduutti taasifame beekun ibliisa akka diinatti
fudhachuu
8-Samii, dachii fi haala jireenya itti xinxallu.
111
112
Da’waa (Waamicha Gara Islaamaa) Ifaa Nabiyyiin (SAW) hordoftoota isaanii erga leenjisanii fi amantii sirrii, ibaada fi
amala gaarii barsiisanii booda yeroon ergaa Islaamaa ifaan ifatti itti labsan ni
dhufe. Kunis jechi Rabbii olta’aa bu’uuni:
“Firoota kee dhiyoo akeekachiisi. Mu’mintoota irraa nama si hordofe koolu
kee gadi qabiif.” Suuratu Ash-Shu’uraa 26:214-215
Asitti “koolu kee gadi qabiif.” Jechuun mu’mintootaaf rahmata gochuu, isaaniif
garaa laafu, isaaniif tola oolu, dubbii gaarii isaanitti dubbachuu, akka waan maatii
tokko ta’anitti bakka tokkotti walitti isaan qabuu fi isaan too’achuudha. Allaattinis
haaluma kanaan ilmoolee ofiitiif koolu gadi qabdi.44
Nabiyyiin (SAW) firootaa fi gosoota isaa walitti qabuun Gooftaa tokkichatti akka
amanan isaan waame. Yoo isa didan azaaba (adabbii) cimaan isaan sodaachise,
ibidda irraa akka of baraaran isaan ajaje. Itti gaafatamummaa namni hundi nafsee
ofii irratti qabu ifa isaaniif godhe.
Ibn Abbaas (radiyallahu anhu) akkana jedha: Yommuu aayan, “Firoota kee
dhiyoo akeekachiisi.” buutu, Nabiyyiin (SAW) tabba Safaa irra bahuun, hanga
namoonni walitti qabamanitti akkana jechuun lallabuu jalqabe, “Yaa Bani Fihr,
Yaa Bani Adiyy!” (kunniin gosoota xixxiqoo Qureeshati). Yoo namtichi tokko ofii
bahuu dadhabe wantichi maal akka ta’e akka ilaaluf ergamaa isaa erga. Abu Lahab
fi Qureeshonni ni dhufan. Nabiyyiinis akkana isaaniin jedhe, “Mee natti himaa,
loltonni faradoon duulan sulula keessa (kana jechuun gaara kana duuba) isinitti
duulu hedan osoo isinin jedhe na dhugoomsituu?” Isaaniis ni jedhan, “Eeyyen.
Dhugaa dubbachuu malee homaa sirraa hin agarre.” Innis ni jedhe, “Azaaba
(adabbii) dura ani isiniif akeekachiisaadha.” Abu Lahab ni jedhe, “Guyyoota
hafaniif badiin siif haa ta’u. Kanaaf walitti nu qabdee?” Ergasii yoosu aayaanni
tunniin bu’an:
44 Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi 8/721, Tafsiiru Sa’dii-fuula 701
113
“(1)-Harki lamaan Abu Lahab badan, innis bade. (2)-Qabeenyi isaatii fi wanti
inni hore isa hin fayyanne. (3)-Ibidda [bobayaa] laboobaa qabdu ni seena.” Suuratu Al-Masad 111:1-3 (Sahiih Al-Bukhaari 4770)
Gabaasni biraa dabalataan akkana jechuun gabaase: Nabiyyiin (SAW) gosoota
xixxiqoo Qureeshota hundaa maqaa isaanitiin waame. Gosoota xixiqoo hundaanu
akkana jedhen: Lubbuu teessan ibidda irraa baraaraa…” Ergasii ni jedhe, “Yaa
Faaximah! Nafsee tee ibiddarraa baraari. Ani Rabbiin irraa homaa isin fayyadu hin
danda’u. Garuu ana waliin hariiroo firummaa ani sufu ni qabdu.” Sahiih Muslim
204
Sagalee olkaasun lallaabuun kuni lallaba gahuumsa guddaa gaheedha. Nabiyiin
(SAW) ergaa inni fidetti amanuun hariiroo isaa fi isaan jidduu jiruuf jireenya akka
ta’ee firoota isaatiif ifa godhe. Hariiroon dhiigummaa Araboonni irra jiran
akeekachiisa Rabbiin irraa dhufuun kan baqee baduudha.
Haqa Labsuu fi mormii Mushrikootaa Sagaleen armaan olii kuni Makkaan keessatti qillisuu itti fufe, hanga jechi Rabbii
olta’aan kuni bu’uti:
عرض عن صدع ٱف ﴿
كي ٱبما تؤمر وأ ﴾٩٤لمش
“Waan itti ajajamte ifatti labsi, mushrikoota irraas garagali.” Suuratu Al-
Hijr 15:94 (Asitti "mushrikoota irraa garagali" jechuun mushrikoota aayata
Rabbii irraa si dhoowwu barbaadaniif danta itti hin kenniin, arraba isaan si
arrabsan itti hin yaaddawin. Ergaa Islaamaa ifatti labsuu itti fufi.)
Ergamaan Rabbii (SAW) bakka Mushrikoonni walitti qabamanii fi maqoo itti
taa’anitti ifaan ifattai Islaamatti waamuf ni ka’e. Kitaaba Rabbii isaan irratti
dubbisa, wanta nabiyyoonni duri ummata isaanitiin jedhan isaanin jedha: “Yaa
ummata kiyya! Rabbiin gabbara. Isaan ala gabbaramaan biraa isiniif hin
jiru.” Ija isaanii fuunduratti Rabbiin gabbaru jalqabe. Naannawa Ka’abatti osoo
namoonni achi jiranu guyyaa adiin salaata ture. Waamicha (Da’waan) Nabiyyii
(SAW) fudhatama argachuun dabalata baay’ee argate jira. Namoonni tokkon
tokkoon diini Rabbii keessa seenan. Isaanii fi maatii isaanii keessaa namoota hin
Islaamawne jidduu diinummaan, jibbinsii fi walirraa fagaachun ni uumame.
Qureshoonni kana yommuu argitu gubachuu jalqabde.
Hajjajoota Da’waa Nabiyyii akka hin dhageenyeef Qureeshonni marii
adeemsisuu
114
Guyyoota kanniin keessatti dhimmi tokko isaan yaachise: innis yommuu waqtiin
hajjii dhiyaatu da’waa ifatti baasun guyyoota ykn ji’oota muraasa malee homtu
irra hin dabarre. (Kana jechuun da’waan ifatti bahuu kan jalqabe waqtii hajjii dura
guyyoota ykn ji’oota muraasa dura). Jiilli (bakka bu’oonni) Arabaa biyyoota
garagaraa irraa akka isaanitti dhufan Qureeshonni beekte jirti. Nafsee Araboota
keessatti da’waan nabiyyii bu’aa homaatu akka hin buusneef waa’ee nabiyyii
ilaalchisee Araboota dhufan kanaaf jecha wayii jechuu akka qaban ni hubatan.
Jecha sirrii filachuuf Waliid ibn Mughiiraah biratti walitti qabaman. Waliidis
isaaniin ni jedhe, “Ilaalcha tokko irratti walii gala. Gargar hin ta’inaa, gariin
keessan garii kjibsiisaati, jechi keessan gariin kan biraa waliin dhayaati.” Isaanis
ni jedhan, “Ati jedhi. Waa’ee isaa ilaalchise ilaalcha jennuu nuuf dhaabi.”Innis ni
jedhe, “Isin jedhaa ani nan caqasaati.” Isaanis ni jedhan, “Raagdu haa jennun.”
Innis ni jedhe, “Lakki. Rabbiin kakadhe! Inni raagdu miti. Dhugumatti raagdu
arginee jirra. Inni akka raagdu hin gumgumu, jechi isaas akka raagdu walitti kan
naqamee miti.” Isaanis ni jedhan, “Majnuun (Maraataa) haa jennuun” Innis ni
jedhe, “Inni majnuuna miti. maraatu arginee fi beekne jirra. Inni hin hudhamu, hin
daaqu, waswasaas hin qabu.” Isaaniis ni jedhan, “Walaleessaa haa jennuun” Innis
ni jedhe, “Inni walaleessaa miti. Walaloo hundaa beekne jirra. Bo’oo isaa, gabaaba
fi dheeraa isaa beekne jira. wanti inni dubbatu walaloo miti.” Isaanis ni jedhan,
“Kanaafu, saahira (nama sihrii hojjatu) haa jennuun” Innis ni jedhe, “Inni saahira
miti. saahiraa fi sihrii isaanii arginee jirra. Tufaa saahironni tufanii fi guduunfa
isaan guduunfan inni hin hojjatu.” Isaanis ni jedhan, “Kanaafu maal haa jennun.”
Innis ni jedhe, “Dhugumatti jechi isaa mi’aa qaba. Isa irra bareedinnatu jira.
Wantoota armaan olii keessaa homaa hin jettan baaxila (soba) ta’uun isaa kan
beekkamu yoo ta’e malee. Garuu jechi hundarra dhiyoon isin jechuu dandeessa,
‘Saahir’ Jecha sihrii ilmaa fi abbaa, namtichaa fi obboleessa isaa, dhiirsaa fi niiti
addaan baasun dhufe." Isaanis kanarratti walii galanii addaan deeman.
Gabaasa biraa keessatti akka dhufeetti, yommu Waliid jechoota isatti dhiyeessan
hunda fudhachuu dide, isaan ni jedhaniin, “Ilaalcha kee kan hanqinni keessa hin
jirre nutti agarsiisi.” Innis, “Hanga waa’ee kanaa itti yaadutti yeroo muraasaaf na
dhiisaa” jedhe. Waliidis ilaalcha armaan olitti dubbate hanga isaanif ifa godhutti
yaadu yaadu itti fufe.
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa waa’ee Waliid ilaalchisee suurah Muddassir
keessatti aayaata kudha jaha buuse (11-26). Achi keessatti akkamitti akka yaade
fakkii kaasun ibsa:
115
“Inni itti xinxalle, ni tilmaames. Abbaarrame, akkamumatti tilmaame!
Ergasiis, Abaarrame, Akkamumatti tilmaame! Ergasii ni ilaale. Ergasii fuula
guuree akkaan jijjirame. Ergasii garagalee ni boone. Ni jedhes, "Kuni
(Qur’aanni) falfala namoota biroo irraa waraabbame malee homaayyu miti.
Kuni jecha namaa malee homaayyu miti." Ani (Rabbiin) Saqar isa nan
seensisa.” Suuratu Al-Muddassir 73:18-26 (Saqar maqaa ibidda Jahannami. )
Qureeshonni Waliid waliin mari’atan erga wanta waliid jedherratti walii galanii
booda, yommuu namoonni waqtii Hajjii dhufan hojii irra oolchuuf karaa irra
taa’an. Eenyullee isaan bira hin darbu, Nabiyyii irraa kan akeekachisanii fi
dhimma isaa itti himan yoo ta’an malee.
Rasuulli (SAW) immoo namoota hordofuun gara Islaamatti isaan waama. Islaama
fi nabiyyiif diina badaa kan ta’e Abu Lahab Nabiyyii duuka deemun, “Isaaf hin
ajajaminaa, inni nama amanti abbooti isaa gadi lakkise, sobaadha.” Isaaniin jedha.
Waqtiin kuni Araboonni dhimma Nabiyyii (SAW) fuudhanii biyya isaanii
keessatti oduu isaa akka babal’isan sababa ta’e jira.
Wantoota Barbaachisoo Mushrikoonni Fudhachuu Didanii Fi Faalleessan
Warroonni shirkii leellisan wantoonni gurguddan isaan faalleessan:
Tokkichummaa Rabbii, Guyyaa Aakhiraatti amanuu, Ergama Nabiyyii (SAW) fi
Qur’aana Rabbal aalamina irraa isa irratti bu’eedha. Sababni kanniin asitti
kaafnuf, namni biroo yaadaa fi amanti akka mushrikoota qabachuun dogongora
wal fakkaatutti akka hin kufnee fi akkuma isaanii adabbiif akka of hin
saaxilleefi..
1ffaa-Tokkichummaa Rabbii faallessuu fi mormuu
Warroonni kafaran Makkaa Rabbiin isaanii fi wantoota biroo hunda akka uumee
ni amanu. Garuu sanama gabbaraa turan. Dhagaan isaan gabbaran kuni gara
Rabbitti nu dhiyeessu jechuun odeessu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
116
﴿ ل للذ
ين ٱأ الص ٱ ل ين ٱو ل ٱ لذ ذوا تذ لذ ۦ من دونه ولاء ما نعبدهم إ
أ إل بونا ٱلقر ٱزلف إنذ للذ تلفون إنذ للذ ي ٱيكم بينهم ف ما هم فيه للذ
ذب ل يهدي من هو ار ك ﴾٣كفذ
“Dhagayaa! Amantiin qulqulluun Rabbi qofaafi. Warri Isaa gaditti awliyaa'a
(tiiksotaa fi gargaartota) godhatan, “Gara Rabbiitti akka sirritti nu
dhiyeessaniif qofa isaan gabbarra” [jedhu]. Dhugumatti Rabbiin waan isaan
keessatti wal dhaban ilaalchise jidduu isaanitti ni murteessa. Dhugumatti
Rabbiin nama kijibaa akkaan kafaraa ta’e hin qajeelchu.” Suuratu az-Zumar
39:3
Kana jechuun yaa namoota amantiin (ajajamnii fi ibaadan) makaa irraa qulqulluu
ta’ee Rabbiif qofa malee eenyufillee akka hin taanee xiyyeeffannoo itti kennaa,
mirkaneefadhaa. Wanti shirkii qabu Isa bira hin gahu. Rabbiin warroota shirkii
irraa dureessa. Namni hojii ibaada hojjatu keessatti Rabbiin ala wanta biraa itti
dabale, Rabbiin isarraa hin qeebalu. Isatti gadi deebisa.
Itti aanse waa’ee mushrikoota dubbata: “Warri Isaa gaditti awliyaa'a (tiiksotaa
fi gargaartota) godhatan.” Kana jechuun warri Rabbii gaditti wanta biraa
gabbaramtoota (gooftota) godhachuun gabbaran. “Godhatan” jechuun wanta
haqaan wal faallessu mataa ofiiti uuman jechuudha. Sanamni isaan gabbaran
homaa akka hin uumne, faayda namaaf fiduu fi miidhaa namarraa deebisu akka
hin dandeenye isaaniif erga ifa ta’ee booda falmii fi mormiif jecha, “Gara
Rabbiitti akka sirritti nu dhiyeessaniif qofa isaan gabbarra” [jedhu].” Kana
jechuun sanamoonni ykn taabonni amala gooftummaa ni qabu jennee isaan hin
gabbaru. Garuu Rabbiin biratti sadarkaa guddaa fi shafa’aa (jaarsummaa)
fudhatama qabu waan qabaniif Isatti nu dhiyeessan jennee isaan gabbarra.”
Falmi kijibaa kana akkana isaaniin jechuun kuffisuun ni danda’ama: wanti isin
gabbartan kunniin gara Rabbii akka nama dhiyeessan kan beekan ragaa fi ibsa
Rabbiin irraa dhufeeni. Kanaafu, ragaa keessan kitaaba Rabbiin irraa bu’e irraa
fidadhaa. Wanta odeessan kanaaf ragaa wayitu fidu hin danda’an. Kanaafi,
dhuma aayah irratti isaan kijibdoota fi kaafirota akka ta’an ibsa.45
45 Ma’aarij tafakurri wa daqaa’iqu tadabburi 12/152-153
117
“Dhugumatti Rabbiin waan isaan keessatti wal dhaban ilaalchise jidduu
isaanitti ni murteessa.” Kana jechuun Rabbiin Guyyaa Qiyaamaa wanta
namoonni keessatti wal dhabanii fi gargar itti ta’an ilaalchise isaan jidduutti ni
murteessa. Namni haqa irra jiruu fi namni soba irra jiru Guyyaa san addaan
baafamuun namni haqaa mindaa gaarii argata, namni sobaa immoo ni adabama.
“Dhugumatti Rabbiin nama kijibaa akkaan kafaraa ta’e hin qajeelchu.” Kana
jechuun nama niyyaan isaa Rabbiin irratti kijibuu ta’ee fi qalbiin isaa mallattoolee,
keeyyattoota fi ragaalee Rabbii osoo beektu fudhachuu diddu, Rabbiin gara
qajeelinnaatti ykn haqaatti isa hin qajeelchu.46
Mushriikota Makkaatti sanama gabbaruun biyyoota ollaa irraa kan isaanitti
darbeedha. Kanaafi, waamicha gara Tawhiidaa mormii cimaan faallessan.
Rabbiin olta’aan isaan ilaalchisee ni jedha:
“Akeekachiisaan isaan irraa ta’ee isaanitti dhufuun isaan dinqisiisee.
Kaafironni ni jedhan, “Kuni saahira (nama sihrii hojjatu), sobaa dha. Sila
gabbaramtoota hunda gabbaramaa tokko qofa taasisee? Dhugumatti kuni
waan dinqisiisadha.” Isaan (mushrikoota) keessaa namoonni gurguddoon
deemanii, “Deemaa, gooftolee keessan [gabbaruu] irratti obsaa, dhugumatti
inni kuni wanta barbaadamudha. Amanti gara dhumaa keessatti kana hin
dhageenye. Kuni wantuma haarawa uumamee malee homaa miti.”
[jedhan]. Suuratu Saad 38:4-7
Mushrikoota Makkaa Nabii Muhammad (SAW) akeekachiisa ta’ee isaanitti
dhufuun isaan dinqisiisee. “Sila gabbaramtoota hunda gabbaramaa tokko qofa
taasisee?” Kana jechuun sila Gooftaan gabbaramu tokkicha qofa, Isa malee
haqaan gabbaramaan hin jiru jedhaa? Mushrikoonni kana garmalee jibban.
Sababni isaas, sanama gabbaruu abboota isaanii irraa dhaalan, qalbiin isaaniis
shirkiin xuroofte. Yommuu Ergamaan Rabbii (SAW) qalbii isaanii irraa kana akka
46 afsiiru Ibn Kasiir 6/439
118
haaqanii fi Rabbiin akka tokkichoomsan isaan waamu, garmalee dinqisiifachuun,
“Sila gabbaramtoota hunda gabbaramaa tokko qofa taasisee? Dhugumatti
kuni waan dinqisiisadha.” jedhan. “Isaan (mushrikoota) keessaa namoonni
gurguddoon deemanii” Kunniin hoggantoota fi maanguddoota isaanii kanneen
ta’aniidha. “deemaa” kana jechuun amantii keessan irratti itti fufaa. Wanta
gabbartan (waaqefattan) irratti obsaa. Tawhiida irraa wanta inni itti isin waamuuf
hin awwaatinaa. “dhugumatti inni kuni wanta barbaadamudha.” Muhammad
(SAW) tawhiidatti kan nu waamuf isin irratti kabajaa fi ol’aantummaa ittiin
barbaadufi.
"Amanti gara dhumaa keessatti kana hin dhageenye.” Kana jechuun amanti
gara dhumaatti dhufe keessatti Rabbiin qofa gabbaraa kan jedhu hin
dhageenye.47 Amantin gara dhumaa isaan jedhan kuni amanti akka isaanii
shirkiin guuttame amanti Kiristaanati. Kiristaanonis Rabbiin waliin waan biraa
gabbaru (waaqefatu).
Sababni aayaanni tunniin itti bu'aniif mufaasironni akkana jechuun ibsan:
Yommuu Abu Xaalib dhukkubsatu, Abu Jahl dabalatee Qureeshonni gariin isatti
seenanii akkana jedhan, “Ilmi obboleessa keeti wanta gabbarruu arrabsaa jira.
Inni wanta akkana akkanaa hojjate, wanta akkana akkanaa jedhe. Maaliif isatti
ergitee akka kana hin hojjanne itti hin himnee?” Abu Xaalibis gara Nabiyyiitti
(SAW) ni erge. Innis dhufee mana ni seene. Isaanii fi Abu Xaalib jidduu iddoo
teessummaa nama tokko teechisuutu jira. Abu Jahl -abaarsi Rabbii isarratti haa
bu’uu- yoo nabiyyiin (SAW) cinaa Abu Xaalib taa’ee, inni Nabiyyiif daran garaa
ni laafa jedhe sodaachuun utaalee bakka kana taa’e. Nabiyyiinis iddoo teessumaa
abbeeraa isaatti dhiyaatu hin arganne, kanaafu balbala bira taa’e. Abu Xaalib ni
jedheen, “Yaa ilma obboleessa kiyyaa! Namoonni kee maaliif si komatuu?
Wanta gabbaran akka arrabsituu fi akkana akkana akka jettu ni odeessu.” Dubbii
itti baay’isan. Ergamaan Rabbiis (SAW) akkana jechuun dubbatan, “Yaa
abbeeraa koo! Wanti ani isaan irraa barbaadu dubbii takka akka jedhan qofaadha,
dubbii tanaan Araboonni hordoftoota isaanii ta’uu, warri alaa (Islaama keessa hin
seenne) immoo jizyah isaaniif kafalu.”
Mushrikoonni dubbii fi jecha isaatiif ni rifatan. Isaanis ni jedhan, “Dubbi takka
moo? Eeyyen abbaa keetin haa ta’u, dubbi kudhanu ni jenna! Dubbiin tuni
maalidhaa?” Abu Xaalib ni jedhe, “Dubbii tamiidhaa yaa ilma obboleessa
kiyyaa?” Ergamaan Rabbiis (SAW) ni jedhe, “Laa ilaah illallah (Rabbiin
malee haqaan gabbaramaan hin jiru)” Qureeshonni kunniinis kana yommuu
47 Tafsiiru Ibn Kasiir 6/408-409
119
dhagahan rifatanii uffata isaanii hurgufaa fi akkana jechaa ka’anii deeman: “Sila
gabbaramtoota hunda gabbaramaa tokko qofa taasisee?”48
Hojii hundarra fokkuu ta’e shirkii dhiisanii Rabbii tokkicha gabbaruun
mushrikoota irratti ni ulfaate. Amanti jallataa abboota isaanii irratti ni gogan.
Kanaafi, Rabbiin keessan tokkicha Isa qofa gabbaraa yommuu jedhaman mormii
cimaa agarsiisan. Garuu shirkiin isaan irra jiran baaxila (soba) waan ta’eef
adabbii (azaaba) jalaa isaan hin baasu. Qur’aana keessatti, “Dhugumatti namni
Rabbitti waa qindeesse, Rabbiin isarratti Jannata haraama (dhowwaa)
taasiseera. Teessoon isaas ibidda. Miidhaa raawwattootafis tumsitoonni hin
jiran.” Suuraa Al-Maa’ida 5:72
Rabbiitti waa qindeessuun (shirkiin) bifa adda addaa qaba. Isaan keessaa, wanta
uumame (makhluuqa) akka Gooftaatti ilaalun kadhachuu, isaaf of gadi qabu,
sagaduu, qalma qaluu fi kkf hojjachuudha. Rabbiin olta'ee shirkii irraa nu haa
eegu.
48 Madda olii
120
Mormii 2ffaa-Aakhiratti Kafaruu isaanii Nabiyyiin (SAW) yommuu gara Guyyaa Aakhiratti amanuutti isaan waamu,
Mushrikoonni qoosu fi kijibsiisuun itti deebisan. Hojii isaanii kana Qur’aana
keessatti akkana jechuun kaasa:
“Warroonni kafaran ni jedhan, “gara namticha ‘[Duutanii] ciccirama
guutuu erga cicciramtanii booda dhugumatti isin uumama haarawa
keessatti ni taatu’ jedhee isinitti odeessutti isin qajeelchinuu? Sila Rabbiin
irratti kijiba uuma moo maraatutu isatti jiraa?” [Dubbiin] akkasi mitii,
warroonni Aakhiratti hin amanne azaaba (adabbii) fi jallinna fagoo keessa
jiru.” Suuratu Saba 34:7-8
Warroonni Rabbitti, Ergamaa Isaatti, Guyyaa Qiyaamatti hin amanne fi haqa
Rabbiin irraa dhufe fudhachuu didan ni jedhan, “namticha erga duutanii qaamni
keessam cicciramee fi bututee booda uumama haarawatti ni deebifamtan isiniin
jedhu isinitti agarsiisnuu? Namtichi isaan jedhan Ergamaa Rabbiiti (SAW).
Dubbi kana baacoo fi qishnaaf akkana jedhu. Ergasii akkana jechuun deebii
walitti deddeebisu: Yommuu "erga duutanii booda lamuu ni kaafamtu" jedhu,
“Rabbiin irratti kijiba uuma moo maraatu qabaa!?” Rabbiinis akkana
jechuun isaanitti deebisee, “[Dubbiin] akkasi mitii, warroonni Aakhiratti hin
amanne azaaba (adabbii) fi jallinna fagoo keessa jiru.” Kana jechuun
dhimmichi akka isaan jedhanii fi yaadanii miti. Kana irra, Muhammad (SAW)
nabiyyii dhugaa dubbatu fi gara karaa qajeelatti nama qajeelchudha. Haqaan kan
dhufeedha. Isaan (warroonni kafaran) immoo kijibdoota, wallaaltoota fi
gowwoota ta’an “azaaba (adabbii)” keessa ta’u. Kana jechuun yommuu lamuu
kaafaman sababa kufrii isaanitiin Aakhiratti adabbii cimaa keessa seenu.
Akkasumas, addunyaa tana keessatti haqa irraa jallinna fagoo keessa jiru.49
49 Tafsiiru Ibn Kasiir 6/260-261, Zaadul Masiir 1143
121
Warroonni kafaran lamuu namni du’e kan hin kaafamne ta’uu kakuu daangaa
darbe kakatu. Qur'aana keessatti ni jedha:
“Kakuu isaanii kan daangaa gahe, “Rabbiin nama du’e hin kaasu” jechuun
Rabbitti kakatan. Lakkisaa [isin kaasaa]; Waadaa Isa irratti dhugaa ta’e
[Rabbiin seenee jira]. Garuu irra hedduun namootaa hin beekan. [Sababni
du’a irraa isaan kaasuuf] wanta isaan keessatti wal dhaban isaaniif ibsuu fi
warri kafaran kijibdoota ta’uu isaanii akka beekaniifi.” Suuratu An-Nahl
16:38-39
Namoonni kafaran kunniin jireenya addunyaa tana malee jireenyi biraa akka hin
jirre godhanii yaadu. Aakhiratti amanuuf abbootin isaanii akka kaafaman
barbaadu. Rabbiin olta’aan ni jedha:
“Jireenya addunyaa teenya [tana] malee ishiin (jireenyi) homaayyu miti. Ni
duuna, ni jiraanna. Yeroo malee wanti nu balleessu hin jiru.” Jedhan. Kana
ilaalchise isaan beekumsa hin qaban. Isaan warra shakkan malee homaayyu
miti. Yeroo keeyyattoonni (aayaatni) Keenya ifa ba’anii isaan irratti
dubbifaman, ragaan isaanii [kan ittiin morman], “Yoo kan dhugaa
dubbattan taatan abbooti keenya fidaa.” jechuu malee wanta biraa hin taane.
Jedhi, ‘Rabbumatu isin jiraachisee ergasii isin ajjeesa. Ergasii Guyyaa
122
Qiyaamaa keessa walitti isin qaba. Isa keessa mamiin (shakkiin) hin jiru.
Garuu irra hedduun namootaa hin beekan.’ ” Suuratu Al-Jaasiyah 45:24-26
Warroonni jireenya du’aan boodaatti hin amanne fi kijibsiisan ni jedhan,
“Jireenya addunyaa teenya [tana] malee ishiin (jireenyi) homaayyu miti. Ni
duuna, ni jiraanna” Kana jechuun jireenya addunyaa tana malee jireenyi biraa
hin jirtu. Nuti ni duuna, ijoolleen teenya ni jiraatu ykn ni jiraanna, ni duuna.50 Kana
booda, lama kaafamuu fi Qiyaaman wanti jedhamu hin jiru. “Yeroo malee wanti
nu balleessu hin jiru.” Kana jechuun halkanii guyyaan darbuu fi dheerinna umrii
malee wanti nu balleessu ykn ajjeesu hin jiru.51 “Kana ilaalchise isaan beekumsa
hin qaban. Isaan warra shakkan malee homaayyu miti.” Kaafiroonni kunniin
wanta jedhan kana ilaalchisee beekumsa dhugaa hin qaban. Wanti isaan jedhan
kuni yaada sobaa ofii uuman malee odeefannoon Rabbiin irraa isaaniif dhufe ykn
ragaa dhugaa hin qaban. Wanti isaan jedhan kuni shakkii fi yaada ragaa hin qabne
irraa kan madde malee homaayyu miti.52
“Yeroo keeyyattoonni (aayaatni) Keenya ifa ba’anii isaan irratti
dubbifaman” kana jechuun yommuu haqni isaaniif ifa godhamuu fi qaamoleen
namaa erga badanii fi bututanii booda Rabbiin isaan deebisu irratti Danda’aa
akka ta’e ragaan isaaniif dhiyeefamu, “ragaan isaanii [kan ittiin morman],
'Yoo kan dhugaa dubbattan taatan abbooti keenya fidaa.' jechuu malee
wanta biraa hin taane.” Kana jechuun wanti isin jettan haqa yoo ta’e abbooti
keenya jiraachisaa.53
Rabbiin subhaanahu hanga Qiyaamaan dhaabbattu eenyullee addunyaa tanatti
akka hin deebine murteesse jira. Kan isaan lamuu kaafaman Guyyaa Qiyaamati.
Kanaafi, akkana jechuun deebii isaanitti deebisee: “Jedhi, ‘Rabbumatu isin
jiraachisee ergasii isin ajjeesa.” Kana jechuun akkuma argitan kana dhabama
irraa jiruutti kan isin baasu Rabbiidha. “Akkamitti Rabbitti kafartuu? Du’aa
turtan, Inni isin jiraachise. Ergasii isin ajjeesa; ergasii isin
jiraachisa.” Suuratu (Al-Baqara 2:28) Uumiinsa keessan jalqabuu irratti danda’aa
kan ta’e, isin deebisuu irratti caalatti danda’aadha. “Ergasii Guyyaa Qiyaamaa
keessa walitti isin qaba. Isa keessa mamiin (shakkiin) hin jiru.” Kana jechuun
akkuma isin jettan addunya tanatti kan isin deebisuu osoo hin ta’in, Guyyaa
Qiyaamaa walitti isin qaba.54 Takka takkaan namoota du’an addunyaa tanatti kan
50 Tafsiiru Qurxubii 19/164, Tafsiiru Xabarii 21/95 51 Tafsiiru Xabarii 21/96 52 Madda olii 53 Tafsiiru Ibn Kasiir 6/613 54 Madda olii
123
deebisuu osoo hin ta’in Guyyaa Qiyaamaa namoota jalqaba irraa kaase hanga
dhumaa jiran bakka tokkotti walitti sassaaba. Kanas kan godhuuf isin jidduutti
murteessu fi nama hundaa wanta hojjateef jazaa isaaf kafaluufi. Kanaafu, yeroon
Qiyaamaa dhufuun dura abbooti keenya fida jedhanii mormuun haqa irraa kan
fagaateedha. Guyyaan Qiyaamaa qaxaroo guddaa namoonni itti wal gahaniidha.
Mee itti yaadi, qaxaroon gahuun dura wanti karoorfame hojjatamuu danda’aa?
“Garuu irra hedduun namootaa hin beekan.” Namoonni baay’een haqiiqa
(dhugaa) Guyyaa Qiyaamaa hin beekan. Kanaafi, namni erga du’ee kaafamu akka
waan hin danda’amnetti yaadu. Osoo beekumsi dhugaa qalbii isaanii keessa seene
silaa Guyyaa kanaaf ni hojjatu, of qopheessu turan.
"Mootummaan samiiwwanii fi dachii kan Rabbiiti. Guyyaa Qiyaamaan
dhaabbattu, Guyyaa san warri soba hordofan ni kasaaru.” Suuratu Al-
Jaasiyah 45:27
Rabbiin olta’e itti aanse samiwwanii fi dachiin kan Isaa akka ta’anii fi too’annaaf
aangoo guutuu akka irratti qabu beeksiisa. Mootummaa jechuun wanta tokko
horachuu fi too’annaaf aangoo irratti qabaachudha. Samiwwanii fi dachiin kan
Isaa erga ta’anii, wanta fedhe keessatti hojjachuu ni danda’a. Kanaafu,akkuma
jalqaba irratti isaan uume, isaan balleesse lamuu isaan deebisuu ni danda’a
jechuudha. Kanaafi ni jedha, “Guyyaa Qiyaamaan dhaabbattu” fi namoota
iddoo wal-gahii tokko irratti walitti isaan qabu, warroota sobatti amananii fi
hordofan kasaaratu qunnama. Baaxila (soba) jechuun faallaa haqaa kan ta’ee fi
wanta dhaabbata hin qabneedha. Hojiin isaanii sobaan waan wal qabateef baaxila
(soba) badu ta’a. Kanaafu, Guyyaa Qiyaamaa ni bada. Mindaan guddaan isaan jala
darbuun adabbiif of saaxilu. Kanaafu, mindaa guddaa waan dhabanii fi adabbiif of
saaxilaniif kasaaraa guddaa kasaaranii jiru jechuudha. Namni daldala keessatti
maallaqa guddaa jireenya isaa itti tolchu yoo dhabe, kasaare jedhamaa miti ree?
Namoonni haqa Rabbiin irraa dhufe dhiisanii soba hordofan kunniinis mindaa
guddaa qananii Jannataa itti argatan waan dhabaniif kasaaranii jiru. Rabbiin
olta'aan rahmata Isaatiin kasaaraa irraa nu haa tiiksu.
Rabbiin guddaan olta’ee gabroonni akka of eeggataniif ciminna Guyyaa sanii itti
aanse ni ibsa.
124
“Guyyaa san ummata hunda jilbifatanii argita. Ummanni hundu gara
kitaaba isaanitti waamamuun, “Har’a waan dalagaa turtaniif ni
mindeefamtu” [jedhamu]. Kuni kitaaba Keenya kan isin irratti dhugaan
dubbatuudha. Dhugumatti, Nuti waan isin dalagaa turtan galmeesisaa turre.
Isaan amananii fi hojii gaggaarii hojjatan immoo Gooftaan isaanii rahmata
Isaa keessa isaan seensisa. Suni isumatu milkaa’inna ifa bahaadha.” Suuratu
Al-Jaasiyah 45:28-30
“Isaan kafaran immoo, “Sila keeyyattoonni Kiyya isin irratti dubbifamaa hin
turre? Garuu isin garmalee of-tuultan, namoota mujrimoota turtan.
Yommuu ‘Waadaan Rabbii haqa, Qiyaamaan [akka dhuftu] shakkiin ishii
keessa hin jiru’ jedhamu, isin ni jettan, “Qiyaamaan maal akka taate hin
beeknu. Mamii malee yaada ishii hin qabnu. Nuti warra dhugaan amananii
miti.” Hamtuun waan dalaganii isaaniif ifa baha, wanti isaan itti qishnaa
(qoosaa) turaniis isaan marsa. Ni jedhaman, “Har’a akkuma isin qunnamti
Guyyaa keessan kana dagattan Nutis isin dhiifna. Teesson keessanis ibidda,
tumsitoonni (gargaartonni) isiniif hin jiran. Kuni waan keeyyattoota Rabbii
qishnaa godhattanii fi jireenyi addunyaa isin gowwomsiteefi. Har’a ishii
(ibidda) keessaa hin baafaman, isaan ceephoos hin buufachiifamanu.” Suuratu Al-Jaasiyah 45:31-35
125
Ibsa Keeyyatoota armaan olii: Guyyaa san ciminnaa fi guddinnaa irraa kan ka’e ummata hundaa jilbiifatanii isaan
argita. Akkana jedhame jira, “Kuni kan ta’u yommuu Jahannam fidamteedha.
Sababni isaas, sagaleen qaxxisaa ibidda Jahannam ni dhagahama. Yommuu kana
dhagahan hundi isaanitu ni jilbifatu. Inumaa Ibraahim Khaalilu Rahmaan ni jedha,
“Nafsii, nafsii (nafsee tiyya, nafsee tiyya) Har’a nafsee tiyya malee homaa Si hin
kadhu…” Tafsiiru Ibn Kasiir - 6/614
“Ummanni hundu gara kitaaba isaanitti waamamuu” kana jechuun gara
Kitaabni hojiin isaanii itti galmeefamaa turetti ni waamamu. “Har’a waan
dalagaa turtaniif ni mindeefamtu” Kana jechuun hojii gaariis ta’i hojii badaa
irraa wanta hojjattaniif jazaa guutuu argattu. Jazaan mindaa gaarii kennuus
adabuus of keessatti qabata. Kanaafu, namni hojii gaarii iimaanaa, ikhlaasa fi
shari’aa irratti hundaa’un hojjate, mindaa wanta hojjate caalaa argata. Namni
kafaree fi badii hojjate immoo adabbii isaaf malu adabama. “Kuni kitaaba
Keenya kan isin irratti dhugaan dubbatuudha.” Kana jechuun osoo homaa itti
hin dabalinii fi irraa hin hir’isin kuni kitaaba hojii keessan guutuu of keessatti
qabateedha. Akkuma Rabbiin jedhe, “Galmeenis ni kaa’ama. Yoma san badii
raawwattoota waan isa keessa jiru irraa sodaattota ta’anii isaan argita. Ni
jedhus, “Yaa badii keeenya! Kuni kitaaba akkamii, xiqqaas guddaas walitti
qabu malee hin dhiifne!” Waan hojjatan dhiyaataa ta’ee argu. Gooftaan kee
eenyullee hin miidhu.” (Suuratu Kahf 18:49)
“Dhugumatti, Nuti waan isin dalagaa turtan galmeesisaa turre.” Kana
jechuun haala guutuu ta’een hojii dhoksaa fi ifaa yommuu addunyaa keessatti
hojjataa turtan san Malaykoonni akka galmeessanii fi kataban ajajaa turre. Namni
osoo hin argin wanta inni hojjatu galmeessun wanta salphaa ta'eedha. Yeroo amma
keessatti, meeshaalee teknoloji namni hojjate mee ilaali. Osoo namni hin argin
meeshaaleen akka kaamera wanta inni hojjatu hunda suuraa waliin waraabu.
Rabbiin subhaanahu namoota kana akka hojjatan kan dandeesise Malaaykotas
hojii namaa akka kataban ni dandeesisa. Inni waan hundaa irratti Danda'aadha.
Guyyaa murtii kana qoratamuun murtiin isaan jidduutti darba. Kanaafi Rabbiin
Guyyaa kana garee lamaan adda baasa. Ni jedha, “Isaan amananii fi hojii
gaggaarii hojjatan immoo Gooftaan isaanii rahmata Isaa keessa isaan
seensisa.” Kana jechuun namoonni qalbii isaanitiin amananii fi qaama isaanitiin
hojii gaggaarii hojjatan, Gooftaan isaanii rahmata Isaa keessa isaan seensisa.
Rahmanni Isaa kuni Jannata. Akkuma hadiisa sahiih keessatti dhufe, Rabbiin
Jannataan akkana jedhe“Ati rahmata tiyya, siin nama fedheef rahmata ittiin
godha.” (Sahiih Muslim 2846)
126
“Suni isumatu milkaa’inna ifa bahaadha” Kana jechuun Jannata seenuun
milkaa’inna ifa baheedha.Fawz (milkaa’inna) jechuun sharrii fi wanta jibbamaa
hunda jalaa nagaha bahuu fi wanta jaallatamaa barbaadamu argachuudha.
Kanaafu, namni Jannata yoo seene sharrii, adabbii fi wanta jibbama jalaa nagaha
bahuun wanta kheeyri fi jaallatama hunda waan argatuuf, dhugumatti suni
milkaa’inna ifa bahee fi guddaadha.
“Isaan kafaran immoo,” kana jechuun haqa Rabbiin irraa dhufe osoo beekanu
fudhachuu didanii fi morman waqqasaaf isaaniin akkana jedhama, “Sila
keeyyattoonni Kiyya isin irratti dubbifamaa hin turre?” Keeyyattoonni
(aayaanni) wanta gaarii isin fayyadu isinitti agarsiisanii fi wanta isin miidhu irraa
isin dhoowwan isin irratti dubbifama turan. Dhugumatti keeyyattoonni Keenya
qananii hundarra guddaa gara keessan gaheedha. Garuu isaan hordofuu irraa of
tuultan, dhageefachuu ykn dubbisuu irraa ni garagaltan. “namoota mujrimoota
turtan.” Akka lugaatti mujrima jechuun zanbii (badii) baay’ee hojjachuun
daangaa kan darbeedha. Kanaafu, badii akka kufrii, shirkii fi badiiwwan
gurguddaa biroo hojjachuun namoota daangaa darban turtan.
“Yommuu ‘Waadaan Rabbii haqa, Qiyaamaan [akka dhuftu] shakkiin ishii
keessa hin jiru’ jedhamu,” Kana jechuun yommuu Nabiyyoonni ykn warri
amanan, “Erga namoonni du’anii booda lamu akka isaan jiraachisuu fi qabrii
keessaa isaan kaasu Rabbiin waadaa galee jira. Waadaan kuni haqa. Qiyaaaman
namoota walitti qabuun isaan qoratu, nama Isaaf ajajameef mindaa itti kennuuf,
nama Isa didee immoo itti adabu ni dhaabbatti. Qiyaamaan dhufuu fi dhaabbachuu
keessa shakkiin homaatu hin jiru. Kanaafu, Rabbiin sodaadhaa, Isaa fi Ergamtoota
Isaatti amanaa, adabbii Rabbii jalaa wanta nagaha isin baasu dalagadhaa.” Isiniin
jedhan, isin ni jettan, “Qiyaamaan maal akka taate hin beeknu. Mamii malee
yaada ishii hin qabnu. Nuti warra dhugaan amananii miti.” Yommuu
addunyaa irra turtan,“Nuti Qiyaaman akka dhaabbattu warra mirkaneefatanii miti.
Shakkuu malee Qiyaamaan ni dhaabbatti jennee jala murree hin mirkaneeffanne.”
Jechaa turtan. Garuu har’a rakkoon isin himattan tokkollee isin hin fayyadu.
Sababni isaas, ragaaleen Qiyaaman akka dhaabbattu isiniif dhiyaatanii turan.
“Hamtuun waan dalaganii isaaniif ifa baha” kana jechuun Guyyaa Qiyaamaa
adabbiin hojii badaa isaanii ifa baha. “wanti isaan itti qishnaa (qoosaa) turaniis
isaan marsa.” Kana jechuun azaabni (adabbiin) isaan addunyaa irratti itti qoosaa
turan har’a isaanitti bu’a.
Ni jedhaman, “Har’a akkuma isin qunnamti Guyyaa keessan kana dagattan
Nutis isin dhiifna.” Kana jechuun akkuma isin qunnamti Guyyaa kanaatti amanuu
127
diddanii fi hojjachuufi dhiistan, Nutis ibidda keessatti isin dhiifna. “Teesson
keessanis ibidda, tumsitoonni (gargaartonni) isiniif hin jiran.” Teessoo fi galti
keessan ibidda Jahannami. Tumsitoonni adabbii kana isin irraa ittisan hin jiran.
“Kuni waan keeyyattoota Rabbii qishnaa godhattaniif” Kana jechuun azaabni
(adabbiin) kuni kan isinitti bu’eef sababa isin addunyaa qormaataa keessatti, isin
qajeelchuuf keeyyattoota fi ragaalee Rabbiin irraa dhufan itti qoostaniif ykn
qishnaa godhattaniif. Keeyyattoota fi ragaalee Gooftaa keessani sirritti qabachuu
fi gammachuun hordofuun isin irra jiraa ture, garuu taphaa fi qishnaa godhattan.
Ammas, waan “jireenyi addunyaa isin gowwomsiteefi”. Hanga kaafamu fi
qorannon hin jiru jettan geettanitti jireenyi addunyaa faayaa fi mi’aa ishiitiin isin
sobde. Haqatti amanuu fi gammachuu abadii wanta isiniif mirkaneessu hojjachuu
irraa isin garagalchitee. Addunyaa tanaaf ni hojjattan, Ganda Aakhira yeroo
hundaa tura ta’eef hojjachuu ni dhiistan.
Kanaafu, “Har’a ishii (ibidda) keessaa hin baafaman, isaan ceephoos hin
buufachiifamanu.” “isaan ceephoos hin buufachiifamanu.”Jechuun gara Rabbiif
ajajamutti akka deebi’an isaan irraa hin barbaadamu. Hojii gaggaarii akka
hojjataniif gara addunyaa hin deebifaman.
“Faarun kan Rabbii Gooftaa samiwwanii fi Gooftaa dachii, Gooftaa aalama
hundaati. Samii fi dachii keessatti Al-Kibriyaa’u kan Isaati. Innis Injifataa
Ogeessa.” Suuratu Al-Jaasiyah 45:36-37
“Faarun kan Rabbii” uumamtoota Isaa biratti qananii isaan qananiiseef faaruun
hundi kan Isaati. Kanaafu, yaa namoota Isa faarsaa. Qananiin isin qabdan hundi
Isa irraayyi. “Gooftaa aalama hundaati.” Aalama jechuun wantoota uumaman
hunda. Jechi “aalama” jedhu, jecha “alama” jedhu irraa kan fudhatameedha.
Alama jechuun mallattoo gara wanta tokkotti akeekudha. Wantoonni uumaman
hundi gara Khaaliqa isaanii waan akeekaniif aalama ta’u.
“Gooftaa samiwwanii fi Gooftaa dachii” Kana jechuun Maalika samiiwwii fi
dachiiti. Samiiwwani fi dachiin hundi kan Isaati. Sababni isaas, Isatu uumee, Isatu
isaan tiiksa, too’ata.
128
“Al-Kibriyaa’u kan Isaati” jechuun Boonuun, Aangoo fi Guddinni hundi kan
Isaa qofa. Wanti hundi Isaa biratti gadi jedha, Isatti hajama. “Innis Injifataa” Isa
qofatu humna waa hundaa injifatu qaba. Humni kamiyyu humna Isaatiin
morkachuu hin danda’u. “Ogeessa” wanta hunda bakka isaaf malu kan kaa’udha.
Seera kaa’u tokkollee hin kaa’u ogummaa fi faaydaf yoo ta’e malee. Wanta uumuu
tokkollee hin uumuu faaydaf yoo ta’e malee.55
Qur’aanni namoonni erga du’anii booda akka kaafaman amansiisuuf maloota adda
addaatti fayyadame jira. Maloonni kunniin hundi sammuu isaanii waliin kan
deemaniidha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa namoota erga du’anii booda jazaaf
isaan kaasun barbaachisa akka ta’e isaan yaadachisa. Namoota kan uumeef Isa
qofa akka gabbaraniif. Kanaaf, karaa ittiin Isa gabbaranii fi Isaaf ajajaman ifa
gochuuf Ergamtoota ni erge, kitaabban ni buuse. Kanaafu, erga du’anii booda
namni badaa fi gaariin osoo jazaa isaanii hin argatin akkanumatti hafuu? Du’aan
booda kaase yoo jazaa isaaniif hin kafalin namni badaa fi gaarii wal-qixaa
jechuudha. Namni gaarii wanta gaarii hojjateef yoo hin badhaafamin, namni badaa
badii hojjateef yoo adabamin, garaagarummaan isaanii eessatti ree?
Addunyaa tana keessatti namoonni badii hojjatanii osoo hin adabamin du’an mee
ilaali. Adolf Hitlar namoota miliyoona jahaa jumlaan fixe. Adolf Hitlar mana
murtiitti dhiyaatee adabbii argatee jiraa? Osoo mana murtiitti hin dhiyaatin du'e.
Yeroo ammas, moottonni abbaa irree namoota kumaatamatti lakkaawaman fixaa
jiru. Mana murtiitti osoo hin dhiyaatin du’u. Kanaafu, moottonni abbaa irree fi
namoonni badii hojjatan kunniin osoo adabbii guutuu hin argatin akkanumatti
badanii hafuu? Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
ٱول تسبذ ﴿ ا يعمل للذ فلا عمذ لمون ٱغ رهم لوم تشخص لظذ ما يؤخ إنذر ٱفيه بص
ف مهطعي مقنع رءوسهم ٤٢ل
دتهم ل يرتد إلهم طرفهم وأ
﴾٤٣هواء
“Rabbiin waan miidhaa hojjattoonni (Zaalimonni) raawwatan irraa dagataa
ta’uu hin yaadin. Kan Rabbiin isaan tursiisuuf Guyyaa isa keessa ijji
sodaadhan bobaastudha. [Gara waamichaatti] fiigaa mataan isaanii kan
55 Tafsiiru Ibn Kasiir - 6/614-616, Tafsiiru Sa’dii-fuula 917-918, Ma’aariju Tafakkuri wa
daqaa’iqu tadabburi–13/125-134, Zaadul Masiir-Ibn Al-Jawzi- fuula 1296-197, Tafsiiru Xabari-
21/107-110
129
olka’u ta’a, ijji isaaniis gara isaaniitti hin deebitu. Qalbiin isaanis
duwwaadha.” Suuratu Ibraahim: 42-43
Kanaafu, Qiyaamaan dhufuun wanta shakkii hin qabnee fi dirqama ta’eedha.
Rabbiin subhaanahu ni jedha:
ره ﴿ إلذ ۥ وما نؤخ عدو ل مذ ج ﴾١٠٤ ل
“[Guyyaa Qiyaamaa] yeroo lakka’ameef (murtaa’ef) malee hin tursiisnu.”
Suuratu Huud 11:104
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa sanyii Aadam irraa namoonni meeqa addunyaa
tana irra akka dhufan dursee murteesse jira. Yeroo isaaniis murteesse kaa’e jira.
Namoonni lakkoofsi isaanii beekkame kunniin addunyaa tana irratti dhufanii erga
xumuramanii booda Qiyaamaan ni dhaabbatti. Kanaafu, Qiyaamaa tursiisuun
dadhabbiif osoo hin ta’in yeroon jireenya addunyaa duraan murteefame haa
xumuramuufi. Yeroon jireenya addunyaa tanaa erga xumuramee booda
Qiyaamaan dhaabbachuun qorannoo fi jazaan ni jalqabama.
130
Mormii 3ffaa- Nabiyummaa Ergamaa Rabbii (SAW) faallessuu Mushrikoonni namummaa Nabiyyii irratti mormii cimaa agarsiisan. Ergamaan
Rabbii akka isaanii nama ooso hin ta’in malaayka ta’uu qaba ykn malaykan isa
waliin kan deemu ta’uu qaba jedhanii yaadu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni
jedha:
ن يؤمنوا إذ جاءهم نلذاس ٱوما منع ﴿
بعث لهدى ٱأ
ن قالوا أ
أ ٱإلذ ا للذ بش ﴾٩٤رذسول
“Namoonni yommuu qajeelchi isaanitti dhufu, “Sila Rabbiin ilma namaa
Ergamaa godhee ergaa?” jechuu malee homtuu amanuu irraa isaan hin
dhoorgine.” Suuratu Al-Israa 17:94
Kana jechuun namoota baay’ee qajeelchi (kitaabni fi Ergamaan) Rabbiin irraa
yommuu isaanitti dhufu, wanti amanuu fi ergamtoota hordofuu irraa isaan
dhoowwe ilaalcha badaa fi jecha isaanii kana: “Sila Rabbiin ilma namaa Ergamaa
godhee ergaa?, Maaliif Malaayka hin erginee?” Rabbiinis akkana jechuun deebii
isaaniif kenna:
ذو كن ف ﴿ رض ٱقل لن ل نلا عليهم م ي لنذ ئكة يمشون مطمئن ماء لسذ ٱمل
﴾٩٥ملك رذسول
Jedhi, “Osoo dachii keessa Malaaykonni tasgabbaa’anii deeman kan
jiraatan ta’ee, silaa samii irraa Malaaykaa Ergamaa goone isaan irratti
buufnaa turre.” Suuratu Al-Israa 17:95
Malaykaan kan ergamu malaaykotaa qofaaf akka ta’e Rabbiin ni beeksisa. Sababni
isaas, osoo Malaaykan namootatti ergamee, silaa namoonni haala irratti
uumameen malaykaa kana arguu hin danda’an.56 Malaykoonni uumamni isaanii
kan namootaa irraa adda kan ta’e fi guddinni isaanii kan nama sodaachisudha.
Rabbiin nabiyyoota qofa haala malaaykan irratti uumame arguu irratti isaan
dandeesise. Dabalataaf barruu tana dubbisuun ni danda’ama: (Dubbistoonni
duraan barruu tana dubbisan, barreefama armaan gadi itti haa fufan. Warri hin
dubbisne immoo boodarra itti deebi'un dubbisuu danda'u)-
https://www.sammubani.com/2018/10/31/maaliif-malaykaan-hin-
ergamnee/#more-8216
56 Tafsiira Qurxubii- 13/178
131
Mushrikoonni Nabiyummaa Ergamaa Rabbii (SAW) faallessuu fi mormuuf maqaa
adda addaa baasu fi isa arrabsuu turan. Wanta nabiyyiin hin malleen arrabsu. Kuni
hundi ifa Islaamatti karaa cufuu fi namoonni hordoftootaa fi gabroota isaanii
ta’anii akka hafan gochuufi. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
“Sila gara isaan qananii Rabbii kufriin jijjiranii fi ummata isaanii ganda
badii qubsiisanii hin ilaallee?” Suuratu Ibraahim 14:28
Qananiin Rabbii kuni Nabii Muhammadin (SAW) isaaniif erguudha. Addunyaa fi
Aakhiratti Nabiyyiin wanta gaarii argachuu hundatti isaan waama, sharrii
addunyaa fi aakhira jalaa nagaha bahutti isaan affeera. Garuu isaan qananii kana
fudhachuu diduun, mormuun, ofii fi namoota biroo irraa dhoowwun jijjiran. Hanga
ummata isaanii ganda badii qubsiisanitti Nabiyyitti amanuu fi hordofuu irraa ni
dhoowwan. Kufrii fi jallinna isaanii keessa akka turan ni miidhagsaniif. Gandi
badii kuni ibidda Jahannami.57Itti aanse ni dubbata.
Haaluma kanaan, hoggantoonni fi jallistoonni yeroo ammaa, Nabiyyii, Qur’aanaa
fi Islaamaa maqaa xureessun Islaama hordofuu irraa namoota dhoowwan, aayan
tuni isaanifis ni taati. Akkuma Qureeshonni hordoftoota isaanii Nabiyyi (SAW)
maqaa xureessun karaa qajeelinna namootatti cufan, hoggantoonni fi jallistoonni
ammas miidiyatti fayyadamun hordoftoota isaaniititti karaa qajeelinnaa itti cufu.
Haala kanaan dhumarratti ganda badii isaan qubsiisu.
﴿ وا عن سبيله ل ض ندادا ل
أ للذ فإنذ ۦ وجعلوا وا ع ل تمتذ ريكم إل ق ٱمص ﴾٣٠نلذار
“Karaa Isaa irraa jallisuuf Rabbiif andaada godhan. ‘Dhugumatti, deebiin
keessan gara ibiddaatti, [yeroo xiqqoof] qanani’aa’ jedhin.” Suuratu Ibraahim 14:30
“Karaa Isaa irraa jallisuuf” namoota isaaniif ajajamanii fi hordofan karaa
Rabbii irraa jallisuuf, “Rabbiif andaada godhan” kana jechuun Gooftummaa ykn
gabbarri keessatti Rabbiif fakkaattoota, dorgomtoota fi shariikota gochuun Isaa
gaditti gabbaran. Rabbiin waliin sanama ykn taabota, Nabiyyii, Malaykaa,
muka, fi uumamtoota biroo gabbaran (waaqefatan). Namoota biroos akka kana
gabbaran itti waaman. Kuni haala hoggantootati. Mee wanta peenxonni fi
gareewwan biroo hojjatan ilaali. Rabbii guddaa dhiisanii gara Iyyasuusin
gabbaruutti (waaqefachuutti) namoota waamu.
57 Tafsiiru Sa’dii-fuula 493
132
‘Dhugumatti, deebiin keessan gara ibiddaatti, [yeroo xiqqoof] qanani’aa’
jedhin." Kana jechuun, jedhi yaa nama karaa Rabbii keetitti namoota waamu!
Jireenya addunyaa irraa qananii xiqqoo itti fayyadama. Du’aan dura badii kufrii
irraa buqqa’uun gara Gooftaa keessanitti yoo hin deebi’in, dhugumatti Guyyaa
Murtii gahuumsi isin itti deemtan adabbii ibiddaati.58
58 Ma’aarij tafakurri wa daqaa’iqu tadabburi 14/63
133
Mormii 4ffaa-Qur’aana
Akkuma Nabiyyiin (SAW) Ergamaa Rabbii ta’u dhugoomsu didan, Qur’aanni
Rabbiin irraa bu’uu dhugoomsu ni didan. Gosa walaloo keessa tokko akka ta’etti
ilaalan. Namni Qur’aana fi walaloo Arabaa wal bira qabe garaagarummaa isaan
jidduu jiru sirritti arga. Qur’aanni akkamitti walaloo ta’aa, walalessitoota namoota
jallisanii fi faallaa haqaa dubbatan balaalefatee (qeeqee) osoo jiruu? Qur'aana
keessatti:
“Walaleessitoota jallattootatu isaan hordofa. Sulula hunda keessa akka
raata’anii fi wanta hin hojjanne akka dubbatan hin arginee?” Suuratu Ash-
Shu’uraa 26:224-226
Keeyyatonni kunniin hordoftootatti xinxalluun walaleessitoota fi nabiyyii wal bira
akka qaban nama waamu. Namoonni dhugaan amanan hordoftoota Nabiyyii
(SAW) yoo ta’an, hordoftoonni walaleessitoota ykn weellistoota hordofan immoo
jallattoota. Jallattoonni dhugaan Nabiyyii hin hordofan. Kanaafu, kuni Nabiyyiin
walaleessaa akka hin taane agarsiisa. Qur’aannis walaloo miti. Osoo Nabiyyiin
walaleessaa ta’ee silaa jallattootatu isa hordofa ture; warroonni amananii
qajeelinna barbaadan isa hin hordofan.
Al-Ghaawuun jechuun jallattoota osoo beekanuu fedhii lubbuu hordofuun
daandii qajeelaa dhiisaniidha. Hordoftoonni walaleessitootaa ykn wellistootaa
jallattoota yoo ta’an, haalli walaleessitoota mataan isaanii maal ta’inna ree laata?
Mucucni walaloo sulula badii, kijibaa, daangaa darbuu, namoota kabaja qaban
haqa malee gadi-xiqqeessu fi namoota gadi aanoo faarsutti isaan mucuceessa.
Hin arginee Sulula hunda keessa akka raata’an?”
Yaa nama yaadu hoo! Haala walaleessitoota ykn wellistoota baay’ee isaanii
duraan yoo hin beekin, qoradhu. Sulula hunda keessa akka raata’an ni argita.
Hangi isaan gara gaara gubbaatti olbahan baay’ee xiqqaadha.
“Raata’an” jechuun karoora fi qajeelinna tokko malee jireenya isaanii keessa
deemu. Kaayyoo galmaan gahuuf itti carraaqan osoo hin beekin fedhiin lubbuu fi
hawwiin isaanii asii fi achii isaan oofti. Akka lugaatti ebalu raata’e ni jedhama.
Kana jechuun gara dachii bahee gara itti deemu hin beeku. Karama arge deema,
134
asii fi achi dhama’a.
Sulula jechuun gaarreen ykn lafa olka’aa jidduu lafa gadi bu’aa ta’eedha.
Aaya armaan olii keessatti wanti barbaadamee, raata’uu fedhii lubbuu, yaadaa fi
hojiiti. Sululli immoo jireenya keessatti dirree (field) nashaaxaa hojii fi sochiiti.
Sababni isaas, isaan amala gaarii, guutuu fi ol’aanaa ta’e hin filatan. Fakkeenyaf,
beekumsa, hojii kheeyri fi faaydaa qabu, gara Rabbitti namoota waamu, karaa
Rabbii keessatti qabsaa’u, dhaloota amala gaarii irratti guddisuu fi kkf keessatti
hin hirmaatan. Kana irra, dhimmoota gadi aanoo fi wanta fokkuutti rarra’u.
Namoonni waa isaaniif akka kenniniif kijibaan isaan faarsu. Namoota isaaniif hin
kennine immoo maqaa xureessu. Yookiin immoo dhaadannoo kijibaa dhaadatu
ykn dubartii faarsu, jaalala akka ibiddaa nama gubuu ibsuu fi dhimmoota biroo
gadi aanoo olka’iinsi keessa hin jirretti taru. Kuni haala weellistoota baay’eeti.59
Dubbiin isaan dubbatanii fi sochiin isaan godhan akka sululaatti gadi aanaa kan
ta’eedha. Fedhiin lubbuu fi hawwiin asi achi isaan raatessiti.
Hasan Al-Basrin aayah tana ilaalchise ni jedha: Dhugumatti Rabbiin kakadhe!
Sulula isaan keessa raata’an arginee jirra. Yeroo garii ebaluun arrabsuu keessa,
yeroo garii immoo ebaluun faarsu keessa raata’u. Qataadan akkana jedha:
Walaleessaan namoota sobaan ni faarsa, ammas namoota biroo sobaan ni
balaalefata. Ibn Abbaas (radiyallahu anhu) ni jedha: “dubbii faaydi hin qabne
hunda keessatti taru.”60 Asirraa ka'uun hojii weellistoota baay'ee mee itti xinxalli!
“wanta hin hojjanne akka dubbatan hin arginee?” Kuni amala walaleessitoota
ykn weellistootaati. Dubbiin isaanii hojii isaanii faalleessa. Yommuu nama tokko
faarsu ykn balaalefatu argitu, kuni dhugaadha jetta. Garuu inni soba. Yeroo garii
hojii hin hojjanneef of faarsa. Amaloota biroo hin qabneef of faarsa.
Mee ilaalli haalli walaleessaa fi haalli Nabiyyi Muhammad (SAW) wal fakkaatuu?
Nabiyyiin namoota qajeelcha, namni qajeelan isa hordofa, karaa qajeelaa irra jira,
dubbii fi hojiin isaa wal hin faallessan. Kheeyritti malee nama hin ajaju, sharrii
irraa malee nama hin dhoowwu. Wanti dubbatu hundu dhugaadha. Homattu hin
ajaju awwala kan hojjatu isa yoo ta’e malee. Homarrayyu hin dhoowwu awwala
kan dhiisu isa yoo ta’e malee. Mee haalli isaa haala walalessitootatiin wal
fakkaataa ykn walitti dhiyaataa? Yookiin gara hundaanu isaan faallessaa? Nabiyyi
guutuu fi nama hunda caalu kanarratti nageenyi fi rahmanni Rabbii haa jiraatu.
59 Ma’aarij tafakurri wa daqaa’iqu tadabburi 8/727 60 Ibn Kasiir 5/655
135
Inni walaleessaa miti, saahiras miti, maraatas miti. Amala guutuu ta’e malee
homtu isaaf hin malu.61 Qur'aana keessatti ni jedha:
ه ﴿ من عر ٱوما علذ بي ۥ وما ينبغ ل لش ﴾٦٩إن هو إلذ ذكر وقرءان م
“Walaloo isa hin barsiisne, isaafis hin malu. Inni yaadannoo fi Qur’aana ifa
galaa qofa.” (Suuratu Yaasin 36:69)
Kana jechuun Nabii Muhammadin (SAW) walaloo hin barsiifne. Walaleessaa
ta’uunis isaaf hin malu. Garuu kan isa barsiise yaadannoo fi Qur'aana ifa galaa
qofa.
Walaleessitoota amala isaanii erga ibsee booda walaleessitoota Rabbii fi ergamaa
Isaatti amanan, hojii gaggaarii hojjatanii fi zikrii Isaa baay’isaan isaan irra adda
baase. Walaleessitoonni amaloota sadan kanniin qaban walaleessitoota armaan olii
keessa hin seenan. Amaloonni sadan kunniinis, amanuu, hojii gaggaarii fi zikrii
baay’isuudha.
“Warra amananii, hojii gaggaarii hojjatanii fi baay’innaan Rabbiin
yaadatan, erga miidhamanii booda [walaloon] kan ofirraa deebisan (harka
kafalatan) malee. Isaan miidha hojjataniis deebifama akkami akka
deebifaman beekuuf jiru.” Suuratu Ash-Shu’uraa’a 26:227
Rabbiin Subhaanahu wa ta’aalaa Qur’aanni dubbii walaleessa fi raagdu akka hin
taane ni dubbata.
“Inni (Qur’aanni) jecha walaleessaatii miti, xiqquma qofa amantu. Jecha
raagaatiis miti, xiqqoo malee hin gorfamtan. Gooftaa aalamaa hundaa irraa
kan buufameedha.” Al-Haaqqah 69:41-43
Namoota hunda dura walaleessitoonni Qur’aanni walaloo akka hin taane
hubatanii jiru.
Kijibaa fi daangaa darbuu Mushrikoota keessaa kan biraa jecha isaanii,
“Muhammad nama Araba hin taane irraa Qur’aana barata.” Namni Araba hin taane
isaan baanan kuni nama gabra naannawa Safaatti waa gurguruudha. Tarii
Nabiyyiin (SAW) yeroo garii isa bira taa’un waa itti dubbatu. Garuu namtichi
alarraa dhufe Araba hin taanee kuni waan xiqqoo malee Arabiffa hin beeku.
61 Tafsiiru Sa’dii fuula 703
136
Akkamitti Qur’aanni Arabiffaa sirni ijaarsa jechoota isaa sadarkaa ol’aanaa irraa
gahe nama Arabiffa sirritti hin beekne irraa maddaa? Kanaafi, Rabbiin olta’aan
akkana jechuun isaanitti deebisee:
ما يعل مه ﴿ هم يقولون إنذ نذ
ل سان ۥولقد نعلم أ يٱبش يلحدون إله لذذا لسان وه عجم
بي أ م ﴾١٠٣عرب
“Kan isa barsiisu ilma namaa qofa” akka jedhan dhugumatti ni
beekna. Qooqni nama isaan itti jallisanii Araba kan hin taanedha. Kuni
(Qur’aanni) immoo qooqa (lugaa) Arabiffa ifa galaadha.” Suuratu An-Nahl 16:103
Mushrikoonni Makkaa, “Qur’aana Muhammadin kan barsiisu ilma namaa qofa.”
Jechuun sobaan Nabiyyii (SAW) maqaa xureessu. Namni isaan itti akeekan kuni
nama alarraa dhufe lugaan isaa Arabiffa hin taanedha. Qur’aanni immoo lugaa
Arabiffaa ifa galaa ta’eeni. Namni sammuu sirrii qabu, “Namni Arabiffa sirritti
hin beekne, Qur’aana Arabiffaa Araboonnu fakkaataa isaa fidu hin dandeenye,
Nabii Muhammadin (SAW) ni barsiisa” jedhee ni yaadaa? Namni Ingiliffa hin
dandeenye, kitaaba ingiliffaa nama barsiisuu danda’aa? Namni hubanno xiqqoo
qabuyyuu, “Namni Arabiffa hin beekne Qur’aana Arabiffaa isa barsiisa” jedhee
hin dubbatu.
Ammas Mushrikoonni kijiba biraa Nabiyyitti (SAW) maxxansan. Kijibni kunis,
“Qur’aana kana Muhammadtu ofirraa fuudhe dubbate. Yookiin namoota durii
irraa waraabe.” Kiristaanonni ammaas kijiba kana keessatti yommuu akkana
jedhan isaan waliin hirmaatu: “Muhammad Qur’aana macaafa qulqulluu irraa
garagalche.” Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa akkana jechuun Mushrikootaa,
Kiristaanota fi garee biraatiif deebii deebisa:
“Jedhi ‘Samiwwanii fi dachii keessatti iccitii [hunda] Kan beekutu isa
(Qur’aana) buuse.’ Dhugumatti Inni akkaan Araaramaa, rahmata
godhaadha.” Suuratu Al-Furqaan 25:6
Nama Qur’aanni kuni kitaaba Kiristaanota fi Yahuudota irraa waraabame jedhuuf
deebiin isaaf kennamu, “Samiwwanii fi dachii keessatti iccitii [hunda] Kan
beekutu isa (Qur’aana) buuse.” ta’a. Qabiyyee deebii kana keessa jiru
hubachuuf wanta Qur’aanni of keessatti qabate beekun nurra jira. Akkasumas,
haala namoota jecha kijiba kana jedhanii fi iccitii isaanii Rabbiin qofti beeku
137
hubachuu qabna. Wanta Qur’aanni of keessatti qabate ilaalun qorataa tokko gara
wantoota armaan gaditti isa qajeelcha:
1ffaa-Tooftaan dubbii itti ibsuu Qur’aana keessatti dhufee fi kitaabban Qur’aana
dura dhufan jidduu wal fakkeenyi hin jiru. Ijaarsi himaa fi jechoota Qur’aana
keessa jiruu fi kitaabban darban keessa jiran wal hin fakkaatan. Kuni jechoonni
Qur’aanaa kitaabban darban irraa kan hin waraabbamne ta’uu ifaan ifatti agarsiisa.
2ffaa-Dhimmoota amantii irraa wanti Qur’aana keessatti dhufe kan hiikni isaanii
kitaabban darban kanneen akka Suhf Ibraahim fi Muusaa, Tawraat, Zabuur, Injiil
fi kanneen biroo keessatti bu’e, dhimma amanti kana Kan buuse Tokkicha akka
ta’e mirkaneessa. Innis Rabbiidha. Fakkeenyaf, waa’een tawhiida (Rabbiin
tokkichoomsu) Qur’aana keessattis, kitaabban darban keessattis bu’ee jira. Osoo
kitaabban kunniin jijjiramu ykn micciramuu fi baduu baatanii silaa dhugaa kana
ifa baasu.
Garuu kitaabni amanti Kiristaanotaa fi Yahudoota harka jiru, kitaaba micciramee
fi itti dabaluu fi irraa hir’isuun hundee sirrii irraa kan jijjirameedha. Kanaafu,
hanga xiqqoo malee, wanti Qur’aana keessa jiruu fi wanti kitaabban isaanii keessa
jiru guutumaan guututti walitti hin galu.
Hundeen sirriin Rabbiin olta’aan nabiyyoota darban irratti buuse kiristaanota fi
yahudoota keessatti iccitii garmalee dhokfamu ta’ee jira. Amantiin Rabbiin
namootaaf kaa’e tokkicha waan ta’eef, qabiyyeen ergaa Nabiyyoota Rabbiin irraa
ergamanii walitti kan galan ta’uu qaba. Garuu kitaabban kunniin kan badanii fi
iccitii keessaa iccitiii guddaa waan ta’aniif eenyullee hundee amantii sirrii ta'ee
kitaabban kanniin irraa waraabu hin danda’u. Fakkeenyaf, Rabbiin
Tokkichoomsun (tawhiinni) hundee amantiiti. Tawhiinni ergaa nabiyyoota
hundaati. Kitaabban amma Kiristaanonni fi Yahuudonni harka qaban keessatti
tawhiinni dhimma iccitii ta'ee fi kan badeedha. Garuu Qur'aana keessatti tawhiinni
bal'innaan kan ibsameedha.
Kuni Qur’aana kan buuse Rabbii iccittii samiiwwanii fi dachii beeku akka ta’e
agarsiisa. Qur’aanni kitaaba Kiristaanonni fi yahuudonni “Kuni Rabbiin irrayyi”
jedhan irratti tiiksadha. Kana jechuun wanta dogongoraa fi sobaa kitaabban
kanniin keessa jiru ni sirreessa. Miccirrama achi keessa jiru ifa baasa. Wanta achi
keessaa bade ni mirkaneessa. Amanti guutuuf wanta barbaachisu itti dabala.
Kanaafu, Kiristaanota Qur’aanni macaafa qulqulluu irraa waraabbame jedhuuf
deebiin sirriin ta’uu, Jedhi“Samiwwanii fi dachii keessatti iccitii [hunda] Kan
138
beekutu isa (Qur’aana) buuse.’” Qur’aanni iccitii isaan dhoksanii fi haaqan waan ifa baasuuf Rabbii iccitii hunda
beeku irraa bu’e.
3ffaa-Qur’aana keessatti wanta buufamee keessaa dhimmoonni iccitii samiin wal
qabatan kanneen akka pilaaneti, urjiilee fi dhimmoonni iccitii dachii kanneen akka
namoota fi lubbuu qabeenyi birootin wal-qabatan dhufanii jira. Pilaanetotaa,
urjiilee, dachii, namoota, lubbuu qabeenyi biroo ilaalchise wanti saayinsin yeroo
ammaa irra gahee yeroo Qur’aanni bu’u sanitti iccitii samii fi dachii Rabbiin qofti
beekudha. Kitaabban darban keessatti waa’een kanaa hin dhufne, namni yeroo
sanitti beekus hin jiru. Dhugaan saayinsawaa Qur’aana keessa jiraachun, Qur’aana
kan buuse Rabbii samii fi dachii keessatti iccitii beeku akka ta’e agarsiisa.
Kanaafu, deebiin isaaniif maluu wanta barsiisa Rabbii olta’e keessatti dhufeedha:
Jedhi “Samiwwanii fi dachii keessatti iccitii hunda Kan beekutu isa
(Qur’aana) buuse.’
4ffaa-Mushrikoonni, “Kuni oduu durii namoota irraa waraabbameedha.” jedhan,
isaan kijibdoota ta’uu sirritti beeku. Wanta jedhaniif ragaa hin qaban. Kan isaan
kana jedhaniif hordoftoota isaanii dogongorsuu fi Qur’aana fi Nabiyyii hordofuu
irraa isaan garagalchuufi. Deebiin sirriin haala isaanii kanaaf maluu kenname:
Jedhii“Samiwwanii fi dachii keessatti iccitii hunda Kan beekutu isa
(Qur’aana) buuse.”
Ragaa sobaa Ergamaa Rabbii irratti uumtaniif adabbii fi haloo Isaa irraa of
eeggadhaa. Akeekachiisa kana booda yoo isaan araarama kadhatan,
tawbatan, amananii fi Rasuula hordofan, Rabbiin araarama fi rahmata Isaatiin
isaan kajeelchisa. Rabbiin olta’e ni jedha, "Dhugumatti Inni akkaan
Araaramaa, rahmata godhaadha.” Kana jechuun Inni yeroo hundaa nama gara
Isaatti deebi’ee araarama kadhatee fi karaa Isaa qabateef ni araarama, rahmata
godha.62
Qur’aana ilaalchise dubbii kijibaa Mushrikoonni fi namoonni biroo jedhan daran
ifatti baasa. Qur’aanni jecha namaati yoo jettan, wanta Qur’aana fakkaatu fidaa
ykn boqonnaa kudhan ykn boqonnaa takkaayyu fidaa jechuun isaan affeera. Yoo
fidu dadhaban Qur’aanni jecha namaa akka hin taane namni sammuu qabu haa
mirkaneefatu. Affeerraa fi deebii kana mee keeyyattoota armaan gadi keessatti haa
ilaallu:
62 Ma’aarij tafakurri wa daqaa’iqu tadabburi 6/360-362
139
“Inumaayyu isatu [Qur’aana] uume” jedhuu? Jedhi, “Yoo kan dhugaa
dubbattan taatan, fakkaataa isaa suurah kudhan kanneen [isin biraa]
uumaman fidaa. Rabbiin gaditti nama dandeessan [gargaarsaf]
waamadhaa.” Yoo isiniif deebii hin kenniin, [Qur’aanni] beekumsa
Rabbiitiin akka buufamee fi Isa malee haqaan gabbaramaan akka hin jirre
beekaa. Kanaafu Muslimoota ni taatuu?” Suuratu Huud 11:13-14
“Inumaayyu isatu [Qur’aana] uume” jedhuu?” kana jechuun Mushrikoonni
Makkaa ykn namoonni biroo akkana jedhu sila? “Muhammad Qur’aana ofuma
irraa fuudhe dubbatee ‘kuni Rabbiin irraa bu’e’ jedha.” Deebiin namoota kanaaf
kenname kana fakkaata:
Wanta jettan kana dhugaa kan dubbatan yoo taatan, suurawwan (boqonnaalee)
kan of biraa isin uumtan kudhan, suurawwan Qur’aanaatin kan wal fakkaatan
fidaa. “Qur’aanni jecha namaati” jechuu irratti dhugaa yoo taatan, suurawwan
kudhan kan Qur’aana fakkaatan uumuuf Rabbiin ala nama dandeessan gargaarsaf
waamadha.
Isinii fi Nabii Muhammad (SAW) jidduu dandeetti Afaan Arabiffaattiin
garaagarummaan hin jiru. Da’waa isaa balleessuuf isin diinota fedhii guddaa
qabaniidha. Yoo dhugaa dubbattan, suurawwan kudhan fidaa.63
“Yoo isiniif deebii hin kenniin” kana jechuun yoo suurawwan kudhan fiduu
dadhaban, beekaa, isaan kanarraa dadhaboodha, Qur’aanni kuni beekumsa Isaa,
wanta Inni ajajee fi dhoowwe of keessatti qabatee Rabbiin irraa kan bu’eedha.64
Ammas, Rabbiin malee haqaan gabbaramaan akka hin jirre beekaa. “Kanaafu
Muslimoota ni taatuu?” Kana jechuun ragaan erga isiniif dhiyaate booda Rabbiif
ni ajajamtuu, Isa qofa ni gabbartuu?65
63 Zaadul Masiir 645, Ma’aarij tafakurri wa daqaa’iqu tadabburi 10/334, Tafsiiru Sa’dii 435 64 Tafsiiru Ibn Kasiir 4/438 65 Xabarii 12/345
140
Mushrikoonni suurawwan Qur’aana fakkaatan kudhan yommuu fidu dadhaban,
gara suurah takkaatti isaaniif hir’ifame. Ni jedha:
م يقو﴿
ه ٱلون أ ى فت ثله رة م توا بسو
ٱو ۦقل فأ ن ستطعتمٱمن دعوا دون م ٱ دقي للذ ﴾٣٨إن كنتم ص
“Inumaayyu isatu [Qur’aana] uume” jedhuu? Jedhi, “Yoo kan dhugaa
dubbattan taatan, fakkaataa isaa suurah takka fidaa. Rabbiin gaditti nama
dandeessan [gargaarsaf] waamadhaa.” Suuratu Yuunus 10:38
Qur’aanni kuni Rabbiin irraa ta’uu yoo shakkitanii fi sobaan, “Muhammadtu
ofirraa fuudhee dubbate” yoo jettan, isinis suurah akka Qur’aanaa takka fidaa.
Namaa fi jinnii irraa gargaarsaaf nama dandeessan waamadhaa.
Ammas, Qur’aana keessatti bakka biraatti dubbii kana jabeessuf ni jedha:
“Waan Nuti gabricha keenya irratti buufne irraa shakkii keessa yoo taatan,
suurah akka isaa tokko fidaa. Dhugaa kan dubbattan yoo taatan, Rabbiin
ala ragoota (deeggartootaa fi gargaartota) keessan waamadhaa.”Suuratu Al-
Baqarah 2:23
Mushrikoonni fi namoonni biroo suurah Qur'aana fakkaatu gonkumaa fiduu hin
dandeenye. Kanaafu, affeerraa isaaniif dhiyaate hojjachuu erga dadhabanii, ilmi
namaatii fi Jinnin wanta Qur’aana fakkaatu fiduu hin danda’anii jechuudha.
Akkuma irranatti arginu, gargaarsaf nama dandeessan waamadhaa, ragoota
waamadhaa jedha. Kanaafu, wanta akka Qur’aanaa fiduuf namoonni fi jinnooni
osoo walitti qabamani, fiduu hin danda’an. Ni jedha:
ئن ﴿ نس ٱ جتمعت ٱقل لذ ن ٱو ل ذا ل توا بمثل ه
ن يأ
أ لقرءان ٱلع ت
ون ل يأ ﴾٨٨ولو كن بعضهم لعض ظهريا ۦبمثله
Jedhi, “Osoo ilmi namaatii fi Jinnooni fakkaataa Qur’aanaa fiduu irratti
walitti qabamanii, osoo gariin isaanii gariif gargaaraa ta’aniyyuu, fakkaataa
isaa fidu hin danda’an.” Suuratu Al-Israa 17:88
Namoonni fi jinnooni hundi erga dadhabanii, Qur'aanni Rabbiin irraa bu’uun
shakkii hin qabu jechuudha. Ni jedha:
141
ذا ﴿ ن ٱوما كن ه ى من دون لقرءا ن يفت
ٱأ كن تصديق للذ يٱول بي لذب ٱيديه وتفصيل لكت ب لمي ٱل ريب فيه من رذ ﴾٣٧لع
“Qur’aanni kuni Rabbii gaditti kan sobaan uumamu hin taane. Garuu
dhugoomsaa [kitaabota] isa dura turanitii fi addeessa kitaabati. Gooftaa
aalama irraa ta’uun shakkiin isa keessa hin jiru.” Suuratu Yuunus 10:37
“Qur’aanni kuni Rabbii gaditti kan sobaan uumamu hin taane.” Kana
jechuun namas ta’e, jinnis ta’e, Malaaykas ta’e eenyullee Rabbiin ala Qur’aana
kana barreessun ykn ofirraa fuudhe dubbachuun ergasii “Kuni Rabbiin irraa bu’e”
jechuu hin danda’u.66 Sababni isaas, uumamtoota keessaa eenyullee wanta akka
Qur’aana fiduu hin danda’u. Qur’aanni wanta darbe, wanta ammaa fi wanta gara
fuunduraatti dhufuu of keessaa qaba. Rabbii waan hundaa beekun ala eenyutu
waan darbe, amma fi gara fuunduraatti dhufu hunda beekaa? Kanaafu, Qur’aanni
kuni kalaama (dubbii) Rabbii olta’aa fakkaata hin qabneeti. Akka mushrikoonni
jedhan dubbii nabii Muhammadi (SAW) miti. Ammas akka gareewwan biroo
jedhan, dubbii Malaykaa Jibriili miti. Qur’aanni kuni dubbi ykn jecha nama
kamiyyuu ta’uu hin danda’u.
“Garuu dhugoomsaa [kitaabota] isa dura turanitii” kana jechuun Rabbiin ala
eenyullee Qur’aana kana ofirraa fuudhee dubbachuu ykn barreessu hin danda’u.
Garuu Gooftaa aalamaa irraa kan bu’eedha. Dhugaa kana wanta agarsiisu keessaa
tokko, kitaabban darban kan Rabbiin irraa bu’an akka Nabii Muhammad (SAW)
ergamuu fi Qur’aanni isarratti buufamu beeksisanii fi gammachiisanii turan.
Akkuma kitaabban sunniin (Tawraat, Injiil) beeksisan Qur’aannis ni bu’e. Ammas,
Qur’aanni kitaabban darban kanniin keessatti wanta abbootin amanti jijjiran,
micciranii fi dhoksan ifa baasa.67
“fi addeessa kitaabati.” Hayyoonni kanaaf hiika lamaa kennanii jiru. 1ffaa-
Qur’aanni kitaabban darban ibsa. Wanta isaan keessatti haala wali-galaatin dhufe
Qur’aanni takka takkaan ibsa. 2ffaa-Dirqamoota Rabbiin ummata Nabii
Muhammad (SAW) irratti katabee fi wantoota haraama dhoowwe ibsa. Haraama
fi halaala, murtiwwan amantii fi odeefannoo dhugaa addeessa (ibsa).68
66 Ma’aarij tafakurri wa daqaa’iqu tadabburi 10/119, Tafsiiru Qurxubii-10/503 67 Ma’aarij tafakurri wa daqaa’iqu tadabburi 10/120, Tafsiiru Sa’dii 418 68 Maddoota olii, Tafsiiru Qurxubii-10/503
142
“Gooftaa aalama irraa ta’uun shakkiin isa keessa hin jiru.” Asitti aalama
jechuun Rabbiin ala wantoota jiran hunda jechuudha. Hiikni aaya: Qur’aanni
kuni Rabbiin irraa bu’uun shakkiin keessa hin jiru. Qur’aanni jecha Rabbii
olta’aati. Bakka biraattis ni jedha:
“Buufamuun Kitaabichaa (Qur’aanaa) Gooftaa aalama irraa ta’uun
shakkiin isa keessa hin jiru.” Suuratu As-Sajdah 32:2
Qur'aanni Rabbii olta'aa irraa erga buufamee, "Akkamitti Nabiyyii (SAW) irratti
buufame?" gaafii jedhuuf, dabalataan kitaaba "Akkaataa Qur’aanni itti
buufamee fi Walitti Qabame" ilaalun ni danda'ama.
143
Da’watti Duuluuf Tooftaalee Mushrikoonni Fayyadaman Mushrikoonni osoo wanta biraa irratti tokkichoomu baataniyyuu ergaa Islaamaa
ukkamsu irratti tokko ta’anii jiru. Ergaan Islaamaa kuni wallaalummaa isaanii
qullaa taasise, hanqinna wantoota isaan gabbaran ifa baase, yaada dogongoraa fi
doofummaa isaanii ifatti labsee. Ergaan Islaamaa akka hin babal’anneef yaali
baay’ee godhan. Yaaliwwan kanniin keessaa mee muraasa isaanii haala armaan
gadiitiin haa ilaallu:
1-Qureeshonni Abu Xaalibin Nabiyyii (SAW) gargaaru fi eegu irraa
fageessuf yaalu Abu Xaalib abbeeraa Nabiyyii (SAW) waan ta’eef Nabiyyii ni gargaaraa fi eegaa
ture. “Gaafa tokko Qureeshonni gara Abu Xaalibitti dhufanii akkana jedhaniin:
Ilmi obboleessa keeti kuni iddoo walitti qabamnu fi Masjiida keenya keessatti azaa
nu godhee jira. Kanaafu, isa nurraa dhoowwi. Abu Xaalibis ni jedhe: Ilmaan
abbeerota keeti kunniin iddoo isaan walitti qabamanii fi masjida isaanii keessatti
akka azaa gootu odeessu. Isaan azaa gochuu dhiisi.” Nabiyyiinis (SAW) gara samii
ija ofii olkaasun akkana jedhe, “Aduu tana argitanii?” Isaanis ni jedhan, “Eeyyen.”
Nabiyyiinis ni jedhan, “Osoo aduu tana irraa laboobaa qabsiiftaniyyuu da’waa
kana isinirraa dhiisu hin danda’u.” Gabaasa biraa keessatti, “Yaa abbeeraa koo!
Rabbiin kakadhe, dhimma kana akka dhiisuuf osoo aduu harka mirgaa kiyya irra,
ji’a immoo harka bitaa kiyya irra kaa’anii, hanga Rabbiin ifa baasutti dhimma kana
hin dhiisu.” 69 Abu Xaalibis ni jedhe: Ilmi obboleessa kiyyaa gonkumaa hin
kijibne. Kanaafu haala gaarii ta’een deebi’aa.”70 Qureeshonni Nabiyyii (SAW)
karaa maatitiin dhiibbaa uumuu yaali baay’ee goote. Garuu yaalin hundi ni
fashalaa’e.
Dhimmi Abu Xaalib ilma obboleessa isaa eegu fi isa gargaaru irratti jabaachuun
ni cime. Kuni Qureeshota irratti yaaddo, hinaafi fi mala baasu dabale. Gama
isaanitiin abdii kutuun yaali biraa akka yaalan isaan taasise. Dargaggeessa maqaan
isaa Umaarah bin Al-Waliid bin Mughiirah jedhamu qabachuun gara Abu Xaalib
deeman. Abu Xaalibin ni jedhan: Yaa Abu Xaalib kuni Umaarah bin Waliid.
Qureeshota keessatti dargaggeessa hundarra humna qabuu fi bareedaa ta’eedha.
Isa fudhadhu, si gargaaraati. Yoo ajjeefame immoo gumaan kee ta’a. Akka ilmaatti
godhadhu, inni keeti. Ilma obboleessa keeti immoo nuuf kenni. Inni amanti keeti
fi abbooti keeti faallesse, ummata kee bittineesse, yaada fi ilaalcha keenya akka
doofummaatti ilaale. Kanaafu, isa haa ajjeesnu. Dhiira dhiiran waan ta’eef inni
69 Siiratu Nabawi-188, Abul Hasan Al-Nadawi 70 As-Siiratu Nabawiyyati–fuula 131, 143-145, Alii Muhammad Sallaabi, Noble Life of The
Prophet [English] 1/381-386
144
homaayyu miti.” Abu Xaalibis ni jedhe, “Rabbiin kakadhe! Daldalli isin naaf
dhiyeessitan ee fokkate! Ilma keessan naaf kennitani ani isiniif isa qallaba. Ani
immoo ilma kiyya isiniif kennee, isin isa ajjeeftu. Rabbiin kakadhe! Kuni
gonkumaa waan hin taanedha.”
Dhugumatti namni Nabiyyi eeguu fi gargaaruuf dhiirummaa Abu Xaalib qabu
argee ni dinqisiifata. Abu Xaalib gahuumsa ofii gahuumsa ilma obboleessa isaa
Muhammad (SAW) waliin hidhaa cimaa hidhe. Hogganaa bani Haashim waan
ta’eef Rasuula gargaaruuf du’aa fi jiruu irratti banii Haashimii fi bani Muxxalib
bakka tokkotti tokkichoomse. Ilma obboleessa isaatiif eeggumsa guddaa
homaayyuu hin fudhannee godheef. Miseensa maatii keessaa namni isaan waliin
tokkichoomu dide Abu Lahab abaarramaa badiin isaa Qur’aana keessatti
ibsameedha.
Yommuu Abu Lahab Nabiyyii (SAW) arrabsu, Hamzaan isatti bahuun xiyya
isaatin Abu Lahabin madeesse. Akkana jedheen: Ani osoo amanti isaa irra jiru
Muhammadin arrabsitaa? Yoo dandeessa san (xiyya) deebisi.”
2-Ergaa Nabiyyii (SAW) Maqaa xureessu Yeroo waqtiin hajjii gahuu namoonni ergaa Islaamaa akka hin fudhanneef,
nabiyyi maqaa xureessu jalqaban. Kutaa darbe keessatti maqaa nabiyyiif baasu
qaban Waliid ibn Mughiirah waliin akka mari’atan ilaalle turre. Marii isaanii
duubatti deebi’uun ilaalun ni danda’ama:
https://www.sammubani.com/2019/09/23/siiraa-lakk-16/#more-11590
3-Rakkinnaa fi azaa Nabiyyii (SAW) irra gahee Nabiyyiin (SAW) urga ergaa Islaamaa ifatti baasu jalqabe irraa kaasee hanga gara
Madiinaa godaanutti Qureeshonni isa azaa gochuu fi rakkisuu irraa hin
dhaabbannee. Kanaafi, aayaanni Qur’aanaa yeroo san bu’an Nabiyyii (SAW) akka
obsuu fi abdi hin kunne ajaju. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) ni jedha:
ما يقولون و صب ٱو ﴿ ﴾١٠هجرا جيل هجرهم ٱلع
“Wanta isaan jedhan irratti obsi, fageenya gaarii isaan irraa fagaadhu.”
Suuratu Al-Muzzammil 73:10
Aayah tana keessatti, mushrikoonni wallaaltonni sanama gabbaran, arrabsoo isa
arrabsanii fi azaa isaanii irratti nabiyyiin (SAW) akka obsu ajaja. Gowwootaa fi
wallaaltota waliin walitti nyakkisuu osoo hin ta’in haala gaariin akka irraa fagaatus
ni ajaja.
145
Ammas aayah biraa keessatti ni jedha:
را صب ٱف ﴿ و كفو
ا أ ك ول تطع منهم ءاثما كم رب ﴾٢٤ل
“Murtii Gooftaa keetitiif obsi. Isaan keessaa nama badii hojjataa yookiin
kafaraa ta’eef hin ajajamin.” Suuratu Al-Insaan 76:24
Murtiin Rabbii takkaa qormaata fi balaa namatti bu’u ta’a, takkaa immoo
murtiwwan (hukmiwwan) shari’aa ta’a. Azaan Mushrikoota irraa Nabiyyii tuqu
qormaata waan ta’eef kana irratti obsa barbaachisa. Ammas, ergaa Islaama
ummatatti geessun, salaata salaatu fi dirqamoonni Islaama biroo obsa guddaa
barbaadu. Kanaafu, kana hundarratti obsi. Namoonni ergaa Islaama faalleessan
hawaasa keessaa waan hin dhabamneef, “nama badii hojjataa yookiin kafaraa
ta’eef hin ajajamin.” Namoonni badii hojjatanii fi kaafironni badii akka
raawwatan ykn Islaama akka hin hordofne waan ajajaniif, isaaniif ajajamuun badii
malee homaa hin fidu.
Akka fakkeenyatti azaa fi rakkinna Nabiyyii (SAW) muudate muraasa isaanii
haala armaan gadiitiin dhiyeessun ni danda’ama:
1-Gaafa tokko Abu Jahl miseensota Qureeshota keessaa namoota muraasan ni
jedhe: Muhammad isin jidduutti biyyee irratti ni sujuudaa?” Isaanis ni jedhan,
“Eeyyeen.” Innis ni jedhe, “Laati fi Uzzaan kakadhe, isaa kana hojjatu yoo argee,
morma isaatirra ijjadha.” San booda osoo nabiyyiin (SAW) salaatu morma
isaatirra ijjachuuf itti dhufe. Abu Jahl yommuu Nabiyyitti dhiyaatu homaa hin
turre duubatti jedhe dheessu malee. Osoo Nabiyyi bira hin gahin nahee duubatti
deebi’e. Isaan ni jedhame, “Maal taate?” Innis ni jedhe, “Dhugumatti, anaa fi isa
jidduu bolloo ibiddaa, wanta rifachiisaa fi koolatu jira.” Nabiyyiin (SAW) wanta
gaafa san ta’e akkana jechuun ifa baasan, “Osoo natti dhiyaate silaa
Malaaykonni kutaa kutaan isa cicciruu turan.”
2-Abdullah ibn Mas’uud akka gabaasetti, Osoo Nabiyyiin (SAW) Ka’abaa biratti
salaatu gareen Qureeshotaa walitti qabamuun isaan keessaa tokko akkana jedhe:
“Gara nama agarsiisaaf salaatu kana hin argitanii? Isin keessaa eenyutu Jazuura
(gaala qalmaaf dhiyaatte) warra ebalu bira deemun macaree, dhiigaa fi garaa irraa
wanta hafee fidaa? Ergasii yommuu inni sujuudu ceeku isaa lamaan jiduu irra
kaa’a. Isaan keessaa namni hundarra gadhee ta’e hojii fokkuu kana hojjachuf ka’e.
Yommuu Ergamaan Rabbii (SAW) sujuudan macaree fi dhiiga gaalaa fidee ceequ
lamaan jidduu kaa’e. Nabiyyiinis (SAW) akkuma sujuudetti ture. Namoonni hojii
kana hojjatan immoo kolfa irraa kan ka'e gariin garii irratti hanga kufanitti ni
146
kolfan. Namni wayii Faaximah biraan darbee [gocha kana itti hime]. Faaximaan
yeroo san mucayyoo xiqqoo turte. Ishiinis fiigaa dhufte. Hanga ishiin isa irraa
darbitutti Nabiyyin akkuma sujuuda bu’etti ture. Ishiinis mushrikoota gadhee
kanniin arrabsutti qajeelte. Nabiyyiin (SAW) yommuu salaata xumuru ni jedhe,
“Yaa Rabbii! Qureeshota adabii.” (si’a sadii jedhan). Ergasii tokkoon tokkoon
maqaa dhayee: “Yaa Rabbii! Amr bin Hishaam (Abu Jahl), Utbah bin Rabi’ah,
Sheybah ibn Rabi’ah, Waliid ibn Utbah, Umayyah ibn Khalaf, Uqbah ibn Abi
Mu’iix fi Umaarah ibn Waliid adabi.” Abdullah ibn Mas’uud ni jedha, “Rabbiin
kakadhee! Namoota armaan olitti maqaan isaanii dhayamee Guyyaa lola Badrii
dhayamanii ajjeefaman. Ergasii Al-Qaliibitti harkifaman. Al-Qaliib biiri (boolloo
gadi fagoo) Badriiti. Ergasii Ergamaan Rabbii (SAW) ni jedhan, “Warri Qaliib
abaarsaan hordofaman.” (Kuni tarii Du’aayi Nabiyyiin isaanitti godhan ta’uu
danda’a.) (Sahiih Al-Bukhaari 520)
Gabaasni biraa akka addeessitu namni macaree gaalaa nabiyyii irratti darbee
Uqbah ibn Abi Mu’iix. Namni hojii fokkuu kana akka hojjatu itti kakaase immo
Abu Jahl. Gareen Qureeshota du’aayin nabiyyii (SAW) dhiibbaa isaan irratti fide,
dhimmichi baay’ee isaan irratti ulfaate. Sababni isaas, du’aayin Makkaan keessatti
akka qeebalamtutti ilaalu.
3-Matootin Qureesha walitti qabamuun Nabiyyii (SAW) rukutuu- gaafa tokko
matootin Qureeshaa Ka’abaa cinaatti walitti qabamuun waa’ee Nabiyyii (SAW)
haasawan. Ni jedhan, “Dhimma namticha kanaa irratti obsuu caalaa dhimma obsa
guddaa gaafatu gonkumaa hin argine. Yaada fi ilaalcha keenya akka doofummaati
ilaale, wanta gabbarru ni arrabse. Dhugumatti isa irraa dhimma guddaa irratti
obsinee jirra.” Osoo isaan haala kana keessa jiranu, Rasuulli (SAW) isaanitti bahe.
Akka namni tokkichi utaalutti utaalani isa marsan. Akkanas jedhaniin, “Akkana
akkana kan jedhu sihi.” Innis ni jedhe, “Eeyyeen, anatu akkas jedha.” Ergasii isaan
keessaa namtichi tokko [nabiyyiin loluuf] uffata isaa qabe. Ergasii Abu Bakr
dhufee nabiyyii fi isaan jidduu dhaabbate. Abu Bakris booyaa akkana jedhe,
“Nama ‘Gooftaan kiyyaa Allah dha’ waan jedheef ajjeeftu sila?”
4-Abbeeran Nabiyyii Abu Lahab namoota hunda caalaa diina Nabiyyii (SAW)
ture. Niitin Abu Lahab ummu Jamiilis isaaf diina guddoo turte. Hariiroo Nabiyyii
fi namoota jidduu jiru balleessuuf oduu oli gadi guurti, karaa inni irra deemu irra
qoree keetti. Balbala isaa irratti balfa (koshaasha) gatti. Abu Lahabi fi ishii
ilaalchise suuraan Qur’aanaa ni bu’e:
147
“(1)-Harki lamaan Abu Lahab badan, innis bade. (2)-Qabeenyi isaatii fi wanti
inni hore isa hin fayyanne. (3)-Ibidda [bobayaa] laboobaa qabdu ni seena. (4)-
Niitin isaas baadhattu qoraanii tan taate [ibidda ni seenti]. (5)-Morma ishii
irra haada quunce teemira irraa ta’etu jira.” Suuratu Al-Masad 111:1-5
Yommuu waa’ee ishiitii fi jaarsa ishii ilaalchisee Qur’aana irraa wanta bu’e
dhageessu, Ka’aba biratti gara Nabiyyii (SAW) dhufte. Abu Bakr Nabiyyii waliin
Ka’aba bira taa’u ture. Umm Jamiil harka ishiitti dhagaa qabachuun isaan lamaan
bira dhaabbatte ni jettee, “Yaa Abu Bakr Saahibni (hiriyyaan) kee eessa jiraa?
Walaleesse akka na arrabsu na gahee jira. Rabbiin kakadhe, osoo isa arge dhagaa
kanaan isa rukutaa ture.” Ergasi garagaltee deemte. Abu Bakr ni jedhe: Yaa
Ergamaa Rabbii! Ishiin kan si hin argine ta’uu ni yaaddaa?” Nabiyyiinis ni jedhe:
Rabbiin na arguu irraa ishii dhoowwe jira.”
Abu Lahab jiruu isaa guutuu Islaaman loluuf fixe. Iddoo gabayaa, namoonni
walitti qabamanii fi yeroo hajjii yommuu Nabiyyin namoota Islaamatti waamu
Abu Lahab isa hordofuun dubbii isaa addaan kutaa fi arrabsaa ture.
Kunniin azaa fi rakkina muraasaa Qureeshonni Nabiyyii (SAW) dukkana keessaa
isaan baasuf dhufe irraan gahaniidha. Ibidda irraa akka baraaramanii fi dukkana
wallaalummaa fi shirkii keessaa akka bahaniif gara Islaamaatti isaan waama. Isaan
immoo rakkisuu fi azaa gochuun itti deebisu. Nama waan gaarii namaaf yaadu fi
waan gaaritti nama affeeru rakkisuu fi arrabsuun goowwummaa fi doofummaa
malee wanta biraa ta’uu danda’aa?
Barnoota Asirraa Baratamu
✂Namni Islaama qabate akkanumatti osoo hin rakkifaminii fi hin qoramin kan
hafu osoo hin ta'in, rakkooleen adda addaa isa qunnamu. Nabiyyii (SAW)
fakkeenya godhachuun obsuu qaba. Rakkoo fi balaan hangana hin jedhamne
nabiyyiitti ni bu'e. garuu san hunda obsaan dabarse.
✂Gowwoonni fi wallaaltonni yommuu nama arrabsan, akkuma isaan nama
arrabsan isaan arrabsu osoo hin ta'in, dubbii gaarii isaanitti dubbachuu yookiin
immoo guutumatti irraa garagalanii deemudha. Aayan Qur'aanaa jalqaba irratti
eerre kanumatti ajajji. “Wanta isaan jedhan irratti obsi, fageenya gaarii isaan
148
irraa fagaadhu.”
✂Humnoonni badii kaayyoo qabatan irraa duubatti nama deebisuuf yommuu
carraaqan ijjannoo qabaachu fi obsuun barbaachisaadha. Nabiyyiin (SAW)
akkana jechuun ijjannoo isaa ibse, “Yaa abbeeraa koo! Rabbiin kakadhe,
dhimma kana akka dhiisuuf osoo aduu harka mirgaa kiyya irra, ji’a immoo harka
bitaa kiyya irra kaa’anii, dhimma kana hin dhiisu.”
✂Namoonni har'a haqa malee nama rakkisan dhumarratti jazaa ofii ni argatu.
Namoonni Nabiyyii (SAW) irratti macaree gaalaa darban Guyyaa lola Badri
salphachuun boolloo tokko keessatti walitti guuraman.
Ergamaan Rabbii (SAW) namoota boollo kana keessatti darbamaniin ni jedhan,
"Wanta Gooftaan keessan waadaa gale dhugaa ta'uu argatanii? Wanta Inni anaaf
waadaa gale dhugaa ta'uu argadhee jira." Umar jecha nabiyyii (SAW) dhagayuun
ni jedhe, Yaa Ergamaa Rabbii tortaranii osoo jiranuu akkamitti dhagahanii deebii
deebisuu." Nabiyyinis ni jedhan, "Rabbii Harka Isaa nafseen tiyya jirtuun
kakadhe! Wanta ani jedhu isin isaan caalaa sirritti hin dhageessan. Garuu isaan
deebii deebisuu hin danda'an."
149
Azaa (Rakkoo) Nabiyyii (Saw) fi Sahaabota Irra Gahee
Nabiyyiin (SAW) ummata isaa keessatti rakkoo hangana hin jedhamne
qunnamanii jiru. Urga da’waa ifatti baase irraa jalqabee gowwoota Qureeshotaa
irraa azaan baay’een irra gahee jira. Iddoo isaan walitti qabaman biraan yoo
darbee, isaatti qoosu. Qishnaaf akkana jedhunii turan: Kuni ilma Abu Kabsha
samii irraa isatti dubbatamudha.” Isaan keessaa namni tokko Nabiyyii (SAW)
biraan darbuun qishnaaf akkana jedha: Har’a samii irraa sitti hin dubbatamnee?”
Dhimmichi qishnaa, qoosaa fi nafsee azaa gochuu irratti qofa hin gabaabbanne.
Inumaa gara qaama rakkisuutti darbe. Inumaa aduwwiin Rabbii Umayyah ibn
Khalaf hanga fuula Nabiyyii (SAW) irratti tufu gahe. Madinaatti godaanun boodas
ciminni azaa fi qormaataa hin dhaabbanne. Diinonni haarofti mul’achuun sarara
haarawa qabate. Yommuu Makkaan keessa ture san diinonni Qureeshota Makkaan
keessa jiran qofa yommuu ta’u, erga gara Madinaatti godaane booda
munaafiqoota, Yahuudota, Pershiyaa, Ruumota fi gareen biroo isaan waliin
gamtooman isaaf diinota ta’an. Makkaan keessatti azaan qishnaa, qoosa, rukuttaa
fi marsuu erga ta’ee booda Madiina keessatti immoo waraanan azaa gochuutti
qajeele. Dhugumatti, yeroo nabiyummaa fi jireenyi isaa guutuu keessatti
qormaanni fi balaan akka sansalataa kan walqabataniidha. Garuu Nabiyyiin
(SAW) karaa Rabbii keessatti wanta isa tuqeef hin dadhabne, abdis hin kunne.
Kana irra rakkoo hundaa obsan danda’ee dabarse.
Guddinna rakkoo Nabiyyiin (SAW) jireenya isaa keessatti danda’e eenyullee
yaadu hin danda’u. Kuni gatii ergaa inni baadhateen kan wal gituudha. Kanaafi,
Rabbii isaa biratti al-Maqaamal Mahmuud (dhaabbata faarfamaa) fi sadarka
ol’aanaa haqa godhate. Akkuma ummata darbanii adabbiin cimaan ummata isaas
akka hin tuqneef rakkoolee isa tuqan irratti ni obse. Akkasumas, daa’iwwan
fooyya’iinsa ummata keessatti fiduuf carraaqaniif fakkeenya gaarii ta’uuf azaa
kana hunda obsaan danda'e. Seera Rabbii subhaanahu wa ta’aalaa keessaa tokko,
nama sadarka isaa olkaasu yoo fedhe qormaata fi rakkoolee adda addaatin qora.
Qormaanni kunis isa qulqulleessu, jabeessu fi sadarkaa isaa olkaasufi. Abu Sa’id
Kudriyy akkana jechuun Nabiyyi (SAW) gaafate, “Yaa Ergamaa Rabbii! Namoota
hundarra eenyutu sirritti qoramaa?” Nabiyyiinis (SAW) ni jedhan, “Nabiyyoota,
ergasii hundarra gaarii kan ta’e, itti aanse hundarra gaarii kan ta’edha.
Gabrichi hanga amantii isaatiin qorama. Yoo amanti isaa keessatti jabaa ta’e,
qormaanni isaa akkasuma itti jabaata. Amanti isaa keessatti laafinni yoo
jiraate immoo, hamma amanti isaa irratti hundaa’e ni qorama. Qormaanni
150
gabricharratti bu’uu hin dhaabbatu hanga badiin isarra kan hin jirre ta’ee
dachii irra deemutti malee.” Sunan ibn Maajah 4023
(Kanaafi, namoonni gariin “amantii yoo sirritti qabadhe”, qormaanni natti jabaata
jechuun amanti laaffisu. Garuu kuni of gowwoomsudha. Qormaata addunyaa
xiqqoo tana jalaa dheessuun amanti gadi lakkisanii akkamitti azaaba Aakhirah
danda’uu? Qormaanni addunyaa gabaaba fi kan darbuudha. Garuu adabbiin
Aakhirah turaa fi jabaadha. Qormaata yeroo gabaaba irratti obsanii mindaa guddaa
argachuu fi azaaba Aakhirah jalaa nagaha bahuu wayya immoo amanti gadi
dhiisanii ykn laaffisanii azaaba Aakhirah turaa ta’eef of saaxiluu wayyaa?)
Azaa fi rakkisuu sahaabota Nabiyyii (SAW) qunname
1-Rakkoo Abu Bakr Siddiiq (Radiyallahu anhu) muudate Dhuguma, Muslimoota keessaa namoonni dararaa fi azaa Qureeshotaatiif baay’ee
saaxilamu sahaabota dadhaboo fi gabroota turaniidha. Garuu Muslimoonni
sadarka qabanii fi beekkamoo ta’anis dararaa kana jalaa hin baraaramne.
Dhugumatti Abu Bakr harka Qureeshota keessatti dararame jira. Mataa isaa irratti
biyyeen ni naqame. Siliparin Masjiid Harama keessatti ni rukutame. Du’aa fi jiruu
jidduu ta’e uffata isaatiin marame gara mana isaatti baadhatame. Aa’ishaan akka
gabaastetti, yommuu sahaabonni 39 Nabiyyii (SAW) biratti walitti qabaman, Abu
Bakr da’waa ifatti akka labsuu Nabiyyitti warwaate. Nabiyyinis (SAW) ni jedhan,
“Yaa Aba Bakr, nuti lakkoofsaan xiqqoodha.” Hanga Nabiyyiin (SAW) da’wa ifa
baasanitti fi Muslimoonni naannawa masjiidatti bittinaa’anitti Abu Bakr
warwaachu hin dhiisne. Nabiyyiin (SAW) taa’anii osoo jiranuu Abu Bakr
dhaabbate namootatti dubbachuu jalqabe. Inni dubbataa jalqaba namoota gara
Rabbii fi Ergamaa Isaatti waamedha. Mushrikonni isa cal’isaan kan dhageefatan
osoo hin ta’in lafaa ol finciluun isaa fi muslimoota naannawa masjiidaa jiran
rukuttaa cimaa rukutuu jalqaban. Kopheen Abu Bakr irra ijjatan, haleellaa cimaa
haleelan. Namni faasiqni Utbah ibn Rabii’a isatti dhiyaachun kophee isaatin fuula
Abu Bakr rukutu jalqabe. Garmalee fuula isaatirra dhiigni gadi jigu irraa kan ka’e
fuulli isaa funyaan irraa addaan hin beeysisu.
Ergasi gosti Abu Bakr kan taate Bani Taym dhufuun Qureeshota isa miidhu irraa
ariite. Bani Taym Abu Bakrin hanga mana isaa galchanitti uffataan maranii
baadhatan. Ergasi Bani Taymi deebi’un Masjiida Haraam seenan. Ni jedhan,
"Rabbiin kakanne! Yoo Abu Bakr du’e dhugumatti Utbah ibn Rabii’a ni ajjeesna.”
Isaanis gara Abu Bakr ni deebi’an. Abu Quhaafah (abbaa Abu Bakr) fi Bani Taym
hanga deebii deebisutti Abu Bakrin dubbisuu jalqaban. Dhuma guyyaa irratti ni
dubbate, akkanas jedhe, “Ergamaan Rabbii (SAW) maal hojjate?” Gosti isaa kuni
151
Muslima waan hin taaneef wanta inni jedheef isa waqqasan. Ergasii haadha isaa
Ummu Al-Kheyrin ni jedhan: wanta nyaatamuu fi dhugamu mee barbaadi fidiif.”
Ummu Al-Kheyris akka nyaate dhugu isatti warwaatte. Inni garu deddeebisee,
“Ergamaan Rabbii maal hojjatee?” jedha. Ishiinis, “Rabbiin kakadhe, saahiba kee
ilaalchise wanti beeku hin jiru.” Innis ni jedhe, “Gara Ummu Jamiil bint Khaxxaab
deemun waa’ee isaa gaafadhu.” Haatis hanga Umm Jamiilin wal-qunnamtutti ni
deemte. Ni jette, “Abu Bakr waa’ee Muhammad bin Abdullah si gaafata.” Ummu
Jamiilis ni jette, “Ani Abu Bakris ta’e Muhammad ibn Abdullah hin beeku. Yoo
feete gara ilma keeti waliin haa deemnu.” Ishiinis ni jette, “Hayyee kaa.” Ergasii
ishii waliin ni deemte. Abu Bakr garmalee kan dhukkubsatu ta’ee argite. Ummu
Jamiilis itti dhiyaachun sagalee olkaaste akkana jette, “Dhugumatti, namoonni
kana sitti hojjatan namoota gadhee fi kufriiti. Rabbiin isaan irraa akka harka siif
baasu nan abdadha.” Abu Bakris ni jedhe, “Ergamaan Rabbii (SAW) maal
hojjatee?” Ishiinis ni jette, “Tuni haadha teeti [wanta nuti jennu] ni dhageessi.”
Abu Bakris haadha isaa ilaalchise homaa akka hin yaadne ishii tasgabeesse.
Ummu Jamiilis ni jette, “Inni nagaha jira.” Abu Bakris ni jedhe, “Eessa jiraa?”
Ishiinis ni jette, “Daarul Arqam (Mana Arqam)” Innis ni jedhe, “Rabbiin kakadhe
hanga Nabiyyii (SAW) bira deemutti nyaata hin nyaadhu, dhugaati hin dhugu.”
Ummu Al-Kheeyri fi Ummu Jamiil hanga dhimmoonni karaa irra jiran
qabbanaa’anitti isa ni tursiisan. Erga haalli qabbanaa’e fi tasgabbaa’e booda isaan
lamaan Abu Bakrin ofitti hirkisuun gara Daarul Arqamitti qajeelaniin. Akkuma
Nabiyyitti seensisaniin Nabiyyiin (SAW) gara isaatti fiigun isa dhungatan.
Muslimoonni biroos gara isaatti fiigan. Ergamaan Rabbii (SAW) mararfannaa
cimaa isaaf mararfatan. Abu Bakris ni jedhe: Haati fi abbaan kiyya siif haa
wareegaman yaa Ergamaa Rabbii! Rakkoon homaatu narra hin jiru wanta namni
gadheen suni fuula kiyya irra rukute malee. Tuni haadha tiyya ilma ishiitti tola
ooltedha. Ati nama barakaa qabuudha. Gara Rabbitti ishii waami, Rabbiinis akka
ishii qajeelchu kadhuuf. Tarii Rabbiin sababa keetin ibidda irraa ishii baraaru
danda’a.” Ergasii Nabiyyiin (SAW) Rabbiin ni kadhatan, ishiis gara Rabbiitti
waaman. Ishiinis ni Islaamofte. (Siiratu Nabawiyyati- Ibn Kasiir 1/439-441)
2-Bilaal (Radiyallahu anhuu) Azaa fi dararaan Mushrikoonni Nabiyyii fi sahaabota isaa irraan gahan guyyaa
guyyaan dabaluu fi dachaa ta’uu itti fufe. Keessumaayyu, gabroonni Islaamatti
seenan garmalee kan adabamanii fi azzabaman turan. Islaama irraa duubatti isaan
deebisuu fi namoota biraatiif fakkeenya akka ta’aniif garmalee isaan dararan.
Abdullah ibn Mas’uud ni jedha, “Namoonni jalqaba Islaama ifatti baasan torba.
Isaanis: Ergamaa Rabbii (SAW), Abu Bakr, Ammaar, haadha isaa Sumayyah,
Suheeyb, Bilaali fi Miqdaad. Rabbiin nabiyyii (SAW) sababa abbeeraa isaatiin
152
mushrikoota irraa isa eega. Abu Bakrin immoo sababa gosa isaatiin isa eege.
Garuu Muslimoota hafan biroo mushrikoonni uffata sibila irraa hojjatamee isaan
irratti uwwisuun aduu keessatti isaan baqsan. Bilaalin malee hundi isaanitu wanta
mushrikoonni isaan irraa barbaadan ni kennaniif. (Kana jechuun dirqamaan dubbi
kufrii akka dubbatan mushrikoonni isaan dirqisisan. Arrabaan haa dubbatanii
malee qalbiin isaanii iimaanan kan tasgabbaa’edha.) Bilaal nafsee isaa Rabbiif
jedhe dhabu akka dhimma salphaatti ilaale. Namoonnis nafsee isaatiif danta hin
kennine. Ijjoolletti kennanii karaa Makkaa keessaan naanna’aniin. Innis akkana
jechaa ture, “Ahadun Ahadun (Tokkicha, Tokkicha)” (Rabbiin Tokkicha, Isa
malee kan haqaan gabbaramu hin jiru.)
Bilaal maatii isa eegu, saayfi ittiin ofirraa dhoowwuun hin qabu ture. Hawaasa
wallaala Makkaa keessatti namni akkanaa tajaajiluu fi ajajamuu, akka horii
gurguramuu fi bitamuu malee hawaasa keessatti bakka homaatu akka hin qabnetti
ilaallama. Namni kuni ilaalcha mataa ofii qabaachu ykn nama yaada haarawa
burqiisisu ta’uu ykn abbaa da’waa ta’uun hawaasa jaahilliyya keessatti yakkaa
guddaa miilti Qureeshota itti sochootu fi hollattuudha. Garuu osoo mushrikoonni
akeekachisanu da’waan haarofti dargaggoonni itti fiigan kuni qalbii gabricha
gatamee fi dagatamee kana ni tuqe. Ergaan Islaamaa jiruu keessatti nama haarawa
gochuun isa baase. Amanti kanatti erga amanee fi Nabii Muhammadi fi
obboleeyyan iimaanaa isaatti erga dabalamee booda hundee qalbii isaa irraa hiikni
iimaana ni burqe. Ina kunoo amma, sababa amantii isaatiif azaaba (adabbii) adda
addaatiif saaxilamaa jira. Waziira Nabiyyii (SAW) kan ta’e Abu Bakr Siddiiq gara
bakka Bilaal itti azzabamuu deemun Umayyah ibn Khalafin akkana jedhe,
“Miskiina kana ilaalchisee Rabbin hin sodaattu? Hanga du’utti (azzabdaa)?”
Umayyaanis ni jedhe, “Kan balleesse sihi. Kanaafu wanta argitu keessaa nagaha
isa baasi.” Abu Bakris ni jedhe: Nan hojjadha. Ana bira gabricha gurraacha isa irra
cimaa ta’ee fi amanti kee irratti jabaa ta’etu jira. Isa siif kenna.” Innis ni jedhe,
“Fudhadhe jira.” Abu Bakris ni jedhe, “Inni keeti.” Abu Bakr siddiiqis gabricha
isaa umayyaaf kennee Bilaal fudhatee bilisa baase. Gabaasni biraa akka odeessutti
Abu Bakr Bilaalin Awaaqi torbaan ykn warqii awaaqi afurtamaan bite. (Awaaqi-
warqii safaruuf safara itti gargaaramaniidha).
Ee obse, ee jabaate Bilaal (radiyallahu anhu)! Islaama fudhachuu isaatiin nama
dhugaa ture. Kanaafi, ni jabaate, sodaachisaa fi adabbii adda addaatiif onneen isaa
hin laafne. Obsii fi gadi dhaabbanni (sabaanni) isaa wanta dallansuu Qureeshota
dabaluudha. Keessumaayyu Muslimoota dadhaboo keessaa nama tokkicha
Islaama irratti gadi dhaabbatee fi wanta mushrikoonni barbaadan kan isaaniif hin
kennineedha. Jecha kufrii isaan jedhi jedhaniin didee jecha tawhiida “Ahadun
Ahadun” jedhu deddeebise.
153
Qormaata hunda booda badhaasni ni jira. Bilaal azaaba fi rakkoo isatti roobe jalaa
ni bahe. Hidhaa gabrummaa jalaa bahuun jireenya hafe isaa Nabiyyii (SAW)
waliin jiraate. Nabiyyittis kan gammaduu fi Jannataan kan gammachiifame ta’ee
du’e. Gaafa tokko Nabiyyiin (SAW) Bilaalin akkana jedhan, “Dhugumatti ani
halkan edaa Jannata keessatti sagalee faana keeti of fuunduratti dhagahe.”
Sahiih Muslim 2458, Sahiih Al-Bukhaari 1149 Sahaabota birattis sadarkaan inni
qabu guddaa ture. Umar (radiyallahu anhu) akkana jechaa ture: Abu Bakr
hogganaan keenya hogganaa keenya bilisa baase.” “hogganaa keenya bilisa baase”
jechuun isaa "Bilaalin bilisa baase" jechuu isaati.
3-Rakkoo Ammaar ibn Yaasir, Abbaa isaatii fi haadha isaa irra gahee Abbaan Ammaar, Yaasir hundeen isaa Makkaan keessa osoo hin ta’in gosa Yaman
irraa Banu Anas jedhamtu keessaayyi. Yaasiri fi obboleeyyan isaa lamaan Haaris
fi Maalik obboleessa isaanii barbaaduf gara Makkaa dhufan. Haarisi fi Maalik gara
Yaman ni deebi’an, Yaasir immoo Makkaan keessa jiraataa ta’uun ture. Innis Abu
Huzeeyfah ibn Al-Mughiirah gosa Makhzuum irraa ta’e waliin ni gamtoome. Abu
Huzeyfaanis gabritti isaa maqaan ishii Sumayyah bint Khayyaax jedhamtu
Yaasiritti heerumsiise. Ishiinis Ammaarin ni deessef. (Akka gadaa duritti gabrittin
daa’ima yoo deesse, daa’imni kunis gabricha ta’a). Abu Huzeyfaan Ammaarin
bilisa erga baase booda homaa osoo hin turin ni du’e. Ergasii Islaamni ni dhufe.
Yaasir, Sumayya, Ammaari fi obboleessi isaa Abdullah ibn Yaasir Islaama keessa
seenan. Kan isaan bilisa baase bani Makzuum irraa waan ta’eef maatiin Yaasir
erga Islamaawanii booda, Banin Makhzuum adabbii gosa adda addaa isaan irratti
roobsu jalqabde. Yommuu aduun walakkaa samii irra geessee garmalee hoo’itu
gara ashawaa gammoojitti isaan baasun azzabu. Ergamaan Rabbii (SAW)
yommuu isaan azzaban isaan biraan darbuun akkana jedhuun, “Obsa yaa maatii
Yaasir, dhugumatti bakki isiniif waadaa galame Jannata.” Abu Jahl gara
Sumayyah dhufuun akkana ishiin jedhee, “Jaalala isaatiif malee Muhammaditti
wanta biraatiif hin amanne.” Sumayyanis jecha isarratti jabeessite waqqaste. Abu
Jahlis, qaama hormaata keessa xiyyaan waraanun ishii ajjeese. Sumayyaan
(radiyallahu anhaa) Islaama keessatti nama jalqabaa shahiida taatedha. Wanta
garmalee qaali ta’e, jireenya ishii ni wareegde. Haala kanaan Sumayyaan
wareegamaa fi gootummaa guddaa karaa Rabbii keessatti goote dabarte. Kuni
dubartoota Muslimaatiif fakkeenya gaarii kan ta’uudha. Ishiin erga duute booda
abbaan manaa ishiis Yaasir adabbii cimaa jalatti du’e.
Ergamaan Rabbii (SAW) maatii Yaasir gargaaru fi adabbi jalaa baraaruf dandeetti
hin qabu ture. Maatiin barakaa qabu kuni dhaloota dhufuuf fakkeenya gaarii akka
ta’uuf wanti inni gochuu danda’uu, Jannataan isaan gammachiisu, obsa irratti
isaan jajjabeessu fi isaaniif du’aayi gochuu qofaadha.
154
Ammaar immoo haadha fi abbaa isaa booda yeroo dheeraa adabbii gosa adda
addaa itti baadhatu jiraate jira. Inni garee dadhabdootaa maatii isaan eegu fi isaan
irraa dhoowwu hin qabne keessatti ramadama. Qureeshonni namoota dadhabdoota
kanniin akka amanti isaanii irraa duubatti deebi’aniif, walakkaa guyyaatiin
ashawaa garmalee hoo’a ta'e irratti isaan azzabu (adabu). Ammaar hanga wanta
jedhu hin beekne gahuutti azzabamaa ture. Mushrikoonni isa azzabuuf yommuu
qaban hanga nabiyyii (SAW) arrabsuu fi sanama isaan gabbaran wanta gaariin
faarsutti gadi isa hin dhiifne. Yommuu Ammaar gara Nabiyyii (SAW) dhufu,
Nabiyyiin haala badaa fuula isaa irraa yommuu argan maal akka ta’e gaafatan.
Ammaaris ni jedhe, “Sharriidha. Rabbiin kakadhee mushrikoonni gadi na hin
lakkisne (na azzabu hin dhiisne) hanga waa’ee kee ilaalchisee wanta badaa
dubbadhuu fi sanama isaan gabbaran immoo wanta gaariin kaasutti malee.”
Nabiyyinis (SAW) ni jedhan, “Qalbii tee akkamitti argattaa?” (Kana jechuun
yommuu isaan dirqamaan kana si jechisiisan qalbiin tee haala akkamii keessa
jirtii?). Ammaaris ni jedhe, “Iimaanan tasgabboofte jirti.” Nabiyyinis ni jedhan,
“Yoo isaan deebisan atillee deebisi.” (Kana jechuun qalbiin tee iimaanan tan
tasgabboofte yoo taate, lubbuu tee baraaruf wanta isaan dirqiin si jechisisan jedhi.)
Dhugummaa Ammaar wanti mirkaneessu Aayan Qur’aana ni buute:
“Qalbiin isaa iimaanan tasgabboofte osoo jirtu nama dirqisiifamee malee,
amanuu isaa booda namni Rabbitti kafaree fi kufriif qoma isaa bal’ise,
Rabbiin irraa dallansutu isaan irra jira, isaaniif azaaba (adabbii) guddaatu
jira.” Suuratu An-Nahl 16:106
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa haala fokkataa nama erga amanee booda kafaree
dubbata. Namni kafare kuni haqa erga argee booda irraa jaame, erga dhagahee
booda duudaa ta’e, erga qajeele booda jallinnatti deebi’e. Kufriif qoma ofii
bal’isee. Kana jechuun kufritti ni gammade. Namoota akkanaa, Gooftaa Rahiim
ta’e irraa dallansu cimaa ta’etu isaan irratti bu’a. Akkasumas, azaaba garmalee
guddaa fi cimaa ta’etu isaaniif jira. Sababni erga amananii booda akka kafaran
isaan taasise, “Aakhirah caalaa jireenya addunyaa waan jaallataniifi” Suuratu
An-Nahl 16:107
Addunyaa gabaabdu fi biliclicii ishii dharra’uun, kheeyri Aakhirah immoo dhiisun
Islaama irraa duubatti deebi’an. Yommuu isaan iimaana irra kufrii jaallatan,
155
Rabbiin qajeelcha isaan dhoowwate, isaan hin qajeelchu. “Dhugumatti, Rabbiin
namoota kaafira ta’an hin qajeelchu.” Erga amananii booda gara kufriitti
deebi’un amalli isaanii kufrii (waakkachuu fi haqa fudhachuu didu) kan ta’e
Rabbiin hin qajeelchu.71
Garuu namni kana keessa hin seenne, nama qalbiin isaa iimaanan tasgabboofte
osoo jirtuu, jecha kufrii akka dubbatu dirqisiifameedha. Kana jechuun qalbiin isaa
iimaana irratti kan gadi dhaabbattee fi hin jijjiramne taatee osoo jirtu arraba qofaan
jecha kufrii irratti dirqisiifame san yoo jedhe, kuni homaa rakkoo hin qabu. Garuu
iimaama (hogganaa) namoonni baay’een hordofan yoo ta’e, jecha kufrii osoo
dubbatu baate isaaf wayya. Kanaafi, imaamu Ahmad waa’ee Qur’aanatiif yommuu
qoramu, namoonni isa waliin jiran, “Jecha kufrii kana jette maaliif lubbuu tee hin
baraarre” jedhaniin. Garuu inni namoonni isa hordofan baay’ee waan ta’aniif jecha
kufrii dubbachuu didee adabbii irratti obse. Sababni isaas, namoonni isa hordofuun
jecha kufrii jedhu. Kuni immoo miidhaa guddaa fida. Gama biraatin, namni
hordoftoota baay’ee kan hin qabne yoo ta’e, jecha kufrii jedhee lubbuu ofii baraaru
danda’a. Garuu qalbiin isaa iimaanan tan tasgabboofte ta’uu qabdi. Akka
fakkeenyaatti, Ammaar ibn Yaasir fudhachuu dandeenya. Qalbiin isaa iimaanan
tan tasgabbooftedha. Lubbuu ofii baraaruf jecha kufrii irratti dirqiisifame arraba
qofaan dubbate. Kuni homaa rakkoo hin qabu. "Qalbiin isaa iimaanan
tasgabboofte osoo jirtu nama dirqisiifamee malee"
Namni erga amanee booda kafaree fi qalbii isaatiin kufrii jaallatee fi itti gammade,
adabbiin isaa xiqqaa miti. Akka nama Islaaman booda peenxe ta’ee. Rabbiin
subhaanahu wa ta’aala kana irraa nu haa tiiksu. Namoota akkanaa adabbii isaanii
itti fufuun ni jedha:
“Warri suni kanneen Rabbiin qalbii isaanii, dhageetti isaanii fi argituu isaanii
irratti cufeedha. Isaan sun gaafiloota. Aakhiratti isaan kasaartota akka ta’an
shakkiin hin jiru.” Suuratu An-Nahl 16:108-109
71 Tafsiiru Sa’dii-fuula 523
156
Yommuu isaan kufrii filatan, qalbii, dhageetti fi argituu isaanii irratti Rabbiin ni
cufe. Kheeyrin isaanitti hin seenu, wanti isaan fayyadu isaan keessatti hin lixu.
Gaflaan isaan haguuge.72 Gaflaa jechuun wanta tokkotti xiyyeefannoo itti kennuu
dhiisudha. Erga amananii booda waan kafaraniif, ammas Aakhiratti wanta mindaa
guddaa isaaniif argamsiisuu fi adabbii jalaa isaan baasu xiyyeefannoo itti kennanii
waan hojjachuu dhiisaniif, “Aakhiratti isaan kasaartota akka ta’an shakkiin
hin jiru” Kasaaru jechuun wanta tokko dhabuu fi balleessudha. Namoonni
kunniin yommuu mindaa guddaa dhabanii fi nafsee ofii adabbiif saaxilan kasaaraa
guddaa kasaaranii jiru. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kufrii kasaaratti nama
geessu fi kasaaraa Guyyaa Sanii irraa nu haa tiiksu.
Sababni aaya tana daran ibsuu barbaanneef, namni rakkoo Bilaali fi Ammaar
dabarsan ilaaluun iimaana irratti akka jabaatufi. Namoonni kunnin rakkoon isaan
qunname garmalee haa guddatuyyuu malee taakku takka Islaama irraa duubatti hin
deebine. “Nama osoo rakkoon hin qunnamin Islaama irraa duubatti deebi’e,
adabbiin isaa akkam ta’inna ree laata?” jedhee namni tokko gaafachu danda’a.
Aayaanni armaan olii adabbii kana ni ibsu. Kanaafu, kuni dargaggoota keenyaf
qabeenyaa fi hasaasa peenxetin gowwoomun akka of hin kasaarsine yaadannoo fi
akeekachiisa cimaa ta’a.
4-Sa’d ibn Abi Waqqaas (radiyallahu anhu)
Sa’d immoo haadha isaa kaafira taaten qorame. Hanga amanti ishiitti deebi’utti
nyaataa fi dhugaati ni didde. Ibn Kasiir ni jedha, “Xabaraanin kitaaba “Al-
Ashrata” jedhu keessatti ni jedha: Sa’d aayan tuni isa ilaalchiste akka buute ni
dubbata:
“Yoo isaan lamaan waan beekumsa itti hin qabne akka Natti qindeessituuf
sitti qabsaa’an, isaaniif tole hin jedhin. Addunyaa keessatti haala gaariin
isaan waliin jiraadhu. Karaa nama gara Kiyya deebi’ee hordofi. San booda
deebiin keessan gara Kiyya, ergasii waan isin hojjataa turtan isinitti hima.” Suuratu Luqmaan 31:15
72 Madda olii
157
Sa’d ibn Abi Waqqaas ni jedha: Ani nama haadha tiyyaaf tola oolu ture. Yommuu
ani Islaama keessa seenu, haati tiyya ni jette, Yaa Sa’d! Amantiin haarofti ati
qabatte kuni maaliidhaa? Takkaa amantii kee kana ni dhiista takkaa immoo ani
hanga du’utti hin nyaadhu, hin dhugu. Ergasi yoo ani du’e, sababa kiyyaan ni
salphatta. “Yaa haadha ofi kan ajjeese” jedhama. Ani ni jedheen: Kana hin hojjatin
yaa haadha koo! Ani homaafiyyuu jedhee amanti kiyya kana hin dhiisu. Guyyaa
tokko fi halkan tokko osoo homaa hin nyaatin turte. Dadhabdu taate ni bariisifatte.
Ammas, guyyaa fi halkan itti aanu osoo homaa hin nyaatin ni turte. Dadhabdu
taate ni bariisifatte. Ammas, guyyaa fi halkan itti aanu osoo homaa hin nyaatin ni
turte. Garmalee tan dadhabdu taate bariisifatte. Yommuu kana argu ani ni jedhe:
Yaa haadha koo! Ni beekta, Rabbiin kakadhe! Osoo ati nafsee dhibba (100)
qabaatte, nafseen hundi takka takkaan si keessaa baate, amanti kiyya kana
homaafiyyuu jedhee hin dhiisu. Yoo feete nyaadhu, yoo feete immoo hin nyaatin.
Ergasii ishiinis ni nyaatte.” (Tafsiir Ibn Kasiir 3/446)
Imaamu Muslim (Sahiih 1748) keessatti akka gabaasetti, Haati Sa’d hanga
kafaruutti akka gonkumaa isa hin dubbisne, hin nyaannee fi hin dhugne ni kakatte.
Akkana isaan jette: “Rabbiin haadha abbaaf tola oolu dhaama” jechuun odeessita.
Ani haadha teeti, anis wanta kanatti si ajaja (kana jechuun akka Islaama irraa
duubatti deebitu si ajaja).” Sa’d ni jedhe: Dadhabbii irraa kan ka'e hanga
gaggabdutti guyyaa sadii ni turte.” Mucaan ishii Umaarah jedhamu gara ishii
deemun wanta dhugamu kenneef. Sa’din abaaru jalqabde. Ergasii Rabbiin
Qur’aana kabajamaa keessatti aayata tana buuse:
ينا ﴿ وصذ ن ٱو نس ل هداك لتشك ب ما ليس لك به إون ج يه حسنا ل ۦبوما كنتم تعملون نب ئكم ب
إلذ مرجعكم فأ ﴾٨علم فل تطعهما
“Haadha abbaa isaatti tola oolu namaaf dhaamne jirra. Wanta beekumsa itti
hin qabne akka Natti qindeessituuf yoo sitti qabsaa’an, isaaniif tole hin
jedhin. Deebiin keessan garuma Kiyya, wanta hojjataa turtan isinitti hima.”
Suuratu Al-Ankabuut 29:8
Ammas aayah suuratu Luqmaan armaan olitti kaasne buuse: “Yoo isaan lamaan
waan beekumsa itti hin qabne akka Natti qindeessituuf sitti qabsaa’an,
isaaniif tole hin jedhin. Addunyaa keessatti haala gaariin isaan waliin
jiraadhu. Karaa nama gara Kiyya deebi’ee hordofi. San booda deebiin
keessan gara Kiyya, ergasii waan isin hojjataa turtan isinitti hima.” Suuratu
Luqmaan 31:15
158
Dhugumatti haati Sa’d qormaata cimaa isa qortee jirti. Garuu inni ni obse. Kuni
hangam iimaanni qalbii isaa keessatti akka gadi lixe agarsiisa. Hanga kana seena
Sa’d erga ilaalle hiikni aayaata armaan maal akka ta’an mee haa ilaallu:
Aayaanni lamaan armaan olii kunniin kan wal guutanii fi akka sansalataa kanneen
wal jajjabeessaniidha. Namni tokko akkana jechuun gaafachu danda’a, “Fitnaan
(qormaanni) cimaan sababa amantiitin nama tuqu gara kaafiroota fira hin taanee
irraa yoo namatti dhufe, wanti namarraa eeggamu obsaan hanga danda’an isaanitti
qabsaa’u fi ofirraa ittisuudha. Garuu fitnaan gara haadha abbaatin ykn isaan
lamaan keessaa tokkoon yoo ta’ee hoo akkam godhanii? Rabbiin immoo isaaniif
tola akka oolan ajaje jira.”
Gaafi kanaaf, deebiin gabaaban haala kanaan dhufe: “Haadha abbaa isaatti tola
oolu namaaf dhaamne jirra” kana jechuun ilma namaatiif haadha abbaa isaatiif
hojii fi dubbiin tola akka oolu ajajne jirra. Waan gaarii akka isaan lamaaniif hojjatu
dhaamnefi jirra.
“Wanta beekumsa itti hin qabne akka Natti qindeessituuf yoo sitti qabsaa’an,
isaaniif tole hin jedhin.” Anaaf shariika ta’uu isaa wanta hin beekne akka Na
waliin gabbartuuf (waaqefattuuf), haadhaa fi abbaan kee si dirqisiisuun ykn si
kadhachuun yoo sitti qabsaa’an, isaaniif tole hin jedhin, isaan hin hordofin. Yoo
kana keessatti isaaniif tole jettee isaan hordofte, kaafirota keessaa taata. Akkuma
mushrikoota biroo Guyyaa Murtii Jazaa kufrii keeti Jahannam keessa yeroo
hundaa turun argatta. Jechoota kana keessatti, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa
dhimma amantitiif beekumsi hundee akka ta’e ibsa. Ragaa sirrii ta’een wanti
beekumsi mirkaneessu, itti amanamu kan qabuudha.
Rabbiin waliin shariikni akka jiru ragaan beekumsa sirrii irratti hundaa’e hin jiru.
Inumaa shirkiin baaxila fi yaada sobaa sheyxaanni uume akka ta’ee ragaan
beekumsa sirrii irratti hundaa’e ni ibsa.73
Amma gara suuratu Luqmaan haa deebinu:
“Addunyaa keessatti haala gaariin isaan waliin jiraadhu.” Waan gaarii
isaanitti oolun, wanta badiin keessa hin jirre keessatti isaaniif ajajamuun isaan
waliin jiraadhu. Garuu isaan wanta badaa akka kufrii, shirkii fi wantoota Rabbiin
dhoowwe birootti yoo si ajajan, isaaniif tole hin jedhin, isaan hin hordofin.Laa
73 Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa'iqu tadabburi- 11/715
159
xaa’ata limakhluuqi fii ma’asiyatil Khaaliqi (Khaaliqa faallessanii uumamtotaaf
ajajamuun waan hin jirreef.)
“Karaa nama gara Kiyya deebi’ee hordofi.” Kuni namoota Rabbitti,
Malaykoota Isaatti, Kitaabban Isaatti, Ergamtoota Isaatti, Aakhiraatti fi Qadaratti
amananii fi Gooftaa isaanitiif ajajamanii fi gara Isaatti deebi’aniidha. Namoonni
kunniin Nabiyyootaa fi mu’mintoota (warra amananii) isaan hordofaniidha. Karaa
isaanii hordofuun kan ta’uu, qalbiin gara Rabbii deebi’uu fi qaaman wanta Isa
gammachiisu hojjachuun karaa isaan irra deemanirra deemudha. 74 Kanaafu,
karaan isaanii karaa qajeela Natti geessu waan ta’eef karaa isaanii hordofi. Bitaa
fi mirga karaa jallataa sheyxaanonni jinni fi namaa itti waaman hin hordofin. Karaa
jallataa yoo hordofte, adabbii guddaaf of saaxiltaati.
“San booda deebiin keessan gara Kiyya, ergasii waan isin hojjataa turtan
isinitti hima.” Kana jechuun jireenya addunyaa keessatti imala qormaataa fi erga
duutanii booda jireenyaa biraatti isin kaasa. Jireenya lammata tana keessatti
deebiin keessan gara qorannoo, murtii dabarsuu fi jazaa hojii irra oolchu ta’a.
Dhugumatti, jireenyi addunyaa tuni jireenya qormaatati. Jireenyi lammataa immoo
jireenya jazaati. Guyyaa Qiyaamaa jireenya qormaataa keessatti wanta
dabarsitaniif isin qorachuuf iddoo murtii Kiyya yommuu dhaabbattan, kheeyris
ta’ee sharrii irraa, Anaaf ajajamuu ta’ee Na faallessuu irraa wanta hojjattan hunda
isinitti hima.75
Jazaa (mindaa) namoota iimaana irratti gadi dhaabbatanii fi daandii qajeelaa
hordofanii suuratu Al-Ankabuut keessatti itti aanse ni jedha:
ين ٱو ﴿ ت ٱءامنوا وعملوا لذ لح هم ف لصذ لحي ٱنلدخلنذ ﴾٩لصذ
“Kanneen amananii fi hojii gaggaarii hojjatan, dhugumatti saalihoota
keessa isaan seensifna.” Suuratu Al-Ankabuut 29:9
Kana jechuun warroota iimaana dhugaa sirrii ta’ee irratti gadi dhaabbatan, fitnaan
(qormaanni) homaatu iimaana isaanii irraa kan isaan hin bunnee fi dhugaa iimaana
isaanii hojii gaggaarii hojjachuun kan ibsan, Guyyaa Murtii garee namoota
gaggaarii keessa isaan seensifna.76
74 Tafsiiru Sa’dii-761 75 Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa'iqu tadabburi- 11/718 76 Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa'iqu tadabburi- 15/228
160
Ibn Kasiir aaya tana ilaalchise ni jedha: [Abbaa fi haati kee] mushrikoota ta’anii
amanti [shirkii] isaanii akka hordoftuuf yoo sitti qabsaa’an, of eeggadhu, of haa
eeggatan, kana keessatti isaaniif tole hin jedhin. Guyyaa Qiyaama deebiin keessan
gara Kiyya. Isaaniif tola oolu keetii fi Islaama irratti obsuu keetiif mindaa siif
kafala. Osoo namoota hundarra addunyaa keessatti kan isaanitti dhiyaattu
taateyyuu, garee haadhaa abbaa keeti waliin osoo hin ta’in* saalihota (warroota
gaggaarii) waliin si kaasa. Guyyaa Qiyaamaa namni nama jaallatu waliin kaafama.
Kana jechuun jaalala amantiiti. Kanaafi Rabbiin olta’e ni jedha: “Kanneen
amananii fi hojii gaggaarii hojjatan, dhugumatti saalihoota keessa isaan
seensifna.”77
*Kuni abbaa fi haati kaafira yoo ta’aniidha. Abbaa fi haati kaafira ta’anii yoo du’an
garee kaafiraa waliin kaafamu. Ilmi mu’mina yoo ta’e immoo abbaa fi haadha irraa
addaan bahuun mu’mintoota waliin kaafama. Gama biraatiin abbaa fi haati
mu’mintoota yoo ta’an, garee mu’mintoota waliin kaafamu. Ilmis mu’mina yoo
ta’e isaan waliin kaafama.
Guduunfaa
☛Qormaanni sababa amantiitiin nama tuqu nama alaa qofaan osoo hin ta'in
maatii irraas nama tuqa. Qormaanni sababa amantiitiin haadhaa abbaa irraa yoo
nama tuqe, qajeelfamoota madaallamo Qur'aana keessatti dhufan kanniin
hordofuun wanta nama baasudha:
1-Dhimmoota addunyaan wal qabatan keessatti isaaniif tola oolu. Kanneen akka
dubbii gaarii isaanitti dubbachuu, hojii gaarii isaaniif hojjachuu, isaan arrabsuu fi
miidhu irraa of qusachuu. Isaaniif du'aayi gochuu fi kkf.
2-Yoo shirkii, kufrii fi hojii badaa Rabbiin dhoowwe akka hojjatan nama ajajan
ykn hojii dirqamaa Rabbiin ajaje akka dhiisan yoo ajajan, isaaniif tole jechuu
dhiisu. "Laa xaa’ata limakhluuqi fii ma’asiyatil Khaaliqi (Khaaliqa
faallessanii uumamtotaaf ajajamuun waan hin jirreef.)"
3-Dhimma amanti keessatti haadha fi abbaan jallinna irraa yoo jiraatan karaa
isaanii osoo hin ta'in karaa mu'mintoota (warroota amananii) hordofuudha.
“Karaa nama gara Kiyya deebi’ee hordofi.” jedhu keessatti ni arganna.
4-Dubbii gaarii isaanitti dubbachuu-osoo jallinnaa fi dogongora irra jiraataniyyu
isaan arrabsuu osoo hin ta'in dubbii gaarii fi laafaa ta'een isaan amansiisuf
carraaqudha. Ragaa kanaas Qur'aana keessatti ni arganna: “Gooftaan keetis
akka isin Isa malee homaa hin gabbarree fi haadhaa abbaa keessanitti tola
ooltan murteesse jira. Osoo ati lubbuun jirtuu tokkoon isaani yookiin
lamaanu yoo sadarkaa dulummaa irra gahan, jecha hifannaa [uff] isaaniin
77 Tafsiir ibn Kasiir 6/48
161
hin jedhin. Isaaniinis hin lolin. Jecha kabaja isaaniin jedhi." Suuraa Al-Israa
17:23
☛Akka fakkeenyatti Nabii Ibraahimin (aleyh salaam) ilaalu dandeenya. Abbaan
isaa kaafira daangaa darbe ture. Abbaan isaa yommuu isa arrabsuu fi
akeekachisuu, Nabii İbraahim, "Yaa abatii (Yaa abbaa koo)!..." jedhe jalqabuun
gorsa bareedaa fi dubbii mi'aawaa itti dubbata ture.
5-Mus’ab ibn Umeyr (Radiyallahu anhuu) Makkaan keessatti Mus’ab ibn Umeyr ijoollee hundarra qanani’aa fi of faayu
ture. Abbaa fi haati baay’ee isa jaallatu turan. Haati isaa Mali’at dubartii
qabeenya baay’ee qabdu turte. Uffata hundarra gaarii fi laafaa ta’e isa uwwisti.
Mus’ab warra Makkaa keessaa hundarra shittoo urgaa’a dibata. Kophee hundarra
gaarii taate godhata. Haati isaa garmalee isa jaallachuu irraa kan ka’e, yommuu
hirribaa ka’u akka nyaatuuf teemira, eeybi fi dhadhaa walitti makte kubbaayyaa
keessa gochuun mataa isaa bira keetti.
Mus’ab Ergamaan Rabbii (SAW) namoota gara Islaamatti waamu yommuu
dhagahuu, jireenyi isaa jijjiramuu jalqabe. Mus’abis Daarul Arqamatti gara
Nabiyyii (SAW) deemun ni Islaamawe, ni dhugoomse. Achii erga bahee haadha
fi namoota isaa irraa sodaachun Islaama ofii ni dhokse. Gara Ergamaa Rabbiitti
(SAW) dhoksaan ni deddebi’aa ture. Garuu dhoksaan kuni homaa hin turre. Gaafa
tokko osoo Mus’ab salaatu Usmaan bin Xalah isa arguun haadha fi namoota isaatti
beeksise. Isaanis isa qabanii hidhan. Hanga godaansa (Hijraa) tokkoffaa keessatti
gara lafa Habashaa godaanutti hidhamaa ta’ee ture.
Sa’d ibn Abi Waqqaas (radiyallahu anhuu) ni jedha: Mus'ab Islaama keessatti
qabsoo cimaa akka qabsaa’e argee jira. Akka gogaa bofaa gogaan isaa kan
quunca’u hanga ta’utti isa arge." Ergamaan Rabbii (SAW) akkuma isaa
yaadataniin ni jedhu: “Makkaan keessatti rifeensi isaa [cululuqaa] gurra irra gadi
bu'u, uffata laafa uffatu, qananiin hundarra qanani’a ta’e Mus’ab ibn Umeyr caala
eenyullee hin agarre.” Balaa fi qormaata qaamaa fi humna isaa muudatee fi namni
hundarra isatti dhiyoo ta’e isatti roorrisuu fi garaa jabaachuu waliinu, Mus’ab
kheeyri irraa wanta sahaabonni Nabiyyii (SAW) irra gahan irraa duubatti hin
hafne. Hanga Guyyaa Uhud Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa shahiidummaan isa
kabajuutti karaa Rabbii keessatti ni qabsaa’e.
Guddinni fi barsiisni Islaamni Mus’abiif godhe dargaggoota mijaa’inna keessa
jiraniif, ilmaan dureeyyi qanani’oo ta’aniif, namummaa isaanitiin warroota of
dinqisiifatanii fi jireenya addunyaa duuka fiiganiif fakkeenya gaarii ta’a. Islaamni
162
Mus’abin dargaggeesa qananii keessatti akka fedhe ta’u irraa gara nama kaayyoo
dhugaa jireenya keessatti qabuutti ceesise. Islaama isaa booda osoo hin ceem’inii
fi hin dadhabin nama cimaa ta’ee dhaabbate.
Guyyaa amanti kana keessa seene irraa jalqabee boqonnaa fi mi’aa isaa darbe achi
kaa’ee waadaa cimaa seene. Iimaanni isaa akka jabaatu fi yaqiinni isaa akka gadi
fagaatuf leenji qormaataa keessa darbuun waan isaaf hin hafneedha. Mus’ab
roorroo fi sodaachisni isaa haa marsuu malee, rakkoon, hiyyummaa fi adabbiin
isatti haa bu’anii malee, boqonnaa fi qananii haa dhabuu malee, jireenya isaa
keessatti gammachuu fi tasgabbii kan qabu ture. Qormaata hiyyummaa, warra isaa
biratti bakkaa fi sadarkaa dhabuu, beela, adabbii fi biyya keessaa bahuuf ni
saaxilame. Hanga Guyyaa Uhud qormaata dhumaa darbutti qormaata kana hunda
keessatti iimaanni isaa ni jabaate. In sha Allaah waa’ee isaa boodarra dabalataan
ni ilaalla.
6-Khabbaab ibn Al-Aratt Makkaan keessatti Kabbaab sibila tumaa ture. Rabbiin ganamaan qajeelcha isaaf
fedhe. Daarul Arqam seenun dura Islaama keessa seene. Dadhabdoota amanti
isaanii irraa akka deebi’aniif azzabaman (adabaman) keessaa tokko ture.
Mushrikoonni dhagaa ibidda keessatti hoo’isuun qaama isaa dhagaa kanatti
maxxansu.
Ergamaan Rabbii (SAW) Khabbaabin ofitti qabaa turan. Erga Islaamawe booda
isatti ni deddeebi’u. Dubartiin isa bulchitu Umm Anmaar jedhamtu yommuu
Islaamawu isaa beektu, sibiila hoo’istee mataa isaa irra keette. Khaabbis waa’ee
kana Nabiiyyitti himate. Nabiyyinis (SAW) ni jedhan, “Yaa Rabbii Khabbaabin
gargaari.” Ergasii osoo homaa hin turin dubartiin tuni mataan ishii garmalee
dhukkube.
Yommuu cunqursaan mushrikootaa Muslimoota dadhaboo ta’an irratti jabaatu,
Khabbaab gara Ergamaa Rabbii (SAW) dhufuun ni jedhe, “Nuuf gargaarsa hin
kadhattu? Rabbiin nuuf hin kadhattu?” Ergamaan Rabbiis fuulli isaanii kan
diimate ta’ee ni jedhan: "Isin dura namticha dachii keessatti isaaf qotamee achi
keessa godhamutu ture. Ergasi magaazin fidamee mataa isaa irra kaa’amuun bakka
lamatti addaan murama. Kuni amanti isaa irraa duubatti isa hin deebisne. Filaa
sibilaa lafee fi narvii isaa irraa foon kaasun (duguuguun) qaamni isaa ni filama.
Kuni hundi amanti isaa irraa duubatti isa hin deebisne. Rabbiin kakadhee! Hanga
namni geejjiba yaabbatu Rabbiin malee eenyulle kan hin sodaanne ta’ee ykn
hoolota isaa irratti jeedala kan sodaatu yoo ta’e malee, Sana’aa irraa ka’ee
163
Hadramawt deemutti Rabbiin dhimma kana ni guutuu (kana jechuun Islaama
ol’aanaa taasisa.) Garuu isin ni ariifattu.” (Sahiih Al-Bukhaari 3612)
Khabbaab (radiyallahu anhu) boodarratti rakkoo fi sarbamuu mirgaa fi haqaa
mushrikoonni isa irraan gahan muraasa ni dubbata. Ni jedha: Ani nama sibiila
tumu ture. Al-Aas bin Waa’il irraa liqaa qabaa ture. Isatti dhufee akka naaf kafalu
gaafadhe. Innis ni jedhe: "Lakki, Rabbiin kakadhe! Hanga Muhammaditti
kafartutti malee liqaa kee siif hin kafalu.” Anis ni jedhe: Hanga ati duutee ergasi
kaafamtutti ani Muhammaditti hin kafaru.” Innis ni jedhe: Erga du’ee booda ani
ni kaafamaa?! Yoo suni ta’e ati natti dhufta. Ani achitti qabeenyaa fi ijoollee
horadha, kanaafu [liqaa kee achitti] siif kenna.” Ergasii Rabbiin subhaanahu aayah
tana ni buuse:
“Keeyyattoota keenyatti kan kafaree fi “dhugumatti qabeenyi fi ilmi naaf
kennamu” jedhe [san] argitee? Gheybi argee moo Rahmaan biratti waadaa
fudhatee? Haa dhorgamu! Wanta inni jedhu ni galmeessina, adabbii irraas
dabalti isaaf [malu] ni daballaaf. Wanta inni [nan qaba] jedhe hunda ni
dhaalla, innis kophaa ta’ee Nutti dhufa.” Suuratu Mariyam 19:77-80
Sababni aayaanni tunniin itti bu'an Al-Aas bin Waa’il haa ta’uyyuu malee namoota
akka isaa Aakhiratti kafaran hundaaf tan taatudha. Namni kuni aayatota Rabbitti
kafaruu isaa waliinu yoo lamuu kaafame, dhugumatti qabeenyi fi ilmi naaf
kennamu jedhee odeessa. “dhugumatti qabeenyi fi ilmi naaf kennamu” kan akkana
jedhuuf oduu du’aan booda kaafamutti qoosuf ykn qishnuufi. "Akkuma isin jettan
yoo kan lamu kaafamu ta’e akkuma addunyaa tana keessatti qabeenyi fi ilmaan
naaf kennaman, erga kaafame boodas naaf kennamu." jedha.
Namni kuni jireenya lammataa qorannoo fi jazaan itti adeemsifamu, jireenya
addunyaa qormaanni itti adeemsifamuun wal bira qabe. Wal-bira qabiinsi kuni
faasidaa fi soba kan ta’eedha. Jechi isaa kuni arraba warroota Aakhiratti kafaran
irratti kan deddebi’uudha. (Ilaali suuratu Fussilat 41:50, Suuratu Al-Kahf 18:34-
36)
164
Namoonni kunniin wanti guddaan dogongoran, “Jireenyi addunyaa tuni iddoo
qormaata ta’uu fi jireenya Aakhirah immoo iddoo qorannoo fi jazaa ta’uu”
wallaalu isaaniti. Qabeenyi fi ilmaan isaan addunyaa tana keessatti argatan isaaniif
qormaata. Aakhiratti immoo qormaata kana akkamitti akka dabarsan qoratamuun
jazaan isaaniif kafalama.
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa nama aayata Isaatti kafaree fi dhugumatti
qabeenyi fi ilmi naaf kennamu jedhuuf akkana jechuun deebii deebisaaf: “Gheybi
argee moo Rahmaan biratti waadaa fudhatee?” Gheeybi jechuun wanta
namarraa dhokataa ta’ee ykn ijaan hin mul’anneedha. “Gheybi argee moo”? Kana
jechuun sila wanta hin mul’annee Guyyaa Murtii taasifamu beeketiin du’aan
booda yoo kaafame, qabeenyi fi ilmi akka isaaf kennamu dubbataa? Wanta du’aan
booda taasifamu fi erga kaafame booda wanta isatti raawwattamu beeku dhiisiti
wanta boru ta’uu hin beeku. Inni hundemaa du’aan booda kaafamutti waan hin
amanneef wanti inni tilmaamu soba ifa baheedha.
“Rahmaan biratti waadaa fudhatee?” Mufassiroonni aayah tanaaf ibsa kana
kennanii jiru: 1ffaa-namni kuni erga kaafame booda qabeenyi fi ilmaan akka isaaf
kennaman Rabbiin waliin waadaa galee jiraa? Yommuu Murtiif si kaasu, Jannata
si seensisa jechuun waadaa galeefi jiraa?78 2ffaa-Rabbitti amanee, wanta Inni ajaje
hojjatee fi wanta Inni dhoowwe dhiisee jiraa? Yoo kana kan hojjatu ta’e, qabeenya
fi ilma irraa wanta inni jedhu akka isaaf kennu Rabbiin biratti waadaan isaaf ta’a.79
Erga kuni beekkame Aakhiratti wanti kuni naaf kennama jedhee odeessun isaa
kuni dhimma lama keessaa hin bahu:
Takkaa dubbiin isaa kuni wanta hin mul’anne gara fuunduraatti taasifamu beeku
irraa kan madde ta’uu qaba. Wanta Rabbiin ergamtoota Isaatti beeksiseen ala
wanta gheybi Rabbiin malee eenyullee akka hin beekne beekkamaadha.
Takkaa immoo Rabbitti amanuu fi Ergamtoota Isaa hordofuun Isa biratti waadaa
kan fudhate ta’uu. Rabbiin namoota Isatti amananii fi ergamtoota Isaa hordofan
Aakhiratti akka isaan milkeessu waadaa galee jira. Nama kanarraa dhimmoonni
kunniin lamaan waan dhabamaniif oduun isaa soba akka ta’e ni beekkama.
Kanaafi itti aanse ni jedha: “Kallaa” Haa dhorgamu dhimmichi akka inni odeessu
miti. Beekumsa gheybi hin qabu, kaafira waan ta’eef beekumsi Ergamtootaaf
kenname homaa isa bira hin jiru. Waan kafaree fi amanuu dideef Rahmaan birattis
78 Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa'iqu tadabburi 7/622, Tafsiiru Ibn Kasiir-5/257,Zaadul Masiir
896 79 Tafsiiru Xabari-15/621
165
waadaa hin fudhanne. Garuu faallaa wanta inni jedhee argata. Qoratamuu fi
adabamuuf jechi isaa kan katabamuu fi eeggamuudha. Kanaafi ni jedha, “Wanta
inni jedhu ni galmeessina, adabbii irraas dabalti isaaf [malu] ni daballaaf.”
Akkuma inni jallinnaa fi kufrii dabalate, gosoota adabbi adda addaa isaaf daballa.80
“Wanta inni [nan qaba] jedhe hunda ni dhaalla" Qabeenya fi ilma isaa ni
dhaalla, addunyaa keessaa kophaa ta’ee baha. “innis kophaa ta’ee Nutti dhufa.”
Kana jechuun ilmaan isa jabeessan, gargaartota isa gargaaranii fi qabeenya kan hin
qabne ta’ee Guyyaa Murtii kophaa ta’ee Nutti dhufa.81
Barnoota baay’ee asirraa baranna. Isaan keessaa: Kaafironni osoo kafaranii jiranu
Jannata si seenna jechuun odeessu. Oduun isaanii kuni soba akka ta’e aayaanni
kunniin ifa baasu. Sababni isaas, oduun isaanii ragaa qabatamaa hin qabu. Wanta
gara fuunduraatti taasifamu hin beekan. Akkasumas, Rabbitti amanuun wanta Inni
ajaje hin hojjatan, wanta Inni dhoowwe hin dhiisan. Ammas, wanti asirraa
barannu, namni addunyaa tana keessatti qabeenyaan yommuu qananii’u Aakhiratti
Rabbiin na qananiisa jedhee of gowwoomsu akka hin qabneedha. Wanti Aakhiratti
isa baraarun qananii isaaf argamsiisu qabeenya osoo hin ta’in iimaana fi hojii
gaggaarii hojjateedha.
Amma gara seena Khabbaabitti yommuu deebinu, Umar (radiyallahu anhu) yeroo
bulchiinsa isaa Rabbiif jedhe wanta isa qunname Khabbaabin gaafate. Khabbaabis
dugda isaa irraa ni saaqe. Madaa nama rifachiisu yommuu argu Umar ni jedhe:
“Kana dura wanta akkanaa argee hin beeku.” Khabbaabis ni jedhe, “Yaa Amiiral
Mu’miniin! Ibidda naaf bobeessan. Ergasii achi keessa na kaa’an. San booda
namtichi tokko miila isaa laphee kiyya irra godhe. Lafti hin qorrine dugda kiyyaan
malee. İbiddi sunis foon kiyyaan malee hin dhaamne.” (Rawdatul Anf 2/98)
Yommuu rakkoo isaan dabarsan kana arginu, nuttis yeroo rakkoon nu qunnamu,
jabeenya fi obsa akka horannuuf fakkeenya nuuf hin ta'anii?
7-Abdullah ibn Mas’uud (radiyallahu anhu)
Akkaataan Ergamaan Rabbii (SAW) namoota waliin jiraatan ogummaa fi
gamnummaan kan guuttame ture. Namoota gurguddoo fi hoggantoota gosaa
gaarummaa fi gara laafinnaan kan keessumeessan turan. Haaluma kanaan, ijoollee
xixxiqoos. Kuni Abdullah İbn Mas’uud yommuu yeroo jalqabaatif Ergamaa
Rabbiitiin (SAW) wal qunnamu gaarummaa isa irraa arge akkana jechuun
80 Tafsiiru Sa’dii-fuula 582 81 Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa'iqu tadabburi 7/626
166
dubbata: Ani yeroo ijoolle turetti Aqbah ibn Abi Mu’ayxiif hoolota tiiksaa ture.
Gaafa tokko Ergamaan Rabbii (SAW) fi Abu Bakr na biraan darban. Ergamaan
Rabbii (SAW) ni jedhan, “Yaa mucaa! Aannan wayii jiraa?” Anis ni jedhe,
“Eeyyen. Garuu [hoolota tanniin eeguf] nama amaanan itti kennameedha.” Ni
jedhe, “Hoolaan kormii ishii hin tuqne jirtii? (Kana jechuun hoolaan gur’uu ishii
keessa aannan hin jirree jirtii? Yeroo baay’ee hoolan korpheessi irra hin baane
aannan hin qabdu waan taatef.)” Anis hoola takka qabee itti fide. Nabiyyiin (SAW)
gur’uu ishii ni haxaawan. Aannan ishii gadi dhangala’e, qodaa (qabee) keessatti
elmuun ofii fi Abu Bakrin obaase. Ergasii gur’uun ni jedhe: “Sunturi.” Gur’uunis
ni sunture. Kana booda ani isatti dhufee akkana jedheen: Yaa Ergamaa Rabbii!
Jecha kanarraa na barsiisi.” Nabiyyinis mataa kiyya irra qaqqabuun, “Rabbiin
rahmata siif haa godhu. Dhugumatti ati mucaa Mu’allam taatedha. (Kana jechuun
nama gara wanta sirrii fi gaarii ta’eetti qajeelfameedha.)” (Bidaayah wa nihaayah-
3/32, Siyyar A’alaami Nublaa’a 1/465)
Haala kanaan Islaamawu Abdullah Ibn Mas’uuditiif jechoonni lamaan
gurguddoon sababa isaaf ta’anii jiru. 1ffaa-Mataa ofii irraa, “Ani nama amaanan
itti kennameedha.” jechuu. 2ffaa: Jecha Nabiyyiin (SAW) isaan jedhaniidha:
“Rabbiin rahmata siif haa godhu. Dhugumatti ati mucaa Mu’allam taatedha.”
Jechoonni lamaan kunniin jireenya isaa keessatti dhiibbaa guddaa uumanii jiru.
San booda sahaabota aalimman ta’an keessaa aalima hundarra beekkama ta’ee jira.
Abdullah warroota yeroo jalqabaatif gara Islaamatti dursan keessa tokko ta’uu
waliinu gara Habashaa fi Madiinaatti godaanee jira. Akkasumas, nabiyyii (SAW)
walin lola Badri keessatti hirmaate jira. Nabiyyitti maxxanuun tajaajila ture.
Namni Jalqabaa Qur’aana ifatti baasee qara’e Abdullah ibn Mas’uud gosa isa eegu kan hin qabne fi qaamni isaa dadhabaa, lukti
isaa qal’oo haa ta’uyyuu malee gootummaa isaatiin Ergamaa Rabbii (SAW) booda
namni jalqabaa Qur’aana ifatti baasee Qureeshota fuunduratti qara’eedha. Guyyaa
tokko sahaabonni Nabiyyii (SAW) bakka tokkotti walitti qabamanii akkana waliin
jedhan, “Rabbiin kakanne! Qureeshonni Qur’aana kana kan ifa bahee isaaniif
dubbifamu hin dhageenye. Eenyutu isaan dhageessisaa? Abdullah ibn Mas’uud ni
jedhe: “Ana” Isaanis ni jedhan, isaan sirratti sodaana. Nuti nama gosa isa eegdu
qabu barbaanna.” Innis ni jedhe, “Na dhiisaa, Rabbiin na eegati.” Abdullah Ibn
Mas’uudis ganamaan yommuu Qureeshonni walitti qabaman Maqaama Ibraahima
bira dhaabbate, Suuratu Ar-Rahmaan qara’uu jalqabe. Innis gara Qureeshotatti
garagalee sagalee olkaase qara’e. Qureeshonnis wanta inni jedhu itti xinxallanii
akkana waliin jechuu jalqaban: Mucaan Umm Abd maal jedhee?” Isaanis walitti
deebisuun ni jedhan: Inni wanta muraasa Muhammad fide dubbisa.” Isaanis gara
isaatti ka’anii fuula isaa irra rukutuu jalqaban. Innis hanga Rabbiin fedhe hanga
167
gahuutti qara’u itti fufe. Fuula isaa miidhani osoo jiru gara sahaabotaa deebi’e.
Isaanis ni jedhaniin: Kuni wanta sirratti sodaannedha!” Innis ni jedhe: Dur caalaa
amma diinonni Rabbii na biratti gatii kan hin qabne ta’an. Yoo feetan borus haala
wal fakkaatan isaaniif bariisifadha.” Isaanis ni jedhan: Si gaha. Wanta isaan jibban
isaan dhageesistee jirta.”
Haala kanaan Abdullah ibn Mas’uud Ergamaa Rabbii (SAW) booda nama
jalqabaa Qur’aana ifatti baasun qara’e ta’e.
8-Khaalid ibn Sa’iid ibn Al-Aas (radiyallahu anhu)
Khaalidiif wanti akka Islaamawu sababa ta’eef, yeroo Nabiyyiin (SAW) mul’atan
abjuu arguu isaati. Abjuu keessatti caafi boolloo ibiddaa irra kan dhaabbatu ta’ee
of arge. Naannawa kanatti nama isa itti dhiibutu jira, Nabiyyiin immoo akka
boolloo ibiddaa tanatti hin kufneef isa qabu. Khaalidis abjuun kuni dhugaa akka
ta’ee amanuun hirriba isaa keessaa ni dammaqe. Innis Abu Bakr Siddiiqitti
odeesse. Abu Bakris ni jedheen: Kheeyriin siif barbaadame, Kuni Ergamaa
Rabbiiti, kanaafu hordofi.” Innis gara isaa deemun ni Islaamawe. Abbaa isaa
sodaachun Islaama ni dhokse. Garuu abbaan isaa yeroo baay’ee isa fuunduratti kan
hin mul’anne ta’uu yommuu argu Islaamawu isaa ni beeke. Abbaanis obboleeyyan
Khaalid yeroo sanitti hin Islaamofne akka isa barbaadan itti erge. Innis
obboleeyyan isaa waliin ni dhufe. Abbaanis hanga mataa isaa irratti cabsutti ulee
harka isaa jirtuun ni rukute. Ergasii Makkaan keessatti isa hidhe. Isa waliin akka
hin dubbanne obboleeyyan isaa ni dhoowwe. Hojii isaatirraa isaan akeekachiise.
Haala isatti dhiphisuun isa beelesse. Guyyaa sadiif bishaan irraa küte. Khaalidis
kanarratti kan obsuu fi mindaa Rabbiin irraa abdatu ture. Ergasii abbaan isaa ni
jedheen: Rabbiin kakadhe, soorata irraa si dhoowwa.” Khaalidis ni jedheen: Yoo
na dhoowwite, dhugumatti Rabbiin wanta ittiin jiraadhu naaf kenna.“ Ergasii isa
jalaa miliqee gara Ergamaa Rabbii (SAW) deeme. Isa kan kabajuu fi isa waliin
ta’aa ture. Yeroo Muslimoonni gara Habashaa yeroo lammatatiif godaanan
Khaalidis isaan waliin godaane.” (Siiratu A’alaamu Nubalaa’a 1/260)
9-Usmaan ibn Maz’uun (Radiyallahu anhu) Usmaan ibn Maz’uun yommuu Islaamawu gosti isaa Banu Jumh isatti diina taate.
Isa ni rakkisan. Isaan keessaa namni hundarra isa rakkisaa fi azzabaa ture
Umayyah ibn Khalaf. Rakkoo kana jalaa dheessun Usmaan gara Habashaa
godaane. Yeroo muraasaaf Habashaa keessa erga turee booda Muslimoota gara
Makkaa deebi’an waliin ni deebi’e. Garuu eeggumsa Waliid ibn Mughiraatin
malee Makkaan keessa seenu hin dandeenye. Yeroo sanitti namni tokko eeggumsa
nama beekkama tokko jala yoo seene namoonni isa hin tuqan. Usmaanis eeggumsa
168
waliid jalatti tasgabbaa’a ta’ee jiraachu itti fufe. Garuu rakkoo sahaabota Nabiyyii
(SAW) irratti roobu yommuu argu, nageenya isaa kana ofirratti jibbe. Ni jedhe:
Rabbiin kakadhe! Balaa irraa wanti ana hin tuqne hiriyoota kiyyaa fi warra amantii
kiyyaa karaa Rabbii keessatti isaan muudataa osoo jiru ani ganamaa galgala
namticha warra shirkii irraa ta’ee jalatti nagaha ta’a. Kuni nafsee kiyya keessatti
hanqinna guddaadha.”
Innis gara Waliid ibn Mughiirah deemun akkana jedheen: “Yaa Abbaa abdu shams
(Kana jechuu Waliid) dirqama kee guuttee jirta. Eeggumsa kee siif deebisee jira.”
Innis ni jedha: Maaliif yaa ilma obboleessa kiyyaa? Tarii ni rakkifamte yookiin
mirgi kee ni sarbame.” Usmaanis ni jedhe, Lakki. Garuu eeggumsa Rabbii olta’aa
barbaada. Isaan ala eenyurraallee eeggumsa hin barbaadu.” Ni jedhe: Gara
Masjiidaa deemitii akkuma labsee eeggumsa siif kenne, akkasuma atis labsii
eeggumsa ani siif godhu naaf deebisi.” Isaan lamaanu gara Masjiida deeman,
namoota fuunduratti eeggumsa isaa deebiseef. Ergasii Usmaan gara iddoo
Qureeshonni walitti qabamanitti garagalee. İsaan waliin ni taa’e. İsaan keessa
nama walaleessa Labiid ibn Rabii’ah jedhamutu jira. Akkana jechun walaleessu
jalqabe: “Dhugumatti Rabbiin ala wanti hundu soba.” Usmaan ni jedheen dhugaa
dubbatte. Labiidis walaleessu itti fufee: “Shakkii hin qabu, qananiin hundi kan
baduudha.” Usmaanis ni jedheen, sobde qananiin Jannataa hin badu. Labiidis ni
jedhe, “Yaa tuuta Qureeshaa! Kana dura eenyullee nama isa waliin taa’e hin
rakkisu ture. Kuni urga yoomiti isin keessatti dhalatee?” Namoota keessaa
namtichi tokko ni jedhe: inni kuni namoota gowwoota isa waliin jiran keessaa
tokko. Dhugumatti amanti keenya gadi dhiisanii jiru. Jecha isaatiif homaa hin
yaaddawin.” Hanga dhimmi isaan lamaan jidduutti badaa ta’utti Usmaan isatti
deebii deebise. Namtichi kuni olka’ee ija isaa keessa dhaye. Ijji isaas bulee taate.
Wanta Usmaan irra gahee Waliid ibn Mughiirah dhiyoo irraa argaa ture. Akkanas
jedheen: Yaa ilma obboleessa kiyyaa! Ijji tee wanta ishii tuqee irraa duroomtudha.
Eeggumsa kiyya jalatti tan eeggamtu turte.” Usmaanis ni jedheen: “Rabbiin
kakadhe! Ijji tiyya fayyaan karaa Rabbii keessatti wanta akka obboleetti ishii (ija
biraa) tuqetti garmalee hajamti. Yaa Abbaa Abdu shams kan si caalaa jabaa fi
danda’aa ta’ee jalatti eeggumsa qaba. (Kana jechuun eeggumsa Rabbii si caalaa
jabaa fi danda’aa ta’e jala jira.)” Ergasii Waliid yeroo lammataatif eeggumsa isaaf
dhiyeesse garuu Usmaan ni dide.
Kuni kan agarsiisu ciminna iimaana isaatii fi Rabbiin biratti mindaa guddaa
kajeelu isaati. Kanaafi, yommuu inni du’u, ummu Al-Alaa’a Ansaariyyah abjuu
keessatti burqaa isaaf yaatu argite. Ishiinis gara Nabiyyii dhufte itti beeksifte.
Nabiyyiinis (SAW) ni jedhan: “Suni hojii isaati.” (Sahiih Al-Bukhaari 7004)
169
Sahaabonni hanga ammaatti eerre akka fakkeenyaati malee sahaabonni biroo
harka mushrikoota keessatti rakkatanii fi azzabaman baay’eedha. Rakkoo abbooti
fi firoota isaanii irraa isaan haa qunnamuu malee da’waa Rasuulaatitti ni qajeelan.
Islaama keessa seenun dura qananii argatanii fi wanta isaan adda godhu hunda ni
wareegan. Mindaa guddaa Rabbiin bira jiruu kajeelun rakkoof ni saaxilaman,
rakkoolee obsaan danda’an. Kuni nafsee keessatti hojii iimaanati. Yommuu
iimaanni nafseen walitti makamu ulfaatinni hundi namarratti salphata.
Rakkoo fi azaan dhiirota qofarratti kan gabaabbate osoo hin ta’in dubartootas kan
muudateedha. Dubartoonni akka Sumayyah bint Khayyaax, Faaximah bint
Khaxxaab, Labiibah dubara Banu Mu’ammal irraa taate, Zinniirah Ar-
Ruumiyyah, An-Nahdiyyah fi intala ishii, Umm Ubays, Humaamah haadha Bilaal
fi kanneen biroo rakkoo fi adabbiif saaxilamanii jiru. Rabbiin isaan hunda irraayu
haa jaalatu.
170
Hikmaa (Ogummaa) Makkaan Keessatti Waraana Banuu Irraa Of Qusachuu Keessa Jiru fi Nabiyyiin (Saw) Ijaarsa Keessaa Jabeessu Irratti Xiyyeefachuu
Kutaa darbe keessatti rakkoo fi dararaa Nabiyyii (SAW) fi sahaabota isaanii irra
gahee ilaalle turre. Gara waggaa kudhanii Makkaan keessatti haa rakkifamaniyyu
malee Muslimoonni Qureeshota irratti waraana hin banne. Gaafa tokko
Abdurahmaan ibn Awf fi hiriyoonni isaa gara Nabiyyii (SAW) dhufuun akkana
jedhan, “Yaa Nabiyyii Rabbii! Nuti mushrikoota taanee osoo jirruu jabeenya
qabnaa turre. Erga amannee booda immoo xiqqaatota taane.” Isaan kan kana
jedhaniif iimaana isaanii shakkanii osoo hin ta’in mushrikoota isaan rakkisan
waraanan ofirraa deebisu barbaadaniiti. Ergasii Nabiyyiin (SAW) akkana jedhan,
“Dhugumatti, ani irra darbuutti ajajame. Kanaafu namootaan wal hin lolinaa.”82
Kana jechuun Rabbiin akka isaaniif irra darbuu fi obsuu na ajaje, kanaafu isaanitti
waraana hin baninaa.
Marsaa Makkaa keessatti iccitii Muslimoonni waraanaa irraa dhoowwamu
keessa jiru, hunda caalaa Rabbii olta’aatu beeka. Qorattoonni Islaamaa gariin
iccitii kana keessa jiruu itti xinxalluuf yaalanii jiru. Mee xinxalli san keessaa
muraasa asitti haa eerru:
1-Jireenya Nabiyyii keessatti marsaan Makkaa, yeroo leenjii fi wanta dhufuuf itti
of qopheessaniidha. Leenji keessaa tokko sahaabota Nabiyyii (SAW) rakkoo
isaan qunnamuuf akka obsan, fedhii ofii osoo hin ta’in ajaja Nabiyyii hordofuu fi
of too’achuu isaan barsiisu fi leenjisuudha.
2-Hawaasa akka Qureesha keessatti jeequmsaan da’waa gochuu irra nagahaan
da’waa gochuun bu’a-qabeessaa fi faayda guddaa kan qabuudha. Mushrikoonni
Qureeshota garmalee kan of tuulanii fi gosaan dhaadataniidha. Osoo yeroo kanatti
lolli banamee silaa Qureeshonni daran diddaa fi of tuuluu guddaa agarsiisu. Silaa
namoonni gadoo baafachuuf ajjeechaan isaan keessatti ni babal’ataa ture.
Kanarraa kan ka’ee, silaa Islaamni sammuu namootaa keessatti ergaa cimaa ta’uu
irraa gara fincilaatti jijjirama ture.
3-Ammas, tarii makkaan keessatti waraana irraa dhoowwamuun mana hunda
keessatti dirreen waraanaa akka hin adeemsifamne dhoowwufi. Muslimoota kan
rakkisuu fi azzabuu hoggantoota Qureeshota qofa osoo hin ta’in warris bakka
bu’ummaa Muslimoota rakkisuu ni fudhatan. Fkn, abbaan ilmi isaa Muslima yoo
ta’e, isa ni rakkisa. Haala akkana kana keessatti waraana banuu jechuun mana
82 Ilaali As-Siirah An-Nabawiyyah As-Sahiihah (1/158)
171
hunda keessatti waraanni fi lolli ni adeemsifamaa jechuudha. Ergasii, Islaamni ni
balaalefatama. Inuma yeroo Muslimoonni waraana irraa akka of qusatan
ajajamaniyyuu Qureeshonni namoota gara hajjii dhufaniin “Muhammad abbaa fi
ilma addaan baasa” jechaanii turan. Osoo waraanni abbaa fi ilma jidduutti
adeemsifamee hoo dhimmi akkam ta’inna laataa?
4-Tarii namoonni Muslimoota rakkisaa turan gara fuunduraatti tawbachuun
loltoota Islaamaa ta’u. Akka fakkeenyaatti Umar ibn Al-Khaxxaab loltu qofa osoo
hin ta’in hogganaa cimaa ta’ee jira.
5-Yeroo sanitti Muslimoonni lakkofsaan xiqqoo fi jireenyi isaanii Makkaan
keessatti kan daangefameedha. Ergaan Islaamaa namoota naannoo sanii fi
addunyaa biroo hin dhaqqabne. Osoo Muslimoonni mushrikoota waliin dirree
lolaatti seenanii, tarii Muslimoota irraa miidhan guddaan gahuu danda’a. Yoo
Muslimoonni kuni ajjeefaman eenyutu ergaa Islaamaa addunyaatti geessaa?
Kanaafu, hanga irree jabeefatanii rakkoo irratti obsuun barbaachisaadha.
Akka yaada keenyaatti sababoonni armaan olii kunniin sababoota muraasaa
waraana irraa of qusachuuf barbaachisaniidha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa
leenji sahaabotaa guutuu fi ba’aa gara fuunduraatti isaan eeggatuuf isaan
qopheessuf waraana irraa akka of qusatan, salaata sirnaan akka salaatanii fi zakaa
kennan ajaje. Akkasumas, carraaqqi fi hojiin isaanii nafsee ofiitiif osoo hin ta’in
Rabbiif jedhanii fi karaa Isaa keessatti akka ta’uuf.
Taateen tokko hojii tokko jalqabuun dura barbaachisummaa miidhaa fi bu’aa isaa
madaalu keessa jiru sahaabota barsiise jira. Taaten kunis: sahaabonni gariin wanta
Qureeshonni gabbaran ni arrabsan. Qureeshonnis wallaalummaan Rabbiin
subhaanahu arrabsuu jalqaban. Sahaabonni wanta gaarii hojjataa jiru. Garuu
miidhaan Qureeshonni Rabbii olta’aa arrabsuu irraa dhalatu guddaadha. Kanaafu
wanta Qureeshonni gabbaran arrabsuu akka hin qabne sahaabonni ni hubatan.
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
“Kanneen [mushrikoonni] Rabbii gaditti gabbaran hin arrabsinaa, daangaa
darbuun beekumsa malee Rabbiin arrabsaniiti. Akka kanatti ummata
172
hundaaf hojii isaanii bareechisneef. Ergasii deebiin isaanii gara Gooftaa
isaaniiti. Wanta hojjataa turanis isaanitti hima.” Suuratu Al-An’aam 6:108
Kana jechuun sanama, taabota fi wanta biroo mushrikoonni Rabbii gaditti
gabbaran hin arrabsinaa. Mushrikoonnis gadoo bahuuf jecha, Rabbii hanqinna
hundarraa qulqulluu ta’e daangaa darbuun beekumsa malee arrabsu.
Haala kanaan qajeelfama bu’uuraa kana sahaabonni baratan: hojiin sirriin gara
miidhaa guddaatti kan geessu yoo ta’e, hojii sirrii san ni dhiisan, hin hojjatan.
Hayyoonni Islaamaas bu’uurri kuni yeroo hundaaf kan turuudha jedhu. Kaafironni
jaboo fi mootummaa Islaama jalatti kan hin bullee yoo ta’an, wanta isaan gabbaran
yoo arrabsan isaaniis Islaama ykn Rabbiin ykn Nabiyyii ni arrabsan jedhamee yoo
sodaatame, wanta isaan gabbaran ykn amanti isaanii arrabsuun Muslimaaf hin
hayyamamu. Muslimni gochoota armaan oli keessaa tokko yoo hojjate namoota
biroos baditti kakaasu ta’a waan ta’eef.
Namni marsaa Makkaa waggaa kudha sadiif turee yommuu itti xinxalluu marsaa
leenjii, qopheessu fi amantii sirrii qalbii keessatti hidda qabsiisu akka ta’e ni arga.
Akkasumas, amanti dhugaa kana qalbii namootaa keessatti hidda qabsiisuuf
jarjaru akka hin qabne ni hubata. Amantiin sirriin erga gadi dhaabanii booda
hordoffii, eeggumsaa fi itti fufiinsa barbaachisa. Dhimma guddaa kana keessatti
jarjaruu fi gugachuun firii barbaadamu hin buusu.
Har’as Muslimoonni barnoota armaan olii kana barachuu qabu: shirkii, kufrii fi
wallaalummaa buqqisanii balleessuuf leenjii fi obsa guddaa barbaachisa.
Nabiyyiin (SAW) sahaabonni nafsee ofii akka too’atanii fi obsaan of faayan ajajaa
turan. Hariiroo Rabbiin waliin qaban akka jabeessanii fi ibaadadhaan gara Isaatti
dhiyaachu akka qaban isaan qajeelchaa turan.
Nuufis barnoota akka ta’uuf, leenjii Nabiyyii fi sahaabotaaf godhamee keessaa
mee muraasa isaa Qur’aana irraa haa ilaallu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa
jalqaba suuratu al-Muzzammil keessatti Nabiyyiin halkan akka salaataan
dhaabbatu ajajee:
173
“Yaa kan [uffataan] of maree! Xiqqoo malee halkan [salaataaf] dhaabbadhu.
Walakkaa isaa yookiin xiqqoo isarraa hir’isi. Yookiin isarratti dabali.
Qur’aanas suuta dubbisi.” Suuratu Al-Muzzammil 73:1-4
Boqonnaan suuratu Muzzamil tuni sahaabota barbaachisummaa halkan salaataan
dhaabbachuu, yeroo hundaa Rabbii olta’aa yaadachuu, dhimmoota hunda keessatti
Isarratti hirkachu, obsuu fi araarama Isa kadhachuutti isaan qajeelchite jirti.
Dhugumatti halkan walakkaa ykn gara dhumaatti salaataaf dhaabbachuun bu’aa
hangana hin jedhamne qaba. Rakkoo fi qormaanni jireenyaa namaaf akka salphatu
taasisa. In sha Allah guyyaa tokko suuratu al-Furqaan keessatti waa’ee ibaadu
Rahmaan yommuu ilaallu faayda salaata halkanii kaasu dandeenya.
Wanti biraa Nabiyyii fi sahaabotaaf jabeenya ta’e Qur’aana. Yeroo Makkaa
keessatti aayanni Qur’aanaa bu’an sahaabotaaf bohartii guddaa ta’anii jiru. Bu’aa
kana tuqaa lama jalatti guduunfuun ni danda’ama:
1ffaa- Keeyyattoonni Qur'aanaa Nabiyyiin (SAW) akka sahaabotatti
xiyyeefannoo kennuu fi isaan irraa hin garagallee ajajuu.
2ffaa- Seenaa ummatoota darbanii isaaniif odeessun isaan booharsu. Akkuma
isaan rakkifaman ummanni darbaniis harka kaafirotaa keessatti rakkifamaa akka
turan isaaniif ibse. Kuni sahaabotaaf fakkeenya ta’a. Yaada akkana jedhu isaaniif
dabarsa, “Karaa Rabbii keessatti isin qofa osoo hin ta’in ummanni isiniin duraas
baay’ee rakkifamanii jiru. Garuu rakkoo kana hunda obsaan dabarsan. Kanaafu,
isiniis isaanitti hidhachuun obsaa.” Ammas, Qur’aanni hojii garii sahaabota
faarsuu fi mindaa guddaa isaaniif waadaa galuun ijjannoo fi kakka’uumsa isaanii
cimse. Gama biraatin kaafirotaaf adabbii guddaan akeekachisa. Kuni hundi
warroota amananiif bohaarti ta’a.
Wali-galtee Dhiyeessu
Gaafa tokko mushrikoonni walitti qabamuun akkana waliin jedhan: isin keessaa
nama hundarra sihrii, raaga fi walaloo beeku ilaalaa. Ergasii namticha jama’aa
keenya addaan facaase, dhimma keenya waliin dhayee, amanti keenya hanqise
kanatti dhufee haa dubbisu. Wanta isatti deebisuu haa ilaalu. İsaanis ni jedhan,
Utbah ibn Rabi’ah malee namni biraa beeknu hin jiru. Isaanis ni jedhan, “Ati Yaa
abbaa Waliid isa bira dhaqi.” Utbaanis Nabiyyii bira deemun akkana jedhe, "Yaa
Muhammad si moo Abdul Muxxalibitu irra caalaa?” Ergamaan Rabbiis (SAW) ni
cal’isan. Utbaan itti fufuun ni jedhe, "Namoonni kunniin (abbootin kee) si caalaa
gaarii ta’uu yoo odeessite, dhugumatti isaan sanama ati akka hanquutti ilaalte
174
gabbaranii jiru. Yoo ati isaan caalaa gaarii ta’uu odeessite, dubbadhu hanga jecha
kee dhageenyutti. Si caalaa namoota irratti nama balaa fidee arginee hin beeknu.
Hawaasa keenya addaan facaafte, dhimma keenya ni bittinneesite, amanti keenya
akka hanquutti ilaalte, Araboota keessatti nu salphiste hanga akkana jedhan
gahanitti: Qureeshota keessa nama sihrii dalagutu jira. Dhugumatti Qureeshota
keessa raagdu jira.” Rabbiin kakadhe, hanga dhumnutti gariin keenya garii irratti
seeyfin walitti duulu malee homaa hin eegnu. Yaa namana! Wanti qabeenyatti
akka hajamtu si taasisu yoo jiraate, hanga Qureeshota hunda caalaa dureessa
taatutti qabeenya walitti siif qabna. Yoo fedhiin kee fuudhu ta’ee, Qureeshota
keessaa dubartii feete filadhu sitti heerumsifnati.” Ergasii Ergamaan Rabbii
(SAW) ni jedhan, “Xumurtee?” Innis ni jedhe, “Eeyyeen”. Ergamaan Rabbiis
(SAW) suuratu Fussilat qara’uu jalqaban:
“Haa Miim. [Qur’aanni kuni Rabbii] Rahmaan, Rahiim ta’e irraa kan
buufameedha. Kitaaba keeyyattoonni isaa ibsaman, Qur’aana Arabiffaa
namoota beekaniif [ibsameedha]. Gammachiisaa fi akeekachiisaa kan
ta’eedha. Garuu baay’een isaanii irraa garagalanii jiru. Kanaafu isaan hin
dhagahan.” Suuratu Fussilat 41:1-4
Nabiyyiin (SAW) hanga aayah lakkoofsa 13 gahanitti dubbisuu itti fufan. Utbaanis
ni jedhe, “Si gaha. Kanaan ala wanti biraa si bira hin jiruu?” Nabiyyinis ni jedhan,
Lakki. Utbaanis gara Qureeshotaa ni deebi’e. Isaanis ni jedhaniin: Maaltu si duuba
jiraa? Innis ni jedhe, “Isin itti dubbattu jedhee wanta yaade hunda osoo itti hin
dubbatin hin dhiisne.” Isaanis, “Deebii siif deebisee ree?” Innis ni jedhe,
"eeyyen." (Nihaaya wal bidaayah-Ibn Kasiir 3/68-69)
Gabaasa ibn Isihaaq gabaase keessatti akkana jechuun itti dabale, yommuu utbaan
Qureeshota bira gahu akkana isaan jedhan, “Maaltu si duuba jiraa yaa abbaa
Waliid?” Innis ni jedhe, wanti na duuba jiru, Rabbiin kakadhee! Ani jecha
fakkaataa isaa gonkumaa hin dhageenye dhagahee. Rabbiin kakadhe! Jechi kuni
walaloos miti, sihris miti, raagas miti. Yaa tuuta Qureeshaa anaaf tole jedhaa.
Tarkaanfi fudhachuu qabnu akka murteessu anaaf dhiisaa. Nama kanaa fi wanta
inni keessa jiru dhiisaa. İsarraa addaan bahaa. Rabbiin kakadhe, jechi ani isarraa
dhagahe suni oduu guddaa ta’a. Araboota irratti injifannoo yoo argate,
mootummaan isaa mootummaa keessani, jabeenyi isaa jabeenya keessani.
175
Namoota hunda caalaa isa waliin filatamoo taatu.” Isaanis ni jedhan: Yaa abbaa
Waliid Rabbiin kakanne arraba isaatiin sihrii sitti hojjate.” Innis ni jedhe, “Kuni
ilaalcha kiyya. Wanta isinitti mul’ate hojjadhaa.”
Barnootaa fi Faayda kanarraa argamu: 1-Nabiyyiin (SAW) dhimma hundarra barbaachisa ta’e irratti xiyyeefachuun
karaa qajeela irra turan. Utba waliin falmi abbooti isaati moo isatu irra caala
jedhu keessa hin seenne. Osoo kana hojjate silaa utbaan osoo homaa isarraa hin
dhagahin dhimmichi nu xumurumaa ture. Ammas Nabiyyin (SAW) faaya fi
yakka utbaan itti dhiyeessutti hin tarre. Wanta badaa utbaan jedhuuf dallansuun
itti hin kaane. Ammas faaya itti dhiyeessuf deebii hin kennine. Kana hunda
kaayyoo guddaaf dhiise. Ergasii adaba (naamusa) gaariin akkana jedhe, “Yaa
abbaa waliid, xumurtee?” Innis ni jedhe eeyyen.
2-Nabiyyiin (SAW) aayatota kanniin filachuun wanta gamnummaa isaa
agarsiisudha. Aayaanni tunniin dhimmoota baay’ee barbaachisoo ta’an of
keessatti qabatte. Isaan keessaa: Dhugumatti, Qur’aanni kuni Rabbiin irraa kan
buufame ta’uu, haala kaafirotaa fi garagaluu isaanii ibsuu, ergama Nabiyyii ibsuu,
Khaaliqni tokko akka ta’e ibsu, Innis Allah. Inni Khaaliqa samii fi dachiiti.
Kijibsiisu ummattoota darbanii fi adabbi isaan muudate ibsu. Qureeshota iyyansa
fi haleellaa guddaa Aadi fi Samuudin muudateen akeekachiisu.
3-Namoota gara Islaamatti waaman irratti balaa qabeenyi, sadarkaa fi dubartoonni
qaban- namoota gara Rabbitti waaman keessaa namoota meeqatu balaqqeessa
qabeenyaa jalatti karaa irratti küfe. Akka waamicha isaanii irraa of qusataniif
qabeenyi kumatamatti lakkaawamu isaaniif dhiyaata. Namoonni qabeenyaan
qoramanii garuu hojii da’waa irratti gadi dhaabbatan, isaan suni warra Nabiyyiitti
hidhataniidha. Akkasumas, balaan sadarkaa fi beekkamtin qabu ifa. Sababni isaas,
sheyxaanni dhimma kana irratti karaa hundarra guddaa fi fokkuu ta’een namatti
miidhagsa. Namni Rabbiif jedhee da’waa godhu nama hojii fi dubbii isaa keessatti
Ergamaa Rabbiitti (SAW) hidhatuu fi hordofuudha. Kaayyoo sababa isaatiif
jiraatu fi du’uuf hin dagatu:
Jedhi, “Dhugumatti, salaanni kiyya, qalmi kiyya, jireenyi tiyyaa fi duuti tiyya
Rabbii Gooftaa aalamaa hundaatifii. Shariikni Isaaf hin jiru. Isuma kanatti
ajajame, ani jalqaba Muslimootaati.” suurat Al-An’aam 6:162-163
176
Qormaanni dubartootaa immoo qormaata guddaa dhiiraa hurgufuudha. Ergamaan
Rabbiin (SAW) akkana jedhanii jiru: “Na booda dubartoota caalaa fitnaa
dhiirota irratti miidhaa guddaa fidu hin dhiisne.” al-Bukhaari (5096) fi
Muslim (2741) gabaasan. (Wanti asitti hubatamu qabu, dubartiin badduu akka
taate ibsuuf osoo hin ta’in fitnaan (qormaanni) gara dubartitiin dhiira irra gahuu
guddaa fi cimaa akka ta’e ibsuufi. Eeti, Ergamaan Rabbii (SAW) dhuguma
jedhan. Namoota meeqatu sababa dubartiitiin wal ajjeese ykn of ajjeesse. Dhiira
meeqatu sababa ishiitin dhiphinna hangana hin jedhamne keessa jiraataa?
Dargaggeessi yommuu dubartoota qullaa yaa’an argu hangam akka qoramuu fi
keessi isaa gubatu Rabbuma beeka. Kanaafu, dubbiin Ergamaan Rabbii (SAW)
dhugaa irraa kan fagaatee ree?)
Ammas, daa’iwwan duubatti harkisuuf takkaa niitin isaanii ijjannoo isaanii
dadhabsiisti takkaa immoo dubartoonni fujjaarri (wanta fokku hojjatan)
daa’iwwan kuni isaan waliin waan badaa akka raawwatan ni affeeru. Haaala
kanaan waxmadii isaanitti dabarsuun kaayyoo isaanii irraa duubatti deebisu. Mee
itti xinxalli, Qureeshonni kaayyoo guddaa irraa Nabiyyii duubatti deebisuuf
dubartii fedhe akka isatti heerumsiisan isaaf dhiyeessan. Garuu Nabiiyyiin (SAW)
ni dide. Namoonni gara Islaamatti waamaniis fakkeenya isa godhachuun hordofuu
qabu. Wanta Yuusuf jedhe sammuu keessaa baasu hin qaban:
“[Yuusuf] ni jedhe, “Yaa Rabbi! Wanta isaan itti na waaman irra hidhaan
naaf jaallatamaadha. Yoo Ati shira isaanii narraa hin garagalchin, gara
isaanitti dabee wallaaltoota keessaa ta’a. Gooftaan isaas isaaf awwaate. Shira
isaanii isarraa garagalche. Dhugumatti Inni Dhagahaa, Beekaadha.” Suuratu
Yuusuf 12:33-34
Niitin Aziiz, Nabii Yuusufin (aleyh salaam) ishii waliin badii akka raawwatu
affeerte ykn waamte. Garuu Yuusuf (aleyh salaam) badii zinaatti kufuu irra mana
hidhaa keessatti hidhamuu filate. Sababni isaas, hidhaan adabbii yeroo gabaabaf
turuudha. Zinaan (sagaagalummaan) immoo adabbii (azaaba) cimaa yeroo
dheeraaf turutti nama geessa. Yuusuf ni jedhe, “Yaa Rabbi! Badii guddaa zinaa
177
isaan itti na waamanitti kufu irra hidhaan anaaf jaallatamaadha. Badii isaan waliin
akka hojjadhuuf shira natti baasan yoo Ati narraa hin deebisin, gara isaaniif deebii
deebisuutti daba. Ergasii baditti kufee wallaaltota hoo’insi fedhii isaan keessatti
cimu keessaa ta’a.” Dhugumatti badii dubartoonni kunniin itti waamanitti kufuun
wallaalummaadha. Sababni isaas, qananii fi mi’aa Jannata keessatti turaa fi itti
fufaa irra mi’aa xiqqoo fi boodarra gara hadhaatti jijjiramu filata. Nama qananii fi
mi’aa Jannataa dhiisee mi’aa xiqqoo fi gara hadhaatti jijjiramu filatee caalaa namni
wallaalaan ni jiraa? Beekumsi fi aqliin mi’aa lamaan keessaa hundarra guddaa fi
dhumti isaa gaarii ta’ee akka filatan nama taasisa.83
“Gooftaan isaas isaaf awwaate. Shira isaanii isarraa garagalche.” Rabbiinis
Yuusufin kadhaa isaatiif deebii deebisee. Badii niitin Aziizi fi hiriyyoonni ishii
akka hojjatu isarraa barbaadan isarraa ni deebise.84 “Dhugumatti Inni Dhagahaa,
Beekaadha” Kana jechuun sagalee hunda kan dhagahu, wanta hundaa kan beeku
Rabbii olta’aa qofa. Kadhaa nama Isa kadhatee ni dhagaha, niyyaa nama kanaas
sirritti beeka. Kanaafu, Yuusufin fitnaa (qormaata) cimaa kanarraa ni baraare.85
Gabaabumatti, qormaanni karaa sadiin namatti dhufu mucuca guddaa nama
mucuceessa. Qormaanni karaa qabeenya, beekkamti ykn sadarkaa fi dubartii
qormaata ciccimoo nama karaa qajeelaa irra deemu muudataniidha. Namni hojii
gaggaarii hojjatu Rabbiif jedhe kanniin sadan irraa hojii isaa qulqulleesse
dhugumatti inni milkaa'e. Namni kanniin irraa of qulqulleessuuf tooftaalee
kanniin fayyadamu danda'a:
1-Nafseen isaa hojii Aakhiraatiin qabeenya yoo barbaadde, mindaa guddaa
Guyyaa Murtii ittiin milkaa'an haa yaadachiisu. Qabeenyi kuni ni bada. Mindaan
suni immoo ni tura. "Yaa Nafsee tiyya! Wanta badu siif wayya moo wanta turutu
siif wayyaa?"
2-Nafseen isaa beekkamtif yoo dharraate, Fuulaa Rabbii turaa ta'e haa
yaadachisu. "Yaa nafsee tiyya! Namoonni si beekanii yoo si jaallatan, guyyaa
tokko wantuma xiqqoof sitti ka'anii sitti duulu. Jaalala Rabbii keeti yoo
barbaadde immoo Inni dogongora kee siif dhoksuun sadarkaa kee olkaasa.
Beekkamaa ta'uun wanti ati argattu jiraa?"
Isiniif Amanti Keessantu Jira, Anaafis Amanti Kiyyatu Jira Yommuu mushrikoonni ciminnaa fi jabeenya Muslimoonni amanti isaanii irratti
qaban argan, amanti isaanii irraa duubatti deebisuun akka hin danda’amne abdii
83 Ma’aariju tafakkuri wa daqaa'iqu tadabburi 10/662, Tafsiiru Sa’dii-459 84 Tafsiiru Xabarii-13/146 85 Ma’aariju tafakkuri wa daqaa'iqu tadabburi -10/663, Tafsiiru Sa’dii-459
178
kutuu jalqaban. Garuu karaa gowwummaa fi hanqinna yaada isaanii agarsiisu
hordofuu jalqaban. Gara Nabiyyii (SAW)namoota akka Aswad ibn Abdul
Muxxalib, Waliid ibn Mughiirah, Umayyah ibn Khalaf, Al-Aas ibn Waa’il erguun
akkana jedhan, “Yaa Muhammad! Koottu waan ati gabbartu nutis haa gabbarru.
Atis wanta nuti gabbarru ni gabbarta. Nu fi atis dhimmicha keessatti waliin haa
hirmaannu. Kan ati gabbartu wanta nuti gabbaruu caalaa gaarii yoo ta’e, nuti
isarraa qooda keenya fudhanna. Wanti nuti gabbarru wanta ati gabbartu kan caalu
yoo ta’e, ati qoode kee isarraa fudhatta.” Kana ilaalchisee Rabbiin subhaanahu wa
ta’aalaa suurah buuse:
(1)-Jedhi, “Yaa Kaafiroota! (2)-Wanta isin gabbartan ani hin gabbaru. (3)-
Isinis gabbartoota wanta ani gabbaruu miti. (4)-Anis gabbaraa wanta isin
gabbartanii miti. (5)-Isinis gabbartoota wanta ani gabbaruu miti. (6)-Isiniif
amanti keessantu jira, anaafis amanti kiyyatu jira.” Suuratu Al-Kaafiruun
109:1-6
“Kaafiroota” Warroota Rabbitti kafaran ykn isa waliin wanta biraa gabbaran.
Kanneen akka Mushrikoota, Kiristaanota, Yahuudota, waaqefataa, Budistoota fi
kkf. Gabaabumatti, Islaaman ala amanti biraa warroota hordofan.
“Wanta isin gabbartan ani hin gabbaru.” Kana jechuun taabota, sanama fi
uumamtoota biroo isin gabbartan (waaqefattan) ani hin gabbaru. “Isinis
gabbartoota wanta ani gabbaruu miti.” kana jechuun Rabbii ani gabbaraa jiru
isin gabbaraa hin jirtan. Sababni isaas, ibaada (gabbarri) keessan Rabbiif waan hin
qulqullessinee fi waan wanta biraa Isa waliin gabbartaniif ibaadan keessan ibaada
hin jedhamu.86 Rabbiin waliin taabota fi uumamtoota biroo gabbartu. “(4)-Anis
gabbaraa wanta isin gabbartanii miti.” kana jechuun akkaata isin ibaada ittiin
hojjattaniin hin hojjadhu. Akkaata Rabbiin itti ajajee, jaallatuu fi itti gammaduun
Isa gabbara.
86 Tafsiiru Sa’adii-fuula 1106
179
(5)-Isinis gabbartoota wanta ani gabbaruu miti.” kana jechuun gabbarrii
(ibaada) Isaa keessatti ajaja Rabbii fi seera Isaa hordofaa hin jirtan. Kana irra,
fedhii qullaa keessaniin wanta biraa uumtanii jirtu. Kuni akkuma Rabbiin jedhe:
“Se’aa (tilmaama) fi waan lubbuun isaanii feetu qofa hordofu. Dhugumatti
qajeelfamni Gooftaa isaanii irraa isaanitti dhufee jira.” (Suuratu An-Najm
53:23)
“(6)-Isiniif amanti keessantu jira, anaafis amanti kiyyatu jira.” Kuni akkuma
Rabbiin jedhe: “Yoo si kijibsiisan, “Anaaf dalagaa kiyyatu jira, isiniifis dalagaa
keessantu jira. Isin waan ani dalagu irraa qulqulluudha, anis waan isin
dalagdan irraa qulqulluudha.” Jedhi. (Suuratu Yuunus 10:41)87
Suuratu Kaafiruun karaan haqaa tokko qofa akka ta’e sirritti ibsite. Karaan haqaa
kunis Rabbii Gooftaa aalamaa ta’e qofa gabbaruudha. Rabbiin subhaanahu suurah
tana buusun haqaa fi soba, ifaa fi dukkana jidduu tuqaan wal-qunnamtii akka hin
jirre ni murteesse. Amantin kaafironni irra jiranii fi Islaamni guutumaan guututti
gargar kan ta’aniidha. Amantiin kaafirootaa Rabbii olta’aa waliin waan biraa
gabbaruu irratti kan hundaa’edha. Faallaa kanaa, Islaamni immoo Rabbii Tokkicha
qofa gabbaruu irratti kan hundaa’edha. Garaagarummaan isaanii akka samii fi
dachiiti. Hundeemaa wanti baaxila (soba) irratti hundaa’e fi wanti haqa irratti
hundaa’e akkamitti walitti galuu fi wal fakkaachu danda’uu? Kanarraa ka’uun
Islaamaan ala amantiwwan addunyaa hundi baaxila (soba) akka ta’an hubachuun
ni danda’ama.
Gareen jalqabaa Nabiyyii waliin walii galuu erga dadhabanii booda gareen
lammataa namoota kanniin of keessaa qabu ni dhufe: Abdullah ibn Abi Umayyah,
Waliid ibn Mughiirah, Mukraz ibn Hafs, Amr ibn Abdullah ibn Abi Qays, Aas ibn
Aamir. Gareen kuni gara Nabiyyii (SAW) dhufuun Qur’aana irraa keeyyattota
isaan dallansisuu keessumaayyu wanta gabbaran kan balaalefatu akka haaqu
gaafatan. Rabbiinis gaafi isaanitiif deebii jala muraa buuse:
87 Tafsiiru Ibn Kasiir- 7/677-678
180
“Yommuu keeyyattoonni Keenya ifa ta’uun isaan irratti dubbifaman, isaan
qunnamti Keenya hin sodaanne ni jedhan, “Kanaan ala Qur’aana biraa fidi
yookiin isa jijjiri.” Jedhi, “Ani of biraa isa jijjiruun naaf hin ta’u. Wanta natti
wahyi godhamu malee homaa hin hordofu. Ani Gooftaa kiyya yoo faallesse,
dhugumatti adabbii Guyyaa Guddaa sodaadha.” Suuratu Yuunus 10:15
Yommuu keeyyattoonni Qur’aanaa Rabbii olta’aa irraa bu’un mushrikoota
Makkaa irratti haala ifa ta’een dubbifaman, Guyyaa Murtii Rabbii olta’aan
qunnamu waan hin amanneef warroonni azaaba (adabbii) Isaa hin sodaanne,
Ergamaan ni jedhan: “Kanaan ala Qur’aana biraa fidi yookiin isa jijjiri.”
Qur’aana kanaan ala wanti biraa isaan barbaadan Qur’aana fedhii isaaniitiin walitti
galuudha. Akkasumas jijjirraan isaan barbaadan aayata isaan aarsu fi dallansuu
aayata isaan gammachisuun bakka akka buusudha. Aayaanni isaan barbaadan
aayaata baaxila isaanii dhugoomsanii fi fedhii isaanii guutaniidha.
Jedhi, “Ani of biraa isa jijjiruun naaf hin ta’u. Wanta natti wahyi godhamu
malee homaa hin hordofu. Ani Gooftaa kiyya yoo faallesse, dhugumatti
adabbii Guyyaa Guddaa sodaadha.”
Kana jechuun Yaa Muhammad (SAW) isaaniin akkana jedhe: Dhugumatti
Qur’aanni kuni Kalaama (dubbii) Gooftaa kiyyaati. Qur’aana keessaa wanti na
biraa ta’e tokkollee hin jiru. Jecha fi hojii kiyyaa miti. Wanta isarraa dubbisu fedhii
nafsee tiyyaatin homaa jijjiruu hin danda’u. Sababni isaas, Gooftaan kiyya
kanarratti na hin dandeessisu. Qur’aana dubbisuu keessatti wanta Gooftaa
kiyyarraa natti bu’ee malee homaa hin hordofu. Osoo isarraa wanta tokko jijjiruuf
yaale, silaa Gooftaa kiyya kan faallessu ta’a. Sababni isaas, kana keessatti Inni
naaf hin hayyamne. Dhugumatti yoo Gooftaa kiyya faallessee fi ajaja Isaa dide,
azaaba Guyyaa garmalee Guddaa ta’e sodaadha. Sababni isaas, Qur’aana keessatti
181
waa jijjiruun Rabbii olta’aa irratti soba uumudha.88 Soba Isarratti uumuun immoo
yakkaa guddaa azaaba cimaatti nama geessudha.
Qureeshonni gara Nabiyyii (SAW) deddeebi’uun kaayyoo isaa irraa akka gadi
bu’uuf wanti isaan barbaadan hundi jalaa fashalaa’e. Akkuma irrannatti
hubatamuu, gadi bu’iinsi isaan jalqaba irratti barbaadan gadi bu’iinsa lammata
irratti gaafatan caala. Jalqaba Nabiyyiin isaan waliin sanama isaanii akka gabbaru
barbaadan. Yommuu Nabiyyiin kana didu, Qur’aana irraa waa akka jijjiruu
barbaadan. Dhugumatti gaafin jalqabaa kan lammataa caalaa guddaadha.
Akkasumas, tooftaan biraa Qureeshonni fayyadaman, namoota garee keessa jiran
ni jijjiran. Waliid ibn Mughiiraa malee namooni garee jalqabaa keessa jiran
namoota garee lammataa keessa jiran irraa garagara. Sababni kana godhanis,
sammuu garagaraa jijjiranii itti fayyadamuun Nabiyyi amansiisu abdatan.
Seenaa kana keessa aalimmanii fi daa’iwwaniif barnoota guddaatu jira. Namni
tokko Islaama irraa dhimma xiqqoollee osoo taate, irraa gadi bu’uu hin qabu.
Keessumaayyu yeroo ammaa kana hayyoonni fi daa’iwwan kennaa isaaniif
dhiyaatuf deebii deebisuun duratti garmalee of eeggachu qabu. Sababni isaas,
diinonni Islaamaa qaruutee ta’aa fi namoota beekkamoo sossobuuf karaa al-
kallatiitii fayyadamaa jiru. Namtichi warra Dhiyaa Richard B.Mitchel jedhamu
akkamitti sochi Islaamaa akka laaffisan yaadota lafa kaa’e. Yaadota sanniin
keessaa: hayyootaa fi daa’iwan keessaa nama gowwoomsu barbaadan hojii kafaltii
guddaa qabu isaaniif kennuun namoota barsiisuuf akka of hin xamanne gochuu.
Piroojekti Islaamaa jechuun wanta faaydan guddaan keessa hin jirre irratti yeroo
fi humna isaanii akka fixan gochuu. Akkasumas, daldala bu’aan guddaan keessa
jira jedhame yaaddamuun isaan xamadudha.
Kuni tooftaalee diinonni Islaamaa osoo isaanitti hin beekkamin itti fayyadamaa
jiraniidha. Laa hawlaa walaa quwwata illaa billah
88 Ma’aariju tafakkuri wa daqaa'iqu tadabburi-10/63-64
182
Nabiyyummaa Booda Gara Dhuma Waggaa 7ffaatti Uggurri Dinagdee fi Hawaasummaa Akkuma Qureeshonni Muslimoota rakkisuu itti fufaniin, akkasuma Muslimoonnis
amanti isaanii irratti cimuu itti fufan. Islaamnis gosoota Arabaa hedduu keessaa
babal’achuu itti fufe. Kanarraa kan ka’ee Qureeshonnis rakkisuu keessatti daran
gara-jabeenyi fi cunqursitoota ta’u jalqaban. Nabiyummaa booda jibbiinsi isaan
Muslimootaaf qaban fiixe ol’aanaa irra gahuu irraa kan ka’e Muslimoota fi fira
Nabiyyii waliin daldalu akka dhaaban ni murteessan.
Az-Zuhriyy ni jedha: “Hanga Muslimonni dadhaboo ta’anii fi balaan isaan irratti
garmalee jabaatutti, mushrikoonni duraan caalaa Muslimoota irratti garmalee
jabaatan. Qureeshonni shira ishii keessatti Nabiyyii ifaan ifatti ajjeesuuf irratti wali
galtee. Yommuu Abu Xaalib dhimma namootaa arguu, Bani Abdulmuxxalib
walitti qabuun Nabiyyii (SAW) akka ofitti qabanii fi nama isa ajjeesu barbaadu
irraa akka eegan isaan ajaje. Isaan keessaa Muslima kan ta’es kaafira kan ta’es
dubbii kanarratti walii galan. Gariin isaanii jaalala gosaaf qabaniif kana hojjatan,
gariin immoo sababa iimaanaatiin hojjatan. Yommuu Qureeshonni Baniin
Haashim Nabiyyi eegu irratti wali galuu beektu, hanga Nabiyyii (SAW) ajjeechaaf
dabarsanii kennanitti eenyullee isaan waliin akka hin teenne, hin daldaallee fi
manneen isaanii hin seenne irratti wali galte. Meeshaa gurguraa gonkumaa bani
Haashim irraa akka hin fuune fi hanga Nabiyyi ajjeechaaf dabarsanii kennanitti
rahmata isaaniif akka hin goone waadaa fi wal-galtee galmee shiraa isaanii irratti
barreessan.”
Gabaasa biraa keessatti akkana jechuun itti dabala: akka ajjeesaniif hanga Nabiyyii
(SAW) dabarsanii kennanitti Bani Haashim waliin fuudhaa heeruma akka hin
raawwanne, isaanitti homaa hin gurgurre, homaa isaan irraas hin binne, karaalee
rizqii isaan bira gahuu akka cufan, isaan waliin araara akka hin goone, isaaniif
rahmata akka hin goone, isaanitti akka hin makamne, waliin hin teenye, hin
haasofne, manneen isaanii hin seenne waadaa wali seenan. Ergasii kanarratti wali
galanii galmee wanta kana irratti barreessan garaa Ka’abaa keessatti rarraasan.
Ilmaan Haashim haala kanaan waggaa sadiif iddoo jireenya isaaniitti kan
ugguraman ta’anii turan. Balaa fi dadhabbinni isaanitti jabaate. Qureeshonni
gabayaa isaan irraa addaan kutan. Nyaatas ta’i meeshaan gurguraan Makkaan
keessa yoo seene itti hajamanii dhiisanii dafanii meeshaan san bitan malee hin
dhiisan. Kanaan dhiiga Ergamaa Rabbii (SAW) jiigsu barbaadan.
183
Beela irraa kan ka’e hanga baala mukaa nyaachu dirqamanitti Sahaabotaa fi bani
Haashim irratti uggurrin Qureeshotaa ni cime. Isaan keessaa tokko yommuu
fincaa’uf bahu, sagalee wanta gogaa miila isaa jalatti ni dhagaha. Ergasi gogaa
gaalaa ta’uu yoo hubate, fuudhee ni dhiqa. Ergasi gubee ni alansha. San booda
bishaan irratti dhuguun guyyoota sadiif soorata isaaf ta’a. Inuma Qureeshonni
beela irraa kan ka’ee sagalee booyinsa daa’imaa iddoo jireenya bani Haashimi ni
dhagahu turan. Garuu isaan rakkisuu itti fufan.
Yommuu waggoonni sadan darban Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa
maanguddoota Qureeshotaa keessaa gariin uggurri kana dhumaan akka gahanii fi
wali galtee isaanii diigan murteessan. Wali-galtee Qureeshota kana diiguf namni
gahee dursaa taphate Hishaam ibn Amr Al-Haashimiyy. Hishaam gara Zuheyr ibn
Umayyah al-Makhzuumiyy deeme. Zuheyr haati isaa Aatikah intala Abdul-
Muxxalib turte. Hishaam Zuheyrin ni jedhe, “Yaa Zuheyr! Eessumman kee bakka
ati beektu osoo jiranuu ati nyaata nyaachutti, uffata uffachuu fi dubartoota
fuudhutti gammaddee jirtaa? Isaan hin bitatan, isaan irraayis hin bitamu, isaan hin
fuudhan, isaanittis dubartiin hin heerumsifamtu. Ani Rabbiin kakadha! Osoo isaan
eessumman Abul Hakam ibn Hishaam-(Abu Jahl) ta’anii fi wanta inni itti si
waametti osoo ati isa itti waamte, inni gonkumaa deebii siif hin deebisu. (Kana
jechuun osoo Baniin Haashim eessumman Abu Jahl ta’anii fi ati akka isaan irratti
ugguramu isa affeerte, inni tolee siif hin jedhu). Zuheyris ni jedhe: Yaa badii kee
Hishaam! Maal haa godhuu? Ani namticha tokko qofa. Wallaahi osoo namni biraa
na waliin jiraate silaa wali-galtee kana diiguf nan ka’a.” Hishaamis ni jedhe,
“Namticha tokko argattee.” Innis ni jedhe, “Inni eenyu?” Innis ni jedhe, “Ana”
Zuheyris ni jedhe, “sadaffaa nutti barbaadi.”
Ergasii, Hishaam gara Mux’am ibn Adiyy deemun akkana jedheen, “Ati osoo
agartuu fi Qureeshotaan walii galtee osoo jirtuu gosoonni xixiqoon lama ilmaan
Abdu Manaaf irraa ta’an akka dhuman ni barbaaddaa?...“ Mux’amis ni jedhe, “Ee
badii kee! Maal haa godhuu? Ani namticha tokko qofa.” Hishaamis ni jedhe,
“Nama lamaffaa siif arge.” Eenyudha jedhe Mux’am. Hishaamis ni jedhe, “Ana”.
Mux’amis ni jedhe, “Sadaffaa nuuf barbaadi.” Hishaamis ni jedhe, “Hojjadhee
jira.” Innis ni jedhe, “Eenyudhaa?” Hishaamis ni jedhe, “Zuheyr ibn Abi
Umayyah.” Mux’amis ni jedhe, “Afraffaa nuuf barbaadi.”
Hishaamis gara Abu Bukhtari ibn Hishaam deeme. Wanta Mux’amin jedhe isaanis
ni jedhe. Abu Bukhtaris ni jedhe, “Ee badii kee! Nama biraa kanarratti nu gargaaru
ni argannaa?” Innis ni jedhe, “Eeyyen.” Maqaa namoota armaan olii ni dhayeef.
Abu Bukhtaris, “Shanaffaa barbaadi” jedheen. Ergasii Hishaam gara Zum’ah ibn
Al-Aswad ibn Muxxalib ibn Asad deemun haqaa fi firummaa ilmaan
184
AbdulMuxxalib isarraa qaban itti hime. Zum’anis ni jedhe, “Namoota keessaa
dhimma ati itti na waamtu kanarra namni jiru jiraa?” Hishaamis ni jedhe,
“Eeyyen.” Ergasii maqaa namoota armaan olii dhayee. Kutaa kaabaa Makkaa
keessatti namoonni shanan kunniin halkan wal gahuuf ni mari’atan. Marii san
keessatti tarkaanfi akkami hordofuu akka qaban irratti wali galan. Wanta
hojjachuu qaban erga murteessanii booda Zuheyr ni jedhe, “Ani isin dursee haa
deemu. Jalqaba natu dubbata.”
Yommuu bari’uu gara bakka Qureeshonni walitti qabamanitti deeman. Zuheyris
uffata gaarii fi haarawa uffattee gara Ka’abaa deemun si’a torba naanna’e. Ergasi
gara namootaa naanna’uun akkana jedhe, “Nyaata ni nyaannaa, uffata ni uffannaa,
ilmaan Haashim dhumaa osoo jiranuu? Hin bitatan, isaan irraas meeshaan hin
bitamu. Rabbiin kakadhe! Galmeen zaalimaa fi hariiroo addaan kuttu taate tuni
hanga cicciramtutti ani hin taa’u.” Abu Jahl ni jedhe, “Kijibde. Wallaahi hin
cicciramtu.” Ergasi Zum’ah ibn Al-Aswad ni jedhe, “Wallaahi, ati hundarra
kijibaadha. Yommuu barreefamtu nuti barreefama ishii itti hin gammanne.” Abu
Bukhtaris ni jedhe, “Zum’an dhugaa dubbate. Wanta galmee san keessatti
barreefame itti hin gammannu. Hin mirkaneessinus.” Mux’am ibn Adiyyis ni
jedhe, “Isin lamaanu dhugaa dubbattan. Namni kanaan ala wanta biraa jedhe
kijibee. Galmee tanaa fi wanta ishii keessatti barreefame irraa of qulqulleessina.”
Hishaamis yaaduma wal fakkaatu kenne. Ergasi Abu Jahl ni jedhe, “Kuni dhimma
halkan xumurameedha. Bakka kanaan ala irratti mari’atame.” Abu Xaalib immoo
Masjiida cinaa taa’a ture, homaa hin dubbanne.
Mux’am ibn Adiyy galmee tarsaasuf ni ka’e. Garuu raammoon muka nyaattu,
“Maqaa keetin Yaa Allah” bakka jedhu malee galmee hundaa nyaatte fixxe.
Barnoota asirraa fudhatamu Namoonni sababa Islaamaatiin uggurriin diinagdee fi hawaasummaa isaan irra
gahuu danda'a. Waggaa sadii guutuu karaa galii itti argatanii fi hariiroon
hawaasummaa isaan irratti cufame. Muslimoonni rakkoo kana hundaaf harka
kennuun ijjannoo isaanii irraa duubatti hin deebine. Amantii isaanii irratti ni
ciman. Muslimoonni yeroo ammaas sababa waraanaa fi rakkoo adda addaatin
uggurriin hawaasummaa fi diinagdee yommuu isaan muudatu, obsuun amantii
isaanii irratti jabaachu qabu. Keessumayyu warri mishinari (peenxonni) yeroo
rakkoo Muslimoota amantii isaanii irraa deebisuuf mallaaqa baay'een
gowwoomsuuf carraqu. Namni maallaqni kuni qormaata akka ta'e beekun
addunyaa gabaabduuf jedhee Aakhirah of jalaa balleessu hin qabu. Seenaa armaan
olii keessumayyuu hima kana haa yaadatu:
185
"Beela irraa kan ka’e hanga baala mukaa nyaachu dirqamanitti Sahaabotaa fi bani
Haashim irratti uggurrin Qureeshotaa ni cime. Isaan keessaa tokko yommuu
fincaa’uf bahu, sagalee wanta gogaa miila isaa jalatti ni dhagaha. Ergasi gogaa
gaalaa ta’uu yoo hubate, fuudhee ni dhiqa. Ergasi gubee ni alansha. San booda
bishaan irratti dhuguun guyyoota sadiif soorata isaaf ta’a."
Beelli fi rakkinni Islaama irraa duubatti isaan hin deebisne. Ni obsan. Ergasii yeroo
booda rakkoon isaan irraa ni deeme. Qur'aana keessatti:
ا لعس ٱفإنذ مع ﴿ ا لعس ٱإنذ مع ٥يسا ﴾٦يس
“Rakkinna waliin laafinatu jira.
Dhugumatti rakkinna waliin laafinatu jira.” Suurat Ash-Sharh 94:5-6
Rakkinni laafinna lamaan kan marfameedha. Rakkinna duraa fi rakkinna booda.
Rakkinna dura laaffinatu ture, rakkinna boodas laafinni (mijaa'inni) ni dhufa.
Garuu hangasii Islaama irratti gadi dhaabbannaa fi obsa barbaachisa.
Kitaabban wabii:
As-Siiratu Nabawiyyati–fuula-182-184, Alii Muhammad Sallaabi, Noble Life of
The Prophet [English] 1/463-468
186
Godaansa Gara Habashaa
Hiika Godaansaa fi Mindaa isaa Jireenya keessatti namni bakka tokko irraa bakka biraa qubachuun ni jiraata.
Adeemsa kanaan “godaansa” jennaan. Jecha biraatin godaansa jechuun bakka
tokko irraa deemun bakka biraa qubachuudha. Warri baadiyaa bonaa fi ganna
bakka adda addaatti horii fi hoolota isaanitiin godaanu. Takkaa gara baddaa takkaa
immoo gara gammoojji godaanun jireenya ofii gaggeessu. Sababni isaan itti
godaananiif beelladoota isaaniitiif marga dheedamu barbaadudha. Tiiksen
rakkoolee godaansa kana keessa jiru hunda danda’uun beelladota eega. Beelaa fi
qorra baddaa obsaan dabarsa.
Kuni waa’ee godaansa ummata keenya keessatti beekkame ibsuufi. Godaansi horii
qofaaf kan godaanan osoo hin ta’in amantii ofiitiifis ni godaanan. Akkuma warri
baadiyaa bakka margaa horiin isaanii itti dheedutti godaanan warri amantii ofiitiif
godaananis bakka amantii ofii nagahaan itti gaggeessanitti godaanu. Namni
Rabbiif jedhee godaane, dhugumatti mindaa guddaa argata. Rabbiin subhaanahu
wa ta’aalaa warroota karaa Isaa keessatti godaanan mindaa isaanii akkana jechuun
dubbata:
ين ٱو ﴿ وا ف لذ ٱهاجر هم ف للذ ئنذ نياٱمن بعد ما ظلموا نلبو ل حسنةجر
ٱول كب لو كنوا يعلمون ألخرة
﴾٤١أ
“Erga cunqurfamanii booda warroonni [karaa] Rabbii keessatti godaanan,
dhugumatti addunyaa keessatti bakka gaarii isaan qubsiifna. Garuu mindaa
Aakhiraatu irra guddaadha, osoo kan beekan ta’anii.” Suuratu An-Nahl 16:41
Erga ummata isaaniitiin cunqurfamanii fi Islaama irraa akka deebi’an isaan qoranii
booda, warroonni biyyaa ofii dhiisanii jaalala Rabbii barbaaduun gara biraatti
godaanaan mindaa lama qabu: 1ffaa-addunyaa tana keessatti iddoo gaarii
qubsiisuu fi rizqii gaarii isaaniif kennu. 2ffaa-Aakhiratti mindaa guddaa isaaniif
kennuudha. Dhugumatti, mindaan Aakhiratti argatan mindaa addunyaa tana
keessatti argatan caala. Namoonni guddinna mindaa kanaa osoo beekanii silaa
yommuu sababa amantii isaanitiif cunqurfaman, eenyullee godaanu irraa duubatti
hin deebi’u.
Eeti, biyya ofii gadi lakkisanii gara biyya biraatti godaanun rakkoo adda
addaatiif nama saaxila. Garuu namni waa sadii yoo qabaate rakkoon kuni isarratti
187
salphata. 1ffaa-akkuma armaan olitti jenne guddinna mindaa Aakhira beeku fi
abdachuu. 2ffaa-obsuu, 3ffaa-Rabbiin irratti hirkachuudha. Amaloota lamaan
dhumaa kanniin aayah armaan olii irraa itti fufuun ni jedha:
ين ٱ﴿ ون لذ هم يتوكذ رب وا ولع ﴾٤٢صب
“[Isaan] warra obsanii fi Gooftaa isaanii irratti hirkataniidha.” Suuratu An-
Nahl 16:42
Ummata isaanii irraa wanta isaan tuqee irratti ni obsan, biyyaa ofii gadi dhiisanii
godaansaf bahuu irrattis ni obsan. Wanta Rabbiin subhaanahu jaallatu hojii irra
oolchuf Isa irratti hirkatu.
Seenaa keessatti Muslimoonni sababa amantii isaaniitiif godaananii jiru. Yeroo
Nabiyyiin (SAW) ergaman godaansi jalqabaa gara Habashaa ture. Sahaabonni
gara Habashaa si’a lama godaanan. Itti aanse gara Madiinaa godaanan. Akkuma
aayah armaan olii keessatti warra godaananiif waadaa galamee, addunyaa keessatti
bakka gaarii Rabbiin isaan qubsiise. Muslimoonni gara Habashaa godaanan
nageenya argachuun amanti isaanii haala gaariin gaggeessan. Warri gara Madiina
godaananis bakka gaarii qubachuun mootummaa guddaa hundeessanii jiru.
Biyyoota adda addaa banuun Islaama babal’isanii jiru. Kuni mindaa jalqabaa
isaaniif kennameedha. Mindaan guddaan kana caalu Guyyaa Qiyaamaa isaan
eeggata. Seerri Rabbii yeroo hundaa hojii irra kan oolu waan ta’eef, namni
yommuu cunqurfamuu amanti ofiitiin dheessun Rabbiif jedhee yoo godaane,
mindaa aayah armaan olii keessatti waadaa galame ni argata.
Namoonni gariin yommuu cunqurfaman, godaanu dhiisanii Islaama irraa duubatti
deebi’uun kafaru. Garuu kuni kasaaraa guddaa isaanitti fida. Rakkoo yeroo
gabaabaf isaan qunnamu irratti obsuu wayyaa moo adabbii Jahannam yeroo
hundaa turaa ta’e irratti obsuu wayyaa? Namni amanti ofii bakka tokkotti
gaggeessu yoo dadhabee bakka biraa deemun gaggeessu danda’a. Sababni isaas,
dachiin Rabbii bal’oodha. Qur’aana keessatti ni jedha:
عبادي ﴿ ين ٱي لذ ف سعة فإيذ رض و
﴾٥٦عبدون ٱءامنوا إنذ أ
“Yaa gabroottan Kiyya kanneen amantan! Dhugumatti dachiin Tiyya
bal’oodha. Kanaafu Ana qofa gabbaraa.” Suuratu Al-Ankabuut 29:56
Kuni, biyya amanti ofii itti gaggeessu hin dandeenye keessaa gara biyya amanti
ofii itti gaggeessu danda’anitti godaanu akka qaban ajaja Rabbiin irraa warroota
188
amananiif darbeedha. 89 “Dhugumatti dachiin tiyya bal’oodha.” Gara lafa
nagaha itti taatanii fi hacuuccaa kaafirotaa fi mushrikootaatiif hin saaxilamneetti
godaanaa. Yommuu godaantan, jaalala Kiyya barbaadun godaanaa. Dachiin iddoo
bal’oo ibaadaaf taatudha. “Kanaafu Ana qofa gabbaraa.”
Adabbii kaafirootaa fi mushrikootaa sodaachu fi godaansa dhiisun, Islaamaa irraa
duubatti deebitanii Ana waliin waan biraa hin gabbarinaa. Yoo Islaama irraa
duubatti deebitan, kasaaraa guddaatu isin qunnama. Namoonni gariin adabbii
kaafirotaa sodaachu fi godaansa dhiisun Islaama irraa duubatti kan deebi’aniif
lubbuu isaanitiif sodaachuni. Yoo adabbiif saaxilamee ykn godaane nan du’a
jechuun sodaatu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa sodaa kana akkana jechuun
isaaniif salphisa:
﴾٥٧ثمذ إلنا ترجعون لموت ٱك نفس ذائقة ﴿
“Nafseen hundi du’a ni dhandhamti. Ergasii gara Keenyatti deebifamtu.” Suuratu Al-Ankabuut 29:57
Biyyaa keessan keessatti taatanii, biyya biraatti godaantanii duuti isin irraa hin
haftu. Kanaafu, bakka isin itti ajajetti Rabbiif ajajamaa. Inni kuni isiniif irra
gaariidha. Duuti dhufuun waan hin hafneef jalaa miliquunis hin jiru. Namni yeroon
du'aa yoo gahe, nafseen hunduu akka duutu yoo beeke, godaansa ykn amantii ofii
irraa duubatti hin deebi’u. Biyya ofii keessa ta’e godaanes duuti isatti ni dhufti.
Ammas, yeroo dheeraaf nan jiraadha jedhee yaadun amantii irraa duubatti yoo
deebi’e, duuti isatti dhufuun waan hin oolle.
Nafseen hundi du’a akka dhandhamtu beekun qofti gahaa miti. Kaafironnu kana
waan beekaniif waraanaa keessatti gootummaa argatu. Garuu warroota amananiif
abdii fi gootummaa guddaa kan ta’uuf, du’aan booda kaafamuun mindaa guddaa
akka argatan beekuu fi abdachuudha (ilaali suuratu An-Nisaa 4:104). Kanaaf ni
jedha, “Ergasii gara Keenyatti deebifamtu.” Yeroon barzakha jireenya
addunyaa tanaa fi jireenya biraa Guyyaa Kaafamaa addaan baasu erga xumuramee
booda, qorannoo Gooftaa keessanii, murtii Isaa argachuu fi jazaan Isaa hojii irra
akka ooluuf dirqamaan gara jireenya lammataatti ni deebitu.90 Kanaafu, namni
du'aan booda kaafamuun qoratamee mindaa guddaa akka argatu yoo beeke fi
amane, rakkoolee fi ulfaatinni sababa amantii isaatiif isa qunnaman isaaf salphatu.
89 Tafsiiru Ibn Kasiir 6/72 90 Ma’aariju tafakkuri wa daqaa'iqu tadabburi 15/291
189
Jireenya keessatti namni wanta tokko kan hojjatuuf bu’aa wayii hojii san irraa
abdateeti. Akkasi miti ree? Namni Rabbiif jedhee godaanus, “Manaa fi biyya kiyya
dhiisee yommuu godaanu bu’aan ani argadhu maaliidhaa?” jedhee of gaafachuun
isaa hin oolu. Deebiin kanaa, Suuratu An-Nahl 16:41 jalqaba irratti kaasne
keessatti kennamee jira. Garuu, “mindaan Aakhirah kuni maal ta’inna laata?”
Jechuun gaafachu danda’aa. Deebiin kanaa haala kanaan kenname:
“Warroota amananii fi hojii gaggaarii hojjatan, dhugumatti Jannata irraa
manneen jireenyaa jala ishii laggeen yaa’an, achi keessa yeroo hundaa kan
jiraatan ta’anii isaan qubsiifna.” Mindaan hojjattootaa waa tole! [Isaan]
warra obsanii fi Gooftaa isaanii irratti hirkataniidha.” Suuratu Al-Ankabuut
29:58-59
Namni tokko, “Sila mindaan guddaan kuni warra godaanan qofaaf ta’aa?” jedhee
gaafachu danda’a. Lakki, warra ganda kufrii irraa godaanan qofaaf osoo hin ta’in
namoota dhugaan amananii fi hojii gaggaarii hojjatan hundaafis ni ta’a.
Keeyyattonni armaan olii warra amanan, Rabbiif jedhanii godaananii fi hojii
gaggaarii hojjatan hunda of keessatti hammatu. Garuu Islaama keesatti godaansi
hiika lammataa akka qabu hubatamu qaba. Hiikni kunis: wanta Rabbiin dhoowwe
irraa gara wanta Rabbiin jaallatutti godaanudha. Jecha biraatin, ma’asiyaa (badii)
irraa gara Rabbiif ajajamutti qajeeludha. Ergamaan Rabbii (SAW) ni jedhan:
“Muhaajir (godaanaan) nama wanta Rabbiin irraa dhoowwe dhiisedha.”
Sahiih Al-Bukhaari-6484
Sheykh Muhammad bin Saalih Useymiin hadiisa kana ilaalchise ni jedha:
“Akkuma beekkamu muhaajira jechuun amantii ofii gaggeessuuf nama biyya
kufrii keessaa gara biyya Islaamatti baheedha (godaanedha). Garuu godaansi hiika
biraas ni qaba. Innis, namni wanta Rabbiin dhoowwe dhiisudha. dubbii
dhoowwame hin dubbatu, hojii dhoowwame hin hojjatu, wanta dirqamaa
(waajiba) ta’e hin dhiisu. Kana irra, dirqamoota ni hojjata, wanta dhoowwame
immoo ni dhiisa. Kuni muhaajira (godaanaa)dha. Sababni isaas, wanta Rabbiin
dhoowwe irraa ni fagaate.”91
91 Sharihu Riyaadu Saalihiin- 6/234
190
Dubbiin erga akkana ta’ee, keeyyattonni (aayaanni) armaan olii muhaajira biyya
kufrii gadi lakkisuun gara biyya Islaamaa godaanee fi muhaajira wanta Rabbiin
dhoowwe dhiise fi dirqamoota hojjate of keessatti hammatu jechuudha. Mee
mindaa kana haa ibsinu: “Warroota amananii fi hojii gaggaarii hojjatan,
dhugumatti Jannata irraa manneen jireenyaa jala ishii laggeen yaa’an, achi
keessa yeroo hundaa kan jiraatan ta’anii isaan qubsiifna.”
Kana jechuun dhugumatti warra amananii fi hojii gaggaarii hojjatan Jannata jala
ishii laggeen garagaraa yaa’an keessatti manneen jireenyaa ol fagoo ta’an isaan
qubsiifna. Jannata keessa isaan yeroo hundaa jiraatu, achi keessaa bahuu fi
jijjiramuun hin jiru. “Mindaan hojjattootaa waa tole!” Jannata qananii keessatti
manneen jireenya dhedheeroo ta’an kunniin akka mindaatti Rabbiif jedhanii warra
hojii gaarii hojjataniif ee waa tolan!92
“[Isaan] warra obsanii fi Gooftaa isaanii irratti hirkataniidha.” Jechoota kana
keessa sababa warri amananii fi hojii gaggaarii hojjatan Guyyaa Murtii mindaa
guddaa itti argatan ibsa. Sababni kuni gara amaloota gurguddoo lamaatti deebi’a:
1ffaa- Wanta Rabbiin itti ajajee hojjachuu irratti obsu, wanta Inni dhoowwe irraa
obsuu fi musiibaa irratti obsuudha. Obsi humna fedhii cimaa keessaa humna
amalaa gaarii yommuu ta’u, namni ifaajee, rakkinnaa fi ulfaatinna baadhachuuf
nafsee ofii akka too’atu isaa dandeessisa. Ammas, miira dallansuu, hifachuu,
jarjaruu, sodaa, dharra’uu fi fedhii lubbuutiin dhiibamuu irraa akka nafsee ofii
too’atanii fi sirreessan nama taasisa.
2ffaa-Rabbiin irratti hirkachuu-kuni amala gaarii lammaffaa warra Jannata
seenaniiti. At-Tawakkulu alallah (Rabbiin irratti hirkachuu) jechuun wanta
namarraa eeggamu hojjachuu waliin Rabbiif harka kennuu, dhimmoota akka
namaaf qindeessuu fi galmaan gahuu Isaaf dhiisudha. 93 Warri Rabbiin irratti
hirkatan, hanga danda’an wanta isaan irraa eeggamu ni hojjatu, hojii san Rabbiin
subhaanahu tartiiba akka qabsiisuu fi guutuuf Isarraa ni abdatu, gargaarsa Isarraa
kadhatu.
Guduunfaa
☞ Islaama keessatti godaansa (hijraa) jechuun biyya kufrii Muslimoonni
keessatti cunqurfaman gadi dhiisun gara biyya amanti ofii nagahaan itti
gaggeessanitti godaanudha. Ammas, hikni lammata godaansaa- "Wanta Rabbiin
92 Tafsiiru Ibn Kasiir 6/73 93 Ma’aariju tafakkuri wa daqaa'iqu tadabburi15/292-293
191
subhaanahu dhoowwe dhiisudha."
☞Godaansi mindaa guddaa qaba. Garuu mindaa guddaa kana argachuuf niyyaa
ofii Rabbiif qulqulleessun barbaachisaadha. Ergamaan Rabbii (SAW) akkana
jedhan: “Dhugumatti hojiiwwan hunduu niyyaani. Nama hundaafu wanta
niyyate qofatu isaaf jira. Nama godaansi isaa gara Rabbii fi Ergamaa Isaa
taate, godaansi isaa gara Rabbii fi Ergamaa Isaati. Nama godaansi isaa
faaydaa duniyaa argachuuf yookiin dubartii fuudhuf taate, godaansi isaa
gara wanta inni itti godaaneti.” (Sahiih al-Bukhaari fi Sahiih Muslim)
☞Hadiisni kuni waa lama nu hubachiisa: Hojiin namootaa niyyaa irratti
hundaa'a. Namni Rabbiif jedhee qe'ee ofii gadi dhiisee godaane ykn wanta itti
ajajame hojjate fi wanta irraa dhoowwame dhiise, mindaa guddaa Rabbii olta'aa
irraa argata. Namni niyyaan isaa Rabbiif osoo hin ta'in addunyaaf ykn dubartii
fuudhuf yoo ta'e immoo, Guyyaa Murtii mindaa guddaa kana Rabbiin irraa hin
argatu.
☞Dhugumatti godaansi fi hojiwwan gaggaarii biroo hojjachuuf wantoonni
bu'uuraa lama nama barbaachisu. Isaaniis: Obsuu fi Rabbiin irratti
hirkachuudha. Namoonni bu'uuralee lamaan kanniin qabaachuun haala sirrii
ta'een Rabbii fi wanta Isarraa dhufetti amananii hojii gaggaarii hojjatan,
dhugumatti Jannanii iddoo qubannaa yeroo hunda keessa turan isaaniif taati.
192
Godaansa gara Habashaa Akkuma kutaa darbe keessatti jennee godaansi biyya kufrii itti hacuucaman
keessaa gara biyya nagahaan amantii ofii itti gaggeessanitti bahuudha. Yommuu
Nabiyyiin (SAW) ergaman cunqursaan mushrikoonni Muslimoota irraan gahan
guyyaa guyyaan dabalu itti fufe. Kanarraa kan ka’e, iddoo nagahaatti godaanuuf
dirqaman. Yeroo sanitti iddooleen nagaha namoonni itti hin cunqurfamne
keessaa tokko lafa Habashaa (Itiyoophiyaa) ti. Sahaabonni gara Habashaatti
godaanun sadarkaan Habashaan seenaa Islaamaa keessatti qabdu kan dagatamu
miti. Mee har’a seenaa kana ilaaluuf haa yaallu. Isin qophiidhaa?
Godaansa Jalqabaa gara Habashaa
Sababoota gara Habashaa akka godaanan isaan taasise Sahaabota Nabiyyii (SAW) irratti balaan guyyaa guyyaan dabaluu fi cimuu itti
fufe. Kaafironni Makkaa Islaamaa irraa duubatti deebisuuf sahaabota hidhuu,
rukuttaan, beelaan, dheebun, hoo’a Makkaatii fi ibiddaan isaan rakkisuu turan.
Garuu yeroo kanatti wanti nama ajaa’ibu sababa ciminna balaatii fi du’a
sodaachuun sahaabota keessaa namni Islaama irraa duubatti deebi’e hin jiru.
Kuni dhugummaa isaanii agarsiisa. Eeti, isaan keessaa gariin qalbiin isaa
iimaanan tasgabbooftee fi guutamte osoo jirtuu arraba qofaan dubbii kufri kan
dubbate ni jira. Qalbiin iimaanan waan guutamteef kuni kufritti isa hin geessu
(ilaali suuratu An-Nahl 16:106)
Ammas isaan keessaa nama amantii isaa irratti goguun wanta isaan jedhi jedhaniin
didetu jira. kan akka Bilaal ibn Rabah. “Ahad, Ahad (Tokkicha, Tokkicha)” jechuu
malee jecha kufrii isaan itti dirqisiisan ni dide.
Ergamaan Rabbii (SAW) sadarkaa fi eeggumsa Rabbiin biraa waan qabanif, itti
aanse abbeeraa isaanii irraa eeggumsa waan argataniif hamma ta’ee nagaha turan.
Garuu yommuu Nabiyyiin (SAW) balaa sahaabota irra gahuu fi isaan irraa
deebisuuf humna kan qabne ta’uu arguu, akkana isaaniin jedhe: Osoo gara biyya
Habashaa godaantanii. Sababni isaas, Biyya san keessa mootii eenyullee isa biratti
hin cunqurfamnetu jira. Ishiin biyya dhugaati. Wanta keessa jirtan keessaa hanga
Rabbiin karaa bahiinsa isiniif godhutti, [achi turaa]” Ergasii Sahaabota Nabiyyii
(SAW) irraa Muslimoonni gariin sababa fitnaatiin amanti irraa duubatti deebi’u
sodaachuun gara biyya Habashaa godaanan. Islaama keessatti kuni godaansa
(Hijraa) jalqabaa turte. Sababoota gara Habashaatti akka godaanan isaan taasisan
keessaa muraasni, sababa adabbii fi rakkoo Qureeshonni isaan irraan gahaniin
Islaamaa irraa duubatti deebi’u sodaachu, gara Islaamaa namoota waamu, yaaddo
Rasuulaa (SAW) hir’isuu fi kan biroo turan. Namni sababa fitnaatiin (qormaata
193
cimaatiin) Islaama irraa duubatti nan deebi’e jedhee yoo sodaate, bakka fitnaan
hin jirreetti dheessutu isaaf caala.
Nabiyyiin (SAW) Maaliif Habashaa filatanii? Gaafi kanaaf deebii deebisuuf sababoota baay’etu jira. Isaan keessaa:
1-Najaashin mootii haqaa ta’uu
2-Najaashin nama gaarii (saalih) ta’uu
Nabiyyiin (SAW) mootii Habashaa maqaa gaariin akka kaasan gabaafamee jira:
“Biyya Habashaa mootii gaarii Najaashi jedhamutu jira. lafa isaa keessatti
eenyullee hin miidhu.” Kuni dhugaa ta’uun isaa ni mirkanaa’e. Najaashin
Muslimoota akka keessummaatti gara isaatti dhufan ni eege, Qureeshotaaf
dabarsee kennuu ni dide. Akkasumas, yommuu Qur’aana Ja’afar irraa dhagayuu
keessi isaa ni tuqame. Waa’ee Iisaa ilaalchisee amantiin inni qabu sirrii ture.
(Iisaan Gooftaa ykn ilma gooftaa osoo hin ta’in, Nabiyyii kabajamaa akka ta’etti
amana).
3-Habashaan iddoo Qureeshonni daldala itti adeemsisaniidha- Yeroo sanitti
Habashaan handhuurota daldalaa keessaa tokko akka taatetti ilaallamti. Tarii
sababa daldalaatiif gara achi waan deemaniif ykn namni san dura garas deeme
waan isaanitti himeef Muslimoonni waa’ee biyya tanaa beekan. Xabariin yommuu
sababa godaansa gara Habashaa ibsuu akkana jechuun dubbata: Lafti Habashaa
Qureeshotaaf iddoo daldala itti daldaalatan turte. Galii baay’ee fi nageenya achitti
ni argatu.”
4-Habashaan biyya nageenyaa fi of dandeettedha- tarii kuni sababa guddaa ta’uu
danda’a. Qureeshonni Habashaa keessatti aangoo hin qaban. Sahaabonni
Habashaan ala osoo Araboota naannawa Makkaa jiranitti godaananii silaa nagaha
hangas mara hin argatan. Sababni isaas, Araboonni baay’een gara Makkaa hajjiif
waan deemaniif Qureeshotaaf ajajamu. Yeroo hajjii gargaarsa isaanii waan
barbaadanii fi daldalaaf waan isaan irratti hirkataniif Qureeshotaaf of gadi qabu.
Akkasumas, Araboonni naannawa san jiran da’waa Nabiyyii faallessaa turan.
Haala kanaan, Qureeshotaan walitti galuun harka walitti naqatu. Gara biraatin
Habashaan amantiin isaanii kan Qureeshotaa irraa garagara waan ta’eef Hajjiif
gara Makkaa hin deeman. Kanaafu, Qureeshota hin sodaatan, isaaniif hin
ajajaman. Gabaabumatti, Qureeshonni dhiibbaa siyaasaa Habashaa irratti hin
qabdu. Kanaafu, iddoon nagahaa fi filatamaa Muslimoonni itti godaanu danda’an
Habashaadha.
194
5-Nabiyyiin (SAW) Habashaa beekuun jaallatanii jiru. Hadiisa Zuhriyyi keessatti
Ergamaa Rabbii biratti biyyi hundarra jaallatamtuun itti godaanu barbaadan
Habashaa akka taate gabaafame jira. tarii jaalalli kuni sababoota qaba. Isaan
keessaa:
-Bulchiinsa haqummaa Najaashi
-Nabiyyiin (SAW) karaa dubartii isa guddisteetiin waa’ee Habashaa beeku.
Dubartiin yeroo daa’imummaa Nabiyyii kunuunsaa turte Umm Ayman jedhamti.
Ishiin Habashaa irraayyi. Kanaafu, waa’ee biyya ishii isatti himuun ishii hin
oolu.
Yeroo warroonni godaanan (Muhaajironni) itti bahan, iccitii
bahuu fi Habashaa gahuu
Nabiyummaa booda waggaa 5ffaa irraa ji'a Rajab keessa Sahaabonni Rasuula
(SAW) dhoksaan Makkaan gadi furanii bahan. Dhiirota kudhanii fi dubartoota
afur turan. Gabaasa biraa keessatti Dubartoota shaniis jedhamee jira.
Qureeshonni yommuu kana beekan gara Makkaatti deebisuuf isaan dhaqqabuuf
yaalan. Hanga galaana gahanitti faana isaanii duuka bu’an. Garuu Muslimoonni
gara Habashaatti qajeelun galaanaa irra markabaan lixanii jiru.
Yommuu Habashaa gahan Najaashin haala gaariin isaan keessumeesse.
Nageenyaa fi tasgabbii biyya ofii keessatti dhaban, Habashaa keessatti argachuu
jalqaban.
Godaansa irraa jalqabee Muslimoonni Habashaa keessa ji’oota sadii jiraatan.
Makkaatti immoo jireenya Muslimootaa keessatti jijjiramni guddaan ni uumame.
Haalli duraan hin turre ni argame. Haalli kunis isaan keessatti abdii Makkaan
keessatti ergaa Islamaa babal’isuu ni kakaase. Jijjiramni guddaan dhufe kunis,
abbeeraa Nabiyyii (SAW) kan ta’e, Hamzaan Islaamawuudha. Hamzaan
Qureeshota keessatti nama jabaa fi dirree lolaatti kan sodaatamu ture. Yommuu
inni Islaama keessaa seenu, Qureeshonni Ergamaan Rabbii (SAW) akka jabaate fi
eeggame ni beekte. Sababni isaas, abbeeraan isaa isa eega. Qureeshonni azaa
duraan irraan gahaa turan irraa of qusachuu jalqaban.
Hamzaan erga islaamawe booda Umar ibn Al-Khaxxaab ni islaamawe. Umar
nama jabaa namni kamu isa hin tuqneedha. Hanga Makkaan keessatti ifaan ifatti
amantii isaanii ibsan gahanitti Muslimoonni Islaamawu Umarii fi Hamzaatiin
kabajni, jabeenyi fi eeggumsi isaanitti dhagahame. Namoota ciccimoo fi
gurgudoo lamaan kanniinin Muslimoonni jabeenya argachuu jalqaban. Abdullah
ibn Mas’uud ni jedha, “Dhugumatti, Islaamawun Umar baniinsa ture. Godaansi
195
isaa injifannoo ture, bulchiinsa isaa rahmata ture. Dhugumatti hanga Umar
Islaamawutti Ka’abaa biratti hin salaannu turre. Yommu islaamawu hanga
Ka’abaa biratti salaatutti Qureeshotaan wal lole. Nutis isa waliin salaanne.” (As-
Siiratu An-Nabawiyyah-Ibn Hishaam (1/365)
Abdullah ibn Umar akkana jechuun gabaase: Yommuu Umar islaamawu akkana
jedhe, “Miseensa Qureeshotaa keessaa eenyutu namoota hundarra oduu ariitin
facaasaa?” Jamiil ibn Ma’mar Al-Jumahiyy isaan jedhame. Innis ganamaan gara
Jamiil deeme. Anis (Abdullah) maal akka hojjatu ilaaluf isa duuka bu’e. Yommuu
Umar Jamiilitti dhufu akkana jedhe, “Yaa Jamiil ani akka Islaamawee fi amantii
Muhammaditti seene beektee?” Jamiilis homaa osoo itti hin deebisin uffata isaa
lafarra harkisaa gara Masjiidaa qajeele. Umaris isa hordofe, anis abbaa kiyya
hordofe. Ergasi Qureeshonni naannawa Ka’abaatti osoo walitti qabamanii jiranu
Jamiil balbala Masjiidaa irra dhaabbachuun sagalee olkaase ni jedhe, “Yaa tuuta
Qureeshotaa! Ilmi Khaxxaaba (Umar) amanti isaa gadi dhiisee jira.” Duuba isaati
Umar ni jedhe, “Kijibee jira. Garuu ani Islaamawe fi Rabbiin malee haqaan
gabbaramaan akka hin jirree, Muhammadis gabrichaa fi Ergamaa Isaa ta’uu ragaa
bahee jira.” Qureeshonni isatti olka’an. Umar isaaniin wal loluu hin dhiisne hanga
aduun walakkaa samii geessutti. Dhumarratti, namni hunduu dadhabee taa’e.”
Gabaabumatti Hamzaa fi Umar erga Islaama keessaa seenanii booda haalli
Muslimoota ni jijjirame. Duraan salaatu kan hin dandeenye Muslimoonni amma
Ka’abaa biratti ifaan ifatti salaatu danda’aniiru. Akkasumas, bakka wal-gahii
dhoksaa isaanii kan ta’e Daarul Arqam (Mana Arqam) keessaa gara Masjiidaatti
amanti isaanii labsuun bahan. Qureeshonnis akka durii isaan rakkisuu irraa of
qusachuu eegalte. Godaansa Habashaa dura haalli Muslimoonni keessa jiraatan
amma gara haala gaaritti jijjirame. Kuni eenyurraallee ni dhokata jettee yaaddaa?
Makkaatti jijjiramni jireenya Muslimoota keessatti dhufe kuni biyya Habashaa hin
gahu jettee ni yaaddaa? Osoo karaa nama galaana irra deddeebi’uun Jiddaan bira
darbu ta’eeyyuu.
Oduun jijjirama kana hundaa Muslimoota gara Habashaatti godaanan bira osoo
hin gahin hin hafu. Shakkii hin qabu, isaaniis oduu kanaan garmalee gammadu.
Kana booda yaaddoo fi dharraan isaanii gara biyyaa ofii deebi’udha. Muslimoonni
Habashaatti godaanan kunniinis sababa Islaamawu Hamzaa fi Umaratin waan
beekanii fi Sahaabota gurguddoo lamaan kanaan Muslimoonni ni jabaatu jedhanii
amanuun gara Makkaa ni deebi’an.
Garuu Qureeshonni Islaamawu Hamzaa fi Umari haala adda addaatin faallessu
jalqabde. Gara tokkoon shiraa fi dhara baasun gara biraatin gar-jabeenyaa fi
196
roorrummaan Islaamaatti duulu itti fufte. Faallaa Nabiyyii (SAW) tooftaa duulaa
ni dabalte. Tooftaan duulaa kunis uggurrii diinagdee fi hawaasummaa yeroo
darbee ilaalledha. Kanaafu, sababa roorroo fi gara-jabeenya haala haarawaan
Qureeshonni jalqabaniin Muslimoonni yeroo lammataatiif gara Habashaatti
godaanuf dirqaman. Namoonni baay’een duraan hin godaannes isaanitti
dabalaman.
Godaansa Lammataa gara Habashaa
Sahaabonni Rasuulaa (SAW) godaansa jalqabaa irraa yommuu gara Makkaa
deebi’an, Qureeshonni isaan irratti jabaatte. Qureeshota irraa rakkinni cimaan
isaan qunname. Ergasii Ergamaan Rabbii (SAW) si’a lammataatiif gara
Habashaa akka godaanaan isaaniif hayyame.
Ibn Isihaaqi fi kanneen biroo akka gabaasanitti si’a lammataaf kan godaanee dhiira
82 yookiin 83 (yoo Ammaar ibn Yaasir keessa jiraate). Akkasumas, dubartoonni
18 godaananii jiru. Isaan keessaa 11 miseensa Qureeshotaa irraayyi. 7 immoo
miseensa gosa biraa irraayyi. Ijoolleen isaaniis isaan waliin godaananii turan.
Akkasumas, Habashaa keessatti kan dahan ni jiru.
Muhaajirota (godaantota) deebisuuf carraaqqi Qureeshonni Najaashi biratti
godhan Yommuu Muslimoonni Najaashi biratti nagaha ta’anii fi iddoo jireenyaa argatanii
Rabbiin qofa kan gabbaran ta’uu Qureeshonni argitu, wal jidduutti shira baasu
jalqabde. Muslimoota gara Makkaa deebisuuf gara Najaashi jiila (garee) ergan.
Jiilli kuni shira Qureeshota hojii irra oolchuuf haa deemu malee gara hin beekneen
Islaamaa fi Muslimoota fayyadee jira. Shirri isaanii kuni haasofti mootii Habashaa
fi Ja’afar jidduutti akka gaggeefamuuf sababa ta’e. Kana irraa kan ka’e, Najaashin
ni Islaamawe.
Haadha manaa Nabiyyii (SAW) tan taate Ummu Salamat bint Abi Umayyah bin
Mughiirah akkana jetti: Yommuu lafa Habashaa qubannu, ollaa hundarra gaari
ta’etti olloomne. Amanti keenya irratti nagaha arganne. Rabbii olta’aa ni gabbarre.
Hin rakkifamnu, wanta jibbinu hin dhageenyu. Yommuu haalli kuni Qureeshota
gahu, wal jidduutti shira baasan. Waa’ee keenya ilaalchisee gara Najaashi namoota
ciccimoo lama ni ergan. Meeshaalee Makkaa keessaa kan ijaa isaa butu Najaashiif
akka kennaatti kennuuf karoorsan. Wanti hundarra gaarii fi ajaa’ibaa isaan
makkaan irraa isatti fidu danda’an gogaa duugameedha (leather). Isaanis gogaa
baay’ee isaaf walitti qaban. Akkasumas, patraayiki Najaashi hundaafu tokkoon
tokkoon kennaa akka kennan karoora baasan. (Patraayikin amanta Kiristaana
197
keessatti qeysi sadarkaa ol'aanaa qabuudha.) Ergasii karoora kana hojii irra
oolchuf Qureeshonni Abdullah ibn Abii Rabii’ah ibn Al-Mughiirah Al-
Makhzuumiy fi Amr ibn Al’aas ibn Al-Waa’il As-sahmii ergan. Isaanis
(hoggantoonni Qureeshota) ajaja kana isaan lamaanif kennan: Isaan (sahaabota)
ilaalchisee Najaashitti dubbachuun dura patraayiki hundaaf kennaa kennaaf.
Ergasii Najaashif kennaa isaa kennaaf. San booda osoo isaanitti (sahaabotatti) hin
dubbatin akka isiniif dabarsee kennu gaafadhaa.”
Abdullah ibn Rabii’ah fi Amr ibn Al’aas Makkaan gadi furanii gara Najaashi
deeman. Nuti isa (Najaashi) biratti iddoo jireenyaa gaarii fi ollaa gaarii keessa
taane jirra. Najaashi haasofsiisuun dura patraayiki keessaa homtu hin hafne kennaa
isaa yoo kennaanif malee. Ergasii patraayiki hundaan akkana jedhan:
“Dhugumatti, dargaggoonni gowwoota ta’an amanti ummata isaanii gadi furanii
fi amanti keessanitti hin seenne biyya mootii keessanii dhufuutti qajeelan. Amanti
haarawa nutis ta’e isin hin beekne fidan. Manguddoonni ummata isaanii akka
isaanitti deebisnuuf gara mootitti nu erganii jiru. Waa’ee isaanii ilaalchisee mootii
yoo dubbisne, akka dabarsee nuuf kennuu fi isaan hin dubbisne isatti akeekaa.
Dhugumatti, ummanni isaanii waa’ee isaanii ilaalchisee sirritti kan arganii fi
beekaniidha.” Patraayikonnis tole jedhan.
Ergasii deemanii kennaa isaanii Najaashitti dhiyeessan. Innis isaan irraa ni fuudhe.
Itti aansanii isa dubbisan, ni jedhan, “Yaa mootii! Nu keessaa dargaagonnii
gowwoota ta’an gara biyya keetitti qajeelan. Amanti ummata isaanii ni dhiisan,
amanti kee keessas hin seenne. Amanti haarawa nutis ta’e ati hin beekne fidan.
Abbootii fi abbeerota isaanii irraa manguddoonni ummata isaanii akka isaanitti
deebistuuf gara keetti nu erganii jiru. Isaan waa’ee isaanii ilaalchise sirritti argu,
wanta isaan isaanirratti akka hanqinnaatti ilaalan sirritti beeku.”
Najaashin dubbii isaanii (sahaabota) dhagayuu caalaa wanti Abdullah ibn Rabii’ah
fi Amr ibn Al’aas biratti jibbamaa ta’e hin jiru. Patraayikonni naannawa isaa jiran
ni jedhan: Yaa mootii, isaan dhugaa dubbatanii jiru. Ummanni isaanii waa’ee
isaanii ilaalchisee sirritti argu. Wanta isaan isaanirratti akka hanqinnaatti ilaalan
hunda caalaa beeku. Kanaafu, gara biyyaa fi ummata isaanii akka deebisaniif
isaaniif dabarsi kenni.”
Najaashin ni dallane, ergasii ni jedhe: Rabbiin kakadhe, gonkumaa hin ta’u.
Isaaniif dabarsee hin kennu. Namoota natti olloomanii biyya kiyya keessa
qubatanii fi nama biraa caalaa ana filatan irraa shira hin sodaadhu. Xiqqaate
xiqqaatu hanga isaan waamee wanta namoonni lamaan kunniin waa’ee isaanii
ilaalchise jedhan gaafadhutti hin kennu. Akkuma isaan jedhan yoo ta’an, isaan
198
lamaanif dabarsee kenna, gara ummata isaanittis nan deebisa. Garuu kanaan ala
yoo ta’an, isaan lamaan irraa nan eega. Hanga isaan naan olloomu turanitti ollaa
gaarii isaaniif ta’a. (Ahmad 5/290 gabaase, lakk.22498)
Haasawa Ja’afarii fi Najaashi jidduutti adeemsifame Ergasii najaashin gara sahaabota Nabiyyitti (SAW) ergee akka dhufan ajaje.
Yommuu ergamaan najaashi isaanitti dhufu, sahaabonni bakka tokkotti walitti
qabamuun, “Namticha (Najaashi) yoo itti dhuftan maal jettuun?” waliin jedhan.
Ni jedhan, “Wanti ta’e haa ta’u, Rabbiin kakanne! wanta Nabiyyiin keenya (SAW)
nu barsiisee fi ajaje jenna.” Najaashin qeeysota isaa waame. Isaanis galmee isaanii
ni diriirsan. Yommuu Muslimoonni dhufan Najaashin akkana jechuun isaan
gaafachuu jalqabe, “Amantiin isin ummata keessan irraa ittiin adda baataniin
maaliidhaa? Amanti kiyya keessa hin seenne, ummattota addunyaa keessaas
amanti nama tokko keessa hin seenne.”
Ummu Salamat itti fufuun ni jetti, “Namni isa dubbise Ja’afar ibn Abi Xaalib
(radiyallahu anhu) ture. Ja’afaris ni jedheen, “Yaa mootii! Nuti ummata
jaahiliyyaa (wallaalummaa) turre. Siidaa gabbarra, baktii nyaanna, wanta fokkuu
ni hojjanna, hariiroo firummaa ni kunna, nu keessaa namni jabaan nama dadhabaa
nyaata. Hanga Rabbiin Ergamaa sanyii, dhugummaa, aamaanaa fi kabaja isaa
beeknu nutti ergutti nuti haala kana irra turre. Dhagaa fi muka, nu fi abbootin
keenya gabbaraa turan dhiisuun Rabbiin akka tokkichoomsinuu fi gabbarru gara
Rabbii nu waame. Dhugaa dubbachuu, amaanaa deebisuu, rahiimummaa (hariiroo
firummaa) sufuu, ollummaa tolchuu, wantoota dhoowwamanii fi dhiiga jiigsu irraa
akka of qusannu nu ajaje. Wantoota fokkuu, dubbii sobaa, qabeenya yatimaa
nyaachu fi dubartii qulqulluu zinaan maqaa xureessu irraa nu dhoowwe. Osoo
homaa Isatti hin qindeessin Rabbii Tokkicha akka gabbarru nu ajaje. Salaata,
zakaa fi soomattis nu ajaje.”
Dhimmoota Islaamaa biroo isaaf lakkaa’e. Ja’afar itti fufuun ni jedhe, “Isa
dhugoomsinee isatti amanne. Wanta dhufeen irratti isa hordofne. Rabbii Tokkicha
ni gabbarre, homaa Isatti hin qindeessinu. Wanta inni haraama nurratti godhe nutis
haraama goone, wanta inni halaala nuuf godhe halaala goone. Ummanni keenyas
nurratti daangaa darbuun nu rakkisan, Rabbiin gabbaruu irraa gara dhagaa fi muka
gabbaruutti akka deebinuuf amanti keenya keessatti nu qoran. Yommuu isaan nu
hacuucanii fi miidhan, nuu fi amanti keenya jidduu seenan, gara biyya keetti
baane. Nama biraa caalaa si filanne. Ollummaa kee barbaanne. Yaa mootii, nuti si
biratti akka hin miidhamne ni abdanne.”
199
Najaashinis Ja’afarin ni jedhe, “Wanta inni(Nabiyyin) Rabbiin irraa fide keessaa
waa si bira jiraa?” Ja’afaris ni jedhe, “eeyyeen.” Najaashinis isaan ni jedhe, “Naaf
dubbisi.”
Ja’afaris, Kaaf-Ha-Yaa-aayn-Saad jedhee jalqabuun suuratu Mariyam irratti
qara’e (dubbise). Rabbiin kakadhe! Hanga areenni isaa imimaanin jiidhutti
Najaashin ni booye. Qeeysonnis wanta isaan irratti qara’e yommuu dhagahan
hanga galmeen isaanii jiidhutti ni booyan. Ergasii Najaashin ni jedhe,
“Dhugumatti, kuni fi wanti Muusaan ittiin dhufe, madda tokko irraa kan
bahaniidha. [Gara ergamtoota Qureeshotaa lamaanitti garagaluun akkana jedheen]
Deemaa, ani gonkumaa isaan dabarsee isiniif hin kennu. Shiras isaan irraa hin
sodaadhu.”
Hariiroo Muslimootaa fi Najaashi jidduu jiru balleessuf yaali biraa Ummu Salamat itti fufuun ni jetti, yommuu Abdullah ibn Rabii’ah fi Amr ibn Al-
Aas Najaashi biraa bahan, Amr ibn Al-Aas ni jedhe: Wallaahi boru eeybi
(hanqinna) isaanii isa beeksiisa, ergasii jireenya isaanii hunde irraa buqqisa. Garuu
Abdullah ibn Rabii’ah ni jedhe, “Kana hin hojjatin. Osoo nu faallessaniyyuu haqa
firummaa ni qabu.” Amris ni jedhe, “Wallaahi, 'Isaan Iisaan ibn Mariyam gabricha
akka ta’e dubbatu' jechuun isatti beeksisa.” Ergasii bariisifatee gara Najaashi
deemun, “Yaa mootii! Iisaa ibn Mariyam ilaalchisee dubbii guddaa dubbatu. Gara
isaanitti ergiiti wanta isaan jedhan gaafadhu.” Jedhe. Najaashinis waa’ee kanaa
isaan gaafachuf ergamaa itti erge. Ummu Salamat ni jetti: Wanti akkanaa duraan
nu hin qunnamne. Gareen Muslimoota walitti dhufuun, “Waa’ee Iisaa ilaalchisee
yoo isin gaafate maal jettu?” waliin jedhan. Ni jedhan, “Wanti fedhe haa uumamu,
Rabbiin kakanne! Isa ilaalchise wanta Rabbiin jedhee fi Nabiyyiin keenya ittiin
dhufe jenna.” Yommuu isatti seenan, Najaashin isaaniin ni jedhe, “Iisaa ilma
Mariyam ilaalchisee maal jettuu?” Ja’afar ibn Abi Xaalibis ni jedheen, “Isa
ilaalchise wanta Nabiyyiin keenya ittiin dhufe jenna: Inni gabricha Rabbiitii fi
ergamaa Isaati. Ruuhi Rabbiin uumee fi jecha gara Mariyamitti darbeedha. (Jechi
tuni, “ta’i” tan jettuudha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa wantoota hundaa irratti
danda’aa waan ta’eef wanta tokko hojjachu yoo fedhe, “Ta’i” jedhan. Wanti sunis
yoosu ta’ee argama. Iisaanis (nageenyi isarratti haa jiraatu) "Ta'i" jedhamuun
garaa haadha isaa keessatti kan argameedha (uumameedha).)
Ergasii Najaashin harka isaa lafarratti rukutee ulee ol fudhe. Itti aanse ni jedhe:
wanta ati jettee caalaa Iisaan ilmi Mariyam hanga fageenya ulee tanaayyu hin
deemu. (kana jechuun waa’ee Iisaa ilaalchise wanti ati jettee dhugaadha. Dhugaa
kanarraa fagaate Iisaan gooftaa ykn ilma gooftaa ta’uu hin danda’u.) Yommuu
Najaashin kana jedhu patraayikonni dallansuun dubbatan. Ergasii ni jedhe, “Osoo
200
dallantanillee [Wanti ani dubbadhee dhugaadha]. [Ergasii gara Muslimoota
garagaluun ni jedhe], Deemaa, isin biyya kiyya keessatti nagaha taatanii jirtu.
Namni isin arrabse, ni qabama. Isin keessaa nama tokko miidhun warqii hanga
gaaraa qabaachuu hin jaalladhu. [Ergasii gara patraayikotaa garagaluun ni jedhe]
kennaa isaanii isaaniif deebisaa. Haajaa itti hin qabnu. Rabbiin kakadhe! Yommuu
Rabbiin mootummaa kiyya naaf deebise, mattaa narraa hin fudhanne. Ani immoo
mattaa ni fudhadhaa?” Ummu Salamat ni jetti: Abdullah ibn Rabii’ah fi Amr ibn
Al-Aas wanti fidan isaan irratti deebifamee salphatanii isa biraa bahan. Nutis
Najaashi biratti iddoo jireenyaa fi ollaa gaarii keessa jiraanne. (Musnad Ahmad
1/202-203)
Islaamawu Najaashi
Najaashin Islaamawee fi Nabiyummaa Nabiyyi (SAW) dhugoomse jira. Garuu
ummanni isaa sobaa fi jallinna irratti gadi jabaachu fi amanti jallataa irratti goguu
isaanii yommuu beeku iimaana (amanuu) isaa isaan irraa dhokse. Abu Hureyraan
akka gabaasetti, guyyaa Najaashin du’ee Ergamaan Rabbii (SAW) du’a isaa ni
beeksisan. Iddoo itti salaatamutti isaan baasun hiriira isaan qabsiisee Takbiiraa
afur isarratti godhe.” 94 Jaabiris akka gabaasetti, yommuu Najaashin du’u
Ergamaan Rabbii (SAW) ni jedhan, “Har’a namtichi gaariin du’ee jira. Kanaafu
olka’aatii obboleessa keessan As-hamah irratti salaataa.”95 Rabbiin Najaashi irraa
haa jaallattu. (Maqaan dhuunfaa najaashi “As-hamah”dha. Najaashin maqaa wali
galaa mootota Habashaa yeroo saniitif kennamuudha. Akkuma “Abbaa Gadaa”
jennu. Abbaan Gadaa maqaa wali galaa namoota Oromoo hoggananiif
kennamuudha.)
Barnoota Asirraa Fudhatamu
➦Diinonni Islaamaa Islaamaa fi Muslimootatti duuluf qabeenya baay'ee
dhangalaasu. Kennaa Qureeshonni Najaashif dhiyeessan irraa ni hubanna.
➦ Biyya ofii keessatti amanti ofii gaggeessu yoo dadhaban bakka biraa deemun
amanti ofii gaggeessu. Godaansa sahaabota irraa kana ni baranna. Jireenya
keessatti wanti namni dursa kennuufi qabu, amanti isaati. Bakka kana yoo deeme
ykn jiraadhe "Amanti kiyya Islaama haala sirrii fi nagahaan gaggeessu
danda'aa?" jedhe of gaafachu qaba.
➦Bareedinna Islaamaa- Ja'afar dukkanna kufrii fi shirkii duraan keessa turanii fi
ifa Islaamaa keessa jiran yommuu tarreessu ni hubanna. Islaamni umamtootaaf
gabra ta'uu irraa gara Uumaaf (Khaaliqaaf) gabra ta'uutti nama waama. Wantoota
94 Sahiih Al-Bukhaari- 1333 95 Sahiih Al-Bukhaari- 3888
201
fokkuu irraa gara amalootaa fi hojii babbareedotti nama affeera. Kuni hundi
bilisummaadha.
➦Gatii dhugaa dubbachuun qabu- tarii namni jireenya ofiitiif sodaate ykn faayda
argachuuf jedhee soba dubbata. Sahaabonni kunniin waa'ee Nabii Iisaa yommuu
gaafataman, homaa osoo hin sodaatin, dhugaa dubbachuu irratti wali galan. Kuni
kan agarsiisu, namni yoo jiraates haqarratti yoo du'es haqarratti ta'uu akka
qabuudha. Sobni balaa jalaa nama hin baasu. Keessumayyu waa'ee hundee
amanti ilaalchise sobuun yakka guddaa adabbii cimaatti nama geessudha.
Namoonni kunniin haqa waan dubbataniif jireenya isaanii guutuu tasgabbii fi
kabajaan jiraatan. Kanaafu, kan nama baasu soba osoo hin ta'in dhugaadha
(haqa).
➦Waliin mari'achuu fi hoggannaa sirrii filachuu- seenaa kana keessatti waliin
mari'achuu sahaabotaa fi nama aaqila dubbii sirritti beeku akka filatan ni agarra.
➦Dubbii namootaaf maluu dubbachuu- Ja'afar ibn Abi Xaalib namni inni
dubbisaa jiruu Kiristaanota ta'uu yommuu beeku, gara Islaamatti isaan waamuf
Suuratu Mariyam filate. Suuran tuni waa'ee Mariyamii fi Nabii Iisaa (aleyh
salaam) dubbatti. Kanaafu, inni carraa kanatti fayyadame.
202
Bara Gaddaa fi Qormaata Xaa’if
Tokkoffaa-Bara gaddaa Du’a Abu Xaalib Duuti Abu Xaalib, Baniin Haashim bakka hawaasummaa fi diinagdeen itti
uggurame (cufame) keessaa erga bahanii booda ture. Kunis Nabiyyiin (SAW) erga
ergamani waggaa kurnaffaa irratti ture. Abu Xaalib Nabiyyi marsee eegaa fi isaaf
jedhee dallanaa ture. Qureeshonni isa ni ulfeessu. Yommuu duuti isatti dhufte,
warroonni shirkii leellisan isatti dhufuun akka amanti isaa irratti gadi dhaabbatu fi
Islaama keessaa akka hin seenne isa jajjabeessan. Akkana jedhaniin, "Amanti
Abdulmuxxalib ni dhiistaa?" Nabiyyinis (SAW) akkana jechuun Islaama isatti
dhiyeesse: “Laa ilaah illallah jedhi, jecha tanaan Guyyaa Qiyaamaa siif ragaa
bahaati.” Abu Xaalibis ni jedhe: Osoo Qureeshonni, “obsa dhabuutu jecha tana
akka jedhu isa taasisee” jechuun na xiqqeessu baatanii, silaa jecha tana jechuun
gammachuu ijaa siif kennaa ture. Ergasii, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa aayah
tana buuse:
﴿ كنذ إ حببت ول
ذك ل تهدي من أ ٱن علم للذ
يهدي من يشاء وهو أ ﴾٥٦لمهتدين ٱب
“Dhugumatti, ati nama jaallatte hin qajeelchitu, garuu Rabbiin nama fedhe
qajeelcha. Inni hunda caalaa warroota qajeelan beeka.” Suuratu Al-Qasas
28:56
Sammuu Abu Xaalib keessatti yaadonni jaahiliyya (wallaalummaa) hidda kan
qabataniidha. Jijjiruu hin dandeenye. Inni jaarsa guddaa waan ta’eef yaada fi wanta
abboota irraa dhaale jijjiruun garmalee itti ulfaata. Kanarratti dabalate, yommuu
du’u hiriyoonni isaa mushrikoota ta'an achi turan. Oduun Islaamaa ni babal'ataa
sodaachuun, isa irratti dhiibbaa godhan. (Haala kanaan, Abu Xaalib Laa ilaah
illallah osoo hin jedhin shirkii irratti du’e.)
Du’a Khadiijah Khadiijaan haati mu’mintoota Nabiyyiin (SAW) gara Madiinaatti godaanun
(hijraan) dura baruma Abu Xaalib du’eetti duute. Nabiyyiin (SAW) namoota
jaallatamoo fi isa deeggaran kanniin du’aan dhabuun gaddi fi yaaddon isa irratti
dachaa ta’e. Abu Xaalib deeggaraa fi gargaaraa alaa Qureeshota Nabiyyii irraa
dhoowwu yommuu ta’u, Khadiijan (radiyallahu anhaa) immoo gargaartu keessaa
ulfaatinna isaaf laaffistuu, jajjabeessituu fi booharsituudha. Barri Abu Xaalib fi
203
Khadijaan du'an, "Bara Gaddaa" jedhamuun beekkama. Sababni isaas, namoonni
lama namoota hunda caalaa Nabiyyiif gargaartoota fi deeggartoota ta'an baruma
tokko du'uun gaddi guddaan Nabiyyii (SAW) qunname.
Abu Xaalib du’uu waliin kuffaarri Qureeshaa duraan caalaa Nabiyyii rakkisuuf ni
gootoman. Nabiyyiin (SAW) Rabbii olta’aa malee kan isa gargaaru hin hafne.
Kana waliinu ergaa Gooftaa isaa namoota hundatti geessuuf itti fufe. Raakkolee fi
qormaanni itti baay’atan. Yommuu haalli garmalee itti cimuu, Nabiyyiin (SAW)
biyya keessatti guddatanii fi namu isaan beeku keessaa bahuun gara naannoo biraa
deemun namoota gara Islaamatti waamuuf murteessan. Tarii namoonni kunniin
Islaama fudhachuun deeggartootaa fi tumsitoota ta’u. Kanaafu, Nabiyyiin (SAW)
magaala Makkaatti dhiyoo taate gara Xaa’if deeman.
2ffaa-Imala Rasuulaa (SAW) gara Xaa’if Ji’a Shawwaal keessa namoota gara Islaamatti waamuf Nabiyyiin (SAW) Zaayd
ibn Haaris waliin gara Xaa’if qajeelan. Xaa’if Makkaan irraa gara kilomeetira 60
fagaatti. Sanamni maqaan ishii Al-Laat jedhamtu Xaa’if keessatti dhaabbachuun
namoonni gabbaraa fi hajji itti godhaa turan.
Akkuma Makkaan keessatti gosti ol’aantummaa guddaa qabdu Qureeshota taate,
Xaa’if keessattis gosti ol’aantummaa guddaa qabdu Saqiif turte. Yommuu
Nabiyyiin (SAW) Xaa’ifin gahu, gara namoota gurguddoo fi hoggantoota
Saqiifitti qajeele. Isaan bira taa’un gara Islaamatti isaan waame. Garuu deebiin
Nabiyyiif kennaan garmalee badaa ture. Isatti qoosan. Gowwootaa fi gabroota
isaanii isatti duulchisan. Gowwoonni fi gabroonni kunniin Nabiyyii dukkana
keessaa gara ifaatti isaan baasuuf dhufe, ni arrabsan, itti iyyan, dhagaa itti darban.
Ergasii Nabiyyiin (SAW) garmalee kan gaddan ta’anii gaaddisa muka teemira jala
taa’an. Wanti Xaa’if keessatti isa qunname wanta mushrikoota irraa Makkaan
keessatti isa qunname caalaa cimaa ture. Warri Xaa’if karaa irratti hiriira galanii
isa eegan. Dhagaan darbachuun luka Nabiyyii (SAW) ni dhiigsan.
Rahmataa fi Garaa Laafummaa Nabiyyii (SAW) Nabiyyiin (SAW) warra Xaa'if irraa deebii badaa fi miidhaa haa argataniiyyuu
malee, wanta gaarii isaaniif hawwe. Gaafa tokko Aa’ishaan (radiyallahu anhaa)
Ergamaa Rabbii (SAW) akkana jechuun gaafatte:
Guyyaan guyyaa waraana Uhud caalaa sirratti cimaa ta’e sitti dhufee?”,
Nabiyyinis (SAW) ni jedhan: Ummata kee irraa wanti na qunname qunname. Isaan
irraa wanti garmalee cimaan ana qunname: guyyaa Aqabaa yommuu ani ibn Abd-
Yaalayla ibn Abdul-kulaabif of dhiyeessee, wanta ani barbaade naaf deebisuu
dideedha. [Yommuu wanta ani barbaade inni naaf deebisu didu], ani garmalee kan
204
gaddu ta’ee deeme. Hanga Qarna As-Sa’aaliba gahuutti malee boqonnaa
fudhachuu hin dandeenye. Yommuu bakka kana gahee mataa kiyya olkaasu
duumessi na gaaddisissee jira. Yommuu ilaalu, Jibriil achi keessa jira. Innis na
waamun akkana jedhe, “Dhugumatti Rabbiin, dubbii ummanni kee siin jedhanii fi
wanta sitti deebisan dhagayee jira. Isaan ilaalchisee wanta feete akka ajajju
Malaaykaa gaaraa sitti ergee jira.” Malaykaan gaaras na waame nagaha naan
jedhe. Ergasii ni jedhe, “Yaa Muhammad! Wanta feete ajaji. Yoo feete gaarreen
lamaan kana isaan irratti maxxansa.” Nabiyyinis (SAW) ni jedhan, “Lakki! Kana
irra, Rabbiin nama osoo homaa Isatti hin qindeessin (hin shaarrakin) Isa qofa
gabbaru akka dugda isaanii keessaa baasu kajeela.” (Kana jechuun ijoollee
Rabbiin qofa gabbartu isaan keessaa akka baasu kajeela.) Sahiih Al-Bukhaari 3231
Barnoota Asirraa Baratamu:
✏Jaarsi yaada jijjirruu irratti ulfaatadha. Yaanni fi amantiin ijoollummaa irraa
jalqabee hanga jaarsummaatti yoo nama waliin guddate, yeroo jaarsummaatti
jijjiruun garmalee ulfaata. Kanaafi, yommuu Nabiyyiin (SAW) ummata isaanii
gara Islaamaatti waamu, namoonni jalqabaa Nabiyyii (SAW) faallessan jaarsota
turan. Kanaafu, namni yaanni fi amantin sobaa qalbii isaa keessatti hidda
qabachuun dura dafee jijjiruuf tattaafachu qaba.
✏"Nan salphadha, namoonni maal nan jedhan!" jechuun haqa dhiisun of
salphisuudha. Mee haala Abu Xaalib ilaali. Namoota sodaaf, jecha "Laa ilaah
illallah (Rabbiin malee haqaan gabbaramaan hin jiru)" jettu jedhu dide. Jechi
(kalimaan) tuni jecha namni ibiddaa fi salphinna irraa ittiin baraaramuudha.
✏Dhiibbaa hiriyyaan badaan namarratti qabu- Hiriyyonni Abu Xaalib isarratti
dhiibbaa gochuun kufrii irratti akka du'u taasisan.
✏Qajeelchi harka Rabbii subhaanahu wa ta'aalaa jira- hanga fedhe nama
jaallanne qajeelchuuf haa carraaqnu, yoo Rabbiin subhaanahu hin qajeelchin,
nuti qajeelchu hin dandeenyu. Kanaafu, mataa keenyaafis ta'i namoota birootif
qajeelcha yoo barbaanne, Rabbiin irraa qajeelcha kadhachuu qabna.
✏Namoonni jaallatanii fi deeggarsa namaaf taa'an du'aan dhabuun baay'ee nama
dhukkubsa. Garuu, Rabbii olta'aa abdachuu fi irratti hirkachuun boohartii namaaf
ta'a.
✏Wallaaltonni, gowwoonni fi of tuultonni nama alaabaa haqaa baadhate gara
hundaan itti duulu irraa duubatti hin deebi'an. Namni kuni hanga fedhe faayda
isaanitiif haa carraaqu, isaan kana hin argan. Kanaafu, namni ergaa Islaamaa
baadhatu ykn Islaama yommuu hojii irra oolchu, wanta wallaaltonni, gowwoonni
fi of tuultonni isaan jedhanii fi isarraan gahaniin abdii kutuu hin qabu. Mee ilaali,
Nabiyyii (SAW) dubbii badaan ni arrabsan, dhagaa itti roobsan. Garuu obsuu fi
Rabbiin irratti hirkachuun adeemsa ergaa Islaamaa ummatatti geessu itti fufan.
205
✏Namni yommuu wallaaltoota fi gowwoota irraa wanti badaan isa qunnamu,
abaarsa fi isaan miidhutti fiigu hin qabu. Mee ilaali, amala Nabiyyii (SAW).
Warra Xaa'if wanta badaa yommuu irra geessan hin abaarre. Yommuu
Malaaykan gaaraas itti dhufe, “Yaa Muhammad! Wanta feete ajaji. Yoo feete
gaarreen lamaan kana isaan irratti maxxansa.” jedhuun, waan gaarii hawwaniif.
Sababni isaas, isaan wallaaltoota akka daa'imaati. Sahiih Al-Bukhaari (3477) fi
Sahiih Muslim (1792) keessatti, Abdullah ibn Mas'uud akkana jedha:Yommuu
Ergamaan Rabbii (SAW) Nabiyyoota darban keessaa waa'ee Nabiyyi tokkoo
dubbatu gara isaa waan ilaalu natti fakkaataa. Nabiyyi kana ummanni isaa isa
rukutanii fi dhiigsanii ergasii dhiiga fuula isaatirraa xuruuraa akkana jedhe, "Yaa
Rabbii ummata kiyyaaf araarami. Dhugumatti,isaan hin beekan waan
ta'eef."
Nabiyyi kana ummanni isaa beekumsa osoo qabaatanii silaa isa hin miidhan.
Nabiyyin kunis haala isaanii hubachuun isaaniif du'aayi godhe, gadoo hin
kuufanne. Kuni amala namoota milkaa'aniiti. Yeroo baay'ee gadoo kuufachuun
nama miidhaa malee hin fayyadu.
Al-Israa’a Wal-Mi’araaj- (Halkaniin Gara Al-Quds Deemu Ergasii Gara Samii Ol-Bahuu)-Kabajuu Fiixee Ol’aanaa İrra Gahe
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Ergamaa Isaatiif wantoota gurguddoo guddinna
dandeetti Isaa agarsiisan akka ilaaluf carraa kenneef. Kunis, qalbiin Nabiyyii
(SAW) Rabbiin irratti hirkachuun akka guuttamuu fi humnoota kuffaaratti duuluf
akka humna isaaf dabaluufi. Adeemsa Israa fi mi’araaj keessatti Rabbiin
subhaanahu wa ta’aalaa mallattoolee gurguddoo hijraa fi qabsoo guddaaf karaa
laaffisan nabiyyii Isaatti agarsiise. Mallattoolee adeemsa kana keessatti Ergamaan
Rabbii (SAW) argan baay’eedha. Isaan keessaa: Gara Beytul Maqdis deemu, gara
samii olbahuu, malaykoota, Jannata, ibidda fi kanneen biroo argu.
Qur’aanni waa’ee Israa (halkaniin Makkaan irraa gara Al-Quds (Jerusalaam)
deemu) ilaalchisee suuratu Israa jalqaba irratti kaasa. Mi’araaj (gara samii
olbahuu) immoo suuratu An-Najm keessatti kaasa.
Seenaa Israa fi Mi’araaj Anas ibn Maalik (radiyllahu anhu) akkana jedhe: Ergamaan Rabbii (SAW) ni
jedhan, “Al-Buraaq natti fidame. [Al-Buraaq] kuni beellada bifa adii, dheeraa
harree caaluu fi gaangee gadi ta’eedha. Kottee isaa dhuma ijji isaa arguu dandeessu
kaa’a. Hanga Beytal Maqdis gahuutti isa yaabbadhe. Ergasii, [Balbala Masjiid Al-
Aqsaa fuunduratti] wanta akka geengoo nabiyyoonni beellada yaabbatan itti
hidhanitti hidhe. Ergasii, Masjiida seenee raka’aa lama keessatti salaate. San
booda achi ni bahe. Jibriil (aleyh salaam) meeshaa khamrii of keessaa qabuu fi
meeshaa aannan of keessaa qabu ni fide. Anis aannan nan filadhe. Jibrilis ni jedhe:
206
Fixrah filatte. Ergasii gara samii nun kore (bahe). Jibrilis [balballi samii] akka
banamtu ni gaafate. Ni jedhame, “Ati eenyu?” Innis ni jedhe, “Jibriil”. Ni jedhame,
“Eenyutu si waliin jiraa?” Innis ni jedhe, “Muhammad” Ni jedhame, “Isatti
ergamee jiraa?” Innis ni jedhe, “Isatti ergamee jira. Ergasii nuuf banamee
Aadamiin argine. Baga nagahaan dhufte naan jedhee waan gaariin na eebbise. San
booda [Jibriil] gara samii lammataa nuun bahe. Jibriilis akka banamtu ni gaafate.
Ni jedhame, “Ati eenyu?” Innis ni jedhe, “Jibriil”. Ni jedhame, “Eenyutu si waliin
jiraa?” Innis ni jedhe, “Muhammad” Ni jedhame, “Isatti ergamee jiraa?” Innis ni
jedhe, “Isatti ergamee jira.” Ergasii nuuf banamee ilmaan adaadaa kan ta’an Iisaa
ibn Mariyamii fi Yahya ibn Zakariyyaa (isaan hundarrattı nageenyi haa jiraatu)
argine. Isaan lamaanis baga nagahaan dhuftee nan jedhanii waan gaarii naaf
kadhatan. San booda [Jibriil] gara samii sadaffaa nuun bahe. Jibriilis akka banamtu
ni gaafate. Ni jedhame, “Ati eenyu?” Innis ni jedhe, “Jibriil”. Ni jedhame,
“Eenyutu si waliin jiraa?” Innis ni jedhe, “Muhammad ملسو هيلع هللا ىلص ” Ni jedhame, “Isatti
ergamee jiraa?” Innis ni jedhe, “Isatti ergamee jira” Ergasii nuuf banamee Yuusufi
(aleyh salaam) walakkaan bareedinaa isaaf kenname arge. Baga nagahaan dhufte
naan jedhe waan gaarii naaf kadhate. San booda [Jibriil] gara samii afraffaa nuun
bahe. Jibriilis akka banamtu ni gaafate. Ni jedhame, “Kuni eenyu?” Innis ni jedhe,
“Jibriil”. Ni jedhame, “Eenyutu si waliin jiraa?” Innis ni jedhe, “Muhammad ملسو هيلع هللا ىلص ”
Ni jedhame, “Isatti ergamee jiraa?” Innis ni jedhe, “Isatti ergamee jira” Ergasii
nuuf banamee Idriis (aleyh salaam) arge. Innis baga nagahaan dhufte naan jedhe
waan gaarii naaf kadhate. [Idriisin ilaalchise] Rabbiin azza wa jalla ni jedhe:
“Bakka ol’aanaa isa olkaasne.” (19:57) San booda [Jibriil] gara samii shanaffaa
nuun bahe. Jibriilis akka banamtu ni gaafate. Ni jedhame, “Kuni eenyu?” Innis ni
jedhe, “Jibriil”. Ni jedhame, “Eenyutu si waliin jiraa?” Innis ni jedhe,
“Muhammad ملسو هيلع هللا ىلص ” Ni jedhame, “Isatti ergamee jiraa?” Innis ni jedhe, “Isatti
ergamee jira.” Ergasii nuuf banamee Haarun (aleyh salaam) arge. Innis baga
nagahaan dhufte naan jedhee waan gaarii naaf kadhate. San booda [Jibriil] gara
samii jahaffaa nuun bahe. Jibriilis akka banamtu ni gaafate. Ni jedhame, “Ati
eenyu?” Innis ni jedhe, “Jibriil”. Ni jedhame, “Eenyutu si waliin jiraa?” Innis ni
jedhe, “Muhammad ملسو هيلع هللا ىلص ” Ni jedhame, “Isatti ergamee jiraa?” Innis ni jedhe, “Isatti
ergamee jira” Ergasii nuuf banamee Muusaa (aleyh salaam) arge. Innis baga
nagahaan dhufte naan jedhee waan gaarii naaf kadhate. San booda [Jibriil] gara
samii torbaffaa nuun bahe. Jibriilis akka banamtu ni gaafate. Ni jedhame, “Kuni
eenyu?” Innis ni jedhe, “Jibriil”. Ni jedhame, “Eenyutu si waliin jiraa?” Innis ni
jedhe, “Muhammad ملسو هيلع هللا ىلص ” Ni jedhame, “Isatti ergamee jiraa?” Innis ni jedhe, “Isatti
ergamee jira.” Ergasii nuuf banamee Ibraahimi (aleyh salaam) dugda isaa Beytal
Ma’amuuritti hirkise arge. Beytal Ma’amuur kana guyyaa hundaa Malaykoonni
kuma torbaatamni ni seenu, lamu itti hin deebi’an. Ergasii gara As-Sidrat-al-
Muntahaa naan deeme. Baalli muka tanaa akka gurra arbaati, firiin ishii akka
207
hubbooti. Yommuu ajaja Rabbii irraa wanti ishii haguugu haguugee ni jijjiramte.
Uumamtoota Rabbii keessaa eenyullee bareedinna ishii ibsuu hin danda’u. Ergasii
Rabbiin waan natti buusu ni buuse. Guyyaa fi halkan hundaan salaata shantama
(50) narratti dirqama godhe. Anis gara Muusaa (aleyh salaam) bu’e. Innis ni jedhe,
“Gooftaan kee ummata kee irratti maal dirqama godhee?” Anis, “Salaata
shantama” jedheen. Innis ni jedhe, “Gara Rabbii keetii deebi’itii akka siif
salphisuu gaafadhu ummanni kee kana hin danda’an waan ta’eef. Dhugumatti ani
ilmaan Israa’il qormaatee fi dhugaa isaanii sirritti beekee jira.” anis gara Rabbii
kiyya deebi’ee “Yaa Rabbii! Ummta kiyya irratti laaffisi” jedhe. Innis (Rabbiin)
shan narraa buuse. Anis gara Muusaa deebi’ee, “Shan narraa buusee” jedheen.
Innis ni jedhe, “Dhugumatti, ummanni kee kana hin danda’anii gara Rabbii keetii
deebi’ii akka siif hir’isu gaafadhu.” Anis Rabbii kiyya tabaaraka wa ta’aalaa fi
Muusaa jidduu deddeebi’uu hin dhiisne hanga Rabbiin, “Yaa Muhammad!
Guyyaa fi halkan hundaa salaanni shan. Salaanni hundu akka kudhanitti qabamu,
kunis shantama ta’a (kana jechuun namoonni guyyatti salaata shan salaatun
mindaa shantama argatu). Namni hojii gaarii hojjachuuf yaade garuu osoo hin
hojjatin yoo hafe, hojii gaarii takkatu isaaf katabama. Yoo hojjate immoo hojii
gaarii kudhan taatee isaaf katabamti. Namni badiitti yaade garuu hin hojjanne,
homaa hin katabamu. Yoo badii san hojjate immoo badii takka taate katabamti.”
Anis gara Muusaa bu’ee itti beeksise. Innis ni jedhe, “Gara Rabbii keeti deebi’ii
akka siif hir’isuu gaafadhu.” Kanarratti, Ergamaan Rabbii (SAW) ni jedhan, “Gara
Rabbii kiyyaa deebi’ee jira hanga saalfadhutti.”” (Sahiih Muslim 162)
Israa fi mi’raaj waggaa tokko gara Madinaatti godaanun dura taasifame.
Nabiyyiin (SAW) yommuu bari’uu adeemsaa halkanii kana Qureeshotatti
beeksise. Garuu Qureeshonni oduu kana dhugoomsu ni didan. Garmalee ol
guddisanii ni kijibsiisan, itti qoosan. Abu Bakr (radiyallahu anhuu) immoo akkana
jedhe: Rabbiin kakadhe! Yoo Nabiyyiin kana jedhe, dhugumatti dhugaa dubbate.
Maaltu kana ilaalchisee isin ajaa’ibsiisaa? Halkan ykn guyyaa irraa sa’aatti takka
keessatti oduun samii irraa gara dachiitti akka isatti dhufuu natti beeksisa. Anis ni
dhugoomsa. Kuni wanta isin ajaa’ibsiifattan caalaa fagoodha.”96
Mee amma Qur’aana irraa Israa fi mi’raaj ilaalchise aayata muraasa haa ilaallu.
Waa’ee Israa jalqaba suuratu Al-Israa keessatti dubbate:
ن ﴿ ي ٱسبح لذ ى بعبده س
ن ۦأ رام ٱ لمسجد ٱلل م ق ٱ لمسجد ٱإل ل صال
يٱ لذ ذه ۥلنيه ۥركنا حول ب إن تنا ميع ٱهو ۥمن ءاي ﴾١لصري ٱ لسذ
Mallattoolee Keenya isatti agarsiisuuf Masjiid al-Haraam irraa gara Masjiid Al-
Aqsaa kan naannawa isaa barakaa goonee gabricha Isaa halkaniin Kan 96 Siiratu Nabawii-Hasan nadawii-217
208
deemsisee qulqullaa’e. Dhugumatti, Inni Dhaga’aa, Argaadha.” Suuratu Al-
Israa17:1 Kana jechuun Rabbiin kan gabricha Isaa Muhammadin (SAW) Masjiida Haraam
Makkatti argamu irraa gara Masjiida Al-Aqsaa Filisxeemi keessatti argamutti halkan
tokkoon fuudhe, hanqinnaa fi dadhabinna hunda irra qulqullaa’e. Mallattoolee Isaa
gurguddoo itti agarsiisuuf kana godhe. Halkan tokkoon Makkaan irraa gara Al-Quds
(Jerusaalam) geessun wanta Isa dhibuu fi Isarratti ulfaatu miti. Yeroo ammaa namni
halkan tokkoon biyya tokko irraa biyya biraatti xiyaaran balali’a hin jiruu? Garuu
haalli Ergamaan Rabbii (SAW) Makkaan irraa Al-Qudsitti geefaman haala namoonni
xiyaaran itti balali’an irra adda. Kanaafi, adeemsi halkanii Makkaan irraa gara Al-
Qudsitti ergasii gara samitti Ergamaan Rabbii (SAW) taasisan mu’jizaadha. Ergamaan
Rabbii (SAW) gara samii ol’aantu bahuu Qur’aanni suuratu an-Najm keessatti ni
dubbata. Erga gara samii olbahee mallattoolee gurguddoo arge.
Alhamdulillah Rabbiil aalamiin. Jiildin 1ffaan asirratti xumuramee jira.
Kitaabban wabii As-Siiratu Nabawiyyati–Alii Muhammad Sallaabi, Noble Life of The
Prophet [English] 1/92-96
Rahiiqal Makhtuum (Arabic), (The sealed Nectar) (English)
Siiratu Nabawi– Abul Hasan Nadawi
Qunnamtiif:
Website: www.sammubani.com
Wordpress: https://sammubani.wordpress.com/
Facebook: https://www.facebook.com/jireenyabadhaatu/
Email: [email protected]