19
1 BOQONNAA TOKKO: Seensa 1.1 Seenduuba Uummanni Oromoo Karrayyuu akkuma Uummata Oromoo biroo jaarraa dheeraadhaaf Sirna ittiin bulmaata ofii isaa uummatee, ittiin kan of bulchaa turee fi ammayyuu ittiin bulaa jirudha. Sirni ittiin bulmaataa kunis Sirna Gadaajedhama. Sirni Gadaa kun abaluun bara akkasii jalqabame jechuun kan nama rakkisu yoo ta‟eeyyuu, Gadaan kan yeroo tokkotti nama tokkoon hin eegalamne ta‟uun isaa beekamaadha. Gadaan wal duraa duubaan yaalii, muuxannoo fi beekumsa hawaasichi uumamaan qabu waggoottan dheeraa walitti kuufamee, qummaadee biqillee, daraaree ija godhate jechuun ni danda‟ama. Haaluma kanaan Gadaan maal jechuudha? Kan jedhullee hima tokkoon kan ibsamu miti. Iccitii gadi fagoo kan of keessaa qabu; hundee Falaasama, Aadaa, Dudhaa, Siyaasaa fi Seenaa uummatichaati. Jechi Gadaa jedhu waan hiika tokko qofaa qabu miti. Waa‟ee Gadaa irratti hayyoonni hedduun waa hedduu barreessaniiru.Gabaabumatti Gadaan Sirna ittiin bulmaataa, Dimokiraasii fi Maqaa Gogeessaati. Akkasumas sadarkaa umurii, qoodaa fi itti gaafatama adda addaa itti qabaatanidha. Sadarkaaleen kunniinis Roobalee, Dirmajjii, Meelbaa, Michillee fi Duulootti qoodamu. Tuutni kunniin ammoo Ilma Moggisaa, Sabbaaqaa, Nuqusaa, Maaraa fi Daraaraa jedhamuun beekamu. Sadarkaa Gadaa tokko keessa tuutni tokko bar- saddeet tura. Kanaaf uummanni kun akkuma Uummata Oromoo naannoo biraa keessa jiran hundaa sirna ittiin aadaa, ilaalcha, amantaa, amaleeffannaa, duudhaa fi falaasama isaa dhalootaa dhalootatti dabarfatu ni qaba. Isaan keessaa Sirnni Gadaa isa bu‟uuradha. Sirni Gadaa Uummata Oromoo Karrayyuu Aanaa Fanttaallee keessatti argaman biratti haala ittiin kabajamu qaba. Kunis akkaataa sirnicha ittiin geggeeffachaa dhufan irratti hundaa‟a. Sirnichi immoo aadaa, seenaa, safuu, muuxannoo, beekumsa fi kkf hawaasichaa ibsaniin kan guutamedha jechuun ni danda‟ama. Roobalee Duulo Michillee Meelbaa Dirmajjii

BOQONNAA TOKKO Seensa · 1 BOQONNAA TOKKO: Seensa 1.1 Seenduuba Uummanni Oromoo Karrayyuu akkuma Uummata Oromoo biroo jaarraa dheeraadhaaf Sirna ittiin bulmaata ofii isaa uummatee,

  • Upload
    others

  • View
    321

  • Download
    37

Embed Size (px)

Citation preview

Page 1: BOQONNAA TOKKO Seensa · 1 BOQONNAA TOKKO: Seensa 1.1 Seenduuba Uummanni Oromoo Karrayyuu akkuma Uummata Oromoo biroo jaarraa dheeraadhaaf Sirna ittiin bulmaata ofii isaa uummatee,

1

BOQONNAA TOKKO: Seensa

1.1 Seenduuba

Uummanni Oromoo Karrayyuu akkuma Uummata Oromoo biroo jaarraa dheeraadhaaf Sirna

ittiin bulmaata ofii isaa uummatee, ittiin kan of bulchaa turee fi ammayyuu ittiin bulaa jirudha.

Sirni ittiin bulmaataa kunis “Sirna Gadaa” jedhama. Sirni Gadaa kun abaluun bara akkasii

jalqabame jechuun kan nama rakkisu yoo ta‟eeyyuu, Gadaan kan yeroo tokkotti nama tokkoon

hin eegalamne ta‟uun isaa beekamaadha. Gadaan wal duraa duubaan yaalii, muuxannoo fi

beekumsa hawaasichi uumamaan qabu waggoottan dheeraa walitti kuufamee, qummaadee

biqillee, daraaree ija godhate jechuun ni danda‟ama.

Haaluma kanaan Gadaan maal jechuudha? Kan jedhullee hima tokkoon kan ibsamu miti. Iccitii

gadi fagoo kan of keessaa qabu; hundee Falaasama, Aadaa, Dudhaa, Siyaasaa fi Seenaa

uummatichaati. Jechi Gadaa jedhu waan hiika tokko qofaa qabu miti. Waa‟ee Gadaa irratti

hayyoonni hedduun waa hedduu barreessaniiru.Gabaabumatti Gadaan Sirna ittiin bulmaataa,

Dimokiraasii fi Maqaa Gogeessaati. Akkasumas sadarkaa umurii, qoodaa fi itti gaafatama adda

addaa itti qabaatanidha. Sadarkaaleen kunniinis Roobalee, Dirmajjii, Meelbaa, Michillee fi

Duulootti qoodamu. Tuutni kunniin ammoo Ilma Moggisaa, Sabbaaqaa, Nuqusaa, Maaraa fi

Daraaraa jedhamuun beekamu. Sadarkaa Gadaa tokko keessa tuutni tokko bar- saddeet tura.

Kanaaf uummanni kun akkuma Uummata Oromoo naannoo biraa keessa jiran hundaa sirna ittiin

aadaa, ilaalcha, amantaa, amaleeffannaa, duudhaa fi falaasama isaa dhalootaa dhalootatti

dabarfatu ni qaba. Isaan keessaa Sirnni Gadaa isa bu‟uuradha. Sirni Gadaa Uummata Oromoo

Karrayyuu Aanaa Fanttaallee keessatti argaman biratti haala ittiin kabajamu qaba. Kunis

akkaataa sirnicha ittiin geggeeffachaa dhufan irratti hundaa‟a. Sirnichi immoo aadaa, seenaa,

safuu, muuxannoo, beekumsa fi kkf hawaasichaa ibsaniin kan guutamedha jechuun ni

danda‟ama.

Roobalee

Duulo

MichilleeMeelbaa

Dirmajjii

Page 2: BOQONNAA TOKKO Seensa · 1 BOQONNAA TOKKO: Seensa 1.1 Seenduuba Uummanni Oromoo Karrayyuu akkuma Uummata Oromoo biroo jaarraa dheeraadhaaf Sirna ittiin bulmaata ofii isaa uummatee,

2

Bu‟uura kana irraa ka‟uun xiyyeeffannoon barreeffama kanaa Sirna Gadaa Oromoo Karrayyuu

Aanaa Fantaallee Godiina Shawaa Bahaa keessatti argaman Tuutni Gadaa Meelbaa fi Michillee

wal harkaa fuudhinsa Aangoo bar- saddiitii dura, waggaa ja‟affatti wal harkaa fuudhiinsa

Aangoo Walakkaa taasisan irratti raawwii isaa bu‟uureffata. Kunis, yoomessa mataa isaa fi haala

ittiin raawwatu qaba. Wantoonni duraa duubaan raawwataman kunniinis Abba Kulaa hanga

Tarree Luugootti maal akka ta‟ee fi akkaataa raawwii isaa gabaabinaan agarsiisuu yaala.

2. Karrayyuu

Moggaasni “ Karrayyuu” jedhu akka abbootiin tokko tokko ibsanitti gaalee jechoota “ Karraa fi

Hayyuu” jedhurraa kan ijaarameedha. Akkuma beekamu jechoonni kunniin hiika adda addaa

qabaachuu danda’u. Hiikni jecha “karra” jedhu; balbala, galma fi qabeenya horii yoo ta’u,

“hayyuun’ ammoo beekaa kan jedhu ta’a. Kanaaf, karaa yookaan daandii beektonni Oromoo

saaqan/banan/baasan/ waan ta’eef jechoota “karraa fi hayyuu” irraa moggaasni maqaa

“Karrayyuu” jedhu mogga’e.

Kanuma irraa ka’uun Karrayyuun gosa Oromoo keessaa tokko yoo ta’u, hundee tokkichummaa

uumamasaa ganamaa irraa eegalee, walhoree, guddachuu fi lataa deemuudhaan sadarkaa

amma jiru ga’e.

Haaluma kanaan Latiinsa yookaan dameewwan Uummata Oromoo Karrayyuu Baasoo fi

Dullacha jedhamuun beekamu. Gosoonni lachanuu haala asiin gadiitti dhiyaatu.

Dayyuu Abbaadhoo Hawaas Galaan Mulaataa Gurraachaa Dhaasuu Abrii Koyye Dorannii Daga Barree

Karrayyuu

Dullacha Baasoo

Page 3: BOQONNAA TOKKO Seensa · 1 BOQONNAA TOKKO: Seensa 1.1 Seenduuba Uummanni Oromoo Karrayyuu akkuma Uummata Oromoo biroo jaarraa dheeraadhaaf Sirna ittiin bulmaata ofii isaa uummatee,

3

Akkuma olitti ibsuuf yaalametti Oromoon Karrayyuu Baasoo fi Dullacha jedhamee bakka

lamatti qoodama. Haala kanaan odeeffannoo maanguddota karrayyuu akka ibsutti,

Dayyuu,Tootayyaa, Abbaadhoo, Hawaasoo fi Boddaa “Shanan Dayyuu” jedhamanii of

moggaasuun gurmaa‟an. Dayyuun Dullachaa keessa hangafadha. Akkasumas Galaan, Mulaataa

fi Gurraachoo kan jedhaman immoo “Booxa Sadeen” jedhanii of moggaasuun gurmaa‟u.

Shanan Dayyuu Booxe Sadeen

Dayyuu Tootayyaa Abaadhoo Bodda Hawaaso Mulaataa Gurraachoo Galaan

Inni itti aanu Baasoo ta‟a. Gosti Baasoo haala asiin gadiitti dhiyaateera.

Torban Iluu Saddeettan Daadhi Salgan Galaan

Akka odeeffanno maanguddoota Karrayyuutti Dullachi hangafa yoo ta‟u, haalli qubsumaa saa

akkaataa aadaa isaaniitiin gara mirgaa Tarree Luugootiin qubata. Baasoon quxusuu ta‟ee bakki

taa‟umsa gara bitaa Tarree Leediiti.

Gosoonni lachanuu kunniin Gadaa shan of jalatti kan qabaatu yemmuu ta‟u, tokko tokkoon tuuta

shananii waggaa saddeet saddeetitti karaa dimokiraatawaa ta‟een aangoo Sirna Gadaa kan waliif

dabarsanidha. Sadarkaan tokko ammoo sadarkaa biraatti osoo hin ce‟in/ hindarbin/ dura Sirna

raawwatamu qaba. Sirnichis “Cidha Tuuta Tarree” ykn. “Sirna Ciicoo Buttaa” jedhamuun

Dullacha

Baasoo

Page 4: BOQONNAA TOKKO Seensa · 1 BOQONNAA TOKKO: Seensa 1.1 Seenduuba Uummanni Oromoo Karrayyuu akkuma Uummata Oromoo biroo jaarraa dheeraadhaaf Sirna ittiin bulmaata ofii isaa uummatee,

4

beekama. Kunis kan geggeeffamu tuutni Gadaa tokko Aangoo Sirna Gadaa fudhatee erga

harkaan gahatee booda waggaa ja‟affaa isaatti kan kabajatu jechuudha. Kana jechuun ammo jal-

bultii waggaa Saddeettaffaa isaa jechuudha.

BOQONNAA LAMA:

1. Cidha Tuuta Tarree Yookiin Sirna Ciicoo Buttaa

Sirni Gadaa akkuma bakka tokko taa‟an malee hin tolu jedhamu, Uummanni bakka adda addaatii

bakka tokkootti walitti qabamee Sirna Gadaa jajjabeessaa ture waggaa ja‟affatti aangoo

walakkaa tuuta itti aanuuf kennuuf bakka turanirraa “Goobaa” kennuuf bakka itti duraan wal

harkaa fuuchaa turanitti godaanu. Innis Sirna mataa isaa danda‟e qaba. Sirnichis “Sirna Kabaja

Cidha Tuuta Tarree yookiin Ciicoo Buttaa” jedhama.

Innis kan geggeeffamu tuutni Gadaa tokko Aangoo Sirna Gadaa fudhatee ittin of bulchaa turee

booda waggaa ja‟affaatti kan kabajamudha. Innis walharkaa fuudhiinsa “Goobaa” jedhamuun

beekama. Wal harkaa fuudhiinsi kun akkuma seera Gadaa isaaniitti tuutni aangoo of harkaa qabu

waggaa ja‟affaatti tuuta ittaanee aangoo fudhatuuf Gooba kennu. Waan ittiin leenji‟an yeroo

shaakalaatiif yaadamee raawwatamudha. Akka Maanguddoonni jedhanitti “Angoo xiqqoo waan

ittiin walbaratan kenninaaf. Namni wal irraa hin baranne walitti dhufuu hin danda‟u. Nama wal

baratetu walitti dhufa!” jedhu. Turtii kana keessatti hirpha baratu, dhiichisa baratu,shaayii

qopheefatu, Abbaa Bokkuutiin wal baru. Xurumbaa garuu afuufuu hindanda‟an. Hayyuudhaan

hordofamu.

Itti dabalees haala jiruu fi jireenya isaa kan calaqqisiisu sirna mataasaa danda‟e akkuma qabu,

akkasuma achii dhuftee isaa, eenyummaa fi maalummaa isaa kan ittiin ibsatu duudhaa niqaba.

Duudhaan kun immoo wantoota jiruufi jireenya isaa keessatti hojjetuu fi hordofu ofkeessatti

haammata. Akkasumas ciini tokko kan ittiin bareedu kunniin akka uffata, nyaataa fi meeshaaleen

aadaa Isaan tokko akka ta‟e ni hubatama.

Page 5: BOQONNAA TOKKO Seensa · 1 BOQONNAA TOKKO: Seensa 1.1 Seenduuba Uummanni Oromoo Karrayyuu akkuma Uummata Oromoo biroo jaarraa dheeraadhaaf Sirna ittiin bulmaata ofii isaa uummatee,

5

A. Uffannaa

Uummanni Oromoo Karrayyuu akkuma hawwaasa Oromoo biroo eenyummaa isaa adda baasee

kan calaqisiisu aadaa uffaanna mataa isaa niqaba. Aadaan uffannaa kun immoo dhiiraa, fi

dhalaan adda ba‟ee qaba. Akkasumas sirnicha kan ittiin geggeeffatans akka qomoo qomoo

isaanitti adda ba‟ee kan beekamu kan uffatan qabu. Shanan Dayyuu keessa Abbaan Bokkuu fi

Abbaan Sabbataa haadha manoottanii fi ilmaan isaanii dabalatee Baqqaala haalluu diimaa qabu

uffatu. Sadeen Booxee keessaa Qaalluu fi Jajjabeen Kaabbaa bifa gurraacha uffatu. Landiis kan

uffatan jiru. Kun akka seeraa ittiin bulmaata isaaniitti waan ta‟eef uffannaadhaan adda ba‟anii

tuuta keessaa ni beekamu.

Inni biroon huccuu aadaa warri dhiiraa uffatanidha. Isaanis Jirbii irraa kan hojjetaman: Marxoo,

Abeentaa, Jaanoo fi Sabbooqadha. Irraan kan uffatamu Sabbooqaa fi Jaanoo yoo ta‟u jalaan

Marxoo fi Abbeentaadha. Jaanoon kan namni hundi hufatu miti. Akka Maanguddoonni jedhanitti

warra Goota ta‟antu uffata jedhu.Uffannaa uffatan waliin Faayaa adda addaa Billaa kan sibiilaa fi

erbee Looniitiin faayyame, Callee Xuruuraa, Ulee qalloo harkatti qabatanii fi muka qalloo akka

filaatti itti fayyadaman yeroo hunda rifeensa mataatti suuqqatanii adeeman kan muka

Harooressa irraa tolfametti fayyadamu. Karrayyuun Uummata biro keessa adda ba‟anii kan ittiin

beekaman keessa inni guddaan akkaataa rifeensa itti filatanidha. Kunis Odaa fakkaata. Akka

abbootiin jedhanitti Odaa jalatti Seera tumatu, walharaarsu, walgorsuu fi walbarsiisu. Kanaaf

rifeensi keenyayyuu aadadhuma Gadaa keenyaa calaqisiisa, jedhu. Kana malees Kophee dhiiraa

dhalaan garaagarummaa hinqabne erbee Loonii irraa hojjetame keeyyatu.

Page 6: BOQONNAA TOKKO Seensa · 1 BOQONNAA TOKKO: Seensa 1.1 Seenduuba Uummanni Oromoo Karrayyuu akkuma Uummata Oromoo biroo jaarraa dheeraadhaaf Sirna ittiin bulmaata ofii isaa uummatee,

6

Suuraa1: Uffannaa aadaa warreen dhiiraa

Akkuma suuraa asiin olii irratti mul‟atu gara bitaatii uffannaan irra keessatti halluuwwan diimaa

fi gurraacha qaban niargamu. Inni diimaan kan qomoon warra Dayyuu ta‟an Abbaa Bokkuu fi

Abbaan Sabbataa uffatanidha. Gurraachi Booxee keessa kan Qaalluu fi Jajjabeen uffatanidha.

Kan jalaan adii uffannaa aadaa kan martinuu uffatanidha.

Inni ittaanu kan dubaraati.Jaanoo, Biddiqqoo, Kuldiree, Sabbata, Abeentaa fi Waalluu. Waalluun

jalaan kan uffatamu erbee Loonii irraa tolfame. Kanneen garu jirbii irraa hojjetamani. Faaya

kunniin akka Girja, Xuruuraa, Shaamee fi Callee issaa Ambaarrii harkaa, Roggee irreefi miilaa,

Gutichaa gurraa, Balaqqee qubaa, Amarti fi Callee xuruuraa mormaa,ta‟u. Kunniin keessaa durbi

Jaanoo, Sabbaata fi Waalluu hinhdhattu. Akkasumas Girja, Ambaarrii harkaa, Roggee irree fi

miilaa, Gutichaa gurraa fi Balaqqee qubaa hinnaqattu.

Page 7: BOQONNAA TOKKO Seensa · 1 BOQONNAA TOKKO: Seensa 1.1 Seenduuba Uummanni Oromoo Karrayyuu akkuma Uummata Oromoo biroo jaarraa dheeraadhaaf Sirna ittiin bulmaata ofii isaa uummatee,

7

A B

Suuraa2: Uffaannaa aadaa Dubaraa

Suuraa armaan olii irratti akkuma mul‟atu „A‟rra kan jiru ijoollee durbaa kan hin heerumnedha.

Uffannaan isaanii adaa-dii kuula ofirraa qabu Kuldiree jedhamuun kan beekamudha. Tokko

gubbaan uffatu tokko ammoo jalaan hidhatu. Mataarratti Lootii morma irratti immoo Callee

keeyyatu. Kan „B‟ irratti argamu uffannaa aadaa kan warra heerumanii ta‟ee diimaan mul‟atu

kan uffatan Abbaa Bokkuu fi Abbaa Sabbataa ta‟an uffatanidha.

B. Meeshaalee Manaa

Meeshaaleen mana keessatti itti dhimma ba‟an adda addaa jiraachuu ni danda‟u. Kunniin

keessa meeshaaleen aadaa kanneen akka Saaphana, Marcuma boraatii, Marcuma irra taa‟an

mukarraa hojjetame, Qorii kan itti nyaatan mukarraa kan hojjetame, Surree erbee Looniirra,

Bubbee buqqeerra, Fallaana gaafa Looniirraa, Itillee irra ciisan gogaa Loonii irraa kan

hojjetame, Ciicoo mukarraa kalaalaan kan hodhamee, Buchuma buqqee irraa tolfamee fi kkf.

ta‟u. Uummanni Oromoo Karrayyuu irra jireessi isaanii horsiisee bulaa waan ta‟aniif

meeshaaleen mana keessaa hedduminaan hinargamu. Sababni isaa akka olitti ibsuuf yaalame

Uummanni Oromoo Karrayyuu harki caalaan horsiisee bulaa waan ta‟eef bakka tokko bakka

birootti yemmuu godanan kan dhimma itti ba‟an qofa qabatanii kan deemanidha.

Suuraalee asiin gaditti argaman A‟n meeshaalee aada Loon, Re‟ee fi Gaala itti helenfatan

gara harka mirgaatti qabattee kan jirtu yoo ta‟u, B‟n immoo meeshaalee kunniin akka Itillee,

Marcuma boraatii, Marcuma irra taa‟an, Fallaana, Saaphanafi Qorii kan itti nyaatan mukarraa

kan hojjetamedha. Meeshaaleen kunnii uummatichi heedduminaan kan dhimma itti ba‟udha.

Page 8: BOQONNAA TOKKO Seensa · 1 BOQONNAA TOKKO: Seensa 1.1 Seenduuba Uummanni Oromoo Karrayyuu akkuma Uummata Oromoo biroo jaarraa dheeraadhaaf Sirna ittiin bulmaata ofii isaa uummatee,

8

A B

C. Haala Fuudhaa fi Heeruma

Haala Fuudhaaf Heerumaa ilaalchisee akka Seera Gadaatti abbaatu ilaallatee walfuudha utuu

hintaane abbaatu qomoo walii ilaalanii ijoolleen dubaraa naannoo waggaa shanii fi dhiirri

naannoo waggaa saddeetii ykn kudhanitti kaayyatu. Hanga walfuudhanitti walitti dhufeenya

tokko hinqabaatan. Waggaa diddamatti warri dhiiraa nifuudhu jedhu.

2. Abba Kulaa

Akka Abbaa Bokkuu Hawaas Roobaa fi Obbo Godaanaa Fantaallee Jiloo Abba Kulaan

bakka Sirna Gadaa itti geggeffatanidha. Uummanni Oromoo Karrayyuu tuuta Gadaa Meelbaa

waggoottan ja‟an dura Aangoo tuuta Dirmajjii irraa fudhachuun bakka Abba Kulaa jedhamu irra

buufatanii jiraachaa akka jiran hayyooni Gadaa ni ibsu. Bakkichi Loonii fi tuutaaf ni ta‟a

jedhamee filatamedha jedhu. Meelbaan immoo miseensa Gadaadhaaf walitti ijaaramedha.

Miseens Gadaadhaaf walitti ijaarame keessaa akka seera Gadaa Karrayyuutti jijjiiramuu

hindandeenye, dhalootaa dhalootatti kan darban: Abbaa Bokkuu, Abbaa Sabbataa fi Qaalluudha.

Kana jechuun inni amma Abbaa Bokkoo ture waggaa 40 booda yoo marsaan isaa isa qaqqabe

ilma isaatu Abbaa Bokkuu ta‟a jechuudha. Abbaan Sabbataa fi Qaalluunis bifuma kanaan itti

fufa. Kanaan ala of gidduudhaa nama cimaa; kan eegu, bobbaasu, galchu, ajajuu fi kkf tuutni

filatu Jajjabee jedhama. Kana malees taphoota adda addaa kan taphachiisan “Shaayi” jedhamuun

kan beekamanis ni jiru. Bakka shaayin hinjirretti taphni kamuu taphatamuu hindanda‟u jedhu.

Bulchaan tuuta Gadaa Meelbaas “Abbaa Bokkuu/ Gadaa” jedhamuun beekama. Maqaan Abbaa

Bokkuu amma Aangoo ofharkaa qabuu Hawaas Roobaa Hawaas yoo ta‟u, gosti yookaan

qomoon isaa Dayyuudha. Dayyuun tuuta kana keessa hangafa. Kanaaf tuuta Melbaan Ilma

Page 9: BOQONNAA TOKKO Seensa · 1 BOQONNAA TOKKO: Seensa 1.1 Seenduuba Uummanni Oromoo Karrayyuu akkuma Uummata Oromoo biroo jaarraa dheeraadhaaf Sirna ittiin bulmaata ofii isaa uummatee,

9

Nuqusaas nijedhu.Tuutni Gadaa kun tuuta Gadaa Michilleetiif wal harkaa fuudhinsa Aangoo bar

saddiitii dura waggaa ja‟affatti ji‟a Muddee/Furmaata/ godaanuun jalqaba ji‟a Amajjii bara 2009

tti wal harkaa fuudhiinsa Aangoo walakkaa raawwaachuuf osoo Abba Kulaa gara cidhicha

geggeessuuf bakka cidhaa Tarree Luugoo hindeemin dura wantoota raawwatan qabu.

Cidha Tarree Luugoo bor deemama jedhamee, qomoon tuutaa godaansisuuf bakka bakkaa walitti

dhufa. Qophii adda addaa ni ta‟a. Horiinis niqalama. Bariitusaa tuutni Gadaa marsaa itti aanuu,

Tuutni Michillee geejibaa fi wantoota adda addaa godaansaaf barbaachisu hunda fiduun fuullee

gara Karra Abbaa Bokkuutiin Tirsii osoo hindarbin hanga isaan tole jedhanii gadi bahanitti

fuullee dhaabatanii eeggatu. Kana ammoo kan godhan cal jedhanii osoo hin taane of gidduudhaa

nama filanii tole akka jedhaniif jaarsummaa ergataniiti. Namni jaarsumma dhaqu immoo akka

seera Sirna Gadaa isaaniitti kan tuuta lachanuu keessaa hinqabne Qadidduudha. Qadiidduun kan

tuuta lachanuu keessaa hinqabne Tuuta Dirmajjii keessaati. Sababa tuuta lachanuu ala filatamuuf

loogiin akka hin jiraanne yaadameetu.

Akka seera Bokkuutti immoo diduun hin danda‟amu. Seera guutuuf itti ergatu jedhu. Erga akka

seera isaaniitti walii galanii booda Abbaan Gadaa uffannaa isaa uffatee, Bokkuu gaaraa gadi

buusee, dhadhaa dibee akkasumas huccuu itti maree qabatee erga qophaa‟ee booda waan

dhugamu qabatanii Abbaa Bokkuu eebbisanii godaansaaf gadi baasu. Erga isa gadi baasanii

booda mana Abbaa Sabbataatti ol deebi‟anii ammas eebbifatanii gadi ba‟u. Balbala Abbaa

Bokkuu dura isatti naanna‟anii ququphananii taa‟uun eebbifatu. Raawwii tokko geggeessuuf kan

isaan ittiin walwaaman Xurumbaadha. Karrayyuun Xurumbaadhaaf ilaalcha adda qabu. Akka

Maanguddoonni jedhanitti Xurumbaa abbaan arge hindha‟u. Manuma hundaas hinbulu jedhu.

Mana nama nyaata hinqabnee bulee beelaan buluu hinqabu jedhu.

Page 10: BOQONNAA TOKKO Seensa · 1 BOQONNAA TOKKO: Seensa 1.1 Seenduuba Uummanni Oromoo Karrayyuu akkuma Uummata Oromoo biroo jaarraa dheeraadhaaf Sirna ittiin bulmaata ofii isaa uummatee,

10

Suuraa 3: Mana Abbaa Bokkuu biratt Abbaan Bokkuu Bokkuu qabatee eebbaaf walitti

qabaman

Yemmuu eebbifatan wal ta‟anii akkas jedhu:-

Kan jedhu Kan jalaa qabu

Lakkisaa mala fuunaa

Rooba lafaan nuu ga’i

Nagaa biyyaan nuu ga’i

Galma nuleelchi

Tuuta Bokkuu nagaa nu godhi maaltu jira ------------------- Roobaa nagaatu jira

Bokkuun Guutamnee ------------------------------------------ Guutamee

Hora Samaadha gadi Dagaaga Hawaasii gadi biti tiyyuma

Biti tiyya Rooba bita tiyyaa naga je’un je’a

Bokkuun Guutamnee ----------------------------------------- Guutamee jechuun eegalu.

Erga eebbifatee booda tuutni hundumtuu osoo hin hafin Loon, Gaalotaa fi Re‟oota ooffatanii

godaansa karaa Tarree Luugoo deemu. Mi‟a isaani Gaala “Karaabicha” jedhamuun beekamutti

dubartoonni fe‟u. Karaabichi Gaala cimaa ta‟edha. Akka seera isaaniitti Bokkuu qabatanii

bishaan hin ca‟ani jedhu. Karaan fagoo waan ta‟eef karaa bulanii darbu. Bakki bulmaataas

uummaticha biratti beekamaadha. Bakkichi Muka Saraa jedhama.

3. Muka Saraa

Sababa kana jedhamee moggaafameef akka Abbootiin jedhanitti mukkeen walitti tuuta‟ee bakka

tokkotti gobbatee waan jiruuf jedhu. Kunniin biroon ammoo Muka Saraa jechuun yeroo

jalqabaatiif gaafa Gadaa Melbeenyi Dirmajjii irraa fudhate Bokkuun itti marredha jedhu.

“Marre” jechuunis marge (bakka Gadaan itti marge) jechudha. Kanaaf Mukni Saraa bakka

Bokkuu magarsanii fi itti Hujufanidhas jedhama. Hujufuu jechuun tuutni tokko Bokkuu fudhatee

gaafa marsaa sadaffaa isa /waggaa dhibbaaf digdama/ qaqabu kan akaakayyuu ni hujufama.

Abbaarraa Ilmatti, Ilmarraa moo Ilmatti magarfamaa kan dhufe jechuudha. Haalli itti hujufamus

Bokkuu Magarsanii gaafa bultii Saddeet booda bakka itti Magarsanii xiqqoo irraa achi siqame

Hoolaa Gurroo qalanii hujufu. Hoolaan Gurroo kan horee ilmoolee baayyee qabudha. Kun

immoo yaada nubballisi jedhu of keessaa qaba. Gaafa hujufan Margaa fi dhoqqee Loonii jiidhaa

jala hafanii huccuu itti maranii dhadhaas itti dibanii ti. Bokkuu sababa dhoqqeedhaan

Page 11: BOQONNAA TOKKO Seensa · 1 BOQONNAA TOKKO: Seensa 1.1 Seenduuba Uummanni Oromoo Karrayyuu akkuma Uummata Oromoo biroo jaarraa dheeraadhaaf Sirna ittiin bulmaata ofii isaa uummatee,

11

adamsamuuf “ Gadaan Looniin malee hintolu.” jedhu. Itti aansuun hayyuun taa‟ee “ Akka ofii

turtetti tursiisi …” jedhuun eebbisu.

Haata‟u malee achii as dhufa walharkaa fuudhiinsa Sirna Gadaa karrayyuutti akkuma tuutni

tokko tuuta birootti yemmuu aangoo yookaan Bokkuu walitti dabarsan Bokkuu ofii magarsan

tuuta itti aanutti kennu osoo hintaane “Irreecha” kennu. Bokkuu garuu abbatu magarfata. Itti

dabalees akkuma tuutni tokko tuuta biroof aangoo yeroo kennu tuutni fudhate Bokkuu

magarfatuu, tuuta tokko keessattis gaafa Gadaan qaqabu Bokkuu duraan magarfatanii of harkaa

qabaniin itti fufu utuu hin taanee Bokkuu deebi‟anii magarfatu.

Walumaa galatti Uummanni Oromoo Karrayyuu walharkaa fuudhiinsa aangoo yeroo adda addaa

yemmuu geggeessan bakka sila turanitti raawwatu utuu hin taane, bakka tokkoo bakka birootti

godaanuun geggeessu. Kanaaf Mukni Saraa Abba Kulaatii ka‟anii Tarree Luugoo bakka Gooba

itti waliif kennan osoo hin gahin bakka bulanii darbanidha. Akka Maanguddoonni jedhanitti

Horii fi ijoollee fuudhanii karaa dheeraa yeroo deemamu waan dadhabaniif boqotamee darbama

jedhu.

4. Tarree Luugoo

Gaaleen Tarree Luugoo jedhu jechoota “Tarree fi Luugoo” jedhamurraa kan

ijaaramedha.Tarreen tuutni Bokkuu of harkaa qabu Dooriin tuuta itti aanuuf Aangoo guutuus ta‟e

walakka kennuuf yeroo dhufan bakka sana tarreen qubatu. Gaafa qubatanis akka seera Gadaa

isaaniitti Mirgaa gara bitaatti yoo ta‟u, Mirgi kan gara hangafaati. Bitaan gara quxusuuti.

Kallattiin Mirgaa fi Bitaa kun immoo Tarree Luugoo fi Leedii jedhamuun waamama. Kana

jechuun Tarree Luugoorra Dullachatu qubata. Tarree Leediirra Baasootu qubata. Jechi “Luugoo”

jedhu, muka Luugoo jedhurra moggaafame. Bakki kun jiituu afaan lagaati. Maddi bishaan

Awaashi naannoo sana. Naannoon kun kan filatameef “Gadaan jiidha jaallata” waan jedhamuuf.

Kanaaf haala qubannaa fi naannoo irratti hundaa‟uun Tarree Luugoo jechuun moggaafame. Egaa

Tarree Luugooti tarreen qubachuu qofa utuu hin taane dhufaatii irraa eegalee hanga sirnicha

xumuranii galanitti duraa duubaan bakka kanatti wantoota sirnichaaf tolan dalagan niqabaatu.

Isaanis: Korbeessa Re‟ee qaluu, Ibidda buusuu, Aardaaga ijaaruu, Dhaddacha qabachuu,

Dhaddachatti naanna‟anii weeddisuu, Sessuma dhaabuun ibidda buusu, Dullacha qaluu, Galma

ijaaruu, Foduu naqu, Raabni dhiichisa taphata, Dubarri Ammayyoo taphatu,Danbalii dhahatu,

Loogaa Mijuukeeti qabatu, Abbaan Karraa marti Korma qala, Tapha, Cidha galchuu fi Tapha

xumuraa taphatu.

4.1. Kurbeessa Re’ee qaluu fi Abidda buusuu

Gaafa 24/4/2009/ Muka Saraatii ka‟anii akkuma Tarree Luugoo gahaniin Ardaaga utuu hin

buufatin muka qoree hin qabne muraasa bakka tokkotti walitti qabanii ibidda buusu. Isa booda

Korbeessa Re‟ee qalanii dhiiga Addatti qabatan. Kan qaale Abbaa Bokkuuti. Maanguddoonni

sababa Re‟een qalamtuuf qubsuuma Tarree Luugoo mirkaneessuuf jedhu.

Page 12: BOQONNAA TOKKO Seensa · 1 BOQONNAA TOKKO: Seensa 1.1 Seenduuba Uummanni Oromoo Karrayyuu akkuma Uummata Oromoo biroo jaarraa dheeraadhaaf Sirna ittiin bulmaata ofii isaa uummatee,

12

4.2. Ardaaga Ijaaruu

Ergasii ammos Seessuma dhaabuun ibidda biroo buusanii erga eebbifatanii booda Ardaaga

ijaaruuf jalqaba Abbaan Bokkuu muka Dhaddacha jedhamu muree olqabee hirkise. Raabni

hundumtuu Dhaddacha muratee fidee irra bubuufate/ itti susuuqqate. Raabatu Ardaaga ijaara.

Raaba kan ta‟e hundi ijaaruu waan qabuuf abbaan daa‟ima isaa baadhatee Dhaddacha muree

seeraaf harka daa‟imatti qabee kun kan ebeluuti jedhee Ardaagarra buusa.

Suuraa 4: Ardaaga Ijaarame

Erga walitti qabanii xumuranii booda itti naanna‟anii akkas jedhu:

Hooda raarrataa, Loon korma ruggee!

Tahar’a tapha boru taajjaba. Loon korma ruggee!

Yaa hiriyaa yaa miseensayyoo,

Yaatuu sululaa gootatu waa mura. hooda raarrataa Loon korma ruggee!

Ka argee dheesse haati maal deessee,

Naanaqii har’a qoosaa egere. hooda raarrataa Loon korma ruggee!

Isa booda Raabni saffisa adda ta‟een fiiguun muka Dhaddacha dhaabatee jiru harkaan tuqu.

Raabni kan amma Gadaa of harkaa qabudha. Kan Liboomuuf deemu jechuudha. Abbootiin akka

jedhanitti Dhaddachaa tuquun hiika mataa isaa qaba. Mukni Dhaddachaa mukkeen jiran keessaa

cimaa fi umurii dheeraa kan qabudha. Kanaaf Gadaan keenya haa cimu, umuriis haa dheeratu

Page 13: BOQONNAA TOKKO Seensa · 1 BOQONNAA TOKKO: Seensa 1.1 Seenduuba Uummanni Oromoo Karrayyuu akkuma Uummata Oromoo biroo jaarraa dheeraadhaaf Sirna ittiin bulmaata ofii isaa uummatee,

13

kan jedhu hawwii qaban mul‟isuuf raawwatu. Achi as erga deebi‟aniis bakka tokkotti walitti

tuuta‟anii sagalee ol fuudhanii akkas jedhu.

Kan eebbisu Kan jalaa qabu

Miinya dahi goduu dahi Ziiz

Hurrubni mirga dirreen dannaba Ziiz

Adaboon gooba goobni geerarsa Ziiz

Alalaasi alaa gali Ziiz

Dando tahi! Si‟in dandahin Ziiz

Goda tahi! Itti jigi Ziiz

Guchii tahi! Baalliin booni Ziiz

Doobbii tahi! Diina gubi Ziiz

Simoo tahi sin simin Ziiz

Leenca tahi! Cibiraa dhoosi Ziiz

Gaara tahi! Mul‟adhu. Ziiz

Oromiyaa tahi bal‟adhu Ziiz

Hundee Odaa tahi dagaagi Ziiz

Dhaaba dammaa tahi mi‟aayi Ziiz

Qabadhu /2/ jedhanii eebbifatu.

Ardaagni erga bu‟ee irra qaxxaamuruun hindanda‟amu. Dhorkaadha. Eegamuu qaba. Eegumsi

isaa ammo abbuma argeen osoo hintaane akka seera Bokkuuti. Shanan Dayyuu irraa nama tokko

fi Booxe Sadeen irraa nam- tokko hanga ciini raawwatutti eegama.

4.3. Dullacha qaluu, guyyaa itti aanu gaafa 25/4/2009 barii lafaa osoo biifutuun hinba‟in, afaan

buleen homaa utuu hinnyaatin Dullacha qalu. Dullachi Loon turtedha. Booxa Sadeen irraa warra

angafaatu qala. Booxni sadeen gosadha. Isaan qaluun seera Gadaati. Akka Abbootiin jedhanitti

Dullacha kan qalamtuuf umrii dheeraa waan torteef, nutis turree Gadaa keenya itti aanuu

qaqqabuuf hawwii qabnu mul‟suufi jedhu.

Page 14: BOQONNAA TOKKO Seensa · 1 BOQONNAA TOKKO: Seensa 1.1 Seenduuba Uummanni Oromoo Karrayyuu akkuma Uummata Oromoo biroo jaarraa dheeraadhaaf Sirna ittiin bulmaata ofii isaa uummatee,

14

Suuraa5: yemmuu Dullachi qalamtu

Itti dabalees, Dullachi qalamtu malee galmi kamuu hinijaaramu. Kan jalqaba ijaaramu kan

Abbaa Gadaati. Erga kan Abbaa Gadaa xumuranii osoo wal hineeggatin kan hafe mara xumuru.

Akka seera Gadaatti yemmuu kana kan ijaaru Tuuta Michilleedha. Michilleen kan Aangoo

walakka fudhatudha. Erga galmi ijaaramee booda guyyaa cidhaatu beellamama. Itti aansuun jala

bultii cidhaa fi gaafa cidhaas duraa duubaan wantoota adda addaa raawwatu.

4.4. Foduu Naquu; Foduun Kan Raabni Karra Karra isaa duratti naqudha. Kunis bifa lamaan

naqama. Kunninis, Bitimaa olii fi Bitimaa gaditti qooduun bakka lamatti naqu. Inni jalqabaa

yookaan gararraan Karra Loonii ibsa. Inni itti aanu Foduu Marcumaati. Kan irra taa‟anii

gumaata fudhatan. Qophiin isaas dhoqee Loonii jiidhaa bakka murtooftetti walqixxeessanii

diriirsuun Hiddii ciranii qopheeffatan dalga afurtama fi ol saddeeti irra naqu. Kun immoo hiika

mata isaa danda‟e qaba. Innis, marsaa Gadaa kan ibsudha. Duba Foduu naqamee Abbaan Karraa

Marcumarra ta‟a. Bakki taa‟umsaa isa Bitimaa gadiiti. Kan Bitimaa olii isa kan Karra Looniiti.

Achi taa‟ee keessummaa simata gumaachas fudhata. Gumaatni dhufu meeshaa aadatti nyaata

aadaa naannoo kanatti beekamaa ta‟e Bachoodha. Hanga gumaachituun ol seenanitti achii

hinka‟u. Erga warri dubaraa fi dhiiraa Ammayyoo fi Dambalee taphatanii booda ol seenu.

Page 15: BOQONNAA TOKKO Seensa · 1 BOQONNAA TOKKO: Seensa 1.1 Seenduuba Uummanni Oromoo Karrayyuu akkuma Uummata Oromoo biroo jaarraa dheeraadhaaf Sirna ittiin bulmaata ofii isaa uummatee,

15

Suuraa6: Osoo Foduu Naqanii

6.5. Ammayyoo; Ammayyoo dubara obbolaawwan warra cidhaa yookaan Abbaa Gadaa ta‟aniin

kan taphatamudha. Innis Arrabsoo fi Faarsuu ofkeessaa qaba. Obboleettiin hangafni warra Abbaa

Bokkuu akka seera isaaniitti yoo isheen dura ol seente malee ol seenuun waan hindanda‟amneef

ol galuuf ishee eegu. Isheen immoo akka aadaa isaaniitti kana gochuun waa irraa barbaaddi.Akka

iseen olseenteen warri Abbaa Bokkuu uwwisaa Simaloo fi Abeentaa itti uwwisu. Ergasii

hamayyoo jedhu. Innis akka asiin gadiitti ta‟a.

Kan jedhu Kan jalaa qabu

Iyyoo yoo iyyoo Ammayyoo Orooboo Iyyoo yoo iyyoo Ammayyoo Orooboo

Ilmoon Arbaa Dhoobalee

Akka kormaa Dobbbaa Roofaa Hariisoo Naqa. Iyyoo yoo iyyoo Ammayyoo Orooboo

Akka Buqqee Kichaa

Amma Obboloon Kiyyaa reef Buukii buufata. Iyyoo yoo iyyoo Ammayyoo Orooboo

Ammayyoon Okolee Tooyyaa walirraa qoqqolomna

Akka Affisaa Kaarroo wal irraa gagamimna. Iyyoo yoo iyyoo Ammayyoo Orooboo

Awiyyoo Karaan lama kam deemee kam lakkisuu

Obbolowwan Kiyya lama kam faarsee kam lakkisu. Iyyoo yoo iyyoo Ammayyoo Orooboo

Page 16: BOQONNAA TOKKO Seensa · 1 BOQONNAA TOKKO: Seensa 1.1 Seenduuba Uummanni Oromoo Karrayyuu akkuma Uummata Oromoo biroo jaarraa dheeraadhaaf Sirna ittiin bulmaata ofii isaa uummatee,

16

Ammayyaa qawwee qawwe

Qabanna Faranjootaa tolchaa ijoollee Araba. Iyyoo yoo iyyoo Ammayyoo Orooboo

Dhadha’ee Aara baasee dhahee baaruda baasee

Waan garaa Samii jalaa Allaattii beelaa baasee

Humboo qeerramsoo baase. Iyyoo yoo iyyoo Ammayyoo Orooboo

Jechuun faarsu.

Suuraa 7: Yeroo Ammayyoo Jedhan

4.6. Korma qalu; Korma kan qalu Raaba hundaadha. Kan qalan osoo lafti hin barin hundumtuu

karra isaa fuulduratti karraa Loonii keessatti qalu. Yemmuu qalan Loogaa Mijuukeetii qabatu.

Loogaa Mijuukeetiin Ulee Okkoo jalaan Garbuu itti hidhu. Aannan harkatti qabatanii abbaan

karma qalu isa akka qawweetti fannifatee qala. Kan qalu Abbaa Foduu mara. Erga qalanii

naanna‟anii akkas jedhu:

Qaalluun miinya naa kennee nan fudha /2/

Bokkuun miinya naa kennee nan fudha/2/

Gateettii Hoolaa kormaa adda jaboo

Qumbiin nyaararraa qabaa waan toloo

Doorii marroo sii marree yaa waaq na magarsii

Siifan marraa Raabummaa Lubaan na magarsii

Page 17: BOQONNAA TOKKO Seensa · 1 BOQONNAA TOKKO: Seensa 1.1 Seenduuba Uummanni Oromoo Karrayyuu akkuma Uummata Oromoo biroo jaarraa dheeraadhaaf Sirna ittiin bulmaata ofii isaa uummatee,

17

Siifan marraa yaa Bokkuu Jireen na magarsii

Siifan marraa yaa Bokkuu Dayyuu na magarsi.

4.7. Cidhatu Gala; gara guyyaa Tuuta Michilleetiif Gooba kennu. Jaarsolii fi Abbaan Bokkuu

lachan Marga fi Aannan Okoleetti harkatti qaqabatu. Abbaan Bokkuu lachan Margaan harka

walfuudhu. Jaarsoliin biyyaa walakkaa dhaabbatee kennaaf yemmus maanguddoonni akkas

jedhu:

“Ija agartuu teenya ijarraa nuu hambisi

Gadaa tuuta tanaa Waaqatu gahee

Ta jirtu hin badin ta hinjirre hin dhalatin

Tuuta tana Gadaa akka kennitan marraa

Biyyeen isinitti wawwaanna.” Erga jedhanii booda itti fufanii “Gadaan ta roobaa

gabbina haa taatu!” jechuun marra kennuuf. Tuutni Gooba fudhates,

“Goobaa marroo sii marree yaa Waaq na magarsi

Gooba kichaa na hobbaasi Waaqa hayyichaa

Goobaa lattuu na hobbaasi Waaqa dhalattuu,” jedhu.

Suura8: Margaa fi Aannan Oroobootti harkatti qabatanii Tuuta Michilleef Goobaa yemmuu

kennan.

Page 18: BOQONNAA TOKKO Seensa · 1 BOQONNAA TOKKO: Seensa 1.1 Seenduuba Uummanni Oromoo Karrayyuu akkuma Uummata Oromoo biroo jaarraa dheeraadhaaf Sirna ittiin bulmaata ofii isaa uummatee,

18

Suura9: Aannan abbuuqachuun biifanii yemmuu waleebbisan.

Yemmuu Gooba walii kennan akkas jechuun eebbisu.

warri Meelbaa Michilleen

Irreechaan eebbiseen sii kennee!

Kunoo sii kennee!

Roobaanan sii kennee!

Jiidhanan sii kennee Jiidhaan naa kennitee jiidhaanan sirraa fuudhe! Jedhu

Sana booda addaan lafatti gadi gombifamanii akkas jedhu: “ Yaa Waaq Tarreen nugeessetta

Marcumaan nu ga‟i!” jedhu. Ergasii akka garee garee isaaniitti weeddisaa walkurkursu. Wal

kurkursuun isaanii aadaadhuma jedhu maanguddoonni. Kani inni mul‟isu amma waa gochuu

hindandeessu aangoon ammayyuu kanuma keenya kanjedhurraa kan ka‟e daangaa Ardaaga

ijaarratan akka hinseenneefidha.

Walumaa galatti Uummanni Oromoo Karrayyuu Aanaa Fantaallee Jaarraa dheeraadhaaf sirna

ittiin bulmaata mataa isaa baafatee, seera isaa kana jalatti akkamitti akka waldhaga‟u, waliif

abboomamu danda‟u akkasumas Aadaa, Seenaa fi dudhaa isaa eeggachuu danda‟u cimsee

keyyatee; ittiin eeggachaa ture. Eeggachaas jira. Sirna ittiin bulmaata isaa waggaa saddeet

saddeetitti karaa dimkiraatawaa ta‟een tuutni tokko tuuta itti aanutti aangoo Sirna Gadaa kan

waliif dabarsanidha. Tuutonni kunniin Sadarkaan tokko ammoo sadarkaa biraatti osoo hin ce‟in/

hindarbin/ dura Sirna raawwatamu qaba. Sirnichis Cidha Tuuta Tarree ykn. Sirna Ciicoo Buttaa

jedhamuun beekama.

Page 19: BOQONNAA TOKKO Seensa · 1 BOQONNAA TOKKO: Seensa 1.1 Seenduuba Uummanni Oromoo Karrayyuu akkuma Uummata Oromoo biroo jaarraa dheeraadhaaf Sirna ittiin bulmaata ofii isaa uummatee,

19

Kunis kan geggeeffamu tuutni Gadaa tokko Aangoo Sirna Gadaa fudhatee erga harkaan gahatee

booda waggaa ja‟affaa isaatti kan kabajamudha. Kun ammo yeroo Aangoo guutuu waliif kennan

osaa hintaane, yeroo shaakalaa itti muuxannoo fi beekumsa wal irraa qooddatanidha jedhu.

Waggaa/amata/ lama booda yeroo Gooba kennan osoo hintaanee yemmuu Marcuma kennanidha.

Yeroo kana Meelbaan Doorii kenna Michilleen immoo Doorii fudhata. Meelbaan guutumaa

guutuutti aangoo gadhiisa. Bakki itti Aangoo walii kennanis Tarree Luugoo jedhama. Tarreen

Luugoo bakka Tuuta shananiiti. Waggaa saddeetii fi ja‟atti bakka kanatti Aangoo guutuus ta‟e

walakkaa karaa dimokiraatawaa ta‟een walitti dabarsu.

Hub.

Yaada qabdan asuma irratti nuu erguu dandeessu ([email protected]).

Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa

Finfinnee

Garee Sona Aadaa Askaalee Tarfaatiin