1000 all in one... · Ministeera Eegumsa Fayyaatti Hoogganaan garee sirna nyaataa obbo Biraaraa Mallasee haasaa isaan godhanirraa akka dhageessanitti qancaruun daa’immanii …
-
Upload
others
-
View
57
-
Download
0
Embed Size (px)
Citation preview
Duraandurse sagantaa marii hawaasaa gabbataa isa jalqabaatti baga
nagaan dhuftan. Ministeera Eegumsa Fayyaatti Hoogganaan garee sirna
nyaataa obbo Biraaraa Mallasee haasaa isaan godhanirraa akka
dhageessanitti qancaruun daa’immanii rakkoo guddaa biyya keenyaa
ta’uusaa hubanneerra. Waa’ee kanarattis sagantaalee marii kudhan
qopheessineerra. Sagantaalee marii kanneen keessattis sirna nyaataa
haadhoolee fi daa’immanii Guyyoota 1000
Jalqabaa ilaalchisuun qabxiilee guguddoo ijoo ta’an baranna.
Kaayyoon
barnoota marii kanaa beekumsaa fi ogummaa gahaa argattanii
daa’iimmaan fayya- qabeeyyii fi qareessa ta’an guddistanii sadarkaa
guddaarra akka geessiftan gochuu dha.
Egaa harri sagantaa keenya jalqabaa waan ta’eef, eega
wal-ofbeeksifnee booda sagantaaleen marii kanatti aananii dhufan
maal akkasaan fakkatanan gabaabseen isiniif ibsuu yaala.
Hojjetaa Misoomaa Abdiisaa: Maqaan koo Abdiisaa jedhama. Maatii
qotee bulaarraan dhaladhe. Ijjoollummaakootti abbaakoo oyiruu
xiqqoo inni qaburratti qonnaan gargaaraan guddadhe. Egaa
daa’imummaadhumarraa kaaseen hojii qonnaa jaalladha. Sanyii tokko
facaasnee, biqilee yoo firiisaa nyaannu waa’een uumaa waaqaa
baayyee na ajaa’ibsiisa.
(hafuura fudhata)
Eegan guddadhee boodas, fedhiin an waa’ee qonnaa beekkuuf qabu
dabalaa waan deemeef ganda keenyatti leenjii ogeessota qonnaatiin
kennamu hordofuudhaan waan baayyee barachuu danda’eera. Beekumsan
argadheenis abbaankoo qonna boodatafaa keessaa bahee haala
amayyaatiin akkamittiin akkanni oomisha caalmaa qabu argachuu
danda’u, sanyii fi akaakuu midhaanii haala qilleensaa fi gosa
biyyee lafasaatii wajjin deemu akkanni filatee facaasuu fi akaakuu
midhaanii facaasuu wagga waggaan jijjiiruun omishtummaa oyiruusaati
akkanni dabaluu gochuun gargaaruunii danda’eera. Abbaankoo bu’aa
caalaa argachuusaatiin baayyee gammada ture. Yeroo sana turegaa
kanan hojii qonnaa irratti bobba’uuf murteesse. Qotee bulaa
moodeelii ykn akkayyaa waanan ta’eefis waggoottan soddoma darbaniif
qotee bultoonni omisha caalmaa qabu akka argataniif gorsaa fi
gargaaraa hojii qonnaa ani jaalladhu kana hojechaa tureera. Amma
akka duriitti hojii qonnaa hojjechuubaadhuyyuu qotee bultoota
gorsaan gargaaruukoo addaan hinkutne. Amma yeroo boqonnaa koo
daa’imman ijoolleekootii wajjinan dabarsa. Haati manaan koo
Dammituun garuu na hinteessiftu. Ati ammayyuu dargaggeessaa,
hojjechuu dandeessaa naanjechaa jirti. Haati manaankoo Dammituun
asi na bira jirti; isheenis amma isinitti of-beeksifti. Sagantaalee
marii keenya hunda irratti aniif Dammituun walgalgaarree dabaree
dabareedhaan marii hawaasichaa gegeessinaa jechuu dha.
4
Dubartii Qaxalee Dammituu (kolfaa): Dhugumakoon jedha; abbaa
manaankoo yoo mana oole dafee na jalaa dullooma. Yeroonsaa
hingeenye ammayyuu hojjechuu qaba.
Hojjetaa Misoomaa Abdiisaa (kolfaa): Egaa gorsa ishee
dhaga’uukootiin kunoo harra isinii wajjin marii kanarratti
argameera. Tole, Dammituu koo, mee ammammoo isaanitti
of-beeksisi.
Dubartii Qaxalee Dammituu: Galatoomi Abdiisaa; Irra deebiin akkam
ooltan? Abbaa manaankoo maqaakoo deddeebisee yeroo inni kaasu
dhageessaniittu. Warra hindhageenyeefi Dammituun jedhama. Egaa
essaa yoon jalqabe wayyaa? Matiikootiifi ani mucaa
jalqabaasaaniiti. Obboloota lamaa fi obboleetti
tokkon qaban ture. Yeroo ijoollummaakootii gaafan yaadadhu, ani
mucaa angafaa waanan ta’eef obboleessota koo fi obboleettii koo
quxisuukoo ta’an ennaan kunuunsu nan yaadadha. Barumsa koo hordofuu
fi qo’achuuf yeroon qabu bayyee xiqqoo ture jechuun ni dandaa’ama.
Matiileen koo iyyeeyyiif kan barumsa hinqabne ta’aniyyuu akkan
barumsakoo itti fufu najajjabeessu turan. Ijoollummaa gaarii akkuma
jedhamu haadhakoo dalagaa mana keessaaatiin gargaaruunii fi
quxxusuuwwankoo kunuunsuun yaadannoo ijoollummaa gammachuu guddaa
naaf kennu. Egaa yeroodhuma sanaa ka’enigaa namoota gargaaruu fi
kunuunsuun hojiikoo gara fuulduraa akkanni ta’u kanan barbaade.
Barumsan baayyee hawwu narsummaa baradheen narsii ta’e. Xiqqoo
turee ammo deessiftuun ta’e. Yeroon deessiftuu turetti hawaasicha
keessa deemuun deessisaa waa’ee sirna nyaataa fayya-qabeessa ta’ee
fi waa’ee qulqullinaa nan barsiisan ture. Yeroo barattoota turettis
barumsa kennuuf gara gandoota badiyyaa ni deemna turre.
Gidduudhaanan mee waan tokko isinitti hima. Waa’ee eegumsa fayyaa
fi bu’aa harka dhiqachuun fayyaakenyaaf qabuu hojjettoota
ekisteenshinii fayyaa barsiisuuf baadiyyaa keessa yeroo adeemnutti
kanan akka tasaa abbaa ijoolleekootii Abdiisaa wajjin walbarre. Nan
yaadadha barumsichatti baayyee gammaduusaarraa kan ka’e nuu wajjin
bakkaa bakkatti socho’aa qotee bultoota barsiisa ture.
Hojjetaa Misoomaa Abdiisaa (kolfaa): Sitti dhihaachuuf mala gaarii
ta’uusaa waanan hubadheefani kanan isinii wajjin dhama’e.
Dubartii Qaxalee Dammituu: Sii milkaa’eera (kolfaa) dhamaatiinkee
gatii hin dhabne; haadha manaa amala-bareedduu ana fakkaattu
argattetta. Waanhundaafuu dubbiin jalqabettan isin deebisa. Akkuman
kanaan dura jedhe narsummaatiinis dessistummaatiinis yeroon turetti
waan baayyee barachuu danda’eera. Wantoota barbaachissoo ani
baradhe keessaa tokko barbaachisummaa sirna nyaataa haadhoolee fi
daa’immanii Guyyoota 1000 Jalqabaa ti. Matiin ani keessatti gudadhe
keessatti warroonnikoo waa’ee wanta akkasii waan tokkoyuu
hinbeekani. Anaaf abbaa manaankoo eega walfuunee fi mucaa keenya
jalqabaa ergan ulfaa’ee booda, sirna nyaataa haadhoolee fi
daa’immanii Guyyoota 1000 Jalqabaatti fayyadamuu jalqabne.
Fayyadamu jalqabne sababninan jedhuufii abbaa manaankoo ana
deeggaruun, na wajjin mari’achuunii fi nakunuunsuun yeroo hunda
narraa adda bahee kan hinbeekne waan ta’eefi. Galanni
5
1000 days
waaqaaf haa ta’u, daa’imman babbareedoo, ciccimoo, fayya-qabeeyyii
fi sammuu qareessa (qareessa) qaban lama godhannee guddisuu
dandeenyeera. Isheen tokko dooktara yoo taatu isheen kan biraan
ammo barsiistuu Yuunivarsitii taateetti. Mucaan keenya jalqabaa
waggaa tokkoo walakkaan dura akka akkoo fi akaakaa taanu
nugooteetti. Quxxusuunshees amma ulfa. Egaa anaa fi abbaansaanii
akkoo fi akaakaa waan taneef daa’imman keenyaaf gorsiif deeggarsi
sirriin barbaachisaa ta’uusaa hubannee osoo isaanirraa adda hin
ba’in hanga nuu dandaa’ametti gargaaraanii jirra. Akkuma sisin
tilmaamuu dandeessan daa’imman keenya lachanuu karoora sirna
nyaataa haadhoolee fi daa’immanii Guyyoota 1000 Jalqabaa sirriitti
hordofu.
Ani lubooma (soorama) ba’uukootiin dura narsii fi deessiftuu ta’ee
waggootii dheeraanan tajaajile keessatti dubartootaa fi haadhoolii
baayyee waa’ee karoora kanaa fi itti fayyadamasaa barsiiseera.
Ta’uyyuu hawwiinkoo waltajjii bal’aa ta’erratti dubarootaa fi
haadhoolee hedduuf barnootichi akk gahu ture. Kunoogaa harr’a
waltajjii marii hawaasaa gabbatee irratti carraa dubartootaa fi
haadhoolee hedduu barsiisuu argachuukootiin hawwiin koo naa
guuteera. Anaaf abbaa manaankoos waltajjii kanaratti walii wajjin
hirmaachuu keenyatti baayyee gammadeera. Muuxannoo yeroo dheeraa fi
beekumsa abbaa manaankoo karaa qonnaatiin animmoo karaa fayyaatiin
waan kuufanneef; akkasumas faayidaa sirna nyaataa haadhoolii fi
daa’immanii Guyyoota 1000 Jalqabaa waan beeknuuf; kanarra darbuunis
warra ijoollee sadarkaa akkoo fi akaakaa ta’uu irra geenye waan
taaneef, beekumsaa fi muuxannoo keenya isiniin qooduuf gahoo nu
taassisa jedheen abdadha.
Hojjetaa Misoomaa Abdiisaa: Galatoomi Dammituu! Ammagaa erga
eenyummaa keenya bartanii, mee waa’ee maalummaa marii gabbataa
hawaasaa Dammituun maqaa dhoofte kanaan isinitti hima. Marii
gabbattaan hawaasaa mala barsiisuu haaraa yoo ta’u, waltajjii nuti
waan baayyee irratti barannuuf yaadaa irratti waljijjiirru. Marii
hawaasaa hanga ammaatti isin beektan baayyee irraa tuqaallee armaan
gadii kanaan adda baha:-
• Lakkoofsi namoota hirmaatanii 15 hanga 20 hin caalu.
• Hirmaattoonni garee sadiitti qoodamu; gareen sadan kunis qoba
qobaatti yaa’u
1. Garee dubartoota ulfaa fi haadhoolii harma hoossisanii
2. Garee abbaa manootaa fi abbootii: jechuunis abbaa manootaa
dubartoota ulfaa fi haadhoolii harma hoossisanii fi abbootii
daa’imman waggaa lamaa gadii
3. Garee akkoowwanii: jechuunis haadhoolii dubartoota ulfaa fi
harma hoossisanii ykn haadhoolii abbaa manootasaanii fi akkoowwan
daa’imman waggaa lamaa ga- dii
• Tokkoon tokkoon gareewwan kanaa keessa namoonni jiran karaa
baayyeetiin waan walfakkaataniif walgargaaruu fi yaadootasaanii
bilisummaan waljijjiiruu danda’u
• Waltajjii kanarrattii mariiwwan, faaruulee, taphoota, baacoolee
fi seenaawwan qalbi namaa hawwatan baayyeetu jiraata.
6
1000 days
• Sagantaalee marii hawaasaa gabbate kudhan kana keessatti
daa’imman keenya fayya qabeeyyii, qaamaan cimoo fi sammuun qareessa
ta’anii akkaataa isaan ittiin guddachuu dandaa’an baranna.
Yeroo marii kana keessatti dhimmoota baayyee irratti mari’annutu
jira. Kan bashannanaa ittiin barannu waan ta’eefis baacoolee fi
seenaalee nu bashaassisan ni dhageenya; taphoota barsiisoo ta’an ni
taphanna; sirbootaaf faaruulee waa’ee sirna nyaataa ni
dhageeffanna; barnoota dandeettii dubbachuu fi yaada keenya ibsuu
keenya guddisan bifa taphaatiin arganna; akkasumas yeroon marii kun
yeroo barnootaa gammachiisaa meeshaalee deeggaroo nuu kennaman gara
mana keenyaatti geessuun maatiilee keenyaa wajjin yaadaaf
odeeffannoo ittin waljijjiirru ta’a.
Hojjetaa Misoomaa Abdiisaa: Turtii waliin qabaannutti sagaleekoo
ykn sagalee haadha manaakoo dubartii qaxalee Dammituu yeroo tokko
tokko, sagalee mari’achiisaa qaamaan isan bira jiruu ammoo yeroo
biraa ni dhegeessuu. Gidduu gidduuttii hojiileen ykn gilgaaloonni
garee fi mariileen yeroo jiraatanitti, mari’achiisaan qamaan isin
bira jiru teeppii cufee isin hojjechiisa. Mar’achiisaan kun akkatti
isin hojjettan isinitti agarsiisuun isin gargaara. Korree ykn
bilbila/qaacila kana yoo dhageessanii (sagalee korreetu dhagaa’ama)
yeroon teeppiin itti cufamu ga’eeraa jechuudha. Yeroo gilgaalli ykn
mariin raawwatu mari’achiisaan isin bira jiru teeppii deebisee
bana; anis isiniin mari’achuukoon itti fufa.
Mee altokko haa yaallu! Yeroo sagalee korree ykn bilbilaa
dhageessanitti, mari’achiisa maaloo teepicha cufi. Amma namoonni
argamtan hundi mari’achiisaa irraa eegaluun maqaa keessan caqasuun
wal of beeksisaa. Wal of beeksisuu keessan gaafa fixxanitti,
mari’achiisa maaloo teepicha deebisii bani.
Sagalee Korree/bilbilaa Dubartii Qaxalee Dammituu: Baga nagaan
deebitan! Amma hundikeenya waan sirriitti walbarre
natti fakkaata. Guyyoonni 1000 Jalqabaa hangam murteessoo akkasaan
ta’an deebisee isin yaadachiisuun barbaada. Guyyoota 1000 Jalqabaa
yoo jennu dubartiin tokko yeroo ulfooftee kaasee hanga daa’imni
ishee dhalatee waggaa lama guututtii yeroo jiru jechuu
keenya.Guuyyoota 1000 Jalqabaa kana keessatti dubartoonni ulfaa fi
harma hoossisan akaakuulee nyaataa adda addaa barbaachisoo fi
madaallaman yoo sooratan, daa’imman hanga ji’a 6tti harma haadaa
duwwaa yoo hodhanii, fi daa’imman ji’a 6 hanga waggaa lamaatti
jiran harma haadhaatiin dabalataan nyaatoota madaallaman adda addaa
yoo sooratan daa’imman ciccimoo, fayya-qabeeyyii fi qareessa ta’an
horachuun ni dandaa’ama. Guyyoota 1000 Jalqabaa kana kan adda
taassisu yeroo daa’imman itti ariitiin itti guddataniif ittiin
bocaman ta’uusaa ti. Kanaafuu yeroon kun guddina daa’imman keenyaaf
bu’uura gaarii tolchuu fi jalqaba jireenyaa kennuufiif yeroo carraa
guddaa nuu laatu.
Hojjetaa Misoomaa Abdiisaa: Dammituu, mee sagantaalee marii kurnan
qabnu keessatti mata dureewwan kamfaa akka ilaallu nutti
himi.
Dubartii Qaxalee Dammituu: Tole, egaa sagantaa marii jalqabaa
keenya harr’aa kana keessatti
7
1000 days
waa’ee Guyyoota 1000 Jalqabaarratti hubannoo waliigalaa kan irraa
argannu ta’a. Sagantaalee marii lammaffaa hanga sagalaffaatti jiran
keessati Guuyyoota 1000 Jalqabaa keessatti maatiin daa’ima cimaa,
fayya- qabeessaa fi sammuu qareessa qabu akka qabaatuuf wantoota
gochuun irra jiru sadarkaa sadarkaadhaan ball’inaan tarreessinee
gadi-fageenyaan irratti mari’anna. Sagantaan marii kurnaffaa fi
inni dhumaa waa’ee Guyyoota 1000 Jalqabaa walumaagalatti qabxiilee
ijoo baranne kanitti irradeebinuu fi carra barumsa kanaa warra hin
argatin hafaniif waa’ee Guyyoota 1000 Jalqabaa beekumsaa fi ogummaa
argannee kan ittiin qoodnu ta’aa jechuu dha. Guyyootni 1000
Jalqabaa sadarkaalee afur qaba: inni jalqabaa yeroo daa’imichi
gadameessa keessatti uumamerraa hanga dhalatutti; inni lamaffaa
yeroo dhalaterraa ka’ee hanga ji’a 6 guututti; inni sadaffaa ji’a 6
irraa ka’ee hanga ji’a 12 guututti; sadarkaa inni dhumaa fi
afuraffaa ji’a 12 irraa hanga ji’a 24tti yeroo
jiru.
Abdiisaa, egaa muuxannoo qonnaa qabdurraa kaatee faayidaa sirna
nyaataa haadhoolii fi daa’immanii Guyyoota 1000 Jalqabaa maatiilee
qonnaan bultootaaf fakkeenya isaaniif galuu danda’uun nu ibsuu
dandeessaa?
Ibsa Gabaabaa Yaadundeewwanii Hojjetaa Misoomaa Abdiisaa: Tole.
Yeroo waa’ee Guyyoota 1000 Jalqabaa walitti dubbannu
sadarkaalee guddinaa daa’immanii afur armaan oliti eeraman
sadarkaalee guddina suufii wajjin walbira qabnee yoo ilaallee
hubannoof nu gargaara jedheen yaada. Sadarkaalee kanas sadarkaa
guddinaa Abaaboo Suufii jennee waamu dandeenya.
Mari’achiisa, mee maaloo mariif akka gargaaruuf fakkii sadarkaa
guddinaa Abaaboo Suufii fuula filippichaartii irraa itti
agarsiisaa.
Akkuma argitan sadarkaa guddinaa jalqabaa SANYII jechuun waamna.
Yeroon kun daa’imni yeroo uumamee jalqabee hanga dhalatutti yeroon
inni gadameessa haadhasaa keessa turu. Sanyii tokko yeroo lafa
keessa dhaabnu, hangam biyyee fi sanyichaaf kunuunsa gochuu akka
qabnu hundi keenya sirriitti beekna. Akkuma sana haatni ulfaas
yeroo ulfummaaseetti nyaatni madaallamaan isheen nyaattu iseefis
ta’e daa’imaseetiif baayyee faayida- qabeessa. Dabalataanis
haadhonni ulfaa cimoo fi fayya-qabbeeyyii akka ta’aniif
rafuusaaniitiin dura qoricha Aayiranii liqimsuu qabu; kuni
daa’imichas ni gargaara.
SFX: JINGLE Hojjetaa Misoomaa Abdiisaa: Sadarkaa guddinaa isa
lmmaffaammoo BIQILTUU jennee waamna.
Sadarkaan guddinaa kun daa’imni tokko dhalatee hanga ji’a ja’a
guututti yeroo jiru. Eeegaa akkumasin beektan qotee bulaan tanee
sanyii nuti facaasne yeroo lafa keessa baatee guddachuu jalqabdu,
abdiin keenyas wajjiiniin guddachuu jalqaba. Kunuunsinee eeguudhaan
gaarii taatee akka guddattuuf waanta dangeenya hunda goona. Akkuma
BIQILTUU sanyii guddisnuu daa’imman umurii jenne keessatti argaman
yeroo
8
1000 days
dhalatanii kaasanii hanga ji’a j’aatti harma haadhaaarraa qofa
nyaatasaanii argachuu qabu. Kana jechuunis nyaatni dabalataa
akkamiiyyuu bishaanille yoo ta’eyyuu tasumaa kennamuufii hin qabuu
jechuudha.
SFX: JINGLE Hojjetaa Misoomaa Abdiisaa: Sadarkaa guddinaa isa
sadaffaammoo KICHUU/QUXA jenne
waamna. Sadarkaan KICHUU kun umurii daa’ima tokkoo ji’aa ja’aa
kaasee hanga waggaa tookkootti jiru of keessatti qabata. Yeroon kun
yeroo warri daa’imaa daa’imasaanii irratti jijjiirama guddaa
argani. Sadarkaa KICHUUrratti daa’imman dammaqoo ta’anii of
danda’anii taa’uu fi daa’imuu kan ittiin jalqabaniif waanti hundi
haaraa waan itti ta’uuf wanta argan hunda harkaan qabuun gara
afaansaaniitti geessani. Kanumaaf jecha naannoonsaanii
qulqullinnisaa kan eegame ta’uu qaba; bishaan isaan dhuganis
bishaan danfee qabbanaa’e ykn qulqullaa’e ta’uu qaba. Daa’imman
KICHUU, ykn ji’a ja’a guutan, harma haadhasaaniitti dabalataan
marqaa furdaa lallaafaa, sooratoota salphoo daakamanii fi
bullaa’anii qophaa’an nyaachuu jalqabuu qabu.Yeroon kun,
qaamasaaniitiifis ta’ee sammuusaaniitiif nyaatni dabalataa humna
kennuufii pirootiiniin isaan gabbisu yeroo baayyee isaan itti
barbaachisu.
SFX: JINGLE Hojjetaa Misoomaa Abdiisaa: Sadarkaa guddinaa isa
afuraffaammoo ABAABOO jennee waamna.
Sadarkaan guddinaa kun umurii daa’imaa waggaa tookkoo hanga waggaa
lamaatti jiru. Daa’imman umurii ABAABOO irratti argaman nyaata
baayyinaan isa kanaan duraa caaluu fi ituu hinbullaa’in hanga tokko
duwwaa mummuramee qophaa’ee nyaachuu ni danda’u. Harma haadhaaa
xuuxuu garuu dhaabuu hinqabani. Naannoonsaanii qulqulluufii bishaan
isaan dhuganis kan danfe ykn qulqullaa’e ta’uu qaba.
Amma immoo sadarkaa guddina daa’imaa Abaaboo Suufiitti fakkeessine
akka caalaatti hubannuuf sadarkaalee guddina abaaboo suufii
arfanitti fayyadamuun tapha barumsa nuu kennu tokko taphanna.
Taphicha ani nanjalqaba. Maqaankoo Abdiisaaa dha. Ani akaakaa
SANYII ti. Waantin ani kana jedhuuf mucaankoo tokko sanyii
gadameessashee keessaa qabdi waan ta’eefi. Itti dabalataanis ani
akaakaa ABAABOO ti: jechuunkoo mucaankoo isheen biraan haadha
daa’ima waggaa tokko walakkaati. Isinii galee? Mee isinimmo
yaalaa.
Mari’achiisa, mee teepicha cufiitii hirmaattoonni hundi akkasaan
ofbeeksisan taassisi. Egaa gaafa of beekjsistan maqaa keessan
dubbadhaatii warra, akkoo fi akaakaa SANYII, BIQILTUU, KICHUU fi
ABAABOO ta’uu keessan beeksisaa. Fakkeenyaaf:- maqaankoo Lalisee
dha haadha Biqiltuu ti. (Kana jechuun Laliseen mucaa ji’a ja’a
hinguunne qabdii jechuudha). Mee fakkeenya kanatti gargaaramaatii
itti fufaa. Ofbeeksisuu keessan gaafa xumurtanitti mari’achiisa
maaloo teepicha deebisii bani.
Sagalee Korree/Bilbilaa Hojjetaa Misoomaa Abdiisaa: Baga nagaan
deebitan! Sadarkaa guddinaa suufii arfanitti
fayyadamuun of beeksiftaniittu jedheen abdadha. SANYII, BIQILTUU,
KICHUUnii fi ABAABOOn guddina daa’immaa Guyyaa 1000 Jalqabaa
keessatti sadarkaalee
9
1000 days
guddinaa murteessoo mul’atani. Sanyii facaasne guyyaa facaasnee
kaanee kunuunsuu fi guddisuun akkuma nurra jiru hunda, daa’imman
keenyas guyyaasaan gadameessa haadha saanii keessatti uumamanii
jalqabnee kunuunsuu fi guddisuutu nurra jira. Guyyootni 1000
Jalqabaa guyyoolee addaati, maaliif yoo jedhame qaamaaf sammuun
daa’immanii yeroo inni itti ariitiidhaan guddatu waan ta’aniifi.
Kanaafuu yeroo kana keessatti dubartii ulfaa fi haadha harma
hoossiftu nyaata madaallamaa yoo nyaachisne daa’imman keenya cimoo,
fayyaa-qabeeyyii fi qareessa akka ta’an gochuurra dabarree yeroo
nama guddaa ykn gaheessa ta’anitti jireenya milkaa’aa akkasaan
qabaataniif gargaarraa jechuu dha.
Dubartii Qaxalee Dammituu: Galatoomi Abdiisaa. Qootee bulaa waan
taateef sadarkaa guddinaa ABAABOO SUUFIITIIN nuuf ibsuunkee nama
gammachiisa. Mee ammammoo waanta xiqqoo adda ta’e tokko haa yaallu.
Akkam ta’uyyuugaa namni muuziqaa hinjaallanne nu keessa hinjiru;
mitii? Mee faaruu waa’ee Guyyoota 1000 Jalqabaa hanga ammaatti
irratti mari’achaa turree weeddisu kana sirriitti dhaggeefadhaa;
wajjiniin faarsuunis ni dandaa’ama.
SFX: Faaruun nyaata maddaalamee Guyyoota 1000 Jalqabaa ni
dhagaa’ama Dubartii Qaxalee Dammituu: (Faaruchaa wajjin weeddisaa)
Faarsichi namatti hin toluu?
Ani jaalladheera; isinoo? Ergaasaa dhageessaniittuu jedheen
abdadha. Mee faaruu kanarratti yaada waljijjiiraa. Teepichi
cufamuusaatiin dura gaaffiileen irratti mari’attan kan armaan gadii
ti:
1. Faarucharraa maal hubattani? Sirbichi ergaalee akkamii ofkeessaa
qaba?
2. Faarucharraa maalsaa (maloo isaa) baayyee jaallattani?
3. Faaru kana matii keessan barsiisuu waandandeessan isinitti
fakkaataa?
Gaaffiiwwan kuni ifa mitii? Mari’achiisa, teeppicha cufiitii waa’ee
Faaruu Guyyoota 1000 Jalqabaa irratti akkasaan mari’atan gargaari.
Yeroo xumurtan, mari’achiisa teepicha deebisii bani.
SFX:-Sagalee Korree/Bilbilaa Hojjetaa Misoomaa Abdiisaa: Baga
nagaan deebitan! Ergaa sirbichaarratti gaaritti mar’iattan
mitii? Faaruchi akkuma hordaftanitti daa’imni tokko sadarkaa SANYII
jennee waamnurraa ka’ee hangaa sadarkaa ABAABOO irra gahee waggaa
lama guutuutti, daandii jireenyaa inni qabaatu kan gaariitti ibsu.
Mee ergaa faaruchaa gabaabinaan haa ilaallu.
• Daandiin jireenyaa addaa kun kan jalqabu haatni sirriitti
soorattee cimtuu taate SANYIIn cimaa fi fayya-qabeessa ta’e
gadameessasee keessatti erga uumamee kaasee ji’a sagaliin booda
yeroo inni itti dhalatus ni dabalata. Mucaa dhalates BIQILTUU
jennee waamna.
• Daa’imni BIQILTUUn yeroo dhalatee ka’ee ji’oota ja’a itti
aananiif aannan harma haadhaa qofaa yeroo inni itti sooratu yoo
ta’u, nyaata dabalataas ta’e
10
dhangalaa’aa ykn bishaan kennuufiin dhorkaa dha.
• Ji’a ja’a booda sadarkaa KICHUU jedhamutu eegala. Yeroo kanattis
harma haadhaatti dablataan marqaa furdaa fi nyaatoota madaallamanii
daakamanii qophaa’an jalqabuu qaba.
• Daa’imichi waggaa tokko guutee hanga waggaa lama ta’utti yeroon
jiru yeroo ABAABOO ta’aa jechuudha. Yeroo kanatti harma haadhaatti
dabalataan nyaatoota madaallamoo dabalataa fudhachuusaa itti fufuu
qaba.
Carraa ijoollee daa’imman keenyaa gara fuulduraa gaarii waan godhu
isinitti hin fakkaatuu? Daandii jireenyaa bareedaa dha. Faaruun
nuti dhageenye kun daa’imman carraa kana hinargatne maal akka irra
gahuu danda’u nuuf ibseera. Sababnisaas nyaata madaallamaa isaan
gabbisu hinargatan taanaan daa’imman cimoo, fayya-qabeeyyii fi
sammuusaaniitiin qareessa ta’uu hin dandaa’ani; galagalchii isaa
dadhaboo, jununaa’oo, jufunfulaa fi barumsi salphaatti kan
hingalleef ta’u. Guddataniis carraan isaan umurii
gaheessumaasaanitti jireenya milkaa’ee fi gammachuun guutame
qabaachuu ittiin dandaa’an bayye xiqqaa dha.
Kuni akka hintaane garuu gochuun ni dandaa’ama. Waanti nama
gammachiisu maatiin kamiyyuu daa’ima isaatiif carraa gaarii kana
uumuu danda’uusaa ti. Eeega dhalatee boodayyuu barfannee yoo
jalqabnes daa’imichi waggaa lama hanga guututti carraa akka inni
cimaa, fayya qabeessaa fi sammuusaatiin qareessa ta’u ittiin gochuu
dandeenyu qabna. Guyyoota 1000 Jalqabaa keessaatti daa’imman keenya
nyaata madaallamaa nyaachisuun jireenyi isaanii gara fuulduraa
gaarii akkanni ta’uuf gochuu dandeenya. Iyyeessas ta’u sooressa,
magaalaa keessas jiraatu baadiyaa keessa, maatiin kamiyyuu kana
gochuudhaan daa’imasaatiif bu’uura gaarii guddinaa gaarii uumuufii
danda’a.
Dubartii Qaxalee Dammituu: Baayyee gaarii! Faaruu gaarii dha.
Ergaalee ijoo kana hunda nubarsiiseera. Yeroo biraa faarucha
deebifnee dhaggeeffanna. Sagantaalee marii keenyaa gara
fuulduraatti dhufan keessatti waa’ee sirna nyaataa Guyyoota 1000
Jalqabaa irratti qabxiilee heduu baranna. Sila Abdiisaaan qotee
bulaa akkayyaa (moodeelii) yeroo dheeraa waan ta’eef beekumsaa fi
muuxannoo qabu nuunqoodeera. Anis waggoota baayyeetiif narsii fi
hojjettuu fayyaa waanan ta’eef muuxxaanoo fi beekumsan qabu isiniin
qooduun barbaada.
Mee waa’ee gemmoo/sunsumaa waan tokko tokkon isinitti hima. Hundi
keenya gemmoon maal akka ta’e beekna. Gemmoon/sunsumni yeroo
dheeraaf kushinaa ykn alwaadaa fi mana keenya keessa kan jiraateef
guyya guyyaan kan itti fayyadamnu yoo ta’u, fakkeenya maatiiti
jedhamee amanama. Akkuma beekamu namni tokko gemmoo/ sunsuma sadii
hundeeffate jechuun haadhamanaa fuudhe ykn maatii hundeefatee
jechuu dha. Yeroon Abdiisaaatti heerumetti mana hundeeffachuukoo
ilaalchisuun haatikoo geemmoo ykn sunsuma koo jalqabaa naa
kenniteetti. Kanaan alattigaa jecha- jechaan yoo hiikame
gemmoo/sunsuma jechuun distii ittoo ittiin tolchinu ykn eelee
buddeenaa deeggaree kan baatuuf dhagaalee guguddoo sadii ykn suphee
babattee sadii irraa kan hojjetamuudha.
Eelichi madaalasaa eegee akka taa’uuf sunsumoonni sadan baayyee
barbaachisoo
11
1000 days
dha. Sunsumni tokko yoo gidduudhaa bahe, eelichi sirriitti taa’uu
hin danda’u. Eelichi akka sirriitti taa’uu fi buddeenichi akka
tolchamuuf, sunsumoonni/gomjiileen sadanuu sirraa’anii fi
hojjaadhaan walgitanii taa’uutu irra jira. Waa’ee sirna nyaataa
madaallamee Guyyoota 1000 Jalqabaa yeroo mari’annutti yaadasunsumaa
kanarraa tuqaalee barbaachisoo baayyee baranna.
Mari’achiisa, mee maaloo fakkii Sunsuma sirna nyaataa haadholee
yeroon yaadasaa ibsutti garichatti agarsiisi. Mee Eelee buddeenaa
sanarraan jalqaba.
• Eelichi nyaatoota yeroo hundaa akka fakkeenyaatti bakka
bu’a.
Nyaatoota yeroo hundaa kan jedhaman nyaatoota guyya guyyaan irra
deddeebiin nyaannu yoo ta’an buddeen, qixxaa, shiroo, xaafii,
qamadii, garbuu, warqii ykn qooccoo, baaqelaa, shumburaa, atarii,
missira, boqqolloo fi bisingaa kan fakkaataniif haala adda
addaatiin qopheessinee kan soorannu dha.
• Eelee buddeenichaa jela maal akka jiru qalbeeffatanii?
Gomjiileen/sunsumoonni sadan eelicha deeggaranii baataniiru.
Gemmooleen sadan kun nyaatoota ijoo nyaata yeroo hundaa irratti
dabalamanii fi haadhaaf daa’ima Abdiisaan bakka bu’u. Nyaatoota
ijoo kana nyaatoota URJII jennee waamna.
Sirna nyaataa haadhoolii:-
• Sunsuma Diimaa: Sunsumni kun nyaatoota abbaa URJII sadii ta’an
bakka bu’a. Kunneenis akaakuulee nyaataa bu’aa neefkaalee ykn
bineensotaa irraa argannu: jechuunis hanqaaquu ykn buphaa, aannan,
foon, lukkuu, qimixxoo/saqanaa, itittuu fi qurxummii faa kan
fakkaatani. Haadholiin ulfaa fi harma hoossisan nyaatoota abbaa
urjii sadii ta’an kana yoo xiqqaate guyyaatti altokko nyaachuu
qabu.
• Sunsuma Magariisaa: Nyaatoota abbaa URJII lamaa ta’an bakka
bu’a.
Kunneenis baaloota magariisaa fi nyaatoota kuduraa jechuunis
raafuu, qoosxaa, buqqee, kaaroota, baandee ykn maxaaxisha,
timaatimii, kaaboolii (rafuu maramaa faranjii) fi kkf dha.
Kuduraaleen kun kan garaa gara ta’anii fi qabiyyeewwan qaama
Abdiisaan, albuudootaa fi vaayitaaminoota fayyaa eeganii fi,
qabiyeewwan humna kennan kan qabanii dha. Haadhonni ulfaa fi harma
hoossisan yoo xiqqaate guyyaatti altokko nyaata URJII lamaa
nyaatasaanitti dabalanii nyaachuu qabu.
• Sunsuma Keelloo: Sunsumni kun irra deebi’iin nyaatoota URJII
lamaa bakka bu’a. Kanneen inni bakka bu’uus fuduraalee, jechuunis
burtukaana, paappayyaa, abukaadoo, maangoo, poomii, anaanaasii,
muuzii fi kkf dha. Haadhonni ulfaa fi harma hoossisan nyaata guyya
guyyaan nyaatan irratti dabaluun yoo xiqqaate fuduraa abbaa URJII
lamaa tokko nyaachuu qabu.
Mari’achiisa mee maaloo filippichaarticharraa sunsumaalee sirna
nyaata daa’immanii garichatti agarsiisaa.
Sirna nyaataa Daa’immanii:-
• Sunsuma Diimaa: Akkuma kanaan duraa sunsumni kun nyaatoota abbaa
Urjii Saddii ta’an bakka bu’a. Kunneenis akaakuulee nyaataa bu’aa
neefkaalee ykn bineensotaa irraa argannu, jechuunis: hanqaaquu ykn
buphaa, aannan, foon,
12
1000 days
lukkuu, qimixxoo/saqanaa, itittuu fi qurxummii faa kan fakkaatani.
Umurii Ji’a ja’arraa kaasee hanga waggaa lamaatti jiru keessa
daa’imman jiran guddina sirrii qabaachuuf yoo xiqaate guyyaatti
nyaata abbaa URJII sadii tokko nyaachuutu irra jira.
• Sunsuma Magariisaa: Sunsumni kun nyaatoota abbaa URJII lamaa
ta’an bakka bu’a: jechuunis kuduraalee fi fuduraalee dha.
Kuduraalee jechuun baaloota magariisaa fi nyaatoota kuduraa kan
akka raafuu,
qoosxaa, buqqee, kaaroota, baandee ykn maxaaxisha, timaatimii,
kaaboolii fi kkf dha. Kuduraaleen kun kan garaa gara ta’anii fi
qabiyyeewwan qaama Abdiisaan, albuudootaa fi vaayitaaminoota fayyaa
eeganii fi, qabiyeewwan humna kennan kan ofkeessaa qabani. Itti
dabalataan sirni nyaataa daa’immanii fudulaalee akka burtukaana,
paappayyaa, abukaadoo, maangoo, poomii, anaanaasii, muuzii fi kkf
of keessatti qabaata. Daa’imman umuriinsaanii ji’a j’aa hanga
waggaa lamaa ta’e yoo xiqqaate nyaata kuduraa fi fuduraa abbaa
URJII lamaa tokko guyya guyyaan nyaachuu qabu. Kana hingodhan
taanaan hir’ina vaayitaaminaatu daa’imman irratti uumama.
• Sunsuma Keelloo: Sunsumni kun nyaatoota abbaa URJII tokkoo ta’an
bakka bu’a. Isaanis nyaatoota coomaaf zayitaa ti. Kunneenis
dhadhaa, zayitoota suufii, nuugii, talbaa, saliixii fi zayitoota
kuduraa kan biroo dha. Nyaatoota coomaa fi zayitaa kana nyaata
daa’immaniitti maknee yeroo bilcheessinuuf, nyaatichi humna
dabalataa akkasaaniif kennu taassisa. Garaan daa’immanii xinnoo fi
dhiphaa waan ta’eefis coomaaf zayitoonni nyaatasaanii lallaafsuuf
mi’eessuuf, akkasumas salphaatti akka daakamuuf taassisuuf ni
fayyadu. Daa’iimman umurii ji’a ja’aa hanga waggaa lamaa qabaniif
oggaa nyaata qopheessinu, akaakuu nyaatoota Urjii tokkoo kanarraa
hanga ga’a ta’e shalagnee itti dabaluutu nurra jira.
Nyaata maddaallame yoo jennu akaakuulee nyaataa amma maqaa dhoofne
hunda jechuu keenya. Akaakuulee nyaataa kana nyaatoota URJII
jechuudhaan waamna. Nyaatoota URJII kana nyaata guyya guyyaatti
dabaluun nyaachuun baayyee faayda- qabeessa ta’usaa irraanfachuun
nurra hinjiru.
Guddisuu fi Biqilchuu Dubartii Qaxalee Dammituu: Egaa nyaatoota
URJII sirriitti beekneerraa jechuu dha. Kanaafuu
haadhooliin ulfaa fi harma hoossisan, akkasumas daa’imman umurii
ji’a ja’aa hanga waggaa lamaa keessa jiran nyaatoota Urjii nyaata
guyyaa guyyaasaaniitti makuun ykn giddu gidduudhaan akka cireetti
yeroo hundaa akka isaan nyaatan gochuu qabna. Kana garuu akkamitti
gochuu dandeenyaa? Mee Abdiisaa deebii gaaffii kanaa nuuf
ibsi.
Hojjetaa Misoomaa Abdiisaa: Deebiinsaa salphaa dha. Bayyeen keenya
qotee bultoota waan taaneef nyaatoota kana biqilchuu fi
horsiisuudhaan salphaatti argachuu dandeenya. Mee isin gidduudhaa
meeqan keessantu nyaatooto URJII horsiisaa fi biqilchaa jirtu? Mee
harka keessan kaasaatii nutti himaa. Mari’achiisa, mee maaloo
akkasaan yaadasaanii ibsaniif mari’atan gargaariin. Marii keessan
ennaa fixxan teeppicha deebisii bani .
13
SFX: Sagalee Korree/bilbilaa Dubartii Qaxalee Dammituu: Baga nagaan
deebitan! Egaa hundi keessan nyaatoota URJII maatii
keessaniif ni horsiistu ykn oomishtu jedheen abdadha. Ogeessi
qonnaa akkayyaan (moodeeliin), Abdiisaaan, nu gidduutti waan
argamuuf nyaatoota URJII akkamitti akka horsiisnuu fi oomishnu nu
gorsuu danda’a. Abdiisaa, dhimma kanarratti wanti ati xinnoo nuuf
ibsitu jiraa laata.
Hojjetaa Misoomaa Abdiisaa: Jira malee. Kunihoo oggummaanan ilkaan
itti buqqifadhe. Akkuma beektan nuyi qotee bultoonni akkayyaa fi
hojjettoonni ekisteenshinii qonnaa qonna ilaalchisuun muuxannoo
bal’aa qabna. Waa’ee akkaataa itti fayyadama sanyii filatamaa,
waa’ee akkaataa itti fayyadama xaa’oo, waa’ee mala qotiinsaa
wayyaa’ee fi kkf irraattis gorsootaa fi beekumsoota faayida
qabeessa ta’aniif hojiirra ooluu danda’an ni kennina. Barnoota
barbaachisoo ta’an fudhattanii akkaataa nyaatoota URJII guyya
guyyaan argachuu ittiin dandeessan uumuun ni dandaa’ama.
Sagantaalee marii kurnan waa’ee Guyyoota 1000 Jalqabaa keessatti
nyaatoota URJII akkamitti akka horsiisnuuf oomishnu ni
baranna.
Galii argatanii bituu Dubartii Qaxalee Dammituu: Galatoomi
Abdiisaa. Egaa haadha ulfaafis ta’e haadha harma
hoossiftuuf akkasumas daa’imman ji’a ja’aa hanga waggaa lamaa
giidduu jiraniif, guyya guyyaan nyaatoota URJII akka argatan karaa
ittiin goonu keessaa tokko gabaadhaa bitnee dhiheessuu dha.
Omishoonni akka boqqolloo, qamadii, garbuu, xaafii, saliixii,
shumburaa, dammaa, bunaa fi kkfn omishoota maatii keenyaaf galii
gaarii nuuf argamsiisani. Oomishoota kana gurgurree qarshii argannu
keessa hanga tokko nyaatoota URJII bituuf oolchuu ni dandeenya. Mee
meeqan keenyatu oomisha qonnaa keenya gurguruun galii arganna?
Maaloo mari’achiisa yeroo sagalee korree dhageessutti teepicha
cufuun akksaan waliin mari’atan taassisi. Mariisaanii akka
fixaniinis teepicha deebisii bani.
SFX: Sagalee Korree/bilbilaa Dubartii Qaxalee Dammituu: Tole. Baga
nagaan deebitan! Egaa hundi keessaniyyuu midhaanii
fi oomishoota qonnaa kan biroo gabaatti baastanii gurguruun galii
argattu jedheen yaada. Akkuman kanaan dura ibse galii kanarraa
qarshii hanga tokko bittaa nyaatoota URJII maatii keenyaarra
oolchuu ni dandeenya. Sagantaalee marii keenya itti aanan keessatti
haadhoolii fi daa’immaniif Guyyoota 1000 Jalqabaa keessatti
nyaatoota URJII dabalataa bituuf galii dabalataa nu dandeessisuu
hojii qonnaarra akkamitti argachuu akka dandeenyu ni baranna.
Qopheessuu, Tursuu fi Ol kaa’uu Dubartii Qaxalee Dammituu: Sila
yeroo isin mari’achaa turtanitti Abdiisaaan seena nama
kolfisiisu tokko natti himaa ture. Mee Abdiisaa isaanittis itti
himi. Hojjetaa Misoomaa Abdiisaa: Tole Dammituukoo. Seenaan kun
seenaa dhugaa gaaf tokko
galgala mana hiraayaakootii tokkotti ta’e. Akkuma yeroo hundaa gaaf
tokko galagala mana hiraayaakootii kanatti maatiin hundi irbaataa
walii wajjin nyaachuuf taa’anii
14
1000 days
eegaa jiru. Haati manaas akkuma yeroo hallee hojiin itti baayyatee
waan oolteef dadhabdee eega dukkanaa’ee booda ittoo bilcheessuuf
ariitiidhaa olii gadi taattiruu eegalti. Abbaa manaanseetiif
ijoolleensee sadanis irbaanni yeroo kanaan dura itti dhihaaturraa
baayye boodatti hafuyyuu beelasaanii dandaa’anii obsaan eegaa jiru.
Dhumarrattis ittoon shiroo hawwii guddaan eegamaa ture bilchaatee
gemmoorraa bu’e. Shiroon kun baayyee ho’aa waan ta’eef dafee akka
inni qabbanaa’uuf jecha qadaadasaa bantee lafa keessee
dhiiste.
Kaatee gara gundoo buddeenaatti deemuun buddeen gabateerratti
qopheessu yeroo iseen jalqabdutti fatteen alaa utaalaa akka tasaa
mana seente tokko utaaltee ittoo akka qabbanaa’uuf banaatti
dhiisame sana keessa cubulluq jette lixxe. Haati saalfii ishee
eeggatu kana hinbeekne kunis buddeena gabeeteerratti sisirreesitee
erga qopheessitee booda abbaa manaaseetiif ijoolleesee hawwiidhaan
isee eeggataniif dhiheessiti. Maatichi aadaa nyaataan dura kadhata
gochuu waan qabaniif hundisaanii ka’anii kadhata gochuu jalqabu.
Akkuma abbaamanaansee nyaaticha eebbisee gadi taa’een fatteen sun
ittoo keessaa utaaltee buddeenarratti dub jette. Hundumtisaanii
baayyee na’ani; Haatni iyyasee gadilakkifte; daa’immanis
naasuudhaan ennaa utaalan ittoo shiroo sana galagalchanii
dhangalaasan. Wanta hin eegamneef nama naassisutu ta’e. Achii booda
mucaan inni guddaan fatteesana suuta jedhee qabee rarraasee ala
baasee gate. Haatni naasuudhaan gogdee hafte. Fatteen akkamiti
ittoo keessa galuu akkannitti danda’e galuufii hin dandeenye ture.
Xiqqoo turee garuu dubbichi ifa ta’eefi. Ittoon akka qabbanaa’uuf
jettee banaa dhiistee akka turte yaadatte. Achii booda hundisaanii
waanta uumame kanatti kolfuu jalqaban.
Ijjoolleen baayyee beeli’anii turani waan ta’eef ittoo shiroo hafe
nyaachuu barbaadan. Abbaan isaanii garuu hin ta’u summaa’ina ykn
faalama nyaataa fiduu danda’a jechuun akkasaan hin nyaanne dhorke.
Ta’uyyuu hundisaani dubbikanaan kolfanii osoo hinxumurin haatni
faffatoo gaarii isaaniif dhiheessite. Seenaan kun yeroon yaadadhu
hunda nakolfisiisa. (Abdiisaaan xiqqoo ennaa kolfu
dhagaa’ama)
Dubartii Qaxalee Dammituu: (kolfaa) Galtoomi Abdiisaa. Seenaan ati
nuun qoodde kan nama kolfisiisuu ta’uyyuu, waan nu barsiisu tokkos
qaba. Haatni ariitii keessa ittoo osoo hin qadaadin dhiisuusheetiin
wanni itto lixe akka tasaa fattee ta’e male ilbiisota salphaatti
hin mul’anne ykn tasiisa ituu ta’ee baayyee rakkisaa ture. Kanaafuu
kanarraa wanti nuyi barannu nyaata qopheessuunii fi sirnaan
qulqullinaan tursuun barumsa sirna nyaataa Guyyoota 1000 Jalqabaa
keessaa tokko ta’usaa beekuu qabna.
Yeroo durii namoonni bakkaa bakkattii fi biyya tokkorraa biyya
biraatti yeroo adeeman (imalan) yeroo dheeraa waan itti fudhatuuf
dhangaa qabatanii adeemu turan. Kanaafuu, mala dhangaa fudhatanii
karaa deeman ittiin qopheessanii fi osoo hin faalamin yeroo
dheeraaf turu ittiin taassisan qabu turani. Sababoota adda
addaatiin nyaatoota URJII yeroo barbaannutii argachuun rakkisaa
ta’uu danda’a, kanaafuu Guuyyoota 1000 Jalqabaa keessatti guyya
guyyaan nyaata madaallame argachuuf nyaata keenya akkamittii akka
gaariiitti qopheessinuu fi osoo hin faalamin qulqullinaan mala
ittiin tursinu barachuu ykn beekuutu nu barbaachisaa jechuu dha.
Sagnataalee marii keenya itti aanan keessatti maloota kana kan
barannu ta’a.
15
Aara Galfachuu, Waliin Qooduu fi Nyaachuu Dubartii Qaxalee
Dammituu: Waanta hanga ammaatti baranne jechuunis nyaata
madaalame
horsiisnees ta’e oomishnee, gurguree bitnee, qulqullinaan
bilcheessinee fi akka inni ospoo hinfaalamin turu taassifnee waan
hunda erga fixnee boodayyuu haadhonni ulfaa ykn haadhoonni harma
hoossisan guyyaatti nyaatoota URJII gahaa ituu hin nyaatin hafuu
danda’u.
Kanarratti waanti isin hubachuu qabdan dubartiin ulfaa tokko
gadameessashee keessa daa’imni sanyii waan jiruuf, akkasumas
dubartiin hoossiftus daa’ima biqiltuu waan harmashee hoossistuuf
nyaatni isaan nyaatan isaanii fi daa’ima isaaniitiif oola ykn ammo
nama lamaaf nyaatuu jechuu dha. Hojjetaa fayyaa waanan ta’eef
hojiinkoo tokko haadhoonni ulfaa fi harma hoossisan nyaata
dabalataa akkasaan nyaatan barsiisuu dha. Yeroo ammaammoo
hojjettoonni ekisteenshii fayyaa manaa manatti socho’uunii fi
haadhooli ulfaa fi harma hoossisan gara buufata fayyaatti dhufaniif
akkasaan nyaata dabalataa nyaataniif tajaajila gorsaa kennu.
Carraaqqii baayyee goonuyyuu dubartoonni baayyeen garuu nyaata
dabalataa hin nyaatani. Bu’aansaa ituu hingaliniif hafee ykn gorsa
ogeessota akka keenyaa ituu hin dhaga’in hafanii miti. Nyaata
dabalataa nyaachuun maaliif akkanni gargaaru sirriitti beeku.
Nyaachuu baachuusaniitiif wantoota tarii sababa ta’uu danda’an adda
addaa tarreessuun ni dandandaa’ama.
Egaa baayyeen keessan akkuma beektan dubartiin tokko yeroo ji’aoota
ulfaa’inasee jalqabaa keessatti miira lollojii fi balaqqamsiisatu
irra gaha. Mallatoon kun yeroo baayyee dubartoonni ulfaa’uusaanii
kan ittiin beekani. Itti aanuunis akaakuu nyaatotaa tokko tokkoo fi
foolii nyaatota tokko tokkoo jibbuu jalqabna. Haadhonni tokko
tokkommoo yeroo ji’oota dhumaa yeroo ullfaa isaanii keessa
daa’imichi furdatee booda da’uuf bayyee nurakkisa soda jedhuun,
nyaata gahaa hinnyaatani. Haadhonni ulfaa fi harma hoossisan kan
biroon ammoo osoo beela’ani ofittoo ta’anii akka hin mul’anneef
jecha nyaata madaalamaa barbaachisu haala gahaa ta’een
hinsooratani.
Haadhonni warri kaanimmoo abbootii manaasaaniitii fi misiinsoota
maatii kan birootiif dursa kennuun, nyaata barbaachisuun osoo hin
nyaatin hafu. Yeroo qofaasaanii mana oolanittis dubartiin qobaasee
teessee nyaachuun aadaa biyya keenyaa keessatti seedaa nama
leeyyaassisu waan ta’eef, nyaata hin nyaatani. Haadhonni ulfaa fi
harma hoossisan tokko tokko hojiin waan itti baayyatuuf ofiisaaniis
ta’e daa’immansaanii nyaachisuuf yeroo gahaa hin qabani.
Haadhooliin kun guyyaa guutuu hojii qonnaa fi dalagaa mana
keessaatiin qabamanii waan oolaniif offiisaaniitiif nyaachuu, haala
gahaa ta’een aara galfachuu fi daa’immansaanii sooruuf yeroo gahaa
hinqabani. Egaa akkuma dhageessanitti altokko tokko haadhonni
nyaata dabalataa akka nyaatan gochuun rakkisaa dha.
Rakkinoonni kun rakkinoota dhugumaa haadhoolii ulfaa fi harma
hoossisanii fi maatiilee isaanii guyya guyyaan mudatani. Rakkinoota
kana qolachuu akka dandeenyuuf maatiileen keenya shoora olaanaa
taphatu. Sagantaalee marii keenya itti aanan keessatti irraatti
mari’anna; akkamitti rakkinoota kana furuu akka dandeenyu
16
irrattis barumasa fudhanna.
Sagantaa marii keenya kurnaffaa yeroo xumurrutti hundi keenya
faayidaa nyaata madaallamee Guyyoota 1000 Jalqabaa hubachuun
beekumsaa fi ogummaa daa’imman ciccimoo, fayya-qabeeyyii fi
qareessa ta’an ittiin horachuu dandeenyu akka nuyi qabaannu amantii
guutuudhaan dubbachuu nan danda’a. Waantin amma dubbadhe oduu
gaarii isinitti hin fakkaatuu?
Hojjetaa Misoomaa Abdiisaa: Baayyee malee; mee harka rukutuun haa
inbsinu.
SFX. Hundumtuu harka rukutu; sagaleen harka rukuttaa ni
dhagaa’ama.
Waliin Mari’achuu fi Murteessuu Dubartii Qaxalee Dammituu:
Michuuwwankoo, gaaffii tokkon qaba. Mee ilaalcha keessaniin
daa’immanii fi haadholiif karaan ykn malli tokkichi akkasaan sirna
nyaataa madaallame argatan isaan taassisu maal isinitti fakkaata?
Mee tapha gara deebii gaaffii kanaatti nudhiheessuu danda’u tokko
haa taphannu. Dubbii keenyarratti taphoonni kun dhimmoota irratti
mari’annu tokko tokko karaa salphaatti akka hubannuuf waan nu
gargaaraniif baayyee natty tolu. Taphni kun Tapha Hibboo Kaardiilee
Tartiibaan Naquu Guyyoota 1000 Jalqabaa jedhama. Ni jaallatu abdii
jedhun qaba.
Seerri taphichaa aakasi. Mari’achiisa, mee maaloo hirmaattoonni
garee afuritti akka qoodaman taassisi. Tokkoon tokkoon gareewwan
kanaafis kaardiilee
Tapha Hibboo Kaardiilee Tartiibaan Naquu Guyyoota 1000 Jalqabaa
keenniifi. Kaayyoon taphichaa kardiiwwan isinii kennaman tartiibaan
naquun fakkii guutuu tokko akkasaan isinii kennan taassisuu dha.
Wanti ifa hintaane yoo jiraate, Mari’achiisaan isin gidduu adeemuun
isinii ibsa. Gaafa xumurtan akka kanaan duraatti deebi’aa taa’aa.
Mari’achiisa, gareen hundumtuu miseensoota gareelee kanbirootiif
taphicharraa maal akka barate akka inni ibsu taassisi. Yeroo
ibsanittis gaaffiileen armaan gadii mariirra akka oolaniif haala
mijeessiif.
• Kaardii sirreessitanii walbira naquun maal barattan?
• Waa’ee sadarkaalee guddinaa Abaaboo Suufiitiin waan walqabate
argattanii?
Mari’achiisa taphichi hanga dhumutti teepicha cufi. Taphichaa fi
maricha ennaa fixxanimmoo anaa wajjin walitti deebina. Gaafa
taphichaa fi maricha fixxanitti, mari’achiisa, maaloo teepicha
deebisii bani.
SFX: Sagalee Korree/ Bilbilaatu Dhagaa’ama Dubartii Qaxalee
Dammituu: Baga nagaa deebitan! Akkami? Hundi keessan tapha
hibboo
kaardiilee Tarreessanii naquu Guyyoota 1000 Jalqabaa kana
jallattaniittu jedheen abdadha. Sadarkaaleen ilaalchisuun Guddinaa
daa’imaa Abaaboo Suufii jennee moggaasne sadarkaaleen guddinaa
miciree irraa hanga waggaa lamaatti jiran walquunnamtii isaan qaban
gaariitti nubarsiiseera jedheen yaada. Dabalataanis taphni kun
daa’immaniif haadhooliif kaaraan ykn malli tokkichi akkasaan nyaata
madaalame argatan taassisuuf gargaaru maali gaaffii jedhuuf deebii
akka argannu nu
17
dandeessiseera. Waanhundaafuu deebiinsaa:- • Qabxiin guddaan
taphicha keessatti barre tokko barbaachisummaa tokkummaa
maatii ti. Miseensi maati hundi haadhaa fi daa’imichaaf Guyyoota
1000 Jalqabaa keessatti nyaata madaalame akka argataniif gargaaruun
gumaacha guddaa kennuu danda’a.
• Haalli maatii keessan keessa jiru maal fakkaata? Daa’immanii fi
haadhonni nyaata madaallame Guyyoota 1000 Jalqabaa akka argataniif
walgargaaruun jiraa? Yoo hin jiru ta’e akkamitti akka jiraatu
gochuun dandaa’ama?
Haadhonni, abboonni, akkoowwanii fi firoonni dhihoo guddinaa fi
dagaagina SANYII, BIQILTUU, KICHUU fi ABAABOO irratti shoora
olaanaa taphatu. Deeggarsa maatiin ala, haadhoolii fi daa’imman
Guyyoota 1000 Jalqabaa keessatti nyaatoota URJII gahoo akka
argatanii fi gargaarsoota kan biroo akka argatan taassisuun
rakkisaa dha.
Sagantaalee marii itti aanuun dhufan keessatti miseensoonni maatii
armaan olitti tarreessine gumaacha akkamii gumachuu akkasaan
dandaa’anii fi waa’ee nyaata madaalamee maatii keenyaa wajjin
akkamitti mari’achuun akka nurra jiru tokko tokkoon baranna.
Kanatti dabalataanis, dandeettii abbaa manaa keenyaa wajjin ifaan
mari’achuu nu dandeessisuu fi waa’ee nyaata madaalamee irratti
murtii barbaachisu kennuu nu dandeessisu baranna. Eyyeen,
qabxiileen kun qabxiilee murteessoo daa’imman ciccimoo, fayya-
qabeeyyii fi qareessa ta’an akka horannuuf nu fayyadani.
Egaa wanti nuyi waa’ee barbaachisummaa nyaata madaalame Guyyoota
1000 Jalqabaa hanga ammaatti dubbanne hundi firii akka godhatuuf
milkaa’uuf abbaa manaa fi haati manaan waliigaluunii fi marii ifa
ta’ee gochuun waanta baayyee barbaachisaa dha. Akkuman kanaan dura
isinitti hime anaaf Abdiisaaa akkasumas maatiikeenya gidduu mariin
gaarii waliif yaaduun guutame waan tureef hangam anaaf daa’immankoo
akka gargaare maatiikoo akka fakkeenyaatti fudhachuu dandeessu.
Bilisaan walitti dubbachuunii fi waliigaluun matii hundakeenyaatiif
ni fayyada. Sagantaalee marii itti aanan keessatti anaaf Abdiisaaan
akkamitti marii bilisaa abbaa manaa fi haadha manaa gidduutti
akkasumas maatii guutuu gidduutti godhamuun murtiirra gahuu akka
dandeessan muuxannoo keenya isiniin qoodna. Muuxannoo keenyarraa
barattanii daa’imman fayya-qabeeyyii, ciccimoo fi qareessa jireenya
milkaa’aa qabaatan horachuu akka dandeessan mirkaneeffattu.
Gafadhaa Ni Argattuu Hojjetaa Misoomaa Abdiisaa: Egaa sagantaa
marii keenya jalqabaa kana keessatti odeeffannoo
baayyee kaasneerra, gara xumura marii keenyaatis dhihaachaa jirra.
Sagantaa marii keenya har’aa xumuruu keenyaan dura garuu tuqaalee
hanga ammaatti baranneef irratti mari’anne irrattii waanti
gaafachuu barbaaddan ykn waanti ifa isinii hintaane yoo jiraate
akka gaaffatanan isin affeera. Michuunkoo mari’achiisaan gaaffiilee
keessan har’a deebisuu yaala. Yoo ta’uubaate ammo sagantaa marii
keenya isa ittaanurratti deebii qopheessinee isiniif deebisuu
yaalla.
Mariachisa, mee maaloo teepicha cufiitii gaaffiileen yoo jiraatan
irratti mari’adhaa. Tarii hirmaattoota keessaas gaaffiilee ka’aniif
deebii kennuu nammoonni barbaadan
18
1000 days
jiraachuu danda’u waan ta’eef isaanifis carraa kenni. Gaaffiilee
ka’an irratti mari’attanii ennaa xumurtan walitti deebina.
SFX: Sagalee Korree/bilbilaa Hojjetaa Misoomaa Abdiisaa: Yeroo
marii gaaffiif deebii gaarii qabbaattaniittu jedheen abdadha.
Sagantaalee marii keenya itti aananittis waan baayyee akka nuyi
walirraa barannu amantaakooti.
Dubartii Qaxalee Dammituu: Harra hanga dandeenyetti qabxiilee
baayyee baranneerra ykn kaasuu yaalleerra. Guyyaa tokkotti waan
hunda sammuutti qabachuun yoo ulfaateyyuu, waa’ee Guyyoota 1000
Jalqabaa qabxiilee ijoo baranne hinirraanfattan abdii jedhun qaba.
Mee qabxiilee ijoo gudguddoo ka’an wajjiniin irra deebi’uu haa
yaallu. Abdiisaa maal sitti fakkaata?
Hojjetaa Misoomaa Abdiisaa: Yaada gaarii dha. Qabxiilee baranne
keessaa tokko Guyyoonni 1000 Jalqabaa, jechuunis daa’imni tokko
gadameessa haadhaa
keessatti uumamee dhalate hanga waggaa lama guututti yeroo jiru,
Abaaboo Suufiitti fakkeessinee (sanyii, biqilaa, kichuu fi abaaboo)
fayyaa fi guddina sirrii haadha ulfaa fi daa’imaatiif yeroo kanatti
sirna nyaataa madaalamee qabaachuun baayyee barbaachisaa ta’usaa
baranneerra.
Qabxii ijoon inni lammaffaammoo isa waa’ee gemmoo baranne. Dheeleen
buddeenichaa nyaatoota yeroo hundaa ykn guyya guyyaan nyaataman
bakka bu’a. Akaakuulee nyaatoota URJII gemmootti fakkeessines
baranneerra. Gemmoo diimaan akaakuulee nyaataa bineensootarraa
argannu yoo ta’u nyaatoota abbaa URJII sadii jedhamu. Gemmoo
magariisi saamawwaa jelatti argitanimmoo baaloota magariisaa fi
kuduraalee ykn nyaatoota abbaa URJII lamaa ta’an bakka bu’a. Gemoo
keelloon fuduraalee kan bakka bu’u yoo ta’u nyaata abbaa URJII
lamaa jedhama. Sirna nyaataa daa’immaniif garuu gemmooleen sadan:
tokkoffaan gemmoo diimaa akaakuulee nyaataa bineensootarraa
argamaniif abbaa URJII sadii ta’an yoo bakka bu’u inni magariisaa
kuduraalee fi fuduraalee abba URJII lamaa ta’an bakka bu’a. Gemmoon
keelloo sirna nyaataa daa’immanii keessatti nyaatoota coomaa fi
zayitaa jechuunis nyaatoota abbaa URJII tokkoo ta’an bakka
bu’a.
Haadhni ulfaa fi harma hoossiftu akkasumas daa’imoonni ji’a ja’aa
hanga waggaa lamaatti jiran guyya guyyaan nyaatoota URJII akkasaan
argatan gochuuf maloota dandeessisan:
Tokko:- Nyaatoota URJII horsiisuu fi oomishuu Lama:- Galii oomisha
qonnaa keenya gabaatti gurgurree argannurraa hanga tokko
bittaa
nyaatoota URJIItiif oolchuu Sadi:- Nyaatoota urjii sirritti
qulqullaa’inaan qopheessuu fi osoo hin faalamin yeroo
dheeraaf akka turan taassisuu qabna Afur:- Haadhonni ulfaa fi harma
hoossisan aara galfii gahaa akka argatanii fi nyaata
dabalataa akka nyaataniif gargaaruu Shan:- Hunda caalaammoo waa’ee
Sirna nyaata madaalame haadhoolii fi daa’immanii
Guyyoota 1000 Jalqabaa ilaalchisuun abbaa manaa fi haati manaan
akkasumas maatiin hundi ifaan mari’chuu fi murti gamtaa irra gahuu
akka qaban baranneerra.
19
Gilgaalootaa fi Meeshaalee deeggarsaa gara manaatti fudhatatanii
deemtan Hojjetaa Misoomaa Abdiisaa: Eeeyyeen waliigaltee abbaa
manaaf haadhamanaa! Guyyoota 1000
Jalqabaa keessatti maal gochuu akka danda’an harraa ka’anii waliin
mari’achuu qabu.
Sagantaa marii keenya jalqabaa kana keessatti qabxiilee barannee
akka nuti yaadannuuf akka nugargaaraniif yaadannoowwan gara mana
keessaniitti fudhattanii deemtan qopheessineerra. Manattis waa’ee
karoora sirna nyaataa madaalamee Guyyooya 1000 Jalqabaa matiilee
keessanii wajjiniin akka irratti haasoftanii fi mari’attan waanta
barattanis akka qooddaniif nan abdadha. Meeshaaleen yaadannoo kun
Qabaa furtuu ibsa fakkii qabuu fi poostaroota keenyan manaa irratti
maxxanfaman waa’ee barnoota karoora nyaata madaalame Guyyoota 1000
Jalqabaa isin yaadachiisaani.
Mari’achiisa, maaloo meeshaalee yaadannoo kana hirmaattootaaf
hiriiti akkaataa isaan ittiin fayyadaman ibsiifi. Mee yeroo xiqoo
fudhadhaatii ilaalaa.
SFX: Sagalee Korree/bilbilaatu dhagaa’ama Hojjetaa Misoomaa
Abdiisaa: Baga nagaan deebitan. Qabaa furtuu ibsa fakkii qabuu
fi
poostaroota ilaaltanii? Gara mana keessanii yeroo deemtanitti abba
manaa keessanitti, mattii keessanii fi michuuwwan keessanitti
agarsiistanii irraa barattu jedheen abdadha. Keessumaayyuu
fakkiilee qabaa furtuchaarra jiran sadarkaa guddinaa abaaboo suufii
Guyyoota 1000 Jalqabaa isin yaadachiisuuf fakkeenya sanyii,
biqiltuu, kichuu fi abbaabootiin isinii dhihaataniiru. Haasaa
keenya kessatti poostaroota isinii kennine keenyan mana
keessaniitti maxxansaa. Waanti isin irraanfachuu hinqabne kan
biraan haadhni ulfaa fi harma hoossiftu akkasumas daa’imman ji’a
ja’aa hanga waggaa lamaatti jiran nyaatoota URJII guyya guyyaan
nyaachuu qabaachuusaaniiti.
SFX: Faaruun Waa’ee Guyyoota 1000 Jalqabaa dhagaa’amuu eegala
Dubartii Qaxalee Dammituu: Faaruun kana waanan beeku natti
fakkaate, eeyeen, faaruu
guyyoota 100 jalqabaati. Sagantaa marii keenya jalqabaa kana faaruu
bareedaa kanaan yoo xumurre maal isinitti fakkaata?
Xumuruu fi Nagaatti waliin jechuu Hojjetaa Misoomaa Abdiisaa:
Baayyee gaarii! Walirraa adda ba’uu keenyaan dura mee
hundikeenya
irra deebiin altokko walduukkaa haa faarfannu.
SFX: Faaruun Waa’ee Guyyoota 1000 Jalqabaa ni dhagaa’ama Hojjetaa
Misoomaa Abdiisaa: Dammituu, asirratti yoo xumurre maal sitti
fakkaata Dubartii Qaxalee Dammituu: Baayyee gaarii! Egaa sagantaa
marii keenya jalqabaa kanarratti
waan baayyee baranneerra, baayyees natti toleera.
Sagantaa keenya lammmaffaatiin hanga walitti deebinutti baayyee
dharra’eera.
Hojjetaa Misoomaa Abdiisaa: Mari’achiisa, sagantaan keenya itti
aanu yoom akka ta’e maaloo itti nuuf himi. Sagantaa marii itti
aanuun hanga walitti deebinutti nagaatti.
Dubartii qaxalee Dammituu: Nagaatti.
Duraandursee marii hawaasaa gabbataa isa lamaffaatti baga nagaan
dhuftan. Ministeera Eegumsa Fayyaatti Hoogganaan garee sirna
nyaataa obbo Biraaraa Mallasee hasaa isaan godhanirraa akka
dhageessanitti nyaata madaallame argachuu dhabuuun haadhotaa fi
qancaruun daa’immanii rakkoo guddaa biyya keenyaa ta’uusaa
hubanneerra. Dhimma kanarrattis sagantaalee marii kudhan
qabiyyeelee barbaachisoo sirna nyaataa haadhoolee fi daa’immanii
guyyoota 1000 jalqabaa irratti xiyyeeeffatan isiniif
qopheessineerra. Beekumsaa fi ogummaalee mariilee kanarraa
argattaniin ijoollee ciiccimoo, fayyaqabeeyyii ta’anii fi qarooma
sammuu qabaatanii jireenya gaarii milkaa’inaan guutame qabaatan
horachuu dandeessu. Kaayyoon keenyas kanuma.
Ani Dubartii Qaxalee Dammituun jedhama. Ani mari’achiistuu sagalee
keessani. Kanaafuu sagaleekoo ykn sagalee abbaamanaakoo Hojjetaa
Misoomaa Abdiisaa yeroo tokko tokko, sagalee mari’achiisaa qaamaan
isan bira jiruu ammoo yeroo biraa ni dhegeessuu. Gidduu gidduuttii
hojiileen ykn gilgaaloonni garee fi mariileen yeroo jiraatanitti,
mari’achiisaan qamaan isin bira jiru teeppii cufee isin
hojjechiisa. Mar’achiisaan kun akkatti isin hojjettan isinitti
agarsiisuun isin gargaara. Korree ykn bilbila kana yoo dhageessanii
(sagalee korree) yeroon teeppiin itti cufamu ga’eeraa jechuudha.
Yeroo gilgaalli ykn mariin raawwatu mari’achiisaan isin bira jiru
teeppii deebisee bana; anis isiniin mari’achuukoon itti fufa.
Mee altokko haa yaallu! Yeroo sagalee korree ykn bilbilaa
dhageessanitti, mari’achiisa maaloo teepicha cufi. Amma namoonni
argamtan hundi mari’achiisaa irraa eegaluun maqaa keessan caqasuun
walofbeeksisaa. Walofbeeksisuu keessan gaafa fixxanitti,
mari’achiisa maaloo teepicha deebisii bani.
Sagalee Korree/bilbilaa
Goolabbii sagantaa Marii Darbee Dubartii Qaxalee Dammituu: Baga
nagaan deebitanii dhuftan. Miseensoota garee keessan
keessa jiranii wajji walbaraa jirtu jedheen abdadha. Mata duree
har’aa jalqabuu keenyaan dura, mee qabxiilee sagantaa marii darbe
irratti kaasne irra deebiin haa ilaallu.
Daa’imman keenya ciccimoo, fayya qabeeyyii fi qareeyyii ta’anii
akka guddataniif Guyyoota 1000 Jalqabaa keessatti waanta nuyi
gochuun nurraa eegamu ilaalchisuun sagantaa marii jalqabaa keenya
keessatti wanta nuyi baranne ni yaadattu jedheen abdadha. Mee
Guyyootni 1000 Jalqabaa waa’ee maalii akka isaan ta’an eenyutu nu
yaadachiisa? Meeqan keessantu yaada Abaaboo Suufii Guyyoota 1000
Jalqabaa yaadata. – Sadarkaalee SANYII, BIQILTUU, KICHUU fi
ABAABOO.
Mari’achiisa maaloo hundasaaniitti suuraa sadarkaalee Abaaboo
Suufii filipichaartii keerraa itti agarsiisi. Akka hundi isaanii
ilaalan godhiitii hirmaattoonni tokko tokko fedhiidhaan ka’anii
akka isaan sadarkaa tokko tokko ibsan taassisi. Hirmaattoonni
22
1000 days
fedhiin ka’an sadarkaalee Abaaboo Suufii hunda inbsanii yeroo
xumuran teepicha deebisii bani.
Sagalee Korree (Bilbilaa)
Dubartii Qaxalee Dammituu: Baga nagaan deebitan! Hundi keessan
Guyyootni1000 Jalqabaa maal akka ta’an irra-deebi’iin xinxaluun
marii gaarii tassiftaniittu jedheen abdadha. Guuyyootni 1000
jalqabaa yeroo ulfaa’uu irraa jalqabanii hanga daa’imni dhalatee
waggaa lama guututti turu.
Guyyootni 1000 Jalqabaa sadarkaalee Abaaboo Suufii afur qabu:
SANYII, BIQILTUU, KICHUU fi ABAABOO. Tokkoon tokkoon sadarkaalee
kanaa keessatti, wantoota maatiin kamiyyuu -iyyeessa ta’anis
sooressa ta’anis ykn badiyyaa jiraatanis magaalaa jiraatanis-
daa’imaa fi haadhni sirna nyaataa madaallamaa gaarii akka qabaatan
taassisuuf gochuu qabantu jira. Guyyootni 1000 Jalqabaa maatiilee
ykn warra ijoolleef carraa gaarii isaan jalqabbii jireenyaa
fayya-qabeessa ta’e daa’immansaaniif ittiin mirkaneessani.
Marii keenya jalqabaa keessatti faaruu Guyyoota 1000 Jalqabaas
dhageenyee baranneerra. Faarichas abbaa manaa keessan, ijoollee
gudguddoo keessanii fi miseensootaa maatii keessan kanbiroo
barsiisuu akka yaaltan gaafatamtanii turtan. Hundi keessan kana
gootaniittu abdii jedhun qaba. .
Mari’achiisa maloo lakkoofsa namoota tokkoon tokkoon gaaffiilee
armaan gadiif harka kaasanii galmeessi.
• Meeqan keessantuu Faaruu Guyyoota 1000 Jalqabaa mana keessanitti
faarfate?
• Poostarii Keenyan manaa Guyyoota 1000 Jalqabaa fi Qabduu
(foncaa)
furtuu Suuraalee waa’ee Guyyoota 1000 Jalqabaa Yadachiisan qabuhoo?
Meeqan keessantu kana lachan matiilee keessanitti manatti
agarsiiftani? Meeqan keessantu akkataa Qabduu ykn Foncaa Furtuu
Suuraalee Waa’ee Guyyoota 1000 Jalqabaa Yadachiisanitti fayyadaman
Abbaa manaa
keessanii fi miseensoota mattii keessanitti agarsiise? Meeqan
keessantu Poostarii Keenyan manaa Guyyoota 1000 Jalqabaa keenyan
manaa keessanirratti maxxanfate?
Dubartii Qaxalee Dammituu: Galatoomaa! Ammimmo mee yeroo xiqqoo
fudhannee waa’ee muuxannoo keessanii haa dubbanu. Michuun keenya
mari’achiisaan qaamaan isin bira jiru teepicha cufee marii waa’ee
muuxannoo keessanii akka taassiftaniif haala isinii mijeessa.
Odeeffannoon waa’ee muuxannoo keessanii kun barbaachisaa waan
ta’eef mari’achiisaan qaamaan isin bira jiru Uunkaa Gabaasaa
irratti galmeessa. Gaaffiileen isin irratti mari’attan kanneen
armaan gadii ti.
• Jalqabarratti, Baayyeen keessan gaafa baruulee fi meeshaalee adda
addaa mana keessanitti fiddan itti agarsiiftan oduu gaarii waa’ee
Guyyoota 1000
23
Jalqabaa maatii keessanitti himtaniittu jedheen amana. Miseensoonni
maatii keessan yeroo isin wanneen kana ibsitaniif deebii akkami
isinii kennani ykn maaltu itti dhagaa’ame?
• Lamaffaa, Gaafa waa’ee sadarkaalee Abaaboo Suufii afuranii
ibsitaniifoo deebiin isaanii akkam ture? Dubbicha
Hubataniiruu?
• Sadaffaa, akka maatiitti, sirna nyaataa haadhaa fi daa’imaa
Guyyooto 1000
Jalqabaa fooyyessuuf murtii murteessitan ykn gochaa raawwattan
qabduu?
Hundi keessan, gaafa gaaffiilee kanarratti waliin mari’attan maaloo
muuxannoo keessan waljijjiiraa. Mari’achiisa, mee maaloo teepicha
amma cufiitii mariisaanii si’eessi. Yeroo fixxanittimmoo, maaloo
teepicha deebisii bani.
SFX: Sagalee Korree/Bilbilaa
Dubartii Qaxalee Dammituu: Baga Nagaan Deebitan! Muuxannoo keessan
namoota garichaa hundaan qooduu keessaniif galatoomaa. Hundi
keessan waa’ee Faaruu Guyyoota 1000 Jalqabaa fi baruulee fi
meeshaalee manatti fudhattanii galtan kan biroo irratti
muuxxanoowwan gaarii garichaa waliin qooddan qabaattaniittu jedheen
abdadha. Altokko tokko yaadoota haaraa irratti haasa’uu fi waliin
qooduu irratti maatiilee keenya keesssa danqaaleen ni jiraatu.
Gaarummaan garee akkanaa keessa jiraachuus namoota kan biroo haala
danqaalee kana irra ittiin dabarru irratti yaadootaa fi maloota
adda addaa nuuf kennan qabaachuu keenya.
Muraasni keessan danqaalee Suuraalee qabduu furtuu agarsiisuu,
faaricha faarsuu, fi waa’ee Guyyoota 1000 Jalqabaa maatiilee
keessanii wajjin dubachuu irratti isin mudatan irratti muuxannoo
keessan mee manichaan qoodaa? Warri gorsaa fi yaada qabdanimmoo
maaloo warra waa’ee baruulee fi meeshaalee manatti fudhatanii
galanii fi waa’ee Guyyoota 1000 Jalqabaa irratti maatiisaanii
waliin dubbachuu irratti danqaaleen mudateef yaada keessan
qoodaa.
Sagalee Korree/Bilbilaa Dubartii Qaxalee Dammituu: Baga Nagaan
Deebitan! Warra waa’ee Guyyoota 1000 Jalqabaa mana
keessan keessatti mari’achuurrati danqaaleen isin mudateef
mari’achiisaan keenyaaf miseensoonni garichaa yaadootaa fi gorsoota
muraasa isin gargaaran isinii kennaniiru jedheen abdadha. Yoo kun
hin ta’in hafemmoo, mari’achiisaan keessan gaaffiilee keessaniif
deebii isinii barbaaduu yaala ykn immoo gargaarsa dabalataa
ogeessota irraa gaafachuun marii itti aannutti deebii isiniif fidee
dhufa.
24
Ibsa Gabaabaa Yaadundeeww anii Dubartii Qaxalee Dammituu: Sagantaa
marii lammaffaa keenya kana keessattii, waa’ee daa’ima
SANYII haasofna. Kunis daa’ima gadameessa keessa jiru. Mataduree
kana keessatti waantoota haadhonni SANYII fi matiileen daa’imni
SANYII kun mucaa cimaa, fayya- qabeessaa fi qarreetti ta’ee akka
guddatuuf gochuun irraa eegamuu dubbanna. Yeroo Yeroo Ulfaatti
haati daa’imaa lamaaf nyaachuu qabdi. Lamaaf nyaachuun haadha mucaa
guddataa jiru gadameessa ishii keessaa qabdu ilaallata. Albuudonni
nyaatoota URJII keessatti argaman haadhnii guyya guyyaan nyaattu
ishii fi muchaa gadameessa ishii keessa jiru qallabu ykn sooru.
Haati nyaata ga’aa hin nyaattu taanaanii fi ciminaa fi fayyummaa
mataaseetiif albuudoota barbaachisan dhabdi taanaan, daa’imni
gadameessasee keessaas sirriitti hin guddatu.
Lammaaf nyaachuurratti bal’inaan mari’achuu keenyaan dura, mee
gartokkee faaruu Guyyoota 1000 Jalqabaa torban darbe dhageenye haa
dhaggeeffannu:
SFX: Faaruu Guyyoota 1000 Jalqabaa: Walaloo SANYII Dubartii Qaxalee
Dammituu: Haalaan qalbii itti keennittanii caqastaniittuu,
keessumaayyuu
kutaa waa’ee SANYII fi haadhonni kunuunsii fi gargaarsi addaa
daa’ima SANYIIf baayyee barbaachisaa ta’e ji’oota Yeroo Ulfaasanii
hundattiyyuu akka isaaniif keennamuu qabu dubbatu? Haadhonni ulfaa
lamaaf nyaachuusaanii yeroo hunda yaadadhaa, kanaafuu haadhootaaf
nyaata madaallamaa nyaatoota
URJII of keessaa qabu nyaachuun baayyee barbaachisaa dha.
Ulfinni dubartoota ulfaa sirriitti sooramuu fi sooramuu dhiisuu
isaanii madaaluuf agarsiisa ykn mallattoo gaarii dha. Dubartiin
ulfi tokko ulfina qabaachuun irra jiruu gadi qabdi taanaan,
daa’imni ishees sirna nyaataa dadhabaa fi hinmadaallamneen midhamaa
jira jechuu dha. Dubartiin ulfaa ulfina barbaachisuu gadi qabdu
balaan yeroo malee da’uu irra gahuu danda’a- kana jechuunis
daa’imichi gadameessaa ala jiraachuuf guutummaan guutuutti gahaa
osoo hinta’in dhalata jechuu dha. Mee haala dubartoota ulfaa biyya
keenyaa haa ilaallu. Akka Qo’annoo Fayyaa Uummataa 2011tti,
o Dubartoota ulfa 4 Itiyoophiyaa keessaa 1 Siirriitti Kan
hinsooratne!
o Dubartoota ulfaa 6 keessaa 1 dhibee hir’ina dhiigaa (anemia) kan
qaban yoo ta’u, rakkina kana kan qaban 6 keessaa ammoo 1 qofaatu
yeroo Yeroo Ulfaattii kiniinii ayiranii (iron foliate)
fudhata.
o Kun dubartoota ulfaa keenyaaf oduu garii miti. Dubartoonni ulfaa
keenya ulfina barbaachisaa ta’ee gadi akka isaan qabaatan
hinbarbaadnu.
Sirni nyaataa gaariin dubartoota ulfaa keenyaafii daa’imman SANYII
isaaniif baayyee barbaachisaa dha. Dubartoonni ulfaa lamaaf nyaatu,
kanaafuu baayy’ina nyaataa isaan nyaatan dabaluu qabu- kan yeroo
hunda nyaatan caalaa nyaachuu qabu. Dabalataanis dubartoonni ulfaa
baay’ina nyaatoota URJII soorata altokkoo wajjin fudhatan dabaluu
qabu.
25
1000 days
Dubartoonni ulfaa soorata altokko salphoo fi xiqqoo ta’an (ciree)
ammas ammas guyyaa guutuu akka nyaataniif nyaatoota URJII dabalataa
akka nyaatan baayyee gorsama. Dubartoonni ulfaa fi maatiileen
isaanii baayyeen nyaatoota URJII ga’oo ta’an soorata isaanii
kessatti argamsiisuurratti guufaatiilee akaakuu gara garaa
baayyeetu isaan mudata. Kutaa marii kana keessatti, baayyina
nyaataa dabaluu fi nyaatoota URJII dabalataa soorata isaaniitti
ida’uurratti guufaatiilee bebbeekamoo dubartoota ulfaa fi maatiilee
isaanii mudatan irratti ni mari’anna. Guufaatiilee kana keessaas
muraasa isaanii akkammiin akka qoluu ykn injifachuu dandeenyus ni
baranna.
Qorannoo ENGINE taassise irratti akka mul’atetti, dubartoonni
ciree, laaqanaa fi irbaataan ala giddu gidduutti qophaa nyaachuunii
fi miseensoota maatii kan biro caalaa nyaatoota caalaatti gaarii
ta’an nyaachuun baayyee itti ulfaata. Kunis aadaadhaan dubartoonni
mataasaanii caalaa miseensoota maatii biroof dursa kennuun gatii
guddaa ykn sona qaba waan ta’eefi. Amantaan kun dubartoonni qofaa
taa’anii nyaachuunii fi soorata waan maatiinsaanii nyaatan irraa
adda ykn wayyaa ta’e nyaachuun akka isaan jibbisiisuuf suukanneessu
taassisa.
Mee waa’ee yaada soorata dabalataa nyaachuu dubartii ulfaa irratti
abbootiin manaa, haadhootiin manaa fi akkooleen jireenya dhugumaa
keessa jiran waan isaan jedhan haa dhageeffanu.
(Sagaleewwan Taatootaa)
o Lakkii, Akkamiin kana gochuu dandeessi; hin dandaa’amu….Kanaafuu,
nyaata addaa ofiisheetiif hin qopheessitu, nyaatni dabalataa
iseedhaaf oolus hin jiru. Wanta maatiileen ishee nyaatanii fi qaban
nyaatti. Baayyee namatti ulfaata, hindandaa’amus. (Akkoo, naannoo
Oromiyaa irra)
o Wanti akkanaa hin jiru. Adda baasuu ykn nyaata haadha manaa ulfaa
ofiif oolu kophaatti ol-kaa’uu ykn kuusuun Itiyoophiyaa keessatti
aadaa miti… sababni isaas aadaa keenya keessatti waanta nuyi itti
barre ykn wanta beekamu miti. …Waanta waliin hojjennee arganne
waliin nyaachuu qabna. Ta’uyyuu waan tokko kenneefii qofaa nyaadhu
yoon jedheeniyyuu tole jettee hin nyaattu. (Abbaa Manaa, Naannoo
Tigraayirraa)
o Naannoo keenyatti, niitiileen ofiisaaniirra a b b o o t i i manaa
isaaniitiif dursa kennu. Aannan abbaa manaasaaniitiif kennu. Haa
ta’u malee amaloota ykn barmaatiilee akkanaa hinjaalladhu. Maliif
yoo naanjettan ofiisaaniitiif kunuunsa sirrii akka isaan argachaa
hinjirre ifatti argaan jira waanan ta’eefi. (Abbaa Manaa, naannoo
SSUK irra)
o Nuti dhiironni nyaataa dubartoota harma hoossisaniif saayinsiin
ajajurraa baayyee gadaaanaa ta’e kenninaafi … Guyyaatti si’a afur
ykn Shan nyaatoota adda addaa nyaachuu qabu. Dhugaa dubbachuuf,
yeroon isaan akkanatti nyaatan hin jiru. Kuni kutaalee hawaasichaa
barnootaan qaroomaniiru jedhamaniifiyyuu dhugaa dha. Kunuunsa
xinnoo dubartootaaf gochuullee yeroo dhihoo asi eegalle. (Abbaa
Manaa, Naannoo Oromiya irraa)
26
Dubartii Qaxalee Dammituu: Kanneen armaan olitti dhageessan
yaadoota dhugumaa namoonni qorannoo ENGINE irratti kennani, mee
waanta isaan jedhan irratti yaadaaf muxannoo keessan waliin haa
qoodnu.
Dubartii Qaxalee Dammituu: Mari’achiisa, maaloo teepicha cufiitii
waa’ee yaadoota amma dhageenyee irratti akka isaan marii garee
taassisan godhi, marii keessan keessatti gaaffiilee armaan gadii
deebisuu yaalaa:
o Yaadootni kun gufaatiilee isin matii keessan keessatti mudachaa
jirtanii wajjin walfakkaatuu?
o Isin keessaa maatiinsaanii gufaatii of caalaa maatiif dursa
kennuu dubartootaa qolachuun dubartootni ulfaa isaanii lamaaf
nyaachuuf akka onneeffachiisaman godhan jiruu? Deebiin keessaan
‘eeyyee’ yoo ta’e, maaloo muuxannoo keessan garichaan qoodaa
o Isin keessaa namni dubartii ulfaa nyaata dabalataa, nyaatoota
URJII dabalataa, nyaahuu dandeesse ta’e ykn kan dandeesse beeku
jiraa? Deebiin keessan ‘eeyyee’ yoo ta’e, maaloo muuxannoo keessan
garichaan qoodaa?
Mari’achiisa, mariissiftee ennaa fixxuu, maaloo teepicha deebisii
bani.
SFX: Sagalee Korree/bilbilaa Dubartii Qaxalee Dammituu: Baga Nagaan
Deebitan! Hundumti keessan waa’ee gufaatiilee
dhugumaa dubartoonni ulfaa fi maatiileen isaanii dhimma of caalaa
matiif dursa kennuu dubartootaa fi yeroo nyaataa maatiin ala
nyaachuu dada’uubaachuu isaanii irraan kan ka’e dubartoonni ulfaa
nyaata dabaltaaf caalmaa qabu nyaachuu diduu irratti mudatan
ilaalchisuun marii gaarii taassiftaniittu jedheen abdadha.
Akkuman kanaan dura jedhe, yaadoonni isin dhageessan kun yaadoota
namootni dhugumaa naannoolee biyyattii addaa addaa keessa jiran
dubbatani. Tarii baayyeen keessan gufaatiileen walfakkaatan
matiilee keessanirraa isin mudataniiru ykn ammoo maatii
gufaatiileen akkanaa mudate ni beektu ta’a. Muraasni keessan
akkaataa isinii fi maatiin keessan gufaatiilee kana ittiin
moo’attan irratti yaada garichaaf qooduu dandeessaniittu abdii
jedhun qaba. Maatiileen waliin nyaatu, niitii dubartii tokkoof
ammoo gabataa maatii irratti warra isheen jaallattuu wajjin waliin
nyaachuu caalaa wanti ishee gammachiisu hin jiru. Barbaachisummaa
sona maatiin waliin nyaachuu ni hubanna. Dabalataanis, dubartoonni
abbaa manaa isaaniif daa’imman isaaniif dursa kennu. Haa ta’u malee
sonoonni aadaa kun dubartiin ulfaa nyaata dabalataa akka isheen hin
nyaatneef dhiibbaa irraan gahu.
Akkuman kanaan dura ibse, dubartoonni ulfaa guyyaatti yoo xiqqaate
soorata URJII-3 tokko nyaachuuf yaaluu qabu. Dubartoota danuuf kana
gochuun, yoo maatiileen isaanii isaan deeggaran malee, baayyee itti
ulfaata.
Dubartoonni ulfaa ofiisaaniif qofa osoo hinta’in daa’ima SANYII
gadameessa isaanii keessa jiruuf guddinni qaamaaf sammuu isaa sirna
nyaataa haadhaarratti mirkanaa’eefis akka isaan nyaatan yaadachuun
baayyee barbaachisaa dha. Haatni ulfi gaariitti qallabamte jechuun
carraan daa’imni ishee ittiin cimaa, fayya- qabeessaa fi sammuun
qarree ittiin ta’uu danda’u baayyee olaanaa dhaa jechuu dha.
Sababni
27
1000 days
isaas qallabni daa’imaa gadameessa keessatti waanta jalqabuufi.
Akkuma sanyii biyyoo keessaa- daa’imni SANYIIn akka biqilee fi
margee gara daa’ima BIQILTUUtti guddatuuf xaa’oo nyaata madallamee
guddinasaaf barbaachisan argachuu fi kunuunfamuu qaba.
Dubartoonni ulfaa yeroolee soorataa maatiitti nyaata dabalataa
nyaachuu fi yeroolee nyaataa idileetiin alattis giddu gidduudhaan
xiqqoo xiqoo nyaachuu qabu. Kuni qofaasaanii soorata dabalataa
nyaachuurra maatii wajjin taa’anii nyaata dabalataa soorachuu
dubartoota filataniif furmaata gaarii dha. Wanti isaan qofaa
nyaatan nyaata xixiqqoo akka ciree bunaatti ilaalamuu dandaa’an
duwwaa waan ta’eef, hangas itti hin ulfaatu. Akka isaan lamaaf
nyaatan mirkaneessuuf dubartoonni ulfaa abbootii manaasaanii fi
miseensoota maatiitiin deeggaramuu fi baayyee onneefachiisamuu
qabu.
Mee tapha waa’ee dubartii ulfaa Wayyituu jedhamtuu fi maatii ishee
haa dhaggeeffannu.
KEESSA. Mana Hordofaa - GANAMA
Sagalee saahinii midhaan ittiin dhihaachaa jiru, sa’a marr’attuu fi
lukkuulee kaakkisanii fi iyyan.
Sagalee balbala banamuu. HORDOFAA: Akkam bulte, Wayyitu? Ganama
kana fayyankee akkami, injabaattaa? Beellama Bufata
Fayyaatti qabduuf deemuu qabna. WAYYITUU: Eyyee ni deemna dafnee.
Fayyaankoos gaariidha, homaa hinjedhu. Mee buna si danfisee cirees
sii qopheesseeraa, hangan qoqophaa’utti nyaachaa na
eegi. HORDOFAA: Naa yaaduu keetiifii galatoomi, Wayyituukoo.
Bunakootiif aannan baayyee akka naaf
dhiheessiten arga. Aannanoo dhugdeettaa? WAYYITUU: Anaaf hin
yaadda’in nyaadheeraa. Ati garuu garaa duwwaa manaa ba’uun sirra
hinjiru. HORDOFAA: Maaliif akka ta’e hinbeekuu hedduu nyaachuukee
nan shakka. Yoo nyaatteyyuu, mee
naa wajjin taa’ii aannan gaarii amma sa’arraa elmite kanarraa xiqoo
dhugi. Daabboo kanarraas muraasa fudhadhuu nyaadhu.
WAYYITUU: (hafuura gadi baafattee kolfiti). Hordofa, yeroo hundaa
akkan nyaadhuuf na dirqisiisaa jirta.
HORDOFAA: Akka narraa eegamuttan sikunuunsaa jira waan ta’eefikaa.
Ofii keetiif duwwaa nyaachaa hinjirtu, daa’ima sikeessa jiruufis
malee. Kanaafuu yoo akkuma jette eega bari’ee nyaatteetta ta’eyyuu
maaloo kottuu naawajjin taa’ii nyaadhu.
WAYYITUU: Tole, gooftaakoo. Ha ta’u, Nan nyaadha. SFX: Sagalee buna
buusamuu, nyaata nyaatamuu.
Scene 2 BUUFATA FAYYAA – IDDOO DABAREEN ITTI EEGAMU – GANAMA –
Sagalee namoota oliigadi adeemanii
HORDOFAA: Yeroo baayy’ee bakka kanatti namni ni baayyata. Harra
carra- qabeeyyii taaneerra, namni baayyeen hin jiru. Yeroo baayyee
teenyee dabaree eeguun hin balleessinuu jechuudha. Anis dafee
oyiruu ykn qonnaa kootti deebi’uun danda’a jechuudha.
28
1000 days
WAYYITUU: Beektaa Hordofa; yeroon bellama qabu hunda naa wajjin
gara buufata fayyaatti dhufuu hinqabduum. Qobaakoo dhaquu
nandanda’a. Ati gara hojii keetiitti deemuu dandeessa. Kun
ulfaa’ina sadaffaakooti miti, maal gochuun akka narra jiru hin
beeku seetee?
HORDOFAA: Dhufuun barbaada. Ulfaa’inni hundi mucaa haaraa dha waan
ta’eef si bukkeetti argamuun hanga naa danda’ametti karaa
kamiiniyyu sigargaaruun barbaada.
Sagalee kottee miila namaa dhihaachaa dhufu. H.F (Hojettuu Fayyaa):
Aadde Wayyitu, akkam bultee, na duukka bu’ii kottu. WAYYITUU:
Nagaa
Bultee, Surraane? HORDOFAA: Baayyee gaarii! Dabareen kee gahe
kunoo. Asuma taa’een si eega.
Scene 3 KEESSA Buufata Fayyaa -GANAMA H.F SURRAANEE: Wayyitu,
Guyyaa beellama qorannoo keetiirra osoo hindabarsin
dhufuukeetiin bayyee gammadeera. WAYYITUU: Yoon barbaadeyyuu irra
darbuu hin danda’u, abbaan manaa koo tolee naan hin jedhu.
Yeroo hundumaa yoon sii wajjin dhufe malee jedhee naduukkaa dhufa.
H.F SURRAANEE: Obbo Hordofaan nama gaarii dha. WAYYITUU: Dhugaa
jette, isa argachuunkoo carraa guddaa dha. Waaqni na eebbiseera.
H.F SURRAANEE: Tole, gidduu kana attamiree? Maaltu sitti
dhagaa’ama? WAYYITUU: Lollojii fi
balaqamichi na dhiiseera. Amma baayyee natti wayyaa’eera. H.F
SURRAANEE: Qoricha hir’ina dhiigaa kiniinii Ayiranii fi Fooliyeetii
(Iron and Foliate)
sanahoo, galgala galgala yeroo hundaa rafuukeetiin dura osoo
hinirraanfatin liqimsaa jirtaa?
ACHAM: Eeyyee! Eeyyee! Yoon ani irraanfadhellee abaa manaankoo osoo
nahinyaadachiisin hafee hinbeeku.
H.F SURRAANEE: (Ni kolfiti) Obbo Hordofaan mootitti kanniisaa isaa
deeggaruurratti hojii baayyee gaarii ta’e hojjechaa jira! Baayyee
gaarii dha. Tole, ammammoo mee qorannoon sii godha. Ulfina kee,
dhiibbaa dhiga keetii fi kanneen biroon madaala.
Sagalee Wayyituun miijanarrati ba’uu, sagalee H.Fayyaa baruulee
ishii irrati barreesuu. H.F SURRAANEE (cont’d) (Yaadda’uudhaan):
Wayyitu, Ulfinni kee natti hintolle. Ulfa ji’a shanii taatee
kiiloonkee yeroo darberaa hangamiyyuu hindaballe. WAYYITUU: Maaliif
akka ta’e naa hingaluu, Tarii uumamumaanan qalloodha fakkaaata. H.F
SURRAANEE: Lakki, isa miti. Daa’ima guddachaa jiru ofkeessaa qabda,
kanaafuu ulfinni
kee dabaluu qaba. Gorsan sirna nyaataarratti yeroo darbe siif kenne
hojiirra olchaa jirtaayi? Ni yaadattaa waanan si gorse?
WAYYITUU: Eeyyee, hanga tokko. Soorata koo yeroo hundaa nyaatoota
URJII ati natti himte itti dabaluun jijjiireera.
H.F SURRAANEE:Gaarii, baayyina isaaniihoo dabalaa jirtaa?
Walumaagalatti amma kanaan dura nyaattu caalaa nyaachaa jirtaa?
Yeroo nyaataa maatiin ala nyaata dabalataa akka ati qobaatti
nyaattu isan si gorsehoo, hojiirra oolchaa jirtaa?
WAYYITUU: Waa’eesaa waanan beeku hinqabu. Ani dubartii badiyya
aadaashee kabajju. Nyaata baayyee qobaakoo taa’ee nyaachuun narra
hinjiru. Ulfina ykn kabajaa koo eeguutu
29
1000 days
narra jira. Abbaa manaan kabajuu fi ijoollen jaalladhu laman qaba.
Isaan namoota jireenya koo keessatti bakka guddaa qabani.
Duraandursee maatiikoon nyaachisa. Kuni waanta niitiileen gaarii fi
haadhonni gaarii hundi godhani. Kanaafuu, dhiifama naaf godhi,
isaanirra adda ba’ee dhokadhee qofaakoo hinnyaadhu. Namni na
argullee maal naan jedha?
H.F SURRAANEE:Wayyitu, waanta ati jettu nan kabaja, nan hubadhas.
Garuu baayyistee nyaachuunii fi ciree, laaqanaa fi irbaataan ala
giddu gidduutti nyaachuukeetiin ulfinni ykn kabajaan kee hintuqamu.
Waantati yaadachuu qabduu amma nama lamaaf nyaachaa jiraachuukeeti.
Fayyummaakeetii fi fayyumma daa’ima gadameessa kee keessa jiruuf
jecha tole jette gorsa sirna nyaataa ani sitti hime hojiirra
oolchuu qabda. Abbaan manaa keemmoo yaddookootti akkani waliigaluu
nan amana.
WAYYITUU: H.F Surraane, akkati naaf yaaddu nan hubadha. Ta’uyyuu
kuni ulfa sadaffaakooti. Maal gochaa akkan jiru waanan beeku natti
fakkaata.
H.F SURRAANEE: Tole, Wayyitu, Hoodhu! Kuni beellamakee isa itti
aanu. Mee altokko abbaa manaa kee naa waami.
Wayyituu: Abbaa manaakoomoo? Qonna deemuu qabaam. H.F
SURRAANEE:Nanbeeka, Xiqqoo wajjin dubbachuun barbaada. WAYYITUU:
Tole, nanwaama.
Baayyee galatoomi H. Fayyaa Surraane .
Sagalee kottee miillaa gaafa wayyituun gadi baatu; balballi banamee
cufama;balballi ni rukutama
H.F SURRAANEE:Ol seenaa? HORDOFAA: Akkam oolte? H. Fayyaa Surraane,
na haasofsiisu barbaaddaayi? H.F SURRAANEE:Eeyyee, Obbo Hordofa.
Akka ati oyiruu keetti deebi’uuf jarjartu nan beeka,
kanaafuu gabaabseen sitti hima. HORDOFAA: Haati manaan koo maal
taatee? Fayyaadhaa haati manaankoo? Daa’imnihoo? H.F
SURRAANEE:Fayyaadha fayyaadha, lachansaaniiyyuu fayyaadha,
hinyaadda’in. Duraandursee
deeggarsaa fi kunuunsa ati hadha manaakeetiif gootu bayyeen
dinqissiifadha. Kanumaafan waa’ee sirna nyaataa ishee sii wajjin
mari’achuuf ija jabeeffadhe.
HORDOFAA: Tole H.F SURRAANEE: Dubartiin tokko yeroo ulfooftu, sirni
nyaataashee jijjiiramuu qaba.
Gadameessashee keessa daa’imni waan jiruuf nyaata caalaatti
baayyina qabu nyaachuu, yeroolee nyaataan ala giddu gidduutti ammas
ammas xiqqoo xiqqoo nyaachuu, nyaata dabalataa baayina qabu tokko
guyyaatti altokko nyaachuu fi dabalataanis sooratashee keessattis
nyatoota URJII jedhaman dabaluu qabdi.
HORDOFAA: Nyaatoonni URJII immoo maannii? H.F SURRAANEE: Nyaatoonni
bineensota irraa argaman kanneen akka foon, lukkuu, aannan,
buphaa (hanqaaquu) fi kkfn nyaatoota URJII 3 ti, haadhaaf mucaan
cimoo akka ta’aniif gargaaru.
Kuduraalee fi fuduraaleen waan albuudootaa fi vayitaaminoota
guddina mijaa’aaf gargaaran qabaniif nyaatoota URJII lamaa
jedhamu.
30
1000 days
HORDOFAA: Baayee gaarii! Kana hin beekun ture. Tole, mee rakkinni
Wayyituu maal akka ta’e natti himi?
H.F SURRAANEE: Egaa Wayyituun gorsa kana hojiirra oolchaa hinjirtu.
Nyaata dabalataa nyaachuun ofittummaa itti fakkaata. Nyaata
dabalataa nyaachuufis ta’e giddu gidduun xinnoo xinnoo nyaachuuf
tole jechuu diddeetti. Dubartoonni ofiisaaniitiin dura fedhii abbaa
manaasaaniif daa’immansaanii guutuuf dursa kennuu qabu amantaa
jedhu qabdi.
HORDOFAA: Nyaata gahaa nyaachaa hinjirtu naan jechaa jirta? H.F
SURRAANEE: Eyyee, gahaa nyaachaa hinjirtu. Ulfinni ishees ulfina
ulfi ji’a shanii qabaachuu
qabdu guutuu kan dadhabe kanaafi. Haala kanaan itti fufti taanaan
fayyaaseetiif fayyaa daa’imaseetii irratti miidhaa fiduu
danda’a.
HORDOFAA: (gadduuudhaan). Ani maal gochuun akka narra jiru maalan
beekaa. Ani qotee bulaadha, hanga kutaa afurii duwwaattan baradhe.
Carraa barumsaa ani dhabe ijoolleenkoo akka argataniif jechan
taattira. Hangan danda’etti maatiikootiif waanta barbaachisuun
hunda dhihessuufiin yaala. Isheenis kana beekti. Galata waaqayyoo
hanqina nyaataa qabaannee hin beeknu. Kanaafuu, osoo hundi mana
keessa jiruu nyaata gahaa nyaachuubaachuun ishee baayyee
nagaddisiisa. Maalan gochuu danda’aa? Wanta barbaachisuun hunda
mana keessaa qabdi. Mucaa xinnoo miti humnaan dirqisiisee hin
ogaasu.
H.F SURRAANEE: Waanti ati jettu naagala. Waanta maatiin nyaatu
caalaa nyaachuuniif guyyaa guutuu giddu gidduun xiqqoo xiqqoo
nyaachuun sirnaan alaaf badii itti fakkaateeti. Waan ofittoo taate
ta’ee itti dhagaa’ama. Kabajaadhuma siif qabdu
agarsiisuusheeti.
HORDOFAA: Akkanatti mitikaa kaniiseen kabajaa naaf qabdu
agarsiiftu. Ani takkaallee nyaata
dabalataa hin nyaatin jedhenii hinbeeku. Haati manaankoo dubartii
gaarii taatuyyu morgoggummaa ykn mata jabeessummaa qabdi.
H.F SURRAANEE:Egaa anarra sirna nyaataa sirrii akka isheen
hordoftuuf amansiisuuf situ carraa caalu qaba. Akkati gargaaruunii
dandeessuufii, baruulee sirna nyataa isheen hordofu qabdu ibsu
kanan sii kennaa, hoodhu.
HORDOFAA: Galatoomi H.F Surraane! H.F SURRAANEE: Tole, nagaatti. 4
KEESSA. MANA HORDOFAA – GANAMA
Sgalee mar’achuu saawwanii, kaakkisuu lukkuu fi iyya kormaa
handaaqqoo.
WAYYITUU: Maaliif yaadakee jijjiirtee bakka qonnaa deemuu dhiistee
naa wajjiin manatti deebite naaf hin galle. Karaarratti jecha
tokkollee natti hindubbanne. HORDOFAA: Hojjedhu hojjedhu naan
hinjenne harra.
WAYYITUU: Akka ati nati gaddite fuula keerraa mul’ata. Waanan
balleessen qabaayi? HORDOFAA: (aariidhaan) Maatii keenyaaf nyaata
gahaa hin dhiheessuyii ani? Mana keenya keessatti
hanqinni nyaataa si mudatee beekaa? WAYYITUU: Ati qotee-bulaa cimaa
dha. Nyaatas kan nu gahu caalaa qabna. Waanumtinan natti
hirr’ate jedhu tokkollee hin jiru. HORDOFAA: Maaliifan akka nama
haadhamanaasaa sooruu dadhabeetti fuula namaa duratti
salphadharee? Kun akkam akka nama yeellaassisuuuf nama duratti nam
salphisu beektaa?
WAYYITUU: Midhaan na dhoowwatte hin jenne, jedhees hin beeku;
akkuma nama hundaan nyaata idilee nyaadha jedheen H.Fayyaa
Surraaneetti hime malee.
31
1000 days
HORDOFAA: Ani siif daa’imman keenyaaf jecha baayyeen jabaadhee
hojjechaa jira. Garuu atiif daa’imni kee waanati sirna nyaataa
salphaa kana hojiirra oolchuu diddeef fayya dhabeessa yoo taatan
dhamaatiinkoof jabaadhee hojjechuunkoo gatii malii qabaa? Maatii
keenya irratti gocha akkanaa maaliif raawwatta? Isa dhugaa baayyeen
sitti gadde.
WAYYITUU: (boo’aa) Akkas gadditeef jeeqamtee si argee hinbeeku. Si
gaddisiiseera taanaan dhiifama naaf godhi. Niitiinii fi haadhni
dhirsaaf daa’immansheetiif of wareeguu qabdi jedhee waanuman
yaduufi. Siinis akkana gochuunkoo si gammachiisa jedheen yaadan
ture.
HORDOFAA: Lakkii, tasumayyuu na hingammachiisu. Keessumaayyuu
fayyaa daa’ima keenyaa kan miidhu ta’a taanaan. Kan duraan nyaattu
caalaa nyaachuu qabda, maliif yoo jette yeroo kan biraa caalaa amma
ulfa taatee baayyee beelofta. Hangan galgala bakka qonnaa
keenyarraa galutti hin nyaattu taanaan maal waan natti dhagaa’amu
sitti fakkaata?
WAYYITUU: Innigaa akkan itti gudhadhe. Haarmeenkoos akkana gochaa
turte, harmeen harmeekootiis, hundumtisaaniiyyuu akkanuma
godhu.
HORDOFAA: Isaan waan hinbeekneefi, wallaalummaadhaani. Ati garuu,
galatni H. Fayyaa Surraaneetiif haa ta’u, beekumsa ga’a
qabda.
WAYYITUU: Ani hinbeeku waansaa, ta’uyyuu garuu…ta’uyyuu… HORDOFAA:
Ta’uyyuu…ta’uyyuu maanni? Yeroon nyaachuukee sigaafadhu hunda
kallattii haasaa
kootii jijjiirtee naharkraa miliqxa. Miijanni buufata fayyaa garuu
soba hin beeku, dhugaa baase.
WAYYITUU: Ta’uyyuu garuu… (mamaa fi hafuura baafachaa) Midhaan mana
keessa jiru baayyee xiqqoodha. Daa’imman qallabuu fi siif waanta
ati nyaattu sii dhiheessuuf duwwaa waanta gahutu jira. Daa’imman
keenya barumsasaaniitti cimoo akka ta’aniif nyaata gahaa argachuu
qabu. Atis oyiruu keenyarratti jabaattee hojjechuuf nyaachuu qabda.
Egaa maal gochuutu narra jiraa, akka booyyee nyaachuun qabaa? Akka
nama ofittoo maatiikoorraa adda ba’ee qobaa koo nyaachuutu narra
jiraa?
HORDOFAA: Tole, edaa akkanaa… (hafuura gadi baafata). Haa ta’uu,
yaadnikee naafgaleera. Nyaatni gahaan siif oolu manakeenya keessa
hinjiru. Kana jechuunimmoo anis qotee bulaa cimaa maatiisaa quubsee
bulchuu danda’e mitii jechuudha (hafuura dheeraa gadi
baafata).
WAYYITUU: Hanga dandeesse gochaa jirta. Tarii garuu… BELETE: Tarii
maal? Yaada qabdaa? WAYYITUU: Eeyyee, Yaada qaba. Dhugaadhumatti
yaadoota baayyeen qaba.
(Mamaa) Waa’ee qonna nuti hojjennuu fi galii irraa argannuu yaadaan
ture… Ani… iddoo….iddoo horiin nuyi irraa argannu lixu hinbeeku.
(mamaa) Tarii horiin kun caalmaansaa waan biraarra nyaata keenya
bituuf ooluu danda’a jedheen yaadaa ture. Tarii ji’a ji’aan bittaa
nyaataaf qarshii hanga tokko ramaduu dandeenya. Yookaan immoo
daldaltoota maamila nugodhatanii nyaatoota nuti barbaadnu gatii
gaariidhaan yeroo hunda nutti gurguran argachuu dandeenya ta’a.
Yookiin immoo oomisha keenya hunda gurguruurra nyaatoota muraasaa
ofii keenyaaf manatti hambisnee nyaachuuf qotuu qabna. Yookiin immo
ani akkuma wayiitiin hojii wayii hojjedhee galii dabalataa
32
1000 days
fiduun si gargaaruun danda’a ta’a. Ani hin beekuu garuu. Kunnen gaa
yaadootuma xixiqqoo sammuukoo keessa dhufani.
HORDOFAA: Yaadootni ati kaaste kun yaadoota xixiqqoo natti
hinfakkaatani. Anaaf yaadoota guguddoo jireenya keenya jijjiiruu
danda’an ta’anii natti mul’atu, Wayyitu. Kanaan dura
tokkoonsaaniiyyuu maaliif ituu natti hinhimin haftee?
WAYYITUU: Egaa, abbaa manaa fi bulchaan mana keenyaa si’i, Baasii
fi galii keenya situ hooggana. Waa’ee wantoota kanaa waanan
sicaalaa beeku fakkaachuu hinbarbaadu.
HORDOFAA: Wayyitu sammuu tokkorra lamatu wayya jechuu
hindhageenyee. Akkaataa galii qonnaa keenyaa irraa horii nyaata
dabalataa ittiin bitnu ittiin argannu ykn waantoota sii fi
daa’imman keenyaaf oolan dhaabuu ykn qotuu dandeenyu irratti yaada
qabda taanaan, mee irratti haa mari’annu. Anis yaadoota kanbiroo
qabaachuunkoo hinhafu. Sammuu tokkorra lamatu wayya. Duraandursee
garuu waa’ee baasiiwwan ani hoogganu hundaa sitti himuutu narra
jira: sanyii filatamaa, xaa’oo, qaraxa, kiraa, kaffaltii mana
barumsaa fi kitaabaa, baasii geejjibaa fi kkf. (Hafuura gadi
baafata). Dhugaa sitti himuuf galii fi baasii mana
WAYYITUU: Egaa akkuma ati jette sammuu tokkorra lamatu caala.
Akkaataa ati amma yoonaatti ittiin galiif baasii ykn baajata keenya
hoogganaa turte yoo natti himtegaa tarii karaa wayiitiin
sigargaaruun danda’a ta’a.
HORDOFAA: Eeyyee Wayyitu, nagargaarta ta’agaa. Rakkinoota horii
kana sii wajjin haasa’uunii fi akkaataa nuyi ittiin hoogganuu
dandeenyurratti gargaarsa kee argachuun anaaf boqonnaa sammuu
guddaa naaf kenna.
Waaantan amanu tokkoo, sooratni ati nyaachuun sirra jiru dursa
argachuu qaba. Duraan dursanii of eeguudha malee, eega balaan nurra
gahee booda gabbuun bu’aa hinqabu, Wayyituu. Waliin taanee baajata
mana keenya ilaallee akkaataa itti baasii keenyarratti jijjiirama
tokko tokko goonee nyaata dabalataa siif bituu dandeenyu irratti
mala dhahuu dandeenya. Matii keenyaafis akkaataa ittiin gosoolee
nyaataa tokko tokko dhaabnee qallaba keenyaaf oolchuu
dandeenyurratis ni mari’anna. Waa’ee kanaa Hojetaa Eksteenshinii
Qonaa
wajjiniin mari’achuu nan danda’a. Atisimmoo dubbii lamaaf nyaachuu
kana haalaan jabeessitee hojiirra oolchuu qabda. Nyaata dabalataa
sana sii dhiheessuu yeroo dandeenyuttis qobaa nyaachuun si
jibbisiisuu hinqabu.
WAYYITUU: Dhimma kanaaf iddoo kennitee akkana itti yaaddofta jedhee
yaadee hin beeku. Dubbii kanarratti waliin mari’achuun keenya waan
baayyee ifa waan naaf godheef na gammachiiseera. Amma waanti atiif
H.F. Surraaneen natti himaa turtan naa galeera. Jijjiirama fiduu
nan fedha, garuu, beekta gaa, amalli namarra ture salphaatti nama
hingadhiisu.
HORDOFAA: Anis walitti dubachuun keenya kun nagammachiiseera.
Sooratni sirriin siif daa’ima keetiif hangam barbaachisaa akka ta’e
hubachuukeetti baayyee gammadeera. Waa’ee jiijjiiramichaatiif badaa
hincinqamin. Akkati qofaa keef duwwaa osoo hinta’in daa’ima
gadameessa kee keessa jiruufis nyaachaa jirtu duwwaa ofi amansiisi.
Yeroo hunda nama lamaaf nyaachuukee ni yaadatta yoo ta’ee, waan
ofittoo taate sitti fakkaatee sihinjibbisiisu. Nyaata dabalataa ni
nyaatta, giddu gidduunis xiqqoo xiqqoo hangan
33
bakka qonnaa irraa deebi’utti nyaatoota URJII nyaachuun sirra jiru
nyaachaa oolta. Si duwwaa miti anis jijjiiramuun qaba. Haallin
baajata mana keenyaa qobaakoo hogganaa fi akkaataa qarshii
argannetti ittiin fayyadamnurraatti murtiin qobaakoo osoon yaadakee
hinfudhatin murteessaa ture jijjiiramuu qaba. Harra qofaayyuu yaada
baayyee barbaachisoo ta’an sirraa hargadheera. Kana booda egaa
dhimma qarshiirratti sii wajjin mari’achuun jalqaba. Waliin
mari’anne akkataa galii keenyatti sirriittti itti fayyadamnurratti
waliin murteessina, keessummaayyuu akkaataa nyaata dabalataa siif
bituu ittiin dandeenyu irratti. Atis amala kee jijjiiri, Wayyitu,
anis kan koo nanjijjiiraa. Walii wajjiniin haala atiif daa’imni kee
nyaata isin barbaahisu ittiin argachuu dandeessan mijeessina.
WAYYITUU: Baayyee galatoomi Hordofaakoo. Amma gammachuu guddaatu
natti dhagaa’amaa jira. Bellama koo itti aanutti yeroo ulfina koo
madaaltu H.F. Surraaneen baayy’ee gammaddi jedheen yaada.
HORDOFAA: (kolfaa) Gaafa ulfinni kee akka meeqa ta’e ilaaltu
gammachuudhaan utaaluunsheeyyuu hinhafu!
WAYYITUU: (kolf